inistitiyuutii leenjii ogeessota qaamolee haqaa fi qo ... a bu’a... · pdf...
TRANSCRIPT
0
Inistitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi
Qoannoo Seeraa Oromiyaa
Sakattaa Bua qabeessummaa Hojiiwwan Komishinii Naamusaa fi
Farra Malaamaltummaa Oromiyaa
Qoratootni:
Geetaachoo Fayisaa
Waaqgaarii Dullumee
Sambataa Abdataa
Gulaaltonni:
Alamaayyoo Massalaa
Dhaabaa Dirribaa
Kabbabaw Biraanuu
Caamsaa, 2009
0
Hiikoo Jechoota Kottoonfatanii
KNFM Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa
KNFMNO- Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa
MNO- Mootummaa Naannoo Oromiyaa
SDFY - Seera Deemsa Falmii Yakkaa
Lakk. Lakkoofsa
Kwt. -Keeyyata
LGQ- Lakkoofsa Galmee Qorannoo
ALA Akka Lakkoofsa Awurooppaa
ALI Akka Lakkoofsa Itoophiyaa
i
Baafata
Boqonnaa Tokko ........................................................................................................... 1
1. Gumee Qorannoo .......................................................................................................... 1
1.1 Seensa Waliigalaa ......................................................................................................... 1
1.2 Hima Rakkoo ................................................................................................................ 2
1.3 Kaayyoo Qorannoo ....................................................................................................... 6
1.4 Faayidaa fi Fayyadamtoota Qorannoo .......................................................................... 6
1.5 Mala Qorannoo ............................................................................................................. 7
1.6 Daangaa qoranichaa ...................................................................................................... 9
1.7 Hanqina Qorannoo ........................................................................................................ 9
Boqonnaa Lama ......................................................................................................... 11
Sakataa Hogbarruu Haala Madaallii Buaqabeessummaa Komishinii Naamusaa fi
Farra Malaammaltummaa ........................................................................................... 11
2.1 Madaallii Dhaabbilee Farra Malaammaltummaa ........................................................ 11
2.1.1 Kutannoo siyaasaa............................................................................................................... 13
2.1.2 Bilisummaa ......................................................................................................................... 14
2.1.3 Humna Namaa fi Baajata .................................................................................................... 14
2.1.4 Waltaiinsa Qaamolee Hirtaa (Stakeholder) Waliin Godhamu ........................................... 15
2.1.5 Ittigaafatamummaa fi Toannoo .......................................................................................... 16
2.1.6 Ilaalacha Hawaasni Qaamolee Farra Malaammaltummaa Irratti Qabu .............................. 17
2.1.7 Raawwii Hojii Dhaabbilee Farra Malaammaltummaa ........................................................ 17
2.2 Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa .................................. 18
2.2.1 Haala Hawwaasummaa, Siyaasaa fi Diinagdee Naannoo Oromiyaa .................................. 18
2.2.2 Haala Hundeeffamaa ........................................................................................................... 20
BOQONNAA SADI ................................................................................................... 23
Xinxaala Daataa Haala Qabatamaa Komishinii Naamusaa fi Farra
Malaammaltummaa Oromiyaa .................................................................................... 23
ii
3.1 Bilisummaa ................................................................................................................. 23
3.2 Humna Namaa fi Baajata ............................................................................................ 30
3.2.1 Humna namaa ..................................................................................................................... 30
3.2.2 Baajata ................................................................................................................................. 39
3.3 Qindoomina Komishiniin Qaamolee Biroo Waliin Qabu ........................................... 44
3.4 Raawwii Hojii Komoshinnii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ....... 52
3.4.1 Ittisa Yakka Malaammaltummaa ........................................................................................ 52
3.4.2 Hojii Qorannoo fi Himannaa ............................................................................................... 69
3.5 Toannoo fi Itti gaafatamummaa ................................................................................ 88
3.6 Kutannoo Siyaasaa ...................................................................................................... 90
3.7 Ilaalchaa fi Amantaa Ummatni Komishinii Irraa Qabu .............................................. 93
3.8 Aanggoo fi caaseffama Komishinii Naamausaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo
Oromiyaa................................................................................................................................. 96
Boqonnaa Afur .......................................................................................................... 110
Guduunfaa fi yaada furmaataa .................................................................................. 110
4.1 Guduunfaa ................................................................................................................. 110
4.2 Yaada furmaataa ....................................................................................................... 116
4.3 Miiltolee ......................................................................................................................... i
4.4 Maddoota wabii ............................................................................................................. i
1
Boqonnaa Tokko
1. Gumee Qorannoo
1.1 Seensa Waliigalaa
Waggootni digdamoota darban malaammaltummaan gufuu guddinaa tauun isaa yeroo caalatti
itti hubatameedha. Kanumaafis, sadarkaa idil-addunyaattis taee biyyoolessaatti sochii fi
tarkaanfiwwan adda addaa malaammaltummaa hirisuu irratti xiyyeeffatan taasifamaa turaniiru.
Keessumattuu, sochii malaammaltummaa hirisuu keessatti hundeeffamni qaamolee addaa farra
malaammaltummaa irratti xiyyeeffachuun hojjetan (specialized Anti-corruption Agencies
(ACAs) qabxii akka Idil-addunyaatti xiyyeeffannoo argate taeera. Dhaabbanni mootummoota
gamtoomanii bara 1996(ALI) dhiibbaa malaammaltummaan nageenyaa fi guddina hawwaasa
addunyaa irratti qabu hubachuun konvenshinii malaammaltummaa ittisuu irratti xiyyeeffatu
baasee jira.1 Konvenshinichis malaammaltummaa ittisuu fi hirisuu keessatti barbaachisummaa
xiyyeeffannoo qaamolee addaa farra malaammaltummaa irratti hojjetaniif kennamuu qabu
agarsiisee jira.2 Haaluma walfakkatuun biyyoota dhaabbilee kanneen fayyadamuun
malaammaltummaa hirisuu fi ittisuu irratti milkaaina argatan, kanneen akka Hong Kong fi
Singaapoor irraa muuxannoo fudhachuun biyyoonni hedduun dhaabbilee farra
malaammaltummaa irratti hojjetan hundeeffataniiru. Haa tau malee dhaabbileen kunneen
biyyoota hunda keessatti milkaaina walfakkaataa hin argamsiifne. Biyyoonni dhaabbilee
kanneen haala hawwaasummaa, diinagdee fi siyaasaa isaaniin walsimsiisanii, kutannoodhaan
dhimma itti bahan malaammaltummaa hirisuu fi ittisuu keessatti buaa argataniiru. Gama biraan
immoo biyyootni dhaabbilee kanneen sababa dhiibbaa garaa garaatiif, maqaaf qofa, hundeessanii
fi kutannoo siyaasaa gahaa hin agarsiifne buaa barbaadame fiduu hin dandeenye.
Akka Itoophiyaatti sochii farra malaammaltummaa irratti goodhamu galmaan gahuuf yeroo
duraaf bara 1993 dhaabbata adda dureen sochii kana qindeessuu, kan Komishinii naamusaa fi
farra malaammaltummaa Itoophiyaa jedhamu sadarkaa federaalatti hundaaee jira. Naannoleenis
komishinii caaseffamaa fi ergamaan komishinii mootummaa federaalaa fakkaatu hundeeffatanii
jiru. Naannoon Oromiyaas buura labsii lakk.71/1997tiin Komishinii Naamusaa fi farra
malaammaltummaa naannoo Oromiyaa hundeessee jira. Komishiniin Naamusaa fi Farra
1 United Nations Convention against Corruption, resolution No. 58/4 of 31 October 2003. 2 Art. 36 of United Nations Convention against Corruption, resolution No. 58/4 of 31 October 2003
2
Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa (KNFMNO), bara 1995 erga hundaaee kaasee hojii
farra malaan maltummaa irratti xiyyeeffate hedduu hojjateera. Yeroo ammaa Komishinichi
waajjira muummichaatiin ala damee Shan magaalota Oromiyaa Adaamaa, Ciroo,
Shaashamannee, Jimmaa fi Naqamtee irratti banuun hojii isaa hojjataa jira. Komishinonni
kunneen malaammaltummaa hirisuu fi ittisuu keessatti gahee gurguddoo sadi; ittisuu, qorachuu
fi himachuu akka bahatan godhameera. Haa tau malee hojiin komishichaa sadarkaa
malaammaltummaan naanno