iyyesuus; durii fii har’a!ethio-islamic.org/.../2019/08/iyyesuus-durii-fi-har.pdfkitaaba qulqulluu...
TRANSCRIPT
IYYESUUS; DURII FII HAR’A!
{Ilaalcha Durii fii Har’a Namoonni Iyyesuusiif Qaban}
Barreessaa
Elias Mohammed
Baafata
Seensa ............................................................................................................................................... 2
1. Ilaalcha Namoonni Iyyesuusiif Qaban Yoo madaalle ............................................................... 3
1.1 Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii .............................................................................. 3
1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii................................................... 5
1.3 Deebii gaafii warra Yeruusalemiif kennamte .......................................................................... 7
1.4 Du’aa kaasuu fii Raga bahinsa namoota achi turanii .............................................................. 8
1.5 Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus ............................................................. 10
1.6 Raga bahinsa dubartii Samaariyaa ........................................................................................ 11
1.7 Nyaata xiqqoo baay’isuu fii Raga bahinsa namootaa isa waliin turanii ................................ 13
1.8 Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus dhageeffatanii ..................................................... 14
1.9 Raga bahinsa namticha ija hin qabnee .................................................................................. 15
1.10 Maartaan Iyyesuusiin maal jette? ........................................................................................ 16
Goolabbii......................................................................................................................................... 18
Wabii/Refference ............................................................................................................................. 19
Seensa
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Yeroo baaay’ee kiristiyaanonni Iyyesuus waaqeessuuf jecha mo’ijizaa (dinqii fi
milikkata) gara garaa kan inni hojjete akka ragaatti nuuf dhiyeessu. Irra
daddeebiidhaanis Iyyesuus du’aa waan kaaseef, Jaamaa waan fayyiseef, Nyaaata
xiqqoo waan baay’iseef, naafa waan fayyiseef fi kkf waan hojjeteef inni waaqayyoodha
yaada jedhu nuuf dhiyeessu. Haa ta’uu malee garuu wanti yeroo mara Rabbii keenya
galateeffannu dhugaan jiru kanaan faallaa ta’uu isaati. Kanaas kan nuuf mirkaneessuu
danda’an namoota yeroo inni dinqii fi milikkata kanneen hojjetu isa arganii isa
hordofan jedhamanii kitaabichuma isaanii keessatti seeneeffamaniidha. Namoonni kun
akka amma nuun jedhamu kana (Iyyesuus waaqaa fi gooftaa dha) osoo hin taane;
Iyyesuus ilma namaati (human being), Iyyesuus Raaajii/Nabiyyiidha, Iyyesuus
ergamaadha fi kkf jedhanii amanu. Mata duree kana jalattiis walitti fufinsaan kan nuti
ilaallu dinqiiwwan fii milikkitaawwan Iyyesuus hojjete jedhamee kitaabicha isaan
harkaa qaban keessatti seeneeffamanii fii ilaalchaa fii amantii namoonni yeroo sana
achi turan jedhaman gochichaaf qaban kan ilaallu ta’a. haaluma kanaan namoonni
jaarraa amma nuti keessaa jiraannu kana keessaa jiran hoo gocha wal fakkaataa kanaaf
ilaalchi isaan qaban maali kan jedhu wal cinaa qabaa kan ilaallu ta’a.
1. Ilaalcha Namoonni Iyyesuusiif Qaban Yoo madaalle
1.1 Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii
Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii kan Maatiwoos 8:23-27, Marqoos 4:35-41
fii Luqaas 8:22-25, irratti seeneeffamanii yoo ilaallu; Iyyesuus Biyya Qifirnaahoom
jedhamutti dinqii fi mallattoowan gara garaa hojjetee namoonni hedduun naannoo isaa
akka jiran yommuu argu, barattoonni isaa gamatti akka ce’an ajaje jedhee jalqaba
seenichi.
Maatiwoos Boqonnaa 8, Lakkoofsa 23 irraa jalqabee hanga 26 irratti akkana jedha
“Sana booda Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii deeman. Yeroo kanatti
obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan ka’eef, bishaanichi bidirichatti
nam’uu jalqabe; Yesuus garuu rafaa ture. Barattoonni isaas gara isaa dhaqanii erga
isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhaniin. Inni
garuu, “Isin warra amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”
isaaniin jedhe. Achiis ka’ee qilleensichaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni
ta’e.”
Kiristiyaanoonni baay’een yookiin immoo warren waaqummaa Iyyesuus amananii fii
nama amansiisuuf yaalan hundi qabxii hanga kana erga dubbisan booda “Iyyesuus
gooftaadha! Aameen!” jedhanii akka bira dabran beekkamaa dha.
Dhugaan jiru garuu jecha isaanii kanaan faallaadha. Sababni isaas namoonni yeroo sana
qaamaan bira turanii fii gochicha kana ijaan argan jedhaman ilaalcha akkana kana waan
hin qabatiniif. Kana hubachuufiis fagoo deemuun nurraa hin eeggamu. Keewwatuma
isaan “Aameen!” jedhanii goolaban kana itti fufnee Keewwata itti aanu jechuuniis
Keewwata digdamii torbaffaa yoo dubbifnu waa’ee namoota gocha kana dhiheenyatti
hordofaa turanii fii waa’ee gochichaa ragaa bahanii yeroo dubbatu akkana jedha: -
.
«Kana irratti namoonni dinqisiifatanii “Kun Nama akkamiiti? Qilleensii fi Bishaan
iyyuu in abboomamuuf” jedhan. » (Wangeela Maatewos 8:27)
-
Hubadhaa! Keewwata kana irratti namootni yeroo inni milikkata(dinqii) gara garaa
hojjetu kana isa bira turan kunniin yeroo ragaa bahan “kuni waaqa akkamiiti?” hin
jenne. “kun gooftaa akkamiiti?” hin jenne. Wanti isaan jedhan “kun ‘Nama’ akkamiiti?”
Jedhan.
Jechi Afaan girikii kan Iddoo kanatti hojiirra oole immoo “α νθρωπος” ykn
“Antiropos” kan jedhu dha. Antiropoos jechuun immoo ‘waaqa guutuu fii nama
guutuu’ jechuu osoo hin taane ‘nama guutuu qofa’ ykn “human being” jechuu dha.[1]
Kitaabni “International Standard Bible Encyclopedia” jedhu Jildii 1ffaa fuula 508
irratti akkana jedha: -
“Of the Greek terms anthropos stands for man(kind) generally — a human being”
Jechuuniis gabaabumatti yoo hiikamu “Afaan girikitti jecha ‘Antiropoos’ jedhu ilma
nama qofa ibsuudhaaf hojiirra oola” jechuu ta’a.[2]
Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis itti dhiyeenyaan dhimma kana hordofaa turan
1 James Strong, S.T.D, LL. D, Dictionary of the word in the Greek Testament; with their
Renderings in The Authorized English Version, pp12
2 International Standard Bible Encyclopedia, Vol. 1, pp508
1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii
Mata dureewwan kanneen jalatti ilaalcha namoonni amma jiran kunniin
(kiristiyaanoonni) dinqii fii milikkata garagaraa kan Iyyesuus hojjete jedhamee
Macaafa warra kiristiyaanaa keessatti seeneeffamaniif qabanii fii ilaalcha warri yeroo
san isa bira turanii fii waa’ee wanta argan Sanaa ragaa bahan qaban maal fakkaatu kan
ilaalaa jirru ta’uu hin dagatinaa. Haaluma kanaan mata duree olitti ilaallu keessatti raga-
bahinsa namoota bidiruu irra turanii waliin ilaallee irra dabarree jirra. Ammaas sanuma
irraa itti fufuudhaan erga bidirichaan gama ce’an booda wanta ta’e ilaalleeti sana booda
ilaalcha durii fii ilaalcha ammaa kana wal cinaa qabnee ilaalla.
Wangeela Matewoos 9:1-8, Maarqos 2:1-12, fii Luqaas 5:17-26 irratti; Yesuus
bidirichaan bishaan ce’ee gara mandara isaa dhufe. Iyyesuus mandara kana keessattiis
Namticha dhagni isaa gar tokkoon irratti du’e tokko argee ni fayyise. Maatewos
boqonnaa 9, Lakkoofsa 6 irratti “Ka’ii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheenii
akka fayyise ni dubbata. Kiristiyaanoonni amma Iddoo isin jirtan hundatti argaman
kunniin hanga qabxii kanaatti erga siif dubbisan booda, goolabbii (Conclusion)
“Iyyesuus gooftaadha!” jedhu irra yoo ga’an argita. Kuni garuu dadhabina yookiin
dogoggora isaaniiti. Akkamitti? Maalif” yoo jette. Ammallee fagoo hin dhaqin.
Boqonnuma kana lakkoofsuma itti aanu ykn Lakkoofsa isaan ragaa waaqummaa
Iyyesuusiif siif kennan kana itti fuftee yoo dubbifte dhugaan jiru ni hubatta. Kuniis
Raga bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turaniiti. Akkana jedha: -
«Namoonni kana yommuu argan in na'an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf
kenneefis hooqubaa dhi’eessan. » (Matewos 9:8)
●►Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
“Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay’ee sodaatanii Waaqayyo isa
namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.” (Wangeela Maatewos 9:8)
●►Baaybila “New International Version(NIV)” jedhu irratti
They praised God, who had given such authority to human beings.
●►Baaybila “International Standard Version(ISV)” jedhu irratti immoo akkana jedha:
When the crowds saw this, they became frightened and glorified God for giving such
authority to humans
Hubadhaa! As irratti illee akka kiristiyaanoonni ammaa kunniin “Iyyesuus naafa waan
fayyiseef gooftaadha!” jedhan kana osoo hin taane. Namoonni waan kana arganii fii
hordofaa turan kanneen qaamaan achi turan kunniin Iyyesuus osoo hin taane
“Waaqayyo isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef” galatoomfatan ykn ulfina
kennan. Iddoo kana irratti “Namoota” jecha jedhu kan itti barbaadame Iyyesuus akka
ta’e wal nama hin mormisiisu. Haa ta’uu malee garuu namoonni achi turan kunniin
kan galateeffatan Iyyesuusiin osoo hin taane “Waaqayyo isa Iyyesuusiif aangoo
akkasii kennee” dha. [3]
Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis wanta ta’e kana itti dhiyeenyaan hordofaa
turan akkuma kitaaba keessatti ibsamee namni hundi dubbisu kanatti Waaqayyummaa
Iyyesuus kan ragaa hin bane yoo ta’e; ati kan barreeffamaan dubbisuuf malee taatee
ta’e sana ija keetiin hin argin akkamiin kana ragaa godhattee Iyyesuus waaqeessuuf
tattaafatta? Deebii sammuu dhugaan barbaaddu hundaafiin dhiisa.
3 Jechi Afaan girikii kan Iddoo kanatti hojii irra oolees akkuma Keewwata mata duree
jalqaba dabarsine keessatti ilaalle “α νθρωπος” ykn “anthropos" kan jedhuudha.
Antiropoos jechuun immoo maal akka ta'e kutaa tokkoffaa keessatti ilaallee turre.
1.3 Deebii gaafii warra Yeruusalemiif kennamte
Mat-duree kana keessatti immoo Gaafii Namoota Mandara Yerusaalemi fi deebii warri
Iyyesuus wajjiin turan isaaniif laatan ilaallu. Akka macaafichi seeneessutti “Yeroo
Iyyesuus harree yaabbatee Yeruusalemitti galu mandarichi guutumatti ni raafame.”
Jedha. Namoonni mandara Yeruusaalem kana keessa jiraataniis “kun eenyu?” jedhanii
gaafatan. Yeroo kana namoonni isa wajjiin adeeman immoo maal jedhanii deebisan kan
jedhu keewwata asii gadii kana irraa haa ilaallu mee. Akkana jedha: -
“Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya
Galiilaa ti" jedhee deebise.” (Matewos 21:11)
Xiinxali Yaa Namaa! Namoonni Iyyesuus faana adeemaa turan kunniin namoota isatti
amananii isa faana bu’anii dha. Amantiin namoota kanaa garuu akkuma Keewwata olii
kana irraa hubattan “Iyyesuus waaqa ykn gooftaa dha” kan jedhu hin turre. Inumaatuu
akkuma keewwaticha irraa dubbiftan “Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa
biyya Galiilaa ti” kan jedhu ture.[4]
Eegaa namoonni isatti amananii isa waliin jiraachaa turan inni “Nabiyyii” ta’uu isaa
kan ragaa bahanii fii amanan yoo ta’e; ati hoo har’an maaltu argamnaan “Iyyesuus
Gooftaa dha” jettee amantii namoota hordoftoota Iyyesuus kan jalqabaa ta’an kana irraa
adda ta’e akka isatti amantu si taasise ree? Deebii isaa namuma haqa barbaaduufiin
dhiisa.
4 “Raajicha” jechuun “Nabiyyicha” jechuu dha.
1.4 Du’aa kaasuu fii Raga bahinsa namoota achi turanii
Amma immoo wanti nuti ilaallu Iyyesuus “Gurbaa haati isaa hiyyeessaa kan du’e tokko
kaasuu isaa” fii Raga-bahinsa namoota yeroo sanatti isa bira turan kanneen gocha kana
daaw’achaa turanii ti.
Wangeela Luqaas boqonnaa 7 lakkoofsa 11 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Waa’ee turtii
Iyyesuus kan Iddoo Qifirnahoom jedhamuu booda ta’e yoo odeessu yaada akkana jedhu
arganna
«Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni
danuun isaa wajjin dhaqan. Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate,
kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof
ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin
duukaa in bu'u turan. 13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, "Hin boo'in!" jedheen.
14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo,
"Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen. 15 Achumaan inni du'ee ture ol
jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. »
(Luqaas 7:11-15)
↪ Garuu kiristiyaanoonni jaarraa kanaa Keewwata boqonnaa kanaa irraa hanga 15tti
jiru siif dubbisanii “Iyyesuus kana waan hojjeteef (namticha du’e waan kaaseef)
gooftaadha” jedhanii goolabu. Dhugaan jiru amma illee kana irraa adda. Maalif? jettanii
yoo na gaafatan; keewwatuma isaan irratti dhaaban kanarraa itti fufnee yoo dubbifnu
Keewwata 16ffaa irratti Raga-bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turanii
arganna. Dhiiroo namoonni kun akkuma amma nuun jedhamu kana “Iyyesuus waan
akana hojjeteef gooftaadha” jedhanii amanuu? Lakkii dubbiin waa akkas miti. Mee
walumaan haa dubbifnu Akkana jedhu: -
«Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba
isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessan. » (Luqaas 7:14-16)
●►Xiinxali yaa sabaa! Namoonni wanta kana itti dhiheenyaan bira dhgaabbatanii
ilaalaa tura “Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera” jedhan malee “waaqayyo nu
keessatti dhalate” hin jenne. Maaliif beektuu? Eyyeen dinqii fii milikkata (mo’jizaa)
hojjechuun mallattoo waaqummaa osoo hin taane, mallattoo nabiyyummaa akka ta’e
waan beekaniif ture. Har’a garuu jaarraa hedduu booda wanti kun jijjiiramee ragaa kana
eerani “Iyyesuus gooftaadha” jedhanii lallaban. Namoonni qaamaan isa bira turan
garuu Raajii ykn Nabiyyiidha jedhaniiti kan ragaa ba’aniif kamtu fudhatama qaba kan
jedhu deebii sammuu keessaniifan dhiisa.
1.5 Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus
Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus jedhamu keessa haasa’aa adeemaa
turanii; Wangeela luqaas boqonnaa 24 lakkoofsa 13 irraa jalqabnee hanga 16tti yoo
dubbifnu, namoonni lama osoo waliin haasa’aa mandara Emaahus jedhamu keessa
adeemaa jiranuu Iyyesuus isaanitti dhufe waa’ee maalii akka isaan haasa’aa jiran isaan
gaafate yaada jedhu arganna. Jara Lamaan keessaa inni maqaan isaa Qileyophaa
jedhamu tokko gaafii Iyyesuus kanaaf Deebii maal jedhu deebiseef mee
keewwatichuma irraa waliin haa dubbifnu
«Yommus Yesus, "Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan,
nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni Qileyophaa jedhamu, tokko
deebisee, "Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti
ta'e kan hin beekne, 'Si'uma duwwaa dhaa?" jedhe. Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin
jennaan, isaan immoo, Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo,
"Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti
raajii aango-qabeessa ture sana, » (Luqaas 24:13-19)
↪ Mee Xiinxalaa!
1ffaa: - Namoonni kunniin amantii isaan waa’ee odeessaa turanii qaban yeroo dubbatan
“Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti
raajii aango-qabeessa ture sana” jedhan. ‘Yesus nama Naazireet’ erga jedhan booda
“…isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa
ture” jedhan. Kanaafuu Iyyesuus nama jechuu dha. Namni kun garuu ilma namaa
durattiis waaqayyo durattiis kabajamaadha malee waaqummaa hin qabu.
2ffaa: - Iyyesuus immoo amantii fii jecha isaanii kana Iddoo tokkottillee hin mormine.
Kana jechuun namummaa isaa qeebalee jira jechuudha. Nama ta’uu isaas
keewwataawwan kitaabichaa baay’ee keessatti ibsee jira.
3ffaa: - Namoonni bara inni lafa irra jiraachaa ture Iyyesuus nama ta’uu isaa ragaa osoo
bahaa jiranii namoonni isa booda jaarraa baay’ee booda yeroo ammaa kana jiranii fii
amantii haarawa “Iyyesuus gooftaadha” jedhu qaban kunniin kamtu dhugaadha jettaniii
yaaddu? Dhugaa isaa sammuun haqa barbaaddu haa filattu.
1.6 Raga bahinsa dubartii Samaariyaa
Ittuma fufnee amma immoo mata duree “Raga bahinsa dubartii Samaariyaa” jedhu kana
jalatti wa’ee dubartii samariyaa takka kan ilaallu ta’a. Wangeela Yohaannis boqonnaa 4
lakkoofsa 1 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Iyyesuus kutaa biyya yahuudaatii bahee yeroo
gara Galiilaatti adeemu Samaariyatti mandara Siikaar jedhamu tokko keessa osoo
qaxxaamuruu, iddoon kun lafa isa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti dhi'oo waan
tureef Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus osoo karaa adeemu waan dadhabeef,
naannoo sa’aatii ja’aa kanatti boolla bishaanii sana bukkee taa'e akka boqatee ture ni
hubanna. Yeroo boolla bishaanii sana bukkee taa'e boqatu kanattiis Dubartiin
Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuuf itti dhufte yeroo kana Iyyesuusis akka
isheen bishaan dhugaatii isaaf laattu gaafatee achumaanuu dhimmoota biraas wajjiin
haasa’e kanaas boqonnaadhuma kana lakkoofsa 16 irraa jalqabnee arganna.
“Yesus immoo, "Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!" jedheen. 17 Dubartittiin
deebiftee; "Anoo abbaa manaa hin qabu" jetteen; Yesus immoo, "Isa 'Abbaa manaa hin
qabu' jette, ba'eessa dubbatte. 18 Abboota manaa shan qabda yoo turte iyyuu, inni
amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte" ittiin jedhe.”
(Wangeela Yohaannis 4:16-18)
●►Keewwatootta kana irratti Iyyesuus dubartittiidhaaf iccitii ishee osoo isheen isaaf
hin himin itti hime. Kiristaanoonni amma jiran kunniinis seenaa/odeessa kana erga siif
dubbisanii booda Iyyesuus waan kana waan beekeef “inni gooftaadha” nuun jedhu.
Wanti nama ajaa’ibsiisu garuu Dubartiin wanti kun ishee mudate maal jettee akka ragaa
baate yoo ilaallu dhugaan kanaan faallaa ta’uu isaati. Dubartittiin boqonnaadhuma kana
lakkoofsa 19 irratti kkana jechuudhaan ragaa baateef: -
“Kana irratti Dubartittiin, "Akka ati Raajii taate nan arga.” (Wangeela Yohaannis
4:19)[5]
●► Mee sammuu keessan loogii irraa bilisa godhaa xiinxalaa. Dubartittiin tun yeroo
sanitti isa cinaa turte. Ulfina dubbii kanaas namoota arra wanta barreeffame qofa
dubbisan kana caalaa ishee tan qaamaan bira turteetu hubata. Haa ta’uu malee garuu
5 Dubartittiin "Akka ati Raajii taate…” Jechuun "Akka ati Nabiyyii taate ...” jechuudha.
Dubartittiin Iyyesuus dubbii kana waan beekeef waaqayyoodha ykn gooftaadha hin
jenne. Inumaatuu “Akka ati Raajii taate nan arga.” jettee akka inni Nabiyyii ta’e ragaa
baateef.
Eegaa yaa Lammii too Dubartiin qaamaan bira turte tan taateen tun irratti raawwatame
Iyyesuusiin ati Nabiyyiidha jettee kan amantu yoo ta’e, jaarraa meeqa booda warri
dhimma kana barreeffamaan qofa dubbisan wanta kana akkamiin jijjiiranii waaqummaa
Iyyesuusiif ragaa godhuu jalqaban? Akkamiin Iyyesuus waaqeessuu jalqaban? Deebii
sammuu keessaniif.
1.7 Nyaata xiqqoo baay’isuu fii Raga bahinsa namootaa isa waliin turanii
Boqonnaa Wangeela Yohaannis Yoo Dubbifnu ‘Yohanni 6:1’ iraa kaafnee yoo Dubbifnu
Iyyesuus Kiristos Yeroo Bishaan Ciisaa Galiilaa, kan Xiberiyaas Jedhamu Ce’etti
Moo’ijizaa/Milikkita inni hojjete Arganii Namoonni Baay’een akka isa hodofanii
Deeman ni Dubbata. Iyyesuus Keessummoota Baay’ee Isa Hordofan Kanaaf Buddeena
Essaa Binna jechuudhaan Filiphosin gaafate. Filiphosiis Baay’ina namaa irraa kan ka’e
Buddeenni jara kana wal gahu akka hin jire haala isaaf mijaawuun ibseef. Haa ta’u
malee garuu isaan keessa Gurbaan Buddeena garbuu Shanii fi Qurxummii lama qabu
gidduu isaanii akka jiru ibseef. Iyyesuus Keessimootni Akka taa’an erga abboome
booda. Buddeenaa garbuu shanii fi Qurxummii lama fuudhee Waaqayyo Kadhatee
Namoota Baay’ee (5000) kanaaf akka wal ga’u akka taasise hanga lakkoofsa 13 tti yoo
dubbifnu ni hubanna. Wanti nama dinqisiisu garuu Kiristiyaanoonni Yeroo baay’ee
Seenaa kana Waaqummaa Iyyesuus ni Ibsa jedhanii akka ragatti yoo itti fayyadaman ni
dhageenya. Haa ta’uu malee garuu dhugaa jiru hubachuuf deebii namootuma achi
turaniif haa dhiifnu.
↪Namootni yeroo sanatti iddoo sana turan maal jedhan laata? Kana hubachuuf
Yohaannis 6:14 irra dhaqnee ilaaluu dandeenya. Kuniis akkana jedha; -
«Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma
raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan. » (Yohaannis 6:14)
●►Yaa nama sammuu bilisa taate qabdu xiixnxali gaa! Keewwata kana irratti
namoonni milikkata(Mo’jizaa) Iyyesuus hojjete ija isaaniitiin ergan kunniin “Kun
dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana” jedhanii isaaf ragaa
bahanii turan. Seenaadhuma kanaan immoo namoonni hordoftoota kiristoosi ofiin
jedhan kan jaarraa kana keessa jiraatan “Iyyeesuus waaqa ykn gooftaadha” jedhanii
amanu. Nama qaamaan bira dhaabbatee ijaa isaatiin taatee kana argee “Iyyesuus
Nabiyyiidha” jedhee itti amanee fii nama jaarraa baay’een booda seenaan kana
barreeffamaan qofa dubbisee “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee itti amane kamtu
dhugaadha jettee yaada? Deebii sammuu haqa barbaadduuf.
1.8 Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus dhageeffatanii
Mat-duree kana jalatti immoo “Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus
dhageeffatanii” kan ilaallu ta’a. Akka Seenaa Yohaannis wangeela isaa keessatti
Boqonnaa 6 irraa kaasee Galmeesseetti Iyyesuus Kutaa Biyya Qifirnaahomitti Erga
ce’e booda Milikkata Gara garaa akka hojjete ni hubanna. Akkasuma Boqonnaa 7 irraa
kaasnee yoo Macaafa Qulqulluu Dubbifnu Obboloonni Iyyesuus Akka inni Ayyaana
Warra Yahuudootaa kan “Gordommaa” jedhamuun beekkamu tokko irratti akka inni
isaan wajjiin Hirmaatuu fii Milikkita gara garaa hirmaattootaa Ayyaanichaa irratti
argisiisee akka inni hordoftootaa baay’ee horatuuf Iyyusuusiif gaafii dhiheessan. Inni
garuu “isin ofii keessanii gara Ayyaanichaatti ol Ba’aa, ani garuu, yeroon anaaf ta’u
waan hin Raawwatiniif ammaa illee gara Ayyaana kanaatti ol hin ba’u” jedhee akka
isaaniif deebise fii Galiilatti hafe macaafni Qulqulluun nuuf ibsa. Haa ta’uu malee garuu
Obboleewwan isaa Gara Ayyaanichaatti erga ol ba’anii booddee Iyyesuus immoo
dhooksatti Akka Ol Ba’e ni hubanna. Asitti Iyyesuus Walakkeessa Guyyaa Torban
Ayyaaniichaatti Mana Qulqullummaatti Ol Galee Barsiisutti Ka’e nuun jedha
macaafichi.
Haasawaa fi mornii Diqisiisoo inni Yahuudootaa wajjiin taasisees Wangeela Yohaannis
Boqonnaa 7, Lakkoofsa 15-38 irraa argachuu dandeenya.
●►Mee Gara Dubbii Ijoo Kaaneefiitti Haa Darbinu, Guyyaa dhuma Ayyaanichaa irratti
Namootni Ayyanicha irratti hirmaatanii fii Haasawa Iyyesuus Hordofaa turan waa’ee
isaa maal dubbatan jennee yoo qorannu wangeela yohaannis 7:40 irratti dhuga ba’insa
namoota kanaa akkanaan aganna: -
.
“warra dubbii kana dhaga’an keessaa jarreen tokko, “namichi kun dhuguma
raajicha” jedhan” (wangeela yohaannis 7:40)
↪ Eegaa! Ammaas irrumaan deddeebi’a namoonni qaamaan Barnoota Iyyesuus
hordofanii isaaf ragaa bahan “namichi kun dhuguma raajicha” yoo jedhan; har’a
immoo jaarraa meeqaan booda dhufanii “Iyyesuus waaqayyoodha” jechuu maaltu fide?
Namoota qaamaan isa arganii isa hordofanii fii namoota jaarraa dheeraa booda
dhageettiidhaan isa waaqeessan kamtu dhugaadha jettee amanta? Deebii sammuu
keetiif.
1.9 Raga bahinsa namticha ija hin qabnee
Wangeela Yohaannis Boqonnaa 9 irratti Iyyesuus namicha dhaloota isaa irraa jalqabee
jaamaa ture tokko akka fayyise hanga lakkoofsa 7 irratti ibsamee jira. Obboleewwa
keenya kiristiyaanootaas boqonnaa kana (yohaannis 9:1-7) nuuf dubbisanii “Iyyesuus
jaamaa waan faayyiseef waaqayyoodha” jedhanii nu amansiisuuf yaalii gara garaa
taasisu. Wanti nama ajaa’ibsuusu garuu namicha kana Fariisotni “Waa’ee isa Ija kee siif
bane kanaa maal jetta?” jedhanii waa’ee Iyyesuus gaafatanii turan. Namtichi kun garuu
akka har'a jedhamu kana; “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee hin deebifne. Inumayyuu
“Inni Raajii dha.” Jechuudhaan Iyyesuus nabiyyii akka ta’e raga bahe: -
“Kana Booddee Warri Fariisotaa Namicha isa Jaamaa Ture Sanaan “Waa’ee isa Ija
kee siif bane kana maal jetta?” jedhan; yemmus namichi “Inni Raajii dha.” Jedhee
Deebiseef.” (Wangeelaa Yohaannis 9:17)
●► Eegaa yaa namaa! Sammuu bilisa ta’e qabda jedheen yaada namtichi Iyyesuus
heyyema Rabbiitiin ija baneef kun waa’ee Iyyesuus yoo ragaa bahu “Inni Raajii dha.”
jedhee ragaa bahe. Ati hoo namticha taateen tun irratti taate caalaa Iyyesuusiif dhiyaatta
moo Jaarraa meeqaantamiin booda Barnoota “Iyyesuus Jaamaa waan fayyiseef
waaqayyoodha” jedhu eessaa fidde? Yoo xiinxaltu hoo silaa namticha taateen kun irratti
raawwatamteetu dhuga qabeessa moo siidha? Deebii sammuu keetiif.
1.10 Maartaan Iyyesuusiin maal jette?
Yeroo baay’ee seenaan maartaa fii obboleessa ishee Alaazaar kan kitaabicha keessatti
odeeffame Kuniis burjaajeessuu adda addaaf akka oolaa jiru ni argina. Dubbiin akkana
Maartaan obboleettii Alaazaari. Obboleessi ishee jalaa du’ee ture. Obboleessa ishee
kanaas Iyyesuus heyyama Rabbiitiin du’aa kaaseefii ture. Seenaa Iyyesuus Alaazaariin
itti du’aa kaase kana immoo kiristiyaanoonni baay’een akka ragaa waaqummaa
Iyyesuusitti itti fayyadamaa akka jiran beekkamaa dha. Haa ta’uu malee garuu akka
odeessa macaafichaatti taatee yeroo sana taate yoo xiinxallu dhugaan jiru amantii jara
kanaatiin faallaa ta’ee arganna. Maartaan Iyyesuusiin maal jette? Mee walumaan
xiinxalaa haa deemnu.
↪ Gaafa obboleessi ishee du’u maartaan Iyyesuusiin akkana jette:
«Maartaan Yemmus Yesuusiin, “Gooftaa Utuu Ati as Jiraattee, Obboleessi Koo Hin
Du’u Ture. Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif
Kennu Ani Nan Beeka” Jette. » (Wangeela Yohaanis 11:21-22)
●► Mee ilaalaa xiinxalaa maartaan Iyyesuusiin “Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma
Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif Kennu Ani Nan Beeka” jetteen. Kana jechuun
waaqayyo kadhadhuu naaf kaasi jechuu isheeti. Lakkii akkas miti “Innoo dandeettuma
isaatiin kaase malee waaqa hin kadhannee” yoo jette immoo itti aansuudhaan akkamitti
akka Iyyesuus isa kaase haa ilaallu: -
«Yesuus garuu ol ilaalee, “Yaa Abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif siin galateeffadha.
Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as
dhaabbatankun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe” jedhe. »
(Yohaannis 11:41-42)
-
●► Gocha Iyyesuus kana yoo xiinxallu: -
1ffaa: Keewwatichi yoo jalqabu “Yesuus garuu ol ilaalee…” jedha. Wanti ol ilaaluuf
maali jennee yoo yaadnu waaqa isaa kadhachuufi dha.
2ffaa: waaqa kadhatee erga kadhaan isaaf qeebalamtees “Yaa Abbaa! Anaaf
dhaga’uu keetiif siin galateeffadha…” jedhe. Kana jechuun immoo Alazaar du’aa
kan kaase kadhaa waaqni isaaf dhagayeen ta’uu isaati.
3ffaa: Maalif waaqa kadhatee Alaazaariin du’aa akka kaase yoo dubbatu immoo
“garuu namoonni as dhaabbatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana
dubbadhe” jedhe. Kana jechuun immoo milikkatni/mo’jizaan isaaf kennamte kun
ergamaa/Nabiyyii Rabbii ta’uu akka isaaf ragaa baatuuf malee waaqa ta’uu isaa
gonkumayyuu hin mirkaneessitu jechuu dha.
Goolabbii
Barreeffamni olitti dhiyaate ragaadhaan kan deeggartameedha. Arrabsoos ta’ee
wantoota miira namootaa qocolan of keessaa hin qabu jedheen yaada. Dabalataaniis
Wanti namni hundi (hordoftoota amantii muslimaas ta’ee kan kiristiyaanaa) hubachuu
qabu, Kaayyoon barreeffama kanaa inni guddaan amantii namaa xiqqeessuuf,
xureessuu fi ilaalcha hordoftoota amantii biraa miidhuuf osoo hin taane ragaa
qabatamaa namni hundi hubachuu danda’u bu’uura godhachuun lammiilee keenya
kanneen dhugaan jalaa dhokattee fi dhugaa barbaaddoota ta’aniif dhugaa jiru ifa
taasisuuf qofaa dha. Kanaafuu namni barreeffama kana erga dubbise booda dhugaan
galtee fii gara haqni jiru deemuu barbaadu akkasumaas namni dhugaan kun utti
hadhaawee liqimfamuufii diddee barreeffama kana irraa mormiin qaba jedhu hundi
karaa armaan gadii kanneen fayyadamuudhaan na qunnamuu dandeessu.
E-mail Address: [email protected]
Yookiin gara Facebook’tiin fuula armaan gadii kana irratti ‘message’ naaf erguu
dandeessu: -
Facebook: ☞ https://www.fb.com/elias.muhmmed
⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬✿⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬
Barreeffama kana asumattiin goolaba. Barreeffama wal fakkaataa biraatiin hanga
walitti deebinutti…
٤٧:طه﴾سورة اتبع الهدى والسلم على من ﴿
«Nageenyi Nama Qajeelfama (Rabbii) Hordofe Irratti. » (Xaahaa 20:47)
⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬❀⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬
Amajjii, 16, 2019
Wabii/Refference
1. Baayibilii Afaan Oromoo (Oromo Bible)
2. Qur’aana Qulqulluu
3. International Standard Bible Encyclopedia, Vol. 1
4. James Strong, S.T.D, LL. D, Dictionary of the word in the Greek Testament; with
their Renderings in The Authorized English Version
5. Bart D. Ehrman, Misquoting Jesus: The Story Behind Who Changed the Bible and
Why
6. Bart D. Ehrman, The Orthodox Corruption of Scripture: The Effect of Early
Christological Controversies on the Text of the New Testament
7. Bart D. Ehrman, The New Testament: A Historical Introduction to the Early Christian
Writings
8. Bart D. Ehrman, Lost Christianities: The Battles for Scripture and the Faiths We
Never Knew