na ofkolchaa! - biiroo aadaafi tuurizimii oromiyaa gabaabaa... · hordofuun bara afaan oromootiin...
TRANSCRIPT
Carraa gara addunyaa kanaatti
dhufuu
Garaagarummaa ogummaa uumamu
Milkaawuufi milkaawuu dadhabuu
Bu’aa milkaayinaa
Ogeessaafi Ogummaarratti qorannoo
adeemsisuun fakkeenyummaasaanii
mul’isuraatti hanqinni guddaa kan
mul’atu ta’uu,
Beekamtii kennuun kan hin baramne
t’uu,
Kunis ilaalcha gadi aanaa hawaasni
qaburraa kan madde ta’uu.
Mootummaan ilaalcha kana jijjiruun
ogummaa kanaaf xiyyeeffannaa kennaa
waan jiruuf seenaa Artist Laggasaa Abdiifi
hojii muuziqaasaa qorachuun beekamtii
argachuu barbaachisuunsaati
Gaaffilee Qorannoo kana keessatti
gabaabinaan deebisuuf Yaalaman
Laggasaa Abdii eenyu?
Bakki Laggasaa Abdii muuziqaa Oromoo
keessatti qabu maali? Akkamitti ibsama?
Hojiiwwan muuziqaa Laggasaa Abdiitiin
hojjetaman keessaa ijoo kana ta’an kam
kamii? Maaltusa adda isaan godha?
Hojiiwwan kunniin uummata Oromoof
bu’aa maal buusaniiruu? Kan jedhaman
ta’u.
Kaayyoon Gooroo qorannoo kanaa Seenaa
jireenyaafi hojiiwwan muuziqaa Artist
Laggasaa Abdii jireenyaasaa keessatti
raawwate gababinaan sakkatta’uun
qorannoo kanaan agarsiisuun, beeksisuufi
fakkeenyummaasaa ibsuun beekamtii
akka argatu haala mijeessuudha.
Seenaa jireenyaa Artist Laggasaa Abdii
gabaabinaan sakatta’uun qorannoo kanaan
beeksisuufi dhalootaaf akka darbu gochuu,
Hojiiwwan guruddoo inni hojjeteerratti
qaacceessa adeemsisuun akka inni
hubatmu gochuuf,
Fakkeenyummaa gaarii qabu agarsiisuun dhaloonni
akka hubatee irraa barachuun hojii biyyaafi lammiif
fayyadu hojjechuuf akka kaka’umsa argatee sochii
guddina aadaafi artii godhamu keessaatti
hirmaannaasaa akka cimsu gochuuf,
Artisti kanaaf beekamtii qorannoorratti hundaaye
kennuun hamlee artistichaa, maatisaa, leellistootsaafi
namoota hojii walfakkaatan irratti bobba’an cimsuuf,
Qorannoon kun hojiiwwan artisti
Laggasaa Abdii hojjeteefi seenaa
jireenyasaa gabaabinaan kaasuun
beekumtii kenuun akka danda’amuuf
qorannoo kana adeemsuun
barbaachisaa ta’ee argameera.
Qorannoon kun Seenaa jireenyaafi
hojii gurguddoo Artisti Laggasaa
Abdii hojjete gabaabbinaan
sakatta’uun beeksisuurratti kan
xiyyeeffatedha.
Ragaalee qorannoo kana adeemsisuuf
barbaachuurratti godhamaa ture keessaatti dhabinsi
ragaa hanqina isa guddaa yoo ta’u, inni
afgaaffiidhaanfi hadaarsa addaddaarraa argame
keessumattuu seenaa jireenyaa artistichaa yeroo
ibsamu barri odeeffattootaan abbaa dhimmichaa
dabalatee eeramu garaagarummaa kan qabuufi kan
hin beekamne ta’uunsaa akka hanqina qorannoo
kanaatti ilaalameera.
Qorannoo kun toftaa Qorannoo Akkamtaa
/Qualitative Research method / irratti
xiyyeeffatee mala iddattessuu /Snow ball
sampling method/ kan adeemsifamedha,
Kanarratti hundaawuun ragaawwan Jalqabaa
/Primary data/ fi Lammeessoo /Secondary data/
tti fayyadamuun yaalameera.
Haaluma kanaan barreeffamoota addaddaa,
Haddaarsaalee /Archive/TVfi Raadiyoo,
hajala/Cassette / addaddaa istudiyoo keessattiifi
waltajjiirratti waraabaman, Wabsite irraa argaman
sakatta’amanii xiinxalamaniiru.
Dabalataan aafgaaffii banaa abbaa
dhimmaa, maatii, beektota ogummaa
kanarratti hojjetan gaafachuun
qaama qorannichaa gochuun
yaalameera.
Ragaaleen dureessoofi lammeessoodhaan walitii
qabaman kan qaacceeffaman Ibsuudhaani.
Seenaa gabaabaa jireenya Artist Laggasaa Abdii.
Artist Laggasaa Abdii bara 1927 ( waggaa 82n) har’aa
Godina Shawaa kaabaa /Salaalee bakka Yaayyaa
Qacamaa jedhamutti abbaasaa obbo Abdii Daadhiifi
haadhasaa aadde Foollee Guddataaraa dhalate.
Laggasaa Abdii maatiisaaf tokkicha.
Laggasaa Abdii hiriyyaa abbaasaa kan ta’e
Wasanuu Diidoo yennaa masinqoo taphatu
argee dandeettiisaatiin booji’amee jalajala
deemuun maasinqoo taphachuu kan
barateefi umriinsaa gara waggaa digdamaa
yoo ta’u, Wasanuu wajjin gara Finfinneetti
dhufuun mana Tiyaatiraa Hagarfiqiritti
sirbuu kan eegale ta’uu yoo ibsu,
namichi Mollenhauer, Shawn Michael (
2011:81, ALA) qorannoo digirii sadaffaa
(PhD) Philoosofi guuttachuuf muuziqaarratti
adeemsise keessatti akka ibsetti, Around age
twenty Legesse went to Addis Ababa and
joined the National Guard... Legesse
informed his superiors that he had “other
talents” which may be made use of, referring
to his instrumental and vocal skills..
His skills were made use of, as he
was eventually playing for the
powerful leaders of military and
government, even Haile Selassie
himself jechuun barreesseera.
Laggasaa Abdii yeroo garagaraa Mana
tiyaatiraa Hagarfiqir, Tiyaatira
Biyyaalessaa, Mana Tiyaatiraafi Aadaa
Magaalaa Finfinnee , Orkestiraa Poolisii,
Kibirzabanyaafi hoteela Hiltan keessaatti
kan hojjete ta’uu gaaffiifi deebii wajjin
gaggeessineefi dhaabbilee Sabqunnamtii
wajjin adeemsiseen ibseera.
Gara orkestiraa poolisiitti kan deemani
Tiyaatira biyyaalessaarraa Laggasaa Abdii
; Hagarfiqirirraa Damissee Dastaa (
Bganaa) , walitti camaduun akka hojjetan
godhamee akka ture ni ibsama.
Irra caalaa garuu nama hojii ofiin ummachuun
jireenyasaa gaggeessaa ture /entrepreneur/
ta’uusaa hojii iddoofi haala otoo hin filatiin
bakkeewwan bashannanaa, cidhaa hanga
waltajjiiwwan gurguddoo ummataafi
mootummarratti taphachuun guddina Aadaa
Oromootiif kan dhama’e ta’uu namoonni ragaa
ni bahuuf.
Laggasaa Abdii fakkeenyummaa Wasanuu Diidoo
hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti
haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara
namni maqaasaa maqaa afaan Oromoorraa afaan
Amaaraatti jijjirachuuf dirqamaa turetti dhiibbaa kana
keessa darbuun yeroo wagoota jaatamatti
shallagamaniif tajaajiluun guddinaafi beekamuu aadaa
Oromoo keessummaayyuu kan naannoo salaaleef
shoora ol’aanaa kan taphatedha.
Hojiiwwan kanaanis ummata
Oromoo biratti jaalala guddaa yoo
argatu , namoota hojii walfakkaatu
hojjechuu barbaadan biratti
fakkeenya gaarii ta’ee jiraateera.
Laggasaa Abdii bakka cidhaatti, mana
bashannanaatti , waltajjii ummataa
gurguddoorrattifi manneen tiyaatiraatti hojii
dhiyeessaa ture lakkaayamee hin dhumnetti
dabalamee sirboota Shakilaa 1, kaassettii 11, CD
tokkoo fi VCD tokko maxxansiisuun gabaaf
dhiyeessee jira. Kunis guddina aadaa Oromoo
keessaatti shoora mataasaa taphachaa akka jiru
hayyoonni ni eeru.
Boodarras Lammaa Gabrehiywoot , Ayyaalew
Yimanuu, Werotaawu Wubet, Melakuu
Gelaaawufaa wajjin ta’auun bara 1970 keessa
Yetebaaberuut Yehagerbahil muuziqaa Guuwaad
kan jedhamu hundeessanii hojjechaa erga turanii
booda waldichi hojiisaa itti fufuuf rakkoon
maallaqaafi bulchiinsaa waan isa qunnameef
diigamuu danda’eera.
Laggasaa Abdii sirboota addaddaa Xilahuun
Gassasaafi kan biroof kennee akka ture ni ibsa.
Laggasaa Abdii waa’ee muuziqaa tokkollee otoo
hin baratiin rukuttaa muuziqaa biyya keenyaa
arfanu (Yaadannoo/Tizitaa , anchiwoyyee,
Baatii, Ambaasal) adda baasee yoo taphatu
warra kaan ni tuffachiisa.
Alamaayyoo Fantaadhaan masinqoo taphachuu
kan barsiise isa ta’uu Laggasaa Abdii mataasaa
ni dubbata.
Laggasaa Abdii hojii beeksisaa Wubshet
Warqaalammawu wajjin hojjechaa kan ture ta’uu
ni ibsa.
Laggasaa Abdii hanga kutaa jahaatti kan barate
yoo ta’u, Amajjii 24 bara 1952 hadhawwarraasaa
Ijigee Abbabaadhaan Magaalaa Finfinneetti
fuudhee ijoollee sagal kan godhateefi isaan
keessaa dhiirri afuriifi dubartoonni sadii
lubbuudhaan jiru.
Yenaa maqaan Laggasaa Abdii ka’u dursee sammuu
namaatti kan dhufu Masinqoosaati. Masinqoo
jaalala faarsitee gabbistu, misooma labsitee
guddina fedhamuuf nama qopheessitu, aadaa
leellistee dagaginasaaf faana dhooftee daandii
saaqxu.
Qaacceessa koo keessatti hojii muuziqaa Laggasaa
Abdii bakka shanitti qoodeen ilaaluu yaala.
Masinqoon anaaf jedha Laggasaa Abdii “Hiriyyaa
koo, bu’ura jireenyakoo, yoon yaadni na gale
kanan ittiin mukuu bawu, yoon aare kanan ittiin
qabanaawu, Yoon wollole deebisee kanan ittiin
araara buusu, yoon rakkadhe kanan ittiin
rakkinakoo salphisu keessumaayyuummoo anaafi
ummatakoo jidduutti yeroo kamiyyuu du’aattis
ta’e jiraatti riqicha jaalalaa taatee kan na
tajaajiltudha jedha.
Qorannoo kana adeemsisuuf Bitootessa 30 bara
2009 gara manasaanii magaalaa Finfinnee,
naannoo Abneti yoon dhaqu, kanan arge Laggasaa
Abdii kursiirra taa’ee Masinqoonsaammoo gara
harka mirgaarra ol siqxee footoo Alii Birraa wajjin
ka’an guddaa tokko cinaa fannifamtee mul’atti.
Dhugumayyuu hiriyyaa yeroo hundaa.
Amma garuu rakkoo fayyaa isa
mudateen inniifi masinqoonsaa ijaan
wal ilaaluu yoo ta’e malee akka durii
wal haasofsiisuu hin danda’ani.
Kan wal oodan fakkatu.
Ormoon yoo hirribaa ka’u oolmaansaa akka
milkaawuuf waaqasa ni kadhata.Yeroo nyaatatti
dhiyaatu akka sifaawuuf ni eebbifata. Waaqani
nagaan oolche nagaana akka isa bulchu sireessaatti
yoo bawu ni eebbifata. Yaa’ii yoo taa’u akka dhugaa
isa dubbachiisuuf, akka loogiirraa isa hambisuuf
eebbaan waaqa isa uumetti ergaasaa dabarfata,
Gadaa yoo bulfatu barrisaa bara Gadaa nagaa
akka ta’u, haqaan ummatasaa wajjin akka
bulu, bara nagaa bara badhaadhinaa akka
godhuuf eebban waaqasaa kadhata.
Hunduu waaqaan ta’a jedhee waan amanuuf
eebba waaqaan Oromoo jalqabbiisaa
bareechata, Daandii tolfata.
Laggasaa Abdiis waltajjiitti yeroo bawu
eebbaan afaansaa sileffata.
Masinqoosaatiin miidhagifatee.
Anis qaacceessikoo akka naaf milkaawuuf
isa hordofaa maqaa Rabbii waamaa haa
jalqabu .
Fkf. Naananaa, nananaa, nananaa, nananaa,
Hadaraa yaa rabbii sumatti watwataa,
Ergaan Rabbii dhuftee yaa lubbuu attam taataa!
Maaltu Rabbii, Maaltu Rabbii caalaa,
Kan garaan fittaalaa.
Ganna gumgumaakoo,
Abbaa hundumaakoo.
Roobdee biqilcitaa,
Jejee dhidhimsitaa.
Rabbi yaa hundaakoo-----
Jabanaan hin cabne kan haadha
ashamaatii,
Hin ajjeesa malee gooftaa ofii hin duunee,
Nagaroon hundumti (kan Rabbi jabaati)2,
Maaltu Rabbiin morka,
Nama cabsa corqaa.
Ijaan dhalatanii jaamaa nama godha,
Miilaan dhalatanii cabaa nama godha.
(Maaltu Rabbiin morkaa?)2
Rabbi yaa guddaako abbaa hundumaako,
Ajjeerraa galabaa maa dhimphifti mannii,
Lubbuu du’a hin oollee, xuurii dhuma hin
oollee (Maa waljibba namnii)3 jedha
Walaloon kun bay’eensaa kan ittiin
sodaachisan fakkaata.
Garuu namni lafa kanarra jiraatu karaa
waaqani jaalatauun yoo adeeme jirenyisaa
lafarrattii, lubbuunsaa waaqarratti kan
ulfaatuuf ta’uu agarsiisa,
Ta’uu baannaan garuu faallaansaa akka
uumamu akeekkachiisa. Namni jaalalaan lafa
kanarra yoo jiraate hunduu akka mijaawuuf
gorsa.
Walaloo safuufi ilaalcha Oromoo tilmaama
keessa galchuun masiqoodhaan qindaayee
faayidaa ummataafi guddina aadaa Oromoof
akka oolu gumaachame.
Walaloowwan kunniin kan ummataa ykn
afoolarraa kan fudhataman jennee yaaduun keenya
hin oolu. Akka miidhagee gurra namaa seenuun
miira namaa kakaasee fudhatama argatuuf darbee
darbee himoonni tarreeffaman tokko tokko si’a
lama ykn sadii irra deedeebi’amanii sirbamu.
Tarreeffama himootaa toftaa milkaayina hojichaa
dhugoomse ta’ee argama. Kunimmoo dandeettii
namicha haalaafi akkaataa itti fayyadamee
mul’isuun ciminasaa mirkaneessa.
Masinqoon ittiin taphatama malee akkamitti
hasofisifamaa namni jedhu jiraachuu ni danda’a
ta’a. Masinqoo haasofsiisuun kan inni dura
jalqabame Wasanuu Diidoodhaan yoo ta’eyyuu
laggasaan garuu fakkeennyummaasaa fudhachuun
akka itti fufuufi guddatu akkasumas qabiyyeensaa
haala yeroo wajjin guddataa deemu godhee jira.
Haasaa masinqoo kana keessaatti bakka bu’insa
fudhacchuun afaan masiqootiin haasawuun kan
nu dhageessisan, nama, beelledoota manaafi
caakkaa akkasumas allaattiiwwani.
Kana keessatti dagatamuu kan hin qabne
Wasanuu Diidoo ogummaa ammaa Laggasaa
Abdiif daandii kan saaqeefi
fakkeenyummaasaatiin sadarkaa kanaan kan
gaye ta’uu ibsa.
Fkf.Laggasaa :-Yee Masinqoo
Masinqoo:-I
Laggasaa :-Namni waljaalate maal jedhaa?
Masinqoo:-Lubbuuko jedha.
Laggasaa :-Lubbuuko Jedhaa?
Masinqoo:-Lubbuuko jedha.
Laggasaa:-Namni waljibbewoo?
Masinqoo:-Lakki lakki Jedha.
Laggasaa:-Lakki Lakki jedhaa?
Masinqoo:-Lakki lakki jedha.
Laggasa:-Yee Masinqo
Masinqoo:-I
Laggasa:-Handaanqoon akkamitti iyyitii?
Masinqoo:-Kukuluu jetti.
Laggasaa:-Akkana jettii?
Masinqoo:-Akkana jetti.
Laggasaa:-Yee Masinqoo
Masinqoo:-I
Laggasaa:-Yee masiyyoo
Laggasaa:-Galgalli Yoo gaye waraabessi akkamitti
yuusaa?
Masinqoo:-Uwuu---Uwuu jedha.
Laggasaa:-Akkana jedhaa?
Masinqoo:-Eeyyee akkana jedha
Akkas jechaa itti fufuudhaan Masinqoon sirbaaf
kan uumamte ta’uu agarsiisuuf sirbaafi ililchaan
xumuru haasahaasaanii.
Kana keessatti kan agarru masinqoo
haasofsiisusaa qofaa miti.
Masinqoosaa yeroo hasofsiisu maasinqoosaaf
jaalala kan qabu ta’usaa yee masinqoo,
yeemasiyyoo jechuun jaalalaan dubbisa.
Jaalala kenneefii nuti warri dhaggeeffannu
masinqoo qobaatti haasahaasaanii
lamaanimmoo waliin akka jaalannu nutti otoo
hin beekiin nu dirqisiisa.
Mararfatee akka mararfannu nu godha
artistiin keenya guddaan Laggasaa Abdii.
Itti aansees Akana jettii? Eyyee akkana jetti
jechuun hasahaasaanii dhamdhamaafi
hubannoo akka argatu gochuun miidhagina
haasahaasaanii ol gudduisa.
Dandeetti guddaa haasahaan (dialogue) ittiin
barreeffamu.
Laggasaa Abdii masinqoosaa qabatees ta’e otoo
hin qabatiin hojiinsaa orkestiraatiin qindaayee
akka taphachaa ture namni baay’ee kan beeku
natti hin fakkaatu.
Haa ta’u malee irra caalaa innis kan jaalatu inni
kaanis kan dinqisifatuun Masinqoo tokko akka
orkestiraa tokkootti fayyadamuun haata’uufi
jaalala ummataa argachuusaati.
Sabanisaas jedhu ogeeyyonni muuziqaa tokko
tokko walaloon beektotaan barreeffamee
,yadaloon filatameefi meeshaa muuziqaa hedduun
orkestiraadhaan qindaayee kan hin milkoofneef
akka jiru ibsuudhaan iccitiin milkaayina laggasaa
Abdii dandeettii addaa meeshaa muuziqaa
taphachuufi kilolummaan sagaleesaa wal
dhgusaati jechuun ragaa bawuuf.
Hojii hafee hin qabneefi daangaa jabanaan hin
daangeffamne.
Haala kana feesivaalli aadaa akka naannoo keenyaatti
yeroo jalqabaaf Mana Tiyaatira Biyyaaleessaa
Itiyoophiyaatti qophaaye kan arge qorataan PhD
duraan eere dinqisifannaasaa haala adda ta’een
akkasitti ibseera. When Legesse came up to play,
everyone went wild. Mollenhauer, Shawn Michael (
2011:81, ALA).
Simannaa argachuu olitti badhaasni daawwattootarraa
kennamuuf heddummaachurraa kan ka’e utubaa
jireenyasaa ta’ee tajaajilaa tureera. Haala sirbitoota
kamirrayyu adda ta’een.
Waa’een badhaasaa yoo ka’e Laggasaa Abdii yeroo
mana Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti hojjetu guyyaatti birrii
17 akka miindaattis akka durgootti yeroo kanfalamuuf
badhaasni argachaa ture funaanamee manichaaf gala
ture.
Kanatti kana aare Laggasaan birri lafa bubu’e ittiin
qabuuf kopheessatti haphee (maastkaa) dibee yennoo
itti qabatu fudhatee bayee mana fincaanii seenuun
achitti irraa hurgufee fudhachuun ittiin jiraataa ture.
Qabsoo dhiibbaa qolachuuf raawwatame.
Laggasaa Abdii walaloo dursee barreessuun hin
sirbu.
Tasa sammuusaa keessatti uumee haala jiru wajjin
wal simsiisee sirba malee.
Galmi abbaa Gadaa magaalaa Adaamaatti ijaaramee
yeroo eebbifamu sirbi sirbe kanuma kan
mirkaneessu ta’uu akka fakkeenyaatti dhiyaateera.
Fkn 1 Walii galaa yaa nama keenyaa,
Waan Ormaa maa qabannee teenya,
Waan Oromoon jedhu dhageenya.
Luccaa mataa gootaa qaqqabaan xureeche,
Yaa waaqi si galata ilmaan hanOromoo,beektotaa
Oromoo,yamootii Oromoo, kan waliin nu geeche,
Kaan Baalee yaamtee, kaan Harargee yaamtee, kaan
Wallaggaa yaamtee,kaan Shawaa yaamtee,
Lafa cittuu, cittuu, Galma Abbaa Gadaa kan waliin nu
geeche,
Waaqi si galata yaa rabbi muudaakoo,------------
Galma Abbaa Gadaa kan waliin nu geeche,
Yaa waaqi si galata,
Galma Abbaa Gadaa mana waaqni ajjeere,
Isheen in qindeechu,
Nama rabbi shoomee hamiin hin xinneechu.
Fkny 2.Laggasaa Abdii guyaa tokko istudiyoo keessatti
sirbasaa waraabsisuu dhaqee Darartuu Tulluu Sidiiniitti
Figichaan mo’achhushee dhagayee yeruma sana akkas
jedhee sirbe,
Yaa Yaamii Birraatuu, Abbabaa Biqilaa,gandi Maammoo
Waldee yaa korommii durii,
Yaa korommii durii gangalachaa ooli gaangoon garaa hin
gattu,
Qaqallachaa ooli intala Oromiyaa ya Daraartuu Tulluu
sanyiin gaarii hin baddu,
Sanyiin gaarii hin baddu tadhiin gama kaatte,
Yaa daraartuu Tulluu” ishiin dhiira caaltee”
Ishiin dhiira caaltee, ejersi goggogee shimala naa murii,
Maafan faarsuu didaa ya Yaamii Birratuu, ganda
Maammoo Waldee, Abbabaa Biqilaa ya korommii
durii, ya korommii durii,
Adiin gama kaattee ya Daraartuu Tulluu, kaattee hunda
caaltee. Jedhee sirbuusaa dinqisifannaadhaan ragaa
bawuuf.
Fkn 1. Gabaree jijiituu ,gabaree jijiituu, qotiyyoo jijiituu,
Midhaan nyaatan malee, bishaan dhugan malee,
aduun namaa hin dhiitu, kan dhiite hin bariitu.
Qoti yaa qotiyyoo yaa qottuu migiraa, qottuu misiraa,
Lubbuun ilma namaa” abdiikeetiif jira”.
Nanaa nanaa , nananaa,
Warqiin hin moofaya, meetiin hin moofaya, yaa meeti
hin moofofnee,yaa meetii abashaa,
Jirtaa yaa maarashaa, jirtaa yaa maarashaa,
Kan xaafii mul’istuu, kan garbuu mul’istu, kan
duudaa dubbisu, midhaani midhani,
Warri midhaaan hin qabne iju imimmaani.
Filaan mataa filee, mataan filaa filee,
Yaa handhuura biyyaa, biyya Itoophiyaa,
naannoo Oromiyaa, yaa biyya Finfinnee,
Yaa biyya Finfinnee, yaa biyya Finfinnee,
Bokkeenyi yoo roobuu weerrarri gumguma
Naannoo Oromiyaa , biyya Itoophiyaa gannis
asheetumaa,bonnis asheetumaa,
Maaltu jalaa dhumaa,
Kattaa laga cabee
Naannoo Oromiyaa maaliif faarsuu didaa
biyya Odaa Nabee.
Shiqirqirii kiyya biyya Itoophiyaa,
naannoo Oromiyaa
Biyya dhiira qabu, biyya midhaan qabu,
Biyya jaarsa qabu, kan dargaggoo qabu
jechuun jaalala qonnaan bulaa dhama’atee
ofirraa hafee isa kaan nyaachisu, jaalala
biyyasaaf qabu ibsa artist Laggasaa Abdii.
Qorannoon kun torbee aadaa akka biyyaatti naannoo
keenyatti kabajamu sababeeffachuun artistoota
naannoo keenyaa ogummaasaaniitiin bu’aa buusaniiru
jedhamanii yaadaman yaadachuuf sagantaa
qabamerratti artistoota yaadataman keessaa tokko
artist Laggasaa Abdii waan ta’eef waa’ee seenaafi
hojiisaa hamma tokko jechuun akka danda’amuuf
qorannoo gabaabduu yeroo gabaabaa keessatti
adeemsifamtedha.
Artist Laggasaa Abdii seenaa muuziqaa Oromoo
keessatti artistii yeroo dheeraa waggoota 60 ta’uuf
Ambaasadara Muuziqaa Aaadaa Oromoo ta’uun
tajaajileefi dandeettii qabuun sirbi aadaa Oromoo
akka beekamuufi jaalatamu kan godhe mootii
Muuziqaa Oromooti.
Guddina Aadaa Oromoo keessatti shoora mataasaa
kan taphatedha.
Kana malees ogeeyyoonni biroos fakkeenyummaasaa
hordofuun muuziqaa Ormoo keessatti akka hirmaatan
artistii karaa banedha.
Laggasaa Abdii Artistii si’a takkaa meeshaa
muuziqaa taphachuufi sirbuun waltajjii muuziqaa
Oromoo raasaafi miidhagsaa tureefi ogummmaa
dachaa qabudha.
Kabaja Barabaraa
Artistoota Keenyaaf!
Galatoomaa!