dhuguma bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalatteettaa?

346

Upload: c-knox-jarmon

Post on 10-Oct-2014

893 views

Category:

Documents


4 download

TRANSCRIPT

Page 2: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

www.nlmafghanistan.comwww.nlmafrikaans.comwww.nlmalbania.comwww.nlmamharic.comwww.nlmangola.comwww.nlmarabemirates.comwww.nlmarabic.comwww.nlmargentina.comwww.nlmarmenia.comwww.nlmaruba.comwww.nlmaustralia.comwww.nlmaustria.comwww.nlmbahamas.comwww.nlmbahrain.comwww.nlmbangladesh.comwww.nlmbelarus.comwww.nlmbelgium.comwww.nlmbengali.comwww.nlmbenin.comwww.nlmbhutan.comwww.nlmbolivia.com

www.nlmbotswana.comwww.nlmbrasil.comwww.nlmbriton.comwww.nlmbrunei.comwww.nlmbulgalia.comwww.nlmburkinafaso.comwww.nlmburundi.comwww.nlmcameroon.comwww.nlmcanada.comwww.nlmcebuano.comwww.nlmchichewa.comwww.nlmchile.comwww.nlmchin.comwww.nlmchina.comwww.nlmcolombia.comwww.nlmcongo.comwww.nlmcostarica.comwww.nlmcotedivoire.comwww.nlmcroatia.comwww.nlmczech.comwww.nlmdenmark.com

www.nlmdioula.comwww.nlmdominica.comwww.nlmdutch.comwww.nlmecuador.comwww.nlmegypt.comwww.nlmelsalvador.comwww.nlmequatorialguinea.comwww.nlmethiopia.comwww.nlmfinland.comwww.nlmfrance.comwww.nlmfrench.comwww.nlmgabon.comwww.nlmgeorgian.comwww.nlmgerman.comwww.nlmgermany.comwww.nlmghana.comwww.nlmgreek.comwww.nlmgrenada.comwww.nlmguatemala.com

A

B

C

D

E

F

G

Please find your vernacular websites below.

You can download Christian e-books and request Christian books for free.

Feel free to visit our websites below right now!

Please find your vernacular websites below.

You can download Christian e-books and request Christian books for free.

Feel free to visit our websites below right now!

Please find your vernacular websites below.

You can download Christian e-books and request Christian books for free.

Feel free to visit our websites below right now!

The Official Website of The New Life Mission

www.nlmission.comwww.nlmission.comor

www.bjnewlife.orgwww.bjnewlife.orgW

The New Life Mission

orldwide websites of

� Some of these websites may not work because they are still under construction.◄ Qabiyyee ►

Page 3: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

www.nlmgujarati.comwww.nlmhaiti.comwww.nlmhindi.comwww.nlmholland.comwww.nlmhonduras.comwww.nlmhungary.comwww.nlm-india.comwww.nlmindonesia.comwww.nlmiran.comwww.nlmiraq.comwww.nlmisrael.comwww.nlmitaly.comwww.nlmjamaica.comwww.nlmjapan.comwww.nlmjavanese.comwww.nlmkannada.comwww.nlmkazakhstan.comwww.nlmkenya.comwww.nlmkhmer.comwww.nlmkirghiz.comwww.nlmkirundi.comwww.nlmkorea.comwww.nlmlatvia.comwww.nlmluganda.comwww.nlmluo.comwww.nlmmadi.comwww.nlmmalagasy.comwww.nlmmalayalam.comwww.nlmmalaysia.comwww.nlmmarathi.com

www.nlmmauritius.comwww.nlmmexico.comwww.nlmmindat.comwww.nlmmizo.comwww.nlmmoldova.comwww.nlmmongolia.comwww.nlmmyanmar.comwww.nlmnepal.comwww.nlmnewzealand.comwww.nlmnigeria.comwww.nlmnorthkorea.comwww.nlmnorway.comwww.nlmpakistan.comwww.nlmpanama.comwww.nlmperu.comwww.nlmphilippines.comwww.nlmpoland.comwww.nlmportugal.comwww.nlmportuguese.comwww.nlmprcongo.comwww.nlmqatar.comwww.nlmromania.comwww.nlmrussia.comwww.nlmsaudiarabia.comwww.nlmserbian.comwww.nlmshona.comwww.nlmsingapore.comwww.nlmslovakia.comwww.nlmslovene.comwww.nlmsolomon.com

www.nlmsouthafrica.comwww.nlmspain.comwww.nlmspanish.comwww.nlmsrilanka.comwww.nlmsuriname.comwww.nlmswahili.comwww.nlmswaziland.comwww.nlmsweden.comwww.nlmswiss.comwww.nlmtagalog.comwww.nlmtaiwan.comwww.nlmtamil.comwww.nlmtanzania.comwww.nlmtelugu.comwww.nlmthailand.comwww.nlmtogo.comwww.nlmtonga.comwww.nlmturkey.comwww.nlmuganda.comwww.nlmukraine.comwww.nlmurdu.comwww.nlmusa.comwww.nlmvenezuela.comwww.nlmvietnam.comwww.nlmzambia.comwww.nlmzimbabwe.comwww.nlmzou.com

H

J

K

L

M

N

P

Q

R

S

U

V

Z

I

W The New Life Missionorldwide websites of

◄ Qabiyyee ►

Page 4: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Kitaabni kun Caaffattoota Qulqullaa’oo irratti hundaa’ee bara keenya keessa wangeela bishaanii fi hafuuraa labsuuf

kan qophaa’e kitaaba tokkoffaa dha Baay’een keessan lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa wajjin wal hin

barre.Sababii kanaaf tokkoon-tokkoon lallaba koo irratti waa’ee wangeela cuuphamuu Yesuusii fi fannoo isaa irratti xiyyeeffadheera.

Utuu Yesuus hin cuuphamne ta’e, duutni isaa hunda keenya biratti hiikkaa dhaba ture. Egaa dubbii kana hiikee hubachiisuuf jecha cuuphaa isaa irratti bal’inaan xiyyeeffadheera. Kanaaf waa’ee cuuphamuu isaa irra deddeebi’ee nan ibsa.

Kaayyoon koo kana si hubachiisuu dha. Hanga ati wangeela bishaanii fi hafuuraatiin (cuuphamuu Yesuusiin) eebbifamtuutti irra deddeebi’een si hubachiisuu nan fedha.

Wanti ani baay’isee hawwu hundumti keessan gara amantii cuuphamuu fi dhiiga isaa dhuftani cubbuuttii akka fay’itanii dha. Kitaabni kun gara hafuuraa fi bishaanittii lammaffaa dhalachuutti akka si geessuu nan amana.

Page 5: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

DHUGUMA BISHAANII FI

HAFUURATTII LAMMAFFAA

DHALATTEETTAA?

PHAAWULOS C. YOONG

Mana Maxxansaa Hephzibah Tajaajila ERGAMA JIREENYA HAARAA

SEOUL, KOREA

Dhuguma bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatteettaa? Mirga Maxxansaa © 2010 The New Life Mission Mirgi isa maxxansee eegamaa dha. Hayyama barreeffamaa isa maxxansee fi abboota qabeenyichaa warra maxxansan biraa osoo hin fudhatin dura kutaa kitaaba kanaa keessaa baay’isuun, fooyyessanii tooftaan kuufachuun, bifa kamiin ykn eleektironikisiin tamsaasuun, fotokoppii irraa gochuun fi waraabuun hin dandaa’amu. ZX ISBN 978-89-282-0173-0 Website : http://www.nlmission.com http://www.bjnewlife.org http://www.bjnewlife.org E-mail : [email protected]

Page 6: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Galata Gooftaa isa dubbii fayyinaa fi eebba wangeela

lammaffaa dhalachuu Hafuuraa fi bishaaniin nu eebbiseef aarsaa galataa dhi’eessina.

Tajaajiltoota Waaqayyoo hunda ni galateeffanna, keessumatti Luba Yohannis K. Shiin, warra maxxansa macaafa kanaaf oolmaa guddaa oolan; isa hiikee Luba Arfaasoo Dhibbisaa, obbolotaa fi obboleettota mana maxxansaa Hephzibah akkasumas Ela’inee Dawee Yunivarsitii Kangwon fi Ross Walase ‘THE KOREA TIMES’ kan jedhamu irraa.Maxxansa kitaaba kana irratti hundi isaanii baayyee hojjetaniiru. Ammas irra deebi’een baay’isee isaan galateeffadha.

Nan abdadha kitaabni kun fi teeppiin kanaa wajjin ba’u lubbuun hedduun akka isaan lammaffaa dhalataniif akka inni gargaaru, kanaaf warra nuu wajjin dadhabanii hojjetan hunda ammas irra

deebi’ee nan galateeffadha. Warri Yesuusitti amanan wangeela lammaffaa

dhalachuu bishaanii fi hafuuraa biyya lafaatiin akka ga’aniif Gooftaan karaa hundumaa akka saaquuf kadhannaa koo isa guddaa dha.

Amantii hin duuneen, Goofticha nan galateeffadha.

PHAAWULOS C. YOONG

Page 7: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

7 Ariirrata

Ariirrata

Nuyi Bishaanii fi Hafuurattii Dhalachuu Qabna

Waaqayyo jalqabatti yeroo waaqaa fi lafa uume,

biyya baraabaraa, Bantii waaqaa fi sii’oliinis uumeera. Nama yeroo uume akka bifa isaatti uume,garuu namni jalqabaa, Addaam, Waaqayyoon duratti waan yakkeef, namni hundinuu du’aaf kan malu ta’e. “Namoonni altokko du’uuf kaa’amaniiru, isa booddee immoo firdiitti ni dhi’aatu” (Ibroota 9:27).

Duuti foon keenyaa karaa ittiin gara jireenya barabaraatti ittiin ceenuu dha. Warri cubbuu hin qabne biyya waaqaa isa baraabaraatti barabaraan gammadaa ijoollee Waaqayyo ta’u; warri cubbamoonni immoo “kuufama ibiddaa fi dhagaa boba’uu” (Mul’ata 20:10) tti baraabaraan dhiphatu.

Kanaafuu, dhalli namaa hundumtuu lammaffaa dhalachuu qabu. Amantiidhaan lammaffaa

Page 8: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

8 Ariirrata

dhalannee, cubbuu keenya hundumaattii fayyinee qajeelaa ta’uu qabna. Yoo akkas ta’e qofa mootummaa Waaqaatti galla. Macaafni qulqulluun akkana jedha, “Eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaa baate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” (Yohaannis 3:5). “Bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalachuu” qofaan mootummaa Waaqayyootti galuu dandeenya.

‘Bishaanii’ fi ‘hafuurri’ inni akka nuyi lammaffaa dhalannu nu godhu maalii? Macaafa qulqulluu keessatti ‘Bishaanni’ cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa.

Yesuus, Waaqayyoon utuu ta’ee jiru maaliif Yohaannis Cuuphaan cuuphame? Gadi of deebisuu agarsiisuu dhaafii? Masiihi akka ta’e of barsiisuufii? Lakki, kanaaf miti.

Yeroo Yesuus Yohaannis cuuphaadhaan ‘bifa harka irra kaa’udhaan’ (Leewota 16:21), cuuphame kun ‘hojii qajeelummaa nama tokkoo’ (Roomaa 5:18), isa cubbuu nama hundumaa haxaa’u ture.

Bara kakuu moofaa keessatti,Waaqayyo seera

namni ittiin fayyu kenne. Kun immoo Guyyaa Araaraatti karaa tajaajila angafa lubootaa, Aaroon kennamuun cubbuu sabni Israa’el hojjete hundaaf ‘horii sababii cubbuuf dhiyaatu irra harkaa isaa kaa’uudhaan beenyaan cubbuu ni kaffalama ture.’

Sagalee mul’ataa tu jira, waa’ee aarsaa barabaraa dursee kan dubbate. Innis dhugaa cubbuun biyya lafaa hundi altakkaa gara Yesuus, isa foon namaatiin, akka jaalala abbaatti mul’ate itti ittiin darbu agarsiisa. Innis Yohaannis cuuphaa, sanyii Aaroonii fi bakka bu’aa ilmaan namaa hundaa kan ta’een cuuphameera.

Yeroo cuuphame, Yohannisiin akkana jedhe “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” (Maatewos 3:15).

Iddoo kanatti, ‘akkaataa kanatti’ inni jedhu sun cubbuu biyya lafa hunda gara Yesuusitti dabarsuu dhaaf karaa ‘harka irra kaa’uu’ hojii qajeelummaa hunda keenyaaf raawwachuu jechaa dha. Jechi ‘qajeelummaa’ jedhu sun afaan Giriikii tiin

Page 9: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

9 Ariirrata

‘dikaiosune’ yeroo ta’u hiikkaan isaas seera qajeelaa’ ykn “amalaan ykn hojii dhaan sirrii ykn guutuu ta’uu” jechuu dha.

Yesuus karaa Cuuphamuu isaatii haala sirrii fi guutuu ta’een nama hundumaaf qajeelumma raawwate. Sababiinsaa Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda haala sirrii fi guutuu ta’een ofii isaatti waan dabarseef, borumtaa isaa Yohaannis cuuphaan,“Ilaa! hoolaa Waaqayyo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohannis 1:29).

Yesuus Cubbuu nama hundumaa gatiittii isaatti baatee, gara fannoo dhaqe. Kanaaf firdii cubbuu karaa cuuphaa ofiisaatti fudhachuun isaa beekamaa dha. Inni fannoo irratti ni du’e, jedhes, “Fiixaan ba’eera” (Yohannis 19:30). Inni cubbuu keenya hunda ofii isaatti fudhate firdii sababii cubbuu tiif kennamu hunda iddoo keenya adabameera.

Bishaanni, Innis Cuuphamuun Yesuus, Fakkeenya Fayyinaa ti

Kanaafuu,“Amantii cuuphamuu Yesuus” osoo

hin qabaatiin fayyuu hin dandeenyu. Kanaaf, kan ergamaan Peexiros bishaanni, innis cuuphamuu Yesuus jechuun, “fakkeenya isa amma isin ittiin ooltaniii dha” (1 Peexiros 3:21) jedhu.

Har’a, namoonni baayyeen kan Yesuusitti amanan Cuuphamuu isaatti immoo amanaa hin jiran, du’a fannoo isaa qofaatti amanu. Amantiin akkanaa garuu cubbamoota fayyisuu ni danda’aa? Dhiiga isaa qofatti amanuudhaan fayyuu ni dandeenyaa? Fayyina kennuu ni danda’aa?

Lakki. du’a Yesuus qofaatti amanuu dhaan Waaqayyoon duratti fayyina argachuu hin dandeenyu.

Sabni Israa’el bara Kakuu Moofaa keessatti aarsaa cubbuu yommuu dhi’eessu, utuu harka irra kaa’anii cubbuu itti hin dabarsin yoo qalan sirrii hin ta’u ture. Akkuma kana, utuu cuuphamuu isaatti hin amaniin

Page 10: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

10 Ariirrata

du’a isaatti amanuun dogoggoraa fi seeraan ala. Kanaafuu, ergamaan Pheexiroos akkana jedha,

“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos ittiin ooltanii dha;” (1 Peexiros 3:21).

Akkuma “bishaan” guddaa bishaan badiisaa bara Nohiitti namoonni hin amanne badan, akkuma kana warrii amma ‘cuuphamuu Yesuusitt’ hin amanne ni badu.

Amantiin Guutuun kan fayyina dhugaan nu ga’u amantii isa “Yesuus Kiristoos bishaanii fi dhiigaan” (1 Yohannis 5:8) amananii dha. Kanaafuu cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaa lamanitti amanuu qabna.

Ergamaan Yohaannis amantiin sirrii “dhuga ba’umsa hafuurichaa, bishaanichaa fi dhiigichaa” tti amanuu dha jedha.

Amantiin dhugaa akka kanatti ijaarama. “Yesuus, Waaqayyo ofii isaatii hafuuraan foon nama uffatee karaa durbee Maariyaam dhufee,Yohaannis cuuphaa bakka bu’aa ilmaan namaa hundaatiin laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa

gara ofii isaatiitti akka fudhate amanuu dha. Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda baatee gara fannoo dhaqee, iddoo keenya firdii ulfaataa fudhate.” Kanaafuu, “cuuphamuu Yesuusiin” jechuunis ‘bishaaniin’ ala wangeelli guutuu hin ta’u, akka fedhe Yesuus irraa amantii yoo qabaanne iyyuu amantii guutuu malee fayyuu hin dandeenyu.

Haala ittiin Dhugaan Wangeelaa Waldaa Kiristaanaa Jalaa Dhokatee

Bara ammaa kana keessa ‘Wangeelli Bishaaniifi

Hafuuraa’ muraasa ta’ee iddoo isaa wangeelli sobaa biyya lafaa keessatti maaliif baballate?

Erga Yesuus du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’ee booda, ergamoonni ‘wangeela bishaani, hafuuraa fi dhiigaa’ lallaban. Kakuu Haaraa fo eegganndhaan yoo dubbifne, barreessitoota macaafa qulqulluu qofa argina utuu hin taane, Phaawulos, Peexiros, Yohaannis qofa osoo hin taanee, ergamootaa fi

Page 11: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

11 Ariirrata

hojjettoota waldaa yeroo sanaa ‘wangeela Bishaanii fi hafuuraa’ ifatti lallabaniiru.

Gidduutti, Seexanni ergama wangeelaa jijjiree aangoo waldaa dhabamsiisuuf yaalii gochaa tureera. Kanaafuu, erga bara Edikt Milaan DKB waggaa 313 eegalee waldaan kiristaanaa kiyyoo seexanaa keessa galte. Aangoon si’yaasa mootummaa Roomaa amantii kirstaanaa akka waldaa mootummaatti fudhatee, tasgabbiinsa si’yaasaa argate.

Mootummaan Roomaa “nama gara waldaa dhufu hunda cuuphsisuu dhaan” garaagarummaa kolonii isaani eeggataniiru.

Firiin haalota kanaa dhugaa ba’uu amantii ergamootaa akka bu’uura leenjii amantiitti fudhatamee yaadaan (recite) jedhama ture. Sababiiwaan kanaaf, ‘wangeelli akka macaafa qulqulluutti’, jecha biraan ‘wangeela bishaanii fi hafuuraa’ innis “humnaan, Hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guufuudhaan” (Tasalooniiqee 1:15) kan kennu sun wangeela sobaatiin bakka bu’e. Akkuma Seexanni akeekkatee ture,wangeelli sobaa, inni akka namni

lammaffaa hin dhalanne godhu, biyya lafaa hunduma keessatti dagaageera.

Bara Milaan Edikt waggaa kuma booda, barri duukkanaa waldaa Kirstaanaa biyya Awurooppaa guutummaa isaa cal jechisiiseera. Biyyolessa addaaddaatti haara`umsi walitti fufee kan gara macaafaa, ayyaanaa fi amantii yoo ka’e iyyuu tokko illee ‘wangeela bishaanii fi hafuuraa’ hin arganne.

Wangeelli dhugaa kun erga bara ergamootaatii eeggalee harka namoota yaraa warra dubbii isaa duukaa bu’aa turan harka ture. Akkuma burqituun bishaanii lafa keessa galee bakka lafa gadi jedhaatti immoo deebi’ee yaa’uu, bara isa dhumaa kanatti biyya lafaatti lallabamaa jira.

Kitaabni kun bara ammaa kanatti akkaataa Macaafa Qulqulluutti Waa’ee Cuuphamuu Yesuus lallabuuf isa Jalqabaa ti

Kitaabni kun akkaataa caaffattoota Macaafa

Page 12: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

12 Ariirrata

Qulqulluutti waa’ee Cuuphamuu fi dhiiga Yesuusii fi bara ammaa kanatti lallabuuf isa Jalqabaa ti. Wangeelli dhugaa kan inni nutti dubbatu inni cubbuu keenya hunda karaa cuuphamuu isaa akka inni ofii isaatti fudhatee fannoo irratti immoo sababii kanaaf firdii ofii isaatti fudhate. Nan amana kitaaba kana caalaa kan ‘waa’ee cuuphamuu isaa fi dhiiga’ isaa amanamummaa fi ifatti barsiisuu akka hin jirre.

Bara ammaa kanatti, bara interneetiin qorannoo beekumsa addaaddaa mul’isuuf meeshaa ta’etti, ani hidhattoota hojii amanamoo waa’ee dhoksaa cuuphamuu Yesuus hubatanii amanamummaan akka macaafa qulqulluutti lallaban argachuuf yaalii baay’ee godheera. Garuu hanga ammaatti hin arganne. Kanaafuu, kitaaba kana afaan Ingliffaan maxxansuuf murteesse.

Yeroo bishaan badiinsa biyya lafaa waliin ga’ee, bishaanni sun lafa irra yoo yaa’ee iyyuu, namni dhuguu danda’ee hin ture. Haaluma kanaan kan ‘hojjettota wangeelaa’ jedhaman warri wangeela makaa lallaban yoo baay’een jiraatan iyyuu, kan

dubbii jireenya dhugaa kennu qabu garuu hin kaane. Dubartittiin Samaariyaa boolla Yaaqoob keessaa

guyyaa hundumaa bishaan warrabbattee dhugaa yoo turte iyyuu dheebuu ba’uu hin dandeenye, garuu bishaan jireenyaa Yesuusiin biraa yeroo argatte, fayyina argatte, dheebuu hafuuraa ishee yeroo sanaa fi kan barabaraa guuttatte.

Waa’een bishaan jireenyaa Yesuus keessaa argamu boqonnaa fi golee kitaaba kanaa keessatti galmaa’anii jiru. Namni kanattii dhugu hundinuu barabaraan cubbuu isaattii ni fayya. Namni akkanaa lammaaffaa deebi’ee garba cubbuu hin ta’u, faallaa isaa burqaa bishaan jireenyaatu isa/ishee keessaa yaa’ee dheebuu hafuuraa warra naannoo isaa/ishee jiranii guuta.

Kottaa Hojjettoota Waaqayyoo taanee, riqicha suphinaa

Barri nuyi keessa jiraachaa jiru gara dhuma

Page 13: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

13 Ariirrata

biyya lafaatti kan dhihaatee dha. Yeroon kun yeroo cubbuun ilaamaan namootaa baay’atee safara irra darbee, firdiin qajeelummaa Waaqayyoo itti dhiyaatee dha. Saayintistoonni tokko-tokko sanyii-dhaan nama horsiisuuf yeroo milkaa’an, ‘Hargoggee’ (Dolly) fi namni kan biraa namoota sanyi akkasii fudhachuu ni barbaadu.

Har’a, nuyi immoo Baabiloon kan biraa ijaaraa jirra. Bara booddanaatti, dhalli namaa waan akkasii yommuu isaan shaakalan, Waaqayyo isaan bittimsee afaan isaanii waliin make. Amma immoo bara dhiphina isa guddaatti, dheekamsi qajeelummaa Waaqayyoo, lubbuu warra lammaffaa hin dhalatinii dhangala’a.

Kanaafuu, kitaaba kana akka afi of – eeggannoodhaan dubbistun sigaafadha Bishaanii fi hafuuratti lammaffaa akka dhalattuufis’ siin kadhadha. Kitaabni kun hundee macaafa qulqulluutti sirriitti ni lallaba. Kanaafuu, akkuma jedhame:

Nan amana, namni kitaaba kana sirritti ordofu utuu lammaffaa hin dhalatin hin hafu. Gooftaan

keenya akkana jedhe, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota kooti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” (Yohannis 8:31-32). Karaa kitaaba kanaa akka ati dhugaa beekuudhaan cubbuu fi du’attii adda ni baata! Fayyitee jireenya barabaraa ni argatta!

‘Wangeela bishaanii fi dhiigaa’ lallabuu-dhaan waliin taanee hojii abbaa keenya haa hojjennu. Nan abdadha wangeelli dhugaa lammaffaa deebi’ee biyya lafaa irratti ni ifa. Nan beeka wangeelli dhuga amantii kirstaanaa bara ammaa suphee riqicha dubbii dhugaa akka ijaaru.

“Isa dur diigame ture ni deebiftu, hundee isa abaabiliin keessan kaa’an irrattis ni ijaartu; Warra isa caccabe deebisan, warra karaa isaa duudee ture tolchanis ni jedhamtu” (Isaayaas 58:12).

Baayyeen keessan lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa wajjin wal hin barre. Sababii kanaaf tokkoon-tokkoon lallaba kootii irratti waa’ee wangeela cuuphamuu Yesuusii fi fannoo isaa irratti xiyyeeffadheera.

Page 14: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

14 Ariirrata

Utuu Yesuus hin cuuphamne ta’ee, duutni isaa hunda keenya biratti hiikkaa dhaba ture. Egaa dubbii kana hiikee hubachiisuuf jecha waa’ee cuuphamuu isaa irra deddeebi’ee nan ibsa.

kaayyoon koo kana si hubachiisuu dha. Hanga ati wangeela bishaanii fi hafuuraatiin (cuuphamuu Yesuusiin) eebbifamtutti irra deddeebi’een si hubachiisuu nan fedha.

Wanti ani baayisee hawwu hundi keessan gara amantii cuuphamuu fi dhiiga isaa dhuftanii cubbuuttii akka fayyitanii dha. Kitaabni kun gara hafuuraa fi bishaanittii lammaffaa dhalachuutti akka si geessu nan amana.

Page 15: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Cover Page ►

Qabiyyee Kutaa Tokkoffaa—Lallaba 1. Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa

beekuu qabna (Maarqos 7:8-9, 20-23) ----------------------------- 16

2. Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

(Maarqos 7:20-23) ----------------------------------- 32 3. Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu

in danda’uu? (Luqaas 10:25-30) ------------------- 45 4. Fayyina Barabaraa

(Yohannis 8:1-12) ----------------------------------- 67 5. Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

(Maatewos 3:13-17) --------------------------------- 98

6. Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

(1 Yohannis 5:1-12) ------------------------------- 147 7. Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina

Cubbamootaati (1 Pheexiros 3:20-22) ----------------------------- 181

8. Wangeela Araara Irraa Hafaa

(Yohannis 13:1-17) -------------------------------- 198 Kutaa Lammaffaa—Dabalata Dhuga ba’umsa Fayyinaa ---------------------------- 261 Ibsa Dabalataa ----------------------------------------- 279 Gaaffii fi Deebii --------------------------------------- 309

Page 16: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 1

Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa

beekuu qabna

Page 17: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

17 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa

beekuu qabna < Maarqoos 7:8-9 >

“Isin abboommii Waaqayyo dhiiftanii, seera mukaa abbootaatti qabatan. Yesus itti fufee,’ seera mukuaa abbaa keessanii jabeessuu dhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo dhiibuu dhaaf mala bayyessa argatani.” < Marqoos 7:20-23 >

“Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii ni ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu

keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama ni godhu” jedhe.

Jalqabatti, cubbuun maal akka ta’e hiikuun

jaalladha. Innis akkaataa Waaqayyoo fi namni ittiin cubbuu hiikuu dha. Jechi cubbuu jedhu, afaan Giriikii duriitiin, ‘hamartia’ yeroo jedhamu ‘mallattoo irra darbuu’ jechuu dha. Jecha biraatiin dogoggora tokko hojjechuu jechuu dha. Seera Waaqayyo kaa’eef ajajamuu diduun cubbuu dha. Kottaa jalqabatti namni waa’ee cubbuu tiif ilaalacha inni qabuu caqasna.

Cubbuun maali’innii?

Ajaja Waaqayyoof Abboomamuu diduu dha.

Cubbuun maal akka ta’e yaada garaa keenyaa tiin ni hubanna. Haa ta’uu iyyuu malee, yaadni garaa

Page 18: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

18 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

namaa akkaataa hawaasaa inni keessa jiruu, haala inni ittiin yaadu, haalowwan kennamani fi akkaata yaada garaa namaatti gargarummaa ni qabaata.

Kanaafuu, hiikkaan cubbuu akkaataa namaa-namaatti gargarummaa ni qabaata. Gochaan tokko isa tokko biratti cubbuutti kan lakkaa’aamu isa kaan biratti immoo akkas ta’uu dhiisuu danda’a. Sababii kanaaf Waaqayyo seerota keewwatoota 613 kan ittiin wanti tokko cubbuu fi cubbuu hin taanee isaa ittiin madaalamu kenneera.

Fakkiin armaan gadii cubbuu ilmaan namaa agarsiisa.

Seera Waaqayyoo

Yaada garaa namaa, hamilee fi aadaa ummataa

Seera biyyaa, seera sivilii

Yaada garaa keenyaatiin barmaatilee biyya irratti hundoofne cubbuu dhaaf gulantaa baasuu hin dandeenyu.

Cubbuun yaada garaa keenyaa akkaataa Waaqayyo ittiin cubbuu ilaalu miti. Kanaafuu, yaada garaa keenyaa dhaggeeffachuun barbaachisaa miti, kanaa mannaa bu’uura seera Waaqayyootiin cubbuu madaaluu qabna.

Tokkoon tokkoon keenya akka mataa keenyaatti waa’ee cubbuuf yaada qabna. Warri kaan akka hir`ina isaaniitti lakkaa’atu warrii kaan immoo akka amala gadi-dhiisiitti ni yaadu.

Fakkeenyaaf, Kooriyaa keessatti, namoonni awwaala warri isaani marga itti uffisanii hanga gaafa obbaafataniitti isaaniif eeguuf itti gaafatama ni fudhatu. Garuu, Paappu’aa biyya isaa haaraa Gu’iniyaa keessatti immoo qomoon durii maatii wajjin ta’anii ayyaaneffachuu dhaan reeffa warra isaanii ni kabaju. (Utuu hin ayyaaneeffatin dura nyaata qalmaa bilcheeffachuu isaanii garuu hin beeku). Nan amana raammoon dhaqna du’aa sana

Page 19: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

19 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

akka hin nyaanneef akka isaan fedhan. Barmaatiee kana irraa akkaataa namni itti cubbuu hiikkatu naannoo gara naannootti garaagarummaa akka inni qabu ilaalla.

Hojiin uummata tokko keessatti jaallatamaa ta’e isa kaan , biratti immoo hamaa ta’uu dandaa’a. Garuu, Macaafni Qulqulluun abboommii Waaqayyoof ajajamuu diduun cubbuu dha jedha. “‘Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera muka abbootaatti qabamtanittu. Seera muka abbaa keessanii jabeessuu dhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguu dhaaf mala ba’eessa argattan’ isaaniin jedhe” (Maarqos 7:8-9). Namummaan keenya inni bakkee dhaan mul’atu Waaqayyoon duratti gatii hin qabu sababiinisaa inni keessa garaa namaa waan ilaaluuf.

Madaalliin nama tokkoo Waaqayyo duratti cubbuu dha

Cubbuun baay’ee ulfaatu isa kamii?

Dubbii Waaqayyoo tiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuu dha.

Akka fedha isaatti jiraachuu dadhabuun cubbuu

dha. Dubbii isaattii amantii dhabuu wajjin tokko. Waaqayyo akka fariisota, warra abboommii Waaqayyoo jibbanii akka amaleeffannaa isaaniitti jiraataniitti jiraachuun cubbuu dha jedheera. Yesuus Fariisota sana of tuultotatti lakkaa’eera.

“Waaqayyo isa kamitti amantee? Dhuguma na jajjee ol na qabdaa? Maqaa koo ni jajjata, garuu dhuguma na ulfeessitaa?” Namoonni waan bakkeen mul’atu qofa ilaalanii dubbii isaa callisu. Cubbuun baay’ee ulfaatu dubbii Waaqayyoo tiif xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu dha. Ati kana hubaffeettaa?

Page 20: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

20 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

Dadhabbii keenya irraan kan ka’e hojiiwwan seeraan ala yeroo hojjennu kun irra-daddarba xiqqootti lakkaa’amuu danda’a. Balleessaa fi hirrinni sababii hanqina keenyaaf hojjetamu cubbuu madaaluuf hundee hin ta’u, isaan kun dogoggora adeemsaa ti. Waaqayyo cubbuu fi jal’ina iddoo tokkotti hin ilaalu. Warri dubbii isaa tuffatan dogoggora kan hin qabne yoo fakkaatani iyyuu, cubbamoota jedhamu. Isaan kun Waaqayyoon duratti cubbamoota gurguddoo dha. Yesuus kanaaf fariisota dheekkamaa ture.

Macaafota seeraa, seera uumamaa tii eegalee hanga keessa deebiitti, aboommiiwwau hedduun kana godhi sana hin godhin jedhu. Isaan dubbii Waaqayyoo, abboommii isaa ti. Hanga 100% eeguu hin dandeenyu ta’a, garuu akka abboommii isaatiitti ni simmanna. Jalqabumaa eegalee waan nuuf kenneef akka sagalee Waaqayyootti simachuu qabna.

“Sagaleihi jalqaba waan hundumaa dura ture, Sagaleihi Waaqayyo bira ture, Sagaleihi ofii isaa Waaqayyo ture.” “Ifni haa ta’uu, jedhe ifnis ni ta’e.”

Inni waan hundumaa uume. Ergasii booddee immoo seera dhaabeef.

“Sagaleihis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate, Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” (Yohaannis 1:1, 14). Egaa, attamitti, Waaqayyo ofii isaa nutti agarsiisee? Inni karaa abbommiiwwan isaatti ofiisaa nutti mul’iseera sababiinsaa Waaqayyo sagalee fi hafuura waan ta’eef. Kanaafuu, macaafa qulqulluun maal jennaa? Egaa dubbii Waaqayyooti jenna.

Iddoo kanatti akkana jedhameera, “Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera namaatti qabamtanittu.” Seerota kana keessa keewwattoota 613 jiru. Kana godhi sana immoo hin godhiin abbaa fi hadha kee ulfeessi…kkf. Seera Leewwotaa keessatti, attamitti akka dhiirrii fi dubartiin hojjetan fi yeroo horiin boolla keessatti kuftu maal akka godhamuun malu kkf ni dubbata. Egaa keewwattoota akkanaa 613 tu seerota isaa keessa jira.

Isaan sababa sagalee namaa hin taaneef, waa’ee isaanii irra deddeebinee itti yaaduu qabna.

Page 21: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

21 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

Abboommiiwwan isaa hunda yoo eeguu dadhabne iyyuu, simannee akka sagalee Waaqayyootti abboomamuufii qabna.

Sagalee Waaqayyoo keessa ergaan sirrii hin taane tokko jiraa? Fariisonni abboommii Waaqayyoo callisanii seera namootaatti caalchisanii ni qabamu turani. Jecha abboota isaanii sagalee Waaqayyoo caalaatti ni kabajatu turani. Yeroo Yesuus lafa irra ture, kun wanta inni dhugaa ba’e ture, wanti baayyee garaa isa dhukkubsaa ture isa namoonni sagalee Waaqayyoo cal’isanii dha.

Waaqayyo seerota keewwata 613 nuuf kennun isaa cubbuu keenya ittiin nu hubachiisee dhugaa isaa nutti agarsiisee, qulqulluu Waaqayyo keenyaa akka ta’e nu hubachiisuu dhaafi. Nuyi hundumti keenya isa duratti cubbamoota waan taaneef, amantiidhaan Yesuus, isa Waaqayyo jaalala isaa tiif nuuf ergetti jiraachuu qabna.

Namoonni dubbii isaa dhiisani fi itti hin amanne cubbamoota jedhamu. Warri sagalee isaa hin eegnes cubbamoota, garuu sagalee isaa callisuun immoo

cubbuu bay’ee ulfaatuu dha. Dhumni warra cubbuu ulfaataa akkanaa hojjetanii sii’oliin ta’a. Sagalee isaatti amanuu diduun isa duratti cubbuu hunduma irra caalaa ulfaatuu dha.

Waaqayyo maaliif seera isaa akka nuuf keenne

Waaqayyo maaliif seera isaa nuuf keenne?

Cubbuu keenya ittiin hubannee

akka ittiin adabamnuufi Sababiin Waaqayyo seera isaa nuuf keenneef

maaliffii? Cubbuu keenya ittiin hubannee gara isaatti akka ittiin deebinufi. Inni seerota keewwaa 613 nuuf kennuun isaa cubbuu keenya hubannee karaa

Page 22: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

22 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

Yesuusiin akka fayyinuufi. Egaa Waaqayyo sababii kanaaf seera isaa nuuf kenne.

Roomaa 3:20 akkana jedha, “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa.” Kanaafuu, sababii Waaqayyo seera isaa nuuf kenneef ittiin nu dirqisiisuuf miti.

Kanaafuu, beekumsi nuyi seera keessaa argannu maalii? Guutummaa seerichaaf abboomamuu dhaaf dadhaboota akka taanee fi isa duratti cubbamoota ta’uu keenya nu barsiisa. Keewwataalee seera isaatii 613 irraa maal barra? Hirrina keenyaa fi akka seerota kanaatti jiraachuuf dadhaboota ta’uu keenya ni barra. Nuyi, uumamni Waaqayyoo, uumama dadhaboo, fi akkasumas fuula isaa duratti guutummaan guutuutti cubbamoota ta’uu keenya ni hubanna. Akka seera isaa kanatti dhumni hunda keenya sii’oliin ta’a.

Yeroo nuyi cubbuu keenyaa fi akka seera isaatti jiraachuufis dadhabootaa akka taanee hubannu, egaa maal goonaa? Nama guutuu ta’uu dhaaf yaalii goonaa? Lakki. Akka cubbamoota taane hubachuu qabna, Yesuusitti amanuudhaan, karaa bishaanii fi

hafuuraa fayyinee isa galateeffachuu dha. Seera isaa nuuf kennuun isaa akka nuyi cubbuu

keenya simannee sababii eeguu dadhabnuufis adaba isaaf ta’u akka nuyi ittiin beeknuufi. Kanaafuu, utuu Yesuusitti hin amaniin sii’oolittii fayyuu akka hin dandeenye ni hubanna. Yesuus fayyisaa keenya akka ta’e yoo amanne, ni fayyina. Fayyuuf gara Yesuusitti nu qajeelchuuf seera isaa nuuf kenneera.

Waaqayyo guutummaa guutuutti cubbamoota ta’uu keenya akka ittiin hubannuu fi cubbuu akkanaattiis akka fayyinuuf seera uumeera. Inni seera isaa nuuf kennee tokkicha ilma isaa nuuf ergee nu fayyisuudhaaf karaa cuuphamuu isaa cubbuu keenya hunda ofii isaatti fudhate. Isatti amanuun nu fayyisa.

Nuyi cubbamoota abdii hin qabne cubbuu keenyattii fayyuudhaaf Yesuusitti warra amanuu qabnu, ijoollee isaa taanee ulfina hundumaa ulfina Waaqayyoof kan goonuu dha.

Hubachuu fi yaaduu qabna, karaa sagalee isaa waan hundumaa ni ilaalla sababiinsaa wanti hundinuu isa biraa waan argamaniif. Akkasumas

Page 23: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

23 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

dhugaa fayyinaa karaa sagalee isaatii hubachuu qabna. Kun amantii sirrii fi dhugaa dha.

Garaa dhala nama Keessa Maaltu Jiraa?

Waaqayyo duratti maal gochuu qabnaa?

Cuubbuu keenya simannee fayyuu dhaaf

Waaqayyotti amanuu qabna.

Amantiin sagalee isaa tiin jalqaba, nuyis karaa sagalee isaatii isatti amanuu qabna. Yoo akkana hin ta’u ta’e, dogoggora keessa buuna. Innis adeemsa karaa malee fi amantii dhugaa hin taanee dha.

Fariisonnii fi Saduuqonnii bartoonni Yesuus harka xurii dhaan buddeena nyaachuu isaanii yommuu argan, akkaataa dubbii Waaqayyootti

ilaalaniiru utuu ta’e silaa hin ceepha’aaman turani. Sagaleen kun kan inni nutti dubbatu wanti bakkee dhaa garaa namaatti galuu isa/ishee akka hin xurreessinee dha sababiin isaa garaacha keessa darbee dhaqna keessa waan jiraatuuf, laphee tuguu hin danda’u.

Marqoos 7:20-23 irratti akkuma barreeffame, “Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama ni godhu” jedhe. Yesuus namoonni cubbuu dhaan waan dhalataniif cubbamoota ta’u jedhe.

Kun maal jechuu akka ta’e hubatteettaa? Cubbamoota taanee dhalanneerra sababiin isaa nuyi hundumti keenya sanyii Addaam waan taaneef. Garuu dhugaa arguu hin dandeenyu sababiin isaa

Page 24: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

24 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

dubbii isaa hunda waan hin fudhanneef ykn waan itti hin amanneef. Egaa, keessi garaa namaa maalii?

Dubbisii armaan olii, “Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii ni ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattummaa” akka ta’e ni ibsa. Hamminni hundinuu garaa namootaa keessaa ba’aanii deebi’anii isaanuma ni xurreessu.

Macaafa faarfannaa keessatti akkanatti galmaa’ee jira, “Ani gara bantiiwwan Waaqa keetii, warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji’aa fi urjoota, warra ati dhaabdee yeroon ilaaluu ati akka isa yaadattuuf namni maalii, ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maalii?” (Faarfannaa 8:3-4).

Waaqayyo ofii isaatiin maaliif nu do’ataa? Inni sababa nu jaallatee nu uumee fi nuun cubbamoota gara laafummaan waan nu ilaaluuf. Cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaasee saba isaa nu godhateera. “Yaa Gooftaa, Gooftaa keenyaa, biyya lafaa kana

hundumaa irraa, waaqota irrattis maqaan kee attam gaarii dha!” Mootichi Daawwit bara kakuu moofaa keessatti Waaqayyo fayyisaa cubbamootaa ta’uu isaa yeroo hubate kana faarfateera.

Kakuu Haaraa keessattis, ergamaan Phaawulos kanuma irra deebi’ee jedheera. Nuyi uumamni, ijollee uumaa ta’uun keenya wanta baay’ee nama ajaa’ibsiisuu dha. Kun karaa jaalala inni nuuf qabu qofaan kan ta’ee dha. Kun jaalala Waaqayyoo ti.

Guutummaan guutuutti akka seera Waaqayyootti jiraachuudhaaf yaalii gochuun baayyee isa rakkisuu akka ta’e hubachuu qabna. Yaadni of tuulummaa keenyaas cal’isuu keenya irraa kan madduu dha. Seera isaa eeguuf wal’aansoo yeroo goonu akka sanatti jiraachuufis cimsinee kadhachaa jaalala isaa ala jiraachuun sirrii hin ta’u. Of beeknee seera duratti cubbamoota akka taanee hubannee kan fayyisu bishaanii fi dhiiga isaatti amannee fayyuun keenya fedha Waaqayyooti.

Sagaleen isaa Mark 7:20-23 akkanatti barreeffamee jira, “Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa

Page 25: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

25 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

namaa keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama in godhu.”

Yesuus wanti nama keessaa ba’uu, cubbuun keessa namaa, isa/ishee xureessa jedhe. Nyaata xuraa’aa Waaqayyo nuuf kennee yoo nyaannellee nu hin xureessu. Uumamni hundinuu qullaa’aa dha, garuu wanti keessa namaatii ba’u, cubbuun keessa namaa, in xureessa. Nuyi sanyii Addaam irraa kan dhalannee dha. Kanaafuu, nuyi maaliin dhalannee? Gosa cubbuu kudha lamaa wajjin dhalanne. Kun sirrii mitii?

Egaa, utuu cubbuu hin godhin jiraachuu ni dandeenyaa? Nuyi cubbuu dhaan waan dhalanneef yeroo hundumaa cubbuu ni goona. Sababii seera isaa beeknuuf cubbuu dhaabuu ni dandeenyaa?

Abboommiiwwaniin jiraachuu ni dandeenyaa? Lakki. Ammuma seeraan jiraachuu dhaaf yaalii goonu,

rakkinnii cimaan nutti dhufa. Yaada keenya isa darbe akka dhaabnee fi hirrina keenya hubachuu qabna. Egaa, yaada gadi deebi’aadhaan, isa nu fayyisu, cuuphamuu fi dhiiga isaa simachuu qabna.

Keewwataalee seeraa 613 n hundi isaanii gaarii fi qajeeloo dha. Garuu namoonni yeroo garaa haadha isaanii keessaa turan iyyuu cubbamoota. Seerri Waaaqayyoo gaarii akka ta’e huabannee, garuu immoo cubbamoota ofii keenyaan qajeelota of gochuu hin dandeenye taanee akka dhalannes yeroo hubannu, araara jaalala Waaqayyoo isa karaa Yesuus wangeela bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa akka nu barbaachisu hubanna. Hirrina keenya- isa ofii keenyaan qajeelota of gochuu hin dandeenye fi sababii cubbuu keenyaaf sii’oliin akka dhaqnu yeroo hubannu-waan tokkollee gochuu dhiifne fayyisuu Yesuus irratti hirkanna.

Oolfamuu ni dandeenya. Ofii keenyaan Waaqayyo duratti sirrii fi gaarii of gochuu akka hin

Page 26: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

26 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

dandeenye beekuu qabna. Kanaafuu, Waaqayyo duratti cubbamoota sii’oliif kaa’aman akka taanee amannee, “Yaa Waaqayyo, cubbuu koottii na fayyisi araara keetiinis na ilaali” jennee gara laafummaa isa kadhachuu dandenya. Yeros, Waaqayyo sagalee isaatiin nu quunnama. Haala kanaan, fayyuu dandeenya.

Kottaa kadhannaa Daawwitiin ni ilaalla. “Ati dubbii dubbatteen qajeelaa, firdii faraddeenis qullaa’aa ta’uun kee in beekama” (Faarfannaa 51:4).

Daawwiti cubbamaa hammaataa isa sii’olitti gadi darbatamu akka ta’e ni beeka ture, garuu Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, yoo ati cubbamaa dha jettee na waamte, ani cubbamaa dha. Yoo ati qajeelaa dha naan jette, ani qajeelaa dha. Yoo ati na fayyifte, nan fayya; yoo ati immoo sii’olitti na ergite, dhumni koo isuma ta’a.”

Kun amantii sirrii ta’ee fi karaa ittiin fayyanii dha. Egaa akka kanatti of yaaduu qabna fayyisuu Yesuusitti amanuuf abdii qabna yoo ta’e.

Cubbuun Keenya Sirriitti Beekuu Qabna Nuyi hundi keenya sanyii Addaam waan taaneef,

laphee keenya keessa hawwii cubbuutu guutee jira. Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo maal nutti dubbataa? Inni akka nuyi hin ejjine nutti dubbata yoo yaadni ejjaa laphee keenya keessa jiraate iyyuui. Yaadni ajjechaa laphee keenya keessa jira, haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo maal nutti dubbataa? Inni akka nuyi hin ajjeefne nutti dubbata. Nuyi warra keenya ni rakkifna, haa ta’u iyyuu malee, inni akka nuyi isaaniin ulfeessinu nutti dubbata. Sagaleen isaa gaarii fi qajeelaa akka ta’e hubachuu qabna, garuu laphee keenya keessa cubbuun guutee jira.

Kun sirrii dha moo sirrii miti? Sirrii dha. Kanaafuu, Waaqayyo duratti maal gochuu qabna? Nuyi galma cubbamootaa fi abdi dhabeeyyii akka taane amanuu qabna. Kaleessa cubbuu hin hojjenne waan taaneef qajeelaa turre jennee ni yaadna yoo taane sirri hin taanu. Altakkaa cubbamoota taanee dhalanneerra. Waan gaarii meeqa iyyuu yoo hojjenne

Page 27: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

27 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

cubbuu jalaa ba’uu hin dandeenyu. Sababii kanaaf karaa amantii cuuphamuu Yesuusiin fayyuu qabna.

Sababii hojiiwwan cubbuu kan akka: Alalummaa, ajjeechaa, hanna, ejjaa kkf…goonuuf cubbamoota hin taanu, kan cubbamoota taanuuf sababii cubbamoota taanee dhallanneefi. Cubbuu gosa kudha lamaa wajjin dhalannee ija Waaqayyoo duratti cubbamoota taanee waan dhalanneef, yaalii keenyaan gaarii ta’uu hin dandeenyu. Yoo akkas of goona ta’e ofumaa gaariitti of fakkeessuu dha.

Yaada cubbuu tiin dhalanneerra, cubbuu mul’ataa hin hojjenne yoo taane iyyuu attamitti qajeelaa ta’uu dandeenya? Ofii keenyaan Waaqayyoon duratti qajeelaa of gochuu hin dandeenyu. Qajeelota yoo ofiin jenne, kun of tuulummaa dha. Yesuus Farisotaa fi Saduuqotaan, “of tuultota Fariisotaa fi Saduuqotaa” jedhe. Dhalli namootaa cubbamoota ta’anii dhalataniiru waan ta’eef bara isaanii guutuu Waaqayyo duratti cubbamoota.

Eenyu iyyuu ani nama hin lollee ykn eenyuun

iyyuu hin rukkunne ykn limmoo tokko iyyuu eenyuun duraa hin hanne waanan ta’eef cubbuu hin qabu jedhee kan yaadu ni soba/di sababiin isaa namni kamiyyuu cubbamaa ta’ee waan dhalateef. Namni akkas jedhu sobaa, cubbamaa fi of-tuulaa dha. Kun akkaataa Waaqayyo ittiin isa/ishee ilaaluu dha.

Tokkoon tokkoon namaa dhalachuu isaatii eegalee cubbamaa dha. Cubbuu mul’ataa tokko iyyuu hin goonee yoo ta’e illee, carraan kee sii’oliin ta’a. Seerotaa fi abboommiiwwanyoo eegdee iyyuu, ati cubbamaa sii’oliin dhaqaa jirtuu dha.

Egaa, carraa akkasii nu eeggatu kanaaf maal gochuu qabnaa? Araaraa Waaqayyoo kadhachaa cubbuu keenyattii fayyuuf isatti hirkachuu qabna. Yoo inni nu hin fayyisu ta’e, gara sii’oliin dhaquu keenya. Carraan nuti qabnu kanuma.

Warra dubbii Waaqayyoo fudhatan qofaatu dhuguma akka cubbamoota ta’an amanu. Isaan kun amantii dhaan qajeelota akka ta’anis ni keeku. Kanaafuu, dubbii isaa cal’isanii itti amanuu dhiisuun cubbuu ulfaataa akka ta’e ni beeku. Warri sagalee isa

Page 28: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

28 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

fudhatan, yoo duraan cubbamoota ta’ani iyyuu amma qajeelota ta’u. Isaan warra dubbii isaattii ayyaanaa isaan lammaffaa dhalatani fi warra hunduma irra caalaa eebbifamoo ta’u.

Warri Hojii Isaaniitiin Fayyuuf Yaalii godhan Amma iyyuu Cubbamoota

Erguma Yesuusitti amananii booda iyyuu kan cubbamoota ta’an

eenyu fayii?

Warra hojii dhaan fayyuuf yaalii godhanii dha

Kottaa Galaatiyaa 3:10 fi 11 ni dubbifnaa. “Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuuisaanii abdatan, abaarsa jala jiru,

caaffanni qulqulla’aan: ‘namni wanta macaafa seerichaa keessatti barreeffame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraannee abaaramaa dha!’ in jedha. Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuu dhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee akka hin lakka’aamne mul’ataa dha, ‘namni amantii dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee jireenya dhugaa ni argata.’”

Akkas jedhameera, “…namni wanta macaafa seerichaa keessatti barreeffame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraannee abaarmaa dha.” Yesuusitti nan amana jedhanii, hojii dhaan qajeelota ta’uuf warri yaalii godhanis abaaramoo dha. Warri hojii isaaniitiin qajeelota ta’uuf yaalii godhan eessa jiru? Isaan kun abaarsa Waaqayyoo jala jiru.

Waaqayyo maaliif seera nuuf kenne? Inni akka nuyi cubbuu keenya ittiin hubannuuf seera nuuf kenneerra (Roomaa 3:20). Akkasumas inni guutummaan guutuutti cubbamoota sii’oliif qophaa’an akka taanes beekuu keenya ni fedha.

Cuuphamuu Yesuus, ilma Waaqayyootti,

Page 29: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

29 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

amaniitii bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhaladhu. Achumaan, cubbuu keettii ni fayyita, qajeelaas ni taata, jireenya barabaraas ni argatta, gara waaqaas ni dhaqaxa. Laphee kee keessaa amantii qabaadhu.

Cubbuu of Tuulummaa Biyya Lafaa Keessaa

Biyya lafaa keessaatti Cubbuu of tuulummaa isa kamii?

Seera jalatti jiraachuu

Nuyi amantii dhaan eebba isaa keessatti warra

qabanee dha. Waaqayyo warra dubbii isaatti amanan fayyisa.

Har’a, amantoota keessaa, warri seera eeganii jiraachuuf yaalii godhan jiru. Seera eeganii jiraachuuf inni isaan yaalii godhan bayeessa, garuu attamitti

danda’aama? Warrii seera eegnee jiraanna jedhanii yaalan

gowwoota akka ta’an hubachuu qabna. Ammuma nuyi yaallu, rakkinni nutti dhufa. Akkana jedhe, “Amantiin dhaga’uu irraa dhufa, kan dhagaa’amus dubbii Waaqayyoo dha.” Kanaafuu fayyuu dhaaf of tuulummaa keenya kutuu qabna.

Fayyuu dhaaf Sadarkaa mataa keenyaa keenyaa dhaabuu qabna

Fayyuu dhaaf maal gochuu qabna?

Sadarkaa mataa keenyaa keenyaa dhaabuu qabna.

Namni attamitti fayyaa? Yeroo namni sun

Page 30: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

30 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

cubbamaa ta’uu isaa mirkanneeffatu/ttu dha. Namoota baayyeen sababii akkaataa amantii isaanii fi yaalii hojii tiin fayyuu of keessaa hin baaoneef kan hanga ammaatti hin fayyiin jiran.

Waaqayyo warra seera jalatti of hidhaniin abaaramoo jedha. Erga Yesuusitti amananii booda seera eeguudhaan irraa-jalaan werri qajeelota taana jedhanii amananis abaramoo dha. Isaan Waaqayyotti amananii jiru, karaa biraa immoo fayyuu dhaaf seericha bakkaan ga’uu qabna jedhanii yaadu.

Yaa firootaa, hojii keenyaan qajeelaa ta’uu ni dandeenyaa? Dubbii Yesuusitti amanuu qofaan qajeelota taana; akkaaataa kana qofaanis fayyina. Cuuphamuu Yesuusitti amantii qabaachuu, dhiiga isaa fi sadan tokkummaatti amanuu dhaan fayyina.

Waaqayyo karaa qajeelummaa ittiin argannu irra nu buusuu dhaaf seera amantii nuuf qopheesse. Fayy’inni bishaanii fi hafuuraa hojii namootaa irra hin dhaabbatu, inni amantii dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’a. Waaqayyo karaa amantii nu fayyise, inni immoo akeeka Waaqayyo karaa fay’ina guutuu ittiin

nuuf qopheessee dha. Warri akkasumaan Yesuusitti amanan maaliif

hin fayyani? Sababiin isaa dubbii fay’ina bishaanii fi hafuuraa waan hin fudhanneefi. Garuu, nuyi warri akka isaaniitti guutuu hin taanee, karaa amantii sagalee Waaqayyoo fay’ina ni arganna.

Namoonni lama dhagaa daakuu lama irratti ni hojjetu yoo ta’e, inni tokko erga fudhatamee booddee iyyuu inni booddeetti hafe ni hojjeta. Inni booddeetti hafe isa hanga ammaatti hin fayyin jiru ni oggana. Inni tokko fudhatamee inni kaan immoo maaliif booddeetti hafaa?

Sababiin isaa inni tokko sagalee Waaqayyoo dhaga’ee itti amaneera, inni kan immoo seera eegee ittiin fayyuudhaaf utuu ittiin hojjetuu dhuma irratti sii’olitti gadi bu’a. Namni kun gara Waaqayyootti daa’imaa ture, Waaqayyo garuu akka darabiin miilla isaatti ol ba’aa jirtuutti lakkaa’ee isa/ishee naasise. Namni yaalii seera eeguudhaan Waaqayyoon quunnamuuf itti ni daa’ima yoo ta’e, gara sii’olitti gadi bu’uun isaa/shee waan oolu miti.

Page 31: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

31 Fayyuudhaaf dursinee waa’ee cubbuu keenyaa beekuu qabna

Sababii kanaafi kan nuyi amantii bishaanii fi hafuuraatiin fayyuu qabnuuf.

“Warri waan seerrii isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan, abaarsa jala jiru, caaffanni qulqullaa’aan ‘Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafameo hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abarmaa dha!’ in jedha,’” “Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuu dhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee akka hin lakk’aamne mul’ataa dha, ‘namni amantii dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee jireenya dhugaa ni argata’” (Galatiyaa 3:10-11, Roomaa 1:17).

Dubbii isaatti amanuu dhiisuun isa duratti cubbuu dha. Itti dabalees, akkuma qulqul’ina jireenya nama tokkoottis sagalee Waaqayyoo callisuun cubbuu ta’a. Nuyi dhalli namaas seera isaa dandeenyee hin eegnu sababiinsaa cubbuudhaan waan dhalanneef bara jirannu hundumaatti cubbamaa taanee jiraanna. Iddoo kanatti cubbuu xiqqoo hojjenna yoo ta’e iddoo biraattis akkasuma hojjenna, iddoo itti adeemnu hundaattis akkasuma goona.

Nama foonii waan taaneef cubbuu gargaaruu akka hin dandeenye hubachuu qabna.

Dhalli namaa akka xaa’oo keeshaa ciramaa tokko keessa jiruuti. Yeroo baachuuf yaal’u, karaa nuyi itti adeemnu hundaatti ni arca’a. Nuyi egaa nama akka kanaati. Iddoo adeemnu hundumaatti cubbuu arcaasaa adeemna. Fakkii isaa kaasuu ni dandeessaa?

Amma iyyuu qulqulluu akka taatetti of fakkeessaa jirtaa? Yoo sirriitti ofii kee barte, yaalii waa’ee hin baafnee akkanaa dhaabdee cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanta.

Warri hanga ammaatti lammaffaa hin dhalatin jiran yaada isaanii dhiisanii Waaqayyo duratti cubbamoota gadadamoo akka ta’an amanuu qabu. Gara sagalee isaatti deebi’anii akkaataa inni hafuuraa fi bishaaniin isaan fayyise bira ga’uu qabu.

Page 32: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 2

Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii

Dhalataniiru

Page 33: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

33 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii

Dhalataniiru

< Marqoos 7:20-23 > “Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa namaa

keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama ni godhu” jedhe.

Namoonni yaada hin qabatamne, manamaa keessa jiru

Sirriitti eenyutu fayya jettee yaadda?

Nama gutummaan guutuutticubbamaa

akka ta’etti of-lakkaa’u.

Hunda dura, Gaaffii tokkon si gaafachuu jaalladha. Attamitti ofii kee ilaaltaa? Gaarii immoo gadheetti ofii kee yaadda? Maal yaadda?

Namni hundinuu jireenya manamaa keessa jira. Yookaan akka ati yaaddetti gadhee hin taatu ta’a, yookaan immoo akka ati gaariitti yaaddes hin taatuu ta’a.

Eenyutu egaa, jireenya amantii fooyyaa’aa geggeeffata jettee yaadda? Nama ofiisaa/ishee gaariitti lakaa’uu/ooftuu dhaa moo? Nama

Page 34: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

34 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

ofiisaa/ishee gadheetti lakaa’uu/ooftuu dhaa? Isa booddanaa ti. Ammas gaaffii kan biraa sin

gaafadha. Eenyutu fayya jettee yaadda isa cubbuu baayyee hojjetu dhaa moo ? isa cubbuu muraasa hojjetu dha? Nama isa akka cubbuu lakkaa’amuu hin dandeenye qabutti ofii isaa yaadutu fayya sababiinsaa akka nama cubbuu guddaa qabuutti waan of lakkaa’eef/fteefi. Namni akkasii dubbii fayyinaa karaa Yesusiin qophaa’ef caalaatti ni hubata/tti.

Dhugaadhumatti yoo of ilaalle, nuyi cubbuudhaan akka guutamnee jirru mirkanaa’aa dha. Dhalli Namaa maal inni? Namni ‘sanyii hamtugootee’ dha. Isaayaas 59 keessatti, gosti jallinaa hundi yaada garaa namaa keessa akka jiru ni ibsa. Kanaafuu, namni galma cubbuu ta’uun isaa ifaa dha. Haa ta’u iyyuu malee,dhala namaa akka galma cubbuutti yoo ibsine, namoonni baayyeen ni mormu. Garuu, dhala Namaa akkainni ‘hamtugootee’ ta’etti ibsuun hiikkaa sirrii ta’a. Amanamuummaa dhaan ofii keenya yoo ilaalle, sirrii dhumatti dhaloota hamaa ta’uun keenya ni ibsama. Warri ofii isaanitiif

amanamoo ta’an yaada kana irra ga’uun isaanii barbaachiisaa dha.

Garuu, namoonni baayyeen galma cubbuu akka ta’an kan hin fudhanne fakkaatu. Baay’eenis gammachuutti jiraatu sababii cubbamootaatti of hin lakkoofneef. Nuyi hamtugootee waan taaneef, qarooma cubbuudhaan guute uumneerra. Kun dhugaa hin turre yoo ta’e, cubbuu gochuutti hin qaanofna turre. Haa ta’u iyyuu malee, baayyeen keenya yeroo cubbuu hojjennu hin qaanofnu.

Haa ta’uu iyyuu malee, yaadni garaa isaanii ni beeka. Namni hundinuu, yaada garaa isaatti/isheetti, “Kun qaanii dha” jedhee itti dubbatu ni qabaatu. Addaamii fi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda mukeetii keessa ofii isaanii dhoksani. Har’as, yakkamtoonni baayyeen aadaa hamaa aadaa__ cubbuu keenyaa keessa of dhoksu. Firdii Waaqayyoo jalaa ofdhoksuu dhaaf yakkamtoota akka isaanii keessas ofdhoksu.

Namoonni yaada isaanii isa hmqabatamneen gowoomfamaniiru. Warra kaan caalaatti akka wanta

Page 35: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

35 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

jaallatamaniitti of lakkaa’u. Kanaaf, yeroo oduu gadhee tokko dhagaa’an, “Attamitti namni waan akkasii godha? Namni attamitti waan akkasii hojjeta? Mucaan attamitti waan akkasii warra isaa irratti hojjetaa?” ni jedhu. Ofii isaaniitii waan akkasii akka waan hin hojjenneetti of amanu.

Jaallatamoo Obbolootaa, ofii keessan beekuun baayyee rakkisaa dha. Dhugaadhumatti ofii keenya beekuudhaaf, dursinee dhiifama cubbuu fudhachuu qabna. Beekumsa waa’ee amala namummaa keenyaa argachuun yeroo baayyee nu gaafata, baayyeen keenya jirra hanga gaafa du’a keenyaatti kan of hin beekin hafnu.

Ofii kee bari

Warri ofii isaanii hin

beekne attamitti jiraatu?

Isaan of tuulummaa dhaan Cubbuu isaanii dhokfatanii jiraatu.

Yeroo tokko tokko namoonni ofii isaanii

dhugaatti hin beekne nu mudatu. Sookireet “Ofii kee bari” jedha. Garuu, baayyeen keenya wanta laphee keenya keessa jiru hin beeknu: Ajjeeftuu, hattuu, hawwituu, hamoo, gowwoomsitoota, albaadheyyoota, warra foon namaa nyaatan….

Namni ofii isaa hin beekne summii bofaatu arraba isaa/ishee irra jira garuu gaarummaa isaa immoo ni dubbatu. Sababiin isaa namni sun akka cubbamaa/cubbamtuu ta’ee dhalachuu isaa/shee waan hin beekneefi.

Biyya lafaa kana irra kan eenyummaa uumama

Page 36: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

36 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

isaanii hin beekne hedduu tu jiru. Isaan gowwoomsaa ofii isaaniitiin of ukkaamsanii jireenya isaanii of jalaa ni gabaabsu. Isaan kun jireenya isaanii sii’ol keessatti akka darbachaa jiranis hin hubatani sababa gowwoomsaa-ofii isaaniitiif.

Namoonni bara isaanii lafa irraatti cubbuu dhangalaasaa jiraatu

Maaliif isaan gara sii’oliin dhaquu?

Sababiinisaa ofii isaanii waan

hin beekneefi Kottaa Maarqoos 7:21-23 in ilaallaa. “Isa yaada

garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama

ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama in godhu jedhe.” Namni garaa haadha isaa keessatti erga guddachuu jalqabee eegalee garaan isaa yaada hamaatiin kan guutamee dha.

Kottaa mee garaan namaa akka wanta birciqqoo irraa hojjetamee bukkeen isaa immoo urataa dhangala’aa xurii qabutti in yaadnaa. Namni kun fuula duraa fi booddeetti yommuu adeemuu maaltu ta’aa? Dhangala’an xurii (cubbuu) sun iddoo hundumaa waliin ni ga’a. Yeroo namni sun deemuu, cubbuun irra deddeebi’ee iddoo hundumaa waliin ga’a.

Nuyi, warri galma cubbuu taane garuu, jireenya keenya akkuma kanatti jiraachifachaa jirra jechuudha. Bakka adeemnu hundaatti cubbuu coccobsina. Bara jireenya keenya hundaatti cubbuu hojjenna sababiinsaa galma cubbuu waan taaneef.

Page 37: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

37 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Rakkoon isaa nuyi galma cubbuu akka taane waan hin hubanneef, yookaan immoo jecha biraatiin, sanyii cubbuu waan taaneef. Nuyi galma cubbuu taanee erga dhalannee kaafnees laphee keenya keessaa cubbuu qabna.

Galma cubbuu guutee irra dhangala’uutti in fakkeeffamna. Namni garuu, dhugumaan, cubbuu dhaalaa akka qabu hin amanu. Isaan akka namni biraa gara cubbuutti isaan oofeetti yaadu malee, ofii isaaniitii akka waan nama gadhee ta’aniitti hin hubatan.

Yeroo cubbuu hojjetan iyyuu, ofii isaanii qulqulleeffachuuf namoonni akka maadaalliitti kan isaan kaa’atan cubbuu of irraa axaa’uudha. Yeroo cubbuu hojjetan hundumaatti baayyisanii ni boo’u, akka wanta isaan cubbuu kana keessaa hin qabneettis ofitti ni dubbatu. Erga ofii keenya in qulqulleeffanna ta’ee, cubbuu facaasuu ittuma haa fufnuu? Irra deddeebinee cubbuuttii of gulleessuun barbaachisaa dha.

Yeroo birciqqoon cubbuu dhaan guutamu,

irrumaa dhangala’aa adeema. Kanaafuu, bakkee isaa irraa axaa’uun waan fayyadu hin qabu. Bakkee isaa hojii gaarii agarsiifnee si’a meeqa yoo miiccine iyyuu, faayidaa hin qabu, hanga birciqqoon sun cubbuu dhaan guutee jirutti.

Nuyi cubbuu dhaan guutamnee waan dhalanneef lapheen keenya duwwaa ta’uu hin danda’u; rakkinni isaa hammam akka nuyi ittiin kufne miti. Kanaafuu, bara jireenya keenya hundumaattuu cubbuutti jirra jechuu dha.

Namni tokko galma cubbuu ta’uu isaa hin hubatu yoo ta’e, cubbamaa/tuu akka ta’an dhokfachuu ittuma fufu. Cubbuun laphee namaa keessa ni taa’a, bakkee isaa dhiquu dhaan hin sokku. Cubbuu tokkotti yeroo buunu, huccuu dhaan ni axoofna ammas yemmuu nu mudatu, haxooftuudhaan…fooxaa booddeen immoo afaata isaa guurra. Abdiidhaan cubbuu haxaa’uu keenya yeroo itti fufnu ni qulqullaa’aa, garuu ammas irra deddeebi’ee ni guuta.

Kun amma yoomiitti itti fufa jettee yaadda?

Page 38: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

38 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Amma gaafa du’a nama sanaatti ittuma fufa. Amma gaafa guyyaa du’a isaaniitti namoonni cubbuu isaaniittii hiikamuu hin danda’ani. Sababii nuyi fayyuudhaaf Yesuusitti amannuuf kanaafi. Fayyuudhaaf immoo jalqaba ofii keenya beekuu qabna.

Jaalala Yesuusiin kan guddisee fudhachuu danda’u

eenyuu dhaa?

Cubbamoota warra dogoggora hedduu akka qaban amananii dha.

Kottaa nama lama birciqqoo lama xuriin kan

guutamee jiruutti fakkeessinee ilaalla. Birciqqoon lamaanuu cubbuu dhaan kan guutamanii dha. Inni tokko ofii isaa ilaalee, “Ani nama cubbamaa akka kanaati” jedhe. Achuma dhaabee, nama isa garagaaru barbaaddachuu dhaqe.

Garuu namichi inni kan biraa akka dhuguma hamaa ta’etti ofii isaa hin yaadne. Galma cubbuu laphee isaa keessatti arguu hin dandeenye kanaafuu akka cubbamaa ta’e hin yaadne. Gar tokkoon irraa axaa’ee, gara kaanis axaa’ee….ariitiidhaan gara isa kaaniitti… utaale.

Namoonni baayyeen kan jireenya isaanii eeggannoon qabatan jiru, hanga dandaa’ametti cubbuu xiqqeessuu dhaan akka inni irra hin dhangalaane ni godhu. Garuu ammuma iyyuu cubbuun laphee isaanii keessa waan jiraatuuf, wanti gaarii ta’u maalii? Of eeggannoon gara Waaqaatti nama hin dhi’eessu. “Of eeggachuun” caalaatti iyyuu karaa sii’ol irra bu’uu dha.

Yaa michootaa, “Of eeggachuun” gara sii’olitti kan nama geessuu dha. Barumsa kana laphee keenytti fudhachuu qabna. Namoonni yeroo of eeggatan, cubbuun isaanii badaa irra yaa’ee hin dhangala’u ta’a, garuu isaan ammuma iyyuu cubbamootuma.

Garee namaa keessa maaltu jiraa? Cubbuu? Rakkoo naamusaa? Eeyyee! Yaada hamaa? Eeyyee!

Page 39: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

39 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Hannatu tu jiraa? Eeyyee! Oftuullummaa dhaa? Eeyyee!

Gargaaruu hin dandeenyu garuu galma cubbuu akka taane, addumaan cubbuu fi jallina ofii keenyaa, utuu akkanan godha jennee hin yaadin balleesssaa keenya akka ta’e amanuu dha.

Yeroo dargaggummaa keenyaatti ifaa ta’uu dhiisuu danda’a. Garuu yeroo dulloomaa dhufnu maal fakkataa? Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, Kolleejjii, fi kkf dhaqnu wanti nuyi laphee keenya keessaa qabnu cubbuu ta’uu isaa gara hubachuutti dhufna. Kun dhugaa mitii? Dhugaan yoo dubbanne, jireenya cubbuu keenyaa dhoksuu hin dandeenyu. Sirrii dhaa? Gargaaruu osoo hin taanee akka inni guutee irra hin dhangalaane qofa ittisna ta’a. Egaa ni gaddina, “Sana gochuu hin qabnu” jenna. Haa ta’uu iyyuu malee, akka jijjiiruu hin dandeenye ni argina. Kun maaliif ta’aa? Sababiinsaa hundumti keenya galma cubbuu taanee waan dhalanneefi.

Of eeggachuudhaan qulqulloota ta’uu hin

dandeenyu. Wanti nuyi beekuu qabnu fayyuudhaaf galmaa cubbuu taanee akka dhalanne amanuu dha. Cubbamoota warra fayyina karaa Yesuus fudhatan qofaatu fayya.

Warri, “Ani hir’uu baayyee hin qabu ykn immoo baayyee hin yakkine,” jedhanii yaadan Yesuus cubbuu isaanii akka irraa fuudhee hin amanan waan ta’eef warri akkanaa sii’oliif kan qophaa’anii dha. Hundumti keenya galma cubbuu akka of keessaa qabnu beekuun barbaachisaa dha sababiinsaa isumaan waan dhalanneefi.

Namni tokko, “Ani cubbuu baayyee hin hojjenne ishee kana qofaattii yoon fayyuu danda’e” jedhee yoo yaade, inni/isheen ergasii cubbuut tii bilisa ni ta’uu? Kun hundee ta’uu hin danda’u.

Kan fayyuu danda’u nama akka galma cubbuutti of simate/tte dha. Warra dhugumaan Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa kaasee du’aa isaatiin gatii cubbuu fannoo irratti akka kaffaleetti kan amane/amantee dha.

Yoo fayyines yoo hin fayyine ta’es, yaada hin

Page 40: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

40 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

qabatamne keenya keessa galuun keenya hin oolu. Nuyi galma cubbuu ti. Kun eenyummaa keenya mullisa. Kan fayyuu dandeenyu yeroo nuyi Yesuus cubbuu keenya akka inni nu irraa kaasee amannu qofaa dha.

Waaqayyo warra ‘Cubbuu xiqqoo’ qaban hin fayyifne

Eenyu inni Gooftaa Goowwoomsuu?

Warra guyyaa-guyyaatti dhiifama

cubbuu fedhanii dha

Waaqayyo warra ‘cubbuu xiqqoo’ qofa qabna ofiin jedhan hin fayyisu. Waaqayyo warra, ‘Waaqayyo ani cubbuu xiqqoo qofaan qaba’ ofiin

jedhan hin millatu. Kan inni araara itti agarsiisu, warra “Waaqayyo, ani galma cubbuu dha. Ani gara sii’oliin dhaqaan jira. Adaraa na fayyisi” ittiin jedhan fayyisa. Cubbamoota warra, “Waaqayyo, kanan fayyuu yoo ati nafayyifte qofaa dha. Kanaan booda qalbii diddiirrannaaf kadhachuu hin danda’uu sababiin isaa ani akkan gargaaruu hin dandeenye bareera, kanaon danda’u cubbuu itti fufuu duwwaa dha. Kanaafa adaraa na fayyisi” jedhani qofaa dha.

Waaqayyo warra gutummaan guutuutti isa irratti of gatan fayyyisa. Ani ofii kootiiyyuu guyyaa guyyaatti kadhannaa qalbii diddiirrannaa godhachuuf yaalii godheera, haa ta’u iyyuu malee kadhannaan qalbii diddiirrannaa cubbuu irraa bilisa na gochuu hin dandeenye. Kanaafuu, Waaqayyoon dura jilbeeffadheen, “Waaqayyo, adaraa gara laafinaan na ilaali cubbuu koo hundumaattii na fayyisi” jedheen kadhadhe. Warri akka kanatti Waaqayyoon kadhatan in fayyu. Isaan gara fayyisuu Waaqayyoo fi gara Yohaannis cuuphaan cuuphamu Yesuusiin in dhufu. Isaan in fayyu.

Page 41: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

41 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Waaqayyo warra akka galma cubbuu, gartee hamtuu gooteetti ofii isaanii tilmaaman fayyisa. Warra, “Ani cubbuu xiqqoo kana hojjedheera. Adaraa ishee kana naaf dhiisi,” jedhan amma iyyuu cubbamoota, Waaqayyoos isaan hin fayyisu. Waaqayyo warra guutummaan guutuutti akka galma cubbuutti ofii isaanii simatan fayyisa.

Isaayaas 59:1-2, akkan jedha, “Kunoo harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dadhabne. Yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessanii tiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise.”

Sababii akka galma cubbuutti dhalanneef, Waaqayyo jaalalaan nu ilaaluu hin dhiifne. Sababii harki isaa gabaabbateef miti, gurri isaa sababa itti ulfaateef mite, yookaan immoo gaaffii dhiifama cubbuu keeny waan dhaga’uu dadhabeef miti.

Waaqayyo, “Yakka keessantu anattii gargar isin baase; cubbuun keessanis fuula koo isin jalaa

dhokse, kanaaf hin dhaga’u” jedha. Sababiin isaa cubbuu baayyee laphee keenya keessa qabna, teessoo Waaqayyoo seenuu hin dandeenyu, yoo hammam banamaa ta’e iyyuu.

Nuyi, warri galma cubbuu taane, akkuma cubbuu hojjenneen dhiifama yommuu gaafannu, Waaqayyo irra deddeebi’ee ilma isaa ajjeesuu qaba jechuu dha. Waaqayyo kana gochuu hin barbaadu. Inni, “Guyyaa hundumaa cubbuu kee baadhattee gara koo hin dhufin. Ani cubbuu kee hundumaattii si fayyisuu dhaaf ilma koo sii ergeera. Wanti ati gochuu qabdu akkaataa inni ittiin cubbuu kee si irraa kaase hubattee dhugichatti immoo amanuu dha. Innis, fayyuudhaaf wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu dha. Yaa uumama koo, jaalalli olaanaa ani siif kenne isa kana” jedha.

Wanti inni nutti dubbatu kana. “Ilma kootti amanii dhiifama cubbuu ni argatta. Ani, Waaqni kee, cubbuu kee fi irra-daddarbaa kee hundaattii si fayyisuudhaaf ilma koo sii ergeera. Ilma kootti amanii tii fayyi.”

Page 42: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

42 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Warri galma cubbuu ta’uu isaanii dagatan cubbuu xiqqoo hundumaaf dhiifama kadhachaa adeemu. Ba’aa ulfaataa cubbuu isaanii utuu hin hubatin isa dursanii adeemanii akkana jedhanii kadhatu, “Adaraa kee cubbuu xiqqoo kana anaaf dhiisi. Lammaffaa hin hojjedhuutii.”

Kadhannaa akkanaatiin isa gowwoomsuu yaalu. Cubbuu altokko qofa hojjenna miti, amma gaafa du’a keenyaatti ni hojjenna. Kanaafuu bara jireenya keenyaa hundumaatti dhiifama cubbuu kadhachuu qabna sababiinisaa cubbuu dhaabuu hin dandeenyu hanga gaafa du’a keenyaatti foonni keenya harkaa seeraa jalatti waan hojjetuuf.

Cubbuu xiqqoo dhaat dhiifama argachuun rakkoo cubbuu tiif furmaata hin argachiisu sababiin isaa guyyaa guyyaan cubbuu lakkaa’amee hin dhumne waan hojjennuuf. Kanaafuu, karaa nuyi cubbuuttii bilisa ta’uu dandeenyu cubbuu keenya hunda gara Yesuusitti dabarsuu dhaani.

Umamni namaa maayinnii?

Galma cubbuu

Macaafni qulqulluun cubbuu ilmaan namaa gadi

fageenyaan ni ibsa: Harka keessan dhiigaan barruu keessanis yakkaan xureessitaniittu; afaan keessaniin soba in dubbattu, arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageesiftu. Namni firdii qajeelaadhaan adeemu, namni dhugaa dhaan faradus tokkoillee hin jiru. Isin dubbii waa’ee hin baafne in amanattu, sobas in dubbatu; hammina garaa keessa in kaa’attu;jal’inas garaa keessan keessatti in baadhattu. Isin akka nama hanqaaquu mar’ataa cabsee ilmoo ishee yaasuu ti, akka nama fo’aa sariitii fo’uu tis; namni utuu hin beekiin hanqaaquu sana yoo nyaate in du’a. Hanqaaquu isa cabu keessaa immoo ilmoo bofaatu ba’a. Fo’aan sarriitti isin fo’attan uffata hin ta’u, isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan; hojiin

Page 43: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

43 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

keessan nama rakkisuu duwwaa dha, harka keessaniin waan hamaa in hojjettu. Isin ja’lina hojjechuutti in fiigdu, dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuuttis in ariifattu; yaadni keessan jal’aa dha, gara itti adeemtanittis hojiin keessan diiguu fi balleessuu duwwaa dha; lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan, daandii keessan irras firdii qajeelaan hin jiru; karaa jallaa irra in adeemtu, namni yaada keessan duukaa bu’us nagaa hin qabu” (Isaayaas 59:3-8).

Qubni namaa jal’inaan kan faalaman bara jireenya isaani cubbuutti jiraataniiru. Wanti isaan godhan hundinuu hamaa dha. Akkasumas arrabni keenya ‘soba ni dubbatu.’ Wantoonni afaan keenya keessaa ba’an hundinuu soba.

“Seexanni yeroo soba haasa’u, qabeenya ofii isaatii irraa fuudhee haasa’a” (Yohannis 8:44). Warrii lammaffaa hin dhalanne akkana jechuu jaallatu, “Ani dhugaan sitti dubbachaa jira…. Ani haqan sitti dubbataa jira. Wanti ani dubbachaa jiru dhugaa dha….” Haa ta’u iyyuu malee, wanti isaan

dubbatan hundinuu dhugaa miti. Akkanatti barreeffameera. “Seexanni yeroo soba haasa’u, qabeenya ofii isaatii irraa fuudhee haasa’a.”

Namoonni amantii isaanii dubbii duwwaa irra kaa’atu soba in dubbatu. Namni hamaa ulfaa’ee jal’ina dhala. Hanqaaquu botaa ni horu fo’u sariitiis ni fo’u. Waaqayyo akkana jedha, “Kan hanqaaquu ofii isaa nyaatu ni du’a, isa cabe keessaa immoo darabiin keessaa ba’a.” Inni hanqaaquu darabii tu laphee keessan keessa jira jedha. Hanqaaquu botaa! Laphee keessan keessa hamminatu jira. Sababii nuyi wangeela bishaani fi dhiigaan faayyinuuf kanaafi.

Waa’ee Waaqayyoo dubbachuu yeroon jalqabu, warri, “oo, jaallatama! Adaraa kee waa’ee Waaqayyoo natti hin haasa’in jedhu. Yeroon waan tokko hojjechuudhaaf yaalu, cubbuun ana irraa dhangala’a. Akka lolaatti ni yaa’a. Iddoo hundumaatti utuun cubbuu of irraa hin dhangalaasin tarkaanfiis hin fudhadhu. Gargaaruu hin danda’u. Ani cubbuudhaan kanan guutamee dha. Ani nama abdii hin qabnee dha. Kanafuu waa’ee qulqulluu

Page 44: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

44 Ilmaan Namootaa Cubbamoota Ta’anii Dhalataniiru

Waaqayyoo natti hin haasa’in” jedhu. Namichi kun ofii isaatii akka galma cubbuu ta’e

amaneera/tti, garuu Waaqayyo wangeela jaalalaatiin akka raawwatee isa/she fayyise hin barre. Warra akka galma cubbuu ta’an of beekan qofaatu fayya.

Dhuguma, hundi isaani akkasi. Tokkoon-tokkoon namaa bakka itti adeemu hundumaatti cubbuu dhangalaasaa adeema/adeemti. Cubbuun bakka hundumaatti irra ba’ee dhangala’a sababiinsa namni galma cubbuu waan ta’ef. Wanta akkasii kanatti karaa nuyi ittiin fayyinu karaa humna Waaqayyoo duwwaa dha. Kun egaa dinqii dha mitii? Yeroo gaddanitti, yeroo gammadanittis kan cubbuun isaanii irra guutee dhangala’u ykn haala mijataa keessa yoo jiraatan iyyuu karaa gooftaa Yesuus Kiristoos qofa fayyu. Yesuus nu fayyisuu dhaaf dhufe.

Inni cubbuu keenya hundumaa nu irraa haxaa’eera. Kanaaf akka galma cubbuu taate amaniitii fayyi.

Page 45: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 3

Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne nu fayyisuu

in danda’uu?

Page 46: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

46 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu

ni danda’uu? < Luuqaas 10:25-30 >

“Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka’ee, Yesuusiin qouudhaat, ‘Yaa barsiisaa, jireenya barabaraatti galuu dhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?’ jedhee gaafate. Yesuus immoo deebisee, “seera keessatti maaltu caafamee jiraa? Namootaaf attamitti dubbifta?” jedhee isuma gaafate. Kana irratti namichi, “garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta’a” jedhee deebise. Yesuus immoo deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!” jedheen. Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa

of gochuu barbaadee, “nama isa kam?” jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuus immoo deebiseefii, namni tokko Yerussaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeemani.’”

Rakkoo hunduma irra caalaa namni qabuu maali?

Dogoggora hin qabatamne keessa jirachuu isaaniti.

Luqaas 10:28, “in jirraattaakana raawwadhu.” Namoonni dogoggora hin hubatamne hedduutiin

geggeeffamaa jiru. Kana ilaalchisee addumaan gadadamoota fakkaatu. Beektota fakkaatu garuu salphaatti gowoomfamanii yaada isaanii isa hamaa akka inni hamaa ta’e iyyuu utuu hin barin hafu. Akka

Page 47: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

47 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

of hin barre taanee dhalanneerra, garuu akka of barreetti hojjenna. Sababii namoonni ofii isaanii hin beekneef, macaafni qulqulluun yeroo hundumaa akka nuyi cubbamoota taane nutti dubbata.

Namoonni cubbuun isaanii akka jiru ni hasa’u. Akka namni waan gaarii gochuu hin dandeenyees fakkeessanii, ofii isaaniitii immoo gaarii akka ta’aniitti of in lakkaa’u. Arraba isaanii tiin cubbamoota akka ta’an yoo amanan iyyuu, hojii gaarii qabaniin of jajanii of ni agarsiisu.

Wanti gaariis akka isaan keessa jirus ta’e wanta gaarii gochuuf dandeettii akka qabanis hin beekani, kanaaf nama ni gowwoomsu ofii isaanis ni gowwoomfamu. “Kottaa, guutummaan guutuutti hamaa ta’uu hin dandeenyu. Wanti gaariin tokko keessa keenya jira.”

Bu’uuruma kanaan, nama kan biraa ilaalanii akkana ofiin jedhu, “Tolasaan, akka inni sana hin hojjenne nan hawwan ture. Utuuinni wanta sana hin goone ta’ee silaa isaaf gaarii ture. Utuu akkaataa sanatti dubbatee silaa isaaf baa’yee gaarii ture.

Akkaataa kanatti utuu wangeela lallabee silaa isaaf gaarii ture. Inni ana dura fayy’ina argateera, kanaafuu warra amma fayyan caalaatti hojii gaarii hojjechuu qaba ture jedheen yaada. Ani dhihoon fayy’ina argadhe, garuu utuun baay’ee baradhee, isa caalaatti waan gaarii nan hojjedha.”

Bakka rakkatan hundaatti garaa isaanii keessatti haaduu qaru. “Xinnoo obsi. Akka ani si hin fakkaanne in argitaa. Akka waan ana dura jirtuutti ni yaadda ta’a, obsi. Macaafa qulqulluu keessatti warri booddee isa duraa in ta’u jedhamee barreeffameera. Kun immoo ana irratti hojii irra oola. Obsi sin agarsiisaa.” Namoonni akkas jechuudhaan ofii isaanii in gowoomsu.

Namni tokko bakka nama biraa ta’ee, akkuma kanatti ni deebisa yoo ta’e ammayyuu itti faradaa jira jechuu dha. Iddoo lallabaa irraa yommuu dhaabbatu, akkuma tasaa dadhabaa ta’uu isaa of in arga sababii kennaa isaa gararraatti of ilaaleef. Namni waan gaarii gochuu ni dandaa’aa jedhamee yommuu gaafatamu, namoonni baay’een afaan isaaniitiin hin dandaa’amu

Page 48: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

48 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

jedhani ni deebisu. Garuu garaa isaanii keessatti immoo, akka wanta dandeetti qabaniitti waan of lakkaa’aniif yaada of gowwoomsu keessa jiru. Hamma gaafa obbaafataniitti gaarii ta’uuf yaalii godhu.

Garaa isaanii keessatti ‘gaarummaan’ jiraatee waan gaarii sana immoo gochuu akka dandaa’aniitti of yaadu. Isaanumti iyyuu gaarii akka ta’aanitti of ni amanatu. Bara jabina amantii isaanii osoo gargar hin baasin, keessumatti tajaajila hojii Waaqayyoo keessatti fiixa ba’umsa warra agarsiisan gidduutti, “kana sana Gooftaafan godha”, jedhanii ni yaadu.

Jireenya keenya keessaa Gooftaa baafnee, dhuguma waan gaarii gochuu ni dandeenyaa? Nama keessa gaarummaan jiraa? Hojii gaarii hojjenne jiraachuu ni dandeenyaa? Dhalli namaa waan gaarii gochuuf dandeettii hin qabu. Ofii isaanitiin waan gaarii hojjechuuf yeroo yaalii godhan, cubbuu hojjetu. Erga isatti amananii booda Yesuusiin ala ofii dhuma isaaniitiin waan gaarii gochuuf yaalii godhu. Nu keessa kan jiru waan hamaa qofaa dha, kanaaf

wanti nuyi shaakallu waan hamaa duwwaa dha. Ofii keenyaan (nuyi warri fayyine iyyuu), kan nuyi goonu cubbuu qofaa dha. Kun dhugaa namummaa foonii keenyaati.

Guyyaa hundumaa maal hojjenna, gaarii moo hamaa?

Hamaa

Kitaaba galataa keenya keessa, ‘maqaa

Yesuusiin jajadha,’ faarfannaa akkana jedhu tokkotu jira, “♪Yesuusiin ala nuyi gadadamoo dha. Akka doonii sharaan ala galaana ce’uu ti♪.” Yesuusiin ala, wanti nuyi goonu cubbuu qofaa dha sababiinsaa nuyi uumama hamoota waan taaneef. Hojii qajeelummaa hojjechuu kan dandeenyu erga fayyinee booddee dha.

Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hamaa isa ani hin

Page 49: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

49 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

jaallanne garuu nan hojjedha” (Romans 7:19). Namni Yesuusiin wajjin jira yoo ta’e, rakkoo hin qabu, garuu homaa ittii hin qabu/du taatee, Waaqayyoon duratti hojii gaarii hojjechuu barbaada/ddi ta’a. Haa ta’uu iyyuu malee, ammuma namni sun yaalii akkanaa godhu, ammuma sana waan hamaas hojjeta.

Mootichi Daawwti iyyuu amala isaa wajjin dhalate akkanaa qaba ture. Yeroo biyyi isaa nagaa fi sooruma argate, galgala tokko, gamoo bashannanaatti ol in ba’e. Achi irra taa’ee dhaqna isa qoru tokko argee saal quunnamtiitti kufe. Yeroos gooftaa irraanfate fakkaata turee? Inni dhuguma hamaa ture. Batshebbaa wajjin ejjee, Uriyaa abbaa manaa ishee immoo in ajjeese, garuu kana hundumaa hojjetee hamaa ofii isaatii hin argine. Sababii ija ofii isaatiin ilaaleef.

Guyyaa tokko raajichi Naataan gara isaa dhaqee, “Namoonni lama mandara tokko keessa turan. Isaan keessaa inni tokko sooressa, inni kaan immoo hiyyeessa. Inni sooressi hoolota bay’ee fi saawwan baay’ee qaba; inni hiyyeessi garuu ilmoo hoolaa

guddifachuuf bitate tokko malee, homaa tokko iyyuu hin qabu; isheen harka isaatiin ilmaan isaa wajjin in guddatte, midhaan inni nyaatu irraa in nyaatti, qodaa inni keessaa dhugu keessas ni dhugdi turte;inni gudeeda isaa irratti ishee in baata, isheenis isa irra in rafti, inni akka intalaatti ishee in ilaala ture. Gaaf tokko keessummaan namicha sooressa sanatti in dhufe; namichi hoolaa fi saawwa baay’ee qabu Sana keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufe sanaaf nyaata qopheessuu mararsiifatee, iddoo isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessaa sana fuudhee keessummichaaf nyaata in qopheesse” (2 Samuel 12:1-4) ittiin jedhe.

Daawwit akkana jedhee deebise, “Namni kana godhe dhugumaan du’utu ta’af!” Daawwit namicha sanatti aaree boba’ee akkana jedhe, namichi hoolaa fi saawwa baay’ee qabu Sana keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufee sanaaf nyaata qopheessuu in mararsiifate. Iddoo isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sana fuudhee keessummichaaf nyaata in qopheesse. Isaaf du’atu malaaf!” Naataan kana irratti,

Page 50: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

50 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

“Namni kana godhe si” ittiin jedhe. Yesuusiin duukaa buunee isaa wajjin hin deddeebinu yoo taane, warrumti lammaffaa dhalatani iyyuu waan hamaa akkana gochuu danda’u.

Namni hundinuu akkuma kana, warrumti amanamoo ta’an iyyuu. Yesuusiin ala yeroo hundumaa waan suukanneessaa fi hamaa hojjenna. Kanaaf Yesuus baayyina hammina nu keessaa utuu hin ilaalin waan nu fayyiseef yeroo hundumaa irra deddeebinee isa galateeffachuu qabna. “♪Fannoo dhiiga isaatii jalattan boqochuu barbaada♪” Lapheen keenya dhiiga fayyisuu Yesuus jalatti in boqota, garuu dhiiga isaa dhiifnee gara ofii keenyaatti yoo deebine, boqochuu hin dandeenyu.

Waaqayyo Seera duratti Qajeelummaa Amantii nuuf kenne

Amantii moo seera duukaa bu’uutu dursa?

Amantii Ergamaan Phaawulos Waaqayyo jalqabatti

qajeelummaa amantii nuuf kenneera jedha. Innis Addaamii fi Hewwaaniif kenne, Qaa’yin, Abeel, Seet fi Nohi, Abraaham, yisihaaq, Ewwaan fi duma irratti Yaaqoobii fi ijoollota isaa kudha lamaaniif kenne. Seera malee iyyuu, isaan karaa qajeelummaa amantii isa dubbii isaa keessaa argamuun Waaqayyo duratti qajeelota ta’aniiru. Isaan eebbifamanii karaa amantii dubbii isaatii boqonnaa argatan.

Bara darbe sanyiin Yaaqoob biyya Misiriin waggoota 400f sababii Yooseefiif garbummaa jala turan. Ergasii immoo Waaqayyo karaa Musee achii

Page 51: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

51 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

isaan baasee biyya Kanaanitti isaan geese. Haa ta’u iyyuu malee, bara garbummaa waggoota 400 sana keessa qajeelummaa amantii in hir’anfatani.

Kanaaf Waaqayyo dinqii isaa tiin galaana diimaa keessa isaan ceesisee lafa onaa keessa isaan adeemsise. Yeroo isaan iddoo onaa cubbuu sana ga’anitti, Waaqayyo tulluu Siinaa irratti seera kenneef. Inni seerrota isa abboommii kurnanii fi keeyyata seera gad fageenyaan kan qabu 613 in kenneef. Akkana jedhe, “Ani Waaqayyo Waaqa keeti, Waaqayyo isa kan Abrahaam, yisihaaq fiYaaqoobi. Museen gara tulluu Siinaatti ol haa ba’u, seeran itti kennaatii.” Yeroo sanatti, Israa’eliif seera kenne.

Akka isaanittiin cubbuu gargar baasanii hubataniif seera kenneef ‘hubannoo cubbuu akka qabaataniif’ (Roomaa 3:20). Inni qajeelummaa fi qulqullummaa isaa ittiin mul’isuudhaaf wanta jibbuu fi jaallatu gargar baasee isaan hubachiisuu dhaaf ture.

Sabni Israa’el warri biyya Misiritti waggoota 400f garbooman hundinuu galaana diimaa ce’aniiru.

Isaan Waaqa Abraahaam, Waaqa yisihaaqii fi Waaqa Yaa’qoobiin hin argine. Isa hin beekan turan.

Waggoota 400f garbummaatti yeroo jiraatanitti, isaan qajeelummaa Waaqayyoo orraanfataniiru. Yeroo sanatti, isaan geggeessaa hin qaban turani. Yaaqoobii fi Yooseef geggeesitoota isaanii turani, garuu yeroo sanatti isaan erga obbaafatanii turaniiru. Yooseef ijoollee isaa Minaassee fi Efireem tti dabarsuu waan dadhabe fakkaata.

Kanaaf, isaan qajeelummaa isaa waan irraanfataniif irra deebi‘anii Waaqa isaanii barbaadanii isa quunnamuutu irra ture. Kanaaf Waaqayyo dursee qajeelummaa amantii erga isaaniif kennee booda erga isaan amantii irranfatanii booda akka inni seera kenneef hubachuu qabna. Gara ofii isaatti isaan deebisuu dhaaf seera kenneef.

Saba israa’eliin fayyisee dhuunfaa isaa isaan godhachuudhaaaf, akka isaan dhaqna qabatan isaanitti hime.

Kaayyoon waamicha isaatii akka inni jiru akka isaan beekaniif akka inni seera isaaniif kenne fi

Page 52: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

52 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

lammaffaatti immoo, isa duratti cubbamoota akka ta’an akka isaan hubataniifi. Waaqayyo akka isaan gara isaa dhufanii kara sirna aarsaa inni isaaniif kenneen fayyanii akka isaan saba isaa ta’aaniif ture. Inni saba isaa isaan godhateera.

Sabni Israa’el sirna aarsaa karaa seeraa isaaniif kennameen Masihii isa dufuuf jirutti amanuudhaan fayyan. Haa ta’uu iyyuu malee sirnii aarsaa sunis yerootti dadhabameera. Yeroo kun ta’e ni ilaalla.

Luqaas 10:25 keessatti, ogeessi seeraa Yesuusiin qore tokko caqafameera. Innis warra fariisotaa keessaa ture. Fariisonni sunmakaraarsioota (conservatives) warra seeraan Waaqayyotti jiraachuuf yaalii cimaa godhanii dha. Isaan biyya isaanii oolchuuf yaalii erga godhanii booda seera Waaqayyootti jiraachuu barbaadu. Egaa, isaan warra biyya isaaniif baay’ee inaafanii dha, mul’ata isaanii kanas bakkaan ga’achuu dhaaf dhimmanii fincila in kaasu, hirkattummaa warra Roomaa jalaa ba’uu dhaafis cimanii in yaadu.

Yesuus eenyuun

quunnamuu barbaadaa?

Cubbamoota warra eegumsa hin qabne

Amantiin kana fakkaatu bara ammaa keessa

iyyuu jira. Dhaadannoo sochii uummataa kanneen ‘cunqurfamoota addunyaa oolchaa’ jedhu geggeessan jiru. Isaan Yesuus Iyyeeyyii fi cunqurfamoota fayyisuuf dhufe jedhanii amanu. Barnoota amantii Hafuuraat (Seminrariitti) erga baratanii booda, hojii siyaasaa keessatti hirmaatanii, hawaaso keessaa ‘warra gataman’ oolchuuf yaalii godhu.

Isaan warra, “Kottaa seera isa qulqullaa’aa fi araara qabeessaatti in jiraannaa…dubbii isaatiin seerichatti in jiraannaa jeahaniidha.” Haa ta’u iyyuu malee, hiikkaa seeraa sirriitti hin hubatani. Qubee seeraatti jiraachuudhaaf yaalii godhu, seera mul’ataa Waaqayyoo immoo hin hubatan.

Page 53: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

53 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Kanaaf, dhalachuu Kiristoos dura waggoota 400f raajiin, tajaajilaan Waaqayyoo hin jiru jechuu ni dandeenya. Sababii kanaaf, isaan akka horii eegduu hin qabnee turan.

Isaan egaa dhuguma seeras geggeessaas hin qaban. Of tuultota geggeesitoota amantii bara sanaatiin Waaqayyo ofii isaa hin mul’ifne. Biyyichi bulchiinsa warra Roomaa jalatti bitamee ture. Kanaafuu, Yesuus Israa’eloota warra lafa onaa keessatti isa duukaa bu’aa turaniin ani garaa duwwaa gadi isaan hin dhiisu jedhe. Inni saba eegumsa hin qabne sanaaf garaan isaa in gadde, sababiinisaa yeroo sanatti rakkina akkasii kan qaban hedduu waan turaniifi.

Ogeeyyiin seeraa fi kanneen hojii isa fakkaatu irra turan warra mandaroota bulchan turani; fariisonni sun toora amala Yihudootaa irra warra adeeman turani. Isaan baay’ee of tuulu turani.

Barsiisichi seeraa sun Luqaas 10:25 keessatti “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee Yesuusiin gaafate Yaada isaatti Saba

Israa’el keessaa namni amma koo ga’u hin jiru jedhee waan yaade fakkaata. Kanaaf barsiisaan seeraa sun (inni yeroo sana hin fayyine) isa dura dhaabbatee, “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu a naaf ta’a?” ittiin jedhe gaafate.

Barsiisaan seeraa sun calaqqee jireenya keenyaati. Inni Yesuusiin, “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafate Yesuus immoo deebiseefii, “seera keessatti maaltu caafamee jira? Attamitti dubbifta?” ittiin jedhe.

Kanaaf akkana jedhee deebiseefi, “garaa kee guutuu dhaan jireenya kee guutuu dhaan, humna kee guutuu dhaan, yaada kee guutuudhaanis, Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta’a.”

Innis akkana isaan jedhe, “Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraattaa kana raawwadhu.” Yesuus “Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraattaa kana raawwadhu” ittiin jedhe.

Inni dinsireen cubbuu waan gaarii gochuu kan hin dandeenye Yesuusiin dura dhaabbate. Kanaaf,

Page 54: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

54 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

“seera keessatti maaltu caafamee jira? Attamitti dubbifta?” isa gaafate.

Seericha attamitti dubbifatte?

Nuyi namoota cubbamoota seera

eeguu hin dandeenye dha.

“Seericha attamitti dubbifatte?” Yesuus Kutaa kana keessatti, namni tokkos, siinis anas dabalatee, attamittiin seera akka barree fi akka hubanne gaafata.

Akkuma bara ammaatti namoonni baay’een godhan, barsiisaan seeraa sun Waaqayyo seera akka inni eeguuf akka inni kenneefitti hubateera. Kanaafuu akkana jedhee deebise, “garaa kee guutuu dhaan jireenya kee guutuu dhaan, humna kee guutuu dhaan, yaada kee guutuudhaanis, Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti

jaallachuun siif i in ta’a.” Seerichi dogoggora hin qabu. Inni seera mudaa

hin qabne nuuf kenneera. Inni garaa keenya, humna yaaddd fi Iireenya keenya guutuudhaan Goofticha akka jaallannu fi nama akka keenyaa akka ofii keenyaatti akka jaallannu nutti dubbata. Garaa keenyaa, humnaa fi yaada keenya guutuudhaan Goofticha jaallachuun gaarii dha garuu abboommiin qulqull’aa kun nu biratti danda’ee hin eegamu.

“Seericha attamitti dubbifatte?” akkana jechuun seerichi qajeelaa fi sirrii dha, garuu kana attamiitti hubbatta? Barsiisaan seeraa sun Waaqayyo akka inni seericha eeguuf akka isatti kennetti hubateera. Haa ta’uu iyyuu malee, Waaqayyo seera nuuf kennuun isaa hir’ina keenya akka ittin hubannnee jal’ina keenya akka arginuufi. “Cubbuu hojjetteetta. Utuu ani hin ajjeesin jedhuu atimmoo ajjeefteetta. Maaliif anaaf hin abboomamne?”

Seerri garaa namaa keessatti cubbuu bakkeetti baasa. Fakkeenyaaf utuun karaa irra adeemaa jiruu, luxxee bishaataan lafaa arga. Waaqayyo seera isaatiin

Page 55: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

55 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

luxxee kana fuutee hin nyaatin naan jedha. “Yoo kana goote ani nan jibba jedha.” “Eeyyee, yaa abbaa.” “Lafichi kan abbaa abaluu ti, kanaafuu, fuuchuu hin qabdu.” “Eeyyee, yaa abbaa.”

Battaluma akka hin fuune dhageenye, ilaalcha fudhu jedhutu nu keessa bula. Yeroo shiboo raaphisuu tokko gadi qabnu, inni immoo futta’ee ol jedha. Cubbuun namootaas kana fakkaata.

Waaqayyo akka nuyi waan hamaa hin hojjenne nutti dubbata. Waaqayyo gutuu fi qulqulluu waan ta’eef inni kana gochuu ni danda’a. Kara kan biraa immoo, ‘haala kamiin iyyuu’ cubbuu dhiisuu hin dandeenyu akkasuma ‘haala kamiin iyyuu’qulqulluus ta’uu hin dandeenyu. ‘Haala kamiin iyyuu’ waan gaaris garaa keessaa qabaachuus hin dandeenyu. Seerii Waaqayyoo jecha ‘haala kamiin iyyuu’ kan jedhu irratti kan hundaa’ee dha. Maaliif? Sababiin isaa garaa namaa hawwiidhaan waan guutee jiruufi. Hawwii keenyaaf furmaata gaari fiduu hin dandeenyu. Ni ejjina sababiin isaa fedhiin ejjaa garaa keenya keessa waan jiruuf.

Macaafa qulqulluu eeggannaan dubbisuu qabna. Yeroon jalqaba dubbisuuf yaalii godhe, sagalee Waaqayyoo akka seera barreeffameettan alanfadhe. Waa’ee Yesuus fannoo irratti naaf du’uu isaa yeroon dubbise imimmaanni koo dhaabbachuu in dide. Ana nama hamaa akkanaaf fannoo irratti naaf du’e. Isatti amanuu kootiif lapheen koo baay’ee na dhukkube. Egaa, ‘ergan isatti amanee akkuma dubbii isaatiittan amana’ jedheen yaade.

Seera ba’uu 20 yeroon dubbisu akkana jedha, “Waaqota kan biraa na duratti hin qabaatin.” Akka abboommii kanaatti qalbii diddirrachaan kadhadhe. Waaqota biraa qaba moo hin qabu jedheen yaade, akkasumas yoon maqaa isaa akkasumaan waame, ykn immoo isa duratti waaqota biraa yoo qabaadhes jedheen yaade. Yeroo kanatti abuduroo koo keessatti waaqota baay’eef akkan sagadaa turen yaadadhe. Kanaafuu, cubbuu waaqota biraa waaqeffachuu hojjedheera jechuu dha.

Kanaafuu kadhannaa qalbii diddiirrannaa kadhachaa, “Yaa gooftaa ani waaqota biraa

Page 56: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

56 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

waaqeffadheera.” Kanaaf immoo itti adabamuun qaba. Adaraa cubbuu koo kana naaf dhiisi. Lammaffaa itti hin deebi’uu. Ergasii, cubbuu tokkoof eeggannoon waan godhameef fakkaate.

Ammas maqaa isaa akkasumaan waameera yoon ta’e jedheen yaade. Jalqaba yeroon amane keessa akkan Xuuxxuu xuuxaa ture nan yaadadhe. Hiriyoonni koo akkan naan jedhani, “xuuxuu keetiin Waaqayyotti qaani fiddaa? Attamitti kirstaaanni xuuxa?”

Kun akkasumaan maqaa isaa waamuu wajjin tokko, mitii? Kanaafuu, ammas nan kadhadhe, “Yaa Gooftaa, maqaa kee akkasumaan dha’eera. Kanaaf, adaraa naaf dhiisi. Xuuxuus nan dhiisa.” Achumaan xuuxuu dhiisuuf yaaliin gadhe, kanaaf ittuma nama ifaan ta’e, garuu waggaa tokkoof immoo nan dhaame. Xuuxuu dhiisuun baay’ee ulfaataa dha, hin dandaa’amu. Dhuma irratti sirrii dhumattan xuuxuudhaabe. Cubbuun kan biraas isa wajjin walmakatee jira jedheen yaade.

Inni itti fufu immoo “Guyyaa Sanbataa

Qulqulleessi.” Kana jechuun immoo guyyaa sanbataatti waan tokko hin godhu jechaa dha; hojii kamiinis horii fudhachuus…. Kanaaf isas nan dhiise.

Abboommii inni itti fufu immoo “Abbaa kee fi haadha kee ulfeessi.” Ani yeroon karaa irra adeemu isaaniin hin kabajuun ture, yeroon itti dhiyaadhu laphee kootu na dhukkuba. “Yaa gaarummaa koo, ani Waaqayyoon duratti yakkeera. Kanaaf, adaraa naaf dhiisi, Goofta.” Akkana jechaan qalbii diddiirrachaa kadhadhe.

Yeroo sanaa kaasee warri koo waan sassaabamaniif wantan kabaju hin qabu. Egaa maal gochuun qaba? “Yaa Gooftaa, ana nama cubbamaa kanaaf dhiisi jedheen kadhadhe. Ati fannoo irratti anaaf duuteetta.” Attamin galateeffadhan tures!

Akkuma kanatti, tokkoon tokkoon cubbuu kootii keessan seene. Ammas seerri kan biraa immoo jira; hin ajeessin, hin ejjin, hin hawwin…kan jedhu. Hanga yeroo ani hubannoo argadheetti cubbuu koo tokko tokkoon lakkaa’een haikan irratti kadhachaa bula. Garuu egaa akkuma beektu, qalbii diddiirrachaa

Page 57: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

57 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

kadhachuun baay’ee kan nama gammachiisu miti. Kottaa egaa waa’ee isaa ni dubbannaa.

Waa’ee fannoo Yesuusiin yeroon yaadu, baa’yee nan gadda. Nuyi namoota sagalee isaa eeguu hin dandeenye kanaaf akkanni du’e nan yaade. Jaalalaa fi gammachuu inni naaf kenne yaaduu irraa kan ka’e, halkan iyyeen kadhachaa bula.

Waggaa jalqabaa ani waldaa itti hordofaa ture baay’ee salphaa ture garuu waggoota itti aanan lamaanitti boo’aa qalbii diddiirrachuun natti ulfaachaa dhufe sababiin isaa waa’ee imimmaan yeroo dhaa gara yerootti na keessaa yaa’uus waanan yaaduutti ka’eef.

Yeroo imimmaan koo dhufuu didu, tulluutti ol ba’een guyyoota 3f soomaan kadhadha. Ergasii, imimmaanni koo deebi’ee in dhufa. Imimmaan kootiin jiidheen, gara namaatti deebi’een, waldaa keessatti nan boo’an ture.

Namoonni naannoo kootii akkana naan jedhu, “Kadhannaa kee tul’oota irratti kadhattuun baay’ee qulqulluu taateetta.” Garuu imimmaanni koo

deebi’ee ni goge. Waggaan sadaffaa immoo baa’yee ulfaataa ta’e. Ammas dogoggoraan hiriyota koo fi kiristaanota akka kootii irratti hojjedheef ammas deebi’een boo’utti ka’e. Waggoota afur booddee imimmaanni koo deebi’ee in goge. Imimmaanni ija koo jala jira, garuu hin yaa’u ture.

Waggoota 5 booddee, boo’uu hin dandeenye, waa’een dadhabbii boo’icha kootii tomaaiyyuu miti. Furriin funyaan kootii yaa’uu jalqabe. Waggoota lamaan kana booddee, ofii dhuma kootii nan dadhabe, kanaan booda Waaqayyo gara Macaafa Qulqulluutti na deebise.

Page 58: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

58 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Seerri Cubbuu ittiin Beekuu dhaaf Kenname

Waa’ee seeraa maal hubachuu qabnaa?

Seeraa eeguu hin

dandeenyu.

Roomaa 3:20, irratti akkana jedha, “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa.” Jalqabatti, luqisii kana ergaadhuma salphaa ergamaa Paawulositti lakkaa’een dubbiiwwan natti tolan fudhachuun yaalii godhe. Garuu erga imimmaanni koo ana irraa qooree, jireenya amantii kootii itti fufuu hin dandeenye.

Kanaafuu, cubbuun koo ittuma fufe, anis cubbuu laphee koo keessatti nan arga waanan ta’eef seera eeganii jiraachuun akka hin dandaa’amne gara hubachuuttan dhufe. Baachuus hin dandeenye,

seerichas dhiisuu hin dandeenye, sababiinsaa seeronni kun akka abboomamnuuf kenname jedhee waanan fudhadheef. Gara dhumaatti, akkuma warra macaafota keessatti caqafamanii, abbaa seeraan ta’e. Jireenyi amantii kootii itti fufuun baay’ee ulfaataa ta’e.

Yeroon seera dubbifadhu hundumaatti, akkan cubbuu hedduu qabu nan arga, kanaaf laphee koo keessatti abboommii kurnan kana keessaa tokko yeroon cabsu akkan cubbuu hojjedhen hubachuutti ka’e. Garaa ofii keessatti yakkuunis cubbuu hojjechuu dha, kanaaf ani garramummaadhaan amanataa seeraan ta’e.

Yeroon seera eegu, nan gammada. Garuu yeroon seericha cabsu, yakkamaa, sodaataa fi gadadamaan ta’a. Dhuma irratti, gadadamaa ta’een hafa. Utuun jalqabaa kaasee waa’ee itti fayyadama seera kanaa baradheera ta’ee silaa attaman karaa slaphaa irraa adeema ture, Lakki, lakki. Waa’ee seeraaf hiikkaa biraatu jira. Inni agarsiiftuu cubbuu kee tii ti; horii, faallaa saalaa, fi wanta ija namaatti

Page 59: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

59 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

bareedu in jaallatta. Wanti ati Waaqayyoon caala mararsiifattu jira. Wantoota biyya lafaa duukaa ni luuccofta. Seerri akka ati eegduuf siif hin kennamne, inni hammina laphee keetiin akka ati cubbamaa taate akka ittiin hubattuuf siif kenname.

Utuu namni kan biraa dhugaa kana na barsiiseera ta’ee, silaa waggoota kurnan kanaaf hin dhiphadhun ture. Utuun dhugaa kana hin hubatin dura waggoota kudhaniif seera jalattan bulaa ture.

Abboommiin Sadaffaa “Guyyaa sanbataa yaadadhu akka isa qulqulleesituuf” jedha. Kana jechuun guyyaa sanbataatti akka nuyi waan tokko iyyuu hin hojjenne dha. Guyyaa sanbataa akka nuyi karaa fagoo hin deemne nu barsiisa. Iddoo dhaquun naaf ta’uu fi iddoon ulfina qabeessi iddoon itti lallabuu dhaquuttan baradhe. Hunduma irra iyyuu, seera lallabuufan ture. Kun immoo wantan lallabu hojii irras oolchuun qaba jedhee yaaduu kooti. Kun baay’ee waan na rakkisaa tureef dhaabuufan ture.

Iddoo kanatti akka galmaa’e, “Seericha attamitti dubbifta?” Gaaffii kana sababan hin

hubanneef waggoota 10f rakkina keessan gale. Abbaan seeraa sun akka gaarii ta’etti garmalee hubateera. Inni seericha cimsee yoo eege Waaqayyo biraa akka eebba argatu barateera.

Garuu Yeuus akkana ittiin jedhe, “Seericha attamitti dubbifta?” Namichi akka seera amantii isaatti deebii kenne. Innis namichaan akkana jedhe, “Eeyyee, sirriitti deebifte; akkuma barreeffametti fudhattee jirta. Yaalii itti fufi. Yoo hojii irra oolchite in jiraatta, garuu yoo ta’uu dhaa baate in duuta. Beenyaan cubbuu du’a. Yoo kana gochuu baatte in duuta.” (Faallaan jireenyaa du’aa, akkana miti?).

Garuu abbaan seeraa sun ammuma iyyuu sirriitti hin hubanne. Abbaan seerichaa akkuma tokkoon tokkoon keenyaa, akkuma kee fi akkuma koo ti. Barumsa amantii ani waggaa 10f baradheera. Waan hundumaa yaaleera, waan hundumaas dubbisee waan hundumaas godheera: sooma, manaamaa yaada hin qabatamne (illusion) keessa galeera, afaan haaraan dubbadheera…. Waa gochuuf jecha macaafa qulqulluu Waggoota 10f dubbiseera. Garuu kana

Page 60: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

60 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

hundumaa godhee, hafuuraan jaamaan ture. Sababii cubbamaan tokko nama kan biraa kan

ija isaa/ishee banuuf barbaaduuuf kanaafi, namni sunis gooftaa keenya Yesuusi dha. Egaa, namni tokko, “Ahaa! Seera eeguu hin dandeenyu. Amma fedhe iyyuu eeguuf yaalii yoo goone, utuu dhuma yaalii cimaa goonu duuna. Garuu Yesuus hafuuraa fi bishaaniin nu fayy’isuuf dhufeera! Haleeluyyaa!” Bishaanii fi hafuurri nu fayy’isa. Innis ayyaanaa fi kennaa Waaqayyoo ti. Kanaafuu Waaqayyoon in galateeffanna.

Ani carraa gaariin argadhe seera abdii hin qabne kana jalaa ba’uu kootiif, garuu namoonni baay’een bara isaanii guutuu akkasumaan utuu ti’oloogii goratanii utuu dhugaa bira hin ga’in obbafatu. Namooni bara- baraan dhaloota hanga dhaloolaatti ni amanu garuu utuu lammaffaa hin dhalatin hafu.

Cubbamaa ta’uu keenya kan raawwannu seerri ittiin jiraachuuf akka nutti hin kennamne yeroo hubannu qofa, yeros Yesuus dura dhaabbanne wangeela bishaanii fi hafuuraa ni dhageeffanna.

Yeroo Yesuusiin quunnamnu, firdii fi dheekkamsa jalaa ni baana. Nuyi cubbamoota dadhabsiisoo dha, garuu sababa inni wangeela bishaanii fi hafuuraan nu fayy’iseef qajeelota in taana.

Yesuus fedha isaatti akka jiraachuu hin dandeenye nutti dubbateera. Kana barsiisaa seeraa sanatti dubbateera, garuu inni kana hin hubanne. Kanaaf akka inni hubatuuf Yesuus seenaa itti hime.

Jireenya amantii irraa akka namni kufu kan godhu maali?

Cubbuu dha

“Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu

gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman” (Luqaas 10:30). Yesuus fakkeenya kana itti dubbachuun isaa rakkina hiikkaa seeraa inni qabu

Page 61: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

61 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

keessaa isa baasuu dhaaf, akkuma namichi saamtotaan rukutamee afaan du’aa irra jiru sana.

Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti gadi bu’e. Yerikoon fakkeenya biyya hin amannee, Yerusaalem immoo fakkeenya magaalaa hafuuraa, magaalaa amantii, of jajuu seeraatiinis kan qabamanii dha. Seenaan kun yoo nuyi akkuma amantii tokkootti Kiristoositti amanne, akka nuyi barbadoofnu nutti dubbata.

“Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeemani.” Yerusaalem magaalaa guddaa fi sabni bal’aan keessa jiraatuu dha. Angafoonni lubootaa, Gurumuun lubootaa, leewwootni fi gurguddoonni geggeesitoota amantii achi keessa jiru. Namoonni seera beekan hedduutu keessa jiru. Achitti seeratti jiraachuudhaaf yaalii guddaatu ture, garuu dhuma irratti kufaatii ta’ee Yeriikoo dhaaf ta’ani. Biyya lafaa (Yeriikoo) tti in kufani, saamtota fageessus hin dandeenye.

Namichichi karaa Yerusaalemii gara Yeriikoo utuu dhaquu saamtuu afaan bu’ee uffannaan isaa samame. “Uffannaan isaa saamamuun” isaa qajeelummaa isaa dhabuu agarsiisa. Seera eeganii jiraachuun, seeratti jiraachuun nuuf hin dandaa’amu. Ergamaan Phaawulos gara warra Roomaa 7:19-20 keessatti akkana jedha, “Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hama isa ani hin jaallanne garuu nan hojjedha. Ammas waanan hin jaallanne yoon godhe, egaa si’achi cubbuu isa ana keessa jirutu na hojjechiisa malee, anatu isa hojjeta miti.”

Utuun sagalee isaa eegee keessa jiraadhee nan gammadan ture. Garuu garaa namaa keessaa yaada hamaa, ejja, halalummaa, ajjechaa, hanna, hawwii, jal’ina, gowwoomsaa, albaadhummaa, hammina ijaa, Waaqayyoon arrabsuu, koormaa, gowwummaa (Mark 7:21-23) tu jira.

Sababiin isaan kun nu keessaa ammaa-ammaa ba’aniif, waan gochuu hin barbaanne in hojjenna, waan gochuun nu irra jiru immoo hin hojjennu waan

Page 62: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

62 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

ta’eefi. Hammina kana immoo ittuma fufnee hojjenna. Wanti Seexanni godhu cubbuu akka hojjennuuf hamilee xiqqoo nuuf kennuu dha.

Cubbuu Garaa Nama Hundumaa Keessa Jiru

Seera eegnee jiraachuu in dandeenyaa?

Lakki Marqoos 7 akkana jedha, “Alaa kan namatti

galu hundinuu danda’ee xuraa’aa nama hin godhu; wanti yaada garaa keessaa ba’uu garuu xuraa’aa nama godha.”

Yesuus kan inni nutti dubbatu garaa namaa keessaa yaada hamaa, ejja, halalummaa, ajjeechaa, hanna, hawwii, jal’ina, gowwoomsaa, albaadhumaa,

hammina ijaa, Waaqayyoon arrabsuu, koormaa, gowwummaa tu jira jedha.

Garaa keenya keessa ajjeechaa tu jira. Namni hin ajjeesin hin jiru. Hadholiin ijoollee isaaniitti in dheekkamu, “Lakki. Kana hin godhin. Kana akka ati hin goone sitti dubbadheera, si haa bal’eessu. Akka ati kana hin goone irra deddeebi’ee sitti dubbadheera. Lammaffaa yoo kana goote sin ajjeessa. Ani sitti himeera lammaffaa kan hin godhin.” Kun egaa ajjechaa dha. Yaada keetiin dubbii arraba keetiin ijoollee kee ajjeefteetta ta’a.

Ijoolleen keenya jiraachuu qabu sababiin isaa dafanii nu biraa waan adeemaniif; garuu yoo nuyi aarii keenya isaan irratti gad dhiifnu, isaanin ajjeefneerra ta’a. Yeroo tokko-tokko of rakkifna. “Oho yaa Waaqayyo koo! Maaliifan kana godhe laata?” Erga ijoollee keenya rukunnee booda hammina keenya ilaallee kana gochuu keenyaaf maraatuu ta’uun qaba jennee yaadna. Kana wanti nuyi goonuuf wanta kan biraa miti sababii ajjeechaan laphee keenya keessa jiraatuufi.

Page 63: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

63 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Kanaafuu, ‘waan ani hin jaallannen hojjedha’ jechuun sababa hamaa taaneef waan hamaa hojjenna jechuu dha. Egaa Seexanni salphaatti cubbuu dhaan nu qora jechuu dha.

Kottaa namni hin yyine tokko godoo keessa waggoota 10f, fuula isaa keenyan manaatti galagalchee akka Monoksee beekama biyya Koriyaa, Sungchol ta’e jenna. Yeroo inni fuula isaa keenyan manatti galgalchee taa’u gaarii dha, garuu namni kan biraa tokko nyaata fideefii boolii isaa immoo ni fuudha.

Inni nama kan biraa wajjin quunnamtii uumuu qaba. Yoo dhiira ta’eef wanta rakkoo uumu hin qabu, garuu kottaa mee dubartii bareedduu tti jenna. Yoo akkuma carraa arge ta’e, hamminni ishee wajjin taa’e hundi akkasumaan ta’a. Ani, “Ejjuu hin qabu; laphee keessaa qaba, garuu of keessaa baasee gatuun qaba. Haree baasuun qaba. Lakki! Yaada koo irraa fagaadhu!”

Garuu murtiin yaada garaa kun akkuma ishee argeen laphee isaa keessaa in bada. Erga dubartittiin

sokkitee, laphee isaa keessa ni ilaala. Innin waggoota 5f mooksummaan ture sun gatii ni dhaba, hundii isaa duwwaa ta’a.

Seexanni qajeelummaa nama salphaatti ni qora. Seexanni wanti inni dhiibba xiqoo isa/shee irratti uumuu dha. Namichia cubbuu wajjin utuu wallansoo qabu utuu hin fay’in hafee cubbuu isa caalu keessa buusa. Dilbata hundumaa namichi kurnoo amanamummaan ni kenna ta’a, guyyoota 40f ni sooma ta’a, guyyoota 100ol kadhannaa kanamaa hirmaateera ta’a…garuu seexanii gaarummaa mul’atu kanaan isa/shee qoree ni gowwoomsa.

“Kaampaanii kana keessatti taayitaa olaanaan sii kenna, garuu ati kiristaana waan taateef guyyaa sanbataa hin hojjettu, hojjechuu ni dandeessaa? Iddoon isaa baay’ee olaanaa dha. Sanbata 3 utuu waldaa hin dhaqin hojjettee ji’a keessaa gaaf tokko dhaquu ni dandeessa. Ulfina akkanaa kanatti gammaddee kaffaltii guddaas ni argatta. Attam waa’een kee?” Yeroo kanatti, 100 keessaa 100 kanaan bitamuu danda’u.

Page 64: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

64 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Yoo kun hin hojjetu ta’e immoo, namoota hawwii dubartii qaban karaa biraan gowwoomsaa ejja keessa buusa. Dubartii bareedduu fidee fuula isaa dura kaa’ee irratti kuffisuu dhaan Waaqayyoon salphaatti irranfachiisa. Kun karaa qajeelummaan namaa ittiin mucucaatuu dha.

Seera eegnee jiraachuuf yaalii ni goona, garuu dhuma irratti madaa cubbuu, waraansa, hiyyumma hafuuraa qofaa ta’a; qajeelummaa irraa salphaatti kufna. “Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchani, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.”

Kana jechaan fedha Waaqayyoo raawwachuu dhaan Yerusaalem keessa utuu jiraachuu barbaannuu, dadhabbii keenyaan yeroodhaa gara yerootti utuu guffannuu dhuma irratti badiisaaf saaxilamna.

Kadhannaa qalbii diddiirrannaa dhaan Waaqayyoon dura turuu dandeenya ta’a. “Yaa Gooftaa, ani yakkeera. Adaraa naaf dhiisi; lammaffaa gochuu hin qabu. Kun isa dhumaa akka ta’e nan

abdachiisa. Ishee tokkoo kana akka ati naaf dhiiftuuf cimseen si kadhadha.”

Garuu inni hin dhumu. Biyya lafaa kana keessatti namni cubbuu malee jiraachuu hin danda’u. Yeroo tokko lama ittisuuf yaalii yoo godhani iyyuu cubbuu of irraa kutuun hin dandaa’amu. Kanaafuu gargaaruu hin dandeenyu, cubbuun keenya ittuma fufa. “Yaa Gooftaa, adaraa naaf dhiisi.” Yoo kun ittuma fufe, waldaa keessaa si baasanii, jireenya amantii ala si godhu. Waaqayyo irraas si kutu sababii cubbuu isaaniitiif dhuma irratti sii’oliin jireenya xumuru.

Gara Yeriikootti adeemuu jechuun biyya lafaatti kufuu jechuu dha; biyya lafaatti dhihaatanii Yerusalem irraa fagaachu jechuu dha. Jalaqabatti Yerussalem dhihoo ture, akkuma cubbuun irra deddeebi’amee hojjetamu akkuma kana qalbii diddiirranaanis utuu godhamuu, Yerikoo keessatti of argina; utuu biyya lafaa walakkaatti kufnee jirruu.

Page 65: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

65 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

Eenyutu fayy’uu danda’a?

Warra qajeelummaa ofii

isaanii dhaaban Karaa Yeriikoo kana irratti namni isatti dhufe

kun eenyuu dhaa? Saamtota. Nama waan tokko iyyuu hin beekne akka seeraatti kan hinjiraanne akkuma saree gatamaa kan karaa irra adeemu dha. Inni/isheen dhugdee, iddoo hundumaatti irribi kan qabu fi iddoo hundumaatti kan fincaa’uu dha. Sareen sun boris akkasuma ka’ee ammas ni dhuga. Sareen gatamaa boolii isaa deebi’ee ni nyaata. Namni sun kanaaf saree jedhame. Inni/isheen akka itti dhugdu hin beekani, qalbii diddiirrannaas hin beekani, waanuma baran irra deddeebi’anii hojjetu.

Kun akkuma namicha karaa Yeriikoo irratti saamtota afaan bu’e ti. Inni booddeetti hafeera, ni madaa’e akkasumas afaan du’a irra ture. Kana jechaan laphee isaa keessa cubbuu qofa tu jira. Egaa

nama jechuun kanuma. Namoonni utuma Yesuusitti amanani

Yerusaalem keessatti seeratti jiraachuuf yaalii godhu, sabni amantii kun, utuu isaan hin beekin cubbuun laphee isaanii keessatti hafa. Inni isaani amantii keenyaaf ni goona jedhan hundi isaa madaa cubbuu ta’a. Warri cubbuu garuu keessaa qaban dhumni isaanii sii’oliin ta’a. Kana ni beekuu, garuu fala isaa hin beekani. Ani magaala amantii kana fakkaatu keessan ture ati kana hin qabduu? Eeyyee. Iddoo sanatti hundi keenya tokko ture.

Barsiisaan seeraa sun seera Waaqayyoo garmalee waan hubataa tureef jireenyi isaa hundi wallaansoo duwwaa ture, madaa’aa, dhumni isaas sii’oliin ta’e. Inni nu keessaa isa tokko, sii fi ana.

Yesuus qofaatu nu fayyisa. Beektota baayyee yeroo hundumaa waan godhaniin of jajan naannoo keenyaa baay’ee qabna. Isaan waan seera Waaqayyoo sirriitti eegan of ni fakkeessu ofii isaaniitiif amanamoo miti. Kallattiin waa hin dubbatani, waan bakkeen mul’atuun immoo

Page 66: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

66 Wantoota akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’uu?

amanamoo of gochuuf ni gaggalagalu. Isaan kana keessaa kaan karaa Yerikoo irra

turani, namichi saamtuu afaan bu’e sun afaan du’aa irratti hafe sun isaan keessaa tokko. Akkaitti waan salphaatiin Waaqayyo duratti cabnu beekuu qabna.

Isa duratti dhugaa ba’uu qabna, “Yaa Gooftaa, yoo ati nan fayyiftu ta’e ani sii’oliin dhaquu kooti. Adaraa na fayyisi. Lafa barbaaddetti na erguu ni dandeessa, cabbiis haa ta’uu bubbee qilleensaatti, yoo ani wangeela dhugaa sana qofa dhaga’eefi. Yoo qofaatti na dhiifte, sii’oliin dhaquu koo ti. Akka ati na fay’iftuuf siin kadhadha.”

Warri akka sii’oliin dhaqaa jiran beekanii yaalii of isaanitiin isa qajeelummaa barbaadan dhaabanii, Gooftaatti qabamani jiraatan, isaan fayyuu ni danda’u. Yaalii mataa keenyaan fay’uu hin dandeenyu.

Nuyi hundi keenya akkuma namicha isa saamtoota afaan bu’e sanaa akka taane beekuu qabna.

Page 67: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 4

Fayyina Barabaraa

Page 68: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

68 Fayyina Barabaraa

Fayyina Barabaraa < Yohannis 8:1-12 >

“Yesuus ergasii gara gaara ejersaatti ol ba’e. Ganama obboroonis deebi’ee gara mana qulqullummaa dhaqe, namoonni hundinuu gara isaa dhufanii; inni immoo taa’ee isaan barsiisuu jalqabe. Barsiisonni seeraa fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko ol galgalchanii, namoota gidduu dhaabachiisani. Yesuusiin immoo, ‘barsiisa dubartiin kun utuu ejjituu qabamte. Museen seera isaa keessatti, dubartoota akkasii dhagaa dhaan rukutamtee akka ajjeefamtu nu abboomeera. Egaa ati immoo maala jettaa?’ Isaan kanaan qabani isa adheessuu dhaaf akkas jedhanii isa qoran. Yesuus garuu, gadi jedhee, ‘quba isaatiin lafatti caafee. Isaan garuu ittuma deebi’anii waan isa gaafataniif, Yesuus ol jedhe isin keessaa namni cubbuu hin qabnee duraan dursee dubartii kanatti dhagaa

haa darbatu isaaniin jedhe. Kana booddee ammas gadi jedhee lafattii caafe. Isaan kana dhagaa’anii jaarsolii dhaa hanga warra kaanittii tokko tokkoon ba’aanii adeeman. Yesuusiin qophaatti dhiisani. Dubartittiinis achuma dhaabbate hafte. Yommus Yesuus ol jedhe, “dubartii nana meereree isaan? Namoonnii illee firdii si irratti hin raawwannee?” Ishee dhaan jedhe. Isheen immoo ‘tokkolle, Gooftaa koo’ jettee deebifteef; kana irratti Yesuus “egaa anis sitti hin faradu dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetiin!” ishee dhaan jedhe. Yesuus ammas namoottatti dubbatee, “ani ifa biyya lafaati, namni ana duukaa bu’u ifa jireenyaa in qabaata malee dukkana keessa hin adeemu’” isaaniin jedhe.”

Page 69: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

69 Fayyina Barabaraa

Yesuus ammam

cubbuu bal’eessee?

Cubbuu biyya lafaa hundumaa

Yesuus fayyina barabaraa nuuf kenneera.

Yesuusitti amanee kan fayyuu hin dandeenye hin jiru/tu. Inni hunduma keenya fayyiseera. Namni cubbuu isaa tiif aadu yoo jiraate nama akkaataa Yesuus karaa cuuphamuu isaa fi fannifamuu isaatiin nu fayyise gar malee yoo hubate qofa.

Dhoksaa fayyinaatti amanuu qabna. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hunda gara ofii isaaitti fudhatee fannoo irratti du’uu isaatiin iddoo keenya firdii fudhateera.

Fayyina bishaanii fi hafuuraa; isa fayyina barabaraatti nu geessutti amanuu qabna. Jaalala isaa isa guddaa isa qajeelummaa nuuf kennee jirutti amanuu qabna. Wanta inni fay’ina keetiif laga

Yordaanoosii fi Fannoo irratti siif hojjeteetti amanuu qabda.

Yesuus dhokataa cubbuu keenyaa hunda ni beeka. Namoonni tokko tokko waa’ee cubbuu tiif hubannoo garmalee qabu. Cubbuun tokko tokko akka fayyuu hin dandeenyetti ni yaadu. Yesuus cubbuu hundumaa fayyiseera, wanta hunduma isaa wajjin.

Biyya lafaa kana keessatti cubbuun hafe tokko iyyuu hin jiru. Sababiinsaa inni cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’era, egaa dhugaan isaa kanaan booda cubbamaan tokko iyyuu hin jiru jechuu dha. Akka wangeelli cubbuu keettii si fayyse hubateettaa?, isa gara fuula duraa iyyuu? Itti amanii, fayyina argadhu, Waaqayyoofis ulfina kenni.

Page 70: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

70 Fayyina Barabaraa

Dubartii Ishee Ejja Irratti Qabamte

Biyya lafaa Keessaa nama meeqatu ejjaa?

Nama hundumaa

Yohannis 8 keessatti, seena dubartii ejja irratti

qabamte tokkoo fi akka Yesuus itti ishee fayyise ilaalla. Ayyaana isheen argatte kana warra kaaniif hiruu ni jaallanna. Sadarkaa qabatamaa tokkotti ta’aa malee nama hundumaatu ejja yoo jenne dubbii sobaa hin ta’u. Tokkoon-tokkoon namaa ejjeera.

Yoo akkastti hin yaaddu ta’e, sababii yeroo hundumaa raawwannuuf akka hin raawwanneetti waan mul’atuufi. Maaliifii? Ejja baay’ee wajjin jiraachaatti jira.

Dubartiittii Yohannis 8 keessaa kana yoo ilaalle, nu keessaa nama hin ejjine irratti nan xiyyeeffadha. Namni hin ejjine hin jiru, akkuma dubartittii ishee

ejja irratti qabamte sana. Hundi keenya kana raawwanneerra, garuu akka hin goonetti of ilaalla.

Ni dogoggorte naan jettaa? Lakki, hin dogoggorre. Gad fageessi ilaali. Namni fuula lafaa kana irra jiru hundinuu kana hojjeteera. Dubartii karaa irra adeemtu yommuu argu garaa isaa yaadaa fi gochaan, Yeroo kamii fi iddoo kamitti, wajjin ejja.

Isaan kana akka godhan hin hubatani. Namoonni baay’een hanga gaafa du’aniitti akka ejjan hin hubatani. Warra qabaman miti, nuyi warri hin qabaminis nu ilaallata. Namni hundinu garaa isaani keessatti ni raawwatu, hojii isaanii keessattis. Kun egaa gartokkoo jireenya keenyaa mitii ree?

Ni gadditaa? Kun dhugaa miti. Nuyi waa’ee isaatiif of eeggatoo dha sababiinsaa isaa gadda waan qabnuuf. Namoonnii bara si’anaa yeroo hundumaa ni ejju, garuu kana akka godhan hin beekani.

Namoonni lubbuu isaaniitiinis ni ejju. Nuyi warri Waaqayyonu uume, hafuuraan akka ejjinu utuu hin hubatin hafna. Waaqota biraa waaqeffachuun hafuuraan ejjuu wajjin tokko sababiinsaa Waaqayyo

Page 71: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

71 Fayyina Barabaraa

abbaa manaa lubbuu nama hundumaati. Dubartittiin hojii ejjaa irratti qabamte sun

ilmaan namaa ti, akkuma keenya kana, isheen ayyaana Waaqayyoo fudhatteetti, akkuma nuyi fayyina arganne. Garuu oftuultonni fariisotaa akka ofii isaaniitii abbaa firdii ta’aaniitti quba itti qabanii dhagaa itti darbachuuf yaadani. Isaan akka waan ofii isaaniitii qulqulluu ta’anitti isheetti dheekamani itti faradani.

Amantoonni akka keenyaa, warri ofii isaaniitii galma cubbuu akka ta’an amanan Waaqayyoon duratti warra kaan hin hadheessani. Galgalchii isaa ofii isaaniitii yeroo hundumaa akka ejjan ni beeku, ayyaana Waaqayyoo isa nama fayyisuus ni argatu. Warri cubbamoota fi ejjitoota akka ta’aan amanan ayyaan Waaqayyoo fudhachuudhaaf ga’oo ta’u.

Eenyutu Ayyaana Waaqayyoo fudhataa?

Eenyu tu Ayyaana Waaqayyoo fudhataa?

Warra faayidaa hin qabne

Warra cubbuu ejjaa hin hojjenne qulqulloota

ofiin jedhan moo, warra faayidaa hin qabne cubbamoota ofii jedhantuu ayyaana Waaqayyoo fudhataa? Warra ayyaana isaa fudhatan jechuun warra ayyaana irraa hafaa fayyina isaatii fudhatanii dha. Warra of gargaaruu hin dandeenye, dadhabootaa fi rakkattootatu fudhata. Warri kun warra ayyaana isaa keessa jiraatani dha.

Warri akka cubbuu hin qabnetti of lakkaa’an fayyuu hin danda’aani. Ayyaana isa fayy’isu attamitti fudhatu osoo wantii fay’ifamu hin jiraatin.

Saduuqonnii fi Fariisonni dubartii ishee ejja

Page 72: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

72 Fayyina Barabaraa

irratti qabamte sana harkisanii fuula Yesuus dura dhaabanii gidduu isaanii dhaabanii akkana jedhanii isa gaafatani, “Barsiisaa, dubartittiin kun ejja irratti qabamte. Amma, maal jetta egaa?” Dubartittii kana maaliif fuula Yesuus duratti fidanii isa qoru?

Isaan ofii isaanitiis yeroo hedduu ejjaniiru, garuu isaan Kirisitoos keessaan itti farachiisanii asheeajjeesuuf, karaa biraa immoo isa in adheessu tura.

Yesuus yaada jaraas waa’ee dubartittiis ni beeka. Kanaafu akkana jedhe, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraandursee dubartii kanatti cubbuu haa darbatu.” Ergasi Saduuqonnii fi fariisonni, angafaa hanga quxusuutti ka’anii ni adeemani, Yesuusii fi dubartittiin wajjin hafani.

Warri ka’anii adeeman sun Saduuqotaa fi fariisota, geggeesitoota amantiiti. Isaan ofii isaanii qulqulluu of godhanii dubartittii ishee ejja irratti qabamte sanatti firdii kennan.

Yesuus jaalala isaa biyya lafaa kanatti labseera. Inni jaalala guddaa qaba. Inni warra beela’aan

nyaachiseera, warra du’an du’aa kaaseera, mucaa haadha hiyyeessaa fayyiseera, Alaazaar nama Bitaaniyaa du’aa kaaseera, hiyyeesotaaf dinqii hedduu hojjeteera. Cubbamoota hundumaa fayyiseera.

Yesuus nu jaallata. Inni isa hundumaa danda’uu dha,fariisonnii fi Saduuqonni garuu akka inni diina isaanii ta’etti barsiisani. Sababii isaan dubartittii fuula isaa duratti dhi’eessanii isa qoraniif kanaaf ture.

Akkana jedhanii gaafatani, “Yaa barsiisaa, Museen dubartoota akkana akka nuyii dhagaa dhaan rukunnu nu barsiiseera. Ati immoo maal jettaa?” Isaan rukutaa nuun jedha jedhanii eegaa turani. Maaliif? Akka seera Waaqayyoo kanatti yoo nuyi firdii laanne, namni ejja raawwate hundinuu dhagaa dhaan rukutamuu qaba jechaa dha.

Utuu akkas ta’ee hundinuu dhagaadhaan rukutamee du’uu fi sii’olitti ergamuutu irra ture. Gatiin cubbuu du’a. Garuu Yesuus akkuma isaan yaadanitti dhagaadhaan rukutaa hin jenne. Kanaa mana, akkana jedhe, “Isin keessaa namni cubbuu hin

Page 73: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

73 Fayyina Barabaraa

qabne duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu.”

Waaqayyo maaliif keewwataalee seeraa 613 nuuf kenne?

Cubbamoota akka taane akka

ittiin hubannuufi Seerrii dheekkamsa fide. Waaqayyo qulqulluu

dha seerri isaas akkasuma. Seerri isaa inni qulqulla’aan kun keewwattoota 613 qaba. Sababii Waaqayyo seera isaa isa qulqull’aa 613 nuuf kenneef akka nuyi cubbamoota taane akka ittin barruuf akkasumas hir’uu ta’uu keenya akka ittiin hubannuufi. Kunis fayyuudhaaf ayyaana Waaqayyoo akka barbaaddannuuf ta’a. Kana hin beeknu yoo taane, kallattiidhaan akka barreeffametti hubanna yoo ta’e dhagaadhaan rukutamna, akkuma dubartitti ejja irratti qabamte sanaa.

Fariisonnii fi barsiisonni warri dhugaa seera keessa jiru hin hubanne kun dubartittiitti dhagaan akka itti darbatamuuf yaadanii turan, nuttis, akkuma kana ta’a. Garuu, eenyu namni cubbamaan akka isheetii dhagaa itti darbachuuf ija jabaatu? Yoo dhuma isheen gochaa kanaan qabamte iyyuu biyya lafaa kana keessaa dhagaa itti darbachuuf kan danda’uu hin jiru.

Dubartittiis ta’e nuyi hundumti keenya akka seeraatti ni adabamna yoo ta’e, nuyis dubartittiinis firdii ulfaataa fudhanna turre. Garuu Yesuus nu fayyisee, nuun cubbamoota firdii kana jalaa akka oolluuf seerrii akka barreeffamee jiruutti hunduma keenya irratti hojii irra ooluu ta’a. Eenutu hafa? Dhumni hunda keenyaa sii’oliin ta’a.

Barsiisotnii fi fariisonnii seerota akkuma isaan barreeffamanitti hubatanii turani. Seerri kun akkuma jiruutti itti hojjetama yoo ta’e, isaaniinis ni ajjeessa ture akkuma isaan nama biraatti muran. Egaa seerri kan kennameef akka namni cubbuu isaa ittiin hubatuuf ture, garuu isaan sababa gar malee

Page 74: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

74 Fayyina Barabaraa

hiikkataniif garmalees hojii irra oolchaniif diigamni isaanitti dhufa.

Fariisonnii bara kanaa, akkuma fariisotaa bara macaafotaa seera akkuma inni barreeffamee jirutti in hiikkatu. Isaan ayyaana, haqaa fi dhugaa Waaqayyoo beeku tu isaan irra ture. Fay’uu dhaaf gara Wangeelaatti deebi’uu qabu.

Farisoonni akkana jedhani “seerri keenya dubartii akkasii dhagaan akka rukunnu nu abbooma. Egaa ati immoo maal jetta?” Dhagaa isaanii qabatanii ija jabummaa dhaan in dubbatani. Isaan Yesuus kana irratti waa ni dubbata jedhanii hin yaadne. Harka isaanii ol kaafachuuf Yesuusiin eegani.

Yesuus Akkuma seerichaatti faradeera utuu ta’ee, silaa isaan dhagaa dhaan in rukutu turan. Akka kaayyoo isaaniitti Yesuusinis dubartittiis dhagaadhaan dha’uudhaaf ture. Utuu Yesuus dubartittii hin rukutinaa jechuudhaa baatee silaa isaan immoo seera Waaqayyoo jallifte jedhanii isa immoo akka inni Waaqayyoon arr’abseetti dhagaadhaan dha’uudhaaf turan. Qocolloo guddaa ture.

Garuu Yesuus gadi jedhee quba isaatiin lafa irratti yeroo inni barreessu, maal jettaa jedhanii gaafachuu jalqaban, “Maal jettaa? Lafa irratti maal barreessitaa? Gaaffii keenyaaf deebii kenni malee. Maal jetta ree?” Quba Yesuusitti qabanii isa ni aarsu turan.

Achumaan Yesuus ijaajjee, isin keessaa kan cubbuu hin qabne dursee dhagaa itti haa darbatu. Gadi jedhees lafa irratti barreessuu itti fufe. Warri kana dhagaa’an haallii isaani amansiisee hangafaa hanga quxusuutti tokko tokkoon sokkani. Yesuus qofaa isaatti hafe, dubartittiinis fuula isaa dura dhaabbattee hafte.

Page 75: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

75 Fayyina Barabaraa

“Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu”

Cubbuun eessatti galmaa’ee?

Gabatee Garaa keenyaa fi

kitaabolee hojii irratti

Yesuus, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraandursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu” jedhee, lafa irratti barreessuu isaa itti fufe. Warra angafaa keessa lama ka’anii deemuutti ka’an. Jaarsoliin fariisotaa, kan cubbuu baay’ee hojjete, dursee deemeera ta’a. Warri quxusuunis akkasuma. Kottaa mee Yesuus nu gidduu dhaabbatee jira jennaa, nuyis immoo dubartittii naannofnee dhaabbannee jirra ofiin jennaa. Yesuus, Isin keessaa namni cubbuu

hin qabne dhagaa itti haa darbatu” yoo nuun jedhe, maal jenna ture?

Yesuus lafa irratti maal barreessaa ture? Waaqayyo, inni nu uumee, cubbuu keenya bakka adda addaatti ni barreessa.

Tokkoffaa, cubbuu keenya laphee keenya irratti ni barreessa. “Cubbuun saba Yihudaa birrii sibiilaatiin arfii dhagaa Almaaziitiinis, gabatee garaa isaanii fi gaanfa iddoowwaan aarsaa isaanii irratti caafaameera” (Eermiyaas 17:1).

Waaqayyo karaa Yihudaa, fakkeenya keenya nutti dubbata. Cubbuun namootaa birrii sibiilaa fi arfii dhagaa almaaziitiin barreeffamee jira. Isaan gabatee garaa keenyaa irratti barreeffamanii jiru. Yesuus gadi jedhee lafa irratti barreessuun isaa namni hundinuu cubbamoota ta’uu isaanii agarsiisa.

Waaqayyo akka nuyi cubbuu hojjennu waan beekuuf gabatee garee keenyaa irratti barreessee jira. Jalqaba, cubbuu nuyi hojjenne, hojii keenya ni galmeessa, sababiinisaa nuyi hundumti keenya seera duratti dadhaboota. Cubbuun garaa keenya irratti

Page 76: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

76 Fayyina Barabaraa

barreeffamuun isaa, seericha ilaallee cubbamaa akka taane akka ittiin hubannuufi. Erga inni laphee fi yaada garaa keenyaa irratti barreessee, nuyi egaa isa duratti cubbamoota akka taane ni barra jechuu dha.

Lafa irratti barreessuu dhaaf Yesuus ammas gadi in jedhe. Caaffattoonni qulqullaahoonis cubbuun keenya fuula Waaqayyo duratti kitaaba irratti galmaa’ee jira jedha (Mul’ata 20:12). Kitaaba sana irratti cubbun tokkoon tokkoon namaa galmeeffamee jira. Gabatee laphee keenya irrattis barreeffameera. Cubbuun keenya Kitaaba hojii fi gabatee laphee keenyaa irratti barreeffamee jira jechuu dha.

Cubbuun gabatee garaa tokkoon tokkoon namaa, xinnaa fi guddaa irratti barreeffamee jira. Kanaaf Yesuus irratti waa dubbachuu hin dandeenye. Warri dubartittii rukutuuf ka’aanis fuula Waaqayyoo duratti dadhaboo dha.

Cubbuun keenya bakka lamatti

barreeffame sun yoom haqamaa?

Yeroo nuyi fayyina bishaanii fi dhiiga Yesuus garaa keenya guutuu dhaan

fudhannu.

Haa ta’uu iyyuu malee, yeroo fayyina isaa fudhannu, cubbuun galmee hojii namaa irra jiru haqamee galmee jireenyaa irratti ni barreeffama. Warri maqaan isaanii galmee jireenyaa irratti barreeffame gara waaqa dhaqu. Hojii gaarii isaan hojjetan, mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif jedhanii wanti isaan godhan hundinu galmee jireenyaa irratti ni barreeffama. Waaqayyo duratti fudhatamoo dha. Warri cubbuu jalaa ba’aan jireenya baraabaraatti darbu.

Cubbuun keenya bakka lamatti waan barreeffamee jiruuf Waaqayyoon gowwoomsuu akka hin dandeenye yaadachuu qabna. Garaa keessatti

Page 77: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

77 Fayyina Barabaraa

namni cubbuu hin hojjenne namni hin ejjines hin jiru. Namni hundinuu cubbamaa fi hir’ataa dha.

Warri fayyisuu Yesuusiin hin fudhanne waa’ee cubbuu isaanii tiif aaduu irraan kan hafe waan tokko iyyuu gochuu hin dandaa’ani. Amantummaa hin qabani. Isaan sababii cubbuu isaniitiif namas Waaqayyonis in sodaatu. Garuu battaluma fay’ina wangeela bishaanii fi hafuuraa garaa isaaniitiin fudhatanitti cubbuun gabatee garaa isaanii fi galmeen hojii cubbuu namootaa irra jiru ni haqamaaf. Cubbuu isaanii hundaa jalaas ni ba’u.

Galmeen jireenyaa Waaqayyo bira jira. Namoonni wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanan maqaan isaani Galmee jireenyaa kanaa irratti caafamee jira waan ta’eef isaan mootummaa Waaqayyootti ni galu. Isaan jireenya barabaraatti kan galaniif sababa cubbuu tokko iyyuu hin qabaanneef miti sababii wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanani cubbuu jala ba’aniifi male. Kun egaa seera amantiiti (Roomaa 3:27).

Amantoonni, warri akka saduuqotaa fi fariisotaa

cubbamoota turani akkuma dubartitti ishee ejja irratti qabamte sana.

Dhugaa dhumatti, cubbuu caalmaa ni qabaatu sababiinisaa isaan ofii isaanii qofa utuu hin ta’in warra kaaninis akka isaan cubbamoota ta’an hubachiisuu irraa waan dogoggorsaniif. Geggeesitoonni amantii sun mul’inumatti ni gowwoomsu turani. Karaa biraa tiin isaan hattuu lubbuu namaa fi jireenya namaati. Yoo ofii isaaniitii hin fayyine ta’e iyyuu aboodhaan warra kaan barsiisuudhaaf ija ni jabaatu.

Akka seeraatti eenyu iyyuu cubbuu dhabuu hin danda’u. Garuu namni qajeelaa ni ta’a, sababa inni/isheen cubbuu hin qabaanneef osoo hin taane, sababa cubuuttii inni/isheen fayyiteef male. Namni akkanaa galmee jireenya keessa jira. Egaa wanti barbaachisaan maqaan galmee jireenyaa irratti galmaa’uu fi hin galmoofnee isaati. Namni lafa irratti cubbuuttii adda ba’uu sababa hin dandeenyeef, galmee jireenyaa keessatti galmaa’uuf fayyina baraabaraa argachuu qaba.

Page 78: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

78 Fayyina Barabaraa

Waaqa irratti fudhatamuun kee wangeela dhugaatti amanuu kee irratti hundaa’a. Ayyaana Waaqayyoo argachuun kees fayyina Yesuus kenne fudhachuu kee irratti hundaa’a. Dubartittii ishee ejjaan qabamte sana irratti maaltu ta’e? Isheen du’uufan jedha jettee jilda ishee irratti kuftee ija ishee cufatte ta’a. Yookaan immoo gaddaa fi bo’ichaan kadhate ta’a. Namoonni yeroo duuti itti dhufu ofii isaaiif amanamoo ta’u.

“Ohoo Yaa Waaqayyo, ani du’uun koo sirrii ta’a. Lubbuu koo harka keetti fudhdhu, gara laafinaanis na ilaali. Adaraa, gara laafinaanis na ilaali, Yesuus.” Fayyuudhaaf cimsitee kadhateetti ta’a. “Yaa Waaqayyo, yoo natti faradde, natti faradama, yoo ati immoo cubbuu hin qabdu naan jette, cubbuun koo naaf haqama. Kun egaa akka yaada keetiiti.” Egaa isheen kana jettee kadhatteetti ta’a. Waan hundumaa dhugaa baatee Yesuusiif dhiifteetti ta’a.

Dubartittiin ejja irratti qabamte Yesuus duratti dhiyaatte kun, “Ani yakka hin hojjenne, ejja kootiif naaf dhiisi” hin jenne. Kan isheen jette, “cubbuu

koottii na maari. Cubbuu koo yoo fayyifte nan fayya. Yoo kana ta’uu baate garuu, sii’oliin dhaquu kooti. Fayyisuu Waaqayyoo nan barbaada. Akka inni araara isaatiin na ilaalus nan fedha.” Ija ishee cufattee, amanamummaan dhugaa baate.

Yesuus akkana jedhee ishee gaafate, “Meerre warri si hadheessan? Namni tokko illeefirdiisi irratti hin raawwannee?”isheenis, “Tokko illee, Yaa Gooftaa jette.”

Yesuusis akkana jedhe, “Anis sitti hin faradu.” Yesuus isheetti hin faradne sababiin isaa laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu ishee waan ofiisaatti fudhatee tureef. Kanaafuu, Yesuus, dubartittiin cubbuu isheetiif akka itti hin muramne godhe.

Page 79: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

79 Fayyina Barabaraa

Akkas jedhe “Egaa Anis Sitti hin Faradu” jedhe.

Yesuusiin isheetti faradateeraa?

Lakki

Dubartittiin fayyina Yesuus keessaa argamuun

eebbifamteetti. Cubbuu ishee hundumaattii fayyiteetti. Yesuus Gooftaan keenya cubbuu keenya hundumaattii akka nu fayyisee fi qajeelota akka nu godhe nutti dubbata.

Kana wangeela keessaan nutti dubbata. Inni gatii cubbuu keenyaa isa yeroo laga Yordaanositti cuuphamee ofii isaatti fudhatee kaffaluuf jedhee gara fannoo dhaqeera. Inni cubbuu keenya ofii isaatti fudhachuudhaaf jedhe akka cuuphamee fi fannoo irratti akka iddoo keenya firdii baate warra amanan ifatti akka fayisuu dubbateera. Hundumti keenya

dubbii Yesuus biyya lafaatiin ga’uuf barreeffamaan in barbaanna. Egaa, fay’ina kanaan ebba guddaa arganna.

“Waaqayyo, duratti ani gatii hinqabu. Gaarummaa tokko iyyuu of keessaa hin qabu. Wantani sitti agrsiisuu hin qabu cubbuu koo irraan kan hafe. Garuu Yesuus gooftaa fayyina kootii akka ta’e nan amana. Inni yeroo cuuphame cubbuu koo gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo irratti cubbuu koo akka cinqarse nan amana. Cuuphamuu fi fannifamuu isaatiin cubbuu koo ana irraa fuudheera. Ani sitti nan amana, yaa Gooftaa.”

Kun akkaataa ati ittiin fayyituu dha. Yesuus ‘nutti hin faradu.’ Inni Ijoollee Waaqayyoo akka taanuuf mirga nuuf kenneera: Warra fay’ina wangeela bishaanii fi hafooraatti amanan, cubbuu isaanii irraa fuudhee qajeelummaan ni gonfa.

Yaa firootaa! Dubartittiin fayyiteetti. Dubartittiin ejja irratti qabamte kana Yesuus eebba fayyinaa ishee gonfeera. Nuyis akkuma kana eebbifamuu in dandeenya. Kan cubbuu isaa beekee araara Waaqayyoo kadhatu, wangeela bishaanii fi

Page 80: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

80 Fayyina Barabaraa

hafuuraatti kan amanu Yesuus biraa eebba fay’inaa ni argata/tti. Warri Waaqayyoon duratti cubbuu isaani amanan fayyuu danda’u garuu warri cubbuu isaanii hin hubanne eebba fayyinaa argachuu hin dandaa’ani.

Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera (Yohannis 1:29). Biyya lafaa kana irraa cubbamaan Yesuusitti amanu hundinu fayyina ni argata. Yesuus akkana jedhe, “Anis sitti hin faradu.” Sababii inni isheetti hin faradiin hafeef sababii yeroo Yesuus cuuphame cubbuun ishee hundinuu isaatti waan darbeefi. Inni cubbuu keenya hundumaa ofii isaatti fudhate, firdii isaas baateera.

Yesuus Duratti Fayyuu Qabna

Kamtu caala, jaalala Waaqayyoo moo firdii isaa?

Jaalala Waaqayyoo

Fariisota dhagaa baatanii fi geggeesitoonni amantii bara kana seera akka inni caafamee jirutti in hiikkatu. Seerichi hin ejjin akkanni jedhu waan amananiif, namni ejju dhagaa dhaan ni rukutama. Isaan ofii isaaniitii akka waan hin ejjineetti of lakka’aa ija hinqaamofneen ishee in ilaalu turani. Isaan hin oolfanis hin fayyanis. Fariisonni fi Saduuqonni rinciccoota biyya lafaa kanaati. Isaan warra Yesuus waame miti. Isaan kun isa Yesuus, “ani isinitti hin faradu” jedhes hin dhageenye.

Sagalee gammachiisaa kan dubartittii ishee ejja irratti qabamte qofaatu dhaga’e. Isa duratti yoo amanamoo taate, akkuma ishee eebbifamuu ni dandeessa. “Yaa Waaqayyo, ani hin dandeenye garuu bara koo guutuu ejjeerra. Sababan ani yeroo baay’ee kana raawwadhuuf akka inni cubbuu ta’e iyyuu beekuu hin dandeenye. Guyyaa guyyaatti cubbuu akkanaa baayyeen hojjedha.”

Seericha fudhannee cubbamaa duuti maluuf akka taanee hubannee amanamummaa dhaan Waaqayyoon akkana jechuu qabna, “Yaa Waaqayyo,

Page 81: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

81 Fayyina Barabaraa

kun eenyu akkan ta’e mul’isa. Adaraa na fayyisi,” yeroo jennu Waaqayyo fayyisuu isaatiin nu eebbisa.

Jaalalli Yesuus, wangeellii bishaani fi hafuuraa firdii jala nu baasa. “Anis sitti hin faradu.” Inni nutti hin faradne. Inni akkana jedha, “Ati fayyiteetta.” Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Waaqa gara laafessaati. Cubbuu biyya lafaa hundumaattii inni nu fayyiseera.

Waaqayyo keenya Waaqa haqaa fi Waaqa jaalalaa ti. Jaalalli isaa inni karaa bishaanii fi hafuuraa mul’ate hunduma irra in caala.

Jaalalli isaa Haqa isaa in Caala

Inni maaliif nu fayyisee?

Sababii Jaalallii isaa Haqa

isaa irra caaluuf.

Haqummaa isaa raawwachuu dhaaf Waaqayyo firdii isaa utuu dirqisiisee, silaa cubbamoota hundumaatti faradee gara sii’olitti erga ture. Sababii jaalalli Yesuus, inni firdii jalaa nu oolche baay’ee guddaa ta’eef, Waaqayyo tokkicha ilma isaa Yesuusiin, biyya lafaatti ergeera. Yesuus cubbuu keenya hundumaa gara ofii isaatiitti fudhate, sababii kanaaf immoo iddoo keenya firdii baate. Amma egaa, namni Yesuus fayyisaa lubbuu isaatii akka ta’e amanu hundinuu, ijoollee isaa fi qajeelaa ta’a. Sababii Jaalalli isaa Haqa isaa irra caaluuf, inni hunda keenya fayyiseera.

Waaqayyo akka haqa isaa qofaatti waan hin murreef isa galateeffachuu qabna. Yesuus yeroo tokko barreessitoota seeraa, fariisotaa fi bartoota isaaniitiin, “‘Ani gara laafinan barbaada malee aarsaa miti’. Kun maalitti akka hiikamu dhaqaa tii baraa: ‘Anoo warra gara qajeelota waamuu hin dhufne warra cubbamootan waamu dhufe malee’” jedhee isaanitti dubbate (Maatewos 9:13). Namoonni tokkotokko sa’a ykn reettii guyyaa guyyaatti

Page 82: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

82 Fayyina Barabaraa

Waaqayyoof aarsaa dhi’eessaa, “Waaqayyo, cubbuu koo har’aa borii naaf dhiisi” jechaa ni kadhatu. Waaqayyo aarsaa keenya osoo hin taanee amantii yaada garaa keenyaa amantii fay’isuu bishaanii fi hafuuraa nuyi qabnu barbaada. Inni akka nuyi oolluu fi fayyinu barbaada. Inni jaalala isaa nuuf kennee amantii keenya fudhachuu ni barbaada. Kana hundumaa arguu ni dandeessaa? Yesuus fayyina guutuu nuuf kennuu barbaada.

Yesuus cubbuu ni jibba, garuu inni dhala namaa warra akka fakkeenya isaatti uumamaniif, jaalala gubaa qaba. Inni utuu biyyi lafaa hin uumamin dura iyyuu akka nuyi ijoollee isaa taanuuf murteesseera, karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii cubbuu keenya nu irraa kaaseera. Waaqayyo dhuma irratti akka fayyinnuuf Yesuusiin nu golgee ijoollee isaa nu godhee nu uumeera. Kun jaalala inni nuun uumama isaaf qabu agarsiisa.

Waaqayyo akka seera isaatiitti yoo ni farada ta’e, nuyi, cubbamoonni ni duuna turre. Inni garuu karaa cuuphamuu isaa fi fannifamuu isaa firdii nu

irraa kaaseera. Kana ni amantaa? Kottaa Kakuu Moofaa keessatti kana ni mirkaneeffanna.

Aaroon Harka isaa tuuntunnoo aarsa irraa kaa’a

Eenyutu bakka bu’ee Mataa korbeessaa irra harka kaa’a?

Angafa lubaa

Cubbuun biyya lafaa hundinuu bara Kakuu

Moofaatti karaa amantii sirna dibata lubummaa fi bara Kakuu Haaraatti immoo karaa cuuphamuu darba. Bara Kakuu Moofaatti angafni Lubaa harka mataa korbeessa mudaa hin qabnee fayyaatti jiruu irra kaa’ee irra daddarbaa fi cubbuu saba Israa’el kan waggaa altakkaa itti dabarsa.

“Harka isaa lamaan mataa korbeessa fayyaatti

Page 83: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

83 Fayyina Barabaraa

jiru sana irraa kaa’ee yakka, irra daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisuu in godha” (Leewota 16:21).

Bara Kakuu Moofaa keessatti cubbuun akkaataa kanaatti dhiifama ture. Cubbuu har’aa boriittii fayyuudhaaf, korbeessa ykn reettii mudaa hin qabne iddoo aarsaa dunkaanaatti ni dhiheessa. Harka isaa mataa horii aarsaaf dhiyaatee sanaa irra kaa’ee, cubbuu isaa itti dabarsa. Achumaan gorra’aamee dhiigni isaa immoo mataa iddoo aarsaa tti dibama.

Golee arfan iddoo aarsaa sana irraa gaanfatu jiru. Gaanfi arfan kun macaafa hojii namaa isa Mul’ata 20:12 keessatti ni fakkeeffama. Dhiigni iddoo sana irraa hafe immoo lafatti gadi dhangalaa’a. Lafti laphee namaa bakka bu’a, sababiinisa biyyoo awwaaraa irraa sababa dhalateef. Cubbuu isaanii har’aa boreettii bifa kanaan fayyuu ni danda’u.

Haa ta’u iyyuu malee cubbuu har’aa boreetiif

guyyaa-guyyaatti aarsaa dhi’eessuun hin barbaachisu, Waaqayyo cubbuu ar’aa boreef waggaatti si’a tokko akka dhiyaatu hayyameera. Guyyaan araaraa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti waggaa-waggaan geggeeffama. Guyyaan araaraa waggaa dhiifama cubbuu itti geggeeffamutti angafni lubaa, bakka bu’aan saba Israa’el hunda, reettota lama irra harka isaa kaa’ee cubbuutti dabarsee Waaqayyo duratti dhi’eessee sirna araara Israa’elootaa ni raawwaata.

“Harka isaa lamaan mataa korbeessa fayyaatti jiru sana irra kaa’ee yakka irra daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisuu in godha.”

Waaqayyo Aaroniin, Angafa lubootaa saba israa’el, bakka bu’aa saba Israa’eel godhee kaa’eera. Iddoo dhuunfaatti tokkoon tokkoon namaa harka isaa irra kaa’uu, angafni luba Aaroon dhiifama cubbuu saba Israa’el kan waggaa altakkaa akka dhiifamuuf

Page 84: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

84 Fayyina Barabaraa

harka isaa mataa korbeessa fayyaatti jiru sana irra in kaa’a.

Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu saba Israa’eliin ni hima, “Yaa Waaqayyo, ijoolleen kee sabni Israa’el cubbuu hojjeteera. Waaqota tolfamaa waaqeffanneerra, keeyyata seera keetii hunda caabsineerra, maqaa kee akkasumaan dhoofneerra, waaqota ofii keenyaa tolfannee si caalaatti jaallanneerra. Guyyaa sanbata hin qulqulleessine, abbaa fi haadha keenya hin ulfeesine, ajjeefnneerra, ejjineerra, hanneerra…. Waan namaa hawwinee lola kaafneerra.”

Inni cubbuu isaanii hunda tarreessee ni dubbata. “Yaa Waaqayyo, Sabni kee Israa’elis ta’e ani seera kee hin eegne. Cubbuu kana hundumaattii fayyuudhaaf ani harka koo mataa tuuntunoo kanaa irra kaa’ee cubbuu isaanii itti nan dabarsa.” Angafni lubaa sun mataa aarsichaa irra harka isaa kaa’ee, cubbuu hundumaa itti dabarsa. Dibuu, ykn harka irra kaa’uu jechaan ‘itti dabarsuu’ jechaa dha (Leewota 1:1-4, 16:20-21).

Bara Kakuu Moofaa

keessatti araarri attamittiin ta’aa ture?

Haarsaa sababii cubbuu tiif dhiatu irraa harka kaa’uu dhaan

Cubbuun saba Israa’el dabarsaan akka fayy’uuf

Waaqayyo sirna aarsaa kenneera. Cubbamaan sun iddoo cubbuu isaatii horii muda hin qabne dhi’eeffatee bakka nama sanaa horiin sun ni qalama. Fay’inni nama dhuunfaa akkaataa kanaan ta’a.

Haa ta’u iyyuu malee, Guyyaa Araaraatti, aarsaan cubbuuf dhiyaatu qalamee dhiigni isaa immoo iddoo qulqulluu qulqullootaa teessoo araaraa irratti si’a torba faca’a. Cubbuun saba Israa’el kan waggaa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti altakkaa ni dhiifama.

Angafni lubaa iddoo qulqulluu qulqullootaatti aarsaa dhi’eessuudhaaf ni seena, garuu sabni

Page 85: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

85 Fayyina Barabaraa

bakkeetti walitti qabamee sagalee bilbila warqee kanaaf qophaa’anii ni dhaggeeffata. Yeroo dhiigi sun si’a torba teessoo aarsaa irratti faca’u bilbilli warqee sun ni bilbilama. Yeroo sanatti sabni Israa’el akka cubbuun isaanii haqame hubatee gammachuu isaa ni dhageessisa. Sagaleen bilbila warqee sun gammachuu fayy’ina wangeelaa bara Kakuu Haaraa agarsiisa.

Yesuus namoota yaraa filatee isaaniin qofa fayyisa kan jedhu yaada dhugaa miti. Yesuus battala chuuphametti cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhateera. Inni altakkaa yeroo dhumaatiif nu fayysuu barbaadeera. Cubbuuttii fayyuun har’aa boree ta’a miti, cubbuun keenya altakkaa, barabaraaf haqameera.

Bara Kakuu Moofaa keessatti, dhiifamni cubbuu karaa aarsaa kennamaa ture. Aaroon fuula namoota hundumaa duratti tuntunnoo irra harka isaa kaa’ee cubbuu sabni sun waggaa sana keessa hojjete tartiibaan ni dubbata. Saba Israa’el hundumaa duratti cubbuu isaanii itti ni dabarsa. Tuntunnoo aarsaaf

dhiyaate sana irra erga angafni lubaa harka isaa irra kaa’ee booda cubbuun saba sanaa eessa dhaqa? Cubbuun sun hundi gara tuntunoo sanaatti darba.

Tutunoon sun ‘nama ta’uun’ oofamee gara iddoo onaatti ni geeffama. Iddoon onaa sun iddoo bishaanii fi margii hin jirre dha. Tuuntunichi iddoo onaa sana keessa utuu jooruu akka cubbuutti gubatee dhuma irratti ni du’a. Dhuma irratti tuuntunoon sun sababii cubbuu saba Israa’eliif ni du’a.

Kun egaa jaalala Waaqayyoo, jaalala fayyinaa ti. Jaalalli kun dhiifamni cubbuu waggaa akka kennamuuf sababa ta’eera. Nuyi garuu bara Kakuu Haaraa keessa jirra. Yesuus gara biyya lafaa dhufuun isaa har’a waggaa 2000 ta’eera. Inni abdii isa bara Kakuu Moofaa keessatti kennamee raawwachuudhaaf dhufe. Inni dhufee cubbuu keenya hundumaattii nu fayyiseera.

Page 86: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

86 Fayyina Barabaraa

Hunda Keenya Fayyisuu Dhaaf

YESUUS jechaan maal jechaa dha?

Fayyisaa isa saba isaa cubbuu isaanittii isaan fayyisuu dha

Kottaa (Maatewos 1:20-21) ni dubbifannaa.

“Utuu Yooseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan Gooftaa abjuutti itti mul’atee “Yaa Yooseef ilma Daawwit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee of biratti fudhachuu hin sodaatiin; Isheen ilma in deessi, atis maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee in mooggaafta. Inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniitti isaan in fayyisa” (Maatewos 1:20-21).

Waaqayyo abbaan keenya Maariyaam durba irraa foon uffachiisee ilma isaa gara biyya lafaatti

ergee cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Inni ergamaa isaa Maariyaamitti ergee akkana jedhee itti dubbate, “Ati in ulfooftaa, ilmas in deessa, maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee in mooggaafta.” Ilmi Waaqayyoo karaa Maariyaamiin dhufu kun fayyisaa biyya lafaa ta’a jechaa dha. Yesuus Kiristoos jechaan kan saba isaa cubbuu isaaniitti saan fayyisu, jecha biraa tiin, fayyisaa jechaa dha.

Egaa Yesuus attamitti cubbuu keenya hundumaattii nu fayy’isa? Yesuus laga Yordaanositti yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhateera. Yeroo Yohaannis cuuphaan isa cuuphe, cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti darbeera. Kottaa Maatewos 3:13-17 ni dubbifanna.

“Yesuus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garu, “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf

Page 87: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

87 Fayyina Barabaraa

amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaan keessaa akkuma ba’een kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.”

Yesuus gara Yohannis chuuphaa dhaquun isaa cubbuu keenya hundumaattii nu fayy’isuu dhaafi. Inni bishaan keessa lixee mataa isaa Yohaannis jala qabate. “Yohannis, egaa amma ana cuuphi. Waan qajeelaa raawwachuun nuuf ta’a. Ani cubbuu biyya lafaa gara ofii koottii fudhee, cubbamoota hundumaa oolchuufaan dhufe, cuuphaadhaan cubbuu isaanii hunda haqeen bal’eessa. Amma ana cuuphi! Hayyami!”

Kanaafuu, waan qajeelaa gochuun ni ta’a. Yesuus laga Yordaanositti yeroo Yohannis cuuphaan cuuphame, qajeelummaan Waaqayyoo inni nuun

cubbamoota fayy’isu ni raawwatame. Egaa haala karaan cubbuu keenyattii nu

fayyseera. Cubbuun kees hundi gara Yesuusitti darbeera. Kana ni hubattaa?

Cuuphamuu fi hafuura Yesuusitti amanii fayyina fudhadhu.

Attamitti qajeelummaan hundi isaa raawwatame?

Karaa cuuphamuu Yesuus

Waaqayyo cubbuu biyya lafa hunda karaa harka

irra kaa’uu fi aarsaa sababii cubbuutiif dhiyaatuun akka balleessu abdii kennee ture. Garuu tokkoon tokkoon namaa dhuunfaadhaan harka irraa kaa’uun waan hin dandaa’amneef, Waaqayyo Aarooniin hangafa lubaa godhee akka aarsaa dhiheessuuf adda baase. Inni cubbuu saba Israa’el hunda altakkaa gara tuntunnoo aarsaaf dhiyaateetti ni dabarsa. Kun angoo

Page 88: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

88 Fayyina Barabaraa

fi ogummaa fayyisuu Waaqayyoo ti. Waaqayyo ogeessa dinqisiisaa dha.

Cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuudhaaf Waaqayyo Ilma isaa gara biyya lafaatti ergeera. Akkanatti, aarsaan cubbuu dhiyaateera jechaa dha. Egaa namni cubbuu biyya lafaa mataa Yesuus irra kaa’ee cubbuu itti dabarsuu ni barbaachisa. Namni kun Yohannis Cuuphaa dha. Waaqayyo Kiristoosiin dura bakka bu’aa ilmaan namaa akka erge macaafni qulqulluun ni ibsa.

Yohannis cuuphaan dhala namaa hundumaaf angafa lubaa ture. Akkuma Maatewos 11:11 keessatti barreeffame, “Dhuguman isiniin jedha nama ta’e lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caaluu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hunduma irra xinnaatu isa irra in caala.” Inni bakka bu’aa ilmaan namootaa tokkicha. Kanaafuu, inni Yohannis cuuphaa bakka bu’aa ilmaan namoofaa godhee akka inni Yesuusiin cuuphee cubbuu biyya lafaaitti dabarsuuf ergeera.

Nama biilyoona ja’aatuu biyya lafaa irra jira yoo

ta’e cubbuu isaanii itti dabarfachuudhaaf harka isaanii mataa Yesuus irra ni kaa’uu yoo ta’e, mataan isaa attam ta’a laata? Namni biilyooniin ja’a harka isaanii mataa Yesuus irra ni kaa’u yoo ta’e, ilaalcha miidhagaa hin ta’u. Namoonni dhimmamoon mataa isaa yoo gad qaban rifeensi mataa isaatii ni luqqa’a ture. Kanaafuu, Waaqayyo ogummaa isaatiin, Yohannisiin bakka bu’aa ilmaan nM godhee isa kaa’uu dhaan cubbuu biyya lafa hunda altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti gara Yesuusitti karaa cuuphamuu isaa itti dabarse.

Maatewos 3:13 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe.” Kun yeroo Yesuus waggaa 30 fixetti ta’e. Yesuus dhalatee gaafa guyyaa 8 immoo dhaqna qabate, ergasii hanga inni waggaa 30 fixetti waa’een isaa wanti galmaa’ee baayyeen hin jiru.

Yesuus hanga waggaa 30 tti turuun isaa Kakuu Mooffaatti hanga angafa lubaa seera qabeessa ta’u eeguu dhaafi. Seera keessa deebii keessatti, angafa

Page 89: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

89 Fayyina Barabaraa

lubummaan tajaajila kennuun waggaa 30 booddee akka ta’u Museen dubbateera. Yesuus angafa luba waaqa irraa ti. Kanatti ni amantaa?

Maatewos 3:13-14 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu, anatuu siin cuuphamuun immoo situu nan cuuphama jedheen.” Bakka bu’aan dhala namaa eenyuu dhaa? Yohannis cuuphaa dha. Egaa bakka bu’aan waaqa irraa immoo eenyuun ta’a? Yesuus Kiristoosii dha. Bakka buutonni ni quunnamu. Egaa inni caaluu eenyuun ta’a? Eeyee dhugaadhumatti, bakka bu’aa isa oliitu caala.

Kanaafuu Yohannis cuuphaan, ija jabeessa guddaa waan tureef geggeessitoota amantii yeroo sanaatiin, “Isin ijoollee marrataa nana! Cuuphama!” jechuu dhaan fuula Yesuus duratti gadi of deebise. “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?”

Qabxii kana irratti, Yesuus akkana jedhe, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa

akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi.” Yesuus qajeelummaa Waaqayyoo raawwachuudhaaf gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaan cuuphame.

“Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaan keessaa akkuma ba’een kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurrii Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isa ni arge. Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.

Yerooinni cuuphame kanatu ta’e. Cubbuun biyyaa waan haqameef bantiin waaqaa ni baname.

“Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee, hamma hammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira” (Matthew 11:12).

Raajii fi seerri hanga Yohannis cuuphaatti dubbatamaniiru. “Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee, hamma ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira.”

Page 90: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

90 Fayyina Barabaraa

Namni cuuphamuu Yesuusitti amanuu gaaffi kan biraa malee mootummaa Waaqayyootti ni gala.

“Anis sitti hin faradu”

Maaliif Fannoo irratti Yesuustti faradame?

Sababii inni cubbuu keenya hunda

gara ofii isaatiitti fudhateefi. Yesuus Yohannisiin cuuphamee cubbuu biyya

lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate. Booddana immoo, dubartittii ishee ejja irratti qabamteen, “Anis sitti hin faradu” ittiin jedhe. Inni dubartittiitti hin faranne sababiinsaa, inni yeroo laga Yordaanositti cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda ofii isaatti waan fudhateef, dubartittiin cubbuu jalaa ba’uu dandeesse.

Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera. Sababii ‘gatiin cubbuu du’a’ ta’eef Yesuus fannoo irratti dhiphachuun isaa hammam akka nama sodaachisu ilaaluu dandeenya. Gaara ejersaa irratti akka firdiin kun irraa ka’uuf Yesuus si’a sadii kadhateera. Yesuus foon namaa uffatee nama foonii fi dhiigaa waan ta’eef dhiphinni kun akka namaatti akka isa sodaachise hubachuu qabna. Firdii kana raawwachuudhaaf Yesuus diiguu qaba ture.

Akkuma aarsaan cubbuu bara Kakuu Moofaa dhiiguu qabu, innis fannoo irratti aarsaa ta’ee dhiiga isaa dhangalaase. Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa balleessee, fayyina keenyaaf immoo lubbuu isaa fannoo irratti dabarsee kenne. Inni Waaqayyoon duratti akka firdii fudhachuu qabu ni beeka ture.

Yesuus garaa isaa keessaa cubbuu hin qabu ture, garuu battala inni cuuphametti cubbuun biyya lafaa hundinuu gara isaatti waan darbeef Waaqayyo ilma isaatti faraduu qaba ture. Kanaafuu, gochaan jalqabaa haqummaa Waaqayyoo yeroo agarsiisuu, inni

Page 91: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

91 Fayyina Barabaraa

lammaffaa immoo fayyina keenyaaf jaalala isaa nu gofuu isaa ti. Yesuus sababii kanaaf fannoo irratti firdii fudhate.

“Anis sitti hin faradu, ykn sitti hin muru.” Cubbuun keenya kan utuu itti yaadnees ta’e utuu itti hin yaadiin hojjenne, utuu beeknuu ykn utuu hin beekinis hojjenne hundii isaa Waaqayyoon firdii argachuu qaba.

Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo nutti hin faradne. Waaqayyo Yesuus isa cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhatetti mure. Waaqayyo sababii garalaafinaa fi jaalala isaatiif cubbamootatti hin faradne. Cuuphamuu fi fannoon dhiiga isaatii fayyina jaalala isaatii agarsiisa. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanuu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabaatuuf, malee haa baduuf miti” (Yohannis 3:16).

Kun akkaataa nuyitti jaalala isaa barree dha. Yesuus dubartittii ishee cubbuu ejjaa irratti qabamte sanatti hin faradne.

Dubartittiin hojii ejjaa irratti waan qabamteef cubbamtuu akka taatee of beekti. Isheen cubbuu yaadaa qofa miti, foon isheettis baatteetti. Haala kamiin iyyuu cubbuu ishee ganuu hin dandeessu. Haa ta’uu iyyuu malee, Yesuus akka cubbuu ishee irraa haqe waan amanteef, fayyiteetti. Fayyisuu Yesuusitti yoo amanne, ni fayyina. Itti amani! Gaarummaa keetiif ta’a.

Hunda caalaa kan eebbifamuu eenyuu dha?

Warra cubbuu hin qabne

Nama hundumaatuu cubbuu hojjete. Namoonni

hundinuu ejjaniiru. Garuu namoonni hundinuu cubbuu isaaniitiif itti hin faradamne. Nuyi hundumti keenya yakkineerra, garuu warri fayyisuu Yesuusitti amanan laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabani.

Page 92: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

92 Fayyina Barabaraa

Fayyina Yesuus kennetti warri amanan hundumaa irra caalaa gammachuu qabu. Warri cubbuu isaanii hundumaattii fayyan hunduma irra caalaa warra eebbifamanii dha. Jecha biraatiin, isaan qajeelummaa Yesuusiin gonfamaniiru jechaa dha.

Waaqayyo waa’ee gammachuu Roomaa 4:7 irratti dubbateera; “Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef, warri cubbuun isaanii akka deebi’ee hin argamne godhameef haa gammadan.” Hamma guyyaa obbafannaa keenyaatti cubbuu irraa bilisa hin taanu. Nuyi Waaqayyoon duratti yakkamoo fi hirruu dha. Erguma seera isaa barree booddee iyyuu cubbuu ni hojjenna. Nuyi baayyee dadhaboota.

Garuu Waaqayyo cuuphamuu fi dhangala’uu dhiiga tokkicha ilma isaan waan nu fayyiseef, kanaan booda akka nuyi cubbamoota hin taanee fi isa duratti qajeelota akka taane nutti dubbata. Inni akka nuyi ijoollee isaa taane nutti dubbata.

Wangeelli bishaanii fi hafuuraa wangeela fayyina baraabaraa ti. Kanatti ni amantaa? Warra itti amanani, qajeelota, warra fayyanii fi ijoollee isaa

ta’u. Biyya lafaa kana keessatti hunduma irra caalaa kan gammachuu qabu eenyuu dhaa? Warra amanani fi warra wangeela dhugaa tiin oolfamani dha. Ati oolfamteettaa?

Yesuus cubbuu kee si irratti hambiseeraa? Lakki, inni cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera. Itti amani. Itti amaniitii cubbuu kee hundumaa irraa boqodhu. Yohannis 1:29 haa dubbifnu.

Akkuma waan harataa dhaan harameetti

Yesuus Cubbuu

hammamii Balleesse?

Cubbuu biyya lafaa hunda

Borumtaa Yohaannis utuu Yesuus gara isaa

Page 93: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

93 Fayyina Barabaraa

dhufuu arge, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” (Yohaannis 1:29)

“Ilaa! Hoolicha Waaqayyo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”

Yohaannis cuuphaan laga Yordaanositti cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Borumtaa isaa immoo, Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhuuf akka dhufe dhugaa ba’e. Inni cubbuu biyya lafaa hunda gatiittii isaatti fudhate.

Cubbuu biyya lafaa kan dhalli namaa hojjete hundi, uumamaa hanga dhuma baraatti altakkaa gara Yesuusitti darbeera. Waggoota 2000 fuula dura, cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhatee nu fayyiseera. Akka hoolaa Waaqayyootti, cubbuu hundumaa ofii isaatti fudhatee firdii keenya nuuf baate.

Cubbuu namni hojjete hundi gara Yesuusitti darbeera. Inni hoolaa isa cubbuu biyya lafaa balleessu ta’e.

Inni akka nama cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuutti, gad of deebisee gara biyya lafaa dhufe. Dhadhaboota, yakkamootaa, callistoota fi guutuu

waan hin taaneef cubbuu ni hojjenna. Jecha biraatiin, abbaa keenya Addaam irraa cubbuu waan dhaalleef ni yakkina. Yakki kun hundi battala Yesuus laga Yordaanositti cuuphame haramee gara mataa isaatti darbe. Fannoo irratti du’uu isaatiin xumura irraan ga’eera. Erga du’ee booda ni awwaalame, Waaqayyoo garuu guyyaa Sadaffaatti du’a isa kaase.

Akka fayyisaa cubbamootaatti, mo’ichaan, abbaa firdii ta’ee, amma inni gara mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira. Ammaa-ammaa nu fayyisuu hin barbaachisu. Wanti nuyi gochuu qabnu fayyuudhaaf isumatti amanuu dha. Warra amaneef jireenya barabaraatu isaan eeggata; warra hin amanne garuu badiisatu eeggata. Filannoon biraa hin jiru.

Yesuus hunduma keenya fayyiseera. Ati biyya lafaa kana irraa warra hunduma irra caalaa gammaddee dha. Garuu fuula duraatti cubbuu ni hojjeta sababii murtaa’ina keetiif, inni garuu cubbuu kana hundumaattis si oolcheera.

Cubbuun laphee kee keessatti hafeeraa? —Lakki.—

Page 94: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

94 Fayyina Barabaraa

Yesuus hunduma isaa kaaseeraa? —Eeyye! Inni godheera.—

Namni hundinuu tokko. Eenyu iyyuu ollaa isaa caalaa qulqull’aa/tuu miti. Garuu sababii namoonni baay’een of tuultoota ta’aniif, akka waan cubbamoota hin taaneetti ofii isaanii in lakkaa’u, yeroo barbaadamutti immoo isaanis cubbamootuma. Biyyi lafaa kun mana itti cubbuun oomishamuu dha.

Dubartoonni yeroo mana isaaniitii ba’an, halluu hidhii in dibatu, fuula isaanii daakuu itti godhatu, rifeensa mataa isaanii ni hojjetatu, uffannaa isaaniis ni bareechatu, kophee koomee ol kaa’aa ni kaa’atuu…. Dhiironnis refeensa mataa isaanii ni sirreeffatu, shimashii qulqulluus ni uffatu, karabaataa ammayyaa ni kaa’atu kophee isaani ni qulqulleeffatu.

Waan bakkeen mullatuun giiftota fakkaatanii yoo adeeman iyyuu, waan keessan mullatuun garuu raawwatanii qullaa dha.

Horiin nu gammachiisuu ni dandaa’aa? Fayyaa qabaachuunis namaaf gammachuu ni kennaa? Lakki. Fayyina baraabaraa qofaatuu nama gammachisee

dhugaa namaaf kenna. Waan bakkeen mullatuun namni hamma fedhe iyyuu haa gammadu, laphee isaa keessatti cubbuun hafeera taanaan namni sun gadadamaa/mtuu dha. Namni akkanaa yeroo hundumaa soda firdii jala ni jiraata.

Namni fayyina argate akka leencaa ija jabeessa, ta’a. Cubbuun laphee isaa/shee keessa hin jiru. “Yaa Waaqayyo si haa galatu, cubbamoota akka kootii fayyifteetta. Ati cubbuu koo hundumaa ana irraa haqxeetta. Ani illee gama kootiin jaalala kee fudhachuudhaaf kanan malu hin turre, garuu waan na fayyifteef siin galateeffadha. Ani cubbuu koottii barbaraan fayyeera. Waaqayyoof galanni haa ta’u!”

Namni fayyee gammaduun isaa sirrii ta’a. Namni fayyina eebba isaatii argatee inni dhuguma gammachuun isaa guddaa ni ta’a.

Sababii Yesuus, ‘cubbuu biyya lafaa kan balleesse hoolaan Waaqayyoo’ cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera, kanaafuu nuyi cubbuu hin qabnu. Waa’een fayyina keenyaa fannoo irratti ‘raawwatameera’ jedhe. Cubbuun kee fi cubbuun

Page 95: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

95 Fayyina Barabaraa

koo hundi, cubbuu biyya lafaa hunda dabalatee, kan hunda keenyaa haqameera.

Jaalala Waaqayyoo iin

Utuu Yesuus keessa

jirruu garaa keenya keessaa cubbuu ni qabaannaa?

Lakki, hin qabnu.

Jaallatamoo firootaa, dubartittiin ejja irratti

qabamtee sun sagalee Yesuusitti amantee fayyite. Seenaan ishee macaafa qulqulluu keessatti ni galmaa’ee sababiinsaa isheen fayyina baraabaraa waan argatteef. Haa ta’u iyyuu malee, of tuultonnii Fariisotaa fi Saduuqotaa Yesuus irraa ni baqatani.

Yesuusitti yoo amantee, jireenya Waaqatuu si eeggata, garuu Yesuusiin yoo dhiifte, sii’oliin

dhaqxa. Hojii qajeelummaa isaatti yoo amante, inni akkuma Waaqaa ti, garuu sagalee isaatti hin amantu yoo taate, inni akkuma sii’oli. Fayyinni yaalii namoota dhuunfaa osoo hin taane, fayyisuu Yesuusii dha.

Ibroota10 akkanatti ni dubbifanna. “Seerichi garuu gaaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’atan miti; inni karaa haarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hincitin dhi’eeffaman sana; warra dhi’aatan fiixaan kan ba’an gochuu matumaa hin dandeenye. Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta’utti, al tokkicha dhuguma cubbuu isaaniittii utuu qulleeffamaniiru ta’ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhagaa’amneef aarsaa dhi’eessuun in hafa ture miti ree? Hamma garuu aarsaa waggaa waggaatti dhi’aataniin namootni cubbuu isaanii ni yaadatu. Dhiigni korrommii fi re’hotaa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandaa’ani; kanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yommuu dhufe, “Ati, aarsaa kennaas hin jaallanne,

Page 96: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

96 Fayyina Barabaraa

garuu dhaqna abboomamuu anaaf qopheessiteetta. Ati kennaa qalma isa gubamuu ti. aarsaa sababii cubbuutiif dhi’atuttis hin gammadne; kanaaf ani immoo, ‘Macaafa maramu keessatti waa’ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuu dhaaf dhufeera’ naan jedhe jedhee dubbate.” Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhiyaatanii iyyuu, kana garaarraatti, “ati aarsaa, kennaas kannaa qalmaa isa gubamuu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi’aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne” jechuu isaa argineerra. Itti dabalees immoo, “Kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera” jedheera, kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuu dhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhiigni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti, al tokkichaa aarsaa ta’ee dhi’eeffamu dhaan nuyii Waaqayyoof qulqulleeffamneerra” (Ibroota 10:1-10).

“Jaalala Waaqayyootii” Yesuus cubbuu keenyaaf jedhee lubbuu isaa aarsaa nuuf godhee, iddoo keenya itti muramee du’ee du’aa nuuf ka’eera.

Kanaafuu nuyi qulqulloofneerra. ‘Qulqulleeffamneerra (Ibroota 10:10)’ akka yeroo guutuutti galmaa’eera. Akkana jechuun fayyinni keenya yoom iyyuu guutuu dha jechuu dha, irra deebi’amee hin caqafamu jechuu dha. Ati qulleffamteetta.

“Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu al tokko aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyo taa’e; achi taa’ee, diinonni isaa ejjeta miila isaa hamma godhamanitti in eeggata. Altokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’aan godheera” (Ibroota 10:11-14).

Barabaraan qulqulloofneerra. Yoo bor cubbuu hojjete, deebitee cubbamaa ni taataa? Yesuus cubbuu isa kana si irraa hin kaafne moo? Inni kana godheera. Inni cubbuu gara fuula duraas balleesseera.

Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa

Page 97: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

97 Fayyina Barabaraa

dhugaa nuuf ba’a; Inni duraan dursee, “Guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isaan nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi’’ jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, “Waaqayyo, ‘ani cubbuu isaanii, jali’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera’’ jedhe; Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuu tiif dhi’aatu ni hafa” (Ibiroota 10:15-18).

Gaaleen, ‘Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee’ jedhu sun inni cubbuu biyya lafaa hunda kaffaluu isaa agarsiisa. Yesuus fayyisaa keenya, fayyisaa kee fi fayyisaa koo ti. Yesuusitti amanuun nu fayyiseera. Fayyisuun Yesuus, ayyaana isaa isa dhumaa fi badhaasa Waaqayyoo ti. Atii fi ani warri cubbuuttii fayyine, hunduma irra caalaa kan eebbifamnee dha!

Page 98: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 5

Cuuphamuu Yesuusi fi Araara Cubbuu

Page 99: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

99 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

< Maatewos 3:13-17 >

“Yesuus yemmus Yohannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhe jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti in

rawwatama’ jedhee waaqa irraa ni dubbate.”

Namni hanga ammaatti cubbuudhaan rakkatu jiraa?

Cubbuuf garba ta’uun keenya dhumeeraa?

Eeyyee.

Waaqayyo Gooftaan keenya hidhaa cubbuu nu

irraa kuteera. Warri hanga ammaatti rakkina cubbuu jala jiran garboota cubbuu ti, garuu fayyisuu isaa tiin, gooftaan keenya cubbuu raawwatee balleesseera. Inni cubbuu keenya hunda isaa haxaa’eera. Namni hanga ammaatti cubbuu dhaan rakkatu jiraa?

Qabsoon nuyi Cubbuu wajjin qabnu akka raawwate hubachuu qabna. Lammaffaa cubbuu dhaan waan rakkannu hin qabnu. Cuuphamuu fi du’a

Page 100: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

100 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yesuusiin garbummaa cubbuu jalaa baaneerra. Ergasii cubbuun keenya achumatti xumurameera. Wanta cubbuun gaafatu hunda Ilmi Waaqayyoo nuuf kaffaleera. Waaqayyo gatii cubbuu keenyaa karaa Yesuus nuuf kaffalee, barabaraan birmaduu nu baasera.

Namoonni hammam akka cubbuudhaan rakkatan ni beektaa? Inni kun bara Addaamii fi hewwaan jalqabe. Dhalli namaa cubbuu Addaamii fi Hewwaan irraa dhaalaniin ni dhiphatu.

Haa ta’uu iyyuu malee, Waaqayyoo cubbamoota fayyisuudhaaf Uumama 3:15 irratti kakuu galeera. Kakuun kun karaa aarfamuu Yesuus Kiristoos bishaanii fi hafuuraan dhala namaa fayyisuu dha. Yeroo yeroon isaa ga’etti, Waaaqayyo fayyisaa keenya Yesuusiin, gidduu keenya akka jiraatuuf gara keenyatti erge.

Inni Yesuusiin dura Yohaannis cuuphaa akka ergus abdii kenneera.

Maarqoos 1:1-8 akkana jedha, “kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti.

Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira. Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti ergamee, “cuuphamaa, yaada garaa geeddarachuu keessan mullisaa, Waaqayyoo cubbuu keessan isiniif in balleessa” jedhee labse. Guutummaa kutaa biyya Yihudaa keessa mandaraa Yeruusaaleem keessa kan jiraatan hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba’anii, cubbuu isaan himachaa, laga Yordaanositti of in cuphsiisu turan. Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha’ame uffatee, mudhii isaas teephaan hidhatee, hawwaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate. Innis, “Inni ana irra jabaatu ana booddeedhaan dhufaa jira, gadi gugguufee hidhaa kophee isaatiillee hiikuu dhaaf ani nama ta’u miti. Ani bishaaniin isin cuuphe, inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha” jedhee labse.”

Page 101: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

101 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yohannis Cuuphaa, Dhuga ba’aa fi dura adeemaa Wangeelaa

Yohannis Cuuphaan eenyuu dha?

Angafa Lubaa fi bakka bu’aa

dhala namaa ti Cuuphaan afaan Giriikiitiin, ‘baptizo,’ jedhama

akkana jechuunis ‘bishaan keessaa liccisuu’ innis ‘dhiqamuu, awwaalamuu, keessa ka’aamuu, itti dabarsuu’ jechuu dha. Yeroo Yesuus cuuphame, qajeelummaan Waaqayyoo iddoo ga’e, ‘Qajeelummaan’ afaan Giriikii tiin ‘dikaiosune’ akkana ‘jechaan qajeelaa’ karaa biraa tiin immoo ‘waan ta’u,’ baayyee quubsaa, ‘kan itti ta’u,’ ‘haala gaarii’jechaa dha.

Yesuus fayyisaa qubsaa fi ga’aa akka ta’uuf cuuphameera. Kanaafuu, warri cuuphamuu isaa fi fannifamuu Yesuusitti amanan ni fayyu.

Kakuu Haaraa keessatti, Yohaannis cuuphaan angafa lubaa Bara Kakuu moofaa ti. Kottaa mee wangela Maatewos 11:10-11 ni ilaalla. Innis, Yohannis cuuphaan bara itti gala Kakuu Haaraatti akka angafa lubaatti bakka bu’aa ilmaan namaa ta’ee, cubbuu ilmaan namaa hunda gara Yesuusitti dabarsuudhaan, tajaajila lubummaa bara Kakuu Moofaa kenneera.

Yesuus ofii dhuma isaatiifiyyuu waa’ee Yohannisiin dhugaa ba’eera. Maatewos 11:13-14 keessatti akkana jedha, “Raajonni hundinuu, seerris hamma bara Yohannis cuuphaatti raajii dubbataniiru. Kana fudhachuus in barbaaddu yoo taatan, Yohannis kun Eliyaas isa dhufuuf jiru sana.” Kanaafuu, Yohannis cuuphaan, inni Yesuusiin cuuphe, sanyii angafa Lubaa Aaron isa dhumaati. Macaafni qulquuun Yohannis akka sanyii Aaron bara Kakuu Moofaa keessaa akka ta’e ni dubbata (Luqaas 1:5, 1 Seenaa baraa 24:10).

Egaa Yohannis maaliif qofaa isaa iddoo onaa keessa taa’ee, uccuu rifeensa gaaalaa irraa hojjetames

Page 102: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

102 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

maaliif uffataa ture? Akka angafa lubaatti akka yaadamuuf ture. Akka bakka bu’aa ilmaan namaaatti, Yohannis cuuphaan nama gidduu jiraachuu hin qabu. Kanaafuu, inni waa’ee saba Israa’eliif boo’aa, “Isin Ijoollee mar’afaa qalbii diddiirradhaa” ittiin jedhe mallattoo qalbii diddiirraannaaf immoo cuuphamaa jechaa, gara Yesuus isa cubbuu isaanii irraa kaasetti isaan deebisuuf ture. Hunduma irra iyyuu, Yohaannis yeroo harka isaa mataa Yesuus irra kaa’e, cubbuu biyya lafaa hundumaa itti dabarseera.

Cuuphaa gosa Lamaan

Yohannis cuuphaan

maaliif namoota cuuphe?

Namoonni cubbuu isaanii irraa qalbii diddiirratanii cuuphamuu Yesuusitti akka amananiif

Yohaannis cuuphaan erga namoota cuuphee booda Yesuusiin immoo cuuphe. Inni jalqaba “cuuphaa qalbii diddiirrannaa,” isa namoota qalbii diiddirrannaaf gara Waaqayyootti waamu ture. Namoonni baayyeen sagalee Waaqayyoo karaa Yohannisiin kan dhagaa’an, waaqa tolfamaa isaanii dhiisanii gara isaatti deebi’aniiru.

Cuuphaan inni lammaffaan cuuphamuu Yesuus, cuuphaa isa cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsee dha. Yohaannis cuuphaan Yesuus akka hojii qajeelummaa nuuf hojjetuuf isa cuupheera. Jecha biraatiin, Yesuus namoota hundumaa cubbuu isaaniittii fayyisuudhaaf Yohannisiin cuuphame (Maatewos 3:15).

Yohaannis Yesuusiin cuuphuun isaa maaliif barbaachise? Cubbuu biyya lafaa balleessuudhaaf, namoonni isatti amanan hundinuu akka fayyaniif cubbuu gara Yesuusitti dabarsuudhaaf ture.

Yohannis cuuphaan garbichi Waaqayyoo, inni ergami isaa karaa cuuphaa cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarsuu fi namoonni hundinuu qalbii

Page 103: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

103 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

diddiirratanii cubbuun isaanii akka irraa dhiqamuuf wangeela fayyinaatti akka amananiif Yesuusiin dhugaa ba’uu ture. Kanaafuu, Yohaannis namattii addda ba’ee, iddoo onaa taa’utu irra ture. Bara Yohaannis cuuphaatti, sabni Isiraa’el hundinuu malaammaltummaan kan faalaman turan.

Kanaafuu, bara Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyoo akkanatti dubbateera, Miilkiyaas 4:5-6, “Kuno guyyaan koo inni guddadaanii fi inn sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiiniif nan erga. Ani dhufe lafa abaarsaan rukutee akkan hin balleessinetti, inni garaa abbotaa gara ijoollee isaaniitti; garaa ijoollees gara abb’oota isaaniitti in deebisa.”

Akka ilaalcha Waaqayyootti, sabni Israa’el Yaahiwwee kan waaqeffatan hundinuu yakkaan kan faalaman turan. Namni tokko iyyuu isa duratti qajeelaa hin turre. Geggeessitoonni amantii mana qulqullummaa; luboonni, abbootiin seeraa, barreessitoonni addumaan warra yakkaan faalaman turan. Sabni Israa’el fi luboonni akka seera

Waaqayyo kenneetti aarsaa hin dhiheessan turan. Luboonni aarsaa dhiigaa irra harka isaanii

kaa’anii akka seera araaraatti geggeessuu dhiisanii turan. Luboonni bara raajii Miilkiyaas keessa turan hundi isaanii sirna aarsaa harka irra kaa’uu fi dhiiga horii aarsaaf dhihatuu akka dhiisan galmaa’eera.

Kanaafuu, Yohaannis cuuphaan isaanii wajjin turuu hin dandeenye. Inni iddoo onaa dhaqee iyyuutu irra ture. Inni, maal jedhe ?

Maarqoos 1:2-3, sagalee raajicha Isaayaas akka itti fufee jiruutti waraabameera, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira.

Sagaleen iddoo onaa keessaa iyyuu akka namoonni cuuphaa qalbii diddiirratanii cuuphamaniif ture. Waa’ee ‘cuuphaa qalbii diddiirrannaa’ maacaafni qulqulluun maal jedha? Cuuphaa isa

Page 104: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

104 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yohaannis cuuphaan cuuphuuf iyyu, cuuphaa isa namoonni Yesuusitti amananii cubbuu isaaniittii akka fayyaniif gara isaatti isaaniin waamuu dha. Cuuphaan Yohaannis namoota gara fayyinaatti waamuu dha.

“Qalbii diddiirradhaatii cuuphamaa. Fayyisaan kee haaluma kanaan cubbuu kee ofitti fudhachuudhaaf cuuphameera.” Yohaannis cuuphaan Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatitti akka fudhate namoonni hundinuu fayyanii gara Waaqayyootti akka deebi’aniif akka inni firdii fannoo baate hubachiisuudhaaf iyye.

“Ani bishaaniinan isin cuupha, Inni garuu, Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.” ‘Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha’ jechuun cubbuu kee hundumaa si irra ni miica jechaa dha. Cuuphuu jechaan ‘miiccuu’ jechaa dha. Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuun isa Ilmi Waaqayyoo cubbuu keenyatti nu fayyisuuf akka cuuphame nu agarsiisa.

Kanaafuu, cubbuu keenya irraa deebinee isatti amanauu qabna. Inni hoolaa isaa cubbuu biyya lafaa

ballessee dha. Kun wangeela fayyinaa isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba’aa turee dha.

Ga’ee angafi lubaa guyyaa araaraa keessatti qabaatu

Karaa fayyinaa eenyutu qopheesse?

Yohannis cuuphaa Raajichi Isaayaas akkana jedhe dubbateera,

“Garaa saba yeruusaaem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyoo keessaa, adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef itti himaa” (Isaayaas 40:2).

Yesuus Kiristoos cubbuu keenya hunda utuu gargar hin baasin nu irraa kaaseera; cubbuu jalqabaa,

Page 105: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

105 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

cubbuu isa ammaa, isa gara fuula duraa hundinuu karaa cuuphaa isaa haqameera. Inni hunda keenya fayyiseera. Waa’ee fayyina keenya hunda beekuun nu irraa eegama.

Cubbuu keenya hundumaattii fayyuudhaaf, wangeela isa Yohaannis cuuphaan karaa cuuphamuu Yesuusiin cubbuu hundumaa itti dabarsetti amanuu qabna.

Garmalee hubachuu hin qabnu, “Waaqayyoo jaalala-jaalala jennee, yoo laphee keenya keessaa cubbuu qabaannee iyyuu, Yesuusitti amanuu dhaan mootummaa Waaqayyootti galla” jenne yaaduu hin qabnu.

Cubbuu keenya hundumaattii fayyuudhaaf, cuphamuu isaatti amanuu qabna, fannoo isaa fi isa Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarse hubachuu qabna. Yohaannis karaa bishaanii cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera.

Waaqayyo hojii fayy’isuu biyya lafaa Yohaannisiin erguu dhaan jalqabe. Akkuma ergamaa

Waaqayyootti Yohaannis cuuphaan akka bakka bu’aa mootiitti ergamee cubbuu biyya lafaa hunda karaa cuuphaa gara Yesuusitti dabarse. Inni tajaajila lubummaa dhala namaa hundumaaf kenneera.

Waaqayyo ergamaa isaa Yohannis cuuphaa gara biyya lafaatti akka erge dubbateera. “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga in jedha.” Fuula kee dura jechuun Yesuusiin dura jechuu dha. Waaqayyo maaliif Yesuusiin dura Yohannisiin erge? Cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa Yesuus ilma Waaqayyootti akkanni dabarsuuf. “Inni karaa keessan fuula keessan duratti isiniif qopheessa” kun ergaa kutaan kun jedhuu dha.

Akka nuyi fayyinee gara waaqaa dhaqnuuf karaa kan nuuf qopheesse eenyu dha? Yohannis cuuphaa dha. “Isiniif” inni jedhuu Yesuusiin agarsiisa. “Koo” waaqayyoon garsiisa. Kanaafuu yeroo inni “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga in jedha” maal jechuu dhaa?

Akka nuyi gara waaqaa dhaqnuuf karaa kan nuuf qopheesse eenyu dha? Akka inni cubbuu keenya nu

Page 106: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

106 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

irraa dhiqee kaasee akka itti amannuuf Yohannis cuuphaan cubbuu keenyaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Hojiin isaa Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu itti dabarsuu dha.Yohannis fi Yesuusii akka nuyi dhugaatti amannee fayyinu godhaniiru.

Faayyinni keenya maal irratti hundaa’a? Hojii qajeelummaa Yesuus ilmi Waaqayyoo hojjtefee fi ergamaan Waaqayyoo Yohannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa akka inni isatti dabarsee amanuu irratti hundaa’a. Hundi keenya wangeela fayyinaa beekuu qabna. Waaqayyo nama ilma isaa cuuphuu dursee erge; bakka bu’aa dhala namaa godhe. Kanaafuu inni akkaataa kanatti fayyina keenya guutuu godhe.

Waaqayyo Yohannisiin garbicha isaa ergee ilma isaa cuuphsisuu dhaan warra Yesuusitti amananiif karaa fayyinaa qopheesseera. Yohannis kanaaf Yesuusiin cuuphe. Cuuphamuun fayyina keenya guutuu gochuuf cubbuu keenyaa itti dabarsee namni isatti amanu hundinu akka inni fayyuuf.

Cubbuu keenya inni gara fuula duraa iyyuu gara isaatti darbeera. Yohannisii fi Yesuus karaa nuyi

ittiin mootummaa Waaqayyootti gallu nuuf qopheessan. Waaqayyo dhoksaa fayyinaa karaa Yohannis cuuphaa mul’iseera.

Namni fayyina argatee gara waaqaa akka dhaquuf Yohannis dhala namaa bakka bu’ee Yesuusiin cuuphe. Inni karaa cuuphaa cubbuu hundumaa gara Yesuusitti dabarseera. Kun, gammachuu fayyina wangeelaa ti. Yohannis cuuphaan maaliif dhalatee?

Karaa eenyuu Yesuusitti amanna?

Karaa Yohannis cuuphaa Milkiyaas 3:1 irratti akkanatti barreeffameera,

“Kunoo ani ergamaa koo isa karaa naaf qopheessu of dura nan erga.” Macaaf qulqulluu sirriitti dubbifachuu qabda. Waaqayyo maaliif ergamaa isaa

Page 107: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

107 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yesuusiin dura ergee? Yohannis maaliif ji’a ja’a Yesuusiin dursee dhalate?

Maacaafni qulqulluun maal akka ta’e hubachuu nu barbaachisa. Kakuu Moofaan hojii angafa lubaa Aaroon maal akka ta’e, dhugaa ni ba’a. Aaroon obboleessa Musee isa angafaa ture. Waaqayyo isaa fi ijoollee isaa hundumaa hojii lubummaatiif dibeera. Leewwotni isaan jalatti hojjetu; meshaalee nyaataa qulqulleessanii ni dhiheessu turan, dhadhaa fi daakuu waliin ni maku; ijoolleen Aaroon immoo dunkaana qulqulla’aa keessatti aarsaa ni dhihessu turan.

Ijoolleen Aaaroon hojii hundumaa walqixa ni hiratu, garuu guyyaa araara waggaa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaa angafni lubaa aarsaa waggaa ni dhiheessa.

Luqaas 1:5 keessatti, seenaan hidda dhaloota Yohannis barreeffamee jira. Akka ta’utti Yesuusiin hubachuudhaaf ergamaa cuuphaa sana sirriitti hubachuu qabna. Waa’ee Yesuus beekuudhaaf yaada keenya ni luuccessina, garuu waa’ee Yohannis cuuphaa, isa Yesuusiin dura ergamee immoo ni

callisina. Kana akka ati hubattuuf si gargaaruun jaalladha.

“Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilmaa Waaqayyooti. Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessuu si dura nan erga” in jedha” (Maarqoos 1:1-2). Wangeelli olii Yohannis cuuphaa dhaan jalqaba.

Waa’ee Yohannis cuuphaa guutummaatti yoo baranne, waa’ee fayyina wangeelaa Yesuus sirriitti nuuf ni gala. Kun fakkenya bakka bu’aa biyya adda addaatti erginee irraa haala biyya sanaa dhageenyuu ti. Yeroo nuyi waa’ee Yohannis cuuphaa hubannu, fedha fayyisuu Waaqayyoo sirriitti beekuu dandeenya.

Amantoonni baayyeen bara ammaa kana keessa barbaachisummaa Yohannis cuuphaa wallaaluun isaanii, attam yeellaasiisaa dha. Waaqayyo dadhabee ykn immoo waan godhu wallaalee Yohannis cuuphaa erge miti. Wangeelonni arfan Kakuu Haaraa utuu waa’ee fayyinaa keessa hin galin waa’ee Yohannis cuuphaa dubbatu.

Page 108: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

108 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Lallaboonni bara kanaas waa’ee isaa callisanii waa’ee Yesuusittti amananii fayyuu qofa ni dubbatu. Isaan egaa utuu hin beekin namoota cubbuu keessatti hambisanii gara sii’olitti ni ergu. Amantoonni hundinuu barbaachisummaa Yohannis cuuphaa utuu hin beekin Yesuusitti ni amanu yoo ta’e, amantiin kiristaanaa akkuma amantii biyya lafaa ni ta’a. Utuu dhugaa hin beekin attamitti waa’ee cubbuu keettii fayyuu beekta? Kun hin dandaa’amu.

Wangeelaan fayyuun salphaas gabaabaas miti. Namoonni baayyeen fayyinni keenya fannoo Yesuus irratti hundaa’a jedhanii kan biraa in callisu. Haa ta’u iyyuu malee, waa’ee dhugaa isa cubbuun keenya Yesuusitti darbee utuu hin beekin, fannifamuu Kiristoos qofaatti ni amanta yoo ta’e, amantii cimaa attamii yoo qabaatte iyyuu amantiin akkanaa fayyina guutuudhaan sin ga’u.

Akkaataa Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee fi akkaataa dhalli namaa karaa fayyinaa baru hubachiisuuf Waaqayyo Yohannisiin ergeera. Dhugaa barbaachiisaa fayyinaan nu ga’u yoo

barre qofa waa’ee Yesuus ilma Waaaqayyo isa cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhate beekuu dandeenya.

Yohannis cuuphaan waa’ee dhugaa fayyinaa nutti dubbata. Inni Yesuus Waaqayyo fi ifa akka ta’e dhugaa ba’uuf akka dhufe dubbateera. Inni ofii isaatii ifa osoo hin taane ifa akka dhugaa ba’uu dhufe dubbateera. Wangeela Yohaannis 1 keessattis karaa fayyinaa qopheessuudhaaf Yesuusiin akka cuuphu himeera.

Yoo dhuga ba’uumsa isa Yohannis kenne hin qabnu taane, attamitti Yesuusitti amannaa? Nuyi Yesuusiin hin argine, kanaafuu amantii fi aadaa addaaddaa keesaa baanee Yaahiween akka waaqa ta’e amanuu dandeenya?

Biyya lafaa kana keessatti amantii addaaddaa akkanaa keesaa baanee attamitti Yesuusitti amanuu dandeenya? Attamitti Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuu dhaan nu fayyisutti amanuu dandeenyaa?

Yesuus fayyisaa keenya akka ta’e, duraandursinee dubbii fayyinaa Kakuu Moofaa

Page 109: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

109 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

keessaa ilaaluu qabna. Amantii sirrii ta’e qabaachuudhaaf beekumsa sirrii ta’e qabaachuu qabna. Beekumsa sirrii ta’een ala waa gochuu hin dandeenyu. Yesuusitti amannee fayyuudhaaf wangeela fayyinaa isa Yohannis dhugaa ba’e fi ga’ee inni xabatee beekuu qabna. Yesuusitti fayyina guutuu qabaachuudhaaf, waa’ee dhugaa fayyinaa beekuun barbaachisaa dha.

Kanaafuu inni akkana jedhe, “Dhugicha in hubattu, dhugichis birmaduu isin baasa,” dhugaa fayyinaa beekuu qabna.

Ragaa wangeela keessaa

Wangeelonni arfan qabxii maalii irraa jalqabu?

Waa’ee dhufaatii Yohannis

cuuphaa irraa ti

Kottaa waa’ee mirkanaa’insa fayyinaa macaafa qulqulluu keessaa ni ilaalla. Kottaa mee wanta wangeelonni arfan jedhan hin ukkamsinuu, inni eenyu akka ta’e, maaliif akka inni bakka bu’aa ilmaan namaa ta’e, ykn “angafa lubaa isa dhumaa,” fi karaa isaa attamittiin cubbuun gara Yesuusitti akka darbe fi cubbuu keenya hunda Yesuus gara ofii isaatti fudhatee fi hin fudhannee isaa ni ilaallaa.

Wangeelonni arfan Yohannis cuuphaan akka jalqaban beekuudhaaf xiyyeeffannoo itti kennuu qabna. Yohannis 1:6 luqisii barbaachisoo wangeela keessa jira keessaa isa tokko dha. Inni eenyu cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti akka dabarse dubbata. “Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture maqaan isaas Yohannis jedhama. Inni kun dhugaa ba’uu dhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’e; inni ofii isaa ificha hin turre, waa’ee ifichaa akka dhugaa ba’uuf ergamee malee” (Yohannis 1:6-7).

Inni akkana jedha, ‘hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif,’ erga jedhee booda’ ificha akka

Page 110: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

110 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

dhugaa ba’uuf’ ni jedha. Ifichi Yesuus Kiristoosi. Akkana jechaanis, akka namni itti amanuuf, Yohannis waa’ee Yesuus dhugaa ba’e jechaa dha. Ammas kottaa Maatewos 3 itti dhiheenyaan ni ilaallaa.

Maatewos 3:13-17 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohannis Cuuphaadhaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, “inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti in rawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.”

Hidda dhalotaa Yohannisiin

qorachuun maaliif barbaachise?

Yohannis angafa lubaa sanyii nama hundumaa akka ta’e macaafni qulqulluun waan

dhugaa ba’uuf.

Yohannis Yesuusiin cuuphuun isaa cubbuu biyya lafaa keessaa balleessuuf akka ta’e ifaa dha. Cuuphaan Yesuus Yohannis biraa fudhate fayyina keenyaaf ta’insa barbaachisaa dha. Dhugaa hundumaa gadi fageenyaan hubachuu fi itti amanuudhaaf waa’ee Yohannis cuuphaa ittidhi’eenyaan qorachuun keenya barbaachisaa dha.

Luqaas 1:1-14 keessatti akkanatti barreeffamee jira, “Yaa ulfaataa fi jaallatamaa Tewofiloos waa’ee dubbii nu gidduutti raawwatamee kanaa namoonni baayyeen odeessuu yaalaniiru; Kanas immoo qopheessuun isaanii akka warra jalqabaa jalqabanii duukaa turani, ija isaaniitiin kan argan, dubbichaafis

Page 111: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

111 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

kan hojjetan nutti dabarsani tti; anis immoo dubbii jalqaba isaatii jalqabee, keessa galee qoraa waanan tureef tarreetti galchee siif caafuun gaarii fakkaatee anatti mullate; kana gochuun koos dubbiin sitti himame kun dhugaa dhaaf amanamaa ta’uu isaa akka hubattuuf. Bara Heroodis biyya bulchaa turetti balbala lubootaa kutata Abiiyaa keessaa lubni Zakkaariyaas jedhamu tokko ture, haati manaa isaas sanyi lubootaa keessaa maqaan ishees Elsaabee jedhama. Lachuun isaanii abboommii gooftaa tiif seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyo duratti jireenya qajeelaa jiraatan. Haa ta’uuiyyuu malee Elsaabee dhabduu waan turteef dhala hin godhanne; lachanuu immoo lafa guuraniirn turan. Darabeen balbalaa isaatii geenyaanis gaaf tokko Zakkaariyaas warra kaanii wajjiin fuula Waaqayyo duratti hojii lubummaa isaa hojjechuudhaaf dhihate. Akka amala hojii hirmaachuu isaanitti Zakkaariyaas aarsaa akka dhiheessuuf buufata mukaa tiin irra buunaan gara mana qulqullummaatti ol gale. Yeroo aarsaa ixaanaa kanattis sabni baayyeen ala in kadha turan. Yemmus

ergamaan Waaaqayyoo iddoo itti ixaanni aarfamu gara mirgaa tiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mullate. Zakkaariyaas yemmuu isa arge na’ee sodaate. Ergamichi immoo itti dubbatee, yaa Zakkaariyaas Waaqayyo kadhannaa kee dhaga’era, Elsaabeeti haati manaa kee ilma siif in deessi, maqaa isaas Yohannis jettee in moggaafta. Ati guddaa in gammadda; dhalachuun isaas namoota baayyeetiif gammachu ni ta’a.”

Iddoo kanatti, Luqaas, bartuun Yesuus, hidda dhaloota Yohannisiin sirreessee kaa’eera. Luqaas, bartuun Yesuus, hidda dhaloota Yohannisiin jalqabaa kaasee barreesseera. Luqaas nama Tewofiloos jedhamu, nama aadaa biraa keessatti dhalate, gooftaa kan hin barre, tokko wangeela barsiisee ture.

Kanaafuu, waa’ee Yesuus, fayyisaa cubbamootaa, isa barsiisuudhaaf, Luqaas hidda dhaloota Yohannis irraa ka’uu qaba. Akkuma nuyi sanyii sabilammoota addaaddaa taane, yoo adda ba’ee gulantaa-gulantaan barreeffame male, waa’ee fayyisuu Yesuusiin beekuu hin dandeenyu. Kottaa

Page 112: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

112 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

ibsa gadifageenya isaa ni ilaallaa. Luqaas 1:5-9 keessatti, “Bara Heroodis biyya

Yihudaa bulchaa turetti, balbala Lubootaa, kutaa Abiiyaa keessaa Lubni Zakkaariyaas jedhamu tokko ture. Haati manaa isaas sanyii Lubootaa keessaa, maqaan ishees, Elsaabex jedhama. Lachuun isaani abboommii Gooftaatii fi seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyoo duratti jireenya qajeelaa jiraatan. Haa ta’u iyyuu malee, Elsaabex dhabduu waan turteef, dhala hin godhanne, lachanuu immoo, lafa guuranii turani. Darbeen balala isaatii geenyaanis, gaaf tokko Zakkaariyaas warra kaanii wajjin fuula Waaqayyo duraatti hojii Lubummaa isaa hojjechuu dhaaf dhihaatee; akka amala hojii hirmaachuu isaaniitti Zakkaariyaas aarsaa akka dhi’eessuuf, buufata mukaa tiin irra buunaan, gara mana qulqullummaatti ol gale.”

Iddoo kanatti, Zakkaariyaas akka amala lubummaatti utuu tajaajila kennaa jiruu wanti addaa isa mudate. Zakkaariyaas sanyii Aaron keessaa akka ta’e Luqaas dhugaa ba’ee ture. Egaa Zakkaariyaas

garee warra kamii ta’a? Kun qabxii baayyee barbaachisaa dha.

Akkanatti ibsee ture, “Akka amala hirmaannaa hojii isaaniitti Zakkaariyaas aarsaa utuu dhi’eessuu.” Haala kana irraa, Luqaas akka inni Zakkaariyaasiin baree wangeela fayyinaa hubatee Zakkaariyaasii fi Elsaabexiin akkanni caqase ilaalla.

Yohannis cuuphaan Zakkaariyaasii fi haadha manaa isaa Elsaabex, sanyii durboota Aaron irraa dhalate. Egaa kottaa hidda Zakkaariyaas abbaa Yohannis cuuphaa ilaallaa.

Hidda dhaloota Yohannis Cuuphaa

Yohannis Cuuphaan hidda dhaloota eenyuu ti.

Aaroon, angafa Lubaa

Page 113: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

113 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Hidda dhaloota Yohannis Cuuphaa hubachuudhaaf macaafa 1Seenaa Baraa 24:1-19 dubbisuu qabna.

“Sanyiin Aaron akka kanatti fufee jirutti hiramaniiru. Aaroon ilmaan afur qaba ture. Isaanis, Nadaab, Abiihuu, Eli’aazaarii fi Itaamaar. Naadabii fi Abiihuun garuu utuu ijoollee hin godhatin abbaa isaanii dura in du’an; Eli’aazaar fi Itaamaar immoo luboota ta’anii in hojjetan. Daawwiti yommus sanyi Aaron akka akka hojii isaanitti gargar in hire; kana gochuu dhaaf immoo qomoo, Eli’aazaar keessaa Zaadoq, qomoo Itaamaar keessaa immoo Ahiimelektu isa gargaare. Dhiironni mana mana abbaa isaanitti dura buutuu ta’anii waamaman; qomoo Itaamaar caalaa qomoo Ele’azaar keessaa kutata 16, qomoo Itaamaar keessa kutata 8 tu qixaa’e. Qomoo lachuu isaanii keessaa gurguddoon mana qulqullummaa keessa hojjetanii fi geggeesitoonni hojii hafuuraa waan jiraniif hunduma isaanii buufata mukaatiin waluma qixxeetti hojii isaanii irraa in dhaaban. Lafa mootichii fi

gurguddoonnii biyyaa Zaadoq lubichii fi Ahiimelek Ilmi Abiyaataar dura buutonni leewotaa fi lubootaa jiranitti warri qomoo Ele’azaar fi Itaamaar keessaa mana mana abbaa isaanitti dura buutuu ta’ani waamaman; Darabee darabeedhaan buufata mukaa in fudhatan, Sheemaa’iyaan ilmi Nitaani’eel inni caafaan warra leewotaa immoo isa kana tarree galchee in caafe. Buufanni mukaa inni duraa Yehoyaariibiif, inni lammaffaan Yedaa’iyaaf inni sadaffaan Haarimiif, inni afuraffaan Se’oriimiif, inni shanaffaan Malkiiyaaf, inni ja’aaffaan Miyaaminiif, inni torbaffaan Haqooziif, inni Sadeettaffaan Abiiyaaf, inni salgaffaan Yeshu’aaf inni kurnaffaan shekaaniyaaf inni kudhatokkoffaan Eliyaashiibiif, inni kudhalammaffaan Yaaqimiif inni kudhasadaffaan Huphaadhaaf inni kudha arfafaan Yeshebi’abiif inni kudha shanaffaan Bilgaaf, inni kudha ja’aaffaan Imeriif, inni kudhatorbaffaan Heziiriif, inni kudha saddeettaffaan Haphizeziif, inni kudha salgaffaan Pheetaayaaf, inni diddamaaffaan Yihesqeliif, inni diddamii tokkoffan Yaakiniif inni

Page 114: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

114 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

diddamii lammaffaan Gaamuliif, inni diddamii sadaffaan Delaayaaf, inni diddamii arfaffaan Ma’aaziyaaf in ba’e. Jarreen kun akkuma Aaroon ababiliin isaanii abboommii Waaqayyo gooftaa Israa’eeliin hojichaaf seera baasee turetti mana qulqullummaa keessaa hojjechuudhaaf akka akka tarree hojii isaanitti caafamaniiru.”

Lakkoofsa 10 irra deebinee haa dubbifannu. “Inni torbaffaan Haqoziif inni saddeettaffaan Abiiyaa.” Bara mootummaa Daawwitiin keessa, luboota hedduutu ture waan ta’ef sirna ittiin hojjetan isaaniif ni barbaachisa ture. Kanaafuu, Daawwit ijoollota Aaroniif carraa buusisee, darabee car’aa tiin aarsaan dhi’aachaa ture. (Akkuma ati beektu, Aaron angafa Musee ti. Waaqayyo Musee akka bakka bu’aa isaatti kaa’ee Aaroniin immoo akka Angafa lubaa dunkaana qulqullaa’aa tti saba Israa’eliin dura dhaabe).

Leewoonni hundumti isaanii immoo luboota jalatti ni hojjetu, Aaroni fi ijoolleen isaa fi luboonni hundi isaanii Waaqayyo duratti aarsaa ni dhi’eessu.

Utuu Daawwit carraa buusisuu hin jalqabsiisin dura, luboonni, warri sanyii Aaroon turan waa’ee darabee hojii ilaalchisee ni tabjaaja’u turan.

Kanaafuu, Daawwit gareedhaan sirni carraa akka bu’u ni godhe. Hidda Aaroon keessa garee 24 tu jira ture; garee Abiiyaa keessa immoo saddeettu ture. “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” in jedha ture. Kanaafuu, Zakkaariyaas garee lubootaa warra Abiiyyaa jedhaman keessa ture jechuu dha; isaan egaa sanyii Aaronii fi Angafa lubaa ti.

Abbaan Yohannis cuuphaa, Zakkaariyaas, luba garee warra Abiiyaa, ture. Akka isaan maatii isaanii keessaa walfuudhaa turan macaafni akka dubbatu ni beekna.

Kanaafuu, Yaaqoob intala eessumaa karaa haadha isaatii fuudhe. Egaa hiddi dhalootaa kun akkaataa kanatti ibsuun buu’ura barbaachisaa dha. Innis “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” jedha.

Kanaafuu, inni sanyii Aaron ta’uun isaa

Page 115: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

115 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

beekamaa dha. Eenyu? Zakkaariyaas, abbaa Yohannis cuuphaa. Kun egaa fayyisuu Yesuusii fi tajaajila Yohannis cuuphaa fi waa’ee cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbuu ilaalchisee, dhugaa mullifamuu qabuu dha.

Ijoollota Aaron qofaatu akka lubootaatti tajaajilu

Bara Kakuu Moofaa keessatti tajaajila angafa lubummaa

eenyutu kenna ture?

Aaronii fi Ijoollee isaa warra itti fufanii kaa’aman

Egaa, macaafni iddoo kamitti Ijoolleen Aaron

akka lubaatti akka tajaajiluu qaban ibsa? Mee haa ilaallu.

Seera Lakkoofsaa 20:22-29 keessatti akkana jedha, “Guutummaan waldaa Israa’el Qaadeshii ka’ee gara tulluu Hoor in dhaqe. Tulluu Hoor isa daanrii biyya Edoom jiru irratti Waaqayyo ammas Musee fi Araoniin, “Aaron gara saba isaatti in sassaabama, isin bishaan Mariibaa, diraatti diddanii abboommii koo irratti waan kaataniif inni biyya isa ani Israa’elootaaf kennetti hin galu! Ati, Aaroon fi Ilmaan isaa Eliazaariin geessiitii gara tulluu Hooritti ol baasi! Uffata Aaroon irraa baasiitii Ilma isaa Ele’azaaritti uffisi! Aaroon achitti in du’a gara saba isaattis in sasssaabama” jedhe. Museen akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe, isaan guutummaan Waldaa utuu isaan ilaaluu tulluu Hooritti ol in baa’an, Museen achitti Aaroon irraa uffata isaa baasee, Ele’azaar ilma Aaroonitti in uffise, Aaroon achitti bantii tullichaa irratti ni du’e, Musee fi Alaazaar immoo tullicha irraa gadi in bu’ani. Aaron akka du’e guutummaan Waldaa yommuu dhaga’e, Israa’eloonni hundinuu guyyaa soddoma in bo’aniif.”

Seera ba’uu keessatti, seerri Waaqayyoo akka

Page 116: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

116 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

kanatti galmaa’ee jira, Ijoolleen Aaron, angafni lubaa, akka luba ta’anitti of haa ilaalan, ilmi dibames yeroo waggaa soddoma guutu, akkuma kanatti of haa ilaalu, akkuma abbaa isaaniitti.

Seera ba’uu 28:1-5 keessatti akkana jedha,“Ati namoota Israa’el keessaa Aaron obboleessa keef ilmaan isaa ofitti dhi’essi! Aaroon fi Ilmaan isaa, Naadaab, Abiiyuu, Ele’azaar, Itaamaaris luboota ta’aanii anaaf haa hojjetan! Aaroon obboleessa keetiif ulfinaa fi simboo akka ta’uufitti uffata qulqullaa’aa hojjedhuuf! Namoonni hafuura ogummaa na biraa argatanii harka tolina qaban, Aaroon hojii lubummaa isa kan kootiif addaan akka baafamutti uffata isaaf akka hojjetaniif itti himi! Uffanni isaan hojjetaniifis qomee akka gaachanaa, dirata fuula duraa, qoloo, kittaa kuulaan miidhegfame, marata mataa fi hidhata mudhiitti, isaan, Aaron obboleessi kee fi ilmaan isaa uffatanii, luboota ta’aanii akka anaaf hojjetaniif uffata qulqullaa’aa in hojjetuuf. Kanas warqee, boffee bifa waaqaa, dhiilgee fi Bildiimaa dhaafi quncee talbaa

gaarii isaan walitti fo’ame irraa in hojjetu.” Waaqayyo ifatti Aaroniin, obbolessa Musee

hojii angafa lubummaatti muudeera. Hojiin lubummaa nama kamiifiyyuu banamaa hin turre. Museen Aarooniin akka hojii lubummaatiif dibu Waaqayyo abboomeera waan ta’eef akka uffata dhugaatti akka Isaaf ta’utti in godha. Sagalee Waaqayyoo hirraanfachuu hin qabnu.

Seera Ba’uu 29:1-9 keessattis akkana jedha, “Luboota ta’aanii anaaf akka hojjetanitti isaan qulleessuudhaaf akka kanatti fufee jiru godhi, tuntunoo tokkoo fi korbeeyyii hoola mudaa hin qabne lama fuudhi, daakuu qamadii isa ba’eessa irraa maxinoo, bixxillee dhadhaahaan sukkuumamame isa hin bukaa’iin, maxinoo haphii dhadhaan irra dibames tolchisiisi. Isa tolchisiifte sana gundoodhuma tokko irra kaa’ii tuntunichaafi korbeeyyii hoolaa sana lamaanii wajjin dhi’eessi! Aaroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana itti walgaa’aniitti fidiitii, bishaaniin dhaqna isaanii dhiqi! Uffata Lubootaa, Kittaa, qoloo, dirata fuula

Page 117: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

117 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

duraa, qomee akka gaachanaas Aaroonitti uffisi! Hidhata isaa isa hojii harka toleessaatiin dha’aameen itti hidhi! Marata mataa isaatti mari, maratichatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi. Dhadhaa ittiin dibdu fuudhi, mata isaa irratti dhangalaasii, isa dibi! Ilmaan isaas fidii Kittaa itti uffisi! Mudhii Aaroonii fi Ilmaan isaatti sabbata hidhi, maratas mataa isaaniitti mari! Akka kanatti luboota akka isaan ta’aan godhi! Lubummaan akka seera baraabaraatti kan isaanii haa ta’u!”

Marxoodhaan haa hidhaman, Aaronii fi ijoolleen isaa gonfoo haa kaa’atan…. Hojiin lubummaa seera barabaraa tiif kan isaanii haa ta’u. Kanaafuu Aaron fi ijoolleen isaa… ni dibamu. Waaqayyo Aaronii fi ijoollee isaa barabaraan hojii lubummaaf ni dibamu jedheera. Addumaan yerooinni “seera barabaraa” tiin jedhu, Yesuus gara biyya lafaa erga dhufee booddee iyyuu itti fufa jechuu dha.

Zakkaariyaas sanyii angafa Lubaa akka ta’e Luqaas gadifageenyaan kaa’uu barbaadeera. Mana qulqullummaa Waaqayyo gooftaa keessatti

Zakkaariyaas itti gaafatumummaan utuu tajaajilaa jiruu, ergamaan waaqaa gara isaa dhaqee kadhannaan kee siif dhagaa’ameera; kanaaf haati manaa kee ilma siif in deessi jedhe.

Zakkaariyaas kanas sanas hin amanne, “Haati manaa koo dulloomteetti waan taateef attamitti ilma deessi?” Jedhee sababa inni hin amanneef Waaqayyo dubbii isaa dhugoomsuuf jecha yeroodhaaf isa ni duuche.

Yeroo keessatti, haatiimanaa isaa ni ulfoofte yeroo muraasa booddee immoo durbeen Maariyaam ni ulfoofte. Ta’umsi kun lamaanuu hojii fayyisuu Waaqayyoo nuuf qopheesseera. Nama gatamaa biyya lafaa kana fayyisuudhaaf Waaqayyo Yohannis ergamaa isaa fi tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erguu qaba.

Waaqayyo Yohannis ilma isaa akka cuuphuu godhee cubbuu biyya lafaa itti dabarsiisuudhaan akka namni itti amanee fayyuuf qopheesseera.

Page 118: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

118 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Qophii Waaqayyoo!

Hojii fayyisuu isaaf Waaqayyo Yesuusiin dura eenyuun ergee?

Yohannis cuuphaa

Yesuus Kiristoos, Maariyaam durba irraa kan

dhalate, fayyisaa biyya lafaa ti. Maariyaam Yoseef nama sanyii Yihudaatiif kaadhimamtee turte. Akkuma Yohannis cuuphaan karaa mana Aaron angafa lubaa irraa dhufe, Yesuus kakuu turee raawwachuudhaaf karaa hidda Yihudaa dhufe.

Waaqayyo lamaan isaanii, Yohannis dursee Yesuus immoo itti fufee akka dhalatu godhe. Dhalachuun Yohannis cubbuu biyya gara isaatti dabarsuuf ture. Kakuu Waaqayyoo isa bara Kakuu Moofaa kenname bakkaan ga’uuf; fayyina wangeelaa Yesuus sirriitti namootatti dabarsuuf sanyiin angafa lubaa kan araara buusuu ni barbaachisa.

Seera ba’uu keessatti, Waaqayyo seera isaa fi abboommiiwwan isaa kenneera; seerri Waaqayyoo, sirni aarsaa dunkaana keessaa, akkaataan uffannaa lubootaa, ibsa waa’ee aarsaa fi akkaataa itti fufiinsa lubootaa kaa’eera. Waaqayyo Aaronii fi ijoollee isaa barabaraan luba akka ta’aanii hojjetaniif dibeera.

Kanaafuu, sanyiin Aaron hundi aarsaa dhiheessuu qabu angafni lubaas isaan keessaa qofa ba’uu qaba. Kun maaliif akka ta’e beektaa?

Sanyii Aaron keessaa, luba maqaan isaa Zakkaariyaas haati manaa isaa immoo Elsaabe jedhamtu tokko ni file. Inni akkana jedhe, “Ilaa, ergamaa koo fuula kee dura nan erga.” Yeroo Waaqayyo Zakkaariyaas akka ilma godhatu itti dubbate, maqaan isaas Yohannis akka jedhamu dubbateera, garuu Zakkaariyaas kana waan amanuu dadhabeef akka Waaqayyo dubbateetti hanga mucaan sun dhalatee moggaafamutti arrabni isaa hin dubbanne.

Dhuguma iyyuu mucaan isaaf dhalateera. Akka amala saba Israa’elitti mucaan karaa abbaa ykn

Page 119: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

119 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

firoota isaatii moggaasa. “Elsaabee yeroon da’umsa ishee geenyaan,

ilama deesse. Olloonn ishee firoonn ishee araara guddaa gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhagaa’an ishee wajjin gammadan. Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhaqna qabuu dhaaf warri dhufan akka maqaa abbaa isaatti Zakkaariyaas jedhani moggasuuf turan. Haatii isaa Elsaabe garuu waa’uu maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee jettee didde, isaan immoo firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne jedhan Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikitaan gaafatan. Zakkaariyaasiis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee, maqaa isaa Yohannis jedhama jedhe caafnaan hundumti isaanii raajeeffatan. Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda’e. Hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe. olloonni isaaniis hundinuu in na’aani. Dubbiin kun baddaa Yihudaa hundumaatti dhagaa’ame, bal’aattis dubbatame. Warri kana

dhaga’ani hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii.” Mucaan kun maal ta’inna laata? Dhugumaa harki Waaaqayyoo hanga ammaatti isaa wajjin ture jechaa turan” (Luqaas 1:57-66).

Hanga mucichi dhalatetti Zakkaariyaas hin dubbanne ture. Yeroon mucaa itti moggaasan geenyaan firoonni isaa Zakkaariyaas jedhamee haa waamamu jedhan. Garuu haatii isaa Yohannis jedhama malee jette. Firoonii isaa garuu namni maqaa kanaan nu keessaa waamame hin jiru waan ta’eef maqaa abbaa isaatiin itti haa fufu jedhan.

Yeroo Elsaabex waa’ee moggaasa maqichaa ittuma cimte, firoonni isaa dhaqanii Zakkaariyaasiin maal akka inni jedhee waamuu barbaadu gaafatan. Zakkaariyaas hanga yeroo sanaatti hin dubbanne waan ta’eef, wanta irratti barreessan gaafannaan yommuu itti fidan isa irratti ‘Yohannis’ jedhee barreesse. Waa’ee moggaasa mucichaa haala addaa waan arganiif firoonni hundinuu ni raajeeffatani.

Akkuma moggaaseen, afaanni Zakkaariyaas ni baname. Yeroo kanatti Waaqayyoon galateeffatee,

Page 120: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

120 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Hafuura Qulqulluun guutamee raajiis dubbate. Egaa, Luqaas dhaloota Yohannis cuuphaa mana

Zakkaariyaas keessaa akka kanatti dubbateera. “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” in jedha. Qophii addaatiin, Waaqayyo Yohannis cuuphaan sanyii Aaron keessaa dhalate bakka bu’aa ilmaan namaa godhe.

Karaa Yohannis cuuphaa fi Yesuus Kiristoos, Waaqayyo fayyina biyya lafaa bakkaan ga’e. Hojii fayyinaa karaa Yohannis cuuphaa fi Yesuus Kiristoos ta’etti amanuudhaan cubbuu keenyattii ni fayyina.

Cuuphamuu Yesuus

Yesuus maaliif Yohannisiin cuuphamee?

Cubbuu biyya lafaa

balleessuudhaaf

Yohannis cuuphaan Yesuus Ilma Waaqayyoo akka ta’eef cubbuu keenya hunda akka balleesse dhugaa ba’eera. Waa’ee fayyisuu Waaqayyoo Yohannis cuuphaan garbichi Waaqayyoo dhugaa ba’eera. Akkana jechuun Waaqayyo ofii isaatii fayyisaa akka ta’e nutti hin dubbanne jechuu miti. Waaqayyo waldaa keessatti karaa garboota isaa fi karaa saba isaa warra fayyanii ni dubbata.

Waaqayyo akkanatti dubbateera, “Garaa saba yeruusaaem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyoo keessaa, adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef itti himaa; Margichii Ni coollaga, daraarichis in harca’a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu, bara baraan dhaabbatee in hafa” (Isaayyaas 40:2, 8).

Waaqayyo utuu Kiristoos hin dhalatin waggaa dhibba torba dura, “kanaan booda cubbamoota hin jedhamtaui. Cubbuu kee hundaaf araarrii ta’eera; lollis dhaabbateera.” Kanafuu, sagaleen guddaa fayyina wangeelaa gara keenyatti ni iyya. Kun egaa

Page 121: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

121 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

wangeela qophaa’aa isa nuyi jennu dha. Hojii Yohannis cuuphaa yeroo fi cubbuun

keenya gara Yesuusitti akka darbee yeroo hubannu, cubbuu keenyattii bilsoomuu dandeenya.

Wangeelonni arfan hundi isaanii waa’ee Yohannis cuuphaa ni dubbatu, Milkiyaas, raajiin dhumaa bara Kakuu Moofaa, Yohannis tajaajilaa Waaqayyoo isa qophaa’aa akka fa’e. dhugaa ba’eera Kakuu Haaraan dhalachuu Yohaannis cuuphaa fi karaa isaa cubbuun akka darbee dhugaa ni ba’a.

Egaa maaliif Yohaannis cuuphaa jedhame? Sababi inni Yesuusiin cuupheefi. Cuuphaa jechaan maal jechaa dhaa? ‘itti dabarsu, awwaalamuu, dhiqamuu’ jechaa dhaa, karaa biraan harka irra kaa’uu Kakuu Moofaa bakka bu’a.

Bara kakuu moofaa keessatti, namni tokko yoo yakke, harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irra kaa’ee yakka isaa itti dabarsee horiin sun cubbuu nama sanaa fudhatee ni du’a. Harka irra kaa’uu jechaanis, ‘itti dabarsuu jechaa’ dha. Kanaafuu, harka irra kaa’uu fi cuuphaan hiikkaa tokko qabu.

Chuuphaa Yesuus jechaan maal jechaa dha? Cuuphamuun Yesuus karaa cubbuun keenya ittiin nu irraa haqamu dha. Waaqayyo karaa ‘harka irraa kaa’uu’ tiin cubbuun gara aarsaatti ittiin darbu qopheesseera. Bara Kakuu Moofaa keessatti, yakkamaan tokko harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aafu irra kaa’ee cubbuu isaa itti dabarsa. Ergasii booddee, mormi ni cita, lubni immoo dhiiga isaa fuudhee mataa iddoo aarsaan gubamu itti dhi’aatu irra kaa’a. Kun akkaataa cubbuun har’aa boree ittiin araarfamuu dha.

Egaa, araara waggaa immoo attamitti godhatu? Isa kana ilaalchisee, Aaron angafni lubaa nama

hundumaatiif aarsaa ni dhi’eessa. Sababiinisaa Yohannis cuuphaan mana Aaron irraa waan dhalateef, angafa lubaa ta’uun isaa ni malaaf, Waaqayyos akkaataa abdii fayyisuu isaatti akka inni angafa lubaa ta’uuf duraan dursee qopheesseera.

Yohannis cuuphaan bakka bu’aa dhala namaa fi angafa lubaa isa dhumaa ti sababiinsaa akkuma Kiristoos dhalateen Kakuun Moofaa waan

Page 122: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

122 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

xumurameef. Bara Kakuu Haaraa keessatti akkuma Yohannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarse, bara Kakuu Moofaatti immoo Aaroni aarsaa araaraa godhe miti? Akkuma angafa Lubaa bara Kakuu Moofaa, Yohannis cuuphaan bakka bu’aan dhala namaa Yesuusiin cubbuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda itti dabarseera.

Yohannis akka wangeelli bishaanii fi hafuuraa nu fayyisu amanuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera. Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee hoolaa ta’e, akka Waaqayyo dursee akeeketti hojii fayyisuu raawwachuu dhaaf. Yohannis raajii isa dhumaa fi angafa lubaa isa dhumaa akka ta’e Yesuus dubbateera, inni cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera.

Yesuus maaliif kana hin hojjenne? Inni maaliif Yohannis cuuphaa barbaade? Yohannis cuuphaan Yesuusiin ji’a ja’a dursee dhalachuun isaa sababii qaba; inni seera Kakuu Moofaa akka raawwatamuufi, abdii isaa fiixaan baasuu dhaafi.

Yesuus Maariyaam durba irraa dhalate,

Yohannis cuuphaan immoo dubartii dulloomtuu fi dhabduu maqaan ishee Elsaabe jedhamtu irraa dhalate.

Kun egaa hojii Waaqayyoo ti, inni cubbamoota hundumaa fayyisuudhaaf karoorseera. Lolaa fi gidiraa cubbuuttii bara baraan nu fayyisuuf, garbicha isaa Yohannisii fi Ilma isaa Yesuusiin erge. Yohaannis cuuphaan akka bakka bu’aa ilmaan namaa fi angafa lubaatti ergame.

Nama Guddaa Dubartii irraa Dhalate

Biyya lafaa kana irraa namni guddaan eenyu dha?

Yohannis Cuuphaa

Maatewos 11:7-14 haa ilaallu, “Warri ergaman

kunis erga deebi’anii Yesuus waa’ee Yohannis

Page 123: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

123 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

cuuphaa namootatti dubbachuu jalqabee. Maal arguu Yohannis bira gara lafa onaa dhaqxani? Jajjaba qilleensi raasuu? Yookiis maal ilaaluudhaaf baatani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatee? Warri uffata miidhagaa dhaa fi dhaqnatti tolu uffatan mana moototaa jiru. Egaa maaliif baatani; Raajii ilaaluu dhaafii? Eeyyee, isiniinan jedha, raajii irra iyyuu kan caalu dha. Caaffatni qulqullaa’aan waa’ee isa kanaatiif, Ilaa ergamaa koo karaa kee akka siif qopheessuuf si dura nan erga jedhee dubbateera. Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane, garuu mootummaa waaqatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala. Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee hanga ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa in fudhatu. Raajonni hundinuu seerris, hanga bara Yohaannis cuuphaatti raajii dubbataniiru. Kana fudhachuu in barbaaddu yoo taatan Yohaannis kun Eliyaas isa

dhufuuf jiru sana. Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu.”

Namoonni gara Yohannis isa lafa onaa keessaa “Qalbii diddiirradhaa, “isin ijoolleen mar’ataa” jedhee iyyu barbaacha dhaqani. Yesuusis akkana jedhe, “Maal arguu Yohannisiin bira gara lafa onaa dhaqxani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatee? Warri uffata miidhagaa dhaaf dhaqnatti toluu uffatan mana moototaa jiru.”

Yesuus ofii dhumaa isaatii guddina Yohannisiin dhugaa ba’eera. “Maal arguu gara lafa onaa dhaqxani? Nama hamaa uffata rifeensa Gaalaa irraa hojjetame uffatee garaa isaa irraa iyyuu dhaa? Inni uffata rifeensa Gaalaa irraa hojjetame uffachuu qaba. Maal arguu baatani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffate dhaa? Warri uffata miidhagaa fi dhaqnatti toluu uffatan mana moototaa jiru. Garuu inni mootota irra ni caala jedhe.” Dhugumaan warri uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatan mana moototaa jiru. Egaa maaliif baatani. Raajii ilaaluu dhaafii? Eeyyee, isiniin nan jedha, raajii irra iyyuu

Page 124: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

124 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

kan caalu dha. Bara durii keessa, raajonni mootota caalaatti ni

ilaalamu. Yohannis cuuphaan raajiis mootiis ni caala. Inni raajota warra bara Kakuu Moofaa hunda ni caala. Dhuguma Yohannis angafa lubaa fi bakka bu’aani dhala namaa, Aaron angafa Lubaa isa jalqabaa caalaa iyyuu baayyee barbaachisaa dha. Yohannis cuuphaan nama akkasii akka ta’e Yesuus ofii isaatii dhugaa ba’eera.

Bakka bu’aan ilmaan namaa eenyuu dhaa? Kiristoosiin malee namni guddaan biyya lafaa kanaa eenyuu dhaa? Yohannis cuuphaa dha. “Eeyyee, isiniin nan jedha, raajii irra iyyuu kan caalu dha. Kanaatiif ‘ilaa ergamaa koo karaa kee akka siif qopheessuuf si dura nan erga jedhee dubbateera.’”

Yohaannis cuuphaan cubbuu wajjin qocoluun raawwateera jedhe. “Ilaa, Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa balleessu!” Akka Yesuus cubbuu biyya lafaa balleessu kan dhugaa ba’e Yohannis cuuphaa dha.

Maatewos 11:11 keessatti akkas jedha,

“Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane.” Dubartii irraa kan dhalate keessaa kan caaluu eenyuu dhaa?

Dubartii irraa kan dhalate jechaan maal jechaa dhaa? Nama lafa irraa keessaa jechaa dha. Addamii fi hewwaniin ala namoonni hundinuu dubartii irraa dhalatani. Eyyee, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa, kan Yohannisiin caalu hin kaane. Kanaafuu, inni angafa lubaa fi bakka bu’aa dhala nama hundumaati. Yohannis cuuphaan angafa lubaa, raajii fi bakka bu’aa dhala nama hundumaa ture.

Bara Kakuu Moofaa keessatti, Aaronii fi ijoolleen isaa barabaraan akka dibamanii hojjetaniif Waaqayyo dibeera. Karaa Aaronii fi ijoollee isaa cubbuun hundinuu ni qullaa’u. Kun akkuma Waaqayyo ajajee dha.

Lewwoonni kan biraa gara lubummaatti ija jabummaadhaan ni tarkaanfatu yoo ta’e du’atu itti dhufa. Hojiin isaanii ibidda iddoo aarsaaf qoraan bu’uu, horii irraa gogaa baasuu, cooma adda baasuu,

Page 125: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

125 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

xeerii qulqulleessuu, mi’a garaa bakkeetti baasuu dha. Of tuulummaadhaan hojii lubummaa hojjechuuf yaalii ni godhu yoo ta’e, akkuma sanaan du’u turan. Kun seera Waaqayyoo ti. Toora darbuu hin dandaa’ani.

Biyya lafaa kana irratti kan Yohannisiin caalu hin kaane. Namoota hundumaa irra ni caala ture. “Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabe ka’ee hanga ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa in fudhatu.”

Fayyinni ilmaan namaa yeroo Yohannis Yesuusiin cuuphee raawwatameera waan ta’ef namni Yesuusitti amanu hundinuu mootummaa Waaqayyootti galee amantiidhaan qajeelaa ta’a.

Kottaa abbaan Yohannis cuuphaa waa’ee maalii akkanni dhugaa ba’ee haa ilaallu.

Dhugaa Ba’umsa Zakkaariyaas, Abbaa yohannis

Zakkaariyaas waa’ee ilma isaa Yohannis maal dubbatee?

Yohannis gooftaaf karaan akka qophaa’uf

beekumsa waa’ee fayyina saba isaa ni kenna jedhe.

Luqaas 1:67-80 akka armaan gadiitti ni ilaalla.

“Zakkaariyaas abbaan mucichaa hafuura qulqulluudhaan guutamee raajii dubbate, Waaqayyo Gooftaan Israa’el kan galateeffamuu dha, Saba isaa furuudhaaf dhufe ; fayyisaa, aango qabeessas nuuf kaasee; Lataa Garbicha isaa Daawwiti keessaa afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa akka ture, bara duriitii jalqabee, harka diinota keenyaa akka nu oolchu, qabaa warra nu jibban hundumaa keessaas akka nu baasu, abboota keenyaafis araara

Page 126: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

126 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

akka godhuuf kakuu isaa isa qulqullaa’aa akka yaadatuuf; abbaa keenya Abrahaamiif isa dhaabe nuuf kennuu dhaaf kakuu dhaan akka jabeesse, harka diinota keenyaa nu oolchuu dhaaf nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuu dhaaf Qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura jiraachuudhaaf bara jireenya keenya hundumaatti. Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta, karaa isaa qopheessuudhaaf fuula Gooftaa dura in adeemta, beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf dhiifamuu cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf Waaqayyo keenya araara isaa isa oo’aan guuteen, barrii fayyinaa nuuf bariisisa; Warra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessatti argamanitti mullachuudhaaf miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf jedhe. Mucichi guddachaa, hubachaas in adeema ture, hamma guyyaa mul’inatti hojii isaa saba Israa’el keessatti jalqabeettis lafa onaa keessa in jiraata ture.”

Zakkaariyaas raajii lama dubbate. Inni tokkoffaan sabni mootummaa hundinuu ni dhufu

jedhe. Lakk 68 hanga 73 tti immoo Waaqayyo kakuu isaa akka hin irraanfanne, akkuma Abrahaamiif galetti, Yesuus Maariyaam durba irraa dhalatee, saba isaa harka diinota isaanii jalaa oolchuuf akka dhufe dubbate.

Lakkoobsa 74 irraa eegalee, “Harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf.” Kun Waaqayyo abdii Abrahamii fi saba isaa tiif gale yaadchiisuuf, “Sodaa malee akka isaaf hojjennu” Jedhee raajii dubbate.

Lakkoobsa 76 irraa eegalee immoo waa’ee ilma isaatii dubbate. “Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta, karaa isaa qopheessuudhaaf fuula Gooftaa dura in adeemtuu, beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf dhiifama cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf Waaqayyo keenya araara isaa isa oo’aan guuteen barii fayyinaa nuuf bariisisa; Warra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessatti argamanitti mullachuudhaaf miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf jedhe.”

Iddoo kanatti akkana jedhe, “dhiifama cubbuu

Page 127: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

127 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

tiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennuudhaaf.” Beekumsi waa’ee fayyinaa kun eenyuun kennama jedhe? Yohannis cuupha. Kana hunda hubatteettaa? Yohannis cuuphaan karaa sagalee Waaqayyoo, Yesuus ilma Waaqayyoo is cubbuu biyya lafaa balleessuu akka ta’e barsiiseera.

Maarqoos 1 ni ilaalla. “Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti. Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemuus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira. Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, “cuuphamaa, yaada garaa geeddarachuu keessan mullisaa, Waaqayyo cubbuu keessan isiniif in balleessa” jedhee labse. Guutummaa kutaa biyyaa Yihudaa keessa mandaraa Yeruussaaleem keessa kan jiraatanis hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba’anii, cubbuu isaan himachaa, laga Yordaanositti

of in cuubsisu turan” (Maarqos 1:1-5). Sabani Israa’el kana yeroo Yohannis irraa

dhaga’anitti, Waaqa tolfamaa oromootaa waaqeeffachuu irraa deebi’anii Yohaannisiin cuuphaman. Garuu, Yohannis dhugaa ni ba’a ture, “Akka isin gara Waaqayyotti deebitaniif ani bishaaniinan isin cuupha. Garuu ilmi namaa dhufee, anaan in cuuphama, cubbuun keessan hundi gara isaatti ni darba jedhe. Egaa yoo cuuphamuu isaatti ni amantuu ta’e, akkuma amma anaan cuuphamtan, cubbuun keessan hundi gara isaatti ni darba, akkuma harka irra kaa’insa bara Kakuu Moofaatti.” Inni Yohannis dhugaa ba’es kana.

Yesuus laga Yordaanositti cuuphame jechuun laga du’atti cuuphame jechuu dha. Iddoo awwaalaatti akkana jennee ni faarfanna, “♪Jaalala baraabaraan, walargina galaana bareeddu bukkeetti; walargina galaana bareeddu bukkeetti. ♪” Yeroo duunu laga Yordaanosiin ceena. Lagi Yordaanos laga du’aati. Yesuus laga du’aatti cuuphame, sababii cubbuu biyya lafaa hunduma achitti geesseef, “gatiin cubbuu du’a.”

Page 128: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

128 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Cuuphaa isa cubbuu keenya dabarse

Kakuu Haaraa keessatti fakkiin harka irra kaa’uu maali?

Cuuphamuu Yesuus Maat 3:13-17 akka kanatti ni dubbifna, “Yesuus

yemmus Yohannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufe isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun

ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti ni rawwatama’ jedhee waaqa irraa in dubbate.”

Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphamuuf laga Yordaanositti gara isaa dhufe. Inni “Na cuuphi” jedhee Yohannisiin abboome. Yohannis deebisee, “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” Angafi lubaa kan Waaqaa fi Lafaa walargani.

Akkuma Ibroota keessatti heerame, Yesuus angafa lubaa kan baraabaraa ti, toora Malkaiisedeg irraati irratti. Kun Yesuus seenaa namoota lafa irraa akka hin qabaanne agarsiisa. Inni sanyii Aaron ykn nama lafa irraa kamiin iyyuu miti. Inni ilma Waaqayyoo, uumaa keenya. Inni isa waan ta’ef, sanyii dhaloota namaa hinqabu. Yesuus ulfina waaqa irraa achi kaa’ee ilmaan namaa fayyisuu dhaaf gara biyya lafaa dhufe.

Waaqa irraa gadi bu’uun isaa cubbamoota hunda gowwoomsaa Seexanaa irraa fayyisuudhaafi. Inni Yohannis cuuphaa biratti cuuphamuudhaan

Page 129: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

129 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

cubbuu biyya lafaa hunda balleesseera. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise.

“Amma ana ittisuu dhiisi.” Hayyami! jedhe, Yesuus bakka bu’aa ilmaan namaa ajajee cuuphamuudhaafis mataa jala qabate. Bara Kakuu Moofaa keessatti, yeroo aarsaan Waaqayyoof dhihaatu, yakkamaa ykn angafni lubaa horii aarsaaf dhi’aate harka irra kaa’ee cubbuu nama sanaa itti ni dabarsa. ‘Harka irra kaa’uu jechuun’ immoo ‘itti dabarsuu’jechuudha.

Yohannis cuuphaan Yesuusiin ni cuuphe. Inni kun akkuma harka mataa namaa irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa ti. ‘Itti dabasruu’ jechaan, ‘awwaalamuu, ‘dhiqamuu,’ fi ‘aarfamuu’ wajjin hiikkaa tokko qabu. Kakuun Moofaa gaadduuidduu yeroo ta’uu, Kakuu Haaraan immoo isa dhugaa isaa ti.

Bara Kakuu Moofaa keessa yakkamaan yeroo

harka isaa mataa hoolaa irra kaa’u, cubbuun isaa sun gara hoolaa sanaatti ni darba, hoolichis ni du’a. Hoolaan sun yemmuu du’u ni awwaalame jechaa dha. Cubbuun nama harka isaa irra kaa’ee sun gara mataa horii aarsaaf dhi’aateetti ni darba, horiin sun egaa sababii cubbuu nama sanaa fudhateefii ni du’a. Cubbuun erga horii sanatti darbe, namni horii sana aarsaa dhi’eeffate sun cubbuuttii bilisa ni ta’aa? Eeyyee.

Kottaa akka fakkeenyaatti Erdeen kun cubbuu haa ta’u, noolaan mcrophone kun immoo hoolaa haa ta’u jenna. Yeroon noocicha irra harka koo kaa’u, cubbuun koo gara hoolichaatti ni darba. Waaqayyos akkana akka ta’u godheera. “Harka kee irra kaa’i.” Bara Kakuu Moofaa keessa cubbuuttii fayyuuf, mataa horii aarsaa irra harka ofii kaa’uun dirqama. Yeroo sana aeeggalee namni sun cubbuutti bilisa ta’a. Haaluma kanaan cuuphamuun Yesuus cubbuu biyya lafaa ni miicca, ni awwaala, gara ofii isaatiitti ni dabarsa. Hiikkaan isaa inni dhugaan egaa kana fakkaata.

Page 130: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

130 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Qajeelummaa hunda raawwachuu

jechaan maal jechaa dhaa?

Cubbuu gara Yesuusitti dabarsanii qulqullaa’uu jechaa dhaa?

Kanaafuu, cubbuu keenya gara ofiiisaatiitti

fudhachuudhaaf jedhee Yesuus yeroo cuuphame, cubbuun keenya dhuguma isatti darbeeraa? Cubbuun nama hundumaa gara isaatti darbeera; namoonni hundinuus fayyaniiru. Kun akkuma isa bara Kakuu Moofaa harka irra kaa’uu dhaan cubbuu gara horiitti darbuu ti. Yesuus yemmus Yohannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen (Maatewos 3:15).

Achumaan, Yohannis Yesuusiin ni cuuphe. Innis waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf ni ta’a jedhee Yohannisitti

dubbate. “Qajeelummaa hundumaa” jechaan ‘kan ta’u fi kan ga’u’ jechaa dha. ‘Waan ta’uuf’ inni jedhu sun, jecha biraatiin cuuphamuu Yesuusiin qajeelummaa hundumaatu ta’a jechaa dha. Akkana jechaan egaa cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsuuf Yohannis Yesuusiin cuuphuun fi Yesuusis Yohannisiin cuuphamuun isaa sirrii dha jechaa dha.

Waaqayyo amantii nuyi cuuphaamuu fi fannifamuu Yesuus irraa qabnuun fayyina nuuf kenna. “Sababii cubbuutiif namni hundinuu firdii cubbuu fi Seexanaan ni rakkata. Kanaafuu namoonni kun fayyanii gara waaqaatti akka ol ba’aniif, ati akka bakka bu’aa dhala namaa fi akka sanyii Aaronitti nama hundumaatiif na cuuphuu qabda. Ani siin cuuphamuun qaba. Akka kanatti, dubbiin fayyinaa ni raawwatama.”

Yohannis “Hubadheera,” jedhee deebise. Kanaafuu, Yohannis Yesuusiin ni cuuphe. Harka

isaa mataa Yohannis irra kaa’ee, cubbuu biyya lafaa hundumaa gara isaatti ni dabarse. Kanaafuu, Yesuus

Page 131: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

131 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

fayyisaa cubbuu keenya qulqulleessuu ta’e. Amma egaa, cuuphamuu isaatti amanuun nu fayyisa. Kana ni amantaa?

Erga Yordaanositti harka bakka bu’aa ilmaan namaatiin cuuphamee booda, Yesuus waggaa sadii fi walakkaadhaaf cubbuu biyya lafaa dhaqna isaa irratti baatee tajaajila sabaa yeroo jalqabaaf kenne.

Inni dubartittii ishee ejja irratti qabamteen, “Anis sitti hin faradu” jedhe. Inni cubbuu ishee dhaqna isaatti baatee waan jiruuf sababii kanaafis fannoo irratti waan du’uuf jedhuuf itti faraduu hin dandeenye. Iddoo Geetesemaanee jedhamutti, yeroo kadhatu, xoofoon kun akka irraa ka’uuf si’a sadi kadhatee, deebi’ee immoo, “Akka fedha koo qofa miti, akka fedha kees malee,” jedhee kadhateera.

“Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”

Yesuus cubbuu biyya lafaa hammam balleesse?

Cubbuu biyya lafaa hunda

Yohannis 1:29 akkas jedha, Borumtaa isaa Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” Yohannis cuuphaan Yesuusiin cuuphee borumtaa isaa Yesuus gara isaa yerooinni dhufe namootaan akkana jedhe, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” Kun dhuga ba’umsa isaa ture.

Ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa dhufee cubbuu isaa hundumaa irraa ni fuudhe; Yohannis ammas akka kanatti dhugaa ni ba’e. Yohannis 1:35-36,

Page 132: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

132 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

“Borumtaa isaa immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin ni dhaabbata ture. Yohannis utuu Yesuus achiin darbuu ilaalee, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo’ jedhe.”

Hoolaa Waaqayyoo inni jedhu kun Yesuus isa dhugaa aarsaa Kakuu Moofaa keessaatti caqafame cubbuu saba Israa’eliif kan du’ee dha. Anaa fi siif ilmi Waaqayyoo, uumaan keenyaa, cubbuu keenya, cubbuu uumama hundaa, cubbuu dhalootaa fi irra daddabarbaa hirrina keenyaa nu irraa fuuchuudhaaf gara biyya lafaatti gadi bu’e. Cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaatiin nu fayyiseera.

Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee, fayyina guutuu amantootaa nuuf kenne. Kana ni hubattaa? “Hoolichd Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”

Cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhachuun isaa, dhalachuun isaa waggaa 2000 yeroo ta’u, dhalatee booda D.K.B. waggaa 30 ti. Barri 1 bara itti gooftaan dhalatee dha. Baroota Kiristoosiin duraa D.K.D. jennee ni waamna; egaa Yesuus erga cubbuu

keenya nu irraa kaasee wagaaoota 2000 ta’eera. Yohannis D.K.B.waggaa 30 tti Yesuusiin

cuuphe. Borumtaa isaa immoo, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” “Ilaa!” jedhee namootatti dubbate, akka isaan itti amananiif. Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhuu fi nama hundumaa fayyisuuf akka dhufe dhugaa ba’e.

Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee wallaansoo cubbuu nu irraa dhaabe. Sababii cubbuu keenya inni nu irraa kaaseef egaa amma nuyi qulqulloota taanee jirra; Yesuus akka cubbuu keenya, cubbuu kee fi cubbuu koo, nu irraa kaase Yohannis dhugaa ba’eera. “Inni (Yohannis) dhugaa ba’uu dhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’e” (Yohannis 1:7).

Utuu Yohannis dhugaa hin baane ta’ee, attamitti Yesuus akka cubbuu keenya nu irraa kaase beekuu dandeenya? Akka inni nuuf du’e macaafni qulqulluun yeroo hedduu yoo nutti dubbate iyyuu,

Page 133: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

133 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yohannis akkaata nuuf galutti akka inni cubbuu keenya nu irraa kaase dhugaa nuuf ba’eera.

Cubbuun biyya lafaa hammam baayyata?

Cubbuu dhala namaa jalqabaa

hanga dhuma biyya lafaatti Namoonni baayyeen erga Yesuus du’e booda

dhugaa ba’aan, Yohannis garuu utuudhuma Yesuus fooniin lafa irra jiruu ifatti dhugaa ba’eera. Bartoonni Yesuusis fayyisuu isaa dhugaa ba’aniiru. Isaan, Yesuus akka cubbuu keenya nu irraa kaase dhugaa ba’aniiru;akka inni fayyisaa keenya ta’etti.

Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Dubbiftootaa, isin waggaa 100 tokko illee hin fixne, fixxaniittuu? Yesuus wagga 30 ffaa isaatti cubbuu biyya lafaa balleesse. Fakkii armaan gaaii ilaali.

Addaam Abrahaam cuuphaa Yesuus Amma Dhuma. 4000KD. 2000KD. 30KB. 2000KB. ? KB.

Cubbuu biyya lafaa hunda

Kottaa namoonni jalqabaa waggoota 4000 KD akka uumamanitti ni yaadnaa. Dhalachuun Yesuus immoo waggaa 2000 xinnoo caalaa jira. Biyyi lafaa ammam akka turu hin beekinu, garuu dhumni isaa dhi’aateera. Inni garuu akkana jedha, “Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa isa dhumaatis jedhe” (Mul’ata 22:13).

Egaa, barri kun bara dhumaati. Barri ammaa kun gara 2008 ti. Yesuus bara 30 tti cubbuu nu irraa fuudhe, waggaa sadii booddee immoo fannoo irratti du’e.

“Ilaa! Hoolicraa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.” Inni cubbuu biyya lafaa, cubbuu kee fi cubbuu koo nu irraa kaaseera. Erga Yesuus dhalatee akkuma waggaa 2000 fixne, erga cubbuun keenya erga nu irraa ka’es waggoota 2000 fixneerra

Page 134: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

134 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

jechaa dha. Hanga ammaatti iyyuu cubbuu ni hojjenna, garuu Yesuus Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaa nu irraa kaaseera.

Erga dhalannee kaafnee cubbuu ni hojjenna. Battala dhalannee kaafnee cubbuu hojjennerra moo hin hojjenne? —Hojjenneerra.— Kottaa adeemsa isaa guutummaatti ni ilaalla. Dhalannee hanga waggaa 10ffaa keenyatti cubbuu hojjeneerra moo hin hojjenne? —Hojjenneerra.— Cubbuun kun Yesuusitti darbeera moo hin darbinee? Darbaniiru. Yoo akkas ta’uu dhaa baatee attamitti fayyisaa keenya ta’a ree? Cubbuun hundinuu gara Yesuusitti darbaniiru.

Waggaa 11 hanga 20, cubbuu hojjenneerra moo hin hojjenne? Yaadaanis hojiinis cubbuu hojjenneerra…. Kanatti baayyee gaarii dha. Akka cubbuu hin hojjenne baranneerra, garuu uumama keenyaan cubbamoota.

Cubbuun keenya hundi gara Yesuusitti akka darbe Waaqayyo nutti dubbateera. Cubbamoota attamii akka taane inni waan beekuuf dursee cubbuu

keenya nu irraa kaase. Biyya lafaa kana irra ammam jiraanna? Mee

waggaa 70 haa jennu. Cubbuu waggaa 70 yoo tilmaamne ammam ulfaata ata’a? Hanga konkolaataa toonii 8 ulfaata yoo ta’e, gara konkolaataa 100 oliitu nu irratti fe’ama jechaa dha.

Bara jireenya keenya hundaatti cubbuu ammam akka hojjennu tilmaamuuf yaalii godhi. Isaan kun cubbuu biyya lafaa ti moo miti? Isaan qaama cubbuu biyya lafaa ti. Dhalachuu keenyaa kaafne hanga umurii 10, 10 hanga 20, 20 hanga 30... hanga duunutti iyyuu, cubbuun keenya cubbuu biyya lafaatti shalagama, isaan kun hundinuu cuuphaadhaan gara Yesuusitti darbaniiru.

Page 135: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

135 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Fayyisaa namaa, Yesuus Kiristoos

Yesuus cubbuu ammam balleesse?

Cubbuu maatii keenyaa fi ijoollee keenyaa hanga dhumiinsa biyya lafaa tti

Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee akka foon uffate nutti dubbata. Garuu inni ofiisaa cuuphuu hin qabu waan ta’ef Waaqayyo dursee ergamaa isaa ilmaan namaa bakka buusee akka Yesuusiin cuuphuuf ergeera. Akkuma barreeffame, “Maqaan isaa, “Gorsaa,dinqii waaqayyo-jabaa, in jedhama. Ofii isaa tiin, ogummaasaatiin, mariyaa isaatiin bakka bu’aa dhala namaa dursee ni erge, Yesuus, ilmi Waaqayyoo ofii isaatiin, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf nama foonii ta’eera. Fayyina dinqisiisaa kanaaf ragaan bu’uuraa jiraa?

Dinqii dhaa, mitii? Kanaafuu, Yohannisiin cuuphamuu isaatiin, cubbuu dhala namaa hundumaa fannifamuu isaatiin altakkaa fureera. Inni hunda keenya fayyiseera. Waa’ee isaa itti yaadi. Cubbuu kee umurii 20 hanga 30, 30 hanga 40, 40 hanga 60, hanga 70, hanga 100, fi kan ijollee keetii ilaali. Cubbuu kana hundumaa gooftaan kaaseera moo hin kaafne? Inni kaaseera. Inni Yesuus Kiristoos, fayyisaa ilmaan namaa ti.

Sababii Yohannis cuuphaan cubbuu keenya hunda gara Yesuusitti dabarsee fi sababii Waaqayyo akkas akka ta’u akeekeef, isatti amanuudhaan fayyina guutuu arganna. Ani fi ati cuubbamootaa? Cubbuun keenya hundi gara Yesuusitti darbeera moo hin darbine? —Cubbuun keenya gara Yesuusitti waan darbeef erga isatti amanne cubbamoota miti.—

Namni cubbuun biyya lafaatti hafeera jedhee ija jabummaan dubbatu jiraa? Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera. Inni akka nuyi cubbuu hojjennu ni beeka, kanaafuu cubbuu keenya isa gara fuula duraas ofitti fudhate. Yaroon keenya waggaa 50

Page 136: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

136 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

hin guutin jirra, yaroon keenyas walakkaa bara keenyaa hin geggeessin jirra, garuu yaraan keenya immoo anaanis dabalatee, barabaaraan utuu jiraannnee jennee ni yaadna.

Baayyeen keenya jireenya goolamaa keessa jirra. Akkaataa kanatti nan ibsa. Walakkaan jireenya ilbiisa ji’a caamsaa ammami? Gara sa’aatii 12 ti.

“Yaa gaarummaa koo! Ani nama bishaan yaa’uu daakaa natti dhufuun arge. Ani du’atti rukutameera, akkuma ati beektu ani nama akkanaa walakkaa jireenya kootii kanatti argee hin beeku.” Inni sa’atii 12 jiraatee garuu haasa’uu dhaabuu hin dandeenye. Walakkaan jireenya isaa immoo darbeera.

Galgala sa’aatii 7 ykn 8 keessa, basakkaa jireenya isaa argee, yeroo xinnoo booddee ni du’a. Billaachi tokkotokko sa’atii 20 jiraatu, Muraasni immoo 21, tokkotokkoo immoo hanga dulluma isaaniitti sa’atii 24 ni jiraatu. Muuxannoo jireenya isaanii haasa’uu ni danda’u, garuu nutti maal fakkaataa? Waggaa 70 ykn 80 jiraannee kanaan booda “nama kolfaa na hin godhin” ni jenna. Muuxannoon isaanii ija keenya

duratti gatii hin qabu. Fakkeenya kana kottaa walitti dhufeenya

Waaqayyo wajjin qabnu wajjin wal ni fudhachiifnaa. Waaqayyo barabaraan jiraata. Inni kan barabaraati. Inni jalqabaa fi xumura biyya lafaa kaa’eera. Inni barbaraan yeroo garasitti ni jiraata. Inni jireenya ofii qabuun nu ilaala.

Inni bar tokko keessa, cubbuu biyya lafaa hunda ofitti fudhatee, fannoo irratti du’uudhaan, “fiixaan ba’eera” jedhe. Guyyaa sadaffaatti du’aa erga ka’ee booda gara waaqaatti ol ba’eera. Inni barabaraan ni jiraata. Inni tokkoon tokkoon keenya asii gad ilaalaatti jira.

Namni tokko akkana jechuu ni danda’a, “Oho, jaallatama, ani baayyee yakkeera. Yoo umuriin koo 20 qofa ta’e iyyuu, ani yakka baayyee godheera.” “Ani waggaa 30f jiraadheera, cubbuu baayyees godheera. Innis baayyee dha. Attamittan cubbuu malee jiraachuu danda’a?”

Garuu gooftaan keenya jiraatummaa isaa tiin akkana jedha, “Na hin kolfisiisin. Cubbuu kee isa

Page 137: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

137 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

hanga amma qofattiin si fayyise miti, cubbuu abboota kee isa yeroo ati hin dhalatin, cubbuu ijoolllee kee warra si’achi, kan warra erga ati duutee dhalatanii iyyuu fayyiseera.” Inni safara jireenya bara keessaatti ni dubbata. Kana in amantaa ree? Itti amaniiti fayyina siif qophaa’ee fudhadhu. Mootummaa Waaqayyootti gali.

Yaada keetti of hin hidhin, sagalee Waaqayyootti amani. “Waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf ni ta’a.” Hoolaan Waaqayyoo inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe qajeelummaa nuuf hojjeteera. Yesuus cubbuu biyya lafaa hundumaa irraa fuudheera. Irraa fuudhaaera moo hin fuune? Fuudheera.

Yesuus fannoo irratti utuu hafuura hin baafatin dura maal jedhe?

“Fiixaan ba’eera.”

Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hundumaa karaa cuuphamuu isaatii irraa fuudhee, dhaddacha mana murtii Philaaxos Peenxeenichaa tiin duuti fannoo itti faradameera.

“Yesuus fannoo isaa ofiin baatee gara iddoo lafee mataa yookiis afaan Ibraaiyisxiitti ‘golgootaa jedhamutti ba’e; achitti isa fannisan, namoota kan biraa lama garasii fi garanaan Yesuusiin gidduutti fannisan. Philaaxos yemmus waan ittiin beeksiu tokko caafee mataa fannoo isaatiitti maxxanse. Caaffatichis YESUUS NAMA BIYYA NAAZIRET MOOTICHA YIHUDOTAA kan jedhu ture. Iddoon itti Yesuus fannifame, mandarichatti dhihoo waan tureef caaftata beeksiisaa sana Yihudota keessaa baayyeetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitii afaan warra Roomaa tti afaan warra Giriikittis caafamee ture” (Yohannis 19:17-20).

Erga inni fannoo irratti du’ee booda kottaa waan ta’ee ni ilaallaa. “Yesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba’uu isaa beekee dubbii macaafaa fiixaan baasuu dhaaf “nan dheebodhe” jedhe.

Page 138: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

138 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Qodaan daadhiin wayinii dhangagga’aan keessa guute tokko achi in dhaabbata ture. Daadhii dhangaggaa’aa sanas wanta akka cumaa buqqee hadhaa’aa isa bishaan dhaqnatti xuuxu tokkotti guutanii. Hanxaxii hisoophiitti ka’aanii afaan Yesuusitti qaban. Yesuus dhaadhii dhangaggaa’aa sana erga afaaniin qabee booddee fiixaaan ba’eera jedhee; mataa isaas jallisee hafuura isaa kenne” (Yohannis 19:28-30).

Dadhii dangaggaa’aa sana erga fudhatee booda, Sagalee isaa ol fudhatee, “fiixaaan ba’eera” jedheee mataa isaas jal’isee du’e. Inni dhuguma ni du’e. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’e.

Kottaa Ibiroota 10:1-9 ni ilaalla. “Seerichi garuu gaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sana malee bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’tan miti. Inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhiheeffaman sanaa, warra dhihaatan fiixaan kan ba’aan gochuu matumaa hin dandeenye. Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta’utti,

altokkicha dhuguma cubbuu isaaniitti utuu qulleeffaniiru ta’ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhagaa’amneef aarsaa dhi’eessuun in hafa ture mitiiree? Amma garuu, aarsaa waggaa waggaatti dhihataniin namoonni cubbuu isaanii in yaadatu. Dhiigni korommii fi re’ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin danda’u. Kanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yommuu dhufe “ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu dhaqneo abboomamuu anaaf qopheessitteetta. Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii cubbuutiif dhihatutti, hin gammadne, kanaaf ani immoo, ‘Macaafa maramu keessatti waa’ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuu dhaaf dhufeera’ nan jedhe” jedhe dubbate. Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhi’aatanii iyyuu kana gararraatti, ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isaa qubamuu, aarsaa sababii cubbuu tiif dhi’aatuttis hin gammanne” jechuu isaa argineerra. Itti dabalees immoo, “kunoo ani jaalala kee raawwachuu dhaaf

Page 139: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

139 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

dhufeera.” Kanaafis, aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf isa duraa iddoo dhaa fuudhe.”

Fayyina Baraabaraa

Erga Yesuusitti amantee booda cubbuu har’har’aa boree si

mudatu attamitti hiikkataa?

Yesuus Kiristoos yeroo cuuphame cubbuu hundumaa akka irraa fuudhee

mirkaneeffachuu dhaan

Seerri, jecha biraatiin, sirni aarsaa, gaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiru sanaa ti. Aarsaan bara Kakuu Moofaa, kan hoolaa, reettii sun isa Yesuus aarsaa ta’ee cubbuu keenya nu irraa kaasuu isaa agarsiisa.

Namoonni bara Kakuu Moofaa hundi, Daawwit,

Abrhaam, fi kan biroon hundi, sirni aarsaa sun maal akka ta’e baraniiru. Innis Masiihii, Kiristoosiin mul’isuu yeroo ta’u, (Kiristoos jechaan, mootiin dibame) gara fuula duraattil akka dhufee cubbuu isaanii hundumaatti akka isaan hiiku hubataniiru. Amantii isaaniitiin fayyaniiru.

Seerri sun gaaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiruu ture. Sababii cubbuu isaanii tiif guyyaa guyyaa fi waggaa waggaa tiin aarsaa dhi’eessuun akkainni fayyina guutuu hin taanee ni beeku turan. Kanaafuu, guutu fi jiraataa barabaraa kan ta’e, ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa dhufuutu irra ture.

Yesuus akkuma macaafa keessatti barreeffame, fedha abbaa isaatii guutuuf gara biyya lafaa akka dhufuu qabu dubbateera. “Achumaan ani nan jedhe, ilaa ani fedha kee raawachuuf dhufeera, Yaa Waaqayyo.’ Inni isa guyyaa duraa in balleesse, guyyaa isa lammaffaa bakka buusuu dhaaf.” Cubbuu keenya irraa fayyineerra sababiin isaa akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti barreeffame, inni cubbuu keenya waan balleessee fi nuyis waan itti amannee jirruuf.

Page 140: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

140 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Ibiroota 10:10 haa dubbifannu. “Dhaqni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’utti, altokkicha aarsaa ta’e.” Dhiiga Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaaf akka ta’utti alkkaa qulleeffamneerra. Qulleeffamneerra moo hin qulleeffamne? —Qulleeffamneerra.—

Kun maal jechaa dhaa? Waaqayyo abbaan ilma isaa biyya lafaatti ergee cubbuu keenya hundumaa karaa cuuphaa isatti dabarse. Sababii kanaaf altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti firdii fannoo itti kenne. Inni akkasitti hunda keenya dhiphina cubbuu jalaa nu baaseera. Kun fedha Waaqayyoo ture.

Cubbuuttii nu furuudhaaf, Yesuus aarsaa baraabaraa godhe altakkaa kan yeroo hundumaaf ta’u ofii isaa dhi’esse. Nuyi qulqulloofneerra sababiinisaa Yesuus ofii isaa nuuf qulqulleessee nuuf du’era waan ta’ef nutti hin faradamu.

Aarsaan bara Kakuu Moofaa guyyaa guyyaatti ni dhihata sababiinisaa cubbuun ar’aa bortee aarsaa ofii isaatii waan barbaaduuf.

Hiikkaa Hafuuraa Yesuus Miilla Pheexiros Dhiqee

Cubbuu nuyi irraa qalbii diddiirrannee kadhachuu

qabnu kan biraa jiraa?

Lakki Yohannis 13 seenaa Yesuus miilla Pheexirosiin

dhiqee ilaalla. Yesuus miilla Pheexirosiin dhiquun isaa inni gara fuula duraatti iyyuu cubbuu akka hojjetuu fi akka immoo hunda isaatti qulqullaa’ee jiru agarsiisa. Pheexiros akka deebi’ee yakku Yesuus waan beekuuf bishaan harkeetti naqatee miilla isaa dhiqe.

Pheexiros diduuf yaalii goonaan Yesuus akkana jedhe deebiseef, “Waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu; gara booddeetti garuu in hubatta.” Dubbiin kun ‘Kanaan booda iyyuu akka inni deebi’ee yakku

Page 141: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

141 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

agarsiisa. Erga ani cubbuu keettii si qulleessee booddee iyyu na gantee cubbu ni hojjetta. Ergan ol ba’ee booddee iyyuu cubbu ni hojjetta. Kanaafuu, ani miilla keen siin dhiqa akka Seexanni si hin qorreef sababiin isaa cubbuu kee isa gara fuula duraa iyyuu ani si irraa waanan kaaseef.’

Akka nuyi guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrannuuf inni miilla Pheexiroosiin dhiqe sitti fakkaataa? Waa’uu. Fayyuu dhaaf guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuu qabna yoo ta’e, Yesuus cubbuu keenya barabaraaf akka ta’utti nu irraa hin fuunee jechaa dha.

Garuu Yesuus barabaraan akka nu qulleesse nutti dubbateera. Guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuu qabna yoo ta’e, gara Kakuu Moofaatti booddee deebine jechaa dha. Egaa eenyu qajeelaa haa ta’u? Eenyu guutuun guutuutti haa fayyu? Yoo dhuma Waaqayyotti amanne iyyuu, eenyutu cubbuu malee jiraachuu danda’aa?

Qalbii diddiirrannaa tiin eenyutu qullaa’uu danda’a? Guyyaa guyyaatti utuu walirraa hin kutin

cubbuu ni hojjenna, tokkoon tokkoon cubbuu hojjennuuf attamitti qalbii diddiirrannee fixuu dandeenya? Kanaafuu attamitti akkas itti ulfaannee, waa’ee fayyina keenyaaf isa rakkifna? Cubbuu keenya ganaamaa fi guyyaa irraanfannee, akkasumas isa bor galgalaas waan daganne fakkaanna. Cubbuu keenya hundumaafuu waan qalbii diddiirrannee fixuu hin dandeenyu.

Kanaafuu, Yesuus altakkaa cuuphamee altakkaa fannoo irrattis altakkaa du’ee amma barabaraattis nu qulleesseera. Kana hubachuu ni dandeessaa? Cubbuu keenyattii barabaraan altakkaa fayyineerra. Guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuun fayyuu hin dandeenyu.

Yesuus cubbuu keenya akka nu irraa kaase amanuu dhaan fayyina.

“Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu, altakkaa aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e.

Page 142: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

142 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti in eeggata. Al tokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman, yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’an godheera: Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a, Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi,” jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe; Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhihatu ni hafa” (Ibroota 10:11-18).

Kun maal jechaa dha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo,” kan jedhu lakk. 18ffaan maal jechuu dhaa? Kana jechaan cubbuu jechaa dha, cubbuun kam iyyuu utuu gargar hin qoodamin, barabaraan haqameera. Waaqayyo hunduma isaa haqee dhiifama nuuf godheera. Kanatti ni amantaa ree? “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo,

aarsaan sababii cubbuutiif dhi’atu ni hafa.” Kottaa wantoota hanga ammaatti dubbanne ni

xumurraa. Yohannis cuuphaan utuu harka isaa mataa Yesuus irra hin keenye ta’ee, karaa biraa tiin, utuu isa hin cuuphne ta’ee, ni fayyina turree? Lakkisaa, raawwatee hin ta’u! Booddee isaa haa ilaallu. Utuu Yesuus Yohannis cuuphaa akka bakka bu’aa ilmaan namaatti hin filanne ta’ee, cubbuu keenya nu irraa fuudhee gara isaatti hin dabarsine ta’ee, cubbuu keenya irraa ni miiccamna turree? Lakki.

Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha. Gaarii dhas. Inni isaan fayyisaa keenya, cubbuu keenya nu irraa kaaseera hin jenne. Cubbuu keenya qabatamaatti nu irraa kaasuu tu irra ture. Yesuus, Waaqayyo, maaliif foon uffatee gara biyya lafaa dhufe? Inni cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf dhufe. Yesuus cubbuu garaa keenyaa hunda ni beeka waan ta’eef fooniin dhufee cubbuu keenya ofitti fudhatee aarsaa barabraa nuuf hin taane utuu ta’ee, akka itti fayyinu hin qabnu.

Utuu Yesuus hin cuuphamne ta’ee, amma

Page 143: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

143 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

ammaatti cubbuun keenya ni jiraata. Utuu cubduu keenya gara isaatti hin fudhatin fannifame ta’ee, duutni isaa hiikkaa dhaba ture. wanta nuuf godhu hin qabu ture. Waan hiikkaa hin qabne ta’a ture.

Kanaafuu waggaa 30ffaa isaatti tajaajila isaa mul’inaan kennuu yeroo eegalee, cuuphamuudhaaf gara Yohannis cuuphaa laga Yordaanosiin dhaqe. Tajaajila ummataa mul’inaan waggaa 30ffaa isaatti jalqabee waggaa 33ffaa isaatti raawwateera. Waggaa 30ffaa isaatti cuuphamuu dhaaf gara Yohannis cuuphaa dhaqe. “Amma naa hayyami, namoonni fayyanii qajeelummaa akka argataniif kana gochuun nu irraa ni eegama. Akkana gochuun keenya nuuf waan qajeelaa dha. Amma, ana cuuphi.” Eeyyee, Yesuus Kiristoos fayyina nama hundumaatiif cuuphameera.

Erga Yesuus cuuphamee cubbuu keenya hunda isaa nu irraa fuudhee, erga cubbuun keenya hundi harka irra kaa’uu Yohannis cuuphaan gara isaatti darbee booda iji Waaqayyo abbaa gara fannoo Yesuusitti ni darbe. Yoo dhuma Yesuus tokkicha ilma

Waaqayyoo ta’ee iyyuu, ilma isaa aarsaa gochuu tu irra ture.

Waaqayyo jaalala utuu ta’ee jiruu, ilma isaa du’atti dabarsee kennuu qaba ture. Kanaafuu, yerooinni fannoo gubbaa ture saa’atii sadiif dukkanni lafa irra uwwise. Yesuus utuu hin du’iin duraa akkana jedhee iyye, “Elo’ii, Elo’ii lama sabaktaanii?” hiikkaan isaas, “Waaqayyo koo Waaqayyo koo maaliif na dhiifte?” jechaa dha. Yesuus cubbuu keenya gatiittii isaatti fudhatee iddoo keenya firdii ulfaataa nuuf baate enu fayyise. Kanaafuu inni hunda keenya fayyise. Cuuphamuu Yesuusiin ala, duutii isaa hiikkaa hin argatu jechaa dha.

Ati nama qajeelaa immoo nama cubbamaa dhaa?

Nama qajeelaa garaa isaa keessaa

cubbuu hin qabnee dha

Page 144: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

144 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Yesuus utuu cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya ofii isaatti hin fudhatin du’e ta’ee, duuti isaa fayyina bakkaan hin ga’u ture. Gutummaan guutuutti nu fayyisuu dhaaf, Yesuus Yohannis, bakka bu’aa ilmaan namaatiin cuuphamee, dhalli namootaa hundi akka fayyaniif fannoo irratti firdii baate.

Kanaafuu, du’a Yohannis cuuphaa tii eegalee hanga ammaatti, mootummaan Waaqayyoo umnaan dhiibamaa jira. Sababiinisaa Yohannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsee araarri waan nuuf ta’ef. Ani fi ati har’a Waaqayyoon abbaa keenya waammachaa ija jabummaadhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla.

Ibroota 10:18 keessatti akkana ni jedha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu in hafa.” Amma iyyuu ati cubbamaa dhaa? Utuu Yesuus idaa kee sii kaffalee jiruu amma iyyuu idaan kaffala jirtaa?

Nama dhugaatii baayyinaan dhugee idaa hedduu ofii isaa irratti fide tokkotu jira. Akka carraa gaaftokko ilmi isaa idaa kana hunda ni kaffaleef.

Abbaan isaa sun egaa iddoo liqiitiin dhugee hundumaa irraa bilisa ba’eera jechaa dha.

Kun egaa wanta Yesuus nuuf hojjete dha. Inni idaa keenya isa fuulduratti qabnus nuuf kaffale. Cubbuu keenya isa bara keenyaa qofa miti, cubbuu biyya lafaa hundumaa tiif malee. Cubbuun biyya lafaa hundi yeroo cuuphamuu isaa tii gara ofii isaatiitti fudhateera. Kanaafuu, ati amma iyyuu cubbamaa dhaa? Lakki, ati cubbamaa miti.

Wangeela fayyinaa kana jalqabaa kaafnee utuu beeknee, Yesuusitti amanuun attam salphaa ture. Egaa akkuma kanatti, namoonni baayyeen sagalee haaraa kana ni raajeffatu.

Garuu kun wanta haaraas miti. Jireenya namaa jalqabaa tii eegalee kan turee dha. Garuu nutu dura hin barre. Wangeelli bishaanii fi hafuuraa kun caaffattoota keessatti galmaa’ee itti hojjetamaas jira. Inni yeroo hundumaa achuma jira. Utuu ani fi ati hin dhalatin iyyuu jira. Erga biyyi lafaa uumamee jalqabee inni achuma jira.

Page 145: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

145 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

Wangeela fayyina baraabaraa

Waaqayyoon duratti maal gochuu qabna?

Wangeela fayyina baraabaraatti

amanuu qabna. Yesuus Kiristoos inni cubbuu keenya hundumaa

nu irraa dhiqe, utuu ani fi ati hin dhalatin kana hunda nuuf godheera. Inni hunda isaa iyyuu nu irraa kaaseera. Hanga ammaatti ati cubbamaa dhaa? —Lakki.— Egaa cubbuu ati bor hojjettu kun maal fakkaataa? Isaan kun cubbuu biyya lafaa keessatti hojjetamanitti haammatamanii jiru.

Cubbuu borii of irraa haa buufnu. Cubbuu nuyi hanga ammaatti goone cubbuu biyya lafaatti godameera, akkas mitii? Gara Yesuusitti darbaniiru moo hin darbine? Eeyyee, darbaniiru.

Cubbun borii gara Yesuusitti darbeeraa?

Eeyyee, utuu gargar hin baafamin darbaniiru. Tokkoon isaa iyyuu gara booddeetti hin hafne. Cubbuun keenya hundi gara Yesuusiitti akka darbee fi gatiin isaas altakkaa akka itti kaffalame garaa keenya guutuudhaan akka itti amannu wangeelli nutti dubbata.

‘Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti’ (Maarqos 1:1). Wangeelli waaqa irraa oduu gammachiisaa dha. Inni akkana jedhee nu gaafata, “Ani cubbuu kee hunda si irraa fuudheera. Ani fayyisaa keeti. Anatti ni amantaa?” Namoota lakkoobsa hin qabne keessaa, namoota yartuu qofatuu, “Eeyyee, nan amana. Akka ati natti dubbatteetti nan amana. Kana hubachuun baayyee gaarii dha.” jedhanii deebii kennu. Namoonni akka kanatti amanan akkuma Abrhaam qajeelota ta’u.

Garuu warri kaan akkana jedhu, “Itti amanuu hin danda’u. Anatti baayyee wanta haaraa fi keessummaa dha.”

Egaa, inni ni gaafata, “Mee natti himi, cubbuu kee si irraa fuudheera moo hin fuune?”

Page 146: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

146 Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu

“Cubbuu koo guyyaa guyyaa utuu hin taane, cubbuu jalqabaa qofa akka ati nu irraa kaafte baradheera.”

“Akka natti dubbatutti itti amanuuf akka ati dammaqaa hin ta’in hubadheera. Ati gara sii’oliin deemta sababiinsaa wantin sitti dubbadhu hin jiru waan ta’ef.”

Fayyina guutummaa isaatiitti amanuun nu fayyisa. Warri ani amma iyyuu cubbuun qaba jedhanii yaadan gara sii’oliin dhaquun isaanii dirqama ta’a. Filannoo isaanii godhataniiru waan ta’ef.

Wangeelli fayyinaa dhugaa ba’uu Yohannis cuuphaa tiin jalqaba. Yesuus Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya waan nu irraa fuudheef, yeroo isatti amannu ni qulqulloofna.

Ergamaan Phaawoloos ergaa isaa keessatti waa’ee cuuphaa baayyee dubbateera. Galaatiyaa 3:27 keessatti, “Warri Kiristoositti dabalamuu dhaaf cuuphamtan, Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu.” Kiristoositti jechuunis cuuphamuu isaatti amanuu dhaan isa wajjin tokko ta’uu jechuu

dha. Yeroo Yesuus cuuphame, Yohannis cubbuu keenya hunda isaa gara isaatti dabarseera waan ta’ef inni nu irraa dhiqameera.

1 Pheexiros 3:21 keessatti akkana in jedha, “Kunis fakkenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltannii ti; Cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuu dhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee waan ittiin xurii dhaqnaa ittiin dhiqatan miti.”

Warri dhuga ba’umsa Yohannis cuuphaatti amanan, cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus ayyaana fayyinaa oli ni kennaaf.

Cuuphamuu Yesuus akka fakkeenya fayyinaatti garaa kee keessatti fudhadhu fayyina ni argattaa.

Page 147: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 6

Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi

Hafuuraan Dhufe

Page 148: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

148 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi

Hafuuraan Dhufe < 1 Yohannis 5:1-12 >

“Yesuus kun Masiihicha ta’uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyooti; Isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata. Waaqayyoon yemmuu jaallannu, abboommii isaas yommuu goonuu Ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna. Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti. Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta’e hundinuu biyya lafaa mo’uuf ba’aa ulfaatoo itti hin taa’ani. Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantii keenya Eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a? Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaatu

biyya lafaa mo’uu danda’a. Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana. Innis Yesuus Kiristoos, inni bishaan duwwaa dhaan miti; bishaan fi dhiigaan dhufe malee; Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa in ba’a; hafuurichi dhugaa dha. Dhuga baatuu sadiitu jira; Isaan kunis, hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha; sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u. Isa namoonni dhugaa ba’an kan fudhannu erga ta’e, inni Waaqayyo dhugaa ba’u immoo ni caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaa tiif dhugaa ba’e dha. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba. Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaa tiif dhugaa ba’e waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati. Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana. Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama; Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”

Page 149: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

149 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Yesuus maaliin dhufe?

Bishaan, dhiiga fi hafuuraan

Yesuus Bishaaniin dhufee? Eeyyee. Inni

cuuphamuu isaa tiin dhufe. Bishaanni fakkeenya inni Yohannisiin laga Yordaanositti cuuphame agarsiisa. Inni cuuphaa fayyinaa isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee dha.

Yesuus dhiigaan dhufee? Eeyyee. Inni foon namaa uffatee cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuu isaa tiin gatii cubbuu kaffale. Yesuus dhiigaan dhufe.

Yesuus hafuuraan dhufee? Eeyyee. Yesuus Waaqayyo dha, garuu inni hafuuraan foon uffatee fayyisaa cubbamootaa ta’e dhufe.

Namoonni baayyeen Yesuus akka bishaan, dhiiga fi hafuuraan dhufe hin fudhatan. Namoonni

muraasni qofti mootii moototaa isa dhugaa fi Waaqa waaqotaa ta’uu isaa amanu. Amma iyyuu namoonni baayyeen jooraa jiru; ‘Yesuus dhuguma ilma Waaqayyoo ti moo ilma namaa ti?’ Baayyeen beektoota baruma amantii dabalatee, tajaajiltoonni baayyeen Yesuus fayyisaa fi Waaqayyoon ta’uu isaa caalaa nama ta’uu isaatti hubatu.

Waaqayyo namni Yesuus mootii moototaa, Waaqa dhugaa fi fayyisaa ta’uu isaatti amanu akkainni isattii dhalatu dubbateera. Namni Waaqayyoon jaallatu Yesuusiinis ni jaallata, namni Waaqayyotti amanu Yesuusittis ni amana.

Namni lammaffaa hin dhalatin biyya lafaa mo’uu hin danda’u. Yohannis, ergamaan biyya lafaa kan mo’achuu danda’u kiristaanota dhugaa qofa akka ta’e dubbateera. Sababii warri amanamoon qofaan biyya lafaa mo’ataniifis sababii wangeela bishaani, dhiigaa fi hafuura irraa amantii qabaniifi. Biyya lafaa mo’achuun yaada ofii, dadhabbii fi inaaffaa namaa keessaa hin ba’u.

“Afaan namoonni yookiis afaan ergamootni

Page 150: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

150 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh-kosh jedhuun ta’e. Raajjii dubbachuu dhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiruu hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti, amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhe garuu ani homaa miti. Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuu dhaafis, dhaqna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhee garuu homaa waa’ee anaaf hin baasu” (1 Qorontos 13:1-3).

‘Jaalala’ jechuun iddoo kanatti Yesuus bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe jechuu dha. Macaafa qulqulluu keessatti, jechi ‘Jaalala’ jedhu ‘dhugaa jaallachuu’ jechuu dha (2 Tasaloniiqee 2:10). Dhugaan Jaalala Waaqayyoo karaa tokkicha ilma isaatii mul’ateera (1 Yohannis 4:9).

Warra bishaan, dhiigaa fi hafuuratti amanan tu biyya lafaa mo’achuu danda’a

Eenyutu biyya lafaa mo’achuu danda’a?

Warra bishaan, dhiigaa fi hafuuraatti

Amanan tu biyya lafaa mo’a. 1Yohannis 5:5-6 keessatti akkana jedha,

“eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a? Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo’uu danda’a; inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana.”

Yaa kiristaanotaa, Seexanaa fi biyya lafaa kan mo’atu Yesuus Kiristoosii dha. Warra dubbii bishaanii, dhiigaa fi hafuuraatti amanan biyya lafaa mo’achuu danda’u; Yesuus attamitti biyya lafaa mo’ate? Karaa fayyisuu bishaan, dhiiga fi hafuuraa ti.

Page 151: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

151 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Macaafa qulqulluu keessatti, ‘bishaanni’ ‘cuuphamuu Yesuusiin’ agarsiisa (1 Pheexiros 3:21). Yesuus gara biyya lafaa fooniin dhufe. Inni cubbamoota biyya lafaa fayyisuudhaaf dhufe; inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo gubbaatti hojii hojjetee araara buuseera.

Dhiigni fannoo irratti dhangala’e Yesuus fooniin dhufuu isaa mirkaneessa. Inni bifa nama cubbamaatiin mul’ate cubbamoota fayyisuudhaaf jedhee bishaaniin cuuphame. Kanaafuu, bishaanii fi dhiigaan gara keenya dhufe. Jecha biraatiin,inni cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa isaa fi du’a dhiiga isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhe jechuu dha.

Seexanni attamitti biyya lafaa seerrata? Seexanni akka namni sagalee Waaqayyoo akka shakku gochuudhaan ija abboomamuu diduu laphee namaa keessatti facaasa. Seexanni akka namni dubbii Waaqayyoo didee garboota isaa nama godhachuuf yaalii godha.

Haa ta’u iyyuu malee, Yesuus gara biyya lafaa dhufee karaa bishaan cuuphaa isaatii fi dhangala’uu

dhiiga fannoo isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera: Inni Seexana mo’ee cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera.

Kun sababii Yesuus fayyisaa cubbamootaa ta’eef ta’e. Inni sababii bishaani fi hafuuraan dhufeef fayyisaa keenya ta’e.

Yesuus Cuuphaa Fayyinaa Isaatiin Cubbuu Biyya Lafaa Irraa Fuudhe

Yesuus biyya lafaa mo’uun maal jechuu dha?

Akkana jechuun cubbuu biyya lafaa

irraa kaasuu isaa agarsiisa. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf

cuuphamee, gatii isaa baasuu dhaaf immoo waan du’eef, cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseera.

Page 152: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

152 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Laga Yordaanositti Yohannis cuuphaa, bakka bu’aa ilmaan namaa kan ta’een waan cuuphameef, cubbuun biyya lafaa hundinuu gara isaatti darbeera. Yesuus gatii cubbuutiif lubbuu isaa fannoo irratti dabarsee kenneera. Du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin aangoon Seexanaa mo’ameera. Yesuus du’a isaatiin, gatii cubbuu keenyaa kaffale.

Yesuus cuuphaa bishaanii fi du’a fannoo tiin gara cubbamootaa dhufe

Attamitti inni aangoo Seexanaa mo’e?

Karaa Cuuphamuu isa, dhiigichaa

fi hafuurichaa

Ergamaan Yohannis fayyinni bishaanumaan ta’a hin jenne, inni bishaanii fi dhiigaan jedhe. Kanaafuu,

akkuma Yesuus cubbuu hundumaa barabaraan kaase, cubbamoonni isatti amanan hundinuu fayyina isaaf amanamoo ni ta’u.

Yesuus yeroo gara biyya lafaa kana dhufe, inni cubbuu keenya qofa balleesse miti, inni fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuudhaan gatii isaas kaffaleera. Inni Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa balleesse, fannoo irratti du’uu dhaan immoo gatii cubbuu kaffaleera. Seerri Waaqayyoo inni qajeelaan, “Beenyaan nama cubbuu hojietuu dua” (Roomaa 6:23) jedhu kanaan raawwatame.

Yesuus biyya lafaa mo’e jechuun maal jechuu dha? Amantiin biyya lafaa nama moosisu amantii fayyina wangeelaa isa bishaanii fi dhiigaan kennamuu dha. Inni bifa foon namaa tiin mullate, cuuphamuu fi du’a fannoo isaa tiin fayyina dhugaa ba’e.

Yesuus biyya lafaa mo’e jechuun Seexana mo’e jechuu dha. Barattoonni waldaa jalqabaa wareegama soodaachuu dhiisanii karaa mootummaa Roomaa ari’atama isaan irra ga’e dura dhaabbataniiru.

Kun firii amantii isaanii isa gooftaan bishaaniin

Page 153: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

153 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

dhufe (cubbuu keenya nu irraa kaasuuf cuuphame), fi dhiiga fannoo isaa (gatii cubbuu kaffaluuf du’e) ti.

Yesuus hafuuraan dhufeera (foon namaa uffate), cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin cubbuu keenya nu irraa kaasee nu fayyisee akka nuyi biyya lafaa mo’annu godheera.

Amma kan Fakkeenya Fayyina Keenyaa agarsiisus jira, innis Cuuphaa, isa karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosi <1 Pheexiros 3:21>

Fakkeenyi Fayyinaa maalii?

Cuuphamuu Yesuus 1 Pheexiros 3:21 keessatti akkana jedha, “Kunis

fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii dha;chuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaanee

argachuu dhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti.” Ergamaan Pheexiros Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’ee fi bishaanii fi dhiigaan akka dhufe dhugaa ba’eera.

Sababii kanaaf Yesuus isa bishaanii fi dhiigaan dhufetti amanuu qabna. Akkasumas cuuphamuun Yesuus fakkeenya fayyina keenyaa akka ta’e beekuu qabna. Ergamaan Pheexiros cuuphaan ‘bishaani,’ ‘dhiigni,’ fi ‘hafuurri’ fayyinaaf ‘qabxii olaanoo’ akka ta’an ibseera.

Barattoonni Yesuus karaa cuuphamuu Yesuus dhiiga fannootti amananiiru. Fannoo qofaatti amanuun amantii walakkaa dha. Amantiin guutuu hin taane immoo yerootti ni dadhaba. Haa ta’u iyyuu malee, amantiin warra wangeela bishaanii fi hafuuraan guyyaa guyyaatti jabaachaa bula.

Sagaleen warra dhiiga qofaatti amananii bara ammaa kana baballatee jira. Kun maaliif ta’a? Namoonni dubbii dhugaa fayyina wangeela bishaanii fi hafuuraa hin beekan waan ta’eef lammaffaa hin dhalatani.

Page 154: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

154 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Yeroo tokko keessa waldaan warra lixaa fakkiitti amanachuutti kufanii turani. Seexanni sooroma yeroodhaafii kana akka isaan ittiin fakkii addaaddaa hojjetaniif yaada isaanii qabe.

Fakkii amanachuu jechuun namni waraqata ykn muka irratti fakkii fannoo yoo kaase, amantii isaa/shee yoo dhugaa ba’e/te Seexanni ni baati jedhanii amanuu dha. Karaa Waaqeffannaa fakkii kanaa fi kan birootti dhimma ba’uudhaan Seexanni yaada namootaa fuudhee fannoo qofaa irra kaa’e. Seexanni, wanti cubbamoota fayyisu dhangala’uu dhiiga fannoo ti jedhee dhiiga qofa waan sodaatu itti fakkeessee Dhi’aafeera

Haa ta’uu iyyuu malee, Pheexirosis ta’ee, bartoonni warri kaan dhugaa wangeela cuuphaa fi fannifamuu Yesuus barsiisaniiru. Garuu kiristaanonni bara kanaa kana dhugaa ni ba’uu? Lakki, isaan waa’ee fannoo qofa dhugaa ba’aa jiru.

Dubbii wangeela keessatti barreeffame fudhannee, fayyina hafuuraa, cuuphamuu fi fannoo

Yesuus irraa amantii qabaachuu barbaachisa. Cuuphamuu Yesuusiin callisnee, fannoo qofaa irratti xiyyeeffannoo laanna yoo taane, fayyinni keenya guutuu hin ta’u.

‘Sagalee Dhuga Ba’umsaa’ Fayyina Waaqayyo karaa bishaanii kennu

Akka Waaqayyo nu fayyisee ragaa maaliitu jira?

Bishaanicha, dhiigichaa

fi hafuuricha Yohannis 5:8 keessatti, gooftaan akkana jedhe,

“Dhuga baatuu sadiitu jira.” Inni tokkoffaan Hafuuricha inni lammaffaan Bishaanicha, inni sadaffaan Dhiiga fannoo isaatii ti. Sadan isaanii kun tokko. Yesuus cubbuu keenya kana hundumaatti nu

Page 155: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

155 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Karaa kana sadaniin isaanis, cuuphaa, dhiigaa fi hafuuraan fayyina nuuf raawwwate.

“Dhuga baatuu sadiitu jira.” Isaan sadan kun Waaqayyo akka nu fayyise mirkanessu. Mirkaneessituuwwan sadan kunis, Cuuphamuu Yesuus, Dhiiga isaa fi Hafuura. Wantoota kana sadan Yesuus lafa irratti nuuf raawwateera.

Sadan kana keessaa tokko hafeera utuu ta’ee, fayyinni hin mirkanaa’u ture. Dhuga baatuwwan sadan lafa kana irra jiran; Hafuuricha, Bishaanichaa, fi Dhiigicha.

Yesuus Kiristoos, inni fooniin gara biyya lafaa kana dhufe, Waaqayyoo dha, Hafuuraa fi Ilma jechuu dha. Inni hafuuraan foon uffatee gara keenyatti gad bu’ee, cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf bishaaniin cuuphame. Inni cubbuu hundumaa gara foon isaatiitti fudhate, dhangala’uu dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenyattii nu fayyiseera. Inni dhugumaan gatii cubbuu keenyaa baaseera. Kun egaa fayyina guutuu bishaanicha, dhiigichaa fi

hafuurichaan kennamuu dha. Kana sadan keessaa tokko fudhachuu diduun,

isa Waaqayyo cubbuu keenya hundumaatti nu fayyisu fudhachuu diduu wajjin tokko. Bara ammaa kana keessa yoo wanta amantoonni garri caalaan jedhanitti ni gorra yoo ta’e, biyya lafaa kana irratti dhuga baatuu lama tu jira jennee fudhachuutti nu geessa: innis dhiigichaa fi hafuuricha.

Garuu ergamaan Yohannis dhuga baatuuwwan sadii akka turan caafeera: isaanis bishaaniin cuuphamuu Yesuus, dhangala’uu dhiiga fannoo isaa fi hafuuricha. Dhuga ba’umsi ergamaa Yohannis immoo baayyee ifaa dha.

Amantiin cubbamaa tokko fayyisuu danda’u amantii isa Hafuurichaa, Bishaanichaa fi Dhiigichaa irraa qabaatuu dha. Amantiin biyya lafaa mo’u amantii attamiitii? Amantii akkanaas eessaa arganna ree? Macaafa keessatti sirriitti jira. Yesuus isa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufetti amanuu dha. Fayyina barabaraa argachuudhaaf, isaan kanatti amani.

Page 156: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

156 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Cuuphamuu Yesuusiin ala fayyisuun

Waaqayyoo guutuu ni ta’aa?

Lakki Bara dheeraa dura, utuun lammaffaa hin

dhalatin, anis kiristaana dhiigaa fannoo fi hafuura qofaatti amanaan ture. Ani akka inni hafuuraan gara biyya lafaa dhufee cubbuu koottii na fayyisuuf fannoo irratti du’e hubachaan ture. Kana lamaan qofa beekuun koo wangeela lallabuu dhaaf hundee ga’aa dha jedheen yaada ture.

Ani ergamaa wangeelaa ta’e akkuma Yesuus biyya lafaa tiif du’e anis lubboota hin fayyin jiraniif du’uudhaaf akeekkadheen ture. Wantoota bu’uura ta’an hundas sirreeffachuuf yaadeen ture.

Garuu sababan wantoota kana lamaan qofaatti amanee tureef, yeroo hundumaa laphee koo keessatti ambaan cubbuu jiraachaa ture. Sababii kanaaf, biyya lafaa hin mo’anne. Cubbuuttii bilisa hin baaneen ture.

Yeroon dhiigaa fi hafuura qofaatti amanaa ture, laphee koo keessaa cubbuun ba’ee hin dhumne ture.

Amma yeroo sanaatti sababan laphee koo irraa cubbuu qabaachaa tureef, yoon Yesuus irraa amantii qabaadhe iyyuu, waa’ee bishaani, cuuphamuu Yesuusiin hin barren ture. Hanga ani cuuphaa bishaanii, dhiigaa fi hafuuratti hin amaninitti fayyinni koo guutuu hin taane ture.

Cubbuu foonii mo’achuu hin dandeenye sababiinsaa hiikkaa cuuphamuu Yesuusiin waan ani hin beekneef. Ammuma iyyuu namoonni baayyeen Yesuusitti ni amanu, garuu cubbuu foonii ni hojjetu. Laphee isaanii keessaa cubbuu waan qabaniif, jaalala isa Yesuus irraa jalqaba fudhatan milkoomina dhabsiisuuf yaalii godhu.

Dharraa jaalala isaanii isa jalqabaa sana haaressuu hin dandaa’ani sababiinsaa guutummaan guututti bishaaniin cubbuu isaaniitti waan hin qulqulloofneef. Isaan Yesuus cuuphamuu isaa tiin akka cubbuun isaanii hundi gara isaatti darbee hin hubatan waan ta’eef yoo kufan illee akkatti amantii

Page 157: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

157 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

isaanii haareffatan hin qabani. Waa’ee kanaa hunda keessaniif hiruu nan

jaalladha. Amantii dhaan Yesuusitti jiraannee, biyya lafaa mo’achuu ni dandeenya. Hir’uu ammamii yoo qabaannee, ammam cubbuu yoo qabaannes, Yesuus isa cubbuu keenya hundaattii nu fureetti amannee jirra taanaan, yeroo hundumaa mo’icha qabna.

Haa ta’u iyyuu malee, cuuphamuu Yesuusiin ala isatti amanna yoo taane, fayyinni keenya guutuu hin ta’u. Ergamaan Yohannis biyya lafaa mo’achuun Yesuus Kiristoos, isa bishaanii fi hafuuraa fi dhiigaan dhufetti amanuu qofaan akka danda’amu nutti dubbata.

Waaqayyo cuuphamuu fi dhiiga tokkicha ilma isaatiitti warra amanan fayyisuudhaaf ilma isaa erge. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Yesuus ilmi Waaqayyoo hafuuraan (foon namaa uffatee) gara keenya dhufe. Kanaaf gatii cubbuu keenyaa baasuuf jedhee dhiiga isaa fannoo irratti nuuf dhangalaase. Yesuus ilmaan namaa hunda ni fayyisa.

Amantiidhaan biyya lafaa akka moonuuf kan nu dandeesissu amantii dhugaa, bishaan, dhiigaa fi hafuuraa ti.

Utuu cuuphaan bishaanii fi dhiigni fannoo hin jiru ta’ee silaa fayyinni dhugaa hin jiraatu ture. Wantoota sadan kanaan ala, fayyina dhugaa qabaachuu hin dandeenyu. Fayyinni dhugaan bishaan, dhiigaa fi hafuuraan ala bira hin ga’amu. Kanaafuu, bishaanicha, diigichaa fi hafuurichatti amanuu qabna. Kanneen kanatti amani tii amantii dhugaa qabaadhu.

Page 158: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

158 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Fayyinni dhugaa dhuga ba’umsa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan ala akka bira hin ga’amne nan dubbadha

Wantoonni sadan fayyinaaf dhugaa ba’an maalfayii?

Bishaan, dhiigaa fi Hafuura

Waa’ee gaaffii armaan olii namoonni akka

kanatti ni yaadu ta’a. “Yesuus fayyisaa koo ti. Ani dhiiga fannootti amaneera, kitima ta’een du’uu barbaada. Yoon laphee koo keessaa cubbuu qabaadhe iyyuu Yesuusitti amaneen jira. Dhimmee qalbii diddiirradheen waan gaarii kan akka dhabeessaaf kennuu nan hojjedha. Ani jireenya koo fi qabeenya koo hunda siif kenneera. Siif jedhee fuudha iyyuu dhiiseera. Attamitti Waaqayyo na wallaala? Yesuus fannoo irratti anaaf du’eera. Qulqulluun Waaqayyo

keenyaa nuuf du’uudhaaf gad bu’e. Ani sitti amaneera, siifis qulqullaa’era, hojii koo amanamummaan siif hojjechaan jira. Yoon ga’aa ta’uu dadhabee cubbuu laphee koo irraa qabaadheyuuYesuus sii’olitti na ergaa? Lakki, inni kana hin godhu.”

Namoonni akkaataa kanatti yaadan hedduutu jiru. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa kaasuuf akka cuuphame hin beekani. Kiristaanonni maqaaf jiran, warri Yesuusitti ni amanna jedhani garuu hanga ammaatti cubbuu qaban, eessa dhaquuf jedhu? Isaan sii’oliin dhaqu. Isaan kun amantoota salphoo dha.

Warri, waan isaanitti tolu yaadanii Waaqayyos akkasumattiin yaada jedhan, sii’olitti gadi bu’u. Akkasumas, Yesuus yeroo fannoo irratti du’e cubbuu keenya hunda waan nu irraa fuudheef, cubbuun biyya lafaa irra hin jiru jedhan jiru. Kun egaa waa’ee dhiigaa fi hafuuraa qofa yaaduu dha. Kun amantii guutuu fayyinaan nama ga’u miti.

Yesuus cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee, fannoo irratti akka cinqaarse, akka

Page 159: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

159 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

nuuf du’e, guyyaa sadaffaattis akka du’aa nuuf ka’e amanuu qabna.

Amantii akkanaan ala, fayyina guutuu argachuun hin dandaa’amu. Yesuus Kiristoos cuuphameera, fannoo irrattis nuuf du’e, guyyaa sadaffaattis du’aa nuuf ka’eera. Yesuus gara biyya lafaa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe. Inni cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera.

Fayyina lafa irraa tiif wantoota gurguddaa sadiitu jiru: Hafuura, Bishaanii fi Dhiiga.

Tokkoffaan, Hafuurri Qulqulluun Yesuus Waaqayyo akka ta’ee fi foon namaa uffatee akka inni gadi bu’e dhugaa ba’a.

Inni lammaffaan, dhuga ba’umsa bishaaniiti. Bishaanichi isa Yesuus cubbuu keenya gara ofiisaatitti dabarsuudhaaf laga Yordaanositti Yohannis cuuphaan cuuphamee dha. Yeroo inni cuuphame cubbuu keenya hunda gara ofii isaatiitti dabarseera (Maatewos 3:15).

Dhuga ba’umsi sadaffaan ‘dhiiga’ isa Yesuus cubbuu keenyaaf itti gaafatama fudhatee dha. Yesuus

fannoo irratti nuuf du’uudhaan firdii abbaan sababii cubbuu keenyaaf itti kenne baateera.

Waaqayyo abbaan mallattoo fayyinaatiif laphee warra cuuphaa fi dhiiga tokkicha ilma isaatti amananiitti hafuura isaa erga.

Warri lammaffaa dhalatan dubbii ittiin biyya lafaa mo’atan qabu. Warri fayyan Seexana, raajii sobduu, gufannaa, dhiibbaa biyya lafaa gargar hin cinne hunda ni mo’atu. Sababii nuyi humna amma kana ga’u qabaannuuf immoo sababii dhuga baatota sadii laphee keenya keessaa qabaannuufi: isaanis CuuphamuuYesuus, Dhiiga isaa fi Hafuura isaa ti.

Biyya lafaa fi Seexana attamitti mo’anna?

Dhuga baatoota sadanitti

amanuu dhaan Hafuura, Bishaani fi, Dhiiga isaatti waan

Page 160: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

160 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

amannuuf Seexanaa fi biyya lafaa mo’achuu ni dandeenya. Warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan gowwoomsaa raajota sobduu ni mo’atu. Humni amantiidhaan biyya lafaa mo’u, bishaan, dhiigaa fi hafuura irratti hundaa’a. Kanatti ni amantaa?

Amantiin fayyinaanis ta’e lammaffaa dhalachuu fi biyya lafaa mo’uun kan nama ga’u amantii cuuphaa, dhiiga Yesuus ilma Waaqayyoo, fayyisaa keenya irraa argama. Amantii akkanaa laphee kee keessaa qabdaa?

Amantii Hafuuraa fi bishaanii laphee kee keessaa qabdaa? Cubbuun kee gara Yesuusitti akka darbe ni amantaa? Dhiiga fannoo laphee kee keessaa qabdaa?

Yoo amantii bishaan fi dhiiga Yesuus laphee kee irraa qabaatte biyya lafaa ni mo’atta. Yesuus fannoo irratti akka du’ee fi siif jedhee fannoo akka baatee yoo amante mo’icha ni argatta.

ErgamaanYohannis biyya lafaa mo’eera sababiinsaa meeshaalee sadan ittiin mo’an laphee

keessaa qaba waan ta’ef. Akkasumas obboloota kiristaanota warra gufannaa fi sodaachifamuu jala dhaabbataniif dubbii fayyinaa ittiin ga’era. Inni, “Kun akkaataa atis biyya lafaa ittiin mo’attuu dha. Yesuus hafuura, bishaanii fi dhiigaan dhufee. Akkuma biyya lafaa mo’ate, warri amanamoon biyya lafaa ni mo’atu. Kun akkaataa tokkicha amanamtoonni biyya lafaa ittiin mo’atanii dha” jedhee dhugaa ba’e jechuu dha.

1Yohannis 5:8 keessatti akkana jedha, “Biyya lafaa irra dhuga baatuu sadii tu jira: Hafuuricha, Bishaanicha, Dhiigicha; sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Hanga ammaatti iyyuu namoonni waa’ee cuuphamuu Yesuus callisanii, waa’ee dhiiga fannoo fi hafuuraa qofa dhugaa ni ba’u. Yoo waa’ee ‘bishaanii’ ni dhiisu ta’e, amma iyyuu Seexanaan gowwoomfamaa jiru jechuu dha. Of gowwoomsuu irra qalbii diddiirrachuu qabu; ‘bishaan’ cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan lammaffaa dhalachuu qabu.

Amantii bishaanii fi hafuuraan ala eenyu iyyu biyya lafaa mo’uu hin danda’u. Ammas nan jedha,

Page 161: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

161 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

eenyuu iyyuu hindanda’u! Akka meeshaa humna qabeessaatti bishaanii fi dhiiga qabannee loluu qabna. Sagaleen isaa, ibsaa sagalee hafuuraa ti.

Amma iyyuu warri cuuphamuu Yesuus, isa cubbuu keenya nu irraa miicceetti hin amanne baay’ee dha. Kanneen akkanaa waan lamaan kana qofaatti amanan jiru. Kanaafuu yeroo Yesuus, ‘ka’ii tii ibsi,’ nuun jedhu, isaan raawwatanii ibsuu hin danda’an. Laphee isaanii keessa cubbuutu jira. Yoo Yesuusitti amanneerra jedhani iyyuu, dhumni isaanis sii’oliin ta’a.

Akka namoonni dhaga’anii, itti amananii fayyuu danda’anitti, wangeelli Cuuphaa fi Dhiigni Yesuus sirriitti hiikamee dhugaa ba’amuu qaba

Cuuphaa isaatti amanuun gosa seera amantii tii?

Lakki, gosa seera amantii miti.

Inni dhugaa dha. Akkaataan wangeela dhugaa baanu, ifaa ta’uu

qaba. Yesuus afuuraan akka dhufe, cuuphaa (isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaase), fi dhiiga isaa (baasii gatii cubbuu hunda keenyaa), sirriitti kaa’uu qabna. Kana sadan isaatti amanuu qabna.

Yoo akkas ta’uudhaa baanne, wangeela lallabaa jirra osoo hin taane amantii salphaatti jirra jechuu dha. Amantoonni bara kana amantii kiristaanaa akkuma amantii kan biraatti ni ilaalu, garuu amantiin

Page 162: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

162 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

kiristaanaa akka amantii biyya lafaa miti. Inni amantii fayyinaa dhugaa barabaraa irratti hundaa’ee amantii waaqayyoon arguu danda’uu dha. Kanaafuu, inni amantii biyya lafaa miti.

Amantiin biyya lafaa namaan uumama, garuu amantiin kiristaanaa fayyisuu Waaqayyoo kan argamsiisuu dha. Garaagarummaan isaa kana. Dhugaa kana yoo callifte, amantii kiristaanummaa akkuma amantii kan biraatti lakkoofte jechuu dha, lallabi kees naamusa jireenya namaa calaqqisiisa.

Yesuus Kiristoos biyya lafaa kana irratti amantii biyya lafaa dhaabuuf miti. Inni amantii kiristaanummaa kan jedhamu tokko dhaabuuf hin dhufne. Kun amantii dha jettee maaliif fudhate. Hundumtuu tokko yoo ta’e, maaliif amantii sirna budaa/Buddhism) warra jedhamanitti hin amannu ree? Kana jechuu kootti akka nama dogoggoreetti na lakkooftaa?

Tokko-tokko Yesuus akka karaa amantii lafa irraa tokkotti ni ilaalla waan ta’eef akkana ni jedhu, “Garaagarummaan isaa maali inni? Waaqaa,

Nirvaanaa, Paraadaayisi…. Hundi isaanii tokko, maqaa addaaddaa qabu malee. Dhumni hunda keenyaa tokko ta’a.”

Kiristaanota obbolootaa, dhugaa irratti dhaabachuu qabna. ‘Kaanee ibsuu’ qabna. Shakkii tokko malee wangeela labsuun nu irraa eegama.

Yeroo namoonni tokko tokko, “Kun karaa waaqaa qofa ta’uu hin danda’u” jedhan, ati immoo, “Eeyyee! Inni karaa waaqaa qofa. Yeroo Yesuus, isa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe, amantu qofa gara waaqaa dhaqxa” jedhiitii deebii kenni. Yoo wangeela fayyinaa namootaan geesse, ifa kee ni guddifta, warri isa dhaga’anis lammaffaa dhalatanii mootummaa Waaqayyootti ni galu.

Page 163: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

163 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Amantii sirrii ta’e Qabaad`hu: Warri akka yaada isaaniitti Gooftaa Jaallatan fay’yisuu cuuphaa fi dhiiga isaa Hin Barre ni badu

Utuu Yesuus irraa amantii Qabna jedhanii kan badu/ddu eenyuu?

Warra cuuphaa Yesuusitti hin

amannee dha Yesuusitti araarameera jechaa akka fedha ofiitti

Gooftaa jaallachuun amantii kiristaanaa akkuma amantii biyya lafaa gochuu ta’a.

Markabi tokko galaana nagaa isa jedhamu keessa buunaan namoonni muraasni lubbuun hafanii turan. Markaba isa warra rakkina akkanaa mudate baasu itti erginaan tabbii fi irraangadeen galaanaa ittisnaan akka itti gargaaran dhabame. Ergasii immoo heliikoopteriin funyoo gaditti ergeef. Namoota sana

keessaa tokko, funyoo ofitti hidhuu irra funyicha qabatee keessaa nan ba’a yoo jedhe kun akka nama fedha isaa irra bu’ee Yesuusiin jaallatuuti. Garuu,“Nan amana. Na, fayyisi. Amaneera, kanaafuu nan fayya” jedhee yoo yaade iyyuu jireenyi nama akkanaa kaneerane miti.

Warri dhugaa cuuphamuu fi dhiiga Yesuus keessa jiru hin hubanne, akka nama galaanicha keessaa ba’uudhaaf funyicha qabatuu/ttuu ti.

Akkuma ol ba’uutti ka’een, harki isaa laafee qabannoo sana gadi dhiisa. Inni humna isaa tiin qabatee jira. Hanga dhumaatti harkaan funyoo sana qabatee adeemuu hin danda’u. Yeroo humni isaa dadhabu, qabannicha gad dhiisee galaanicha keessatti lafa dha’a.

Jaalala mata ofiitiin Yesuusiin jaallachuun kana fakkaata. Namoonni baayyeen Waaqayyoo fi Yesuus akka inni hafuuraan dhufettis ni amanu, inni kun immoo gartokkoo dhaqna isa guddaa ti. Isaan wangeela guutuuttis hin amanne, guutummaa wangeelaattis hin jiraanne.

Page 164: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

164 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Itti amanuu fi amanuuf yaalii gochuun tokko miti. Isaan hanga dhumaatti Yesuusitti amannee amma dhumaattis duukaa bu’aa jirra ni jedhu, garuu sababa laphee isaanii keessa cubbuun jiruuf guyyaa booddee ni gatamu. Isaan Yesuus cuuphaa, dhiigaa fi hafuuraan akka dhufe utuu hin beekin amanan waan ta’eef. Akkuma inni du’e qofa amanan taanaan gara sii’oliin dhaqu.

Lubbuu kee funyoo wangeelaa dhugaa, wangeela bishaan ii fi hafuuraa tiin hidhadhu. Yesuus yeroonni funyoo fayyinaa darbatu, warri wangeela bishaanii fi hafuuraatti of hidhan ni fayyu.

Eliikoopterii kana irraan oolchuudhaaf guddisaa sagaleetiin baayyee itti hiyyame, “Eeggannoon na dhaggeeffadhu. Yeroon funyoo kana gadi buusu, qoma kee jala, hirree keetti hidhadhu. Ergasii akkasumattiin turi. Funyochatti harka keetiin hin rarra’in. Mudhii keetti hidhadhuutii bashannanii taa’i. yeroo sana in ooltaa.”

Namichi inni jalqabaa akka qajeelfama sanatti funyichatti waan of hidheef lubbuu isaa ni oolfate.

Garuu namichi inni lammaffaan akkana jedhe, “Hin rakkadhu. Ani nama cimaa dha. Ani kilabii fayyaa keessatti hojjechaan jira. Ilaa! Hirreen koo ammanni ga’u. Yeroo maayilii dheeraaf qabaachuu nan danda’a.” Achumaan funyicha qabatee itti ol ba’e.

Jalqabatti jarri lamaan qabachaa adeemani. Garuu garaagarummaan isaa qajeelfamicha dhageeffatee mudhii isaa funyoo sanatti hidhate hamma dhumaatti qabatee hafe. Walakaa ga’ee yoo of wallaale iyyuu qabate hafeera.

Inni jabina isaa tiin of jajuu barbaade immoo qabannoo isaa gad dhiise sababiinsaa humni isaa ni dhume waan ta’eef. Inni qajeelfama sana waan hin dhaggeeffanneef ni du’e.

Fayyina guutuu argachuu dhaaf, fayyina cuuphaa bishaan isaa, isa nama amanu hunduma cubbuuttii fayyisutti, amanuun barbaachisaa dha. Nama garaa guutuu dhaan dubbii Yesuus isa: “Yohannis cuuphaan cuuphamuu kootii fi dhiiga fannoo kootiin si fayyiseera” jedhutti amanuuf fayyinni qophaa’aa dha.

Page 165: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

165 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Warri dhiiga isaa qofaatti amanan akkana jedhu, “Hin yaadda’u, ani amaneera. Sababii dhiiga Yesuusiif jireenya koo isa dhumaatiif baayyee nan galateeffadha. Amma dhumaatti Yesuusiin duukaan bu’a, amantii ani dhiiga isaa irraa qabu cubbuu koottii furamee biyya lafaa mo’uufis na dandeessiseera.”

Haa ta’u iyyuu malee kun qofaan ga’aa miti. Warri Waaqayyo akka saba isaatiitti simatu warra dhuga baatuu sadanitti amananii dha; Innis Yesuus akka hafuuraan dhufe, cuuphamee cubbuu keenya nu irraa akka fuudhee fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaatiin gatii cubbuu baasuuf akka du’ee fi guyyaa sadaffaatti warra du’an keessaa akka ka’e amanuu dha.

Warra dhuga baatota kana sadanitti amaniif hafuurri ni dhufaaf. “Eeyyee, ani fayyisaa keeti. Ani bishaanii fi dhiigaan si fayyiseera. Ani Waaqayyo keeti.”

Warra dhuga baatota kana sadanitti hin amanneef, Waaqayyo fayyina hin kennuufi. Kana

keessaa tokko illee yoo hafe, Waaqayyo akkana jedha, “Lakkii, ati hin fayyine.” Bartoonni Yesuus kana sadanitti amananiiru. Yesuus cuuphamuun isaa fakkeenya fayyinaa akka ta’e, dhiigni isaas firdii akka agarsiisuu dubbateera.

Ergamaan Phaawuloosii fi Pheexiros waa’ee cuuphaa fi Dhiiga Yesuus dhugaa ba’aniiru

Barattoonni Yesuus maal dhugaa ba’ani?

Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus

Ergamaan Phawuloos waa’ee cuuphamuu

Yesuusiin dubbateera? Kottaa mee waa’ee cuuphamuu Yesuusiin si’a meeqa akka dubbate ni ilaalla. Roomaa

Page 166: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

166 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

6:3 keessatti akkana jedhe, “Yookiis nuyi warri Kiristoos Yesuusittis dabalamuudhaaf cuuphamne, du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?” Ammas, “Akkuma du’a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasumas du’aa ka’uu isaattis isaa wajjin walitti in dabalamna.”

Akkasumas Galaatiyaa 3:27 keessattiis akkana jedheera, “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu.” Ergamoonni Yesuus hundi isaanii ‘bishaaniin’ cuuphamuu Yesuusiin dhugaa ba’aniiru. “kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti” (1Pheexiros 3:21).

Fayyinni oolfamuu karaa Bishaani fi Dhiiga Yesuus Dhufe

Waaqayyo eenyuun qajeelota jedha?

Warra laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabne

Fayyinni achii gadi tola kenname bishaaniin

cuuphamuu Yesuus Kiristoosii fi dhiiga fannoo isaatiiti. Fayyina maalitiin kaanee ibsina? Attamitti? Dhugaa baatuwwan sadaniin.

“Ifni kee dhufeera; ulfinni Waaqayyoo siif ba’eera! Kanaafis ka’ii ibsi” (Isaayaas 60:1). Waaqayyo nuuf ibseera, kanaaf akka nuyi warra kaaniif ibsinuuf nutti dubbata. Abboommii kana hojii irra oolchuu qabna.

Wangeela humna keenya guutuudhaan lallabaa jirra. Haa ta’u iyyuu malee, hanga ammaatti namoonni baayyeen dhaga’aa hin jiran. Yesuusitti

Page 167: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

167 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

amani fayyina ni argatta. Qajeelaas ni taata. Cubbuun laphee kee keessatti hafee jira yoo ta’e, qajeela ta’uu hin dandeessu. Cubbuu biyya lafaas mo’achuu hin dandeessu.

Bishaan Yesuus /Chuuphamuu Yesuus tti amanuu baannaan cubbuu laphee kee keessaa ballessuu hin dandeessu. Dhiiga Yesuusitti amanuu baannaanis firdii irraa bilisa ta’u un hindandaa’amu. Yesuus akkanni hafuuraan dhufes amanuu baannaanis fayyuu hin dandeessu. Dhugaa baatota kana sadanitti amanuu baannaan fay’yina guutuu argachuu hin dandeessu.

Qajeelaan ga’aa hin taane gara ‘qajeelaa isa jedhame’ qofaatti ramadama. Namni eenyuu iyyuu cubbuun laphee koo irra jira jechaa, kara biraatti immoo akka nama qajeelaatti yoo of lakkaa’e namni sun Yesuus keessa hin jiru/tu. Namoonni tokkotokko maqaa ‘qajeeluumma isa jedhamu’ sanatti rarra’anii fayyuu dhaaf yaalii godhu. Kun keeyyata sagalee hin qabne barreessuu dha.

Nama cubbuu laphee keessaa qabu tokkoon

Waaqayyo cubbuu hin qabu ittiin ni jedhaa? Inni kana hin godhu. Inni waanuma argu dubbata? Inni hundumaa danda’a garuu hin sobu. Namoonni qajeelummaan maal akka ta’e hin hubatin jiru. Al tokko tokko ‘qulqulluu’ jenna, yeroo inni qulqulluu ta’u. Iddoo ‘cubbuun’ jirutti immoo qulqulluu dha jechuu hin dandeenyu.

Utuu cubbuu laphee keessaa qabduu ani Yesuusiin qajeelaa dha ofiin jetta yoo ta’e kunis sirri imiti.

Yesuus yeroo inni qajeelaa dha nuun jedhu yeroo nuyi akka inni hafuuraan dhufe, bishaan (cuuphaa isaatiin akka inni cubbuu nu irraa fuudhe), fi dhiiga (akka inni fooniin dhufee nuuf du’e) amannuu dha.

Kiristaanota, obbolootaa, ‘Inni qajeelummaa jedhame’ sun wangeela bishaanii fi dhiigaa wajjin waliitti hin dhufu. ‘Inni qajeelummaa jedhame’ ykn ‘qajeelaa jedhamuudhaaf’ wanti jedhamu sirna amantii namni uumee dha. Utuu cubbuun laphee kee keessa jiruu Waaqayyo qajeelaa dha siin jedhaa?

Page 168: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

168 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Utuu cubbuun laphee isaa/shee keessa jiruu amantii attamii yoo qabaatte iyyuu Waaqayyo qajeelaa dha ittiin hin jedhu. Yesuus sobuu hin danda’u.

Hanga ammaatti namni tokko laphee isaa/shee keessa utuu cubbuun jiruu Waaqayyo qajeelaa dha ittiin ni jedha jettee yaaddee beektaa? Kun wanta Waaqayyo jedhu miti. Waaqayyo soba hin jaallatu. Utuu ati ‘hafuuraa’ fi ‘dhiiga’ qofaatti amantee jirtuu Waaqayyo qajeelaa dha ni jedha jettee ni yaaddaa? Raawwatee.

Waaqayyo akaakuu nama tokkoo qofaan qajeelaa dha jedha. Innis warra laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabne dha. Inni warra dhuga baatuuwwan sadanitti amanan qofa simata: isaanis, Yesuus Waaqayyo, foon uffatee gara biyya lafaa akka dhufe, laga Yordaanositti akka cuuphame, cubbuu keenya haxaa’uuf fannoo irratti akka dhiiga isaa dhangalaase warra amananii dha.

Waaqayyo warra sagalee misiraachoo fayyinaa dhagaa’an qofaan qajeelaa jedha. Warri kun warra amantii sirrii ta’e qabaatanii dha. Isaan wanta

gooftaan nuuf godhe hundumaatti warra amananii dha. Isaan Yesuus gara biyya lafaa dhufee cubbuu keenya nu irraa fuuchuuf akka cuuphame, iddoo keenya firdii fudhatee gara fannoo akka dhaqe, warra du’an keessaa akka ka’es ni amanu.

Wantoonni kun hundinuu jaalala Waaqayyoon ala hojjetaman. Yesuus waaqa irra gadi bu’ee akkana jedhe,

“Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti hundinuu gara koo kottaa, ani boqonnaan isiniif kennaa” (Maatewos 11:28). Inni cubbuu keenya waan nu irraa fuudheef akkana nuun jedha.

Yesuus warra dhiiga isaa qofaatti amanan hin simatu. Warri dhiiga isaa qofaatti amanan laphee isaanii keessatti cubbuun hafee jira. Warri gooftaan fayyaniiru jedhee mirkaneessu warra attamiiti?

Cuuphamuu Yesuus, dhiiga isaa fi Waaqayyo ta’uu isaa amanuun, fayyinaan nama ga’a. “Gara biyya lafaa dhufuun koo cubbuu kee si irraa fuuchuudhaaf Yohannis cuuphaan cuuphameera.

Page 169: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

169 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Cubbuun biyya lafaa gara kootti akka darbee ani dhugaa ba’eera. Fannoo irratti gatii cubbuu keetii sii kaffaleera. Kanaafuu ani si fayyiseera.”

Warra dhugaa baatuuwwan sadanitti amananiin, Yesuus akkana jedha, “Eeyyee, isin fayyiteaniittu,isin. Ati qajeelaa fi ijoollee Waaqayyoo ti.” Atis, cuuphaa Yesuus, dhiiga isaa, fi hafuurichatti amantee jirta yoo ta’e ni fayyita. Warri dhiiga isaa fi hafuuricha qofaatti amanan laphee isaanii keessatti cubbuun ni hafa.

Mootummaa Waaqayyoo keesssa dhugaa tokko qofaatu jira. Isaan haqa, amanamummaa, jaalala, fi garraamummaa dha. Qaanqeen sobaa tokko keessa hin jiru. Sobni fi gowwoomsaan waaqa irra hin jiru.

‘Namni seera malee hojjetu eenyuu dhaa?’

Nama cuuphamuu Yesuusitti

hin amannee dha

“Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayyeen,. ‘Yaa Gooftaa yaa Gooftaa nuyi maqaa keetiin raajjii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjenneerra mitii?” (Maatewoos 7:22)

Jireenyi namoota akkanaa mootummaa Waaqayyoo keessatti hin fudhatamu. “Ani immoo yeroo sanatti, ‘matumaa ani isin hin beeku isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul’inatti isanitti hima jedhe” (Maatewoos 7:23).

“Ani manneetii lama siif kenneera. Ani jireenya koo iyyuu siif kenneera. Ati na hin ilaallee? Ani amma lubbuun koo ana keessaa baatetti sin hin ganne. Ati na hin ilaallee?”

“Kanaafuu, laphee kee keessa cubbuun jiraa?” “Eeyyee, Gooftaa. Xinnoo hojjedheera.” “Egaa, na irraa fagaadhu! Cubbamoonni as

seenuu hin dandaa’ani.” “Ani amantii kootiif du’eera!” “Du’uu jechuun maal jechaa dhaa?” Ati gara

jabina keetiif duute. Cuuphamuu koo fi dhiiga koo

Page 170: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

170 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

barteettaa? Laphee kee keessatti akka ati mucaa koo taate dhugaa siif ba’eera? Ati cuuphamuu kootti hin amanne waan taateef ani mucaa kooti jedhee laphee keessatti dhugaa siif hin baane ati amantii ofii keetiiti jabaattee dhuma duute. Ani yooman dhugaa siif ba’e? Isa kana ofuma keettiin ofiikeetti fidde. Fayyuuf illee yaalii baayyee gooteetta. Kana hubatteettaa? Amma egaa, cimsii of eeggadhu.

Yesuus akka nuyi kaanee ibsinu nutti dubbata. Namoonni maqaaf kiristaana ofiin jedhan, raajonni sobduun, warri fayyan akka isaan ka’aanii hin ibsineef danqaa jala ni kaa’u. Garuu anxaxii xiqqoon ibidda guddaa uumuu dandeessi. Namni tokko yoo dhugaa jabaatee dubbate biyyi lafaa ifuu ni danda’a.

Isaayyaas 60:1-2 akkana ni jedha, “Ifni kee dhufeera; ulfinni Waaqayyoo siif ba’eera! Kanaafis ka’ii ibsi Kunoo dukkanni lafatti iin uttisa, dukkanni limixiinis saba lafa irraa ni dhoksa siif garuu ifni Waaqayyoo in ba’a. Ulfinni isaas si irratti in argama.”

Waaqayyo akka nuyi kaanee ibsinuuf nutti

dubbata, sababiinsaa dukkannii fi sobni, wangeelli sobaa biyya lafaa aguugee jira waan ta’eef. Warra Yesuusitti amanan qofaatu isa jaallatu. Warri hin fayyine Yesuusiin jaallachuu hin danda’ani. Attamitti jaallatu ree? Waa’ee jaalalaa dubbachuu danda’uu garuu sababii dhugaa hunda hin fudhanneef isa jaallachuu hin dandaa’ani.

Waa’ee fayyina Cubbamootaaf dhugabaatuuwwan sadiitu jiru

Garee keenya keessa dhuga ba’umsa fayyinaa maalitu jiraa?

Cuuphamuu Yesuus

“Lafa kana irra dhugaa baatuuwwan sadiitu

jira: Hafuuricha, bishaanica, dhiigicha;sadanus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Yesuus gara biyya

Page 171: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

171 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

lafaa dhufee hojii isaa bishaanii fi dhiigaan hojjete. Inni kana hojjetee nu fayyise.

“Isa namoonni dhugaa ba’an kan fudhannu erga taaanee, inni Waaqayyo dhugaa ba’u immoo in caala Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaa tiif dhugaa ba’ee dha. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba; Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaa tiif dhugaa ba’e waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati. Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana; Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama; Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoon hin qabaannee, jireenyicha hin qabu” (1 Yohannis 5:9-12).

Warri Lammaffaa dhalatan dhugaa ba’umsa namaa ni fudhatu. Akka nama qajeelaatti ni fudhatamna. Warri lammaffaa dhalatan, warri fayyan, waa’ee dhugaa fayyinaa yommuu isaan dubbatan, namoonni falmuu hin danda’ani. Isaan ni fudhatu. Nuyi sirriitti ni amanna amantiin isaanis

sirrii dha nun jedhu. Attamitti akka lammaffaa dhalanne yommuu itti dubbannu, wangeela dhugaa isa nuyi dhugaa baanu jala namni dhaabbachuu danda’u hin jiru. Isaan jarri kun dhugaa dha nuun jedhu. Dhuga ba’umsa akkanaa ni fudhanna.

Akkasumas ergaan kun akkana jedha, “Inni Waaqayyo dhugaa ba’uu immoo incaala.” Akkana jechaanis isa Waaqayyo ilma isaatif dhugaa ba’uu dha. Sirrii dhaa? Dhuga ba’umsi ilma isaatii maali? Dhuga ba’umsi fayyisuu Waaqayyoo, Yesuus hafuura, fayyina bishaanii fi dhiiga fannoo ti. Waaqayyo akkaataa kanatti akka fayyine dhugaa nuuf ba’e, warri akkaataa kanatti amananis fayyanii saba Waaqayyoo akka ta’an nutti dubbata.

“Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba; Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaa tiif dhugaa ba’ee waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati.”

Ergaan kun gabaabaatti eenyu akka fayyu nutti dubbata. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhuga

Page 172: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

172 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

ba’uumsa akka inni of keessaa qabu dubbata. Laphee kee keessaa dhuga ba’umsa qabdaa? Inni si keessas ana keessas jira. Yesuus nuuf jedhee gara biyya lafaa dhufe. (Maariyam durba irraa foon uffatee Hafuura Qulqulluu dhaan gara biyya lafaa dhufe.) Waggaa 30 ffaa isaatti, cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsuudhaaf jedhee cuuphame. Cubbuu keenya hundumaatiif fannoo irratti firdii fudhate. Guyya sadaffaatti du’aa ka’ee jireenya nuuf kenne. Yesuus akkaataa kanaan nu fayyiseera.

Utuu du’aa hin kaane ta’ee, maaltu ta’a ture? Utuu du’aa hin kaane ta’ee, attamitti awwaala keessa taa’ee dhugaa nuuf ba’a. Kanaaf inni fayyisaa dha. Kun amantii keenya.

Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin akka nu fayyise nutti ni dubbate. Anii fi ati immoo sababa itti amanneef fayyineera. Dhuga ba’umsi kun laphee kee fi koo keessa jira. Warri fayyan cuuphamuu Yesuusiin salphaatti hin ilaalan. Wanta inni ittiin nu fayyisu callisuun nuuf hin ta’u.

“Wanta qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti

raawwachuun waan nuuf ta’uuf” (Maatewos 3:15). Yesuus cubbuu keenya gara ofii isaatiitti dabarsuudhaaf Yohannisiin laga Yordaanositti akka cuuphame ganuu hin dandeenyu. Warri fayyan ‘bishaan’ cuuphamuu Yesuusiin ganuu hin danda’an.

Warri amanan, garuu immoo hin fayyine, warra hanga dhumaatti cuuphamuu Yesuusiin mormanii dha

Eenyutu Waaqayyoon sobduu godha?

Nama cuuphamuu Yesuusitti hin amannee dha

Gabaabaa fi ifatti ergamaan Yohaannis akkana

jedhe, “Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa sobduu gochuu isaati.” Utuu ergamaan Yohannis

Page 173: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

173 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

amma jira ta’ee, nuun kiristaanota bara ammaa kanatti maal dubbata laata? Inni, “Yesuus yeroo cuuphame cubbuu keenya nu irraa fuudheera?” jedhee nu gaafata.

Yesuus cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya akka nu irraa fuudhe Yohannis cuuphaan dhugaa hin baanee? “Yeroo Yesuus naan cuuphame cubbuun kee gara mataa Yesuusitti hin darbine turee?” Inni egaa, Yesuus cubbuu hunda keenyaattii nu fayyisuuf jedhee akka cuuphame mulinatti dhugaa ba’eera (Yohannis 1:29. 1 Yohannis 5:4-8).

Warri Waaqayyotti hin amanne, jecha biraatiin, wanta kamittuu kan hin amanne, isa nu fayyisuu dhaaf godhe sana, sobduu godhe jechaa dha. Yesuus yeroo cuuphame cubbuu keenya hundaa nu irraa fuudheera yeroo jennu, isaan akkana jedhu, “Ohoo, na ilaali! Cubbuu keenya nu irraa hin fuune ta’e! Cubbuu dhaalaa qofa nu irraa kaase, kanaafuu cubbuun hojii keenyaa har’aa boree hafee jira.”

Kanaafuu, cubbuu isaanii har’aa boree irraa fayyuudhaaf kadhannaa qalbii diddiirrannaa guyyaa

hundumaa ni godhatu. Kun wanta nuyi amanuu qabnu dha. Atis akkuma kanatti amantee jirtaa? Warri Yesuus cuuphamuu isaatiin akkanni cubbuu keenya nu irraa kaase hin amanne Waaqayyoon sobduu gochuu isaanii ti.

Yesuus Cuuphaa, dhiigafannoo irratti dhiigeen altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa kaaseera

Eenyutu Sobaa?

Nama cuuphamuu Yesuusitti hin amanne

Yesuus Cuuphaa isaa tiin altakkaa yeroo

hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa kaaseera. Waaqayyo warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan fayyisa, warra hin amanne garuu

Page 174: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

174 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

bakkeetti ni dhiisa. Isaan sii’oliin dhaqu. Kanaafuu, akka fayyinuu fi isa irrattis akka hundoofne beekuu qabna. Inni cubbuu biyya lafaa hundumaatti nu fayyiseera. Inni warra amanan ni fayyisa warra hin amanne immoo itti farada.

Namoonni sababii dadhabbii isaanii tiif sii’oliin hin dhaqani, sababa hin amanneef malee. “Namni Waaqayyoon hin amanne isa sobduu gochuu isaati” (1 Yohannis 5:10). Warri cubbuun isaanii gara Yesuusitti akka darbe hin amanne, amma iyyuu cubbuun laphee isaanii irra jira. Isaan cubbuu hin qabnu jechuu hin dandaa’an.

Gaaf tokko, Daaqunii tokko argeen akkana ittiin jedhe, Daaqunii, yeroo Yesuusitti amante cubbuun kee gara Yesuusitti darbeeraa?”

“Eeyyee, maarree.” “Egaa, erga Yesuus dhufee cubbuu biyya lafaa

irraa fuudhee, ‘Fiixaan ba’eera’ jedhee, ati fayyiteetta. Sirrii mitii?

“Eeyyee, an i fayyeera.” “Egaa ati cubbuu irraa bilisa ta’uu qabda.”

“Eeyyee, anis akkasuma.” “Yoo deebitee cubbuu hojjetee maaltu ta’a?” “Nuyi nama fooniiti. Attamitti deebinee cubbuu

gochuu dhiifna? Kanaafuu, guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrannee kadhachuu qabna malee.”

Daaqunichi hanga ammaatti iyyuu cubbuu of keessaa qaba jechaa dha sababiinisaa guutummaa dhugaa fayyinaa bira waan hin geenyeef.

Namoonni akkanaa warra Waaqayyotti qoosanii fi isa sobduu godhanii dha. Yesuus, Waaqayyo, cubbuu biyya lafaa haquu hin danda’uu? Kun baayyee nama gaddisiisa. Yesuus cubbuu biyya lafaa hin haqu yoo ta’e, inni Waaqa fayyisu ta’uu ni danda’aa? Attamitti akka nuyi isatti amannuuf nutti dubbatta? Isa sobduu gochuu barbaaddaa? Kana akka ati hin goone cimseen si gorsa.

Macaafni Qulqulluun akka nuyi isatti hin qoosne nutti dubbata. Akkana jechaan akka isa sobduu hin goonee fi isa gowwoomsuuf akka yaalii hin goone jechaa dha. Inni akka keenya miti.

Ergamaan Yohannis waa’ee wangeela fayyinaa

Page 175: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

175 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

sirriitti nu barsiiseera. Namoonni baayyeen waan Waaqayyo ittiin nu fayyisu, Yesuus bishaaniin dhufuu isaa, dhiigaa fi hafuuratti, amanuu hin barbaadan.

Kiristaanota garee lamatu jiru: Warra akka Macaafa Qulqulluutti hin amanne, “Ani cubbamaa dha,” jedhanii dhugaa ba’anii fi Warra wantoota Waaqayyo isaaniif godhe hunda amananii, “Ani qajeelaa dha ofiin jedhan.” Garee warra kamtu sirrii dha jettee yaadda?

Warri wantoota Waaqayyo isaaniif godhe hundatti hin amananne, jecha biraatiin, warra dhuga ba’umsa, bishaan, dhiigichaa fi hafuurichatti hin amanne, sobaa jiru jechaa dha. Isaan amantii sobaa qabu. Warri hin amanne Waaqayyoon sobduu gochuu isaaniiti.

Isa sobduu gochuuf yaalii hin godhin. Yesuus laga Yordaanos dhufee (cuuphamuu isaa tiin) qajeelummaa hundumaa ni raawwate (cubbuu biyya lafaa hundumaa irraa fuudheera).

Warri hin amanne Cuuphamuu fi Qulqullina Yesuusiin ni ganu

Seexannii fi Daabiloos maal ganu?

Cuuphamuu Yesuus Namni ilma isaatti amanu dhuga ba’umsa of

keessaa qaba. Warri lammaffaa dhalatan yeroo Yesuus cuuphame cubbuun isaa/shee gara Yesuusitti akka darbee fi bishaanichaa fi dhiigichaan akka fayyan ni amana/ti. Kirisaanonni lammaffaa dhalatan Yesuus Kiristoos Maariyaam durba irraa dhalachuudhaan gara biyya lafaa akka dhufe, laga Yordaanositti akka cuuphame, fannoo irratti akka du’ee, fi akka du’aa ka’e ni amanu.

Qajeelonni laphee isaanii keessaa dhuga ba’umsa qabu. Mirkanaa’insi fayyina keenyaa amantii nuyi Yesuus, isa bishaanii fi dhiigaan dhufe

Page 176: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

176 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

irraa qabnuu dha. Dhuga ba’umsi kun si keessa jira. Dhuga ba’umsa kana akka of keessaa qabaattuuf sin gorsa. Ani siin nan jedha. Mirkanaa’insa dhuga ba’umsa fayyinaa laphee keessa hin jiru yoo ta’e, fayyina keessa akka hin jirre beekuu qabda.

Ergamaan Yohannis akkana jedha, “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, dhuga ba’umsa qaba” (1 Yohannis 5:10). Dhugaa ba’uu jechaan dhiigicha qofaatti amanuu dhaa? Ykn, bishaanichatti amananii, dhiigicha immoo dhiisuu dha? Waaqayyo duratti fudhatama argachuudhaaf sadanuu isaatti amanuu dha.

Ergasii ‘Yesuus ati fayyiteetta’ jedhee dhugaa siif ba’a. Yoo sadan keessaa lamaan isaatti amantee jirta ta’e dhuga ba’umsa laphee koo keessaa qaba jettee ni amantaa? Kun akka yaada keetiitti Yesuusitti amanuu dha. Inni kun dhuga ba’umsa ofii keetii ta’a.

Namoonni akkanaa baayyeetu jiru. Biyya lafaa keessaa namoonni sadan keessaa lamatti kan amanan hedduu dha. Isaan fayyineerra jedhanii kitaaba iyyuu irratti ni barreessu. Attam akkas bareechanii haasa’u!

Baayyee gaariitti ni dhiheessu. Isaan ‘Warra Wangeelaa’ ofiin jedhu. Garuu akka ‘Warra Wangeelaa’ hin taane qofa osoo hin taane amantii ofii isaanii akka ta’es isaanitti ni dhagaa’ama. Isaan ‘bishaan’ itti hin amanan, garuu fayyina isaaniitiin of ni jaju! Dubbii tooraan kaa’uu ni danda’u ta’a, garuu dhuga ba’umsa Waaqayyoo sammuu isaanii keessaa hin qaban. Dubbiin isaanii yaada ofumaa toora galee dhihaatuu dha.

Warra fayyan attamitti hubatta? Warra dhuga ba’umsa dhufaatii Yesuus hafuuraan, bishaanii fi dhiigaan akka ta’e laphee isaanii keessaa qaban.

Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Wangeelli nuyi isiniif lallabne humna hufuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne” (1 Taselooniiqee 1:5). Yeroo namoonni dhiiga Yesuus qofaatti amanan Seexanni ni gammada. “Ohoo warra gowwaa, isin anaan gowwoomfamtaniittu, ha-haa!” Namoonni baayyeen yeroo dhiiga Yesuusiin galateeffatan Seexanii ni

Page 177: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

177 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

sokka jedhu. Seexanni fannoo ni sodaata jedhaniis ni yaadu. Garuu Seexanni of agarsiisaa qofa akka ta’e akka hubattu nan barbaada. Kanaan gowwoomfamuu hin qabnu.

Yeroo Seexanni nama tokkotti galu, namichi maraatee afaaniin oomachaa’uu danda’a. Seexanaaf hojjechuun nama hin rakkisu sababiinsaa humni nama akka inni hin hojjenne gochuu waan ta’ef. Seexannis sammuu nama sanaa xinnoo qabachuutu irra jira. Lubbuu ajjeesuu irraan kan hafe Waaqayyo Seexanaaf aboo kenneera. Kanaaf Seexanni nama tokko akka baala mukaatti raasuudhaan, waccisiisee afaaniin oomacheessuu ni danda’a.

Yeroo kun ta’u, amantoonni sagalee guddaadhaan akkana jedhu, “Maqaa Yesuusiin ba’i! ba’i!” Namichi yeroo sammuu nagaatti deebi’uu dhiiga Yesuus Kiristoos humna isa fayyisu qaba jedhu. Garuu kun wanta dhiiga isaatiin hojjetame ta’uu dhisuu danda’a. Do’ii Seexanaas ta’uu dandaa’a.

Seexanni warra Yesuus, isa cubbuu keenya cuuphaa isaatiin nu irraa miiccee, iddoo keenya

fannoo irratti firdii baate, guyyaa sadaffaatti du’aa kan ka’etti amanan fagootti ni sodaata. Seexanni bakka dhuga ba’umsi cuuphamuu Yesuusii fi fayyinni jiru taa’uu hin danda’u.

Luboonni Kaatoliikii tajaajila seexana baasuu ni hojjetu. Kana fiilmii irratti argineerra. Filmii kana keessatti, ‘Mallattoo,’ lubichi fannoo mukaa qabee ni raasaa, garuu lubichi gaaf tokko ni du’a. Egaa, namni lammaffaa dhalatee akka kanatti hin mo’amu.

Warri lammaffaa dhalatan ija jabummaadhaan waa’ee dhiiga isaa fi cuuphamuu Yesuusiin ni dubbatu. Yeroo Seexanni isa/shee rakkisu akkana jedhee/tte gaafata/tti, “Akka Yesuus cubbuu hunda ana irraa kaase beektaa?” Seexannichi yeroo dhuma sana baqatee ni sokka. Seexanni naannoo ‘Warra lammaffaa dhalatanii’ dhaabbachuu hin jaallatu. ‘Warri lammaffaa dhalatan’ achi yoo taa’an, seexanni ba’ee ni fiiga. Warri Waaqayyotti hin amanne Waaqayyoon sobduu godhaniiru jedhameera. Isaan dhuga ba’umsa ilma Waaqayyoo, bishaanii fi dhiigatti hin amanan.

Page 178: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

178 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Dhuga ba’umsi ilmi

Waaqayyoo maali dha?

Chuuphamuu isaa, Dhiiga isaa fi Hafuura

Dhuga ba’umsi ilmi Waaqayyoo maali dha? Isa

inni Cuuphaa Dhiigaa fi Hafuuraan dhufee cubbuu keenya nu irraa kaasee dha. Inni cubbuu biyya lafaa hundumaa gara ofii isaatiitti fudhatee gara fannoo dhaqe. Kun egaa fayyina Cuuphaa, Dhiigaa fi Hafuuraa mitii ree?

Namoonni Waaqayyoon duratti soba dubbatu sababiin isaa wangeela fayyina dhugaa Cuuphaa, Dhiigaa fi Hafuuraatti waan hin amanneef. Wangeelonni kan biraa hundinuu soba. Amantiin isaanii soba; wangeela sobaa isaaniis ofumaa babal’isaa jiru.

Garaa 1 Yohannisitti 5 tti haa deebinu. Lakk 11ffaan akkana jedha, “Waaqayyo jireenya

barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana; Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama.” Kan inni nutti dubbatus Waaqayyo jireenya barabaraa akka nuuf kenne, jireenyi kunis abbaa fudhatu keessa jira. Jireenyi kunis ilma isaa keessa akka jiruu dha.

Warri jireenya barabaraa fudhatani warra cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaatti amananii jireenya barabaraa argatanii dha. Warri fayyan jireenya barabaraa argatanii barabaraan jiraatu. Jireenya barabaraa fudhatteettaa?

Lakkobsa 12 irratti, “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.” Jecha biraatiin, wanta ilmichi lafa irratti hojjetetti, cuuphamuu isaa, fannoo isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuu dha. Kana sadan keessaa kan tokko biraa hambise, jireenyas fayyinas hin qabu.

Ergamaan Yohannis namoota lafa irraa amantii isaan wantoota gooftaan godhee: Bishaanicha, Dhiigichaa fi Hafuuricha irratti qabaniin gargar

Page 179: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

179 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

baasuun akka dandaa’amu dubbateera. Wantoonni kun sadan akka dubbiin fayyinaa garaa isaanii keessa jiruu fi hin jirree isaa gargar ni baasa. Inni warra fayyan amantii isaan Bishaanicha, Dhiigichaa fi Hafuuricha irra qabaniin gargar ni baasa.

Warri lammaffaa hin dhalanne Hoolaa fi Reettii dandaa’anii gargar hin baasani

Warra fayyanii fi warra hin fayyine eenyutu gargaar baasaa?

Warra lammaffaa dhalatan

Ergamaan Yohannis qajeelota warra fayyan

sirriitti gargar baaseera. Ergamaan Phaawulosis akkasuma. Hojjettoonni Waaqayyoo attamitti Hoolotaa fi Reettota gargar baasuu danda’uu? Hojjettoota dhugaa fi fakkeessitoota attamitti gargar

baasuu danda’u. Warri cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti amanan fayyan akka isaan kana hubataniif aangoon ni kennamaaf.

Lubas ta’ee, lallaboonni, manguddoonni warra fayyan gargar hin baasan taanaan, hoolaa fi reettii gargar hin baasan taanaan lammaffaa hin dhalanne jechauu dha waan ta’ef jireenya barabaraa of keessaa hin qaban. Garuu warri dhuguma lammaffaa dhalatan sirriitti garaagarummaa isaa ni argu. Warri jireenya hin qabne garaagarummaa isaa arguus fudhachuus hin dandaa’an.

Bakka dukkanaatti halluu dandeenyee gargar hin baafnu yoo ta’e iyyuu, magariisi magariisummaa, adiinis adiidhuma. Garuu yoo junuunfatte, garaagarummaa isaa arguus fudhachuus hin dandeessu.

Garuu ija isaanii banatanii yoo ilaalan garaagaruummaa xiqqoo haalluu sanaa hubachuu ni danda’u. Isa kamtu akka magarsiisa ta’ee fi isa kamtu akka adii ta’e gargar ni baasu. Garaagarummaan warra fayyanii fi hin fayyinees kanaa wajjin walfakkaata.

Page 180: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

180 Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe

Wangeela fayyinaa, wangeela bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa lallabuu qabna. Kaanee ibsuu qabna. Yeroo nuyi namoota of biratti walitti qabne amantii dhugaa ittiin ga’uuf jennu, sagalee namaa dubbachuu hin qabnu. Macaafa qulqulluu keessatti, 1 Yohannis 5, ibsa isaa kaa’eera. Akka walii hin wallaalletti tartiibaan ibsuu qabna.

Dubbii nuyi lallabnu dubbii bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa, ibsaa fayyinaati. Waa’ee ‘bishaan Yesuus’ nama hubachiisuudhaaf, sirriitti ibsuu qabna. Waa’ee ‘Dhiiga Yesuus’ nama hubachiisuudhaaf, sirriitti ibsuu qabna. Namni tokko illee waa’ee dhugaa kanaa utuu hin beekin akka hin hafnetti. Sirrith ibsuu qabna

Warri lammaffaa dhalatan ka’aanii hin ibsan yoo ta’e, namoonni baayyeen fayyina dhabanii ni du’u kun immoo Waaqayyoon hin gammachiisu. Inni hojjettoota dhibaa’oo nuun jedha. Kanaafuu, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuus labsuu qabna.

Sababa ani irra deddeebi’ee ibsuuf waa’ee cuuphamuu Yesuus beekuun keenya fayyina keenyaaf baayyee barbaachisaa waan ta’eefi. Yeroo

mucooliitti dubbannu, hanga isaan sirritti hubatanitti irra deddeebinee hubachiisuu qabna.

Namoota hin baranneef ibsuuf yoo yaalii goone, qubeetiin ni jalqabna ta’a. Qubee kanaan akkaataa inni itti jecha barreeffatu irraa jalaan hubachiisuu qabna. Yeroo inni qubee walitti fidee jechoota uumuuf yaalii godhu, fakkeenyaaf ‘adaba,’ jechoota kana hiikkaa isaa ibsuufii qabna. Wangeela dhugaa kana namootaan ga’uudhaaf, akkaataa kanatti sirriitti ittiin ga’uu keenyaaf mirkanaa’insa arganna.

Cuuphamuu Yesuusiin sirriitti ibsuu qabna. Inni gara biyya lafaa kana bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe. Akka ati Yesuus fayyisaa keetti amantee fayyituuf kadhannaa kooti.

Fayy’inni bishaanii fi Hafuuraa burqaa amantii cuuphamuu Yesuus, Dhiiga Fannoo isaa fi Yesuus Waaqayyo fi fayyisaa keenya akka ta’e irraa argama.

Page 181: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 7

Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina

Cubbamootaa ti

Page 182: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

182 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina

Cubbamootaati < 1 Pheexiros 3:20-21 >

“Isaan hafuurota namoota warra dura bara Nohitti yeroo marakabi tolfame yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti isaaf hin abboomamin hafanii dha. Markaba kanaan namoonni muraasni kana jechuun.lubbuun saddeetti bishaan keessaa oolan. Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaanee argachuu dhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti.”

Karaa maalii qajeelaa taana?

Karaa ayyaana Waaqayyoo

Utuu nuyi lafa kana irratti hin dhalatin iyyuu

Waaqayyo nu beeka ture. Inni akka nuyi cubbamoota taanee dhalanne, karaa cubbuun biyyi lafaa guutummaan isaa irraa ka’u karaa cuuphaaa isaa tiin akka amantoonni fayyanis ni beeka. Inni amantoota hundumaa fayyisee saba isaa godhata.

Kun hundinuu firii ayyaana Waaqayyooti. Faarfannaa 8:4 irratti akkuma ibsame, “Ati akka isa yaaddttuuf Namni maali?” Cubbamoonni fayyina argatan addaan jaalala Waaqayyoo ni fudhatu. Isaan ijoollee Waaqayyoo ti.

Yeroo dhiigaa fi hafuura isaa qofaatti amanaa turre, utuu ijoollee Waaqayyoo hin ta’in dura, utuu qajeelota hin ta’in dura, utuu yaa abbaa yaa abbaa jennee isa waammachuu dhaaf mirga hin argatin dura namoota attamii turre? Cubbamoota turre,

Page 183: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

183 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

cubbamoota tarree biyya lafaa yoo fayyaa taanee gara wagaa 70 ykn 80 qofa jiraachuudhaaf kan dhalanne ture.

Utuu cubbuu keenyattii hin qullaa’in, utuu cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti hin amanin dura, namoota jalloota warra badiisaaf qophaa’an turre.

Ergamaan Phaawulos waan amma ta’e kanaaf ayyaana isaa baayyee galateeffata. Akka amma jirru kanatti jiraachuun keenya sababii ayyaana isaa qofa aafi. Waa’ee ayyaana isaa kanaaf baayyifnee isaa ni galateeffanna. Uumaan gara biyya lafaa kana dhufee nu fayyisee, ijoollee isaa nu godhate. Ayyaana fayyisuu bishaan fi hafuura isaaf galanni haa ta’u.

Sababii inni ijoollee isaa, qajeelota nu godhateef maalifii? Sababa midhagoo taaneefii? Sababa namoota kanaaf ga’an taaneefii? moo sababa baayyee gaarii taanefii? Mee irratti yaadnee isaaf galata haa dhi’eessinu.

Sababa Waaqayyo nu uumeef saba isaa taanee mootummaa isaa keessa barabaraan akka jiraannuufi. Waaqayyo saba isaa nu godhatee barabaaraaf

hayyama isaa Wajjin jiraachuu nuuf kenne. Kun sababa tokkicha Waaqayyo jireenya baraabaraatiin nu eebbisee dha. Saba isaa nu godhachuun isaa miidhagummaa keenya ykn immoo sababa argachuuf nama mallu taaneef ykn uumama warra kaan caalaa dhugaatti waan jiraanneef miti. Sababiin tokkichi Jaalala isaa ti.

“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti” (1 Pheexiros 3:21). “namoonni muraasi, Luddeet bishaan oolan” (1 Pheexiros 3:20).

Namoonni muraasni magaalaa keessaa tokko, maatii keessaa lamatu fayyee jira. Egaa nuyi warra kaan irra waan caallu qabnaa? Waan tokko iyuu. Kanaaf wanti adda nu godhu hin jiru, kan nuyi fayyinuuf sababa amantii nuyi bishaanii fi hafuuraa irraa qabnu qofa.

Dinqoota keessaa dinqii isa caalu arjummaa haalaan hin murtoofneen Waaqayyo akka nuyi yaa abbaa yaa abbaa jennee isaa waammannu godhe. Kana ganuu hin dandeenyu. Utuu cubbamoota taanee attamitti Waaqayyoon yaa abbaa-yaa abbaa jennee

Page 184: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

184 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

waamuu dandeenyaa? Akka fayyine yeroo yaadnu,Waaqayyoo jaalala

haalaan hin murtoofneen akka nu jaallate ilaalla. Isa galateeffachuu hin qabnuu ree? Utuu inni jaalala isaa tiin nu hin fayyifne ta’ee, badiisa, abdii kutaannaa tiin jireenyi keenya sii’oliin xumurama ture. Jaalala isaa fi eebba isaa tiin ijoollee isaa warra ija isaa duratti ga’oo ta’an waan nu godhateef ammas-ammas irra deddeebinee isa galateeffachuu qabna.

Fayyinni Ulfina Qabeessi karaa Cuuphamuu Yesuusiin nuuf kenname

Namoonni bara Nohii maaliif badanii?

Sababa bishaanicha (cuuphaa Yesuusiitti)

hin amannefi.

“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti.” Lubbuun saddeet qofti akka oolan ergaa Pheexiros keessatti barreefamee jira. Bara Nohi keesssa nama meeqatu ture jettee yaaddaa? Ammam akka isaan turan karaan ittiin beekan hin jiru garuu gara miiliyona tokkotti haa tilmaamnu. Egaa nama miiliyoona tokko keessaa namoonni saddeet maati inama tokkoo Nohi keessaa oolfamaniiru.

Herregni kun isuma bara ammaa wajjin tokko. Bara ammaa kana keessaa namoota biiliyona 6 ol kan ta’antu biya lafaa irra jiru. Bara Yesuus kana keessatti lubuu meeqatu amanee cubbuu isaatti fayye? Yoo magaalaa tokko qofa ilaalle, namoota baayyee xiqqoo ta’an tokko argina.

Magaalaa koo keessa, namoota 250,000 kan qabate keessaa namoota meeqatu fayye? Tarii namoota 200? Egaa herregni warra fayyanii meeqa ta’a? Kuma keessaa tokkoo gadi kan ta’aantu fayyina argate jechaa dha.

Warra Kaatoolikii dabalatee, kiristaanota miiliiyona kudha lama tu Kooriyaa keessa jira. Isaan

Page 185: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

185 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

kana keessaa meeqa tu lammaffaa dhalatee jira? Bara Nohi keessa namoota lafa irra turan keessaa namoonni 8 qofti akka fayyan yaadaan qabadhu. Egaa Yesuus warra cuuphamuu isaa, isa inni ittiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhetti, warra amanan akka inni lammaffaa dhalachiisuu beekuu fi amanuu qabna.

Akka Yesuus cuuphamuu isaa fi fannoo dhiiga isaatiin nu fayyisee warri beekan yaroo dha. Fakkii ‘du’aa ka’uu Yesuus’ fudhadhu. Namoota meeqatuu du’aa ka’ee isaa wajjin mul’ate? Yeruusaalem irraa gara Yesuus, isaa irreen isaa gudddaatti, kan gadi bu’an ni argita. Isaan kana keessaa beektonni barumsa amantii fi tajaajiltoonni meeqa ta’u?

Bara ammaa kana keessa beektonni barumsa afuuraa hedduutu biyya lafaa irra jiru, garuu kan cuuphamuu Yesuusii fi qabxii dhugaa fayyina sirriitti kan beekan baayyee yaroo dha. Warri barum afuuaa muraasni sababii Yesuus cuuphameefi gadi ofdeebise, Caalaatti nuun dhala namaa fakkaachuudhaafi jedhu.

Garuu macaafa qulqulluu keessatti akkuma galmaa’ee jiru, ergamoonni, Peexirosii fi Yohannisiin dabalatee, cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya gara isaatti dabarsuuf akka ta’e dhugoomsaniiru, nuyis isumatti amannee jirra.

Ergamoonni macaafa qulqulluu keessatti cubbuun keenya gara Yesuusitti akka darbe dhugaa ba’aniiru. Ayyaanni Waaqayyoo inni amantiidhaan nama fayyisu kun attam dinqii dha.

Waa’ee Cuuphaa Yesuusiif ‘Shakkiin’ hin jiru

Daanga dhabeessa jaalala Waaqayyoo eenyutu fudhata?

Nama cuuphaa fi diiga Yesuusiti

amanutu fudhata

Page 186: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

186 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Yesuus akka nu fayyisu amanuun waan sirrii ta’ee dha. Dhaabbanni amantii kiristaanaa hundinuu waa’ee fayyina amansiifamanii ta’ aaniru, baayyeen isaanis waa’ee cuuphamuu Yesuusiin barsiisa hundee amantii tokkotti lakkaa’anii jiru. Garuu kun dhugaa miti. Gara kitaabolee kuma tokkoo ol an I dubbise keessaa, namni waa’ee fayyina cuuphaa fi dhiiga Yesuusii wajjin walqabsiisee barreesse hin argine.

Bara Nohi keessa namoota saddeet qofatu fayye. Bara ammaa kana keessa namni meeqa akka fayyu ani hin beeku, tarii baayyee hin ta’u. Namni fayyuu nama cuuphaa fi dhiiga Yesuus qofaatti amanu dha. Yeroon waldoota addaaddaa do’adhu, namoonni wangeela dhugaa, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin lallaban baayyee xiqqoo dha.

Fayyisuu cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti hin amannu yoo taane, amma fedhe yoo waldaa hordofne iyyuu cubbuu keenyaan waan jirruuf fayyuu hin dandeenyu. Sagantaa waldaa amanamummaa dhaan bara keenya hundumaatti ni ordofna ta’a, hamma ammaa iyyuu laphee keenya keessaa cubbuu qabna

waan ta’ef, amma iyyuu cubbamoota taanee jirra jechuu dha.

Sagantaa waldaa waggaa 50 f hordofneerra yoo ta’e, garuu hanga ammaattiyyuu laphee keenya keessaa cubbuu qabna yoo ta’e, amantiin keenya waggaa 50 akkasumaani jechuu dha. Kanaa manna amantii dhugaa guyyaa tokkitti qabaachuu wayya. Namoota Yesuusitti amananii jiran keessaa, warra hiikkaa dhugaa cuuphaa fi dhiigaa Yesuusiitti amanan qofaatu mootummaa Waaqayyotti gala.

Amantiin dhugaa Yesuus ilmi Waaqayyoo gadi bu’ee nama ta’ee cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa akka irraa fuudhe amanuu dha. Kun amantii gara mootummaa Waaqayyootti nu geessuu dha. Yesuus ana fi siif jedhee fannoo irratti akka du’e amanuu qabna. Kunis Waaqayyoon galateeffachiisuu akka ta’e amanuu qabna.

Nuyi maalii? Nuyi ijoollee Waaqayyoo warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyinee dha. Kanaafuu attamitii Waaqayyoon hin galateeffannu ree! Yesuus waggaa 30ffaa isaatti cubbuu keenya nu irraa

Page 187: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

187 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

kaasuudhaaf laga Yordaanositti cuuphame. Sababii cubbuu keenya ofiisaatti dabarseef fannoo irratti firdii fudhate.

Waa’ee kanaa Yeroo yaadnu, waan tokko iyyuu miti gad of deebifnee isa galateeffachuutu barbaachisa. Wanti Yesuus lafa kana irratti hojjete hundinuu fayyina keenyaaf kan ta’uu dha. Jalqabatti gara biyya lafaa dhufe. Ni cuuphame, ni fannifame, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyo abbaa taa’e.

Fayyisuun Waaqayyoo utuu eenyuun hin qoodin tokkoon tokkoon keenyaa tiifi. Fayyisuun Yesuus sii hunduma kee fi anafi. Jaalalaa fi eebba isaa hundaaf Waaqayoon ni galateeffanna.

Faarfannaan wangeelaa tokko akkana jedha. “♫Seenaan miidhagaa tokko jira. ♫Nama biyya lafaa hundumaa keessaa, ani nama jaalala isaa fi fayyina isaa qabuu dha. ♫Oho jaalalli isaa attam dinqii dha! ♫Jaalalli inni naaf qabu, jaalallii inni naaf qabu. Seenaan miidhagaa tokko jira. ♫ Nama biyya lafaa hundumaa keessaa, nuyi warra fayyinee,

warra saba isaa taanee dha. Jaalala isaa uffannee jirra. ♫ Oho yaa jaalala Waaqayyoo, yaa ayyaana Waaqayyo. ♫Oho jaalalli isaa attam dinqii dha! Jaalalli inni naaf qabu. ♫”

Yesuus anaa fi siin fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe, fayyisuun cuuphaa isaas nu’umaafi. Wangeelli seenaa dhuma gaarii ta’e tokko miti; inni dhugaa isa jireenya keenya boolla keessaa fuudhee gara mootummaa isaatti kan geessuu dha. Amantiin walittidhufeenya nuyi Waaqayyo wajjin qabnu akka inni eegu sammuu keetti qabachuun barbaachisaa dha.

Inni nu fayyisuudhaaf biyya lafaa dhufe. Inni cuuphamee firdii fudhatee cubbuu keenya nu irraa fuudhe.

Waaqayyoon abbaa ofii jedhanii Waamuun attam eebba guddaa dha. Attamitti akka fayyisaatti Yesuusitti amannee cubbuu keenyattii fayyuu dandeenya? Sababii inni jaalala daangaa hin qabneen gara keenya dhufeefi.

Page 188: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

188 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Yesuus altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa dhiqe

“Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin

fidhuudhaaf jedhee yeroo hundumaaf akka ta’utti altokkicha cubbuu namoota bayyeetiif dhiphateera” (1 Pheexiros 3:18). Yesuus Kiristoos fayyina keenyaaf cuuphamee nuun jalloota, anaa fi siin fayyisuudhaaf, altokko fannoo irratti du’e.

Altakkaa yeroo hundumaaf fayyine moo irraa jalaani?

Altakkaa yeroo hundumaaf

Firdii jalaa nu baasuudhaaf jedhee altakkaa lafa

kana irratti nuuf du’e. Kanaaf mootummaa Waaqayyootti gallee isa duratti barabaraan jiraachuu dandeenya; inni fooniin biyya lafaa kanatti gadi bu’e,

cubbuu keenya hundumaa karaa Cuuphamuu, Du’a isaa fi Du’aa ka’uu isaatiin altakkaa barbaraaf akka ta’utti nu irraa kaaseera.

Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaa fi dhiigaa isaatiin guutummaa cubbuu keenyaattii akka nu fayyise ni amantaa? Wangeela cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti hin amantu yoo ta’e, fayyuu hin dandeessu. Baayyee dadhaboota waan taaneef, Yesuus altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti akka inni guutummaa cubbuu keenyaa nu irraa kaase hin amannu yoo taane lammaffaa dhalachuu hin dandeenyu.

Inni cubbuu keenya nu irraa kaasuuf jedhee erga cuuphamee booda fannoo irratti iddoo keenya firdii fudhate. Inni fayyisuu cuuphaa fi dhiiga isaatiin altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu cubbamoota hundaa kaaseera.

Nuyi ilmaan namootaa yeroo cubbuu hojjennu hundumaatti qalbii diddiirrannee, kadhannee, yeroo hundumaas arjoomnee, waldaafis waan baayyee laannee fayyuu hin dandeenyu.

Kanaafuu fayyuu dhaaf cuuphaa fi fannoo

Page 189: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

189 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Yesuusitti amanuun dirqama. Bishaanichaa fi dhiigichatti amanuu qabna. Waan gaarii hojjechuun dhiifama cubbuu argachuu wajjin wanta walargu hin qabu.

Harka qalleessaa fi uffaannaa gati qabeessa bituun lubaafis nyaata gaarii qopheessuun fayyinaan nama hin ga’u. Yesuus warra cuuphaa isaa dhiiga isaatti amanan qofa fayyisa. Akka Waaqayyo karaa ilma isaatii cuuphaa fi dhiiga isaatiin nu fayyisuuyoo amante barabaraan ni fayyita.

Namoonni tokkotokko Waaqayyo macaafa qulqulluu keessatti yoo akkana jedhe iyyuu, ilaalcha ni godha jedhani ni yaadu. Kun egaa dhimma isaaniiti nuyi garuu akka sagalee isaa isa barreeffameetti amanuu qabna.

Ibroota 10:1-10 keessatti, inni altakkaa akka nu fayyisee barreeffameera. Warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan Waaqayyo altakkaa fayyisuun isaa dhugaa dha. Kanatti amanuu qabna. “♫Inni altakkaa du’ee, hunda altakkaan fayyise. Yaa obbolootaa, itti amanaatii fayyaa. Ba’aa keessan cuuphaa Yesuus

jalatti dhiisaa.♫” Yesuus hirruu fi cubbuu keenya hundumaatti altakkaa cuuphamee takkaadhaan nu fayyise.

“Inni qajeelaanfoon uffatee qooda warra jaiiootaa ajjeefame” (1 Pheexiros 3:18) Yesuus Waaqayyo isa cubbuu hin qabnee dha, inni cubbuus hin hojjenne. Inni nama hundumaa fayyisuudhaaf fooniin gara biyya lafaa dhufe. Innii cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf cuuphameera. Jallinaa fi cubbuu keenya hundumaattis nu fayyiseera.

Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun nama hundumaa dhalotaa hanga du’aatti jiru hunda gara ofii isaatti fudhate, yeroo inni gara fannoo dhaqe immoo namni itti amanu hundinuu firdii jalaa ba’a. Inni cubbamootaa fi cuuphamee iddoo isaanii firdii ulfaataa fudhateera.

Kun fayyina cuuphaa isaatiiti. Yesuus nuun cubbamoota barabaraan altakkaa nu fayyiseera. Nuyi tokkoon tokkoon keenya attam dadhabootaa! Yesuus cubbuu dhaloota keenyaa hanga du’a keenyaatti kan jiru nu irraa fuudhee iddoo keenya du’a firdii

Page 190: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

190 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

fudhate. Namni Yesuusitti amanu hundinuu akka inni cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin altakkaa yeroo hundumaaf akka nu fayyise amanuu qabna.

Nuyi dadhaboota, garuu Yesuus akkas miti. Nuyi amanamoo miti, garuu Yesuus akka keenya miti. Waaqayyo altakkaa barabaraaf nu fayyiseera. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate; Kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” (Yohannis 3:16). Waaqayyo tokkicha ilma isaa nuuf kenneera. Inni ilm isaa kanatti cubbuu keenya akka darbuuf cuuphisee gatii cubbuu keenya isa fudhateef immoo firdii du’aan adabameera.

Kun fayyina dinqisiisaa attamiiti! Kun jaalala dinqisiisaa attamiiti! Waa’ee jaalala fi fayyisuu isaatiif Waaqayyoon ni galateeffanna. Inni warra bishaanii fi dhiiga Yesuusitti amanan ni fayyisa: Cuuphamuu fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaa fi Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa.

Namni Yesuusitti nan amana jedhu dhugaa

cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan jireenya qajeelotaa barabaraan ni argata. Kana hundumaatti amanuu qabna.

Eenyutu nu fayyise? Waaqayyotu nu fayyisee immoo wanta inni uumee keessaa tokkotu nu fayyise? Yesuus, Waaqayyo, tu nu fayyise. Sababa isatti amanneef fayyine, kun egaa fayyisuu Waaqayyoo ti.

Yesuus Gooftaa Fayyinaa ti

Kiristoos jechuun

maal jechuu dhaa?

Luba, Mootii fi Raajii

Yesuus Kiristoos Waaqayyo dha. Yesuus jechuun fayyisaa, fi Kiristoos jechuun immoo ‘kan

Page 191: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

191 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

dibame’ jechuu dha. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessa Saamu’el Saa’oliin dibe, mootonni ni dibamu turani, luboonnis ni dibamu, raajiinis ergama (mission) isaa bakkaan ga’uuf dibamuu qaba.

Yesuus gara biyya lafaa kana hojii sadiif dibamee dhufe: hojii Lubaa, hojii Mootii fi hojii Raajii tiifi. Akka luba isa oliitti, cubbuu ilmaan namaa hundumaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf cuuphameera.

Waaqayyoo abbaatiif abboomamaa, inni ofii isaa aarsaa godhee Waaqayyo duratti of dhi’eesse. “karichi, dhugaan,jireenyis,ana;anaan yoo ta’e malee,eenyu iyyuu gara.” Yesuus nama isatti amanuu hundumaa cuuphaadhaan cubbuu isaa irraa fuudhee fannifamuu isaatiin isa fayyisa.

“Lubbuunuumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf,” (Leewoota 17:11). Nu amantoonni akka fayyinutti gatii cubbuu keenyaa tiif dhiiga isaa Waaqayyoon duratti dhangalaasuudhaaf; Yesuus erga cuuphamee booda gara fannoo dhaqe.

Erga du’ee booda hafuurota warra lafa jalatti

hidhamanii turanitti wangeela lallabe; guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Warri hin fayyin jiran mana adabaa cubbuutti hidhamanii jiru, Yesuus isaan kanaaf wangeela dhugaa, wangeelaa bishaanii fi dhiigaa ni lallaba. Waaqayyo nu fayyisuuf jedhee, wangeela bishaanii fi hafuuraa nuuf kenne. Kan isatti amanu hundinu lammaffaa ni dhalata.

Cuuphaa fi Dhiigni Yesuus Cubbamoota ni Fayyisa

Attamitti Waaqayyoon duratti yaada garaa qulqulluu qabaanna?

Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus irraa

amantii qabaachuu dhaan Yesuus Kiristoos fayyisaa keenya, 1 Pheexiros

3:21 irratti akkanatti dhugaa ba’ameera, “Kunis

Page 192: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

192 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltaniiti, cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos; (yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti amantanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti).” Yesuus cuuphamuun isaa fayyina cubbamoota tiifi.

Yesuus kana hunda gochuu isaatiin cubbuu cubbamootaa cuuphaa isaa tiin irraa kaase. Cuuphaa Yesuusitti ni amantaa? Karaa cuuphaa isaatii yaadni garaa keenyaa akka qulqullaa’e ni amantaa? Garaan keenya cubbuutti qullaa’eera, garuu foonni keenya amma iyyuu cubbuu hojjeta.

Lammaffaa dhalachuu jechuun namni sun lammaffaa cubbuu hin hojjetu jechuu miti. Nuyi, warri lammaffaa dhalanne iyyuu, cubbuu ni hojjenna, garuu sababii cuuphaa isaa irraa amantii qabnuuf garuu yaadni garaa keenyaa qulqulluu ta’ee hafa. Kanaafuu, kutaan armaan olii akkana jedha, “Yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti amantanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti” (1 Pheexiros 3:21).

Erga Yesuus cubbuu koo ana irraa kaasee, erga Waaqayyo firdii koo naaf fudhatee, attamittan isatti amanuu dadhaba? Erga Yesuus, Waaqayyo, cuuphaa fi dhiiga isaatiin na fayyisee, attamittan isatti amanuu dadhaba? Waaqayyoon duratti fayyineerra waan ta’eef yaadni garaa keenyaa qulqulluu dha. Kanaafuu, erga Yesuus nu fayyisee, Waaqayyoon duratti cubbuu qabna hin jennu, Waaqayyos nu hin fayyifne hin jennu.

Erga lammaffaa dhalannee booda yaadni garaa keenya acubbuu dhaga’uutti cimaa ta’a, yeroo nuyi dogoggora hojjennu nutti dubbata. Yaadni garaa keenyaa xinnoo yoo rakkate, yoo humna cuuphamuu Yesuusiin xiinxalle malee, raawwannee cubbuuttii bilisa ta’uu hin dandeenyu. Akkaataa kana qofaatti yaadni garaa keenyaa qulqulluu ta’a.

Yeroo yaadni garaa keenyaa nu rakkisu, akkana jechaan dogoggorri tokko nu keessa jira jechaa dha. Bishaanni cuuphamuu Yesuus, xurii cubbu ni qulleessa. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa miiccee, yaada garaa keenyaa

Page 193: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

193 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

qulqulleesseera. Yeroo nuyi kana amannu, yaadni garaa keenyaa akkuma jirutti ni qullaa’a. Attamitti yaadni garaa keenyaa qulqullaa’a? Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus irraa amantii qabaachuu dhaan. Namni eenyu iyyuu dhalachuu isaatii eegalee, yaada hamaa fi xurii ni qabaata, garuu cubbuun keenya karaa cuuphaa gara Yesuusitti akka darbee fudhanneerra taanaan, ambaa xurii cubbuu kana of irraa kaasuu ni dandeenya.

Kun amantii warra lammaffaa dhalataniiti. Kun ibsa yaada waan tokkoo ati yaada keetiin fudhattuu miti. Yaadni garaa keetii qullaa’aa dha? Sababii ati hojii gaarii qabduuf qullaa’aa ta’e moo sababii cubbuun kee gara Yesuustti darbee atis amante fudhateefi? Karaa amantii kana qofaa yaadni garaa keetii sirriitti qullaa’uu danda’a.

Dubbiin jireenya qabuu fi dubbiin jireenya hinqabne gargari. Attamitti yaadni garaa nama hundumaa qullaa’aa ta’uu danda’a? Karaan tokkichi ittiin qajeelaa ta’anii yaadni garaa namaa qullaa’u fayyina guutuu Yesuus kennutti amanuu dhaan qofa.

Yeroo cuuphaa isaatti amannee qulloofnu, yaadni xurii foonii nu irraa murama jechuu miti. Kanaaf, inni dhufee, cuuphamee, fannoo irratti du’ee, warra du’an keessaa ka’ee, amma mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira.

Yeroo yeroon ga’uutti ammas gara biyya lafaa kana deebi’ee ni dhufa. “Warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf mullachuuf jira” (Ibroota 9:28). Akka inni dhufee nu warra isa eeggachaatti jiru, warra cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan cubbudhabeessa taanee gara ofii isaatti akka fudhatu ni amanna.

Sakatta’iinsa Qorannoo Amantii

Chuuphamuu Yesuusiin ala fayyuu ni dandeenyaa?

Lakki

Page 194: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

194 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Utuu hin beeksifamin sakatta’iinsa qorannoo waldaa keenya Da’ejii’on keessatti geggeessine.

Paark lubni, waldaa Da’ejii’on cuuphamu Yesuusiin caqasuun ala cubbuun biyya lafaa keessa hin jiru jedhee abbaa manaa fi haadha mana tokkotti dubbate. Abbaan mana sun yeroo waldaa biraa dhaqu irribatu isa qaba ture sababiinsaa yeroo luboonni kan biraa lallaba waa’ee fayyina karaa cuuphamuu Yesuusiin argamu dhiisan guyyaaguyyaatti gara qalbii diddiirrannaatti deebi’uuf gara dirqisiifamuutti waan dhufaniif.

Garuu waldaa keenya Ta’ejoon keessatti, ija isaa lamaan banatee dhaggeeffachuutti ka’e sababiinisaa cubbuun isaa hundi gara Yesuusitti akka darbe waan dhaggeeffateef. Haatii manaa isaa sun wajjin waldaa dhaqna jettee isa amansiisuun garuu baayyee salphaa ture.

Gaaftokko immoo waldaa keessa utuu taa’uu Roomaa 8:1 utuu dubbifamuu ni dhaga’e. “Egaa amma firdiin ,warra kristos yesuusiti qabamanii jiraatanitti faradamu tokkoillee hin jiru.” Akkuma

sanaan hubatee, ‘Ahaa, Namni Yesuusitti amane cubbuu kan hin qabne ta’e. Ergan Yesuusitti amanee kaasee, anis cubbuu hin qabuun ture.’

Akkuma sanaan obboleessa haadha manaa isaatii fi hiriyoota isaa hundumaa tokko-tokkoon bilbilaan waamee akkana ittiin jedhe, “Laphee kee keessaa cubbuu qabdaa? Egaa amantiin kee sirrii miti.” Iddoo kanatti lubni Paark kufaatii irra jira. Abbaan manaa sun waa’ee cuuphamuu Yesuusiin homaa hin dhageenye ture garuu amma inni akka cubbuu hin qabnetti of jabeesse.

Akkuma sanaan maatii sana gidduutti rakkoon ni dhalate. Haati manaa amantii ofiisheetti caalaa itti fufte waan taateef cubbuu wajjin hafte, abbaan manaa immoo ani ergan amantii sirriitti dhufee cubbuu hin qabu jedhe. Abbaan manaa sun dhihoo waldaa dhaqee garu dafee cubbuuttii bilisa ba’e.

Haati manaa sun immoo lamaan isaanii iyyuu akka cubbuu qaban yaada isheetti mirkaneeffatteetti. Waa’ee isaa waliinfalmuu jalqabani. Abbaan manaa sun ani cubbuu hin qabu jedhee yaada isaa jabeeffate

Page 195: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

195 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

sababiinsaa, “Firdiin warra kiristoos yesuusitti qabamanii jiraatantti faraamu tokko illee hin jiru ” kan jedhu irratti yaadni isaa waan hundaa’ef. Haati manaa sun garuu lakki ani cubbuu attamittan dhaba jettee falmite.

Achumaan guyyaa tokko, baayyee rifattee Luba Paarkiin quunnamuudhaaf murteeffattee isa inni cubbuun kee gara Yesuusitti darbeera jedhe maal jechuu isaa akka ta’e gaafachuu barbaadde.

Gaaf tokko waaqeffannaa galgalaa booda, abbaa manaa ishee gara manaatti ergitee ofii immoo gara booddeetti haftee akkana jettee lubicha gaafatte. “Akka ati waan tokko nutti dubbachuuf yaalii goote bareera, garuu wanti barbaachisaan tokko dhokatee jira. Adaraa mee natti himi.” Lubichis waa’ee bishaanii fi hafuurattii dhalachuu itti dubbate.

Isheenis achumaan inni Roomaa keessatti “Firdiin warra kiristoos yesuusitti qabamanii jiraatantti faraamu tokko illee hin jiru” kan jedhu hiikkaan isaa maal akka ta’e ni hubbatte. Takkaa dhumaan amantee fayyite. Yoo xiqqaate akka

cubbuun keenya karaa cuuphamuu Yesuusiin gara isaatti akka darbee fi sababii kanaaf firdiin warra Kiristoos keessa jiran irra akka hin jirre hubatteetti.

Sagalee isa barreeffame hubachuu jalqabde. Gara dhumaatti bantuun fayyina cuuphamuu Yesuus akka ta’e bira geesse.

Abbaan manaa ishee sun manatti hin galle bakkee dhaabbatee ishee eegaa ture. Inni dhuga ba’uumsa ishee isa isheen akka cuubbuu isheettii qullooftee “Haa ta’u, amma fayyiteettaa?” jedhee gaafate.

Garuu erga wanta lubni sun isheedhaan jedhu dhaggeeffattee booda immoo akka joonja’uu ta’e. Kanaan dura inni waa’ee cuuphamuu Yesuusiin hin dhageenye ture. Inni cuuphamuu Yesuusiin ala cubbuun isaa akka irra fuudhamee bilisa ta’etti hubatees ture. Ammas manatti waliinfalmuutti ka’ani.

Yeroo ammaa kanatti haalli faallaa ta’eera. Haati mana abbaa manaa ishee sanaan cubbuuttii bilisa moo miti jettee ni qabde. Utuu cuuphamuu

Page 196: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

196 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Yesuusitti hin amanin attamittiin cubbuuttii bilisa baate jettee isa gaafatte. Akka inni sammuu isaatiin ittidhi’aatee yaaduuf cimsitee isa hubachiifte. Ergaayaada garaa isaa gadi fageenyaan sakatta’ee booda, akka cubbuun garaa isaa keessatti hafee jiru ni hubate.

Ergasii gara luba Paarkiin dhaqee akka cubbuun garaa isaa keessatti hafee ture dhugaa itti ba’e. Akkana jedhees ni gaafate, “Yeroo harka isaanii mataa tuntunoo aarsaa irra kaa’an, utuu hin gorra’an dura moo, erga gorra’anii booddee dha?” Inni waa’ee wangeela bishaanii fi hafuuraa hin dhageenye ture waan ta’eef baayyee bitaacha’e.

Kun egaa qabxii qorannoo hafuuraa geggeeffame sanaa ti. Cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbuuf Yesuus cuuphamuutu irra ture. Ergasii booddee fannoo irratti du’uu qaba sababii gatiin cubbuu du’a ta’eef.

“Yeroo harka isaanii mataa tuntunoo aarsaa irra kaa’an, utuu hin gorra’ani dura moo, erga gorra’anii booddee dha?” Waa’ee harka mataa namaa irra

kaa’uu fi waa’ee cuuphamuu Yesuus irratti waan joonja’eef gaaffii kana gaafte. Ergasii lubni Paark waa’ee fayyisuu cuuphaa Yesuus gad fageenyaan ni ibseefi.

Guyyaa sanatti, abbaan manaa sun yeroo jalqabaatiif waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa dhaga’ee fayye. Inni gaafuma tokkotti wangeelicha dhaga’ee fayye.

Waa’een qorannoo irra darbuu lallabaa cuuphamuu Yesuus kanatu argame. Cubbuu hin qabnu ofiin jechuu dandeenya, garuu cuuphamuu Yesuusiin ala yaada garaa keetii keessa cubbuun ni jiraata. Namoonni Yesuus fannoo isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera ni jedhu, garuu warra cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaatti amanan qofaatuu barabaraan qulqulluu ta’ee fuula Waaaqayyo duratti hafa.

fayyinni guutuun amantii cuuphamuu Yesuusiin ala akka hin taanee Lubni Paark abbaa manaa fi haadha manaa kana irraa mirkaneeffateera.

Page 197: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

197 Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati

Fakkeenya Fayyinaa: Cuuphamuu Yesuus

Fakkeenyi fayyinaa

Mayli innii?

Cuuphamuu Yesuus “Cuuphaan fakkeenya nuyi ammaa ittiin

fayyinee dha.” Yesuus cubbuu keenya nu irraa miiccee yaada garaa keenyaa akka cabbiitti adeesseera. Cuuphamuu isaa tiin Yesuus cubbuu hundumaas kara kanaa gara ofii isaatiitti waan fudhateef cubbuu keenya hundumaatti qulleesseera. Inni cuuphaa isaa fi fannoo isaatiin nu fayyiseera. Kanaafuu, uumanni hundinuu isaaf jilbeenfachuu qabu.

Yesuusitti amanuun nama fayyisa. Yesuusitti amanuudhaan ijoollee Waaaqayyoo taanee gara waaqatti ol ni baana. Yesuusitti amanuudhaan qajeelota ni taana. Nuyi ulfaatoo luboota mana

isaatiiti. Waaqayyoon abbaa keenyaa jennee waammachuu ni dandeenya. Biyya lafaa kana irraa ni jiraanna, garuu nuyi mootota.

Waaqayyo dhugumaan nuun warra fayyina bishaan fi hafuuratti amannee ni fayyisaa? Cuuphamuu Yesuusiin ala fayyinni keenya guutuu hin ta’u. Amantiin Waaqayyo fi Yesuus dhugaa dha jedhu, wangeela Cuuphamuu isaatti, Fannifamuu isaa fi Hafuurichatti ni amana. Amantiin dhuga qabeessii kana duwwaa dha.

Cubbuun keenya yeroo Yesuus cuuphamee nu irraa fuudhee, gatii cubbuu immoo Yesuus fannoo irratti kaffale. Yesuus bishaanii fi hafuuraan nu fayyise. Eeyye! Ni amannaa!

Page 198: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Lallaba 8

Wangeela Araara Irraa Hafaa

Page 199: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

199 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Wangeela Araara Irraa Hafaa

< Yohannis 13:1-17 >

“Ayyaana faasikaa dura Yesuus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga’ee in beeke. Inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta’an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan agarsiise. Yeroo irbaataatti Seexanni akka Yihuudaan ilmi Simoon namni biyya Keriyoot Yesuusiin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa’ate. Yesuus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe gara Waaqayyoos akka dhaqu in beeke; kanaafis irbata irraa ka’ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee kaa’ee erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqqate. Xuwwee miillaatti bishaan buusee miilla bartootaa dhiqee, erbicha mudhiitti

suuqqate sanaanis qoorsuutti ka’e. Simoon Pheexiros biras geenyaan Pheexiros situ miilla koo dhiqaa ittiin jedhe? Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef, Pheexiroosis yoom iyyuu taanaan miilla koo hin dhiqxu jedheen. Kana irratti Yesuus ani yoon sii dhiquu dhaa baadhe na biraa qooda hinqabdu jedhee deebiseef, Simoon Pheexiros yommus yoos miilla koo duwwaa osoo hin ta’in harkas mataas naa dhiqi ittiin jedhe. Yesuus immoo, “kanaan dura, kan dhiqate miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee lammaaffaa isaaf hin barbaachisu. Inni guutummaatti qull’aa dha’ho, isin qullaa’oo dha. Garuu hunda keessan miti; innoo dabarsee isa kennuuf kan ture eenyu akka ta’e waan beekeef, hundumti keessan qullaa’oo miti.” jedheenYesuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee iddoo isaatti erga deebi’ee booddee, “waanan isiniif godhee hubattuu ree? ‘Barsiisaa, gooftaas’ jettanii na waamtu, isin akkuma jettani, ani isa.

Page 200: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

200 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergaan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii-walii keessanii fi dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti, fakkeenya isiniif ta’eera. Dhuguma dhugaman isinitti hima, hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irraa hin caalu, kana erga beektanii akkuma kanatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha.”

Yesuus maaliif ayyaana faasikaa dura miilla

Pheexirosiin dhiqe? Utuu miilla isaa hin dhiqin duraa, Yesuus akkana jedhe, “Yesuusimmoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhee deebiseef.” Pheexiros ergamoota Yesuus keessaa warra kaan ni caala ture. Inni Yesuus ilma Waaqayyoo akka ta’e amanee Yesuus Kiristoosiin akka ta’e dhugaa ba’eera. Yesuus miilla Pheexirosiin dhiquun isaa sababii ga’aa qabaachuutu irra jira. Yeroo Pheexiros amantiin isaa

Yesuus Kiristoosiin akka ta’e yeroonni dhugaa ba’e, Yesuus cubbuuttii akka nama fayyisuu dha.

Utuu gara fannoo hin dhaqin dura maaliif Yesuus miilla

bartoota isaa dhiqe?

Fayyina guutummaa isaa akka isaan hubataniifi.

Inni maalif miilla Pheexirosiin dhiqe? Yesuus halkan sana keessa mullinatti Pheexiros si’a sadii akka isa ganuu fi itti fufees akka yakku ni beeka.

Utuu erga Yesuus ol ba’ee booda Pheexiros cubbuu laphee isaa keessaa qabaate, sila lammaffaa Yesuusitti hidhamuu hin danda’u ture. Garuu Yesuus dadhabbii bartoota isaatii waan beekuuf, cubbuun isaanii isaa fi isaan gidduu galuu isaa hin barbaanne. Kanaafuu, akka cubbuun isaanii dursee gara isaatti

Page 201: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

201 Wangeela Araara Irraa Hafaa

darbe isaaniin barsiise. Sababii inni miilla bartoota isaa dhiiqeef kanaaf ture. Yesuus utuu du’ee isaanittii gargar hin ba’in wangeela cuuphaa isaa fi guutummaa bara isaanii guutuu dhiifama cubbuu akka qaban isaan barsiiseera.

Yohannis 13 fayyina guutuu Yesuus bartoota isaa tiif godhe agarsiisa. Yesuus utuu miilla isaanii dhiquu, ogummaa wangeela cuuphaa isaa isa namni hundinuu cubbuu isaaniittii ittiin qullaa’an isaanitti dubbateera.

“Ammaa eegaltanii seexanaan hin gowwoonfaminaa. Ani cuuphaa koo lagaa Yordaanosiin cubbuu keessan isin irraa fuudhee sababii isaaf immoo fannoo irratti firdii baadheera. Du’a ka’ees fayyina warra lammaffaa dhalatanii guutuu nan godha. Kanaaf cubbuu keessan isa gara fuula duraas cubbuu keessan isa dhaalaas akkan isin irraa fuudhe isin barsiisuu dhaafan utuun gara fannoo hin dhaqin miilla keessan dhiqaatti jira. Kun dhoksaa wangeela lammaffaa dhalachuu ti. Kana hunduma isaa amanuu qabna.”

Yesuus maaliif akka miilla bartoota isaa dhiqee fi maaliif akka inni, “Waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef” jedhe hubachuu qabna. Nuyi wangeela lammaffaa dhalachuu qofaa kanaan lammaffaa dhalachuu dandeenya.

Yohannis 13:12 keessatti akkana jedhe

Irra daddarbaan maali?

Sababii hirrina keenyaaf cubbuu nuyi

guyyaa guyyaatti hojjennuu dha. Utuu fannoo irratti hin du’in dura, irbaata

ayyaana faasikaa bartoota isaa wajjin nyaatee, wangeela dhiifamuu cubbuu miilla bartoota isaa dhiquudhaan barsiiseera.

Page 202: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

202 Wangeela Araara Irraa Hafaa

“Yesuusi immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe gara Waaqayyoos akka dhaquini beeke. Kanaafis irbaata irraa ka’ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee ka’ee erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqqate. Xuwwee miillaatti bishaan buusee miilla barotaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqqate sanaanis qoorsuutti ka’e. Simoon Pheexiros biras geenyaan Pheexiros si tu miilla koo dhiqaa? Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseefi” (Yohannis 13:3-7).

Inni wangeela cuuphaa isaatii fi wangeela araaraa cubbuu bartoota isaa barsiiseera.

Yeroo sanatti, Yesuusiif amanamummaa isaa agarsiisuuf jechaa, maaliif akka inni miilla isaa dhiquu barbaaduu gaafate. Erga maaliif akka inni miilla isaa dhiquu barbaaduu hubatee booda, akkaataa inni itti Yesuusiin fudhate ni jijjiirame. Yesuus waa’ee dhiifama cubbuu fi wangeela cuuphaa bishaanii isaa isa barsiisuu barbaade.

Sababii cubbuu foon isaatii isa gara fuula duraatiif akka inni deebi’ee gara isaa dhaquu hin dhiifneef baayyee itti yaade. Akka seexanni amantii isaan hin qabneef Yesuus miilla bartootaa dhiqe. Gara booddeetti Pheexiros kana hubateera.

Amantii cuuphaa bishaan isaatiin eenyu iyyuu akka fayyuuf Yesuus karaa qopheesseera.

Yohannis 13 keessatti, dubbii inni yeroo miilla isaanii dhiqe dubbate galmaa’ee jira. Dubbii kana warra lammmaffaa dhalatan qofaatu hubachuu danda’a.

Irbaata faasikaa booddee Yesuus miilla bartootaa dhiquun isaa, bara isaanii guutuutti akka inni cubbuu isaanii dhiiseef hubachiisuuf ture. Yesuus akkana jedha, “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhee deebiseefi.” Dubbiin Pheexirositti dubbate kun dhugaa jireenya baraabaraa qaba.

Cuuphaa Yesuusiin barree itti amannees dhiifama cubbuu keenyaa irra daddarba keenyattii

Page 203: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

203 Wangeela Araara Irraa Hafaa

bilisa ta’uu qabna. Laga Yordaanositti cuuphamuun Yesuus bakka harka irra ka’anii cubbuu itti dabarsuu bu’a. Dubbii Yesuus hunda isaatti amanuu qabna. Karaa cuuphaa kana cubbuu gara ofii isaatti fudhate, sababii kanaaf fannoo irratti firdii fudhate dhiifama cubbuu argamsiiseera. Yesuus cubbuu nama hundaa haquudhaaf cuuphameera.

Araarri irradaddarba keenyaa Cuuphaa fi Dhiiga Yesuusiin guutuu ta’e

Kiyyoo Seexanni qajeelota dura kaa’u maali dha?

Seexanni akka qajeelonni cubbamoota

ta’aniif yaalii godha. Erga du’ee, du’aa ka’ee, ol ba’ee booda

seexaannii fi lallabdoonni amantii sobaa bartoota

akka dogoggorsuuf ka’aan Yesuus sirriitti ni beeka ture. Isa Pheexiros, “Ati Kiristoos, ilma Waaqayyoo waaqa jiraataa ti” jedhee dhugaa ba’e irraa hubachuu ni dandeenya. Garuu Yesuus ammas irra deebi’ee, dhiifama cubbuu Pheexirosiin qabsiise. Waa’ee kanaa irra deebi’ee Pheexirosin, bartoota hundumaa fi warra itti fufanii hojii isaaf ka’aan hundumaa ni hubachiisa. Wangeelichi wangeela cuuphamuu Yesuus isa cubbuu biyya lafaa irraa kaasee dha. “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu inhubata jedhee deebiseefi.”

Yeroo bartoonni cubbuu godhan, seexanni isaaniin qoree, akkana jechaa firdii itti kenna, “Ilaali! Utuu cubbuu hojjechaatti jirtuu attamitti cubbuu hin qabu jetta? Ati amma hin fayyine. Ati cubbamaa salphaa dha.” Darbannaa kana to’achuu dhaaf, karaa cuuphamuu isaatii cubbuun isaanii inni kanaan duraa, inni ammaa fi inni gara fuula duraa akka irraa ka’e isaanitti hubachiise.

“Akka ani cuuphame hin beektuu! Sababiinsaa

Page 204: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

204 Wangeela Araara Irraa Hafaa

immoo cubbuu bara jireenya keessan hundumaa cubbuu hojii fi cubuu dhalootaa isin irraa fuuchuudhaafan. Maaliif akka ani cuuphamee fi akkan fannoo irratti du’e hubattanittuu?” Yesuus miilla bartoota isaa dhiquun isaa karaa cuuphamuu isaa cubbuun isaanii hundi akka irraa kaa’ee fi sababii kanaafi immoo akka du’a fannoo baatu isaan hubachiisuudhaafi.

Egaa amma, amantii cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka fayyinee fi dhiifama cubbuu akka nuuf kenne hubachiisuu dhaafi. Yesuus nuuf cuuphamee nuuf du’e. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyineerra. Namni wangeela araaraatti amanee dhugicha simate cubbuu hundumaattii fayyeera/tti.

Warri lammaffaa dhalatan erga fayyanii booda maal gochuu qabuu? Guyyaa-guyyaatti akka cubbuu qabanitti of simachaa, fayyina wangeela cuuphaa fi dhiigaaYesuus, wangeela araara cubbuutti amanuu qabu. Warra lammaffaa dhalatan wangeela dhiifama cubbuu tiin sammuun isaanii cuuphamuu qaba.

Sababa deebitee cubbuu hojjetteef, deebitee

cubbamaa taata jechuu dhaa? Lakki. Yesuus akkanni cubbuu keenya nu irraa kaasee utuu beeknu attamitti deebinee cubbamaa taana? Cuuphaa fi dhiigni Yesuus cubbuu hunudumaaf araarsaa dha. Namni wangeelli jalqabaa dhiifama cubbuu akka kennisiisu amanu utuu sadarkaan hin qoodamin lammaffaa dhalachuu ni danda’a.

Qajeelonni Deebi’anii Cubbamoota hin ta’ani

Qajeelonni attamitti deebi’anii cubbamaa ta’uu dhiisu?

Sababii Yesuus cubbuu bara isaanii

guutuuf araara kenneef. Wangeela dhiifama cubbuu, bishaan fi

hafuuraatti yoo amante, sababii irradaddarba kee

Page 205: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

205 Wangeela Araara Irraa Hafaa

guyyaa-guyyaa tiif akka cubbamaatti yoo of lakkoofte, egaa gara laga Yordaanos iddooitti Yesuus cuuphamee dhaquutu si irra jira jechuu dha. Erga dhiifama cubbuu argattee booda yoo cubbamaa taate, Yesuus waan hundumaatiif deebi’ee cuuphamuu qaba jechuu dha. Wangeela dhiifama cubbuu cuuphamuu Yesuusitti amanuu qabda. Cuuphamuu isaa tiin Yesuus cubbuu kee hunda akka inni si irraa kaase amanuu qabda. Yesuus Kiristoos fayyisaa irraa amantii hin sochoone qabaachuu qabna.

Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaatti amanachuu jechuun cuuphaa Yesuus isa cubbuu bara jireenya kee hunda si irraa kaasetti amantee jechuu dha. Cuuphaa, fannoo, du’a fi du’a ka’uu isaatti dhuguma yoo amante, amma fedhee yoo cubbuu qabaattee iyyuu si irra ni ka’a. Amantii dhaan bara kee guutuuf dhiifama cubbuu aragatteetta.

Sababii hirrina keenyaaf cubbuu nuyi gara fuula duraatti hojjennu iyyuu Yesuus nu irraa kaaseera. Yesuus cuuphamuu isaatti xiyyeeffannoo kennuu waan barbaadeef, fakkeenya cuuphaa dhiifama

cubbuu agarsiisuuf jecha Yesuus miilla bartoota isaatii bishaaniin dhiqe. Yesuus Kiristoos abdii araara irraahafaa bakkaan ga’uuf jechaa, cuuphamee, fannoo irratti du’ee, du’aa ka’ee gara waaqaatti immoo ol ba’eera. Sababii kanaaf ergamoonni isaa wangeela araara, cuuphamuu isaa fannoo fi du’aa ka’uu isaa hanga dhuma bara isaanitti lallabuu dandaa’aniru.

Dadhabbii Namuummaa Pheexiros

Pheexiros maaliif Yesuusiin ganee?

Sababii dadhabaa tureefi

Akka macaafni jedhutti, xombooreen hojjettuun angafa lubaa tokko Pheexirositti addaan dhaqxee Yesuusiin duukaa bu’aa turuu isaaf isa adheessinaan, akkana jedhee si’a lama ganee, “Lakki, ani namicha

Page 206: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

206 Wangeela Araara Irraa Hafaa

kana hin beeku” jedhe. Yeroo sadaffaaf immoo of abaaree kakate.

“Yommus Pheexiros ala oobdii keessa ni taa’a ture, xombooreen tokko gara isaa dhuftee, ‘Attis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turtee’ jette. Inni garuu hunduma isaanii biratti ni ganne. Waan ati jettu kana ani hin beeku jedhe. Gara karra dallichaatti gad baanan xombooreen isheen tokko isa argitee warra achi dhaabbataniin namichii kun Yesuus nama Nazireetti sanaa wajjin ture. Inni garu ammas ganee nama kana ani hin beekuu jedhee kakate. Yeroo xinoo booddees warri achi dhaabbatan ol dhufanii Pheexiroosiin, ‘At dhuguma isaan keessaa tokkoo akki haasaa keetii iyyuu si lafafaa jedhan.’ Yommus inni immoo, ‘namicha kana ani hin beeku’ jedhe of abaaruu, kakachuuttis ka’e. Achumaanis indaanqoon ni iyyite. Pheexiros yommus jecha Yesuus isa inni indaanqoon utuu hin iyyin at si’a sadii na ganta ittiin jedhe yaadate. Kanaaf inni gad ba’ee. Mararamee boo’e” (Maatewos 26:69-75).

Pheexiros dhugaatti Yesuusitti amanee

amanamummaan isa duukkaa bu’e ture. Inni Yesuus fayyisaa fi ‘raajii’ isa dhufuuf jira sana akka ta’e amanee ture. Garuu Yeroo oobdii mana Pilaaxositti isa geessan fuula warra aboo qabani duratti waliitti dhufeenya isaa wajjin qabaata turee sana mul’isuu sodaatee, ganee isaan duratti isa iyyuu abaaruutti ka’e.

Pheexiros akka Yesuusiin ganuuf jedhu hin beeku ture, garuu Yesuus ni beeka. Yesuus dadhabbii Pheexirosiin hunduma ni beeka ture. Kanaafuu, Yesuus miilla Pheexirosiin dhiqee, akka Yohannis 13 keessatti barreeffametti wangeela fayyinaa sammuu Pheexirosiin keessa kaa’e, “Gara fuula duratti cubbuu ni hojjetta, garuu ani immoo cubuu kee gara fuula duraa iyyuu si irraa dhiqeera.”

Pheexiros yeroo jireenyii isaa rakkina irra bu’e, Yesuusiin garaa isaa guutuun hin ganne, garuu dadhabbii foon isaatuu kana isa godhe. Kanaafuu, bartoota isaa cubbuu isaanii gara fuula duraaatti fayyisuudhaaf, Yesuus dursee miilla isaanii dhiqe.

“Ani cubbuu keessan gara fuula duraa iyyuu irra

Page 207: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

207 Wangeela Araara Irraa Hafaa

darbeera. Cuuphaa kootiin cubbuu keessan hunda gara ofii kootti waanan fudhadheef, fayyisaa dhugaa ta’uu kootiif gara fannoo dhaquufan jedha. Ani Waaqayyo fi fayyisaa keessani. Karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo kootiin eegduu gaarii isiniif ta’e gatii cubbuu keessanii isiniifan kaffala. Ani eegduu fayyina keetii ti.”

Dhugaa kana laphee isaanii keessatti dhaabuudhaaf, Yesuus ayyaana Faasikaa booda miilla bartoota isaa dhiqe. Kun dhugaa wangeelaa ti.

Erguma lammaffaa dhalannee iyyuu foonni keenya dadhabaa waan ta’eef, deebinee ni yakkina. Garuu yakkuu hin qabnu turre, akkuma Pheexirosiin dhipinni mudannaan gane, altokkotokko cubbuun foon keenyaa nu dogoggorsa. Akkuma biyya lafaa kana keessa jiraannu foonni keenya cubbuu ni hojjeta, garuu Yesuus gatii isaa karaa cuuphaa, dhiigaa fi fannoo isaatii kaffaleera. Amma nuyi biyya lafaa kana irra jirrutti foonni keenya cubbuu ni hojjeta, garuu Yesuus cuuphaa fi dhiiga fannoo irratti dhangala’een guutummaa isaa irra darbeera.

Yesuus fayyisaa keenya akka ta’ee hin gannu, garuu yeroo fooniin jirannu kanatti, cubbuu fedha Waaqayyoon ala jiraachuun keenya ittuma fufa. Kun immoo sababa nama fooni taanee dhalanneef.

Amma bara jireenya keenyaa lafa irratti akka cubbuu hojjennu Yesuus ni beeka, kanaaf inni cuuphaa fi dhiiga isaatiin gatii cubbuu keenya kaffalee fayyisaa keenya ta’e. Cubbuu warra fayyisuu isaa fi du’aa ka’uu isaatti amananii hunda ni balleessa.

Sababii kanaaf wangeelonni arfan hundi isaa Yohannisiin cuuphaamuu Yesuusiin eegalee jira. kaayyoon Yesuus fooniin biyya lafa irra tureef wangeela fayyinaa lammaffaa dhalachuu bakkaan ga’uu dhaafi.

Foon keenyaan hanga

yoomiitti yakkina?

Hanga lafa kana irraa obbafannutti ni yakkina.

Page 208: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

208 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Pheexiros si’a tokko ykn si’a lamaa qofa osoo hin taane, utuu indaanqoonni hin iyyin si’a sadii gane, kun attam garaa isaa cabsa! Attamis qaana’a? Akka Yesuusiin hin ganneef fuula isaa duratti kakatee ture. Garuu sababa dadhabbii foon isaatiif isa jedhe dagatee yakke, attam gadadoon itti dhagaa’ama yeroo dadhabbii isaatiif karaa guddaa kennee Yesuusiin si’a sadii ganu? Yeroo Yesuus garalaafina guddaa dhaan deebi’ee isa ilaalu attam guddaa itti dhagaa’ama laata?

Yesuus kanas kan hundumaa irras ni beeka. Kanaafuu, inni akkana jedhe, “Akka ati ammas ammas cubbuu hojjetu ani beeka. Yoo cubbuun kee akka ati gara kootti hin deebine godhe iyyuu, ani yakka kee hunda cuuphaadhaan gara kootti fudheera. Yoo gochaan kee gara cubbamootaatti si deebise iyyuu, ani cubbuu kana cuuphaa kootiin gara ofii kootti fudhadhee firdii itti fudheera. Ani eegduu fi Waaqa siif ta’eera. Wangeela dhiifama cubbuutti amani. Yoo foon keetiin cubbuu goote iyyuu jaalalli ani siif qabu ittuma fufa. Irradaddarba kee hunda si

irraa miicceera. Wangeelli dhiifamaa barabaraan dhimma baasa. Jaalalli ani siiif qabus kan baraabaraati.”

Yesuus Pheexirosii fi bartoota isaa tiin akkan jedhe, “Kana irratti Yesuus ani yoon sii dhiquudhaa baadhe na biraa qooda hinqabdu.” Yohannis 13 keessatti sababa inni kana dubbatuuf, bishaan fi hafuurattii lammaffaa dhalachuun namootaaf baayyee barbaachisaa waan ta’eef kana dubbate. Kanatti ni amantaa?

Lakkobsa 9 irratti, “Simoon Pheexiros yommus yoos milla koo duwwaa osoo hin ta’in harkas mataas naa dhiqi ittiin jedhe. ‘Yesuus immoo kanan dura, kan dhiqatte miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee lammaaffaa isaaf hin barbaachisu.’”

Yaa firootaa, ‘cubbuu foonii’ gara fuula duratti ni hojjettu moo hin hojjettan? Dhugumaan ni hojjetu. Garuu, Yesuus cubbuu isa gara fuula duraa, irra daddarba foonii hunda cuuphaa fi dhiigaa isaa tiin akka balleesse, dubbii dhugaa, wangeela araaraa, utuu gara fannoo hin dhaqin dura mulinatti dubbateera.

Page 209: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

209 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Dadhabbii foon keenyaan waan jiraannuuf, cubbuu dhaabuu hin dandeenyu. Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera. Inni mataa keenya ykn dhaqna keenya qofa osoo hin taane miilla keenya innis, fakkeenya cubbuu keenya isa fuula duraas dhiqeera. Wangeela lammaffaa dhalannaa, cuuphaa Yesuusi dha.

Yesuus erga cuuphamee booda, Yohannis cuuphaan akkana jedhee dhugaa ba’e, “Ilaa! hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohannis 1:29) Yeroo cuuphaa isaa cubbuun biyya lafaa hundi gara Yesuusiti akka darbe amanuu qabna.

Yeroo biyya lafaa isa cubbuu dhaan guute kana keessa jiraannu, cubbuu gargaaruu /dhaabuu/ hin dandeenyu. Kun dhugaa mul’ataa dha. Yeroo dadhabaan foon keenyaa nu aguugee jiru hundaatti, Yesuus gatii cubbuu keenyaa fi cubbuu biyya lafaa hunda dhiiga fannoo isaatiin karaa dhiifama wangeelaa akka nu irraa axaa’ee sammuu keenya yaadachiisuu qabna. Keessa garaa keenyaatiin

Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Kottaa egaa Yesuus fayyisaa fi Waaqayyo keenya akka ta’e dhugaa ni baanaa. Waaqayyo haa galateeffamu.

Eenyu iyyuu fooniin lafa irra kan jiru cubbuu dhaabuu hin danda’u. Ilmaan namootaa hanga bara jireenya isaanii lafa irraa fixaniitti cubbuu dhaabuu hin dandaa’an.

Yaada Hamaa Garaa Namaa Keessaa

Nama kan xureessu maali?

Cubbuu fi yaada hamaa addaaddaa

Yesuus Maatewos 15:19-20 keessatti akkana

jedhe. ‘Wanti hamaan hundinuu yaada garaa namaa keessaa ba’a’oo, isaanis nama ajjeechaa, ejjummaa, halaalummaa, hanna, sodaan dhugaa da’uu, nama salphisuus. Isaan kanatu xuraa’aa nama godha

Page 210: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

210 Wangeela Araara Irraa Hafaa

malee, harkadhiqachuudhaan utuu df hin qulleessin nyaachuun xura’aa nama hin godhu” jedheen. Sababiinsaa cubbuu addaaddaa garaa namaa keessaatu isa/shee xureessa.

Namni Yaada Hamaa Garaa Isaa Keessaa Beekuu Qaba

Garaa nama keessa maaltu jira?

Cubbuu gosa kudha lama

(Mark 7:21-23)

“Gosa cubbuu kudha lamaan kun garaa nama hundumaa keessa jiru. Ani isaan kana hundumaa of keessaa qaba. Gosa cubbuu kudha lamaan macaafa keessatti galmaa’an kun ana keessa jiru.” Utuu bishaanii fi hafuurattii lammaffaa hin dhalatin dura

cubbuun dhaalaa akka nu keessa turan amanuu qabna. Guutummaan guutuutti Waaqayyoon duratti cubbamoota akka taanees amanuu qabna, garuu kana yeroo hundumaa hin goonu. Baayyeen keenya cubbuuf sababa keenyee, “Ani yaada akkanaa raawwadhee hin qabuun ture, ani yeroo sanaaf yaadni koo na badee ture ni jenna.”

Waa’ee dhala namaa Yesuus maal jedhe? Inni wanti garaa namaa keessaa ba’uu yaada isaa/shee xureessa jedhe. Inni namni yaada hamaa garaa isaa keessaa akka qabu dubbateera. Waa’ee kanaa maal yaadda? Ati hamaa dhaa? Namni hundinuu akka inni yaada hamaa qabu beektaa? Eeyyee yaadni nama hunumaan amaa dha.

Waggoota muraasa dura, kutaan mankuusaa quddaam tokko se’uul keessaa akka tasaabarbadan’e. Haala kanaan warri firoota isaanii dhaban baayyee yeroo gaddani, warri kaan immoo akkaataa badii sana ilaalanii gammaduu dhaaf itti ni deemu turan.

Warri kaan akkanatti ni yaadu turan, meeqatu du’e? 200? Lakki. 300? Akkas ta’aa? Utuu, nama

Page 211: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

211 Wangeela Araara Irraa Hafaa

kumatu du’rta’ee baayyee natti tola ture….” Garaan namaa akkana hamaa dha. Kana fudhachuu qabna. Warra du’aniif carraa gadheedha. Maatii isaanifis attam suukanneessaa ture. Warri kaan immoo kasaaraa horii gudda keessaa galaniiru.

Warri kaan immoo baayyee hin gaddine. “Utuu kana caalaa du’aniiru ta’ee baayyee gaarii ture. Kun nama attamiiti! Utuu hammi tilmaamame kun namoota irra ga’e maaltu ta’a ture? Badii kanaan namni kumni ni awwaalama, mitii? Ohoo, Eeyyee! Utuu akkana ta’ee baayyee namaa gammachiisa ture.” Namoonni muraasni akkaataa kanatti ni yaadu ta’a. Balaa konkolaataa ilaalchisees namoonni akkasitti ni yaadu ta’a. Warri balaa markaba xinnoo argan xiqqoo ni gadduu ta’a.

Yeroo tokko tokkoo hamoota attamii akka taane of ilaalla. Hmmina akkanaa kana guddifnee hin dubbannu ta’a. Arraba keenya qabannee gadda keenya mul’isuu dandeenya, garuu yaada garaa keenyaan immoo rakkina nama sanaatti ni gammanna. Hanga mormii keessan ta’ee jirutti, balaa

gurguddaa, bakka namoonni kumaan lakkaa’aman itti dhuman arguu jaallanna. Kun akkaataa yaadni garaa namaa itti hojjetuu dha. Utuu lammaffaa hin dhalatin duraa baayyeen keenya akkana turre.

Ajjeechaa Laphee Nama Hundumaa

Maaliif Cubbuu Hojjennaa?

Sababii Laphee keenya keessa yaadni hamaan jiruuf.

Ajjeechaan laphee nama hundumaa keessa akka

jiru Waaqayyo ni dubbata. Garuu namoonni baayyeen akkana jechuudhaan ni ganu, “Attamitti akkana naan jechuu dandeessa! Yaada ajjeechaa laphee koo keessaa hin qabu. Attamitti nama akkasiitti na lakkoofta!” Ajjechaan laphee isaanii keessa akka jiru ni ganu. Isaan ajjechaa irraa akka

Page 212: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

212 Wangeela Araara Irraa Hafaa

adda ta’anitti ni yaadu. “Walitti fufanii adeemsa isaaniitiin kan nama

ajjeessan, warra garaa isaaniitiin nama ajjeessani dha! Isaan gartee addaati. Ani akka isaanii hin ta’u. Isaan kun hamoota! Warra nama ajjeessanii dha!” Warra ajjeessanitti immoo aarani akkana jedhani ni dubbatu, “Sanyii hamminaattii kan dhalatan jarreen akkanaa lafa irraa haxaa’amu qabu! Isaan akkanaatti du’ii faradamuu qaba!”

Yaadni warri nama ajjeessanii laphee warra yaadaan namatti aaranii keessa jiru, akkasumas, garaa warra nama ajjeessanii keessas ni jiraata. Garaa nama hundumaa keessa ajjechaan akka jiru Waaqayyo dubbateera. Sagalee Waaqayyoo fudhachuu qabna sababiinsaa yaada dhokataa sammuu namaa keessa jiru iyyuu waan arguuf. Kanaafuu, “Ani cubbamaa yaada ajjeechaa laphee keessaa qabu dha” jennee of simachuu qabna.

Eeyyee, Waaqayyoo garaa namaa keessa yaadni hamaan akka jiru, ajjeechaa dabalatee, Waaqayyo dubbateera. Sagalee Waaqayyoo haa fudhannu.

Dhaloonni lafa irraa hammaataa waan deemuuf, meeshaaleen of eeggannoof kaa’aman meeshaalee ajjeechaa ta’aa adeemu. Kun firii ajjeechaa laphee keenya keessaa ti. Yaada aarii ykn yaada sodaatiin nama ajjeesuu dandeenya. Hunduma keenyatu nama ajjeessaa oola jechuu koos miti, garuu waa’ee isa kan keenyaa yaadu qabna jechuu kooti male.

Hundi keenya yaada hamaatiin dhalanne. Kaan dhugaa dhumaatti nama ajjeesanii fixaniiru, sababa dhalootaan addumaan ajjeessaa ta’anii dhalataniif miti, sababa hundi keenya ajjeesuu dandeenyuuf malee. Garaa keenya keessaa akka nuyii yaada ajjeechaa fi hammina qabnu Waaqayyo ni dubbata. Kun egaa dhugaa dha. Namni addaan gochaa kanaaf dhugaa qaba jedhamu hin jiru.

Kanaafuu, toora sirrii ta’e irra buunee adeemuudhaaf, sagalee Waaqayyo fudhachuu qabna. Yaada hamaa of keessaa waan qabnuuf biyya lafaa kana keessatti ni yakkina.

Page 213: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

213 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Ejja Laphee Keessaa Waaqayyo garaa nama hundumaa keessa akka

ejji jiru nutti dubbata. Yaada kanatti walii ni galtaa? Atis laphee kee keessa yaada ejjaa akka qabdu ni amantaa? Eeyyee, laphee nama hundumaa keessa yaadni ejjaa jira.

Sababii kanaaf ummata keenya keessatti ejjitoonnii fi sagaagiltoonni dagaagaa jiru. Kun tooftaa namni ittiin horii argatu keessaa isa caaluu dha. Hojiin kan biraa horii ittiin sochoosan dhabamuu isaatiif ni cufama, garuu hojiin hammina akkanaa kun laphee nama hunduma keessa waan jiruuf ni salphataaf.

Firiin cubbamootaa cubbuu dha

Lapheen namaa maalitti fakkeefama?

Muka firiinsaa cubbuu ta’e qofaatti fakkeeffama

Akkuma poomiin (Apple) poomii godhatu,

akkuma fuduraa haadha isaa irraa argamu, akkuma iji mukaa hundi muka isaattii argamu, iji bunaas muka isaa irraa argamu, garaan keenyas gosa cubbuu 12 wajjin kan dhalanne, kan biraa osoo hin taanee iji jireenya keenya cubbuu dhuma ta’a.

Akkuma Yesuus jedhe wanta hamaan nama keesaa ba'ee isa/shee xureessa. Kanatti walii ni galtaa? Wanti nuyi gochuu qabnu sagalee Yesuusii wajjin waliigaluu dha, “Eeyyee, nuyi hamootaa, meeshaa cubbuu ti. Eeyyee, dhuguma Gooftaa.” Tole jennee, hamummaa keenya simachuu qabna. Waaqayyoon duratti waa’ee ofiikeenyaa

Page 214: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

214 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhugoomsuu tu nu irra jira. Akkuma Yesuus Kiristoos fedha Waaqayyoof

ajajamee, sagalee Waaqayyo fudhannee abboomamuu qabna. Karaa bishaanii fi hafuuraa cubbuu keenyattii fayyineerra. Kun arjummaa Waaqayyoo ti.

Biyyi koo yeroo mimmiidhagaa afuriin eebbifamee jira. Akkuma yeroon sun ga’uun mukeetiin ija kennu. Akkuma kanaan, cubbuun kudhalamaan laphee keenya keessa jiran yeroo dhaa gara yerootti ija godhatu. Har’a ajjeechaan laphee keenya keessatti yoo hundee godhate, bor immoo ejja ta’uu danda’a.

Guyyaa itti aanutti immoo, yaada hamaa, achumaan halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, yeroo yeroo dhaan ittuma fufa. Ji’an, toraniin, guyyaadhaan ittuma fufnee cubbuu hojjenna. Utuu cubbuu tokko hin hojjetin, guyyaan oolee hin bulu. Cubbuu hin hojjennu jennee ofii keenyaaf kakachaa oollaa, cubbuu gargaaruu hin dandeenyu sababiinisaa cubbuu dhaan waan dhalanneef.

Muki poomii ani ija godhachuu hin barbaadu jedhee diduu hin danda’u, ni danda’aa? “Ani ija godhachuu hin barbaadu.” Yaada isaatti ani ija godhachuu hin barbaadu ni jedha yoo ta’e iyyuu, ofiiisaatiin kana of irratti murteessuu hin danda’u. Ji’a arfaasaa keessa abaaboon ni daraara, poomiin immoo ganna keessa ija godhatee, birraa keessaa immoo ijisaa ni funaanama.

Wanti uumamaan qophaa’uu fi iji cubbuu haala walfakkaatuun ija godhata. Cubbamoonni ija cubbuu irraa kan darbe kan biraa godhachuu hin dandaa’ani.

Page 215: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

215 Wangeela Araara Irraa Hafaa

‘Cuuphaa fi Fannoon Yesuus’ araara Cubbuu keenyaafi

Araara Yesuus jechuun maal jechuu dha?

Beenyaa cubbuu cuuphaa isaatiin/harka irra kaa’uu) fi dhangala’uu dhiiga

fannoo isaa tii ti. Kutaa macaafa qulqulluu keessaa iddoo

cubbamoonni, ijoolleen hamootaa, Waaqayyo duratti araara fudhatanii jireenya gammachuu jiraatan haa ilaallu. Kun wangeela araaraa cubbuu ti.

“’Saba biyya sanaa keesasa namni tokko utuu hin beekin, abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbee waan gochuun isaaf hin taane, godhee yoo yakke, cubbuun inni hojjete yommuu isatti beeksifamu, cubbuu isa hojjete sanaaf reetti dhaltuu mudaa hinqabne aarsaa haa dhiheessu! Harka isaa mataa

reettii aarsaa sababii cubbuutiif dhi’aate sanaa irra haa kaa’u, Aarsaa sababii cubbuu tiif dhi’aatu kana iddoo itti qalmi gubamu qalamutti haa gorra’u; lubichi dhiiga reettii sanaa irraa quba isaatiin fuudhee, gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dib! Dhiiga isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa sana irratti haa dhangalaasu! Akkuma moorri aarsaa qalma araaraaf dhi’aate sanaa ba’etti moora ishee haa baasu! Lubichi aarsaa urgaaan fooliin isaa garaa ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti ana Waaqayyoof gubee haa aarsu! akkasitti lubichi isaaf haa aarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama” (Lewwoota 4:27-31).

Bara Kakuu Moofaa keessa, attamitti namoonni araara cubbuu buusu? Jalqaba mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irra harka isaanii kaa’anii cubbuu isaanii itti dabarsu.

Seera Leewwota keessatti akkanatti barreeffamee jira. Inni “Namoota Israa’eliin namni isin keessaa ana Waaqayyoof kennaa yommuu dhi’eessuu karra saawwaa keessaa yookiis karra

Page 216: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

216 Wangeela Araara Irraa Hafaa

bushaa’ee keessaa haa dhi’eessu! Jedhe! “kennaan isaa kun karra saawwaa keessaa qalma qubatuuf kennama yoo ta’e dibicha mudaa hin qabne haa ta’u! Ana Waaqayyo duratti fudhatama akka inni ta’uufitti namichi balbala dhunkaana itti walga’an sana duratti haa dhi’eessu. Inni harka isaa mataa horii qalma qubamuuf dhihate sana irra haa kaa’u; aaraara isaaf buusuudhaafis, fuula koo duratti fudhatamaa ni ta’aaf” (Lewwoota 1:2-4).

Namni tokko akka cubbuu hojjete erga baree booda, araara buusuudhaaf, aarsaa cubbuu dhiheessuu qaba. Cubbuu hojjetee sana gara horichaatti dabarsuudhaaf, harka isaa mataa aarsaa sanaa irraa kaa’uu qaba. Oobdii godoo qulqullaa’aa keessa, iddoo aarsaan gubamu itti dhihatu jira. Iddoon aarsaa sun akka saanduqaa, amma gabatee lallabaa kan ga’uu ta’ee golee isaa irra gorroo ni qabaata. Sabni Israa’el harka isaan horii aarsaaf dhihate irra harka isaanii kaa’anii ni gubuu, akkana jechaan aarsaa gubamuu dhihessuu jechaa dha.

Leewwota keessatti Waaqayyo akkana jedha,

““Namichi dbldala dunkaana itti walga’aanii sana duratti haa dhi’eessu.” Yeroo isaan harka isaanii mataa aarsichaa irra kaa’an cubbuun isaanii irraa ka’ee gara isaatti ni darba, achumaanbamaan sun morma horii sanaa gorra’ee dhiiga isaa fuudhee mataa iddoo aarsaatti in naqa.

Ergasii immoo, foonni aarsaa sun sirriitti miicamee, mi’ii garaa isaa keessaa ba’ee, xixinnaatee murmuramee, ibiddaan gubama. Foonnichi murmuramee gubamee araarri akka bu’uuf fuula Waaqayyoo duratti fooliinsaa ni aarfama. Kun akkaataa isaan cubbuu isaanii guyyaa-guyyaatti hojjetaniif araarri ittiin bu’uu dha.

Waaqayyo karaa araarri cubbuu isaanii waggaatti ittiin bu’uu immoo ni qopheesse. Inni kun araara isa guyyya-guyyaatti ittiin bu’uuttii adda. Isa kana irratti, angafaa lubaa qofaatu saba Israa’eliin bakka bu’ee harka isaa mataa tuntunoo aarsaaf dhi’aatee irra kaa’ee erga gorra’ee booda dhiigicha fuudhee si’a torba karaa ba’aa teessoo araaraatti si’a torba facaasa. Akkasumas waggaa–waggaatti

Page 217: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

217 Wangeela Araara Irraa Hafaa

tuntunoo isa fayyaatti jiru irras fuula saba Israa’el duratti ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti harka isaa irra kaa’a (Leewwota 16:5-27).

Aarsaan bara Kakuu Moofaa maalitti fakkeefama?

Yesuus Kiristoos

Kottaa egaa akkaataa sirni aarsaa bara kakuu

haaraa ittiin jijjiirame fi akkaata seerri Waaqayyoo barabaraan yaadatamu ilaallaa.

Yesuus maaliif fannoo irratti du’e? Lafa irratti yakka maalii hojjennaan Waaqayyo ilma isaa du’a fannootti dabarsee kenne? Fannoo irratti akkanni du’uuf eenyutu dirqisiise? Yeroo cubbamoonni biyya lafaa, akkana jechaan nuyi hundi keenya, cubbuutti kufne, Yesuus nu fayyisuu dhaaf gara keenya dhufe.

Yesuus Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti cuuphamee bakka ilmaan namaa hunda fannoo firdii

fudhate. Akkaataa Yesuus ittiin cuuphamee fannoo irratti du’ee aarsaa ta’ee fi sababii cubbuu tiif aarsaan harki irraa kaa’amee bara Kakuu Moofaa keessatti dhi’achaa ture wajjin walfakkaata.

Sababii kun bara Kakuu Moofaa keessa akkas ta’eef kanaafi. Cubbamaan harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irraa kaa’ee akkana jechaa cubbuu isaa ni himata, “Yaa gooftaa, ani yakkeera. Ani ejjaa fi ajjeechaa raawwadheera.” Achumaan cubbuun isaa gara aarsichaatti darba.

Akkuma cubbamaan sun Waaqayyoon duratti morma isaa gorra’ee, Yesuusis ofii sababii cubbuu keenyaaf fannoo irratti aarsaa of godheera. Yesuus cuuphamee sababii cubbuu keenyaaf fannoo iratti aarsaa of godheera.

Yesuus dhuguma cubbuu keenyaaf du’e. Yeroo waa’ee kanaa yaadnu, aarsaan horii mudaa hin qabnee, sababii cubbuu namootaaf dhi’aachaa ture maalitti hiikama? Horiin sun waa’ee cubbuu ni beeku turani? Horiin waa’ee cubbuu hin beektu. Isaan mudaa kan hin qabne ta’uu qabu.

Page 218: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

218 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Akkuma horiin aarsaaf dhi’aatu sun mudaa kan hin qabne ture, Yesuusiis mudaa hin qabu. Inni Waaqayyo qulqulluu dha, Ilma Waaqayyooti, raawwatees cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu, inni laga Yoradonsitti waggaa 30 ffaa isaatti cuuphamuu isaatiin cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbe.

Sababa cubbuu biyya lafaa gara ofiisaatiitti fudhateef, fannoo irratti du’e. Cubbuu biyya lafaa irraa dhiquun ergama isaa isa guddaa ture.

Jalqaba Wangeela Araara Cubbuu

Yesuus maaliif laga Yordaanositti Yohannisiin cuuphamee?

Qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf

Maatewos boqonnaa 13 keessatti akkanatti

barreeffame, “Yesuus cuuphame bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqa hundinuu isaaf banaman. Achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufe isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun ilma koo isaa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti ni rawwatama’ jedhe waaqa irra in dubbate’” (Maatewos 3:13-15).

Yesuus waggaa 30ffaa isaatti maaliif akka cuuphame beekuu fi hubachuu qabna. Adaba cubbuuf araara buusee qajeelummaa Waaqayyoo raawwachuudhaaf ture. Namoota cubbuu isaaniittii isaan fayyisuudhaaf, Yesuus Kiristoos, inni mudaa hin qabne sun, Yohaannis cuuphaan cuuphame.

Inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, ilmaan namaa hundumaaf araara buuse. Cubbuu keenyatti fayyuudhaaf dhugaa kanaa beekne itti amanuu qabna. Fayyisuu isaatti amannee fayyuun ga’ee keenya.

Cuuphaan Yesuus maayinni? Harka irra kaa’iinsa bara Kakuu Moofaa wajjin tokko. Bara Kakuu Moofaa keessatti, harka irra kaa’iinsa angafa lubaatiin cubbuun gara horii isaa aarsaa ta’ee

Page 219: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

219 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhi’aatuutti darba. Akkuma kana bara Kakuu Haaraa keessatti, Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa ofitti fudhatee aarsaa of gochuuf Yohaannis cuuphaan cuuphame.

Yohannis cuuphaan nama biyya lafaa hundumaa irra kan caaluu, Waaqayyoon kan dibame bakka bu’aa ilmaan nama hundaa ture. Akka bakka bu’aa ilamaan namaa, angafa lubaa nama hundumaatti, Yesuus irra harka isaa kaa’uudhaan cubbuu ilmaan nama hundumaa gara Yesuusitti dabarse. ‘Cuuphaa’ n itti darbuu, awwaalamu fi dhiqamuu agarsiisa.

Yesuus maaliif gara biyya lafaa kana dhufee Yohannis cuuphaan cuuphame ni beektaa? Hiikkaa cuuphamuu isaatii bartee, Yesuusitti ni amantaa? Cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya hunda, cubbuu nuyi qabnu, cubbuu dhalli namaa yaada fi hojiidhaan raawwate hunda gara ofii isaatiitti fudhadhuuf. Yohannis cuuphaan, Yesuusiin cuuphuudhaan wangeela araaraa cubbuu bu’uura haaraa tiin jalqabe.

Maatewos 3:13-17 keessatti, sagaleen “achumaan,” jedhu sun yeroo Yesuus itti cuuphamee,

cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbe agarsiisa.

“Achumaan,” Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate, waggaa sadii booda, fannoo irratti du’e, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Cubbuu biyya lafaa irraa dhiquuf, altakka yeroo hundumaaf akka ta’utti ni cuuphame, fannoo irrattii dhiifama baraabaraa altakkaa ni buuse, barabaraan akka ta’uttis altakaa du’aa ka’e. Namni Waaqayyoon duratti cubbuu isaatti fayyuu barbaadu, inni cubbuu biyya lafaa hunda altakka barabaraan irraa fuudheera.

Yesuus maaliif cuuphamuun irra ture? Maaliif oobdii Philaaxoos kessatti gonfoo qoraattii mataatti diratee akka tarree jallootaatti itti faradame? Fannoo irratti dhiigee du’uun isaa maaliifi? Sababiiwwan armaan olii kun hundi isaa, sababii cubbuu biyya lafaa, cubbuu koo fi cubbuu kee gaafa cuuphame of irratti fudhateefi. Sababii cubbuu keenya hundaa tiif fannoo irratti du’e.

Sagalee fayyinaa Waaqayyo nuuf kennetti amanuudhaan fayyinee isa galateeffachuu qabna.

Page 220: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

220 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Cuuphamuu, fannifamuu isaa du’aa ka’uu isaan malee fayyinni hin jiru.

Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf yeroo cuuphame, cubbuu keenya hunda gara ofii isaatti fudhate warra isatti amaneef fayyinni jira. Namoonni tokkotokko inni cubbuu dhaalaa qofa ofitti fudhate, akkana mitii? jedhu; garuu isaan akkanaa kun dogoggora qabu.

Yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa akka inni irraa fuudhe macaafa qulqulluu keessatti galmaa’ee jira. Cubbuun keenya hundi isaa, cubbuu dhaalaa dabalatee nu irraa ka’eera. Maatewos 3:15 irratti akkana jedha, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” Qajeelummaa hundumaa raawwachuu jechaan, cubbuu hundumaa irraa fuuchuu jechaa dha.

Cubbuu bara jireenya keenyaa hunda immoo nu irraa fuudheera? Eeyyee. Leewota keessaa kan kana mirkaneessuu haa ilaallu. Inni waa’ee guyyaa araaraa fi aarsaa angafa lubaa ni dubbata.

Aarsaa Araara Waggaa Saba Israa’elota Hundaaf

Aarsaa dhiifama cubbuu lafa irraa kanaan sabni Israa’el altakkaa barabaraaf

qulqullaa’uu ni danda’u turani?

Lakki

“Aaroonis tuntunicha isa aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi’aatu sana dhi’eesse; Ofii isaa tiifis maatii isaatiifis aarara haa buusu. Kana booddee immoo Korbeeyyii reetiti sana lamaan fuudhee balbala dunkaana walgaii’itti ana Waaqayyo duraa haa dhaabu; Korbeeyyii sana lamaan irratti mukti lama haa buufamu. Mukti inni tokko kan irra bu’e ana Waaqayyoof mukti inni kaan kan irra bu’ee immoo gad dhiifamuu dhaaf haa ta’u. Inni korbeessa isa mukti inni kan ana Waaqayyoof irra bu’e sana fidee aarsaa sababii cubbuu tiif

Page 221: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

221 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhi’aatu haa godhu. Korbeessi inni akka gad dhiifamuuf mukti irra bu’e, immoo ittiin araara buusuu dhaaf ana Waaqayyo duratti dhi’eeffamee gara lafa onaatti gad haa dhiifamu” (Lewwoota 16:6-10). Egaa Aaron, korbeessa reettii lama fuudhee oobdii mooraa dunkaanaa lafa namni itti walga’utti fuula Waaqayyoo duratti araara cubbuu saba Israa’el kan waggaa tiif ni dhi’eessa.

“Kana booddee immoo Korbeeyyii reetti sana lamaan fuudhee balbala dunkaana walga’itti ana Waaqayyo dura haa dhaabu.”

Araara seera qabeessa buusuuf horii aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessanii harka irra kaa’uudhaan, cubbuun cubbamaa sun akka itti darbu ni godhama. Garuu cubbuu guutummaa saba Israa’eliin gara horii aarsaa araaraatti dabarsuudhaaf, angafni lubaa waggaatti si’a tokko guyyaa kurnaffaa ji’a torbaffaatti harka isaa irra kaa’a.

Seera Lewwoota 16:29-31, keessatti akkanatti galmaa’ee jira, “Ji’a forbaffaatti, ji’icha keessaa guyyaa kurnaffaatti isin warri dhaloota biyyaa warri

galaan isin gidduu jiraatanis soomuudhaan gad of deebisaa gaafas hojii tokko illee hin hojjetina. Guyyaa kanattis isin qulleessuudhaaf araarrii isiniif ni buufama; Isin ana Waaqayyo duratti cubbuu keessan hundumaatti ni qullooftu. Kunis isiniifis guyyaa sanbataa isa aara galfattanii dha; Kanaafis gaafas soomuu dhaan gad of deebisa. Kunis seerrata baraabaraati” (Lewwoota 16:29-31).

Bara Kakuu Moofaa keessatti, sabni Israa’el mataa horii aarsaaf dhi’aatee irra harka isaanii kaa’anii, cubbuu isaanii fuula Waaqayyoo duratti “Yaa Waaqayyo, ani cubbuu akkas-akkasii hojjedheera. Kanaaf adaraa naaf dhiisi” jedhanii himachuudhaan cuubuu isaani itti ni dabarsu. Horiin aarsaa sun cubbuu nama sanaa mataa isaatti baadhatee ni du’a jechaa dha. Achumaan morma horii sanaa muranii dhiiga isaa lubatti kennanii, mana isaaniitti ni deebi’u, yeroo sanaa eegalee yakka isaatti akka bilisa ta’e ni mirkaneeffata. Egaa horiin aarsaa sun bakka cubbamaa sana du’a jechaa dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti, aarsaan sababa cubbuu tiif

Page 222: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

222 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhi’aatu reettii, hoolaa, dibicha ykn sangaa ta’uu danda’a, isaan kana warra Waaqayyo addaan baasee dha.

Waaqayyo, araara isaa isa dhuma hin qabneen, iddoo inni/isheen du’u/tu akka horiin sun du’uuf hayyame.

Haala kanaan bara Kakuu Moofaa keessatti, namoonni adaba cubbuuttii karaa aarsaa dhiifama cubbuu araara argatu. Irra daddarbaan nama sana harka irra kaa’uudhaan gara aarsichaatti ni darba, dhiigni horiiichaa immoo gatii cudbuu isaaniif lubatti kenname innii immoo iddoo aarsaatti ni geessa.

Haa ta’uu iyyuu malee guyyaa-guyyaatti araara cubbuu buusuun hin dandaa’amu. Sababii kanaaf, gatiin cubbuu wagaatti si’a tokko karaa angafa lubaa saba Israa’el hundumaaf guyyaa kurnaffaa ji’a torbaffaatti ni geggeeffama.

Guyyaa araaraatti hinkoon (role) angafa lubaa maalii? Jalqabatti, angafni lubaa cubbuu saba sanaa, “Yaa Gooftaa, sabni Israa’el cubbuu ajjeechaa, ejja, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu,

Waaqayyoon arrabsuu… hojjeteera” jechaa harka isaa mata aarsichaa irra ni kaa’a.

Achumaan, morma aarsaa sanaa muree, dhiigichas ilaalee mana qulqullummaa keessaa teessoo araaraa irratti si’a torba ni facaasa. (Lakkoofsi torba wanti sun guutuu ta’uu isaa agarsiisa).

Saba bakka bu’ee cubbuu saba Israa’eliin gara mataa horii aarsaaf dhi’aateetti ni dabarsa, aarsaan sunis mul’inatti ni dhi’aata.

Sababii Waaqayyo qajeelaa ta’eef, nama hundumaa cubbuutti fayyisuudhaaf, bakka saba sanaa akka horiin du’uu hayyame. Waaqayyo dhugumaan waaqa araaraa waan ta’eef, namoonni bakka isaanii akka isaan aarsaa horii dhi’eessan hayyameef. Angafni lubaa, waggaatti si’a tokko ji’a torbaffaa, guyyaa kurnaffaatti dhiiga horii aarsaa sana fuudhee karaa ba’a teessoo araaraa tti facaasee saba sanaaf araara ni buusa.

Page 223: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

223 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Akka bara Kakuu Haaraatti hoolaan aarsaa eenyuu dha?

Yesuus isa mudaa hin qabne sana

Angafi lubaa guyyaa araaraa waggaatti reettii

lama dhi’essuu qaba. Inni tokko isa gatiin itti baafamu, akkana jechuun ‘isa beenyaaf ta’u’ jechuu dha. Kakuu haaraa keessatti beenyaan ilmaan namaa Yesuus Kiristoosi dha. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isaatti kan amanu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabatuuf malee haa baduuf miti” (Yohannis 3:16).

Waaqayyo akka aarsaa hoolaatti ilma isaa nuuf kenne. Akka aarsaa hoolaa nama hundumaaf kennameetti, inni fayyisaa fi Masiihii ta’uu isaa mul’isuuf Yohannis cuuphaan cuuphame. ‘Yesuus’ jechuun ‘fayyisaa,’ ‘Kiristoos’ jechuun immo kan

dibame jechuu dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti akkuma guyyaa

araaraatti dhiiga horiitiin, beenyaan cubbuu namootaa kaffalamu, Yesuus Kiristoos gara waggaa 2000 dura gara biyya lafaa dhufee, cuuphamee fannoo irratti sababii cubbuuf dhiiga isaa dhangalaasee, cubbuu keenya hundaaf araara buuse.

Waa’ee kanaa lewwoota keessaa haa dubbifannu. “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa Fayyaatti jiru sana irra kaa’ee, yakka, irradaddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jiruutti kennee Lafa onaa keessatti gad akka dhiisu in godha; Namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gad in dhiisa; Korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti ingeessa” (Lewwoota 16:21-22).

Akkuma seera Lewwoota 1 keessatti barreeffame, cubbuun Israa’elotaa gara reettii isa harka irra kaa’ametti ni darba. ‘Irradaddarbaa isaanii

Page 224: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

224 Wangeela Araara Irraa Hafaa

hunda’ inni jedhu sun, cubbuu yaadaa fi gochaadhaan raawwatan hunda ilallata. Irra-daddarbaa isaanii hundi’ gara mataa horii aarsaa cubbuuf dhi’aatee harki irra kaa’ametti ni darba.

Seera Waaqayyoon Hubannoo dhugaa waa’ee cubbuu keenyaa argachuu qabna

Waaqayyo maaliif seera nuuf kenne?

Akka nuyi beekumsa waa’ee

seeraa aragannuuf Seerri Waaqayyoo abboommota 613 qaba.

Yeroo waa’ee isaa yaadnu, wanta inni hin godhin jedhu ni goona, wanta inni godhaa jedhu immoo hin goonu.

Kanaafuu, nuyi cubbamoota. Macaafa

Qulqulluu keessatti akkuma barreefame Waaqayyo akka nuyi cubbuu keenya ittiin barruuf jedhee abboommota nuuf kenne (Rooma 3:20). Akkana jechuun seera abboommota isaa nuun cubbamoota ittiin barsiisuudhaaf nuuf kenne jechuu dha. Sababii nuyi ittii jiraachuu dandeenyuuf osoo hin taanee, akka nuyi cubbuu keenya ittiin hubannuuf nuuf kenne.

Inni abboommota kana akka nuyi eegnee ittiin jiraannuuf miti. Sareen akka dhala namaatti ni jiraata jettee eeguu hin dandeessu. Bifa walfakkaatuun nuyi seera Waaqayyootti jiraachuu hin dandeenyu.

Nuyi maasii cubbuu waan taaneef Waaqayyo seera isaa nuuf kenne, garuu si’a baayyee dhugaa isaa hin hubannu. “Waaqayyo abboommota kanaan akka nuyi firii godhachuu hin barbaanne, utuu hin jaallatin ija hamaa akka godhannu” inni ni beeka. Akka nuyi hin ajjeefne nutti dubbata garuu nuyi immoo garaa keenyaan ajjeessaa oolla, yeroo tokko-tokko immoo fooniinis ni ajjeefna.

Haa ta’uu iyyuu malee seera keessatti akka hin

Page 225: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

225 Wangeela Araara Irraa Hafaa

ajjeefne barreeffamee waan jiruuf nama ajjeesuun akka ni yakka ta’ein ni beekina, “Ahaa, ani dogoggoreera. Ani cubbamaa dha sababiin isaa wanta ani gochuu hin qabne waan ani hojjedheef. Ani cubbuu hojjedheera.”

Saba Israa’eliin cubbuu isaattii fayyisuu dhaaf bara kakuu moofaa keessatti Waaqayyoo Aaroon akka aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessuu godhee saba hundumaafis waggaatti si’a tokko araara ni buusa.

Bara Kakuu Moofaa keessatti, guyyaa araaraatti Waaqayyo duratti aarsaa gosa lamatu dhi’aata. Inni tokko Waaqayyoof aarsaa ta’ee kan gorraa’amu fi inni tokko immoo harki irra kaa’amee cubbuu saba Israa’eliin fudhatee gara lafa onaatti kan gad dhiifamu dha. Reettichi nama ta’een utuu lafa onaatti hin geeffamin dura angafi lubaa harka isaa irra kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin irratti himuu dhaan cubbuu isaanii itti dabarsa. “Yaa gooftaa, namoonni kun ajjeessaniiru, ejjaniiru, hataniiru, waaqa tolfamaa waaqeeffataniiru…. Nuyi si duratti cubbuu hojjenneerra” ni jedha.

Biyyi Paalastaayin lafa onaa baayyee qaba. Reettiin lafa onaa sanatti ergamee achuma keessa utuu jooru, ni du’a. Yeroo inni iddoo onaa sanatti ergamu sabni Israa’el hanga inni deemee fagaatee ija isaanii duraa dhokatuutti ni ilaala, akka cubbuun isaanii duukkaa sokkettis ni amanu. Sabichi yeroo sana eegalee sammuu nagaa ni qabaata; reettichis, sababii cubbuu saba sanaaf lafa onaa keessatti utuu jooruu dhuma irratti ni du’a.

Haaluma kanaan, hoolaan Waaqayyoo Yesuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaaf araara buuseera. Cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera.

Yesuus Waaqayyoo fi fayyisaa keenya. Inni ilma Waaqayyoo isa cubbuu nama hundumaa fayyisuuf dhufee dha. Inni uumaa waan ta’eef akka bifa isaatti nu uume; cuubbuuttii nu fayyisuuf gara biyya lafaa dhufe.

Cubbuu keenya guyyaa-guyyaa qofa utuu hin taanee, cubbuun keenya inni gara fuula duraa, cubbuun yaada keenyaaf i foon keenyaa hundi gara

Page 226: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

226 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Yesuusitti darbeera. Kanaafuu inni guutummaa qajeelummaa Waaqayyoo bakkaan ga’uu dhaaf biyya lafaaf araara cubbuu buusuudhaaf Yohannisiin cuuphamuutu irra ture.

Utuu Yesuus hin fannifamin waggaa sadii fuula dura, yeroo tajaajila uummataa itti jalqabe, lagaa Yordaanositti Yohannis cuuphaadhaan yeroo cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera. Araara cubbuu karaa cuuphaa isaatiin, fayyina ilmaan namaa hundumaaf argamsiiseera.

Laga Yordaanos keessatti, akkuma inni dhufeen keessa dhaabbateen, bishaanni qoma isaa bira yeroonni ga’e, Yohannis cuuphaan bishaan keessa isa liccisee ni cuuphe. Cuuphaan kun, harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa, isa cubbuun ittiin darbuu wajjin tokko.

Bishaan keessa liccifamuun mallattoo du’aa yeroo ta’uu bishaan keessaa ba’uun immoo, du’aa ka’uu agarsiisa. Yohannis cuuphaan cuuphamuu Yesuus ergama (mission) isaa sadan akka inni bakkaan ga’e agarsiisa: cubbuu irraa fuuchuu, du’aa

fi du’aa ka’uu dha. Dubbii fayyinaa cubbuu yoo dhageenye qofa

fayyuu dandeenya. Waaqayyo kakuu fayyisuu bara Kakuu Moofaa saba isaatiif gale raawwachuudhaaf ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf murteesse. Akkaataa kanatti Yesuus cubbuu keenya baadhatee gara fannoo dhaqe.

Erga Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee booda hojiin nuuf hafee

immoo maali?

Wanti nuuf hafe isatti amanuu dha.

Yohannis 1:29 irratti akkanatti barreeffamee

jira, “Borumtaa Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee, ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Yohannis cuuphaan akkana jedhee dhugaa isaa ba’e, “Ilaa! Hoolicha

Page 227: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

227 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Yeroo inni cuuphame cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti darbeera. Itti amani! Atis, araara cubbuu kanaan ni eebbifamta. Sagalee Waaqayyootti amanuu qabna.

Yaada keenyaa fi morgoggummaa keenya of irraa fageessinee, sagalee Waaqayyoo isa barreeffametti amanuu qabna. Dhuga isa Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhetti amanuun barbaachisaa dha.

Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaase jechuu fi firdii cubbuuf araara buusee qajeelummaa Waaqayyoo nuuf raawwate jechuun hiikkaa tokko qaba. Harka irra kaa’uu fi cuuphaanis hiikkaa tokko qaba.

Yeroo ‘hunda,’ ‘waan hunduma,’ ykn ‘waliigala’ jennes hiikaan isaanii tokkicha. Bara Kakuu Moofaa keessatti jechi ‘harka irra kaa’uu’ jedhu fi Kakuu Haaraa keessatti immoo ‘cuuphaa’ jedhame hiikkaan isaa tokkuma.

Kun salphaa dhumatti Yesuus cuuphamee nuuf

fannifamee firdii cubbuuf araara nuuf buusee jechuu dha. Wangeela jalqabaa kanatti amannaan fayyina argatta.

Yeroo macaafni qulqulluun inni ‘cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera’ jedhu (Yohannis 1:29), cubbuu biyya lafaa jechuun maal jechuu dha? Akkana jechaan cubbuu namni ittiin dhalate, yaada hamaa, hanna, halalummaa, hawwii, hammina, waaqayyoon arrabsuu, of tuulummaa, gowwummaa isa sammuu namaa keessa guutee dha. Irradaddarbaa fi yakka fooni fi yaada garaan hojjetamu hundas ni hammata.

“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a, kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenya Wajjin tola kenname garuu jireenya baraabaraati” (Roomaa 6:23). “Dhiiga utuu hin dhangala’iin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru” (Ibroota 9:22). Cubbuu dhaaf kaffaltiin jira jechaa dha. Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuudhaaf, lubbuu isaa beenyaa cubbuu godhee, altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti dhi’eesseera.

Kanaafuu cubbuu keenya hundattii bilisa ba’uu

Page 228: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

228 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhaaf, wanti nuyi gochuu qabnu, wangeela jalqabaa—cuupamuu Yesuus, Dhiiga isaa fi Waaqummaa isaatti amanuu dha.

Cubbuu isa boriif Araara Buusuu

Kanaan booda cubbuu qabaannuuf

aarsaa dhi’eessuu qabnaa?

Lammmaffaa hin jiru

Cubbuun borii, inni bor boodaa fi cubbuu nuyi hanga du’a keenya lafa irraatti qabaannu hundi akkuma cubbbuun har’aa, isa kalessaa fi bara duraa ‘cubbuu biyya lafaa’ isa biyya lafaa isa gooftaan kaase keessatti hammatame jira. Cubbuun namni tokko gaafa dhalatee eegalee hanga du’a isaatiitti qabaatu hundi ‘cubbuu biyya lafaa’ keessa kan jiru yeroo ta’u, cubbuun biyya lafaa hundi cuuphaadhaan

gara Yesuusiitti darbeera. Bara keenya lafa irratti cubbuu nuyi hojjennu hundi gara gooftaatti darbeera.

Fayyuu dhaaf wangeela jalqabaa sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jirutti amanuudhaan dhugaaf abboomamuu qabna. Fayyuudhaaf yaada keenya of irraa fageessuu qabna. Akkana jettee ni gaafatta ta’a, “Cubbuu isa hanga ammaatti hin hojjetamne attamitti ofitti fudhataa?” Egaa anis, gaaffii tokkoon si gaafadha, “Yeroo dhuma cubbuu hojjennu Yesuus gad bu’uu nuuf qabaa?”

Wangeela lammaffaa dhalachuu keessa, seerri araara cubbuu jira. “Dhiia utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru” (Ibroota 9:22). Bara Kakuu Moofaa keessatti namni tokko cubbuuttii yeroo fayyuu barbaaddu, harka irra kaa’uu dhaan cubbuu isaa gara horii aarsaaf dhi’aatetti dabarsee, horiin sun cubbicha baatee ni du’u.

Karuma kanaan, ilmi Waaayyoo ilmaan namootaa fayyisuudhaaf gara biyya lafaatti gadi bu’e. Inni cubbuu keenya hunda nu irraa fuuchuudhaaf cuuphamee, sababii isaatiif fannoo irratti du’ee, achi

Page 229: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

229 Wangeela Araara Irraa Hafaa

irratti “fiixaan ba’eera” jedhe. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaaqayyo abbaa ni taa’e. Akka kanatti inni barabaraan fayyisaa keenya ta’e.

Guutummaan guutuutti gatii cubbuu keenyaa baasuudhaaf, barsiisa amantummaa isa fayyinaaf guyyaa-guyyaatti kadhannaa qalbii diddiirrannaan jiraachuu qabeenya dhaabbataa godhannee jiruu sana of irraa haquu qabna. Beenyaan cubbuu ilmaan namootaa akka kaffalamuuf, altakkaa yeroo hundumaa kan ta’uu aarsaan seera qabeessi dhihachuu qaba. Waaqayyo waaqa irra taa’ee cubbuu biyya lafaa hunda cuuphaa dhaan gara ilma isaatti dabarsinaan ilmi isaa kun gatii cubbuuf fannifame. Du’aa ka’uu isaatiinnis fayyinni keenya guutuu ta’e.

“Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra kaa’e ,muddama keenyas in baate; Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame… nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabam; madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame.” Isaayyaas 53 keessatti, cubbuu fi yakki biyya lafaa hundi, kan nama

hundumaa gara Yesuusitti darbeera ni jedha. Kakuu Haaraa keessatti, Efesoon 1:4 irratti

akkana ni jedha, “Inni uumamuu biyya lafaa duraa iyyuu nu fo’ateera.” Inni karaa isaa uumama biyya lafa dura nu fo’ate jedha. Utuu biyyi lafaa iyyuu hin uumamin dura iyyuu saba isaa, Kiristoos keessatti qajeelota akka taanuuf nu fo’ateera. Kanaan dura waan meeqa barreerra iyyuu yoo taane, sagalee Waaqayyootti amannee abboomamuudhaan, dubbii bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraatti amanuu qabna.

Waaqayyo ilmi isaa, Yesuus Kiristoos, cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, ilmaan namaa hundumaaf araara buuseera. Ibroota 10 keessatti akka itti fufee jirutti galmaa’ee jira, “Seerichi garuu gaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa malee bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’tan miti; inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhiheeffaman sanaa, warra dhihaatan fiixaan kan ba’aan gochuu matumaa hin dandeenye” (Ibroota 10:1).

Aarsaan yeroo dhaa gara yerootti wagga-waggaan dhi’aachaa ture sun dhiifama cubbuu

Page 230: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

230 Wangeela Araara Irraa Hafaa

fiixaan baasuu hin dandeenye jedha. Seerri waan gaarii dhufuuf jiruuf gaaddidduu ture malee bifa isa dhugaa hin turre. Akkuma aarsaan waggaa cubbuu kan waggaa tokkoo irraa fuuchaa ture, Yesuus Kiristoos, Masiihiin immoo altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa ofitti fudhatee fannoo irratti du’uu isaatiin fiixaan baase.

Kanaafuu, Ibroota 10 keessatti, “Itti dabalees immoo ‘Kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera’ jedheera, kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuu dhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo santti, dhaqniYesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti, al tokkichaa aarsaa ta’ee dhi’eeffamu dhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra. Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu, altokko aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi

taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti in eeggata. Al tokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman, yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’an godheera. Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a, Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, jedhuu dha’ jedha gooftichi,’ jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe. Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu in hafa” (Ibroota 10:9-18).

Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaattii karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatii akka nu fayyisee amanuu qabna.

Page 231: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

231 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Fayyinni lammaffaa dhalachuu Bishaanii fi Hafuuraa Garaa fi Sammuu keenyaatti Qirixameera

Sababa kanaan booda cubbuu hin hojjenneef qajeelota taanee?

Lakki. Sababa Yesuus cubbuu keenya nu irraa

fuudhe fi sababa itti amanneef qajeelota taane.

Guutummaa fayyisuu isaatti ni amantaa? —

Eeyyee.—Amantii dhaan sagalee Waaqayyoo isa Yesuus nu fayyisuuf jedhee cuuphamee fi fannoo irratti dhiigetti ni amantaa? Lammaffaa dhalachuudhaaf dubbii isaa irraa amantii qabaachuu qabna. Yesuus Kiristoos wangeela araaraa tiin cubbuu kee fi cubbuu biyya lafaa hunda akka inni si irraa kaasee yeroo amantu ni fayyita.

Seera Waaqayyoo eeguu dhaan qulqulluu ta’uu

hin dandeenyu, garuu hojii Yesuus Kiristoositti amanuu dhaan guutuu ni taana. Cuuphaa laga Yordaanosiin akka inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaase sababii isaaf immoo fannoo irratti firdii du’aa akka baate yeroo fudhannu amantiin keenya guutuu ta’a. Wangeelatti garaa keenya guutuudhaan amanuudhaan cubbuu keenyatti fayyinee qajeelota taana. Kanatti ni amantaa?

Cuuphaa, fannoo fi du’aa ka’uun Yesuus araara cubbuu ilmaan namootaa seera fayyinaa isa jaalala Waaqayyoo haalaan hin murtoofne agarsiisa. Waaqayyo nu jaallata innis qajeelumma isaa ti, nuunis immoo qajeelota nu godhe. Cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya waan itti dabarseef nuyi qajeelota taane.

Cubbuu keenya hundumaatti nu fayyisuudhaaf, inni tokkicha ilma isaa erge, Yesuus gara biyya lafaa dhufe. Inni cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhee, fannoo irratti firdii du’aa ni baate. Inni karaa cuuphaa, bishaan ii fi dhiiga isaa, jaalala Waaqayyoo tiin, qajeelota ijoollee isaatii nu godhate.

Page 232: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

232 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Ibroota 10:16 keessatti akkanatti barreeffame, “Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa.”

“yaada keenyaa fi garaa keenyaan Waaqayyoon duratti cubbamoota moo qajeelota? Sagalee Waaqayyoottii amantii yoo qabaanne, qajeelota taana. Yesuus Kiristoos cubbuu keenya mataa ofii isaatiitti baatee sababii isaafis firdii fannoo fudhate. Yesuus fayyisaa keenya. Sababa guyyaa hundumaa yakkinuuf, attamitti qajeelota taana? jettee yaaddee nuyi sirriidhumatti cubbamoota” ni jetta ta’a. Dubbii Waaqayyootti yoo amanne, akkuma Yesuus abbaa isaa dhaga’ee, nuyis dubbii isa dhaga’uudhaan qajeelota ni taana.

Akkuman jalqabatti dubbadhe utuu lammaffaa hin dhalatin dura garaa keenya keessaa cubbuu ni qabaanna. Wangeela araaraa laphee keenya keessatti erga argine booda, cubbuu keenya hundumaatti nuyi fayyineerra. Utuu wangeelicha hin barin dura cubamoota turre. Garuu yeroo, wangeela fayyinaatti erga amanee kaafnee qajeelota ijoollee Waaqayyooti.

Inni ergamaan Phaawulos qajeelummaa amantii dubbatus isa kana. Amantiin wangeela araaraa kun qajeelota nu godheera.

Ergamaan Phaawulosis, Abrahaam, warri isaan duraa hundi isaani iyyuu amantiidhaan malee hojiidhaan qajeelota hin taane, caalaa dhumatti iyyuu, dubbii Waaqayyootti amanuudhaan eebbaa dhiifama cubbuu argataniiru.

Ibroota 10:18 irratti akkana ni jedha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu ni hafa”. Akkuma barreeffamee jiru akka nuyii cubbuu keenyaaf hin duuneef Waaqayyo nu fayyiseera. Kanatti ni amantaa? —Ameen.—

“Filiphisiiyus 2 keessatti, Yaada garaa isa Kiristoos Yesuus qabaachaa ture qabaadha, inni bifa Waaqayyummaatiin utuu jiruu, ulfina Waaqayyummaa isaa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, wanta tokkotti hin gallee of godhe; bifa garbummaa in

Page 233: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

233 Wangeela Araara Irraa Hafaa

fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame; inni gad of deebisee, amma du’atti, amma fannifamee du’uutti iyyuu abboomamaa ta’e; kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kunis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesuusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe, arrabni hundinus, ulfina Waaqayyo abbaa tiif, Yesuus Kiristoos gooftaa akka ta’e beeksiisuuf jiru” (Filiphisiiyus 2:5-11).

Yesuus Kiristoos inni ulfinni Waaqayyoo isa irraa calaqqisu, Waaqayyo akkuma jirutti waan isaan mul’atuuf (Ibroota 1:3), inni ulfina kan biraa waan barbaadu hin qabu. Faallaa isaa, bifa garbummaa ni fudhate; fakkaatti nama ta’e argame. Inni gad of deebisee, amma du’aatti, amma fannifamee du’uutti iyyuu abboomamaa ta’e.

Kanaafuu, nuyi Yesuusiin ni galateeffanna, “Inni Waaqayyo, fayyisaa fi mootii keenya.” Sababii

nuyi Waaqayyoo fi Yesuusiin galateeffannuuf Yesuus amma dhumaatti fedha abbaa waan eegeef. Utuu inni hin abboomamne ta’ee silaa amma isa galateeffachuu hin dandeenyu ture. Garuu sababa inni fedha abbaa isaa hunda amma du’aatti iyyuu eegeef, uumamni hundinu barabaraan isa ni galateeffatu.

Yesuus Kiristoos hoolaan Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa kaasuu ta’ee, akkuma barreeffamee jiru cuuphamuu isaa tiin ofii isaatti dabarse. Waggoota 2000 darban dura, cubbuu hundumaa biyya lafaa irraa kaaseera. Ani fi ati erga dhalannee biyya lafaa kana keessaatti cubbuu nuyi hojjennee hundinuu cubbuu biyya lafaa keessatti hammatamee jira.

Page 234: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

234 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Bor yoo yakkine

cubbamoota taanaa?

Lakki, Yesuus Kiristoos cubbuu keenya isa darbe isa ammaa fi gara fuula

duraa nu irraa kaaseera. Cubbuu dhalootaa fi hojii utuu gargar hin baasin

erga gaafa dhalanneetii cubbuu qabna mitii? —Eeyyee, Qabna.—

Yesuus dhalachuu keenyaa eegalee amma gaafa obbafannuutti akka yakkinu beeka waan ta’eef inni dursee cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Amma arguu ni dandeessaa? Yoo amma waggaa 70 jiraanne cubbuun keenya hanga konkolaata daampii dhibbaa ol caalaa ulfaata. Yesuus Kiristoos garuu hunda kana altakkaa cuuphamuu isaatiin gara ofii isaatiitti fudhate fannoo irratti gatii isaa kaffaleera.

Yesuus cubbuu dhalootaa qofa nu irraa kaase ta’ee, hundi keenya gara sii’ol dhaqna turre.

Ammuma iyyuu akka inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee tti hin amannu yoo taane, akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa hin kaafnetti lakkaa’uu keenya.

Biyya lafaa kana keessatti ammam cubbuu hojjenna? Cubbuu nuyi hojjenne hundinuu isa guutummaa biyya lafaa keessa jira.

Yeroo Yesuus Yohannis akka isa cuuphuuf itti dubbate, hiikkaan isaa kana jechuu dha. Waaqayyoo garbicha isaa Yohannisiin dursa ergee akka inni Yesuusiin cuuphu godhe. Yesuus ofii isaatii akka cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf dhufe dubbateera. Yohannis, bakka bu’aa ilmaan namaa jalatti mataa isaa gadi qabee yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate.

Cubbuu nuyi waggaa 20 hanga 30, 30 eegalee hanga 40, kkf hojjenne hundi isaa cubbuun ijoollummaa keenyaas cubbuu biyya lafaa isa Yesuus yeroo cuuphame ofii isaatti fudhate keessatti hammatamera.

Cubbuun biyya lafaa irratti hafeera kan jedhu

Page 235: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

235 Wangeela Araara Irraa Hafaa

eenyu dhaa? Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera, kana garaa keenya guutuudhaan utuu hin shakkin yoo itti amanne: Cuuphamuu fi dhangaluu fannoo dhiiga Yesuusitti yoo amanne fayyinni keenya guutuu ta’a.

Namoonni baayyeen, jireenya cinqii keessa ni jiraatu, akka waan jireenyi isaanii baayyee barbaachisaa ta’eetti, ni dubbatu. Garuu kan isaan caalatti seenaa gaarii qaban iyyuu jiru. Namooni jireenya cin qiikeessa jiru. Anis utuun lammaffaa hin dhalatin dura jireenya akkanaa jiraachaan ture. Egaa wangeela fayyinaa cubbuu, wangeela cuuphaa fi dhiigaa isaatii kana, attam hubattee hin fudhattu ree?

Fayyinni Cubbamootaa Fiixaan ba’eera.

Yesuus maaliif milla Pheexirosiin dhiqe?

Sababiinsaa akka Pheexiros amantii cimaa qabaatuuf karaa cuuphaamuu isaatii cubbuun isaa hundi

akka irraa ka’e akka hubatuuf. Yohannis 19 mee haa dubbifnu. “Yesuus fannoo

isaa ofi baatee gara iddoo “lafee mataa” yookiis afaan Ibraayiisxitti “Golgootaa” jedhamutti ba’e, achitti isa fannisan. Namoota kan biraa lama garasiif garanaan ‘Yesuusiinis gidduutti fannisan. Philaaxoos yommus waan beeksisui tokkoo caafee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffatichis: “Yesuus nama biyya Naaziret, Mooticha Yihudotaa kan jedhu ture. Iddoon itti Yesuus fannifame mandarichatti dhihoo waan tureef, caaffata beeksiisaa sana Yihudota keessaa baayyeetu dubbise; inni afaan Ibraayiisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Giriikittis caafamee

Page 236: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

236 Wangeela Araara Irraa Hafaa

ture” (Yohannis 19:17-20). Yaa jaalatamoo obbolootaa, Yesuus Kiristoos

cubbuu biyyaa lafaa hunda mataa isaatti fudhatee, oobdii mana Philaaxoos keessatti firdii du’aa fudhate. Egaa diraamaa isaa waliin haa ilaalu.

Lakkoofsa 28 eegalee, “Yesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba’uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, “nan dheebodhe” jedhe. Qodaa daadhiin wayinii dhangagaa’aan keessa guute tokko achi ni dhaabbata ture. Daadhii dhangagaa’aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa’aa isa bishaan dhaqnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoohitti kaa’anii afaan Yesuusitti qaban. Yesuus daadhii dhangagaa’aa sanas erga afaaniin qabee booddee, “fiixaan ba’eera” jedhe. Mataa isaa jallisee hafuura isaa kenne” (Yohannis 19:28-30).

Yesuus “Fiixaan ba’eera” jedhee fannoo irratti du’e. Guyyaa sadii booda, du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’e.

Yohannisiin cuuphamuunii fi fannoo irratti du’uun Yesuus baayyee kan walitti hidhamee dha,

lachuun isaanii iyyuu walittii gargar ba’anii hiikkaa hin qabani. Wangeela araaraa isaatiin waan nu fayyiseef waaqayyoof galanni haa ta’u.

Foonni namaa yeroo hundumaa fedha foonii barbaada, kanaaf foon keenyaan yeroo hundumaa cubbuu hojjenna. Yesuus Kiristoos cuuphaa fi dhiiga isaa tiin cubbuu fooinittii nu fayyise. Inni wangeela isaatiin, cubbuu foon keenyaattii nu fayyiseera.

Yesuus isa Beeteliheemitti dhalatee laga Yordaanositti cuuphame, fannoo irratti du’ee, guuyya sadaffaatti du’aa ka’etti nama amanetu yeroo isaatti mootummaa Waaqayyootti gala. Nuyi isa ni galateeffanna, barabaraan maqaa isaas ni ulfeessina.

Wangeela Yohannis gara dhumaa irratti, Yesuus erga du’aa ka’ee Galiilaaa dhaqe. Inni Pheexirosiin akkana jedhe, “Simoon, yaa ilma Yohannis, isa warri kun na jaallatan caala na jallataa ree?” jedhee gaafannaan, “Eeyyee, gooftaa akkan si jaalladhu at iyyuu in beekta.” Yesuus immoo deebisee, “Hoolota koo eegi” ittiin jedhe.

Pheexiros waan hundumaa, wangeela cuuphaa fi

Page 237: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

237 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhiiga Yesuus, dhiifama cubbuu, hubateera. Wangeela bishaanii fi dhiigaa isa furmaata cubbuu argamsiise, Yesuus maaliif akka miilla isaa dhiquufiin isaa araaraa fi amantii isaa jabeessuuf akka ta’e hubateera.

Yohannis 21:15 ammas haa dubbifannu. Erga afaan bule baafatanii booddee Yesuus Simoon Pheexirosiin, “Simoon ilma Yohannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?” jedhe; inni immoo, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta” jedheen. Yesuus deebisee, “Ilmoolee koo tiksi”jedhe. Hoolota isaa Pheexirositti adaraa kennate sababiinsaa inni bartuu isaa waan tureef akkasumas inni qajeelaa fi garbicha Waaqayyoo isa guutuu waan tureef.

Cubbuu guyyaa-guyyaatiin, Pheexiros yoo yakke iyyuu, Yesuus waa’ee dhiifama cubbuu itti hin dubbanne sababiinsaa, innii fi barattoonni warri kaanis, cubbuu dhaabuu hin danda’an waan ta’eef. Garuu Yesuus wangeela isa cubbuu isaanii irraa haxaa’uu, cuuphaa fi dhiiga isaatiin araara cubbuu

baraabaraa akka isaan argatan hubachiiseera.

Gooftaa, Akka ani Si Jaalladhu atuu Beekta

Yeroo namni tokko cubbuu hojjete deebi’ee cubbamaa ta’aa?

Lakki. Yesuus Yordaanositti cubbuu kee isa

gara fuula duraas waan si irraa fuudheef.

Kottaa mee dubbii Gooftaan Pheexirosiin,

“Simoon ilma Yohannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree? “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta” jedheen” jedhu irratti ni yaadna. Deebii inni kennee dhugaa dha, inni amantii wangeela araaraa irratti kan hundaa’ee dha.

Utuu Yesuus Pheexirosii fi bartoota isaa warra

Page 238: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

238 Wangeela Araara Irraa Hafaa

kaaniinis wangeela araaraa miilla isaanii dhiquudhaan hin barsiifne ta’e silaa karaa dhugaa ta’e irra jaalala mul’suu hin dandaa’an turan.

Yesuus itti dhi’aatee, “Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?” Yeroonni gaafate utuu lammaffaa hin dhalanne ta’ee, “ani nama cubbamaadha. Nama warra kaan caalaa si jaallachuu hin dandeenye dha. Adaraa naa dhiisi” jedha ture. Pheexirosiis Yesuusiin baqatee ni dhokata ture.

Deebii Pheexiros irratti mee haa yaadnu. Inni wangeela dhiifamaa, wangeela cuuphaa fi dhangala’uu dhiiga isa nama hundumaa fayyiseen kan guutamee dha.

Kanaaf, Pheexiros akkana jedhee ni deebisee, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atuu ni beekta” jedheen. Deebiin isaa kun, amantii inni karaa wangeela araaraa Yesuus irraa argatee dha. Pheexiros wangeela dhugaa isa Yesuus cubbuu biyya lafaa irra fuudhe wangeela dhiifamaatti amaneera. Kun cubbuu isa gara fuula duraa isa namoonni sababii hir’inaa fi gadadummaa foon isaaniitiif hojjetan hunda ni qabata.

Pheexiros wangeela dhiifama cubbuutti cimsee amaneera, shakkii tokko malees Yesuus hoolaa Waaqayyoo akka ta’es hubateera. Fayyisuun Yesuus kara Wangeela dhiifamaa gara isaa waan dhaqeef cubbuu guyyaa-guyyaattiis akka furama qabu hubateera. Cubbuu biyya lafaa kamittii iyyuu karaa wangeela araaraa akka fayyinni jiru amaneera.

Ati akka Pheexirosii? Wangeela cuuphaa fi dhiiga isaa tiin akka inni cubbbuu kee si irraa kaase amantee isa jaallachuu fi amanachuu ni dandeessaa? Attamitti isa jaallachuus amanachuus dhiifta? Sababiin hin jiru.

Utuu Yesuus cubbuu keenya isa kanaan duraa fi isa ammaa qofa nu irraa kaasee, isa gara fuula duraa immoo nu iratti dhiise ta’ee, sila akka amma isa galateeffannu kanatti dandeenyee isa hin galateeffannu ture. Akkasumas sii’oliin dhaquun keenyaas kan shakkisiisu miti. Kanaafuu, wangeela dhiifama cubbuu tti amanuu qabna.

Yeroo hundumaa foonni cubbuuf banamaa dha waan ta’eef nuyi yeroo hundumaa cubbuu ni

Page 239: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

239 Wangeela Araara Irraa Hafaa

hojjenna. Kanaafuu, wangeela araara irraa hafaa karaa wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka araara arganne dhugaa ba’uu qabna.

Wangeela araara irraa hafaa, cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti hin amanne taanaan, sababa cubbuu guyyaa-guyyaatiif namni fayyu tokko iyyuu hin jiru. Namni cubbuu bara jireenya isaati hunda irraa qalbii diddiirrachaa qajeelaa ta’ee fayyu tokko illee hin jiru.

Yoo akkas ta’e, gara biyya lafaatti of deebifnee jechuu dha, Yesuusiinis jaallannee itti dhi’aachuu hin dandeenyu. Yesuusitti amannee fayyinee bara keenya guutuuttis isa duukaa bu’uu hin dandeenyu.

Yesuus wangeela araaraa nuuf ergee warra isatti amanan fayyiseera. Inni fayyisaa guutuu isa yakka keenya nu irraa dhiqee akka nuyi isa jaalannu godheera.

Nuyi amantoonni cubbuudhaan jiraachuu irra wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amannee, dhiifama baraabaraa argachuu qabna. Amantoonni hundinuu karaa wangeela araaraa barabaraan Yesuusiif qabamanii barabaraan isa jaallachuu ni danda’u.

Yaa jaallatamoo! Utuu Yesuus cubbuu tokko illee booddee keetti hambiseera ta’ee, isatti amanuus wangeela araaraafis dhuga baatuu ta’uu hin dandeessu. Isaaf hojjechuus hin dandeessu turte.

Garuu, wangeela araaraatti yoo amante, cubbuu kee hundumaattii fayyuu ni dandeessa. Dubbii sagalee Yesuus keessatti galmaa’e, wangeela araaraa dhugaa yoo hubattee itti amante cubbuu kee hundumaattii fayyu ni dandeessa.

“Isa warri kun na jaallatan caalaa na jaallattaa ree?”

Eenyuun caalaatti akka nuyi Yesuusiin jaallannu kan nu godhu maali?

Jaalala isaa isa karaa cuuphamuu isaaiti cubbuu

keenya, isa gara fuula duraa iyyuu nu irraa kaasee dha

Page 240: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

240 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Waaqayyo hoolota isaa garboottan isaa, warra guutumma araaraa wangeelaatti amananitti kennate. Yesuus, “Simoon ilma Yohannis, Isa warri Kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree? jedhee si’a sadii Pheexirosiin gaafate; innis, immoo, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atuu ni beekta” jedhee gaaffii isaa sadanuufuu deebii kenne. Kun egaa deebii amantii dhiifama wangeela araaraa irraa madde malee fedhii miira isaatii miti.

Nama tokko yeroo jaallannu, fedha keenya irratti hundoofne nama sana jaallanne yoo ta’e yeroo nuyi dadhabnu jaalalichis ni dadhaba. Garuu jaalallichi jabina jaalala Waaqayyoo irratti hundaa’e yoo ta’e, amma baraabaraatti jiraata. Jaalala Waaqayyoo, jechuunis, dhiifama irraa hafaa, fayyisuu cuuphaa bishaanii fi hafuuraa Yesuus irratti hundaa’a.

Amantiin dhiifama cubbuu keenyaa jaalalaa fi tajaajila gooftaaf laannuuf bu’uura ta’uu qaba. Fedhii keenyaan isa jaallanne yoo taane, jaalalli keenya bor ni guufata, xumurri isaa of jibbuudhaan ta’a. Haa

ta’uu iyyuu malee Yesuus cubbuu keenya: cubbuu dhaalaa, cubbuu hojii isa har’a fi isa borii akkasumas, cubbuu bara jireenya keenyaa hunda nu irraa kaaseera. Inni nama tokko iyyuu fayyinaa ala hin hambifne.

Kun hundi dhugaa dha. Amantii fi jaalalli keenya fedhaa fi murtii keenya irratti hundaa’e yoo ta’e, silaa amantii keenyaan ni kufna turre. Garuu sababa amantii fi jaalalli keenya araara wangeela Yesuus irratti hundaa’eef qajeelota, ijoollee Waaqayyoo taanee jirra. Wangeela bishaanii fi hafuuraatti waan amannee jirruuf, nuyi cubbuu hin qabnu.

Sababii amantiin keenya gaarummaa nuyi qabnu irratti osoo hin taanee jaalala Waaaqayyoo fi seera fayyina dhiifama cubbuu irratt’ waan hundaa’eef, amma fedhe iyyuu dadhaboo yoo taane, qajeelota jedhamna. Mootummaa Waaqayyoo tti gallee barabaraan isa galateeffanna. Kana ni amantaa?

1 Yohannis 4:10 akkana jedha, “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate,

Page 241: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

241 Wangeela Araara Irraa Hafaa

ilma isaa cubbuu keenyaaf furee haa ta’uuf erge.” Yesuus bishaan fi hafuuraa fi dhiigaan nu fayyise waan ta’eef, amantii wangeela araaraa qabaachuu qabna.

Utuu Waaaqayyo wangeela furee cubbuutiin nu hin fayyifne ta’ee, akka fedhe yoo amannes fayyuu hin dandeenyu turre. Garuu Yesuus cubbuu hojii fi foon keerryaa hunda nu irraa kaaseera.

Qajeelaa ta’uu dhaaf fayyinni keenya karaa amantii bishaan, dhiigaa fi araara wangeelaa mirkanaa’uu qaba. Wangeelli araara cubbuu biyya lafaa hundi cuuphaa fi dhiiga Yesuus keessatti ammatamee jira. Fureen wangeelaa dhugaa amantii, bu’uura fayyina dhugaa, bantuu mootummaa Waaqayyoo ti.

Amantiin fedha keenyaa attamitti akka haqamu

Amantiin dhugaa eessaa dhufa?

Jaalala Waaqayyoo cubbuu keenya hunda nu irraa kaase irratti hundaa’a.

Amantii fi jaalalli fedha keenya irraa dhalate

dhugaas amantiis miti. Biyya lafaa kana irraa namoonni jalqaba fedha gaariitiin Yesuusiitti amanani dhuma irratti amanticha irra kufanii cubbuu isaaniitiin kan aadani hafan hedduu dha.

Garuu Yesuus cubbuu keenya hunda akka nu irraa kaasee hubachuu qabna: irradaddarba qofa miti, cubbuu cal’isuu keenya hunda male.

Yohannis 13 keessatti, fayyisuun isaa attamitti barabaraan fiixa ba’u bartoota isaa barsiisuuf jecha, utuu gara fannootti hin deemin dura walitti isaan

Page 242: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

242 Wangeela Araara Irraa Hafaa

qabe. Yeroo isaani wajjin irbaata faasikaa nyaate, dhugaa irraa hafaa fayyisuu isaa garaa isaanii keessatti qirixuuf jecha miilla isaanii dhiqe. Egaa wangeela fayyinaa kana, isa Yesuus yeroo miilla bartoota isaa dhiqe barsiise beeknee itti amanuu qabna.

Jalqaba irratti Pheexiros akka Yesuus miilla isaa hin dhiqneef didee ture. “Si tu miilla koo dhiqaa!” Kun egaa amantii miira isa irraa dhalatee dha. Garuu Yesuus, “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef.”

Amma garuu, wangeela bishaanii fi hafuuraatiin dubbii macaafa qulqulluu keessaa wantoota yaada keenya garas ta’e hiikkachuu ni dandeenya. Innis dubbii dhugaa, wangeela bishaanii fi hafuuraa, dhiifama cubbuu, isa namni itti amanee qajeelummaa ittiin argatu/ttu dha.

Pheexiros akkuma isaa utuu Yesuusiin hin quunnamin qabaa turetti warra kaanii wajjin qurxummii qabuu dhaqe. Yesuus isaan dura bu’ee

achi keessaa isaan baase. Yesuus ciree isaaniif qopheessee yeroo nyaatu, dubbii Yesuus itti dubbachaa ture hubachuutti ka’e. “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef.” Amma egaa maaliif akka Yesuus miilla isaa dhiqeef ni hubate.

“Yesuus cubbuu koo hundumaa na irraa dhiqeera. Dadhabbii koo irraan kan ka’ee cubbuun hojjedhee fi gara fuula duraatti wanti ani hojjedhu hundas na irraa kaaseera.” Pheexiros amantii isa yaada isaa fi murtoo isaatti dhalate sana dhaabee amantii isaa karaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin dhiifama cubbuu argate irratti jabaatee ni dhaabbate.

Erga ciree nyaatanii booda Yesuus, “isaan kun kan isaan na jaallatan caalaatti na jaallattaa ree?” jedhe. Yeroo kanatti Pheexiros amantii isa jaalala Yesuus irraa burqu irratti hundaa’uu dhaan akkana jedhe. “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta.” Yeroo kanatti wanta Yesuus, “Amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhe” sana

Page 243: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

243 Wangeela Araara Irraa Hafaa

hubateera. Amantii isaa isa dhugaa amantii bishaan fi dhiigaa, wangeela araara cubbuu, dhugaa ba’uu ni danda’e.

Ergasii, Garbicha Waaqayyoo isa Dhugaa ta’e

Attamitti tajaajilaa Waaqayyoo isa dhugaa ta’uu dandeessa?

Araara baraabaraa inni cubbuu keetiif

buusetti amanuu dhaan

Muuxannoo kanaan booda, Pheexirosii fi baraattoonni warri kaanis, amma gaafa obbafataniitti wangeela dhugaa lallabaa turan. Phaawulos inni garajabinaan amantoota ari’achaa ture iyyuu bara rakkina mootummaa warra Roomaa keessatti iyyuu wangeela dhugaa ba’eera.

Barattoota Yesuus kudhalamaan keessaa, Yihudaan gooftaa gurguree booddee immoo ofii isaa fannise. Ergamaan Phaawulos iddoo isaa bu’e. Bakka isaa baratoonni Maatiyaasiin of keessaa filatanii turani, garuu Waaqayyo kan inni file Phaawulosiin ture kanaaf inni wangeela araara cubbuu barattoota warra kaani wajjin biyya lafaatti lallabaa ture.

Barattooni Yesuus hundi isaanii wareegamaan du’ani. Isaan du’aan yoo sodaachifaman iyyuu, sodaatanii wangeela lallabuu hin dhaabne.

Isaan akkanatti lallabaniiru ta’uu danda’a: “Yesuus Kiristoos cubbuu foon kee hundumaa cuuphaa fi dhiigaa isaatiin dhiifama argamsiiseera. Yesuus cuuphamuu isaa laga Yordaanosiin cubbuu kee hunda si irraa fuudhee, fannoo irratti gatii isaa firdii du’aa fudhateera. Wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amani ni fayyitaa.”

Wangeela isa jalqabaa dhagaa’anii itti amanuun dhuguma nama ni fayyisa. Inni humna amantii wangeela cuuphaa fi dhiigaa Yesuus fi hafuuricha.

Barattoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraa,

Page 244: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

244 Wangeela Araara Irraa Hafaa

“Yesuus Waaqayyoo fi Fayyisaa dha” jechaa lallaban. Wangeela bishaan fi hafuuraaf dhugaa ba’uu qabu waan ta’eef, anis har’a kana dhaga’uu danda’ee cubbuutti fayyeera. Sababa jalalli Waaqayyo dhuma hin qabneef, Yesuus isa kana waan raawwateef nuyi immoo duuka buutuu isaa ta’uu dandeenye.

Kana ni amantaa? Yesuus waan nu jaallatuuf wangeela bishaan fi hafuuraa nuuf kenne, dhiifama cubbuu argannee qajeelota taaneerra. Wangeela dhiifama cubbuu dhugaatti lallabuudhaaf, Yesuus miilla bartoota isaa dhiqe.

Yesuus miilla bartoota isaa dhiquun isaa karaa cuuphamuu isaa cubbuu nuyi bara keenya keessatti hojjenne hunda gara isaatti fudhatee sababii isaaf fannoo irratti akka dhiige barsiisuuf. Jaalala isaa fi wangeela dhiifama cubbuu inni nuuf kenneef Yesuusiin ni galateeffanna.

Yesuus miilla bartoota isaa dhiquu isaa tiif waan lama nu barsiisa. Jalqaba isa, “Amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhe” isa jedhe sana

wangeela dhiifama cubbuu, cuuphaa fi dhiiga isaa tiin cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqe isaan barsiisuuf ture.

Barsiisi lammaffaa Yesuus gad of deebisee, cubbamoota fayyisee, qajeelota akka godhe, nuyis warri lammaffaa dhalanne, wangeela dhiifama cubbuu akka lallabuu qabnu nu hubachiisuu dha. Nuyi warri jalqaba dhufne warra lammaffaa dhufan tajaajiluun nu irraa eegama.

Sababii lammaffaan gooftaan miilla bartoota isaa guyyaa faasikaa dhiqeef immoo akka isaan qulqullaa’anii waldaa keessa jiran agarsiisuudhaaf.

Barataan barsiisaa isaa ol ta’uu hin danda’u. Kanaafuu, akkuma waan Yesuusiin tajaajilaa jirruutti wangeela biyya lafaatti lallabna. Warri jalqaba amanan warra isaan booddeetiin gara waldaa dhufan tajaajiluu qabu. Yesuus kana nu barsiisuuf jecha miilla isaani dhiqe. Akkasumas, miilla Pheexirosiin dhiquun isaa fayyisaa guutuu ta’uu isaa agarsiisee akka nuyi lammaffaa seexanaan hin dogoggorree gochuu dha.

Page 245: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

245 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Wangeela dhiifama cubbuu, wangeela bishaan fi hafuuraatti amantee fayyuu ni dandeessa. Yesuus cuuphaa, fannoo fi du’aa ka’uu isaatiin cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqe. Warra wangeela isaatti amanan qofaatu fayyina baraabaraa argata.

Wangeela Isa Cubbuu Nuyi Guyyaa-guyyaatti Hojjennu nu irraa Dhiqutti Amani

Wangeela dhiifama cubbuu labsu, wangeela

bishaanii fi hafuuraatti amanuu dhaan gowwoomsaa seexanaa of irra kutuu dandeenya. Asaasa seexanaa gurra isaaniitti kan dhaggeeffatan in gowwoofamu. Namni biyya lafaa hundi cubbuu dhaabuu waan hin dandeenyeef attamitti cubbuu malee jiraachuu danda’u? Namni hundinuu cubbamaa dha.

Haa ta’u malee nuyi deebii isaa beekna. “Akka Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhate utuu beekinuu attamitti cubbamaa

immoo taana? Yesuus gatii cubbuu keenya hunda nuuf baaseera, kanaafuu kan nuuf hafee maaltu jira?”

Wangeela bishaan fi dhiigaatti hin amannu yoo taane, dubbiin seexanaa dhugaa fakkaata. Garuu gama keenyaan wangeela of keessa qabna yoo taane, dubbii dhugaa Waaqayyo irraa amantii hinsochoone ni qabaanna.

Wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi dhiigaatti amanuu qabna. Amantiin dhugaa wangeela cuuphaa, dhiiga fannnoo isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuu dha.

Fakkii godoo qulqullaa’aa agartee beektaa? Inni dunkaana xiqqoo dha. Dunkaanichii kutaa lamatti hirama, inni bakke eirraan jiru iddoo qulqullaa’aa, inni keessaan jiru immoo iddoo baayyee qulqullaa’aa, iddoo teessoon araaraa, taa’uu dha.

Bakkeen dunkaana sanaa waliigalatti utubdoota 60 yeroo qabaatu, iddoon baayyee qulqullaa’aa immoo gabatee 48 qaba. Sagalee Waaqayyoo sirriitti beekuudhaaf fakkii dunkaana sanaa sammuu keessaa qabachuun keenya barbaachisaa dha.

Page 246: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

246 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Balballi oobdii dunkaana Qalqullaa’aa sun maali irraa hojjetamaa ture?

Balballi oobdii dunkaana Qalqullaa’aa sun maali irraa hojjetamaa ture?

Balballi oobdii golgaa bifa waaqaa, dhiilgee,

Bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa irraa hojjetama.

Balballi oobdii dunkaana qalqullaa’aa Seera

Ba’uu 27:16 irratti akkanatti ibsamee jira, “Karra oobdichatti dheerinni isaa dhundhuma digdama kan ta’uu golgaa uffata quncee talbaa fo’amaadhaan dha’amee, namni ogeessi immoo fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa qabuun irratti hodhe tolchi. Utuubdoonni isaa afur, miiloon isaas afur haa ta’an.” Wantoonnii dunkaanni kun irraa hojjetamu, fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa dha. Isaan kun haalluu adaaddaa tiin

sirriitti fo’amuu qabu. Museen akka namni yeroo keessa seenu hin

rakkannetti balbalichi, fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa, sirriitti akka hojjetamu abboomeera. Balbalichi fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaan fi uffata quncee talbaa kun utubdoota afuri irratti sirriitti hidhamani hojjetamu.

Wantoonni arfan kun akeeka Waaqayyoo warra tokkicha ilma isaatti amanan karaa cuuphaa, dhiiga Yesuusii fi inni Waaqayyoon ta’uu isaatti warra amanan fayyisuu dha.

Tokkoon-tokkoon meeshaaleen godoo qulqullaa’aa (dunkaanaa) kun irraa hojjetaman hiikkaa addaa fi sagalee Waaqayyoo fi akeeka inni karaa Yesuus ilmaan namaa ittiin fayyisu agarsiisa.

Mee amma, balballi oobdii dunkaana qalqullaa’aa waan meeqa irraa hojjetamu turan? Meeshaalee gosa addaaddaa afur; bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa irraa ti. Wangeela lammaffaa dhalachuu keessatti, isaan kun amantii keenya nuuf jabeessuuf warra baayyee

Page 247: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

247 Wangeela Araara Irraa Hafaa

barbaachisanii dha. Utuu baayyee hin barbaachisan ta’e, silaa akka kana gad fageenyaan hin galmaa’an turan.

Meeshaaleen balbala oobdii dunkaana qalqullaa’aa irraa hojjetaman hundi, wantoota fayyina keenyaaf barbaachisoo ta’an agarsiisu. Waaqayyo kanaaf Museetti mul’isee akka inni sirriitti ittiin hojjetuufis cimsee itti dubbate.

Bifti Waaqaa, Dhiilgee, Bildiimaa fi Fo’aan quncee talbaa Wangeela Waaqayyoo keessatti hiikkaa maalii qabu?

Meeshaaleen Dunkaana Ijaaruuf fayyadaman maalitti fakkeeffamu ?

Fayyina karaa cuuphaa fi

Dhiiga Yesuus

Golgaan iddoo qulqullaa’aa fi iddoo baayyee qulqullaa’aa gargar qoodu boffee quncee talbaa gaarii bifa waaqaa dhiilgee, bildiimaa irraa kan hojjetamee dha. Uffannaan angafa lubaa iddoo qulqulluu qulqullotaa keessa galee waggaatti si’a tokko aarsaa dhi’eessuuf galus isuma kan golgaa sanaa irraa hojjetama.

Fo’aan bifa waaqaa sun cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa. Pheexiros 3:21, “Cuuphaan fakkeenya isa isin amma ittiin ooltanii dha” jedha. Pheexiros, Yesuus cuuphaa isaa tiin cubuu biyya lafaa hunda irraa kaasuun isaa fakkeenya araara fayyinaa akka ta’e luqisii gabaabaa kanaan mirkaneesseera. Cubuun keenya hundi karaa cuuphaa isatti darbeera. Kanaafuu, fo’aan bifa waaqaa, cuuphamuun Yesuus, fayyina keenyaaf dubbii bayyee barbaachisaa dha.

Fo’aan bifa bildiimaa fakkeenya dhiiga Yesuusiin agarsiisa, fo’aan bifa dhiilgee immoo Waaqummaa isaa—Yesuus mootii fi Waaqayyo ta’uu isaa agarsiisa. Fo’aan bifa sadanii kun amantii nuyi Yesuus irraa qabnuu fi fayyisuu isaa hubachuuf

Page 248: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

248 Wangeela Araara Irraa Hafaa

baayyee barbaachisoo dha. Uffannaa miidhagaan angafi lubaa uffatu ‘efod’

kan jedhamu, sun bifa waaqaa tiin hojjetama. Angafi lubaa sun marata mata, isa boca warqee qulqulluu tiin qirixame sun, ‘QULQULLINNI WAAQAYYOOF’ kan jedhu agarsiisa. Aguuggiin fo’aa bifaa waaqaa tiin marata mataatti maxxanfama.

Fo’aan Bifa Waaqa Dhugaa inni Bakka Bu’uu

Fo’aan Bifa Waaqa fakkeenya maalii agarsiisa?

Cuuphamuu Yesuusiin

Hiikkaa fo’aa bifa waaqa kana macaafa

qulqulluu keessa barbaadeera. Waa’ee bifa waaqaa macaafni qulqulluun maal jedha? Fo’aa bifa waaqaa,

bifa Waaqaa, Dhiilgee, Bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa keessatti hubachuu qabna.

Bifti waaqaa ‘bishaanicha,’ innis, cuuphamuu Yesuusiin bakka bu’a. Yesuus Kiristoos cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhachuuf jedhee Yohannis cuuphaan cuuphame (Maatewos 3:15).

Cuuphamuu isaatiin utuu Yesuus cubbuu keenya nu irraa hin kaafne ta’ee, Waaqayyoon duratti hin qulqulloofnu turre. Kanaaf, Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuutu irra ture.

Sababa balballi oobdii dunkaana Qulqullaa’aa bfta waaqaa ta’eef, cuuphamuu Yesuusiin ala qulqullaa’uu waan hin dandeenyeef.

Fo’aan bifa bildiimaa du’a dhiiga Yesuusiin agarsiisa. Bifni dhiilgee, Sadarkaa Waaqaummaa Yesuusiin, “Warra mootota ta’ani irratti inni mootii ta’e, warra gooftota taa’an irratti gooftaa” akka ta’e agarsiisa (1 Xiimotewos 6:15).

Dhugaan fo’aan bifa bildiimaa fakkeenya

Page 249: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

249 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Yesuus biyya lafaatiif du’ee fannoo irratti dhiigee agarsiisa. Yesuus fooniin dhufuun isaa cuuphaadhaan cubbuu ilmaan namaa hunda gara ofiisaatiittti fudhatee, gatii cubbuu tiif fannoo irratti ofii isaa aarsaa godhee dhi’eesseera. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus dhuga awangeela dhiifama cubbuu isaa karaa fo’aa garaagaraa dunkaana qulqullaa’aa bara Kakuu Moofaa agarsiisa.

Utubaan isaa muka laaftoo irraa soofamee kan hojjetame, miiloon isaa sibiila boorrajjii irraa hojjetamee warqeen irra kan dibamee dha.

Namni hundinuu cubbuu isaatiif firdiin itti muramuu qaba sababiinsaa gatiin cubbuu du’a waan ta’eef. Bara Kakuu Moofaa keessatti, namni tokko eebba jireenya haaraa utuu Waaqayyo biraa hin argatin dura, aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessuu qaba/di.

Haa ta’uu iyyuu malee, cuuphamuun Yesuus inni dunkaana qulqullaa’aa irraa fo’aa bifa waaqaan bakka bu’e sun cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera. Yesuus cubbuu keenya hunda gara ofii

isaatiitti ol fudhatee, warra wangeela dhiifama cubbuutti amanan hunda fayyisseera. Inni mootii moototaa fi qulqulluu Waaqayyoo dha.

Jaalatamoo kiristaanotaa, cuuphamuun Yesuus fayyisuu isaa, isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee dha. Yesuus, Waaqani dhugaa, foon uffatee (fo’aa dhiilgee); cuuphaa isaa (fo’aa bifa waaqaa) cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhate; fannifamee iddoo keenya firdii ni baate (fo’aa bildiima). Egaa cuuphamuun Yesuus shakkii tokko malee akka inni fayyisaa biyya lafaa ta’e nu barsiisa.

Halluu addaaddaa balballi dunkaana qulqullaa’aa irraa hojjetamanis ilaaluu dandeenya.

Uccuu balbalaa fo’a bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa tiin hodhuun, fayyisuu Waaqayyoo agarsiisu. Cubbuu nuyi hojjenne utuu gargar hin baasin hunda isaattii nu fayyiseera. Fayyina araara cubbuuf isaan kun bayyee barbaachisoo dha.

Wantoota balbala dunkaana qulqullaa’aa irraa hojjetaman irraa yeroo ilaallu, Yesuus Kiristoos

Page 250: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

250 Wangeela Araara Irraa Hafaa

kaayyoodhaan ala akka nu hin fayyifne ilaalla. Inni, eeggannaadhaan Waaqayyoof akeeka gad fageenyaan abboomamee, ni cuuphame, ni fannifame, du’aa ka’ee fayyina ilmaan namaa raawwatee guutuu godhe. Halluu bifta waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa, meeshaalee fayyisuu wangeelaa kanaan, Yesuus warra isatti amanan ni fayyisa.

Harkeen Dhagaa Boorrajjii Kakuu Moofaa Gaaddidduu Cuuphaa Kakuu Haaraa ti

Luboonni iddoo qulqullaa’aa utuu hin dhaqin dura maaliif harkaa fi miilla

isaanii dhiqachuu qabu?

Sababiinsaa cubbuu tokko malee Waaqyyoon dura dhaabachuudhaaf.

Harkeen dhiqannaa sun dhagaa boorrajjii irraa hojjetama. Dhagaan boorrajjii sun firdii gooftaan nuuf jedhee fudhate agarsiisa. Dhiqannaan bishaanii sun immoo dubbii wangeelaa isa cubbuun keenya ittiin nu irraa ka’e agarsiisa.

Kun egaa cubbuuttiii qullaa’uun akka raawwatame agarsiisa. Cubbuun ilmaan namaa hundi amantii dubbii cuuphamuu Yesuusiin ni qullaa’a.

Aarsaan gubamuuf dhi’aatu firdii agarsiisa. Bishaanni Yesuus, inni bifa waaqaa, wangeela araara cubbuu, jecha biraatiin, Yesuus Yohannisiin cuuphamuu agarsiisa (Maatewos 3:15, 1 Yohannis 5:5-10). Kun dubbii dhuga ba’umsa fayyisuu wangeela araaraati.

1Yohannis 5, keessatti akkanatti barreeffamee jira, “Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantii keenya. Dhuga baatuu sadiitu lafa irra jira: Isaanis, Hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Inni namni ilma Waaqayyootti amanu dhuga ba’umsa Hafuuricha, bishaanichaa fi dhiigicha akka of keessaa qabu nutti dubbata.

Page 251: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

251 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Waaqayyo amantii wangeela araaraatiin qulqulloofne dunkaana qulqullaa’aa sanatti akka nuyi gallu barbaada. Amma egaa amantii dhaan dubbii Waaqayyootti jiraannee, isaan eebbifamnee, jireenya qajeelaa jiraachuu ni dandeenya. Saba Waaqayyoo ta’uu jechuun amantii wangeela araaraatiin fayyanii dunkaana qulqullaa’aatti galuu dha.

Bara ammaa kanatti namoonni baayyeen utuu waa’ee fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa balbala dunkaana qulqullaa’aa sana hin beekin iyyuu amanuun ga’aa dha ni jedhu. Garuu wantoota kana utuu hin beekin namni Yesuusitti amanu amantiin isaa/she dhugaa ta’uu hin danda’uu sababiin isaa cubbuun laphee isaa/shee keessatti waan hafuuf. Namni akkanaa laphee isaa/shee keessatti cubbuun ni hafa sababiin dubbii dhugaa lammaffaa dhalachuu isa wangeela araaraa karaa cuuphaa, dhiigaa fi Hafuuratti waan hin amanneef.

Namni tokko nama kan biraa inni hin beekne akka inni madaaluuf yoo gaafatame, nama isa dhaggeeffatu kana gammachiisuu dhaaf, akkana ni

jedha/tti, “Eeyyee, nama kanatti nan amana. Garuu isa hin quunnamne, haa ta’uu iyyuu malee; itti nan amana.” Inni dhaggeeffatu sun kanatti ni gammada jettee ni yaaddaa? Akka yaada namaatti atis waan akkana ni goota ta’a, garuu Waaqayyo amantii akkanaatiin akka isa quunnamnu nu irraa hin barbaadu.

Waaqayyo akka nuyi wangeela dhiifama cubbuu, fayyisuu Yesuus, fo’aa bifa waaqa (cuuphaa isaa), fo’aa dhiilgee (Waaqummaa isaa); fo’aa bildiima (Dhiiga isaa) tiin nu fayyise hubannee akka itti amannu nu irraa eega. Utuu isatti hin amanin dura akkaataa inni ittiin cubbuuttii nu fayyisu beekuu qabna.

Yeroo Yesuusitti amannu, akkaataa inni karaa bishaanii, (cuuphaa isaa), dhiiga isaa (du’a isaa) fi Hafuurichaa (Waaqummaa isaatti) nu fayyisetti amanuu qabna.

Dhugaatti yeroo hubannu, muuxannoo amantii dhugaa ni qabaanna. Dhugaa kana utuu hin beekin amantiin keenya guutuu hin ta’u. Amantiin dhugaa

Page 252: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

252 Wangeela Araara Irraa Hafaa

dhuga ba’umsa fayyisuu Yesuus irratti hundaa’a, wangeela araaraa fi Yesuus fayyisaa dhugaa ilmaan namaa akka ta’ee amanuu dha.

Amantiin Yesuusitti qoosu maal fakkaata? Mee haa ilaallu.

Amantii Yesuusitti Qoosu

Amantiin baayyee barbaachisu maal inni?

Beekumsa sirrii waa’ee

Cuuphamuu Yesuus Hubannoo malee Yesuusitti amanuun isatti

qoosuu akka ta’e hubachuu qabda. Yoo, “Amanuun cimaa dha, Garuu inni Waaqayyoo dha, ilma Waaqayyoottis, waanuma fedheefuu itti amanuun qaba” jettee ni yaadda ta’e, Yesuusitti qoosaa jirta jechuu dha. Dhugaatti lammaffaa dhalachuu yoo

feete, cuuphamuu, dhiigaa fi wangeela araara cubbuutti amanuu qabda.

Wangeela araara cubbuu tiin ala Yesuusitti amanuun isa itti hin amanne caalaatti rakkisaa dha. Waa’ee dhiiga isaa qofa lallabuun utuu dhugaa hunda hin beekin akkasumaan hojjechuu dha.

Yesuus namni tokko illee naannoo lallaba kaayyoo hin qabnee akkasumaan akka jooru hin barbaadu, yookaan yaada amansiisaa utuu hin argatin akka namni itti amanuu hin barbaadu. Inni wangeela araara cubbuu hubannee akka isatti amannuu barbaada.

Yeroo Yesuusitti amannu, wangeelli araara cubbuu, cuuphaa fi dhiiga Yesuus akka ta’e beekuu tu nu irra jira. Yeroo Yesuusitti amannu, wangeelli araara cubbuu karaa sagalee isaatii akka inni cubbuu keenya nu irraa dhiqe amanuu qabna.

Akkasumas waa’ee balbala dunkaana qulqullaa’aa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa maaliif akka ta’ee beekuu qabna. Yoo akkas ta’e, amantii dhugaa qabaannee barabaraan jiraanna.

Page 253: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

253 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Hubannoo amantii waa’ee fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa Yesuus irraa osoo hin qabaatiin lammaffaa dhalachuu hin dandeenyu

Iddoo qulqulluutti utuu hin seenin duraa luboonni maal godhu?

Harkaa fi miilla isaanii harkee

sibiila boorajjitti dhiqatu. Gooftaan keenya Yesuus nu fayyiseera. Wantii

nuyi goonu isa Waaqayyo gutuumaan guutuutti nu fayyiseef isa galateeffachuu dha. Dunkaana qulqullaa’a sana ilaaluu qabna. Inni sagalee araaraa karaa bifa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa dunkaana qulqullaa’aa tiin nu fayyise. Kanaaf Waaqayyoon ulfeessuu qabna.

Cubbamoonni iddoo qulqulluutti osoo hin taane iddoo firdii ulfaataatti galu. Iddoo firdiitti malee

attamittiin cubbamoonni iddoo qulqulluutti galu? Kun takkaa hin dandaa’amu. Namoonni akkanaa iddoo dhorkamaatti ni galu yoo ta’e, asittis achittis ni du’u. Firdii ulfaataa dha. Cubbamoonni iddoo qulqullaa’aatti galanii jiraachuu hin dandaa’an.

Waaqayyo dhoksaa balbala dunkaana qalqullaa’aa keessaan nu fayyiseera. Fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa fi fo’aa bifa quncee talbaa tiin, inni nu fayyiseera. Inni dhooksa kanaan waa’ee fayyina nutti dubbateera.

Nuyi karaa kanaan fayyineeraa? Yoo dhoksaa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa hin amannu taane, wangeela araaraa argannee ittiin fayyuu hin dandeenyu. Halluun waaqaa Waaqayyoon bakka hin bu’u; inni cuuphaa Yesuusiin malee kan biraa bakka hin bu’u. Kan cubbuu keenya nu irraa fuudhe cuuphamuu Yesuus.

Akkuma aarsaa dhiifama cubbuu, fo’aa bifa waaqaa kanaan malee ol galuu ni danda’u. Haa ta’uu iyyuu malee, iddoo qulqulluu bakka Waaqayyo taa’uutti seenuu hin dandaa’an.

Page 254: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

254 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Kanaafuu, utuu dunkaana qulqullaa’aa tti ol hin galin dura, fo’aa bifa waaqaa (cuuphaa isaa), fo’aa dhiilgee (Waaqummaa isaa fi ilma Waaqayummaa isaa); fo’aa bildiimaa (Dhiiga fannoo isaa) tiin akka nu fayyise amanuu qabna. Egaa yeroo amannu, Waaqayyoon duratti fudhatama argannee golgaa iddoo qulqulluu qulqulootaa tti galla.

Tokkotokko oobdii bakkee dunkaanaatti galanii akka waan isa keessatti galaniitti lakkaa’atu. Garuu kun fayyina miti. Fayyuu dhaaf ammam deemuu qabna? Iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuu qabna.

Iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuu dhaaf, sibiila boorrajjii irratti dhiqachuu qabna. Sibiilli boorrajjii sun cuuphaa Yesuusiin bakka bu’ee akka namni iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuuf qopheessa.

Bara Kakuu Moofaa keessatti luboonni utuu hin seenin dura dhiqachuu qabu, Kakuu Haaraa keessatti immoo Yesuus miilla bartoota isaa dhiqee, kun immoo bara isaani guututti cubbuu isaanii irraa miiccuu isaa agarsiisa.

Seerri Waaqayyoo, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu d’aj kennaan Waaqayyoo inni kristoos yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” (Roomaa 6:23). Waaqayyo cubbuu tokko utuu gargar hin baasin firdii itti kenna, garuu Waaqayyo firdii cubbuu kana Yesuusitti dabarsee iddoo keenya firdii itti kenne. Kun fayyisuu, jaalala Waaqayyoo ti. Fayyina argachuun kan dandaa’amu, yeroo wangeela araaraa isa cuuphaa, dhiigaa, du’a isaa fi du’aa ka’uu isaatti amannu qofaa dha.

Page 255: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

255 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Lammaffaa dhalachuudhaaf eenyu iyyuu dhugaa Macaafa Qulqulluu, Wangeela Araara cubbuu Tuffachuu hin qabu

Akka nuyi goonuuf Wanti Nuuf kaa’ame maali?

Dubbii Waaqayyoo isa

Barreeffameetti amanuu dha.

Ani namoota warra kaan hin tuffadhu. Namni

tokko yeroo wanta ani hin beekne tokko haasa’u, ani gara laafinaan akka namni sun naa ibsuuf nan gaafadha. Garuu waa’ee akkaataa dunkaanaa yeroon gaafadhu namni naa deebisu hin argadhu.

Egaa maal gochuun danda’a? Gara maacaafaatti deebi’uun qaba. Macaafa Qulqulluu keessatti, waa’ee dunkaanaa eessatti barreeffamee jira? Bal’inaan seera ba’uu keessatti argama. Namni tokko macaafa kana

sirriitti yoo dubbisee, waa’ee kanaaf sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jiru ni hubata.

Jaallatamoo obboloota koo amantii ofirraabaasaan fayyuu hin dandeenyu. Ofiirraabaasa Waldaa ordofuudhaan fayyuu hin dandeenyu. Yesuus Niqoodemositti waan inni dubbatee dhageenyeerra. “Dhuguma dhuguman sitti hima eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaa baate, mootummaa Waaqayyotti galuu hin danda’u…. Ati barsiisaa Israa’el kan taate, kana hin beektuu?” (Yohannis 3:5, 10)

Namni Yesuustti amanu hundinuu, fo’aa bifa waaqaa (Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbe), fo’aa bildiimaa (cubbuu keenyaaf du’uu Yesuus) fo’aa dhiilgee (Waaqummaa, ilmaa Waaqayummaa isaa fi Yesuus fayyisaa ta’uu isaa) amanuu qaba.

Yesuus Kiristoos fayyisaa cubbamoota biyya lafaa akka ta’e amanuu qabna. Amantii kana malee, lammaffaa dhalachuus iddoo qulqullaa’aa mootummaa Waaqayyottis galuu hin dandeenyu.

Page 256: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

256 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Biyya lafaa kana keessatti isaan malee namni amanamummaatti jiraachuu danda’u hin jiru.

Namni tokko Yesuusitti amanuudhaan lammaffaa dhalachuun hin salphatuu? —Eeyyee.— “♫Ati fayyiteetta. Anis fayyeera. Nuyi hundi keenya fayyineera.♫” Attam gaarii dha! Garuu namoonni bayyeen ‘lammaffaa dhalachuu’ ala akkasumattiin Yesuusitti kan amanan jiru.

Dhugaa macaafa qulqulluu beeknee Yesuus irraa amantii qabaachuu qabna. Wangeela araaraa macaafa qulqulluu keessaa hubannee iddoo qulqullaa’aa dunkaanaa keessa galuuf hiikkaa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaatti amanuu qabna. Amantii keessa dunkaanaatiin, yeroo Yesuus lammaffaa deebi’ee dhufutti, mootummaa isaatti gallee ni gammanna. Akkaataa sirrii ta’een Yesuusitti amanuu qabna.

Wangeelli Jalqabaa Fo’aa Bifaa Waaqatiin Qulqullina ni Uumaa

Fayyuu dhaaf Fannoo Yesuus biratti wanti baayyee

barbaachisu maali?

Cuuphaa Yesuus Namoonni dogoggora tokko malee akka waan

jiraatanitti of lakkaa’u. Haa ta’uu iyyuu malee, ammuma waan gaarii gochuuf yaalan ammuma kana hirrina isaanii argu. Namni hir’uu dha, cubbuu hojjechuu dhiisuu hin dandaa’an. Garuu, Yesuus karaa fo’aa bifa waaqaa, bildiimaa fi dhiilgee tiin wangeela araaraatiin, nu qulqulleessee iddoo qulqulluu Waaqayyootti nu galcha.

Utuu Waaqayyo karaa fo’aa bifa waaqaa, bildiimaa fi dhiilgee tiin nu hin fayyifne ta’ee, dandeettii keenyaan, iddoo qulqulluu Waaqayyootti

Page 257: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

257 Wangeela Araara Irraa Hafaa

galuu hin dandeenyu turre. Sababiin kanaa maali? Utuu namoonni humna isaaniitiin waan gaarii hojjetanii iddoo qulqulluutti ni galu ta’ee, silaa namni kanaaf ta’uu tokko illee hin argamu ture. Utuu wangeela dhugaa hin dhaga’in Yesuusitti amanu, cubbuu malee waan biraa dabalachuu hin danda’u.

Waaqayyoo akeeka cimaadhaan nu fayyise: fayyina fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaatti fi fo’aa quncee talbaa. Inni cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseera. Kanatti ni amantaa? —Eeyyee.— Dhugaa wangeela araaraa fi dhuga ba’umsa laphee kee keessaa qabdaa? —Eeyyee.—

Yeroo dhuga ba’umsa wangeelaa qabaattu qofa gabatee warqee, ‘QULQULLINA WAAQAYYOOF’ kan jedhu adda kee irraa qabaattee ‘luba mootichaa’ tti dabalamata (1 Pheexiros 2:9). Yeroo kana qofa ani garbicha Waaqayyoo ti jettee, akka luba mootichaatti dubbachuu dandeessa.

Marati mataa angafa lubaa baataa warqee ni qabaata, gabateen sunis funyoo dibata warqeetiin walitti ni hidhama. Maaliif haalluu waaqaa ta’e?

Sababiinsaa Yesuus wangeela araaraatiin nu fayyisee cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee cuuphaa isaa tiin warra cubbuu hin qabne nu godhe. Cuuphaan bara Kakuu Haaraa keessaa harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa wajjin walqixxee dha.

Akka fedhe iyyuu damaqnee isatti yoo amanne gabatee warqee isa ‘QULQULLINA WAAQAYYOOF’ jedhu qabaachuu hin dandeenyu yoo dhoksaa dubbii fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa sana yoo hubanne malee.

Attamitti qajeelota taane? Maatewos 3:15 dubbiin, “Waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf in ta’a” kan barreeffame jira. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hundaattii nu fayyise. Cuuphaa isaatiin, cubbuu keenya hunda nu irraa waan kaaseef nuyi amantoonni qajeelota taane.

Utuu cuuphamuun Yesuus hin taane ta’ee attamitti ani cubbuu hin qabu jetta? Akka fedhe Yesuusitti amannuudhaan waa’ee fannoo isaa yaadnee akka fedhe yoo sagalee keenya guddifnee

Page 258: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

258 Wangeela Araara Irraa Hafaa

akka fedhe yoo kadhanne iyyuu, cubbuun keenya nu irra hin dhiqamu. Lakki. Akka fedhe yoo qalbii diddiirrannee, kadhannes, cubbuun keenya mataa keenya irratti hafa.

‘QULQULLINA WAAQAYYOOF.’ Cuuphaa fi dhangala’uu dhiiga isaatiin cubbuun keenya akka inni gara Yesuusitti darbuuf Waaqayyo waan hayyamee fi sagaleen fayyinaa macaafa qulqulluu keessatti waan galmaa’ee jiruuf, attam cubbamaa fi dadhaboota yoo taane iyyuu, amantiidhaan qajeelota taanee jirra.

Kanaafuu, amma Waaqayyo dura dhaabbachuu dandeenya. Egaa akka qajeelummaatti jiraannee wangeela biyya lafaatti lallabuun nu irraa eegama. “♪Ani fayyeera. Atis fayyiteetta. Nuyi hundi keenya fayyineerra.♪” Akka akeeka araara Waaqayyootti fayyineerra.

Wangeelli araaraa laphee kee keessa yoo jiraate malee, akka fedhe yoo yaalte iyyuu fayyina argachuu hin dandeessu. Faarfannaa beekamaa biyya Kooriyaa waa’ee jaalala deebii hin qabne jedhu wajjin

walfakkaata. “♫Ohoo, lapheen koo utuu itti hin yaadin bakkuma argutti bayyee ariitiidhaan na rukute. Ani jaalala deebii hin qabne keessan jira.♫” Lapheen koo ariitiidhaan na rukuta, garuu kan ishee miti. Jaalalli koo deebii hin qabu. Haaluma kanaan kiristaanonni baayyeen Waaqayyoof jaalala hin deebine qabu.

Namoonni akka waan fayyinni karaa garaagaraa saba garaagaraaf waan dhufu ni fakkeessu. “Karaa wangeela cuuphaa qofa attamitti ta’a?” jedhanii gaaffii ni kaasu. Garuu amantii cuuphaa Yesuusiin ala fayyina guutuu argachuun hin dandaa’amu. Karaa nuyi ittiin qajeelaa taanu karaa sana qofa, sababiinsaa, karaa sana qofa cubbuu keenya hundaattii qullaa’uu dandeenya.

Page 259: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

259 Wangeela Araara Irraa Hafaa

Fayyinni fo’aa bifa waaqaa Yesuus nuuf kenne maalii?

Maaltu qajeelaa nu godha?

Wangeela fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa

Fayyinni kara wangeela fo’aa bifa waaqaa,

dhiilgee fi bildiimaa waan Waaqayyoo biyya lafaatiif kennee dha. Kennaan kun akka nuyi dunkaana qulqullaa’aa tti gallee nagaa argannuuf nu gargaara. Inni qajeelota nu godhee akka nuyi waldaa keessa jiraannuu fi karaa waldaas leenjii macaafa qulqulluu akka argannuuf nu gargaara.

Kadhannaaf yeroo Waaqayyoon duratti dhi’aannu, wangeelli jaalala isaatiin nu eebbisa. Kanaaf fayyinni keenya fayyina gati jabeessa ta’e. Yesuus mana amantii ‘dhagaa’ irratti akka ijaarrannuf nutti dubbate. Dhagaan kun wangeela

cuuphamuu isaati. Kanaaf hundi keenya fayyinee, fayyinattis jiraannee, gara waaqaa dhaqne, barabaraan ijoollee Waaqayyoo ta’uu dhaan ni jiraanna.

Jaallatamoo firoota koo, sababii wangeela araaraaf, iddoo qulqullaa’aa dunkaanaatti amantii dhaan galla. Sababa cubbuun keenya karaa (cuuphamuu Yesuus) fi fannoo isaattiin nu irraa ka’eef, amantii wangeela cuuphamuu Yesuusiin ni fayyina.

Araarri irraa hafaa cubbuu keenyaa, cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqeera. Kana ni amantaa? Wangeelli dhugaa wangeela araaraa waaqa irraa isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee dha.

Wangeela araara baraabaraatti amanuudhaan lammaffaa dhalanneerra. Yesuus Wangeela araara baraabaraa isa cubbuu keenya hunda, isa gara fuula duraa iyyuu nu irraa kaase nuuf kenneera. Waaqayyoof galanni haa ta’u. Haaleluyaa!

Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa (wangeela

Page 260: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

260 Wangeela Araara Irraa Hafaa

bishaanii fi dhiigaa) wangeela dhugaa isa raawwatamee fi isa Yesuus Kiristoos lallabee dha. Kitaabni kun dhoksaa wangeela Yesuus, wangeela bishaanii fi Hafuuraa mul’isuu dhaaf barreeffame.

Namoonni baayyeen utuu dhugaa hunda hin beekin Yesuusitti waan amananiif, nuyi warra makararsitootaa (fundamentalist) ykn warra ti’ooloojii kirsitaana addunyaa jabeessan (isa falaasumma bamoota hafuura jedhamu) ti jedhanii of ni jaju; gabaa bumatti, isaan jireenya shakkii fi faajja’uu keessa jiru. walaalchistoota. Kanaafuu, gara wangeela dhugaatti deebinee amanuu qabna. Amma iyyuu booddeetti hin hafne.

Waa’ee wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraa irratti warra gaaffii qabaniif kitaaba isa lammaffaa keessatti gad fageenyaan nan ibsa.

Page 261: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Dabalata 1

Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Page 262: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

262 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Cubbuu kootiif gidirfamaan ture

Obboleessa Jaa’e-doong Paark, Kooriyaa “Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duratti

waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi’” (Maatewos 3:15).

Namni sii’oliif yaadame fayyeera. Waaqayyoof ulfinni haa ta’u!

“Warra nama daawwessanii fi warra qoricha namatti godhanii wajjin dhaabadhu” (Isaayaas 47:12). Ani kana dhuguma godheera.

Kan ani dhaladhe, maatii makaraarsaa (conservative) keessatti yeroo ta’u, haatii koo amantii warra Buddiyaa (Buddhist) tiif amanamtuu turte. Akkuman guddachaa deemeen, mooraa warra

Buddhist keessati hirmaadhe, macaafa isaanii qorachaa, mana qulqullummaa isaanis dhaqaan ture. Amanti Buddhist (Buddiyaa) dubartoonni baayyinaan duukaa bu’an kana tuffadheen kan biraa kan ani of kennuuf nan barbaade. Garuu ba’aa cubbuu akka ani qabu baayyee natti waan dhagaa’ameef, namoota naannoo koo turan irraa galata argachuudhaaf, amala koo sirreeffachuuf yaaliin godhe.

Magaalaa Skyhook jedhamu keessatti utuun gara Kolleejjiitti deemaa jiruu, nama kiristaana ta’e tokko nan quunname. Qabxiin deebii jireenya kootii kana ture. Walittidhufeenyi nama kanaa wajjin ta’e akeeka Waaqayyoo ti. Booddana immoo, hiriyyaan dura wajjin ture tokkon nan arge, amanticha fedha guddaan kan hordofee, kan yaadni isaa boqonnaa hin arganne tokko yeroon arge, waa’ee isaaf baayyeen gadde. Waldaa keessatti, kan yaada koo dhiibu cubbuu akka inni ta’e nan hubadhe.

“Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina,

Page 263: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

263 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma” (Maarqos 7:21-22).

Rakkinni cubbuu kootii akka hin hiikamne fi sababa sammuun koo hamminaan guuteef akka ani ija gaarii godhachuu hin dandeenye nan hubadhe. Gara sii’olittan deemaa ture. Yeroo sanaa eegalee cubbuu kootiif baayyee utuun dhiphadhuu, Lubni Jaesuk Park akka na gargaaruuf nan gaafadhe. Kana kan hiikuu Yesuus qofa akka ta’e nan hubadhe, “Isa cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhe” (Yohannis 1:29) fi akka inni cubbuu koo ana irraa fuudhee firdii itti fudhates nan hunbadhe. Inni baayyee na fure, summuun koo inni rakkates waan waaqa irraa tiin ni boqote.

Booddee Luba Phaawulos Yoongiin quunnameen attamitti akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa miiccee fi akkaataa sabni Israa’el bara Kakuu Moofaa keessatti aarsaa dhi’eessan nan bare. Akkasumas attamitti akka Yesuus hafuura qulqulluudhaan ulfeeffame (Maatewos 1:20), attamitti akka abaaramee fi fannifames nan baradhe

(Galaatiyaa 3:13). “Amma ana ittisuu dhiisi, waan qajeelaa ta’e hundumaa gochuun nuuf ni ta’a jedhe” (Matthew 3:15). Yohannis cuuphaan akka luba isa dhumaatti Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabne sana cuuphuudhaan cubbuu hunda itti dabarse. Kanaaf, Yesuus gatii cubbuu keenyaa fannoo irratti nuu kaffale. Kun wangeela dhugaa isa na damaqsee qajeelaa na godheedha. Ani, kanan, yeroo tokko keessa cubbamaa turee, amma qajeelaan ta’e.

“Inni moofaan darbe; kunoo inni haaraan dhufeera” (2 Qorontos 5:17). Anaafis akkuma kana. Jireenya koo qalbii diddiirrachiiseera (H.Ergamoota 11:18); Kiristoositti cuuphameera kanaaf firdiin ana irra hin jiru (Roomaa 8:1). Amma ayyaana isaa keesaan bashannanaan jiraadha, Waaqayyo isa na fayyiseef galanni haa ta’u. Kanneen cubbuu isaani tiif aadaa jiran kan gooftaa barbaachaa jiran hundi fayyina wangeela isa keessatti haa barbaaddatan. Haaleluyaa.

Page 264: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

264 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Waaqeffannaa sobaa dhiisanii Waaqayyotti amanuu

Suung-ne’o Kiim (Obboleettii), Kooriyaa Ani waggaa 19 ffaattan heerume, abbaan manaa

koo harka qalleessa. Yeroo sanaa eegalee ani hin sooromnes, abbaan manaa koos na hin jaallanne. Ani dubartoota warra abbaa manaa isaanii jaallatan, sooromas qaban nan hinaafan ture. Maatiin abbaa manaa kootii waaqota tulluu irraatti sagadu, abbiyyuun koo immoo qaalluu dha. Abbaan manaa koo walfuunee gaafa guyyaa sadii booda miseensa rayyaa itisaa ta’e, obboleessi abbaa manaa kootii immoo waggaa 22 ffaa isaatti mataan dhukubuutti ka’e. Itti dabalees amaatiin koo immoo waggaa 50 ffaa isheetti iji ishee jaame. Yeroon kun anaaf yeroo bayyee ulfaataa ture.

Ani sababan nama hin barannee fi bifas hin qabaanneef akkasumas summuu gaarii dhabuun koo,

carraa dhuma bara jireenya kootiiti jedheen fudhachaa ture. Amaatiin koo mana yaalaa dhaquu barbaaddeetti ani garuu achiitti ishee gargaaruus ta’e qoricha bituufittis rakkachuu hin barbaanne. Ani dhukubichumaan yeroo gabaabaa keessatti ni duuti jedheen abdachaa ture.

Amma ani nama waggaa 54 ti amaatiin koo immoo waggaa lama dura duute. Jecha, biraatti nama du’e reeffa isaa wajjin awwaaluun carraa gadheedha kan jedhu tokko tureera, garuu ani yeroo sanatti kana hin hubanne waan ta’eef, boraatiishee ishee dhumaa wajjinan awwaale.

Yeroo sanaa kaasee, abjuu kootti si’a baayyee natti mul’atti, anis immoo boraatii ishee reeffa ishee wajjin kaa’uu koo tiif yeroo isheen lafa irra turte, isheetti hammaachuu kooti jedheen baayye ofii kootti gaddaan ture. Namoonni keenya maatii abbiyyuu isaaniitiif baayyee gaarii dha, garuu ani ishee jibbuu irraa of qusachuu hin dandeenye. Kanaaf ani abjuu fi yaada kootiin baayyee dhiphachaa jiraadhaan ture.

Ani mucaa dhiiraa tokkoo fi ijoollee durbaa

Page 265: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

265 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

shanan qaba ture, kanaafuu ijoollee koo irratti waan tokkotu ta’a jedheen sodaachaa ture. Abjuu koo kana yeroon olloota kootti himu, hafuurri hamaan si keessaa ba’uu qaba naan jedhan. Kanaaf ani qaallotaa fi mana sagadaa isaaniitti baayyeen deddeebi’aa ture, garuu waan na fayyade tokko iyyuu hin turre. Yaada koo keessaa ba’ee jireenya koo akkan xumuretti natti dhagaa’ama ture.

Utuun Yesuusiin argadhee hin fayyine ta’e, silaa har’a hin ga’un ture. Gaaf tokko qoricha aadaa fudhachuudhaa fi boqonnaa xinnoo fudhachuuf jedheen, mana kootii ba’een gara mana intala kootti nan fiige. Yeroo kanatti Waaqayyo karaan jireenya argadhu natti agarsiisaa ture. Isaan keessaa tokko kiristaana lammaffaa dhalatte waan taateef isheen luboota ishee naa waamsifte. Dubartoota kan biraa wajjin dhuftee naa wajiin haasa’uutti kaate.

Ani waa’ee Waaqayyoo waan tokko iyyuu hin beekun ture. Garuu yeroo isaan Yesuus akka cubbuu koo hundumaa na irraa kaase natti dubbatten, achumaan dubbii isaatti nan amane. Akka durii

altakkaa waaqota lamatti amanuun waan hin taaneef waldaa hin dhaqu jedhee intaloota kootti dubbachuu nan dhiise. Haalli jireenyaas akka kanaan duraatti akka hin ulfaannee fi kanaan booda raawwadhee akkan cubbamtuu hin jedhamnees nan hubadhe.

Haati mana lubichaa namni hundinuu cubbamaa ta’ee akka dhalatee fi garuu yoo Yesuusitti amanne cubbuun keenya akka nu irraa ka’uu fi isaan booda cubbamaa akka hin jedhamne natti dubbatte. Yeroo sanaa eegalee waldaa hordofuuttan ka’e, garuu dubbii hunda hin hubadhun ture. Garuu irraa jalaan dubbiin isaa hiikkaa naa kennuutti ka’e. Akka ani cubbamaa ta’ee dhaladhes akkan cubbuu gargaaruu hin dandeenyes hubadheera. Yaadni hamaan garaa koo keessaas Waaqayyoon duratti akka cubbuu ta’e hubadheera.

Aarsaan bara Kakuu Moofaa wanta gaggaarii dhufuu jiruuf akka gaaddidduutti nu agarsiisa. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessaa horii aarsaaf dhi’aatu irra harki kaa’amee cubbuun itti darbu, akkuma kanatti Yesuus cuuphaadhaan harki irra kaa’amee cubbuu keenya gara ofii isaatiitti

Page 266: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

266 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

fudhateera. Inni cubbuu keenya hundumaa gara ofii isaatiitti fudhatee gatii isaa fannoo irratti kaffale.

Dhuma irratti akka ani cubbuuttii bilisa ta’e, akka namni tokko natti faraduu hin dandeenyes nan hubadhe. Yeroo sanaa eegalee hirriba nagaan argadhe.

“Egaa, amma firdiin, kristoos yesuusitti qabamanii jiraatanitti`faraldamu tokko illee hin jiru” (Roomaa 8:1). Garaa koo keessatti cubbuudhaan dhiphachaan ture, amma garuu kun na irraa sokke. Alkan wareeruunis ni hafe.

Wanta natti dhagaa’ame barreessuu fi dubbisuu hin danda’u, garuu akkaataa itti Yesuus cubbuu koo ana irraa kaase, nama hundumaatti nan dubbadha. Akkuma ana fayyises abbaa manaa koo fi firoottan koo hundas akka naa fayyisuuf nan kadhadha. Egaa dhuga ba’umsi kun warra kaan akka inni fayyinatti fidu nan abdadha.

Waaqayyo isa na fayyisee nan galateeffadha, warra kaanittis wangeela lallabuu koofis baayyee gammachuun qaba. Amma sooreyyii ykn warra of bareechanii adeemanitti hin hinaafu.

Wangeela dhugaa Mooskoo irratti lallabameen

Ad Belvaa Liyissaa Mooskoo, Ruusiyaa

Amantoota biyya Kooriyaa hundumaatiif nagaa

koo dhi’eessaa, wanta jireenya koo jijjiirre isiniif hiruuf yaaliin godha.

Waggaa lama dura Mooskootti walga’ii ta’e keessatti, sagalee dinqisiisaa tokkon dhaga’e. Waggaa isaatti immoo leenjii Kooriyaatti ta’e keessatti, barsiisa dubbii Waaqayyoo baayyeen dhaga’e, keessumatti waa’ee bishaan fi hafuuratti lammaffaa dhalachuu. Wanti ani baayyee gammadee, akkaataanitti cubbuu koottii bilisa ta’u ifatti hubachuu kooti!

Ergan Yesuusitti amanee waggaa ja’a fixeera. ‘Utuun lammaffaa’ hin dhalatin dura, akka ani cubbamaa ta’e fi bara koo guutuu akka ani qalbii

Page 267: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

267 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

diddiirrachuu qabun baradhe. Ani bishaaniin cuuphameen ture garuu, lammaffaa hin dhalanne. Akkani cubbamaa ta’ee fi cubbuu laphee koo keessaa akka ani qabu nan hubadhan ture. Ani guyyaa–guyyaatti kadhannaa qalbii diddiirrannaa irra deddeebi’ee godhachaan ture. Akka Waaaqayyo naaf dhiisuuf yeroo hundumaa qalbii diiddarrannaan godhachaa ture. Yeroo hundumaa cubbuu kootiif madaa’an jiraadha. Waaqayyo gadda kana keessaatti akka na hindhiifne, yeroo dhumaatti akka na fayyisu nan abdadhaan ture.

Waaqayyo gara nama lammaffaa dhalateetti na geesse. Karaa isaa wangeela fayyinaa isa gati jabeessa biyya lafaa kanaa nan dhaga’e. Yesuus cuuphaa isaa tiin akka inni cubbuu koo hunda na irraa kaasee fannoo irratti naaf du’ee fi amma akka an cubbuu hin qabne nan hubadhe.

Kanaan booda egaa ani cubbamaa miti, garaan koos gammachuu qaba. Amma ijaan qalbii diddiirranaa kadhadhu, yeroo hundumaa aarsaa galataan Waaqayyoof dhiheessa, jireenyi koos

gammachuu guutuu qaba. Akka kanaatti amantiin akkanaa kan biraa akka hin jirre nan hubadhe. Kan ani kadhadhu akka amantiin koo caalaa cimu qofaa dha. Guyyaa hundumaa Waaqayyoof galata nan galcha, amantiin gatii jabeessa akka kanaa akka hin jirre nan bare.

Guyyaa dhumaatti mootummaa Waaqayyoo isa waaqa irraatti akka ani galu waan ani beekuuf nagaa guddaan qaba. Namoota warra kaaniif wangeela lallabuudhaan Waaqayyoof nan hojjedha. Namoota biyya lafaatiin wangeela ga’uu kootiin, gammachuu dhaabbataan qaba.

Page 268: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

268 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Amma, Kiristoositti amantii cimaan qaba

Pheexiros Kiris, Saafiloota (Teenagers) Kiristoosiif, Naayijeeriyaa

Kitaaba kana irraa, wanti ani hubadhe hubannoo

sirrii waa’ee qajeelummaa Waaqayyoo, waa’ee cuuphamuu fi fannoo Yesuusi. Fayyina keenyaaf wanta barbaachisu raawwachuuf lamaan isaanii waliiwajjin adeemu. Laga Yordaanositti bakka bu’aa ilmaan namaa kan ta’e Yohannisiin cuuphamuun (bishaan), Yesuus (bifa harka irra kaa’uu) dhaan cubbuu keenya hunda nu irraa fuudhee, gatii isaaf fannoo irratti firdii baate. Kanaafuu, yoon cuuphaa isaa fudhachuu dhaa baadhe, fayyinni koo guutuu hin ta’u, mo’ichi fannoo Kiristoos cuuphamuu isaa wajjin deema.

Yoon Kiristoosiin fudhadhe iyyuu, ani amma iyyuu cubbuu nan hojjedha, Kiristoosiif ani cubbamaa miti, sababiin isaa inni cubbuu utuu

hinbeekin anaaf jedhee cubbamaa ta’ee qajeelaa waan ana godhateef. Kitaaba kee irraa, karaa hubannoo cuuphaa fi fannoo (Bishaanii fi Dhiigaa) tii isa cubbuu koo isa kanaan duraa, isa ammaa fi isa gara fuula duraa ana irraa kaaseen fayyina kootiif amantii cimaan argadheera. Waaqayyo cubbuu koo hunda ana irraa miiccee karaa Kiristoosiin firdii itti kenneera.

Akka Kiristaana lammaffaa dhalateetti, wanta cubbuutti na geessuu hundumaa irraa of nan eeggadha. Akka Kiristoos cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee hubachuu qabna, garuu cubbuutti hin gammannu yoo gammannee garuu ayyaana fayyisuu Kiristoositti qoosaa jirra jechaa dha.

Page 269: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

269 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Yesuus cubbuu koo ofii isaa irratti fudhate

Luba Ximotewos Katoolaa, Keeniyaa Dhugaa wangeelaa akka ta’utti ibsuudhaan,

“Dhuguma Bishaanii fi Hafuurattii Lammaffaa Dhalatteettaa?” kan jedhu kana warra dubbisuu fedhaniif kan dhi’eesse Luba Phaawulos C. Yoong Waaqayyo haa eebbisu. Ergan kitaabicha dubbisee gara turban yaraa booda, ergaan fayyinaa du’aa fi du’aa ka’uu Yesuus keessaa baayyee naaf ifeera. Yesuus laga Yordaanositti Yohannis cuuphaan cuuphamuun isaa tiin cubbuu nama hundumaa gara ofii isaatiitti dabarsuudhaan warra isatti amanan hunda ba’aa cubbuutti bilisa baasuu isaa dhugaadhaan mul’iseera.

Yohannis cuuphaan fakkeenya angafa lubaa Aaron isa bara Kakuu Moofaa, isaa saba Israa’eliif aarsaa dhiheessuu dha. Aaron saba Israa’eliif dhiifama cubbuu argamsiisuuf jecha aarsaa dhiigaa ni

dhi’eessa ture. Inni harka isaa horii jiraataa aarsaaf dhi’aate irra kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin itti ni dabarsa ture. Haala walfakkaatuun Yeroo Yesuus Yohannisiin cuuphamee cubbuun keenya hundi isaa gara isaatti darbeera. Aaroon horii aarsaa sababa cubbuu waggaa waggaatti ni dhi’eessa, “Amma garuu, aarsaa waggaa waggaatti dhihataniin namoonni cubbuu isaani ni yaadatu. Dhiigni korommii fi reootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matummaa hin danda’u” (Ibroota 10:3-4). Haa ta’uu iyyuu malee, Yesuus altakkaa nama hundumaaf du’eera. Altakkaa Yesuusitti erga amanne booda, altakkaa yeroo hundumaaf dhiifama cubbuu ni araganna.

Phaawulos C. Yoong akkaata cubbuun gara Yesuusitti darbee fi namni attamitti lammaffaa deebi’ee rakkoo cubbuu keessa hin galle hubachiiseera. Egaa amma ani cubbamaa miti sababiinsaa karaa cuuphaa isaatii YESUUS CUBBUU KOO OFII ISAATTI DABARSEE iddoo koos waan naaf du’eef.

Page 270: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

270 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Rakkoon bara kana nama hundumaa mudatee jiru cubbuu isaa/isheetti bilisa ba’uu dha. Kitaabni kun namni tokko attamitti wangeela dhugaa gooftaa Yesuusitti amanuudhaan cubbuu fi firdii malee jiraatu sirriitti ibsee ni kaa’a. Waaqayyo garbicha isaa Phaawulos C. Yoong tti kana waan mul’iseef galanni isaaf haa ta’u.

MO’AA! Dinqisiisaa!

Ergamaa Wangeela Biruusilaa Yohansoon, USA Nagaa fi sagalee misiraachoo maqaa gooftaa

Yesuus Kiristoosiin isiniifan dhi’eessa. Kun deebii gaaffii ati e-mail dhaan torban darbe dura naa ergite dha: “Yohannis Cuuphaan maaliif harka isaa laga Yordaanositti Yesuus irra kaa’e?”

bara Kakuu Moofaa keessa seerri araaraa tureera. Museen akka inni obboleessa isaa lubummaatti dibuuf ajaja Waaqayyoo ti, Aaron, angafni Lubaa, horii aarsaaf dhi’aatu (reettii) irra harka isaa kaa’ee cubbuu fi irra-daddarbaa saba Israa’eliin itti dabarsaa ture. (Isaayaas 53:3-5). Yeroo sanaa eegalee, reettiin sun yakkaa fi irradaddarbaa saba Israa’eliin ofii isaa irratti baatee, nama filatameen reettiin sun iddoo lafaa onaatti geeffamee gad lakkifama. (Lewwoota 16:21-22.)

Yesuus tajaajila uummataa isaa utuu hin eegalin

Page 271: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

271 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

dura, Yohannis cuuphaan harka isaa isa irra kaa’e. Yesuus cubbuu fi irradaddarbaa biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf, gad of deebisee Yohannisiin cuuphameera.

Inni irra-daddarbaa fi cubbuu keenya gara mataa fi gatiittii isaatti fudhateera (Angafi lubichaa fi reettii; Isaayaas 53:3-5, Maatewos 3:13-17).

Cuuphaan (bishaan keessa kaa’amuun), Yesuus cubbuu keenya mataa isaatti baatee, sirna cuuphaatiin miiccee, dhiqee, qulqulleessuu isaa agarsiisa (Yohannis 1:29).

Macaafni qulqulluun akkana jedha. “Ni kufna, garu ni kaanas” (Faarfanna 37:23-24), “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” (Roomaa 3:23). “Lakki, Namni qajeelaan tokko iyyuu hin jiru. Tokko illee hin jiru” (Rooomaa 3:10-12).

Ohoo! Waaqayyoof galanni haa ta’u, Haaleluyaa! Ulfinni Waaqayyoof haa ta’u, “Karaa Amantii ayyaana isaa tiin fayyineera” (Efeesoon 2:8, 1 Yohannis 1:9). Hoolaan Waaqayyoo cubbuu keenyaa fi gatii cubbuu biyya lafaa hunda kara cuuphaa isaa fi du’a fannoo isaa

gara ofii isaatiitti fudhate (Yohannis 1:29). Yesuus Kiristoos hoolaan Waaqayyoo karaa

cuuphaa fi dhiiga isaa tii ayyaana isaatiin waan nu fayyiseef ani cubbuu ttii bilisa ba’eera.

Amma gara, “Wangeela bishaanii fi hafuuraatti deebi’uu” qabna. Gara wangeela bishaanii fi hafuuraatti deebi’uudhaaf, hafuura bullaa’a, laphee bakka bu’uu fi dhuga ba’umsa afaaniin dhi’aachuu dha. Gooftaan Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisa, dhukubaa fi jallina keenya hundumaattis (1 Yohannis 1:9, 2 Seera ba’a 7:14, 3 Yohannis 2) karaa wangeela bishaanii fi hafuuraa fayyisuu dha. Gara wangeela bishaanii fi hafuuraatti deebi’uu jechuun, “cubbuu ofii sirriitti himachuu dha” sammuu ofiitiinis hafuura Waaqayyoof fi Hafuura Qulqulluun “cuuphamuu” dha (H. Ergamootaa 1:5).

Kitaabolee isaa dubbii isaa tiif hubannoo gad fagoo fi haara’umsa naaf kanne kana dubbisuu kootti gammachuu guutuun qaba. Wanta ani hin hubatinii fi hinbeekin jiru na barsiisuuf meeshaa waliigalaa fi humna qabeessa. MO’AA! Dinqisiisaa!

Page 272: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

272 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

An cubbamaa abdii hin qabnen ture

Ad Aldermaan, USA Duraan dursa, karaa fayyinaa qopheessuudhaaf

Waaqayyo garbicha isaa Yohannisiin ergee akka inni Yesuusiin cuuphu godheera. Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti Yesuusiin cuuphe. Qajeelummaa nama tokkootiin cubbuun biyya lafaa irraa ka’e. Yesuus cuuphamuu isaa tiin cubbuu ilmaan namaa irraa kaase. Yesuus fannoo irratti gatii cubbuu kaffale. Fannoo irratti du’uu isaatiin Yesuus du’uu isaatiin fannoo irratti gati cubbuu kaffaleera.

Cubbuun keenya gara Yesuusitti waan darbeef iddoo dhala namaa iddoo keenya firdii baateera. Yesuus cubbuu keenya nu irraa fuudhee sababii isaafis du’uu qaba ture. Namni cuuphamuu fi du’uu Yesuusitti hin amanne cubbuu isaatiin hafa. Sagalee Waaqayyo fudhachuu didanii gara dubbii sobaatti garagaluun cubbuu dha. Yesuus sababa cubbuu

keenyaaf akka cuuphamee, akka fannoo irratti du’ee fi akka du’aa ka’ee amanuu dhiisuun cubbuu dha.

Qalbii diddiirrannaa tiin akka cubbamaa taane barree Yesuus ilma Waaqayyoo, akka inni fayyisaa cubbuu keenya ta’e amannee cubbuu keenya hundaatti raawwannee qullaa’uu dandeenya. Kanaafuu, cuuphaa fi dhiiga isaa isa cubbuu keenyattii nu qulleessetti amanuu qabna.

Utuun cuuphamuu Yesuusitti hin amaniin dura an cubbamaa abdii hin qabnen ture! Utuu Yesuus Yohannis cuuphaadhaan hin cuuphamne ta’ee, ani homaa miti, cubbamaa isa bade sana ta’ee hafuu male.

Page 273: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

273 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Waaqayyoon dura dhaabachuu hin danda’u

Luba Isteeven Ikkee, Ingilizii Bara Kakuu Moofaa keessatti angfni luba harka

isaa horii aarsaaf dhi’aatu irra kaa’ee cubbuu itti dabarsa (Lewwoota 16:3-4). Harka irra kaa’uun Guyyaa Araaraatti hojii baayyee barbaachisaa dha. Utuu akkasitti hin taane ta’ee, aarsaa dhiheessuun gatii dhaba ture sababiin isaa utuu harka irra hin kaa’amin, cubbuun saba israa’el itti hin darbu waan ta’ef.

Lewwoota 16:21 keessatti, “Harka isaa lamaan, mata korbeessa isa fayyaatti jiruu irraa kaa’ee; yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Isiraa’el hunda beeksisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti akka gad dhiisu in godha.”

Inni reettota lama aarsaa cubbuu tiif akkasumas

aarsaa gubamuuf hoola tokko namoota sana irraa ni fuudha. Reettoota lama goofticha duratti balbala dunkaanichaatti dhi’eessee tokko gooftichaa fi tokko immoo ‘fayyaatti akka dhiifamuuf’ carraan irratti ni bu’a. Carraan inni gooftichaaf ba’e sun aarsaa ta’ee Waaqayyoof dhi’aata, Israa’el hundumaaf araara cubbuu kan waggaa buusuudhaaf lafa onaa keessatti gad ni dhiifama (Lewwoota 16:7-10).

Cubbuun namoota Israa’el harka irra kaa’uudhaan gara reetti isa fayyaatti jiruutti ni darba. Reettiin inni cubbuu namoota Israa’el fudhate sun Waaqayyoo fi saba sana gidduutti nageenya buusuu dhaaf lafa onaa keessatti gad dhiifama. Akkaataa kanatti cubbuun namoota Israa’el irraa ni ka’a. Haala wal-fakkaatuun Yesuus Kiristoos Yohannis cuuphaa, sanyi angafa lubichaa Aarooniin cuuphamuu isaatiin (harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa) tiin cubbuu biyya lafaa hunda akka hoolaa aarsaatti gara ofii isaatiitti fudhatee kakuu fayyisuu Waaqayyoo bakkaan ga’e (Lewwoota 20:22, Maatewos 3:15, Yohannis 1:29, 36).

Bara Kakuu Moofaa keessatti, utuu carraan hin

Page 274: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

274 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

buufamin dura, Aaron cubbuu ofii isaa fi mana isaa tiif aarsaa dibichaa ni dhi’eessa (Lewwoota 16:11). Achumaan ixaana qodaa aarsaa guutuu tokkoo fudhee Waaqayyo duratti ni aarsa. Achumaan aarsaa sana fuudhee Waaqayyo duratti ibidda irra kaa’ee aarri ixaana sanaa gara teessoo araaraa tti ni aara. Dhiiga dibichichaa xinnoo ishee qubaan fuudhee, teessoo araaraa sana duratti si’a torba ni facaasa (Lewwoota 16:12-19).

Guyyaa araaraa sanatti, horii aarsaaf dhi’aate irra harka irra kaa’uun takkaa hafuu hin danda’u. Aaron harka isaa reetticha irra kaa’ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Isiraa’el hunda itti dabarsa. Achumaan korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti akka gad dhiisu ni godha. Reettichi cubbuu saba Isiraa’eeliin fudhatee lafa onaa keessatti utuu jooruu dhuma irratti achumaan ni du’a. Kun akkaataa aarsaa cubbuu bara Kakuu Moofaa ti.

Kakuu Haaraa keessattis akkuma kana Yesuus Kiristoos, akka hoolaa aarsaatti cuuphamuu isaa tiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhatee,

sababii isaaf fannoo irratti du’eera. Kanaafuu, karaa cuuphaa fi fannoo angafa lubaa

isa waaqa irra Yesuus Kiristoosiin ala fayyinni fi dhiifamni cubbuu hin jiru. Kun akkaataa fayyina lammaffaa dhalachuu bishaanii fi hafuuraa ti.

Yesuus isa “cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee” (Yohannis 1:29) sababii isaaf fannoo irratti du’ee dha. Akkuma sabni Israa’el bara Kakuu Moofaa keessatti aarsaa cubbuu tiin qullaa’an, Yesuus cubbuu koottii na qulleesseera. Sababii Yesuus Hafura Qulqulluun ulfeeffamee (Maatewos 1:20), abaarsa fudhatee mukkatti fannifames kanaafi (Galaatiyaa 3:13). “Amma ana ittisuu dhiisii, wanta qajeelaa ta’e hundumaa raawwachuun waan nuuf ta’uuf” (Maatewos 3:15).

Yohannis cuuphaan, akka angafa Lubaa isa dhumaatti, Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabne sana cuuphee cubbuu hunda itti dabarseera. Kanaaf Yesuus fannoo irratti gatii cubbuu keenyaa kaffaleera. Kun wangeela dhugaa isa ana damaqsee qajeelaa na godhee dha. Kanaaf ani namni kanaan

Page 275: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

275 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

dura cubbamaa ture, amma qajeelaa ta’eera. “Inni moofaan darbee, kun inni haaraan dhufeera”

(2 Qorontos 5:17). Ani jireenya koo qalbii diddiirrachiiseera (H. Ergamootaa 11:18) Kiristoositti waan ani cuuphameef, firdiin tokko illee ana irra hin jiru (Roomaa 8:1). Ani amma ayyaana isaa keessa gammachuudhaan jiraachaa, Waaqayyo isa ana fayyisee nan galateeffadha. Yoon cubbuu qabaadhe iyyuu, gara cuuphamuu isaa fi isa inni fannoo irratti naaf kaffaleetti yeroon deebi’uu, karaa ayyaana isaatii dhiifama cubbuu nan argadha. WAAQAYYO HAA GALATEEFFAMU!

Egaa amma ani cubbuutti hin jiru, yoon guyyaa –guyyaan cubbu qabaadhe iyyuu. “Beenyaan cubbuu du’a” (Roomaa 6:23) jedhamee barreeffameera. Cubbuu koo hundumaa baadhee Waaqayyoon dura akkan dhaabachuu hin dandeenye nan beeka, lapheen koos natti ni hulfaata; haa ta’uu malee, Waaqayyo na jaallata. Inni ana fayyisuudhaaf ilma isaa ergeera. “Ilaa, hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (Yohannis 1:29). Cubbuu biyya lafaa jechaan cubbuu hundumaa, cubbuu koos dabalatee

akka ta’e nan hubadha. Inni cubbuu isa har’a ykn isa kalleessaa qofa irraa fuudhe miti, cubbuu isa gara fuula duraas malee. Inni yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda irraa fudheera.

“Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf. Amma ana ittisuu dhiisi” (Maatewos 3:15).

Dhuma irratti yeroo Yesuus cuuphame, cubbuun koo hundi gara Yesuusitti waan darbeef inni gatii isaa fannoo irratti akka naa kaffale nan hubadhe. Lubbuun uumama foon uffatee, dhiiga isaa keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’ef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf, iddoo aarsaa duratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera” (Leewwota 17:11). Yesuus akkasumattiin cal jedhee hin dune, “Fiixaan ba’eera” (Yohannis 19:30) jedhe. Cinaachi isaa waranamnaan bishaanii fi dhiigni keessaa ni ba’e (Yohannis19: 34), kun keenyanni Waaqayyoo fi nama gargar baasee ni diigame. Amma waan ani fayyeef dhugaatti Waaqayyoon dura dhaabbachuu danda’eera.

Page 276: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

276 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Amma guutummaa wangeela bishaanii fi hafuuratti nan amana

Ob. Goodsan, Indiyaa Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee cuuphamuu

Yesuus ibsii sirri jira. Yohannis 3:5 akkana jedha, “Eenyu iyyuu bishaanii fi hafuurattii yoo dhalachuu dhaa baate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’uu.” Bishaanni as keessatti caqasame kun cuuphamuu Yesuusi, kutaan kunis cuuphaan ala mootummaa Waaqayyootti galuun akka hin dandaa’amne ni kaa’a. Kanaafuu, cuuphamuu Yesuus irraa osoo amantii hin qabaatiin, fayyuu hin dandeenyu. Akkasumas ergamaan Pheexiros akkan jedha, “cuuphaan fakkeenya nuyi amma ittiin oolluu dha” (1 Pheexiros 3:21).

Du’a Yesuus qofaatti amanuudhaan Waaqayyooon duratti fayyuu hin dandeenyu. Bara Kakuu Moofaa keessatti, Israa’eloonni utuu harka

isaanii irra hin kaa’iin,utuu aarsaa dhi’eessaa turan ta’ee, silaa sirrii hin ta’u ture. Haaluma kanaan Yohannis cuuphaan akka bakka bu’aa ilmaan nama hundumaatti harka isaa Yesuus irra kaa’ee cuuphuudhaan cubuu keenya hunda gara isaatti ni dabarse.

Yesuus cuuphamuu isaatiin qajeelummaa ilmaan namaa hundumaaf akka raawwate ifatti kaa’eera. Kanaafuu, Yohannis cuuphaan borumtaa Yesuusiin cuuphetti, akkana jedhe, “Ilaa, hoolicha Waaqayyoo isaa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (Yohannis 1:29). Cuuphaa isaa tiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhateef firdii fudhachuudhaaf gara fannootti adeemeera. Kanaafuu fannoo irratti akkana jechaa ni du’e, “Fiixaan ba’eera” (Yohannis 19:30).

Utuu nuyi hin dhalatin iyyuu, Yesuus Kiristoos cubbuu keenya nu irraa dhiqeera. Inni hunduma isaa nu irraa fuudheera. Cubbuu nuyi bor hojjennus cubbuu biyya lafaa keessatti hammatameera. Cubbuun biyya lafaa hundi isaa waggaa 2000 dura

Page 277: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

277 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

gara Yesuusitti darbeera. Cubbuu tokko iyyuu booddeetti hin hambsine. Wangeelli cuubbuun keenya inni darbee fi inni gara fuula duraa gara Yesuusitti akka darbee garaa keenya guutuudhaan akka itti amannu barbaada.

“Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan, Kiristoosiin akka uffataatti uffattanittu” (Galatiyaa 3:27). Kiristoositti cuuphamuu jechuun amantii dhaan isaa wajjin tokko ta’uu jechuu dha. Yeroo Yesuus cuuphame karaa Yohannis cuuphaa cubbuun keenya gara Yesuusitti darbee nuu irraa miiccameera, jecha biraatiin, nuyi amma cubbuu hin qabnu jechuu dha. Akka Yesuus nuuf cuuphame yeroo amannu battaluma sanatti qajeelaa taana.

Namoonni baayyeen dhiifama cubbuu argatanii fi hin argannee isaanii shakki qabu. Namoonni baayyeen kan keessa fudhatan dhabanii rakkachaatti jiru. Haa ta’uu iyyuu malee, wangeela dhugaa jala yoo of galchine, akka cubbuu hin qabne ni mirkaneeffanna.

Yesuus barabaraan akka nu qulqulleesse nutti

dubbateera. Guyyaa-guyyaatti qalbii diddiirranna yoo taanee akka bara Kakuu Moofaatti deebiine jechuu dha. Egaa qajeelaa ta’uu hin dandeenye. Yoo Waaqayyootti amanne iyyuu, cubbuu malee jiraachuu hin dandeenyu. Gidduu kanatti qalbii diddiirrannaan qullaa’uu hin dandeenyu. Guyyaa hundumaa cubbuu ni goona. Kanaafuu cubbuu keenya hundumaaf altakkaa qalbii diddiirrachuu hin dandeenyu.

Macaafa gara warra Ibrootaa keessatti gatiin cubbuu keenya altakkaa akka inni kaffalame ilaalla. Kanaafuu, Yesuus altakkaa cuuphamee, altakkaa fannootti of kennee altakkaa qulqulloota nu godheera. Yeroo qalbii diddiirrannu osoo hin taanee, yeroo amannu barabaraan fayyina. “Akka jaalala Waaqayyoo sanaatti, dhaqni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti altokkicha aarsaa ta’ee dhi’eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulloofneera” (Ibroota 10:10). Wanti nuyi gochuu qabnu, Yesuus akka nuuf cuuphamee fi fannifame amanuu dha.

Page 278: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

278 Dhuga ba’umsa Fayyinaa

Wangeela bishaanii fi hafuuraa wangeela dhugaa akka ta’e nan amana. Hojii natti kennamee hundumaa amanamummaadhaan akka an hojjedhuu nan abdachiisa, eenyuun caalaatti Yesuusiin nan jaalladha, wanti ani godhus kanuma qofa.

Page 279: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Dabalata 2

Ibsa Dabalataa

Page 280: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

280 Ibsa Dabalataa

Ibsa Dabalataa

Qabsiisa Qabeenya ykn nama tokko bakka hidhame gadi

lakkifachuuf baasii barbaachisu bakka isaa kennuu dha. Gatii ykn ‘dimshaasha horii’ wanta tokko gadlakkifachuuf kennamu dha. Yeroo baay’ee jechi kun fayyina keenya ibsa (fakk. Seera ba’uu 21:30, ‘Horii ta’e’; Seera lakkoofsaa 35:31-32, Macaafa Isaayaas 43:3, ‘qabsiisa’). Kakuu Haaraa keessatti, Maatewos 20:28 fi Maarqos 10:45 qabsiisa kana akka ‘kaffaltii horiitti’ ibsa.

Araarsuu, Araara Sirna hafuuraa cubbuun hundi gara Yesuusitti

ittiin darbuu dha. Kakuu Moofaa keessatti, sirna hafuuraa harka mataa aarsaa sanaa irraa kaa’uun,

cubbuu gara horii sanaatti dabarsuu dha. Kakuu Haaraa keessatti immoo isa Yesuus Yohannisiin cuuphamee dha. Afaan Ibrootaa fi Giriikotaa keessatti, jechii kun akka namni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya sirrii ta’e keessa galuuf cubbuu gara Yesusitti dabarsuu dha. Kakuu Haaraa keessatti araaraaf aarsaan dhi’aatu: Cuuphamuu fi Fannoo irratti du’uu Yesuusii dha.

Bara Kakuu Moofaa keessatti: Jechi ‘Araara’ jedhamu gara si’a 100 Kakuu Moofaa keessatti hojjetame yeroo hundumaa akka (fakk Lewwoota 23:27, 25:9, Lakkoofsa 5:8) ‘kaphar’ afaan Ibrootaan (Yeroo baay’ee ‘araara godhi’) akka jedhutti barreefameera. Araarri hiikkaa jecha Ibrootaa tiin korbeessa lubbuu qabu irra harka kaa’anii cubbuu Israa’eloota isa irratti himuudhaan cubbuu itti dabarsuu dha (Lewwoota 16:20).

Kakuu Haaraa keessatti: Araarri afaan Araamayikiitiin ‘kpr’ akkas jechuunis aguuguu jechuu dha. Kunis fayyina cuuphamuu Yesuus bara kakuu haaraa agarsiisa. Yesuus gara biyya lafaa kana

Page 281: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

281 Ibsa Dabalataa

dhufee waggaa 30 ffaa isaatti cuuphamuun isaa fayyina nama hundumaa bakkaan ga’uuf akka ta’e beekamaadha.

Araara Macaafa Qulqulluu A. Kakuu Moofaa keessatti, araarri kan

kennamu karaa aarsaa horii ti (fak.Seera Ba’uu 30:10, Lewwoota 1:3-5, 4:20-21, 16:6-22).

B. Kakuu Haaraa keessatti, yaadni aarsaa araaraa inni Kakuu Moofaa kan hubatame ta’ee, garuu fayyinni ilmaan namaa hundi karaa aarsaa dhaqna Yesuus Kiristoos, Ilma Waaqayyoo tiin qofaa dha. Ergamaan Phaawulos Yesuus Kiristoos cubbuu keenyaaf du’e jedha (1 Qorontos 15:3).

Jechi araaraa, du’a Kiristoos isa, cubbuu dhaalaa qofa haxaa’utti kan agarsiifamu osoo hin taane, cubbuu ilmaan namaa hunda kan balleessuu dha. Erga cuuphamuu isaan cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti ittiin darbee booda (Maatewos 3:15), inni

dhiiga isaa fannoo irratti dhangalaasuu isaatiin dhala namaa fayyise (Lewwoota 1:1-5, Yohannis 19:30).

Ergamaan Phaawulos 2 Qorontos 5:14 keessatti namni tokko hundumaaf akka du’e, jedhee kutaa itti aanutti immoo gara keenya ilaalchisee ‘nuuf,’ ammas Galaatiyaa 3:13 ‘Kiristoos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uudhaan’ kan jedhu jira. Kakuu Haaraa keessatti Yesuus aarsaa ta’uu isaa kan muli’isu kutaa muraasa qofaatu jira (fakk Efesoon 5:2): Yohannis 1:29, 36 (Yohannis Cuuphaa, ‘hoolaa’) fi 1Qorontos 5:7 (Paawuols ‘faasikaa keenya’).

Garuu, Phaawulos Yordaanositti cuuphamuun Yesuus araara cubbuu biyya lafaaf ta’uu isaa agarsiiseera. Roomaa 6 keessatti Yohannis cuuphaatiin cuuphamuun Yesus cubbuun biyya lafaa gara Yesusitti akka darbe ni ibsa.

Ittuma fufee fannifamuun Yesuus firdii bakka cubbuu akka ta’ee fi aarsaan araaraa immoo gara lubbuu nama hundumaa akka dhaqxe ibsa.

Duutii Yesus akeeki Waaqayyoo fiixaan ba’uu

Page 282: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

282 Ibsa Dabalataa

isaa fi Kakuu Moofaa keessatti aarsaa araaraa akka ta’e agarsiisa. Kakuu Moofaa keessatti harka irra kaa’uunii fi Kakuu Haaraa keessatti immoo cuuphamuun Yesus akka seera Waaqayyoo ti (Isaayaas 53:10, Maatewos 3:13-17, Ibroota 7:1-10, 18, 1 Peexiros 3:21).

Kakuun Haaraa cuuphamuu fi du’uu Yesus qofaa irratti raawwatama osoo hin taane, darbees fayyina keenya bakkaan ga’uuf namummaa keenya isa moofaa Isaa wajjin ajjessuuf kan nu dandeesiisu nuyis Kiristostti cuuphamuun akka nu irra jiru nu hubachiisa (Roomaa 6:3-7, Galatiyaa 2:19-20).

Kun Yohannis cuuphaan Yesus Kiristos cuuphuun isaa akka inni cubbuu biyya lafa hunda ofiisaatti fudhatee, sababii kanaaf akka faannifame nutti dubbata. Yesus Kiristos karaa cuuphamuu fi du’a isaatii, cubbuu biyya lafaa qofa dhiqe miti, inni humna Seexanaattii nu fayyisee, gara humna Waaqayyootti nu deebisee iddoo keenya nuuf adabamee dhiphina ilmaan nama hunda akka baatuufi.

Kanaafuu, fayyisuun Yesus rakkoo cubbuu isa akka namni Waaqayyotti hin dhiaanne kan nama godhuuf furmaata kenneera. Gochaan guddaa kun nagaa fi waliigaltee namaa fi Waaqa gidduu dhaa bade deebisee fayyisuu dhaan gammachuu (Roomaa 5:11), Jireenya (Roomaa 5:17-18), fi fayyina (Maatewos 3:15), Yohannis 1:29, Ibroota 10:1-20, Efeesoon 1:7, Qolaasaayis 1:14) altakkaa fideera.

Guyyaa Araaraa Ibroota keessatti guyyaan araaraa guyyaa

’golgamuu’, ykn araaramuu ti. Yihudoota keessatti guyyaan bay’ee kabajamaa guyyaa araaraa yeroo hundumaa ji’a torbaaffaa keessaa guyyaa kurnaffaa ti (Lewwoota 23:27, 25:9). Lewwoota 16 keessatti angafni Lubaa iyyuu iddoo qulqulluu qulqullootaa hin lixu, yoo sirni qulqullessuu guyyaa sana jiraate malee.

Iddoon qulqulluu qulqullootaa fi akkasumas

Page 283: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

283 Ibsa Dabalataa

sabni israa’el araara waan barbaadaniif, angafni Lubichaa aarsaa dhi’eessee harka isaa yeroo inni irra kaa’u cubbuu itti dabarsa. Guyyaa araaraa sanatti sabni Israa’el waa’ee qulqullina Waaqayyoo fi waa’ee cubbuu isaanii baratu.

Yeroo sanatti al 15 kan ta’u aarsaatu dhi’aata (korbeessa gadi dhiifamu dabalatee), aarsaa gubatu 12, aarsaa dhifama cubbuu 3 tu waaqayyoof dhihata (Lewwoota 16:5-29, Lakkoofsa 29:7-11). Korbeessa kan biraa seera Lakkoofsaa 28:8, yoo caqafne aarsaa gubamu 13 fi aarsaa araaraa 4 tu jira.

Guyyaa Israa’eelonni araara cubbuu isa kan waggaa itti fayyadaman guyyaa kurnaffaa Ji’a torbaffaa dha. Haaluma kanaan, Guyyaan araaraa biyya lafaa guutummaa guyyaa itti Yesus Yohannis cuuphaan cuuphamee dha. Inni dhuguma iyyuu guyyaa nama hundumaaf araarri itti ta’ee dha. Guyyichii dhuguma guyyaa Waaqayyo cubbuu biyya lafaa hundaa irraa dhiqee dha (Maatewos 3:13-17). Guyyichii guyyaa araaraa Waaqayyo “waan qajeela ta’ee hundumaa itti raawwatee dha”.

Aarsaa Araaraa Bara Kakuu Moofaa: Akkuma aarsaa warra

kaanii qulqullinaaf aarsaan saba Israa’eliif dhi’aatu dunkaana keessatti ta’a. Angafni Lubaa of qulqulleessuu dhaan wayyaa isa yeroo kaan uffatu dhiisee wayyaa adii uffata, sababii cubbuuf tuntunoo filatamaa, qalma gubamuuf immoo korbeessa tokko ofii isaa fi maatii isaa tiif dhi’eessa (Lewwoota 16:3-4). Angafni Lubaa sun cubbuu Israa’el kan waggaa tokkoo itti dabarsuudhaaf harka isaa mataa aarsichaa irra kaa’a.

Harka irra kaa’uun kun guyyaa araaraa tiif kan baay’ee barbaachiisuu dha. Osoo harki irra hin kaa’amu ta’ee aarsaan dhihaachuu hin danda’u, dhiifamni cubbuus hin kennamu cubbuun waggaa saba Isaa’elis gara aarsaa sanaatti hin darbu waan ta’ef.

Lewwoota 16:21, “Harka isaa lamaan mataa korbeessaa isa fayyaatti jiru sanaa irra kaa’ee, yakka, irra- daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisa mataa korbeesichaa irra erga

Page 284: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

284 Ibsa Dabalataa

kaa’ee booddee nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kenna, lafa onaa keessatti gadi akka dhiisu ingodha.”

Inni reettii lama aarsaa cubbuutiif korbeessa hoolaa tokko immoo aarsaa gubamuuf sabicha harkaa ni fuudha (Lewwoota 16:5). Egaa reettii lama balbala dunkaanaa fuula Waaqayyoo duratti dhihessee, carraa buuseefii tokko aarsaa ‘Gooftichaaf ’ tokko immoo ‘iddoo onaatti gadi dhiisuuf’ ta’a.

Inni Gooftichaaf ba’e sun aarsaa cubbuuf gubamu ta’ee dhi’aata, inni gadi dhiifame sun immoo aarsaa jiraataa ta’ee waaqayyoof adda ba’ee cubbuu Israa’el kan waggaa itti araarsuuf Iddoo onaatti gad lakkifama (Lewwoota 16:7-10).

Cubbuun saba Israa’el harka irra kaa’uu angafa lubichaatiin gara reetti isaa iddoo onaatti gad dhiifamuutti darbuu qaba ture. Egaa, reettiin gad dhiifame inni cubbuu saba Israa’eel hunda ofiisaa irratti fudhate sun, iddoo onaatti gad dhiifamee namaa fi Waaqayyoon waliitti araarsuu dhaaf. Haala kanaan cubbuun Israa’el irraa dhiqamee sokka.

Kakuu Haaraa keessattis: Haaluma kanaan, Yesus Yohannis cuuphaa tiin cuuphame (innis harka irra ka’uu isa yeroo bara kakuu moofa ture) kanaan cubbuu biyya lafaa hunda fageessee akka hoolaa aarsamee fayyisuu Waaqayyoo bakkaan ga’uu dhaaf (Leewota 20:22, Maatewos 3:15, Yohannis 1:29, 36).

Kakuu Moofaa keessatti, utuu Aaroon carraa hin buusin dura, Aaron waa’ee cubbuu isaa fi cubbuu maatiiisaaf aarsaa dibichaa ni dhi’eessa ture (Leewota 16:11). Ergasii, immoo qodaa ixaana irratti aarsanitti barbadaa ibiddaa fuudhee ixaana bullaa’aa fooliin isaa tolu harka isaa lamaan fuudhee iddoo isa golgaa keessatti ni geessa. Inni ixaanichas Waaqayyo duratti ibiddicha itti haa naqu kanaafuu aarri ixaanichaa teessoo araaraa isa dhugaa baatuu irra jiru sana ni golga. Inni dhiiga tuuntunichaa irraas fuudhee fuula duraan karaa ba’a-biiftuu teessoo araaraa sanatti quba isaatiin si’a torba itti facaasa (Lewwota 16:12-19).

Guyyaa Araaraa kanatti, horii haarsaaf dhi’aatu irra harka kaa’uun dhiifamuu hin qabu. Aaron harka

Page 285: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

285 Ibsa Dabalataa

isaa mataa reettichaa irra kaa’ee cubbuu fi irradaddarbaa saba Israa’eliin itti dabarsa. Ergasii, namni reetticha fuuchuun maluuf fuudhee gara iddoo onaatti geessa. Reettichi cubbuu saba Israa’eliin fudhatee bakkee onaa keessa otuu jooruu dhuma irratti isaaniif du’a. Kun egaa fakkeenya aarsaa araaraa bara Kakuu Moofaati.

Bara Kakuu Haaraattis akkasuma garaagarummaan isa bakka reettii isa cubbuu fudhatee gara lafa onaatti gad dhiifamu sanaa Yesus, inni cubbuu biyya lafaa karaa cuuphamuu isaa ofiisaatti fudhatee dhiiga isa dhangalaasee fannoo irratti hunda keenyaaf du’e bu’uu irraan kan hafe.

Kanaafuu egaa, cubbuu hundumaatti fayyuun karaa cuuphamuu fi fannifamuu Yesus Kiristos, angafa lubaa isa Waaqa irraa malee hindhufu. Kun egaa raawwii fayyina warra lammaffaa bishaanii fi hafuuraatti dhaltaniiti.

Harka irra kaa’uu, Lubummaatti dibuu Bara Kakuu Moofaatti harka irra kaa’uun

cubbuu gara horii aarsaa cubbuuf dhi’aatetti dabarsuudhaaf tooftaa kennamee dha (Lewwoota 4:29, 16:21). Bara Kakuu Moofaa keessatti harka mataa aarsaa cubbuuf dhihaatuu irra kaa’uu dhaan cubbuun isaanii akka dhiifamuuf Waaqayyo dunkaana keessatti eeyyameera. Kun Cuuphamuu Yesuus isa bara Kakuu Haaraa agarsiisuuf ture.

Cuuphaa Cuuphaa jechuun dhiqamuu awwaalamuu

(keessa kaa’amuu) dha hiikkaa hafuuraatti, akkuma bara Kakuu Moofaa keessaatti harka irra kaa’uu dhaan cubbuu dabarsuudha.

Bara Kakuu Haaraa Kessaatti Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa dhiquu dhaafi. ‘Cuuphamuun Yesus’ hikkaa cubbuu ilmaan namaa

Page 286: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

286 Ibsa Dabalataa

hundi’irraa ka’e qaba cubbuu biyya lafaa dhiquu dhaafi.

Yesus, Yohannis cuupphaa bakka bu’aa ilmaan namaa fi toora Aaron irra tti angafa Lubaa kan ta’een cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda ofii isaatti fudhate. Akeekni cuuphamuu Yesus kanumaaf ture.

Hiikkaa hafuuraa ‘cuuphaan’ qabu, itti dabarsuu, awwaalamuu dha. “Cuuphamuu Yesuus” jechuun cubbuun hundinuu gara Yesusitti waan darbeef inni iddoo keenya firdii baate jechuu dha. Inni ilmaan namaa faayyisuu dhaaf cubbuun keenya waan isatti murtaa’eef cubbuu keenya ofii isaatti fudhachuu dhaan nuuf du’e.

Egaa duuti isaa du’a keeti, du’a kootis, kan cubbamoota lafa irraa hundumaa akkasumas du’aa ka’uun isaa du’aa ka’uu nama hundaati. Aarsamuun isaa fayyina cubbamoota hundaa, cuuphamuun isaa dhiiqamuu cubbuu ilmaan namootaaf dhuga baatuu dha.

Macaafni Qulqulluun kan ibsu, cuuphaan “Fakkeenya cuuphaa isa amma ittiin ooltaanii dha”

(1 Pheexiros 3:21). Cuuphamuun Yesus hojii qajeelaa cubbuu keenya nurraa dhiquu dhaan ilmaan namaa ittiin fayyiseedha.

Cubbuu Cubbuun Wanta faallaa Waaqayyoo ta’e

hundumaa dha. Kunis cubbuu hundumaa ilaallaata, cubbuun dhaalaa fi yakka nuyi bara jireenya keenya keessatti hojjennuu dha.

Cubbuun afaan Giriikiitiin, hamartia jedhama. Bu’uurri jecha isaatii ‘hamartano’ jedhama akkas jechuunis ‘mallattoo darbuu’ jechuu dha. Cubbuun hunduma irraa caaluu sirriitti Yesusitti amanuu dhiisuu dha, Kun immoo fayyuu dhabuu dha. Dhugaa beekuu dhiisuu fi itti amanuu dhiisuun abboomamuu diduu fi Waaqayyoon arrabsuu dha.

Nuyi cubbuu akkasii Waaqayyoon duratti hin hojjennu yoo taane, sagalee isaa sirriitti hubachuu dhaan Yesus dhuguma fayyisaa keenya akka ta’e ni

Page 287: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

287 Ibsa Dabalataa

beekna jechuu dha. Cuuphamuu fi fannifamuu Yesus sagalee

Waaqayyoo irratti hundoofnee amanuu qabna. Sagalee Waaqayyoo fudhachuu dhisuu fi dhugaa irraa garagalanii jecha sobaatti amanuun cubbuu dha.

Cubbuu baay’ee rakkisaa ta’e Macaafni Qulqulluun ni dubbata innis ‘cubbuu du’atti nama geessuu’ (1Yohannis 5:6), innis Waaqayyo cubbuu biyya lafaa dhiqee akka balleessu amanuu dhiisuu dha. Dhalachuun Yesus, cuuphamuu isaatiinis akka cubbuu dhiqee balleesse, fannoo irratti akka dhiiga isaa nuuf dhangalaasee jireenya nuuf kenne, amanuu qabna. Akka caafamee jirutti cuuphamuu Yesusii fi du’a fannoo isaatiin cubbuu keenyatti birmaduu nu baasuu isaatti kan hin amanne cubbuu dha.

Qalbii Diddiirrannaa Namni tokko Waaqayyottii cituu isaa hubatee /

hubattee Yesus cubbuu waan dhiqee balleesseef

galateefachaa gara Waaqayyootti yeroo deebi’u kun qalbii diddiirrannaa jedhama.

Nuyi hundumti keenya hoolota Waaqayyooti. Qalbii diddiirrannaa dhugaa ta’e; dhugaa kanatti aanani jiran fudhachuu dha: Waaqayyoon duratti cubbamoota akka taane, guutummaa jireenya keenyaan akka yakkinee fi yeroo duunu akka sii’oliin dhaqnu beeknee firdii kana ooluuf Yesus fayyisaa keenya akka ta’e fudhachuu akka qabnu, inni cubbamoota akka keenyaa fayy’isuu dhaaf gara biyya lafaa akka dhufe amanuu dhaan, cuuphamuu isaatiin cubbuu hunda akka fageessee du’aa fi du’aa ka’u isaatiin akka nu fayyise amanuu qabna. Qalbii diddiirrannaan inni dhugaa yaada keenya dhaabnee gara Waaqayyootti deebi’uu dha (Hojii Ergamootaa 2:38).

Qalbii diddiirrannaan cubbuu keenya hubannee, gara sagalee Waaqayyotti deebinee, bishaanii fi dhiiga isaa isa fayyisutti garaa keenya guutuun simachuu dha (1 Yohannis 5:6).

Qalbii diddiirrannaa dhugaan rawwannee cubamoota ta’uu keenyaa fi Yesus Ilma Waaqayyoo

Page 288: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

288 Ibsa Dabalataa

cubbuu keenya hudumaattii isa nu fayyisetti amanuu dha. Fayyuu dhaaf cubbuu keenya hundumattiis dhiqamuu dhaaf hojii keenyaan qulqullaa’uu dhaaf yaada qabnu dhiifnee, Waaqayyoo fi seera isaa duratti raawwannee akka cubbaamoota taane amanuu dha. Haaluma kanaan fayyina isaa isa dhugaa, wangeela bishaanii fi hafuuraa isaa Yesus cuphamee fi dhiiga isaa isa nuuf kennetti amanuu dha.

Cubbamaan Yaada isaa/ishee hundumaa dhiisuu dhaan gara Yesusitti deebi’uu dha. Cuuphamuun Yesus cubbuu keenya ofisaatti fudhachuu dhaaf akka ta’e yeroo amannu ni fayyina.

Jecha biraatiin Cuuphamuun Yesus, fannifamuun isaa fi du’aa ka’uun isaa qajeelummaa Waaqayyoo kan bakkaan ga’uu ta’e fayyina cubbamoota hundumaa ta’a. Yesus fooniin dhufee, cuuphamuun isaa fi fannifamuun isaa cubbuu keenya hundaa nu irraa dhiquu dhaaf akka ta’e amantii guutuu nu barbaachisa. Yesus du’aa ka’uu dhaan warra isatti amanan hundumaaf fayyisaa akka ta’e amanuu dhaan qalbii diddiirrannaa dhugaa fi amantii

sirrii ta’e ni qabaanna.

Fayyina Kiristaanummaa keessatti fayyina jechuun

‘aangoo fi adabbii cubbuu jalaa ooluu’ dha. Fayyina kan fudhachuu dandeenyu yeroo cubbuu keenyaaf si’oliin bu’uu irra darbee akka waa gochuu hin dandeenye hubannee dhalachuu Yesus, cuphamuu fi dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenya hundaattii akka nu fayyisu yoo amannee dha.

Warri cuuphamuu fi dhiigni Yesus akka nama fayyisu amanan cubbuu malee ta’an, warra fayyan, warra lammaffaa dhalatanii fi qajeelota jedhamu.

Jecha, fayyina’ jedhamu warra cubbuu isaaniittii fayyan, cubbuu hojii fi kan guyyaa guyyaan yakkan hundumaattii Yesusitti amanuu dhaan fayyanitti hiikuu dandeenya. Akkuma namni bishaaniin nyaatamee keessaa ba’u, namni cubbuu biyya lafaatiin liqimfame fayyuu kan danda’u dubbii

Page 289: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

289 Ibsa Dabalataa

dhugaa hafuuraa, cuuphamuu fi dhiiga Yesusitti amanuu dhaan inni fayyisaa isaa/ishee akka ta’e amanuu dhaan qofa.

Lammaffaa Dhalachuu Lammaffaa dhalachuu jechuun ‘Yeroo lama

dhalachuu’ jechuu dha. Cubbamaan tokko kan inni /Isheen hafuurattii fayyuu dhaan qajeelaa ta’u cuuphamuu fi fannoo Yesusitti amanuu dhaani.

Hafuuraan lammaffaa dhalachuu kan dandeenyu cuuphamuu fi dhiiga isaatti amanuu dhaani. Warri Lammaffaa dhalatan cubbuu isaanii hundumaattii kan micamanii fi “warra dhimmanii dhufaatii isaa eeggatan fayyisuu dhaaf mul’achuuf jira” (Ibroota 9:28).

Dhiifama Cubbuu Yaad-rimeen barbaachisaan kun dhiifama

cubbuu Jedhamee beekama. Si’a tokko yeroo hundaaf kan ta’u karaa wangeela bishaanii fi hafuuraa yammuu nuti qulloofnuu dha. Amantiin wangeela bishaanii fi hafuuraa dhugoota walitti fufan: Waaqayyummaa Yesus, Nama ta’uu ilma Waaqayyoo, fayyina hundaa keenyaaf kan cuuphaamee fi dhiphina isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuu dha.

Fayyinni Yesus Kiristos nuuf kenne, cuuphaa fi dhiiga isaa irraa amantii qabaachuu dhaan kan keenya ta’a. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti dubdatame, Yesus namoota hunda acubbuu ttii fayyiseera. Fayyinni Macaafa Qulqulluu keessaa karaa cuuphamuu fi dhiiga Yesusitti amanuu dhaan cubbuu keenya irraa qulqullaa’uu agarsiisa. Cubbuun hundi gara Yesusitti waan darbeef yaada garaa dhala namaa keessatti cubbuun hafu hin jiru.

Nuyi ofii keenyaa warra fayyanii fi qajeelota ofiin jechuu kan dandeenyu erga cubbuu keenya karaa amantii cuuphaamuu isaatiin gara Yesusitti erga dabarsinee booddee dha.

Page 290: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

290 Ibsa Dabalataa

Yesuus Kiristoos YESUUS: ‘Fayyisaan sun namoota hunda

cubbuu isaanii fi adaba cubbuun fiduu irraa kan fayyisee dha.’ Yesuus fayyisaa, isa namoota hundumaa cubbuu isaanittii fayyise agarsiisa.

KIRISTOS: ‘Kan dibame’ jechuu dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti namootni akka hojii waamichaatti Waaqayyo duratti kanneen dibamuu qaban gosa sadiitu jiru: ① Mootota ② Raajota ③ Luboota. Yesus isaan kana hundaa guuteera.

Yesus Kiristoos gulantaakana sadan qaba. Yesus Kiristoos hojiiwwan isaan kun hojjetan hundumaa hojjeteera. Nuyi Yesus Mootii, Raajii fi Luba isa badiisa nu oolchee nu fayyise ta’uu isaa amanuu qabna. Kana irraan kan ka’e ‘Yesus Kiristoos’ jennee isa waamna. Inni luba waaqa irraa isa hangafa isa karaa cuuphaa fi dhiiga isaa tiin cubbuu biyya lafaa irraa nu fayyisee dha.

Kanaafuu, Inni warra isatti amananiif mootii dha. Gara isaa yommuu dhufnu cubbuu keenya akka

hubannu nu taasisa. Inni dhalachuu keenya kaafnee cubbamoota akka taane akka sanyii cubbamootaa taanee, cubbamoota taanee akka dhalanne, sababii kanaaf, akka firdii waaqayyoo jala jirru nu barsiiseera.

Akkasumas nuyi karaa cuuphaa fi dhiiga isaa cubbuu keenya irraa akka qulqulloofne nu barsiisa. Inni nu warra cubbamootaaf hojiiwwan kana hundaa hojjetteera.

Ilmi Waaqayyo maaliif nama ta’e? Inni fayyisaa ta’ee cubbamoota cubbuu fi firdii

ibidda sii’olittii fayyisuudhaaf nama ta’e.

Yesuus Eenyuu dha? Akkuma macaafa Seera Uumamaa 1:3 fi

Yohannis 1:1-3 keessatti caqafame, inni Uumaa dha,

Page 291: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

291 Ibsa Dabalataa

Waaqayyoo isa dhugaa ti, inni Waaqayyo isa cubbuu biyya lafaattii nama hundumaa fayyisuu dha (Filiphisiiyus 2:6, “Isa bifa Waaqayyoo tiin mul’ate,” Yohannis 1:2-3, “Inni Waaqayyoon bira ture. Wanti hundinuus isumaan ta’e, isa malees wanti ta’e tokko illee hin jiru.”) Yesuus Waaqa uumaa, gooftaa waan hundumaa ti.

Haa ta’uu iyyuu malee, jaalalaa fi fayyisuu Yesuus isa waaqa irraa fooniin gadi bu’eetti amanuu dhiisuudhaan fayyina irraa kufaniiru. Garuu baay’eenis isatti amanuudhaan fayyina argatanii, ijoollee Waaqayyoo ta’anii, jireenya barabaraa argataniiru. Isaan amantiidhaan qajeeloota ta’an.

Seeroonni Waaqayyoon hundaa’an warra kami?

Waaqayyo abbaa akeekaa, tokkicha isa dhugaa

Waaqayyoo, raawwatees jiraataa kan ta’ee dha. Kanaafuu, inni seerota isaa kaayyoowwan armaan

gadiitiif kaa’eera: • Inni cubbamoonni gara fayyinaa akka

dhufaniif seerota isaa kenne “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa” (Romans 3:20).

• Seerri inni lammaffaan seera amantii isa nama fayyisuu dha Inni ‘seera hafuuraa isa jiraachisu’ (Roomaa 8:2) isa Yesuus Kiristoos fayyisaa keenyatti amanuudhaan jireenya kennuu dha (Roomaa 5:1-2). Yesuus Kiristoos seera kana raawwachuudhaaf gara biyya lafaatti gad bu’e. Kanaafuu, inni cuuphamee, fannoo irratti du’ee, du’aa ka’eera. Yesuus cubbamoota biyya lafaa fayyisuudhaaf seera fayyinaa kenne.

Waaqayyo warra wangeela bishaanii fi hafuuraatti amananiif seera amantii kaa’eera. Eenyu iyyuu fayyee ijoollee Waaqayyoo ta’uu kan barbaadu hundi seera amantii Waaqayyo kaa’e kanatti amanuu qaba. Karaan fayyinaa isa qofaa dha. Warra akka dhugaa seera kanatti fayyina hafuuraatti amanan kanaaf Waaqayyo akka isaan gara waaqaatti ol ba’aniif hayyama ni kennaaf.

Page 292: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

292 Ibsa Dabalataa

Seerota Waaqayyoo: Abboommota kurnan

Seerota Waaqayyoo keessaa waa’ee jireenya

keenya guyyaa guyyaatti jiraannuu kan ilaallatu seerota keeyyata 613 ta’antu jiru. Garuu hunduma isaaniif giddugaleessa kan ta’e abboommota kurnanuu fuula waaqayyoo duratti eegnuudha. Isaan ajajaa fi dhorkaa kan akka “kana godhii “fi” sana hin godhin” jedhuu ti. Qajeelfama ittiin jiraachuuf nuuf kennamaniidha, abboommiin kurnan garuu cubbuu keenya akka ittiin hubannuuf nuuf kennaman. Karaa Abboommota Waaqayyoo barreefaman kanaan, hammam Waaqayyoof abboomamuu akka didne hubanna (Rooma 3:19-20).

Sababii Waaqayyo abboommota isaa kana nuuf kenneef, cubbuu keenya akka ittiin hubannuufi. Abboommota isaa gutummaan guutuutti eeguu waan hindandeenyeef utuu Yesuusitti hin amanin dura cubbamoota ta’uu keenya beekuu qabna. Nuyi hundumti keenya cubbamoota waan taaneef, akka

seerota isaatti jiraachuu hin dandeenyu. Kanaaf Inni gara biyya lafaa kanaa akka namaa ta’ee dhufe, cuuphamee, fannoo irrattis itti faradameera. Akka seerota isaatti jiraachuuf yaalii gochuun cubbuu of-tuulummaa ti. Kana gochuu hin qabnu.

Seerichi Waaqayyo guutuu fi qulqulluu ta’uu isaa agarsiisa, akkasumas, hammam akka namni dadhabaa ta’e ni agarsiisa. Jecha biraatiin guutuu fi qulqulluu ta’uun Waaqayyo seerota kanaan ni mul’ata jechuu dha.

Yesuusitti amanuu Qabnaa? Eeyyee amanuu qabna, sababiinsaa inni gooftaa

keenya, inni qajeelaa fi isatti amanuun namaa fedha isaa waan ta’ef. “Fayyinnis Yesuus Kiristoos qofaan malee, kan biraa tiin tokko illee hin jiru, maqaan kan biraa kan ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jala ilmaan namootaaf hin kennamne” (H.E. 4:12). Fayyisaan kan biraa tokko illee hin jiru. Yesuus

Page 293: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

293 Ibsa Dabalataa

qofaa tu fayyisaa dha. Isatti amanuu qofaan fayyinee lammaffaa dhalachuu dandeenya. Sababiin isaa isa qofaatti amanuudhaan gara Waaqaatti waan ol baanuuf, isatti amanuu qabna.

Nuyi Kirstaanonni amma iyyuu cubbamootaa?

Lakki. Ergamaan Phaawulos 1 Ximotewos 1:15

keessatti “Warra cubbamootatti lakkaa’aman sana keessaa immoo ani isa duraati” jedhee jireenya isaa isa utuu gara gooftaa hin dhufin duraa ni caqasa. Bara ammaa kanatti kiristaanotni baayyeen, erga Yesuusitti amananii booda akka cubbamootaatti kan of lakkaa’an jiru. Garuu kun sirrii miti.

Utuu Yesuusitti hin amanin dura nuyi hundi keenya cubbamoota turre. Haa ta’uu iyyuu malee, akka dubbii isaatiitti sirriitti isatti battala amanuu eegalee, qajeelota taana. Ergamaan Phaawulos utuu Yesuusiin hin quunnamin dura cubbamaa olaanaa

akka ture dhugaa ni ba’a. Phaawulos yeroo Saa’ol jedhamaa ture, karaa

Damaasqoo irratti isa Yesuusiin akka fayyisaa isaatti quunnamee amane, yaadatee ni galateeffata. Ergasiis bara jireenya isaa isa hafetti, qajeelummaa Waaqayyoo, cuuphamuu Yesuusiin cubbuun biyya lafaa irraa fuudhamee, fannoo irratti du’uu isaatiin akka inni cubbuu biyya lafaa haxaa’e dhugaa baa’a ture.

Jecha biraatiin, garbicha Waaqayyoo isa wangeela bishaanii fi hafuuraa lallabu ta’e. Haa ta’uu iyyuu malee, kiristaanoonni baayyeen, ergamaan Phaawulos erga amanee iyyuu cubbamaa akka turetti ni yaadu. Kutaa kana yaada cubbamoota amantootaa warra lammaffaa hin dhalatane duukaabu’uu dhaan gar malee ni hubatu.

Haa ta’uu iyyuu malee dhugaan isaa erga inni Yesuusiin quunnameebooda cubbamaa akka inni hin taane hubachuu dha. Erga fayyee booda wangeela fayyinaa, wangeela cuuphaa fi fannoo Yesuusiin lallabuutti guddaa of kenneera. Erguma obbaaate

Page 294: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

294 Ibsa Dabalataa

iyyuu, ergaan isaa Macaafa Qulqulluu, wangeela bishaanii fi hafuuraa, wangeela dhugaa waldaa ishee jalqabaa ta’ee nuuf hafeera. Kanaafuu, dhuga ba’uumsi ergamaa Phaawulos 1 Ximotewos 1:15 irratti waliigala jireenya isaa isa utuu gooftaa hin quunamin tureefi isa boodanaa kaa’uu dhaan galata dhi’eessa.

Erga Yesuusitti amanee booda inni cubbamaa dhaa? Lakki. Utuu lammaffaa hin dhalatin dura cubbamaa ture. Garuu Yesuus fayyisaa ta’uu isaatti akkuma amaneen, akka inni karaa cuuphaa isaatii cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhe hubate, sababii cubbuu isa ofiisaatti fudhateef immoo, fannoo irratti akka du’e battala amanetti barabaraan qajeelaa ta’a.

Saba inni akka amoota hunduma irraa caalaa ijibaachisa akka ture dubbatuuf sababa duuka buutota gooftaa ari’achaa turee, cubbamaa gargaarsa hin qabne waan tureef.

Egaa eenyu inni kan hanga ammaatti inni cubbamaa dha ittiin jedhu. Nama fayyisuu wangeela

bishaanii fi hafuuraatti amanee qajeelaa ta’en eenyutu ati amma iyyuu cubbamaa/tuu ittiin jechuu danda’aa? Warra fayyisuu Waaqayyoo hin hunbanne qofaa dha.

Ergamaan Phaawulos wangeela fayyisuu Yesuusitti amanee qajeelaa ta’eera, ergasii eegalees, garbicha Waaqayyoo ta’e, wangeela qajeelinaa nama Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e amanuu hundaatti wangeela lallabaa ture. Yeroo sanaa eegalee, ergamaan Phaawulos cubbamaa osoo hin taane, qajeelaa garbicha Waaqayyoo, hojjetaa dhugaa isa wangeela cubbamoota biyya lafaatti lallabee dha.

Cubbamoonni warra kaanitti lallabuu ni danda’uu? Kun hin hojjetu. Namni waan hin beekne tokko attamitti lallabuu danda’a? Namni hin fayyine attamitti, warra kaan fayyisuu danda’a?

Namni bishaaniin liqimsame, nama kan bira kan liqimsame cina isaatii baasuu danda’aa? lamaan isaan iyyuu bishaanichuman dhumu malee. Namni cubbamaan attamitti warra kaan fayyisa? gara sii’olitti walgeessuu irraan kan hafe waan tokko

Page 295: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

295 Ibsa Dabalataa

waliigochuu hin danda’an. Namni dhukkubsataan tokko attamitti dhukkubsataa akka isaatti tokko akka ta’utti gargaaruu danda’a? Namni seexanaan gowwoofamee jiru tokko attamitti nama fayyisuu danda’a?

Ergamaan Phaawulos cubbamaa ture, garuu battala cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanee cubbuu isaattii qullaa’ee qajeelaa ta’eera. Kanaafuu, inni garbicha Waaqayyoo ta’ee, cubbamoota biyya lafaatti wangeela lallabaa ture. Qajeelummaa Waaqayyoon cubbamoota baayyee fayyiseera. Yeroo sanaa eegalee inni cubbamaa hin turre.

Inni lammaffaa waan dhalateef qajeelummaa seeraatti osoo hin taane qajeelummaa Waaqayyootti jiraate. Inni garbichaa fi lallabaa qajeelummaa Waaqayyoo ta’ee, lubbuu baayyee Waaqayyoof booji’eera. Inni lallabaa fedha garaa isaatii hin turre, ykn lallabaa seeraa osoo hin taanee, inni lallabaa qajeelummaa Waaqayyoo ture.

Inni hamma dhumaatti cubbamaa turee? Lakki. Inni qajeelaa ture. Akka nama qajeelaatti, inni

ergamaa Waaqayyoo isa dhugaa ta’eera. Inni cubbamaa dha hin jedhin sababiinsaa kun Waaqayyoon arrabsuu waan ta’eef, akkasumas gar malee hubachuus waan ta’ef. Inni qajeelaa ture. Akkaata kanatti yaadanii isas Yesuusiinis ar’absuun sirri hin ta’u.

Erguma inni gooftatti amanee iyyuu cubbamaa dha yoo ittiin jette, Yesuusiin sobaa gochuu keeti. Yesuus qajeelaa isa godheera, kan hojjetaa qajeelaa godhee isa dhaabes Yesuusii dha.

Kadhannaan qalbii diddiirrannaa cubbuu keenya nu irraa dhiquu ni danda’aa?

Kadhannaan qalbii diddiirrannaa cubbuu keenya

nu irraa dhiquu hin danda’u sababiin isaa fayyinni karaa hojii keenyaa hin dhufu waan ta’ef. Cubbuu keenyattii guutummaan guutuutti barabaraan qullaa’uudhaaf cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu

Page 296: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

296 Ibsa Dabalataa

qabna. Fayyinni dhugaa cubbuuttii fayyuun, warra Yesuus akka cuuphamee fi fannoo irratti dhiiga isaa akka nuuf dhangalaaseetti amananiif kennama.

Egaa kadhannaan qalbii diddiirrannaan cubbuu keenya guyyaa-guyyaattii qullaa’uu ni dandeenyaa? Lakki. Cubbuu nuyi goone hundiisaa waggaa 2000 fuula dura Yesuus yeroo cuuphame dhiqee si irraa kaaseera. Cuuphamuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenya barabaraan nu irraa kaaseera. Inni nu amantootaaf hoola faasikaa nuuf ta’e, cuuphaa fi fannoo isaatiin gatii cubbuu keenyaa kaffaleera.

Erga isatti amannee booda cubbuu nuyi hojjennu iyyuu fayyina dhugaa, cuuphaa fayyinaan nu irraa kaase, fayyisaa dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuudhaan cubbuu warra amantii qabanii hanga isaan du’aniitti iyyuu irraa kaaseera. Yesuus gara biyya lafaa ‘nuuf jedhee’ (Maatewos 3:15), dhufee cuuphamee, cubbuu keenya hunda nu irraa kaasuudhaan qajeelummaa nuuf hojjeteera. Ilmi Waaqayyoo cuuphamuu isaatiin itti gaafatamummaa cubbuu keenya fudhate.

Cuuphamuun Yesuus hiikkaa “dhiqamuudhaaf jedhuu qaba.” Sababiin isaa Yesuus yeroo cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti waan fudhateef, nuyi cubbuu keenya hundumaattii guutummaan guutuutti qulloofne, cubbuu keenyattii bilisa baaneera.

Cuuphaa jechuunis, ‘keessa kaa’amuu, ykn ‘awwaalamuu’ jechuu dha. Sababii cubbuun keenya gara isaatti darbeef, inni nuuf du’uu qaba jechuu dha. Warri cubbuun isaanii gara Yesuusitti karaa cuuphamuu isaatii akka darbee amanan, barabaraan cubbuu kan hin qabne ta’u.

Amantii dhugaa jechuun cubbuun keenya hundi isaa inni nuyi gara fuula duraatti qabnuu iyyuu waggaa 2000 fuula dura yeroonni Yohannisn cuuphame gara isaatti akka darbee fi akka inni qajeelummaa Waaqayyoo ‘nuuf’ raawwate amanuu dha.

Yeroo inni cuuphame cubbuun keenya nu irraa hin dhiqamne taanaan, karaa kan biraa karaa cubbuun keenya ittiin nu irraa ka’uu kan biraa hin jiru. Akka

Page 297: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

297 Ibsa Dabalataa

Yesuus cubbuu keenya yeroo dheeraa dura nu irraa kaasee yaadachuu qabna.

Amantiin dhugaa fi fayyinni hafuuraa bara ammaa jechuun cubbuun keenya gara Yesuusiitti fidnee, akka inni nu irraa dhiqame akkana jechuun mirkaneeffachuu dha, ‘cubbuu kana hundumaattis qullooftetta, akkas mitii?’ Akkasumas isatti amananii isa galateeffachuu dha. Inni sababii kanaaf gara biyya lafaa dhufee, cuuphamee, fannoo irratti du’ee, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee, fayyisa keenya ta’e.

Warri amantii cuuphamuu Yesuusiin cubbuun isaanii irraa kaafame, attam ayyaantuu dha. Amantii dhugaan cubbuu guyyaa-guyyaattii barabaraan qullaa’uu dha. Amantii dhugaan Yesuus cubbuu biyya lafaa karaa cuuphamuu isaa akka irraa fuudhe amanuu dha.

Roomaa 8:30 akkana jedha, “Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera.” Egaa, kutaan kun waa’ee barsiisa irraa-jalaan qulqullaa’uu ni deeggaraa?

Kutaan kun waa’ee ‘barsiisa irraa-jalaan

qullaa’uu (doctrine of incremental)’hin barsiisu. Ogeeyyii barnoota hafuuraa baayyee fi barsiisonni sobaa, “Warri Yesuusitti amanan, irraa-jalaan jijjiiramanii dhuma irratti foonii fi hafuuraan qullaa’u” ni jedhu baayyeenis akkanatti ni fudhatu.

Garuu akka dhugaa qabatamaatti, amantoonni warri lammaffaa hin dhalanne, mergeggummaa isaanii hin dhiisan. Cubbuun garaa isaanii isaanuma duukaa guddata. Attamitti qulqullinni keenya bara keenya irratti hundaa’a? Jecha, ‘barsiisa irraa-jalaan qullaa’uu (doctrine of incremental) kun jecha Waaqayyo jibbuu fi wanta seexanaaf karaa banuu dha.

Page 298: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

298 Ibsa Dabalataa

Yesuusiin malee ofii keenyaan cubbuu keessaa akka ba’uu hin dandeenye yeroo hubannu qajeelaa taana. Sababiin isaa, Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya hunda nu irraa akka dhiqee, gatii isaa kaffaluufis of qulleessee, cuuphaa fi dhiiga isaatti qajeelaa nu godheera. Akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa fuudhe yeroo amannu qajeelaa taana.

Jechi, ‘qulqullina’ jedhamu ‘qulqulluu ta’uu’ jechuu dha. Ofii keenya of qulqulleessuuf yaalii gochuun, dhugaa gananii, dadhabaa foon ofiitiin amansiifamuu dha.

Irraa-jalaan (suuta-suutaan) qullaa’uuf abdachuun, dharraa hafuura keenyaa ti. Tokkoon tokkoon waaqeffannaa amantii qulqullinaaf dubbii ofii isaanii qabu, nuyi warri Yesuusitti amanne garuu isa kanaaf iddoo laachuufii hinqabnu.

Yesuusitti amannee suuta-suuta qulloofna osoo hin taane, cuuphamuu fi dhiiga isaa, wangeela dhaqna qabaa hafuuraatti amannee altakkaa yeroo hundumaaf qulloofna. Qajeelummaa dhugaan amantii cuuphaa fi dhiiga Yesuus irraa argama.

Cubbuun himachuudhaan nama irraa ni fuudhamaa?

Lakki. Cubbuun wangeela bishaanii fi hafuuratti

amanuun malee himachuudhaan hin badu. Cubbuun keenya kan haqamu yoo cuuphaa fi dhiiga Yesuus isa cubbuu qulleessutti amanne qofa. Kun wangeela fayyisuu hafuura Yesuus isa cubbuu hunda cuuphaa laga Yordaanosiin dhiqee qulleessee dha.

Cubbuu himachuun mallattoo seera Waaqayyoo fudhachuu yeroo ta’u, fayyinni kan kennamuu cuuphamuu fi fannifamuu Yesuusitti amanuudhaani.

Cuuphaan bishaanii Kiristoosii fi dhiigni isaa dhugaa isa olii ilmaan namaa cubbuu isaaniittii nama cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin cubbuu isaanii akka irraa kaaseetti nama amanuu fayyisuu dha. Fannifamuun Yesuus sababii cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhateef adabamee dha.

Kanaafuu, fayyinni dhugaa laga Yordaanositti cuuphamuu fi fannoo irratti du’uu Yesuusi. Sababii nuyi cubbuu keenyattii qulloofneef sababa Yesuus

Page 299: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

299 Ibsa Dabalataa

isa cubbuu keenya nu irraa dhiqetti amanneefi. Warri sababa cubbuu himanneef fayyine

jedhanii yaadan fayyisuu Waaqayyoo callisuu isaanii ti.

Kanaafuu, cuuphamuu fi fannifamuu Yesuus, fayyisuu Waaqayyootti amanuu qabna. Kanaafuu cubbuu keenya Waaqayyotti himachuu qofaan ni fayyina jettee hin yaadin.

Cubbuun keenya sii’oliin akka nu kaa’u beekuu qabna, garuu Yesuusitti amanuun, cuuphamuu fi dhiiga isaa isa nu fayyisee Waaqayyoon duratti qajeelaa nu godhutti amanuun cubbuu keenya nu irraa ni dhiqa. Karaa nuyi cubbuu keenyattii fayyinu karaa kana qofaa dha. Wangeela dhugaatti amanuudhaan altakkaa akka nu qulleessu sirriitti hubachuun keenya ni barbaachisa (1 Yohannis 5:4-8).

Cubbuun akkuma nuyi himanneen nu irraa hin sokku. Cubbuu himachuu irratti hirkachuu kee irraa deebitee gara amantii dhugaatti hin deebitu yoo ta’e, akka sii’ol si eeggatu beekuu qabda. Akka cubbuuttii bilisa baatuuf wangeela dhugaatti amanuu qabda.

Sammuu kee qofaan miti, garaa kee guutuudhaan amani, barabaraan birmadummaa argattaa.

Wangeelli maayinnii? Wangeelli dhugaan akka nuyi cubbuu keenya

guutumaan guutuutti, yeroo itti amannu altakka yeroo hundumaaf cubbuuttii nu furuu dha. Humni wangeela Waaqayyoo isa cubbuu balleessuu dha.

Wangeelli Waaqayyoo, “Yesuus nu warra idaan nu irra jiru, cubbamoota, warra idaa keenya kaffalchuu hin dandeenye ilmaan namaa hundaaf, kaffale” dha. Wangeelli ‘humna qabeessa’ kan jennuuf, sababa cubbuu keenyaaf nu namoota du’uun maluuf aarfamuu ilma Waaqayyootiin cubbuu keenya hunda waan nu irraa haquufi.

Inni gara biyya lafaa dhufee, cuuphamuu isaatiin cubbuu biyyaa lafa ofii isaatiitti fudhatee barabaraan nu irraa dhiqe.

Yesuus gatii cubbuu keenyaa cuuphamuu fi du’a

Page 300: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

300 Ibsa Dabalataa

isaatiin kaffaleera. Inni cuuphaa fi dhiiga fannoo isaa humna cubbuu diigeera. Kun wangeela dhugaa dha.

Wangeelli dhugaa Yesuus gara biyya lafaa akka dhufe cuuphamee, fannifamuu isaatiin warra isatti amanan akka fayyise kan labsuu dha.

Akkuma 1 Yohannis 5:6 keessatti barreeffame, “Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuudhaaf dhufe isa kana innis Yesuus Kiristoos, inni bishaan qofa miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa in ba’a; Hafuurichi dhugaa dha.”

Yesuus maalif fannoo irratti aarsaa of godhe?

Yesuus fannoo irratti aarsaa of gochuun isaa,

sababa yeroo cuuphame cubbuu keenya gara ofiisaatti waan fudhateefi. Akka nuyi adaba cubbuu jalaa baanuuf inni iddoo keenya foon isaatti firdii keenya fudhatee du’aan kaffale.

Wanti nuyi beekuu qabnu Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuun isaa cubbuu keenya gara ofiisaatti akka fudhatee dha. Yesuus kanaaf jecha akka fannoo irratti dhiphates beekuu qabna.

Utuu Yesuus cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatiitti hin dabarsine ta’ee, utuu fannoo irrattis nuuf hin duune ta’ee, silaa cubbuun keenya nu’uma irratti hafa ture. Kanaafuu, cuuphamuu isaa fi dhiiga isaatti amanuu qabna jechuu dha. Sababiin isaa Yesuus ilma Waaqayyyo, hoolaa aarsaa cubbuu tiif ofii isaa aarsaa of godhee cubbuu keenya hunda nu irraa kaase.

Yesuus ilma Waaqayyoo akka ta’ee fi cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti akka fudhatee, sababii isaatiifis akka fannifame amanuu qabna. Yesuus cuuphamee cubbuu keenya hunda gara ofii isaatiitti fudhatee, cubbamoonni akka adaba cubbuu isaaniittii biliisa ta’aniif fannoo irratti du’e.

Page 301: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

301 Ibsa Dabalataa

Yohannis cuuphaan inni Yesuusiin cuuphee eenyuu dha?

Waaqayyo karaa Musee seera isaa fi akkasumas

akka isaan cubbuu fi irra-daddarbaa isaaniitiif araara buuftanittis sirna aarsaa dabalee kenneeraaf. Kanaafis, inni Aaroniin quxusuu Musee dibee Angafa Lubaa qodhee aarsaa araaraa waggaa-waggaan ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti dhi’essuudhaan cubbuun saba Israa’el akka irraa dhiqamu ni ta’a (Lewwoota 16).

Aarsaan Guyyaa Araaraa Aaroon fi angafoota lubaa itti fufanii kaa’amaniin akka ta’u addaan baasee kaa’era. Waaqayyo karaa sabni Israa’el dhiifama cubbuu argatu saaquuf reettii irra harka kaa’uun cubbuun saba Israa’el gara reetichaatti akka darbu ni godhe. Kun seera dhaabbataa araarrii Waaqayyoo ittiin bu’uu dha.

Gaaddidduu kanaan, inni fayyisaa ilmaan namaa akka ta’e nu hubachiisa. Bara Kakuu Haaraa keessa, Waaqayyoo Yohannis cuuphaa, toora sanyii

Aarooniin (1 Seenaa baraa 24:10, Luuqaas 1:5) fi angafa lubaa isa dhumaa bara Kakuu Moofaa, Yohannisiin ni kaase (Luqaas 11:11-13). Yohannis cuuphaan, akka raajii Waaqayyo biraa ergameetti, bakka bu’aa fi angafa lubaa sanyii nama hundumaa ta’ee, Yesuus ilma Waaqayyoo, isa nama fayyisuudhaaf gara biyya lafa dhufe cuuphee, cubbuu biyya lafaa hunda gara isaatti dabarse.

Namni hundinuu cubbuu isaanii karaa Yohannis cuuphaa gara Yesuusitti dabarfachuu danda’uu isaaniitiif kan eebbifamniidha. Hinkoon (role) Yohannis angafa lubaa ta’ee nama hundumaa bakka bu’ee akka ergamaa Waaqayyootti cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsuu dha.

Yohannis cuuphaan bakka bu’aa nama hundumaa fi angafa lubaa ta’ee dhalachuu Kiristoos ji’a ja’aa fuula dura Waaqayyo biraa ergame. Karaa biraa, Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fudhuu yeroo ta’uu, Yohannis cuuphaan immoo Angafa Lubaa isa dhumaa ta’ee, Yesuusiin cuuphee cubbuu biyya lafaa itti dabarsuudhaaf

Page 302: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

302 Ibsa Dabalataa

ergameera. Yohannis cuuphaan garbicha Waaqayyoo isa amanamaa dha.

Laga Yordaanos, Iddoo Yesuus itti cuuphame

Bishaanni Yurdaanos osoo gargar hin citin gara

Galaana du’aa isa jedhamuutti yaa’a. Bal’inni galaana du’aa gulantaa safara galaanaa irraa 400 m gadi xiqqaata. Sababa kanaaf bishaanichi iddoo biraatti hin yaa’u. Inni achuma keessatti cufamee taa’ a.

Soogiddummaan galaana du’aa kan galaanota biroo irraa dacha 10 waan caaluuf lubbu qabeeyyiin kam iyyuu keessa jiraachuu hin danda’an. Kan irraa kana ka’e galaana du’aa jedhama. Yesus Yohannis cuphaadhaan laga du’aa kanatti (Laga Yurdoositti) cuuphame. Kun warra laphee isaanii keessaa cubbuu qaban warra sababii cubbuu isaaniitiif firidii eeggachaa jiran irraan kan hafe nama hunduma bakka bu’a.

Kanaafuu, Lagni Yurdaanos laga cubbuu dhiquu dha, bakka cubbamootni itti du’an jechuu dha. Gabaabaatti, galaanni kun galaaana fayyinaa bakka cubbuun biyya lafaa hundi karaa cuuphaa Yesus dhiqamee, isa cubbuun ittiin gara Yesusitti darbee dha.

Aarsaan dhiifama cubbuu bara Kakuu Moofaa maayinnii?

Aarsaan dhiifama cubbuu guyya-guyyaan

dhi’aachaa ture. Guyyaa guyyaatti dhiifama cubbuu argachuudhaaf, namni reettii, hoolaa, korma saawaa yookaan gugee gara dunkaanaatti dhi’effatee harka isaa irra kaa’ee, cubbuu isaa itti dabarsata. Kun aarsaa sababa cubbuu tiif guyyaa-guyyaatti Waaqayyoof dhi’aatuu dha (Lewwoota 3:1-11).

Page 303: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

303 Ibsa Dabalataa

Aarsaan araara cubbuuf bara Kakuu Moofaa keessa waggaa-waggaan dhi’aatu maayinnii?

Inni aarsaa gatii dhiifama cubbuu kan waggaa

altakkaa kaffalamuu dha. Angafni luba mataa korbeessa reettii irraa harka isaa kaa’ee, cubbuu saba Israa’el kan waggaa altakkaa itti dabarsa (Lewwoota 16:1-34).

Yesuus Kiristoos akka hoolaa Waaqayyootti, cuuphamuu isaa tiin cubbuu biyya lafaa hunda ofiisaatti fudhatee, aarsaa isa guyyaa-guyyaatti dhi’aachaa turee fi isa kan waggaa-waggaa altakkaa raawwateera.

Aarsaan araara baraabaraaf dhihaatu maali?

Yesuusitti amanuudhaan dhiifama (araara)

cubbuu biyya lafaa hunda altakkaa argamuu dha.

Sababii Yesuus ilma Waaqayyoo ta’ee fi gooftaa keenya isa barabaraan jiraatu ta’eef, cubbuu biyya lafaa hunda barabaraan kaasuu danda’a. Inni attamitti kana gochuu danda’aa?

Inni kana raawwateera ① nama foonii ta’ee dhalachuu isaa tiin, ② Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti

cuuphamuu isaa tiin, ③ Bakka keenya firdii du’aa fudhachuudhaaf

fannifamuu isaa tiin, Ilmi Waaqayyoo nama foonii ta’ee, cubbuu

biyya lafaa irraa fuuchuuf Yohannis cuuphaan cuuphame. Barabaraan ilmaan namaa cubbuu isaaniittii fayyisuufis, fannoo irratti dhiige (Lewwoota 16:6-22, Maatewos 3:13-17, Yohannis 1:29, Ibroota 9:12, 10:1-18).

Page 304: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

304 Ibsa Dabalataa

Dhiifamni cubbuu altakkaa moo suuta-suutaan kennamaa?

Altakkaa kennama sababiinsaa altakkaa

cuuphamee cubbuu keenya hunda ofiisaatti fudhatee firdii isaas altakkaa iddoo keenya nuuf fudhate waan ta’eef. Maatewos 3:15 akkasitti galmaa’ee jira, “Waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi.”

Yohannis 1:29 akkan jedha, “Ilaa! Hoolcha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” akkasumas, Yohannis 19:30 irratti, “Fiixaan ba’eera” jedhe.

Kanaafuu, Ibroota 10 keessatti, “Itti dabalees immoo ‘Kunoo, ani jaalala kee raawwachhuudhaaf dhufeera’ jedheera, kanaanis aarsaa isa alammaffaa iddoo buusuu dhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhiigni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti, al tokkichaa aarsaa ta’ee dhi’eeffamuu dhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffanneerra. Lubni guyyaa

guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa ni hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu, altakkaa aarsaa dhi’eessee, barbaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti in eeggata. Al tokkichaa aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman, yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’an godheera; hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kana dhugaa nuuf ba’a, Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi,” jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe. Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu ni hafa” (Ibroota 10:9-18).

Cuuphaa fi dhiigni Yesuus cubbuu biyya lafaa altakkaa irraa kaasa.

Page 305: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

305 Ibsa Dabalataa

Beenyaan cubbuu maali? Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a. Cubbuun

kam iyyuu utuu gargar hin baafamin, Waaqayyo duratti firdiif dhi’aachuu qaba, firdiin cubbuu tokkoo iyyuu du’a fida. Araara cubbuu buusuudhaaf, namoonni Israa’el hoolaa mudaa hin qabne Waaqayyo duratti ni dhi’eessu turani. Haa ta’uu iyyuu malee, aarsaan akkanaa barabaraan cubbuu haquu hin danda’an, “Dhiigni korommii fi re’ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matummaa hin danda’u” (Ibroota 10:4).

Kanaaf Waaqayyoo cubbuu nama hundumaa irraa fuuchuuf hoolaa qopheesse. Tokkoon-tokkoon aarsaa, cubbuu nama aarsaa dhi’eessuu sana ofitti fudhachuuf harki isa irra kaa’amuu qaba, yeroo cubbuu sana ofiitti fudhatu immoo sababii cubbichaaf du’uu qaba.

Bara Kakuu Moofaatti, Yesuus akka hoolaatti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofiisaatti fudhatee, sababii isaaf fannoo irratti du’eera.

“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a, kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya barabaraatti” (Roomaa 6:23).

Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a, garuu Yesuus Kiristoos jaalala isaatiin iddoo cubbuu cubbamoota biyya lafaa du’uudhaan jireenya baraabaraa nuuf kenne.

Yesuus maaliif fannoo irratti du’e? Fannoo irratti du’uun Yesuus sababa cuuphaa

isaa tiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhateefi. Namoonni sababa cubbuu isaaniitiif du’a baraabaraa, ibidda sii’oliin gubatu turani, garuu Yesuus nu jaallatee, cuuphaa isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee, fannoo irratti du’uudhaan warra isaatti amanan fayyiseera.

Abaarsa cubbuu fi firdii sii’ol jalaa nu baasuudhaaf jedhee ofii isaa aarsaa nuuf godhe. Du’i isaa beenya

Page 306: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

306 Ibsa Dabalataa

cubbuu ilmaan namaa ti. Inni cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuudhaaf cuuphamee, gatii isaa kaffaluuf du’a fannootti of kenne du’a, firdii fi dhiphina fudhate.

Duuti Yesuus sababa cubbuu biyya lafaa isa inni laga Yordaanositti ofii isaatti fudhateef gatii cubbuu ilmaan namaa firdii fudhate. Inni fannoo irratti du’ee, warra du’an keessaa ka’ee, akka nuyi qajeelummaan jiraannu godhe.

Yeroo Yesuusitti amannu maal arganna? ① Dhiifama cubbuu fi qajeelummaa arganna

(Roomaa 8:1-2). ② Hafuura Qulqulluu fi jireenya baraabaraa

arganna (H. Ergamootaa 2:38, 1 John 5:11-12). ③ Mirga Ijoollee Waaqayyoo ta’uu arganna

(Yohannis 1:12). ④ Carraa mootummaa Waaqayyootti galuu

arganna (Mul’ata 21-22). ⑤ Waaqayyo bira eebba arganna (Efesoon 1:3-23).

Maaliif Yesuusitti amanna? Yesuustti amanuu qabna: ① fedha Waaqayyoo raawwachuuf ② cubbuu keenya hundumaattii fayyuudhaaf ③ mootummaa Waaqayyootti gallee barabaraan

jiraachuuf. Nuyi cubbamoota utuu amantii dhaan Yesuusiin

fayyisaa keenya hin qabaannee namoota sii’olitti galluu dha. Yesuus fayyisaa qofaa tu sii’oliin nu oolcha. Yesuusiitti amanuu qabna sababiinisaa, isa qofaatu fayyisaa dhugaa dha.

Dhumni warra Yesuusitti amanee fayyee maalii? —Jireenya Waaqa irraa.—

Dhumni warra Yesuusitti hin amannee fi warra hin fayyinii maali? —Cubbuu isaaniitiif sii’ilitti galu; galaana, isa boba’uu fi dhagaa gubu keessa (Mul’ata 21:8).—

Hoolonni Waaqayyoo eenyuu dhaa? —Warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii dhiifama cubbuu argatan.—

Page 307: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

307 Ibsa Dabalataa

Akkasumas “hoolota warra gola kanatti hin galin jiran kan biraa” (Yohannis 10:16); reettoti warri akka carraa waan isaanitti dhagaa’ametti amanan cubbamoota yeroo ta’an, warri kaan immoo cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti warra amananii karra hoolotaatti dabalaman ta’u.

Waldaan Waaqayyoo inni dhugaa maali? Waldaan Waaqayyoo iddoo qajeelonni, warri

fayyan, warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin qulqullaa’an walitti qabamanii Waaqayyoon waaqeffatanii dha (1 Qorontos 1:2). Waldaan Waaqayyoo inni dhugaa, akka Efesoon keessatti galmaa’ee jirutti iddoo amantoonni “Gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokkoo, Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha” (Efeesoon 4:5) tti waliigalanii walitti qabamanii dha.

Akka Macaafa Ququlluu keessaatti sobduun eenyu dhaa?

Barsiisaa sobduun nama akkaataa sirrii hin

taaneen ykn cubbuudhaan Yesuusitti amane jechaa dha. Titoo 3:11 irratti akkana jedha, “Namni akkasii waan hundumaa irraa jal’atee cubbuu hojjechuu isaa nama ofii isaatti ofitti farade ta’uu isaas beeki.”

Yesuus cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya nu irraa kaasee, gara ofii isaatiitti fudhatee nu fayyiseera, egaa warri sobduun kennaa jaalala Waaqayyoo kanatti hin amanan, faallaa isaa ofiisaa/sheetti faradaa, fayyina guutuun immoo mormu.

Macaafni Qulqulluun warra Yesuusitti amanneera cubbuus qabna ofiin jedhaniin warra ‘sobduu’ jedhee kaa’a (Tiitoo 3:11). Sobduu ta’uu fi hin taanee kee bartee ni raajeeffatta ta’a. Yesuusitti amantee utuu jirtuu, yoo cubbamaa dha ofiin jette, dhugaa wangeela guutummaa bishaanii fi hafuuraa hin barre jechuu dha.

Page 308: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

308 Ibsa Dabalataa

Yesuusitti amantee utuu jirtuu, yoo akka nama cubbamaa abdii hin qabneetti of lakkoofta yoo taate, ati egaa warra sobduu keessa jirta jechuu dha. Wangeelli dhugaa bishaanii fi hafuuraa nama itti amanuu hundaa cubbuu isaattii ni qulleessa. Ati warra sobduu warra guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan fayyina bakkaan ga’anna jedhan sana keessa jirtaa yoo taate, egaa ati amantii kee irraa shakkii qabda jechuu dha.

Utuu Yesuus cubbuu kee si irraa fuudhee jiru attamitti cubbamaa taataa? Idaan kee utuu Yesuusiin si irraa ka’ee jiruu attamitti deebitee kaffaluuf yaalta? Idicha kaffaluuf amma iyyuu itti fufta yoo taate, ati egaa amantii isa Waaqayyo kenne dhiiftee isa kan keetii duukaa waan buuteef sobduu ta’uu keeti. Kiristaanni Yesuusitti amanu, garuu kan lammaffaa hin dhalanne, sobduu ta’a. Dhugaatti amanuu qabda. Waaqayyo cubbuu biyya lafaa hundaa irraa fuudheera, yoo fayyisuu isaa calliftee, sobduu taata.

Sobduun amantii Yesuusitti amaneerra ofiin jechaa, cubbamoota warra ofiin jedhan, karaa biraan

warra ofitti faradan jechuu dha. Waaqayyo nama cubbamaatiin mucaa kooti ni jedha? Waaqayyo isa qulqulluutti utuu amantee jirtuu, ani yakkamaadhaa yoo ofiin jette, ati amantii sobaa irra jirta. Sobduu amantii ta’uu dhiisuu yoo barbaadde, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuus isa dhugaa walqabatee jirutti amanuu qabna.

Dhugaa tokkicha qofaatu jira: Innis Cuuphamuu fi Fannifamuu Yesuusitti amananii fayyuu dha.

Page 309: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ►

Dabalata 3

Gaaffii fi Deebii

Page 310: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

310 Gaaffii fi Deebii

Gaaffii fi Deebii Gaaffii 1: Kitaaba ati garalaafummaa keetiin

naa ergite dubbisee waa’ee cuuphamuu Yesuus irratti yaadni kee natti toleera. Egaa walittidhufeenya cuuphaa keenyaa fi chuupha Yesuus, du’aa fi du’aa ka’uu isaa natti dubbataa?

Deebii: Jalqaba, waa’ee barsiisa waa’ee

cuuphaa gara Ibrootaa 6:2 irrattan xiyyeeffachuun barbaada. Akkaataa Macaafa Qulqulluutti cuuphaa gosa sadiitu jira; Cuuphaa Yohannis qalbii diddiirrannaa tiif cuuphee, cuuphaa gooftaan keenya Yesuus Yohannis cuuphaa harka fudhate, sirna cuuphaa bishaanii ti.

Cuuphaa nuyi fudhannu dhuga ba’umsa amantii cuuphaa Yesuus irra qabnuu dha. Akkana jechuun, cuuphaa nuyi cuuphamnu akka Yesuus nuuf cuuphamee cubbuu keenya nu irraa kaase, nuuf du’ee du’aa ka’ee mul’isuu dhaafi. Maatewos 3:15 irraa

akka kanatti hubachuu ni dandeenya, “Waan qajeelaa ta’ee hundumaa akka kanatti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” jedhe. Iddoo kanatti, “nuuf” inni jedhuu sun Yesuus ofii isaatii Yohannis cuuphaa, bakka bu’aa ilmaan namaa tiin cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa akka baatee ilaalla.

Cubbuu keenya hundumaattii fayyisuun keenya akeeka Waaqayyoo isa gad fagoo dha. Waaqayyo gooftaan, “Irra-daddarbaa keenya isa irra in kaa’ee” (Isaiah 53:6) nuuf qajeelummaa kenne. “Qajeelummaa” jechuun afaan Griikiitti, “dikaiosune” jedhama innis, ‘qajeelaa fi sirrii’ jechuu dha. Akkana jechaanis irra-daddarbaa nama hundumaa akkataa ‘qajeelaa fi sirrii’ ta’etti bifa harka irra kaa’umsaan cuuphamee cubbuu keenya akka baate dubbata.

Nuyi cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu isaa irraa amantii sirrii ta’e qabaachuudhaan fayyina. Humni dhaqna qabaa hafuuraa (Roomaa 2:29) cuuphaa isaatii, cubbuu laphee keenyaa irraa muree, nu irraa

Page 311: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

311 Gaaffii fi Deebii

kaasa. Kanaafuu, ergamaan Pheexiros guyyaa Pheenxe Qoosxeetti namootaan akkana jedhe, “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon-tokkoon keessan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphamaa” (H. Ergamootaa 2:38).

Namni hundinuu maqaa Yesuusitti amanee dhiifama cubbuu argata. Hiikkaan maqaa isaatii maal innii? “Maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta, inni saba isaa cubbuu isaaniittii in fayyisa” (Matthew 1:21). Yesuus jechuun, ‘fayyisaa’ isa saba isaattii cubbuu isaanii fayyisuu jechuu dha. Attamitti cubbuu keenya hundumaattii nu fayyisa? Yesuus cubbuu keenya hundumaattii karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatii nu fayyisa.

Ergamoonni Yesuus yeroo wangeela lallabaa turan, waa’ee cuuphamuu isaa fi fannifamuu isaa sirriittii hubatanii, barsiisaa, warra itti amanan cuuphaa turan. Egaa akka Yesuus cuuphamee du’ee du’aa ka’e dhugaa ba’uu dhaaf cuuphamna. Yeroo cuuphamnu, “Yaa gooftaa sii haa galatu. Ati karaa

cuuphaa keetii cubbuu koo ana irraa kaaftee iddoo koo firdii du’aa anaaf fudhattee, du’aa naaf kaateetta. Ani wangeela keetti nan amana.” Mallattoo amantiidhaan fayyuu keenya dhugaa ba’uuf bishaaniin cuuphamna. Amantoonni jalqabaa erga cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin amanuudhaan akka fayyan, akka dhiifama cubbuu argatan mirkaneessuuf cuuphaman.

Cuuphaan bishaanii fayyinaaf haala barbaachisaa miti. Amantii keenya dhugaa ba’uufillee barbaachisaa yoo ta’e iyyuu, cuuphaan bishaanii fayyinaa wajjin walitti dhufeenya hin qabu. Kan fayyinu wangeela bishaaanii fi dhiigaatti amanuu qofaan. Macaafni qulqulluun amantiidhaan Yesuus Kiristoositti cuuphamneerra jedha (Roomaa 6:3, Galaatiyaa 3:27).

Egaa, “attamitti isatti cuuphamnaa”? Kun yeroo nuyi cuuphamuu isatti amanuu qofa ta’a, foonni keenya, namummaan keenya inni duraa fannifamuu Kiristoositti dabalamee kan badu yeroo nuyi cuuphamuu isa irraa amantii qabannuu dha.

Page 312: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

312 Gaaffii fi Deebii

Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya waan nu irraa kaaseef, fannifamuun isaa beenyaa irra-daddarbaa ti. Kanaafuu nuyis isaa wajjin fannifamne jechaa dha. Jecha biraatiin, foonni keenya, inni amma du’a keenyaatti cubbuutti jiraatu, yeroo nuyi cuuphaa fi fannifamuu isaatti amannee fayyinu qofa baduu danda’a.

Cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin isaa wajjin warri walitti dabalaman, du’aa ka’uu isaa wajjinis walitti dabalamaniiru jechaa dha. Du’aa ka’uun isaa du’aa fi cubbuu keenyattii du’aa ka’uu qofa osoo hin taane, ilmaan isaa ta’uuf lammaffaa dhalachuu fi cubbuuttii qulqullaa’anii mudaa malee ta’uu dha.

Cuuphaa isaa shakkinee, cubbuu keenya gara isaatti hin dabarree yoo ta’e, duutii fi du’aa ka’uun isaa hikkaa kan hin qabne, fayyina keenyaa wajjin kan walitti hin dhufne ta’a jechuu dha. Warri cubbuu isaanii hundaa amantii dhaan Yesuus irratti gatan isaan lammaffaa dhalachuudhaan du’aa fi du’aa ka’uu isaa irraa qooda qabu. Haa ta’uu iyyuu malee, warrii cubbuu isaanii karaa cuuphaa isaa isa irra hin

kaa’anne, du’aa fi du’aa ka’uu isaa irraa qooda hin qaban.

Cuuphaan amantootaa akka cidhi gaa’eelaa, abbaa manaa fi hadhamanaa seera qabeessa godhuu ti. Cuuphamuun qulqullootaa amantii isa garaa keessaa qaban mul’inaan dhugaa ba’uu dha. Yeroo amantii keenya cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti Waaqayyoo fi amantootaa fi biyya lafaa duratti yeroo agarsiifnu, amantiin keenya kan jabaate ta’a.

Hiikkaa cuuphaa dhugaa isa Yesuus Yohannisiin cuuphame ni shakkina yoo taane, fayyineerra jennee taa’uun keenya gaarii miti. Yoo akkas ta’e gowwoomsaa diinaa keessa galleerra jechuu dha. Isa ofii keenya cuuphamnetti amanuu irraa isa Yesuus nuuf cuuphametti amanuu tu dhiifama cubbuu nuu argamsiisee mootummaa isa oliitti akka fudhatamnu nu godha.

Page 313: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

313 Gaaffii fi Deebii

Gaaffii 2: Utuun guyyaa-guyyaatti cubbuu hojjedhuu attamittan “Qajeelaa dha ofiin jechuu” danda’aa?

Deebii: Nuyi, akka ilmaan namaatti, erga

dhalannee eegallee hanga gaafa du’a keenyatti cubbuuttii gargar ba’uu hin dandeenyu. Kun egaa amala uumama keenyaa ti. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun akkana jedha, “namni qajeelaan tokko illee hin jiru” (Roomaa 3:10). Sababii kanaatiifi, kan ergamaan Phaawulos Waaqayyoon duratti, “Dubbiin Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta’aaf, warra cubbamootatti lakkaa’aman sana keessaa immoo ani isaa duraa ti” (1 Ximotewos 1:15).

“Amma garuu kara seerichaa utuu hin ta’in karaan namni ittiin qajeelaa ta’u Waaqayyo biraa mul’ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaa dhugaa ba’aniiru, namni Yesuus Kiristoositti amanuu dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa in ta’a, kana irrattis

warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru. Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera; isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesuus Kiristoos tola isaaniif kennameen qajeelota in ta’u” (Roomaa 3:21-24).

“Qajeelummaa” Waaqayyoo jechuun Yesuus Yohannisiin laga Yordaanositti cuuphamuu dha. Inni Yohannisiin akkana jedhe, “Waan qajeelaa hundumaa akkanitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” (Matthew 3:15). Inni yeroo Yohannis cuuphaa, bakka bu’aa ilmaan namaatiin cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda bifa qajeelaa fi sirrii ta’een gara ofii isaatti fudhateera. Yohannis borumtaa Yesuusiin cuuphetti, “Ilaa! hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (Yohannis 1:29) jedhee dhugaa ba’e.

Egaa “cubbuu biyya lafaa” jechuun maal jechuu dha? Inni cubbuu ilmaan namaa hunda Addaamii fi Hewwaanii eegalee, hanga nama isa dhuma bara dhumaa tti jiraatuu ilaallata. Namoonni warri kanaan duraa, warri ammaa, warri gara fuula

Page 314: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

314 Gaaffii fi Deebii

duraas hundi isaanii biyya lafaa keessa jiru. Yesuus, Alfaa fi Omeegaan, altakkaa cuuphamee, altakkaa cubbuu biyya lafaa hunda of ittti fudhatee, altakkaa fannoo irratti du’eera. ‘Sababii kanaaf,’ nuyi qulqulloofneerra.

Macaafni Qulqulluun akkanatti ni kaa’a, “Akka jaalala Waaqayyoo sanaatti, dhiigni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’utti, al tokkicha aarsaa ta’ee dhi’eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra” (Ibiroota 10:10). Kun akka haala yeroo wanti tokko sirriitti raawwatamee jiruutti barreeffame. Nuyi gutummaan guutuutti battala amannee kaafnee akka qulloofnee cubbuu malee akka jirru nu hubachiisa. Waaqayyo gooftaan isa waan hundumaa danda’u waan ta’eef, wanta hundumaa jalqabaa eegalee hanga dhuma isaatiitti ni beeka. Inni erga cuuphamne waggaa 2000 dura yoo ta’e iyyuu, cubbuu dhalli namaa jalqabaa eegalee hojjete hunda irraa fuudheera. Fannoo irrattis, “Fiixaan ba’eera” (John 19:30) jedhe. Waggaa 2000 dura cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, dhiqee

balleessuudhaaf fannoo irratti du’e. Erga fayyinee booddee iyyuu sababii dadhabbii

foon keenyaaf cubbuu ni hojjenna. Haa ta’u iyyuu malee, Yesuus cubbuu keenya isa kanaan duraa, isa ammaa fi isa gara fuula duraa cuuphamuu isaatiin ofii isaatti fudhatee, du’a fannootiin firdii itti kenneera. Kun qajeelummaa guutummaa fi fayyisuu Waaqayyoo isa dhugaa ti.

Cubbuu keenya isa gara fuula duraa Yesuus nu irraa hin kaafne yoo ta’e, sababa cubbuu guyyaa-guyyaatiif namni tokkoo iyyuu fayyuu hin danda’u ture, “beenyaan cubbuu du’a” Roomaa 6:23) waan ta’eef. Yaaqoobii fi Eesawuun utuu isaan garaa haadha isaanii keessa jiranii, utuu isaan waan hamaa fi waan gaarii gargar hin baasin, Waaqayyo dursee saba lamatti isaan qoodee, Yaaqoobiin jaallatee, Esawuun jibbeera, “inni hangafaa isa quxusuuf in hojjeta” (Uumama 25:23) jedhe. Kun fayyisuun Waaqayyoo raawwatee hojii keenyaa wajjin akka wal hin ilaallannee fi nama du’aa fi du’aa ka’uu issatti amanu hundaaf akka kennamu agarsiisa.

Page 315: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

315 Gaaffii fi Deebii

Carraan ilmaan namaa dhalachuu isaattii eegalee hanga gaafa du’uutti sii’oliin akka ta’e Waaqayyoo dursee argee waan beekuuf warra cuuphaa isaa fi fannoo isaatti amanana jaalala isaatiin cubbuu isaanii altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti irraa dhiqeera. Bara eebbaa keessa jirra. Isaayaas raajichi, “Garaa saba yeruusaalem kan rukkutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyoo keessaa, adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef itti himaa” (Isaayaas 40:2). Wangeela cuuphaa fi fannoo tiin barri nuyi garba cubbuu taane raawwateera; kanaafuu namni wangeelichatti amanu hundinuu, ni fayya/ti. “Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi,” jedhee dhugaa ba’eef; Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe. Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo,

aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu in hafa” (Ibroota 10:16-18).

Waaqayyo cubbuu keenya guyyaa-guyyaatiin nutti hinfaradu sababiinisaa inni karaa Kiristoos cubbuu ilmaan nama hundaa dhiqee firdii itti kenneera.

Sababa kanaaf, gooftaa isa dhufaa jiru ni eegganna dubbii isaas ni hordofna, yoo hojjenne iyyuu akka qajeelaa cubbuu hin qabnetti of ni amanna.

Gaaffii 3: Cuuphaan qalbii diddiirrannaa

Yohannis cuuphu maali? Deebii: Yohannis cuuphaan garbicha

Waaqayyooti, inni ji’a ja’a Yesuusiin dursee dhalate, raajii isa dhumaa bara Kakuu Moofaa akka ta’es raajii Milkiyaas keessatti barreeffamee jira.

“Barsiisa garbicha koo Musee seerrataa fi wanta ana Waaqayyo duratti qajeelaa ta’e, isa ani

Page 316: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

316 Gaaffii fi Deebii

tulluu Horeeb irratti guutummaa Israa’eliif isatti kenne yaadadhaa. Kunoo guyyaan koo inni guddaa fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga. Ani dhufee lafa abaarsaan rukutee akka ani hin balleessinetti inni garaa abbootaa gara ijoollee isaaniitti garaa ijoolllees gara abboota isaaniitti in deebisa jedha” (Milkiyaas 4:4-6).

Yeroo Yesuus dhalate keessa namoonni Israa’el kakuu Waaqayyoo irraanfatanii, gara waaqa tolfamaa waaqeffachuutti deebi’anii turan. Horii jaamaa fi mudaa qabu aarsaa dhi’eessuudhaan mana Waaqayyoo mana daldalaa godhan. Waa’een Yesuus raajotaa fi macaafota seeraa keessatti dursee dubbatameera. Seerri hammam akka namni cubbamaa ta’e namatti agarsiisa (Roomaa 3:20). Seerota kennaman keessaa tokko iyyuu dhiisuun cubbuu du’aa namatti fida.

Bara Kakuu Moofaa keessatti namni tokko cubbuu tokko yoo hojjete aarsaa sababa cubbuuf dhihatu dunkaana fuula duratti dhiheessee harka isaa

irra kaa’ee, cubbuu itti dabarsee, isa booddee immoo gorra’ee dhiifama cubbuu argatee diibi’ee Waaqayyo wajjin tokkummaa qabaata. Ergasii lubni dhiigicha keessaa muraasa isaa fuudhee iddoo aarsaatti geessee isa kaan immoo gajjallaa iddoo aarsaatti ni dhangalaasa.

Haa ta’u iyyuu malee, danuu aarsaa baayyee isaanii kana keessaa cubbuu isaanii hundattii qullaa’uu hin dandeenye. Kanaaf, Waaqayyo sirna aarsaa dhaabbataa kan biraa isaaniif kaa’e. Guyyaan dhaabbataa kun guyyaa araara waggaa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaa dha. Guyyaa kanatti angafi lubaa, Aaron, reettii lama sabicha harkaa fuudhee kan lafa onaatti gad dhiifamuu fi kan Waaqayyoof qalamu gargar baasuuf car’aan itti bu’a. Achumaan, carr’aan isa gooftaadhaaf ba’e irra harka isaa kaa’ee cubbuu saba Israa’elota kan waliigala waggaa tiif ni gorra’a. Aaron dhiiga reetichaa fuudhe si’a torba iddoo teessoo aarsaatti ni dhi’eessa.

Iddoo Qulqulluu qulqullootaa erga araarri ta’ee booda, aarsaa horii kan biraa ni dhi’eessa. Reettii isa

Page 317: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

317 Gaaffii fi Deebii

lubbuutti jiru irraa harka isaa kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin irratti ni hima. Tooftaa kanaan cubbuun saba Israa’el itti darbee, nama kanaa f qophaa’eti kennamee lafa onaatti gad dhiifama. Israa’elonni akkaataa kanatti cubbuu isaanii isa waggaattii ni fayyu turan.

Haa ta’uu iyyuu malee, bara Kakuu Moofaa keessatti waggaa-waggaan aarsaan dhi’aatu kun cubbuu isaanii gutummaan guututti qulleessuu hin dandeenye. Inni gaaddidduu wanta gaarii dhufuuf jiru (qajeelummaa Masihii) agarsiisuuf ture (Ibiroota 10:1). Sabni Israa’el garuu fayyisicha, Kiristoosiin hin eegganne. Ijaa isaa dubbii raajotaa bara Kakuu Moofaa callisanii, gara waaqa tolfamaa biyya lafaatti garagalani.

Kanaafuu Waaqayyo Yohannis cuuphaa ergee garaa saba sanaa gara ofii isaatii, gara Yesuus Kiristoositti akka deebisu dursee dubbatee ture. Utuu Yesuusiin hin cuuphin dura qalbii saba sanaa jijjiiruuf lafa onaa biyya Yihudaa keessatti cuuphaa qalbii diddiirrannaa cuuphe.

Kaayyoon cuuphaa bishaanii Yohannis garaa saba sanaa tursee akka isaan Yesuusitti amananiif qajeelchuuf ture. Fayyisaanis dhufee harka isaatiin cuuphamee cubbuu isaanii irraa fuudhee sababii isaaf immoo akka fannoo irratti du’u isaaniin hubachiiseera. Yesuus dhufee aarsaa isa hir’uu kanaan duraa sana kaasee foon isaa aarsaa baraabaraa godhee; akkuma sabni Israa’el horii mudaa hin qabne aarsaa dhi’eessanii harka isaanii irraa kaa’anii akka sirna aarsaa bara Kakuu Moofaatti ni gorra’u turan; inni cuuphaa isaatiin cubbuu keenya hundaaf ofii isaa kennee akka nu irraa fuudhu dubbateera.

Israa’elonni baay’een cubbuu himachaa, ‘qalbii diddiirratanii’ jechuunis, ‘yaada ofii gara’ Yesuusitti deebisuu jechuu dha. Seera bara Kakuu Moofaa yaadachaa, cuubbuu isaanii himachaa akka cubbamaa abdii hin qabneetti Yohannisiin duratti dhi’aachaa turan. Akka seera bara Kakuu Moofaatti, waan gaarii yoo godhan malee, mootummaa Waaqayyootti akka galuu hindandeenyes ni himatu turan. Yaada isaanii Yesuus isa cubbuu isaanii barabaraan irraa kaase

Page 318: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

318 Gaaffii fi Deebii

mootumaa Waaqayyootti kan isaan galchutti ni deebisu. Cuuphaan Yohannis geggeessaa ture akka

armaan gadiitti sabni sun hammam akka yakkan himaa qalbii diddiirratu. Yesuus Kiristoos isa cubbuu isaanii irraa kaasee barbaaddachaa Yohannis cuuphaa angafa lubaa fi bakka bu’aa ilmaan namaatiin ni cuuphamu turani. Kun qalbii diddiirrannaa isa dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’ee dha.

Kanaaf Yohannis akka kanatti namootaaf ibseera, “Yohannis itti fufee, yaada garaa keessanii geddarachuu keessaniif bishaaniin isin nan cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuu dhaaf nama ta’u miti. Inni hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin in cuupha” (Matthew 3:11).

Yohannis cuuphaan Yesuus du’a isaatiin cuubbuu biyya lafaa isin irraa ni kaasa, (John 1:29) jechaa yaada namootaa gara isaatti ni deebisa ture. Yesuus ofii isaatii iyyuu Yohannis karaa qajeelummaa akka agarsiisu dhugaa ba’eera (Maatewos 21:32).

Gaaffii 4: Cuuphamuun Yesuus fayyinaaf barbaachisaa dha yeroo jettu fannoo isaa gatii dhabisiisa jettee hin yadduu?

Deebii: Cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus

fayyinaaf walqixa barbaachisu. Inni tokko isa kaan irra caalaa barbaachisaa dha jechuu hin dandeenyu. Rakkoon baraa kanaa kirstaanoonni baayyeen waa’ee fannoo isaa qofa malee cuuphamuu isaa hin beekani. Kiristoos fannoo irratti du’uu isaa qofaan akka fayyanitti amananii isumaanis cubbuun nu irraa kaa’eera jedhu. Garuu fannoo isaa qofaan cubbuun biyya lafaa hin kaane, sababiin isaa cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhatee fannoo irratti du’uu dhaan gatii isaa waan kaffaleef.

Utuu cuuphamuu isaa hin fudhatin fannoo isaa qofatti amanu jechuun utuu harka irra hin kaa’in aarsaa sababa cubbuu dhi’eessuu jechuu dha. Warri akka kanatti aarsaa dhi’eessan cubbuu isaanittii fayyuu hin danda’ani, sababiin isaaa, aarsaan

Page 319: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

319 Gaaffii fi Deebii

akkanaa seera malee waan ta’eef, Waaqayyo hin fudhatu. Waaqayyo balbala dunkaanichaatti Musee waamee akkana ittiin jedhe, “Kennaan isaa kun karra saawwaa keessaa qalma qubatuuf kennama yoo ta’e, dibicha mudaa hin qabne haa ta’u; ana Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’uufitti namichi balbala dunkaana itti walga’an sana duratti haa dhi’eessu. Inni harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhihaatuu sana irra haa kaa’u, araara isaaf buusuu dhaafis, fuula koo duratti fudhatamaa in ta’aafi” (Lewwoota 1:3-4).

Waaqayyo qajeelaa fi seera qabeessa. Cubbuu keenya nu irraa dhiquuf jedhee, sirna aarsaa gaarii isaa nuuf qopheesse. Yeroo nuyi aarsaa seera qabeessa dhi’eessinu, cubbuu keenyaaf araara nuu buusa. Utuu harka irra hin kaa’in, aarsaan kam iyyuu Waaqayyoof hin dhi’aatu. Akkuma kanatti, amantii keenya keessaa cuuphamuu Yesuusiin yoo dhiifne, amantii akkanaatiin, dhiifama cubbuu argachuu hin dandeenyu.

Kufaatiin kiristaanota bara kanaa gooftaa isa

jaalala qabeessa, Yesuusitti cubbuu keenya himannee fayyina jedhu. Macaafni Qulqulluun garuu dhugaatti akkana jedha, “Maqaa gooftaa kan Waammatu hundinuu immoo in oola” (H.Ergamootaa 2:21, Roomaa 10:13), akkasumas, “Yesuus jaalala abbaa koo waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni yaa gooftaa, yaa gooftaa naan jechuu qofaan itti gala miti” (Maatewos 7:21).

Yesuus fayyisaa akka ta’e dhugaa ba’uuf, seera Waaqayyoo fayyinaaf kenne beekuu qabna. Salphaa dhumatti maqaa Yesuus qofa dhoofnee ni fayyina utuu ta’ee silaa waa’een sirna aarsaa bara Kakuu Moofaa barreessuu fi waa’een warra seera malee hojjetanii (Maatewos 7:21) dhi’eessuun hin barbaachisu ture.

Garuu kanaan Waaqayyo inni dinqisiisaan Macaafa Qulqulluu keessatti ifatti galmaa’era. Macaafa warra Lewwootaa boqonnaa 3 fi 4 keessatti horii aarsaaf dhi’aatu irra cubbamaan akka harka isaa kaa’ee cubbuu itti dabarsuu fi yeroo aarsaa cubbuu fi

Page 320: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

320 Gaaffii fi Deebii

aarsaa nageenyaa dhiheessu gorra’ee dhiiga isaa iddoo aarsaatti akka facaasu bal’inaan barreeffamee jira. Harka irra kaa’iinsa malee fi horii mudaa qabu dhi’eessuun araara buusuuf seerqabeessa miti.

Dubbiin bara Kakuu Moofaa fi Haaraa hundi isaa iddoo itti waliitti galu qaba (Isaayaas 34:16). Laga Yordaanositti cuuphamuun Yesuus, aarsaa sababa cubbuutiif dhi’aatu irra harka kaa’uu bara Kakuu Moofaa wajjin tokko. Yeroo Yesuus laga Yordaanositti cuuphame inni akkana jedhe, “Waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” (Maatewos 3:15).

Iddoo kanatti “qajeelaa hunda” jechuun, “haqaa fi sirrii” jechuu dha. Akkataa sanatti Yesuus aarsaa sababa cubbuu ilmaan nama hundaa ta’uun isaa waan qajeelaa jechuu dha. Bifa harka irra kaa’uunis Yohaannis cuuphaan cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti dabarsuunis akka sirna aarsaa harka irra kaa’uu fi dhiigaa bara Kakuu Moofaa keessa Waaqayyo kaa’eettis waan ta’uun

malee ture. Fannoo isaa qofatti amanuu jechuun fannoon isaa

kun waa’ee cubbuu keenyaaf akka ta’e callisameera jechuu dha sababiin isaa cubbuun keenya kan itti darbu karaa cuuphaa qofa waan ta’eef. Firiin isaas dhiigni isaa qulqulluu akka hin taane fi cubbuu dhiquufis ga’aa miti jechuu dha (Ibroota 10:29).

Kanaafuu, Yesuus cubbuu keenyaaf Yohannisiin cuuphamuu isaa tiin bifa harka irraa kaa’umsaan gara ofii isaatti fudhatee warra akkaataa kanatti isatti amanan laphee isaanii keessaa cubbuu gutummaan guutuutti ni haqa. Ergamaan Yohannis namni Yesuus ilmi Waaqayyoo isa bishaanii fi dhiigaan dhufetti amanu biyya lafaa akka mo’u dhugaa ba’eera. Yesuu bishaanii fi dhiiga qofaan dhufe miti, inni bishaanii fi dhiigaanis dhufe malee (1 Yohannis 5:4-6).

Yesuus Kiristoos waa’ee ofii isaa macaafota keessatti kan galmaa’ee jiru bartoota isaa bal’inaan barsiiseera. Maacaafa Musee fi raajotaa keessatti aarsaan sababa cubbuuf bara Kakuu Moofaa keessatti dhi’aatu ofii isaa akka ta’e ibseera. Daawwiti

Page 321: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

321 Gaaffii fi Deebii

macaafa faarfannaa keesssatti, Yommus “ani kunoo ani nan dhufa maraa macaafaa keessatti anaaf kan ta’u caafameera” (Faarfannaa 40:7, Ibroota 10:7).

Sababa firii isaaf, cuuphaan isaa fannoo isaa gatii hin dhabsiisu,inni fannoo isaa tiif hiikkaa guutuu kenna malee. Cuuphamuu Yesuus Kiristoosii fi isa gatii jabeessa dhiiga isaatiin malee fayyinni cubbuu hin jiru. Fayyina jechuun cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan dhiifama cubbuu argatanii Hafuura Qulqulluuttii fudhachuu jechuu dha (1 Yohannis 5:8, H. Ergamootaa 2:38).

Gaaffii:5 Wangeela Bishaanii fi Hafuuraa

maal akka ta’e naa hiiktaa? Deebii: Limmoo tokko bakkee iddoo tokkotti

yoo ganne, iddoo inni itti badetti ni barbaanna ta’a. Haa ta’u iyyuu malee, sababa manni keessi caalaa ifeef mana keessa ni barbaanna yoo jenne, kun jaamummaa fakkaata. Bara ammaa kana namoota hin

hubanne akkanaa waldaa keessatti argaa jirra. Waa’ee cuuphaa amantootaa irratti walfalmiin guddaan yeroo ka’u, gaaffiin baayyee barbaachisaa ta’e, “Maaliif Yesuus Yohannisiin cuuphame?” jedhanii hin kaafne. Sababa ilaalcha kanaaf dhaabbannii fi gurmuun amantii kiristaanaa hedduun biyya lafaattii burqaniiru.

Walfalmii xumura dhabe kana guduunfuuf, gandeen arddaa burjaajii kana keessaa of baafnee, gara iddoo itti limmoo keenya gannee dhaquu qabna. Cimsinee dhugaa ni barbaanna yoo taane, gandeen amala amantii keessaa waan hin arganneef maxxanfatuu (stiikerii) isaanii of irraa baasuu qabna. Ergamootni maaliif cuuphamuu Yesuus Kiristoos irra ilaalcha guddaa kaa’anii? Sababii dhoksaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa, Yesuus harkaa fudhatanii biyya lafaatti labsaniif.

Yesuus jedhe, “Eenyu illee, bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate mootummaa waaqayyootti galuu hin danda’u’’ (Yoh. 3:5). Yesuus bishaanii fi dhiigaan cubbuu keenya hundumaatti

Page 322: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

322 Gaaffii fi Deebii

akka nu fayyisuu dhufe macaafni in dubbata (1 Yoh 5:6). Dhiiga isaa jechuun fannoo isaa jechuu dha. Egaa ‘bishaan’ jechaan immoo maalii? Yohannis cuuphaan maaliif Yesuusiin cuuphee? Maaliif inni utuu hin cuuphamin dura, “Waan qajeelaa gochuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittiuus dhiisi” (Maatewos 3:15) jedhe.

Ergamootni maaliif cuuphamuu Yesuus irra ilaalcha guddaa akka kaa’an ni hubatta jedheen yaada. Sababii isaan ilaalcha guddaa irra kaa’aniif, ibsa yaraa isaa akka armaan gadiitti nan kaa’a. Innis haala lallaba isaanii ture. Ergamaan Paawulos akkana jedhe, “Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffatni qulqullaa’oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera;inni awwaalameera, caaffatni qulqullaa’oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera” (1 Qorontos 15:3-4).

“Caaffatni qulqullaa’oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera’’ maal jechuu dha? Hiikkaan isaa ergamaan Phaawulos, Kiristoos

bu’uura kakichaa fi mul’ata Kakuu Moofaa kennametti nuuf du’ee araara buuseera jedha. Ibroota 10:1 “Seerrichi gaaddidduu wanta gaarii dhufuuf jiranii…” ti ni jedha. Kottaa Waaqayyo bara Kakuu Moofaa keessatti fakkeenya aarsaa sabni isaa akka ittiin fayyuuf kenne ilaalla. Akka fakkeenyaatti aarsaa Leewwota 1:3-5 irratti caqafame haa ilaallu. Iddoo kanatti yeroo ilaalluu, aarsaan dhi’aatu sun Waaqayyo duratti seera qabeessa ta’uuf haalowwan sadii guutamuu qabu.

(1) Horii mudaa hin qabne aarsaa dhi’eessuu (L. 1:3). (2) Harka isaanii mataa horii qalma gubamuuf

dhi’aatu sana irra kaa’uu (L. 1:4). Iddoo kanatti waa’ee aarsaaf ifa ta’u qabna: Harka irra kaa’uun cubbuu itti dabarsuuf seera Waaqayyo kaa’ee dha.

(3) Araara argamsiisuuf aarsicha gorr’auu (L.1:5).

Guyyaa araaraatti Aaroon, Harka isaa lamaan

mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sanaa irra kaa’ee, yakka, irra- daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el

Page 323: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

323 Gaaffii fi Deebii

hundumaa mataa korbeesichaa irra ni kaa’a (Lewwoota 16:21). Yeroo sanatti, Aaron bakka bu’aa Israa’elotaa ti. Inni qofaan mataa reettii aarsaaf dhi’aatuu irra harka kaa’ee, cubbuu Israa’elotaa (gara Miiliiyoona 2-3 kan ta’an) itti dabarsa. Sirni aarsaa bara Kakuu Moofaa gaaddidduu wanta gaarii dhufuuf jiru sanaa ti. Yesuus bu’uura macaafa qulqulluu tiin cubbuu keenyattii nu qull eessuuf jedhee akka fedha Waaqayyootti ofii isaa kenne.

Tokkoffaa, Waaqayyo Ilma isaa nama mudaa hin qabne hoolaa isa abdachiifame erge. Inni tokkicha ilma waaqayyooti, inni “fakkeenya isa Waaqummaa isaa” (Ibroota 1:3) tis. Kanaaf aarsaa cubbuu ilmaan namootaaf kan ta’u isa duwwaa ture.

Lammaffaa, Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti cuuphame, Yesuusiin cuuphe. Cuuphaan kenname sun bifa ‘harka irra kaa’uu’ ture, Yohannis chuuphaan sanyii Aaronii fi bakka bu’aa sanyii nama hundaa ti. Yeroo Yohannis harka isaa mataa Yesuus Kiristoos irra kaa’e, akka seera Waaqayyo kaa’etti, cubbuun biyya lafaa hundi gara

isaatti ni darbe. Yesuus Yohannisiin, “Waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” jennaan isa cuuphe. Cubbuun keenya hundi isaa gara isaatti darbe. Borumtaa isaa, Yohannis akkana jedhe, “Ilaa! Hoolcha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (Yohannis 1:29) jedhe.

Sadaffaa, Inni cubbuu keenyaaf fannifamee, Hafuura baafannaa isaa isa dhumaa dura, “Fiixaan ba’eera!’’ (Yohannis 19:30). Guyyaa sadaffaattis warra du’an keessa ka’ee, gara Waaqaatti ol ba’ee qajeelaa nu godheera. Aarsaa kana utuu hin gorra’in dura “harki irra kaa’amuu’’ qaba. Namni tartiiba sirna aarsaa dhiifama cubbuu kana yoo irra darbe sababii seeraan ala ta’eef cubbuun isaa sun hin dhiifamuuf ture. Kiristaanni tokko waa’ee cuuphamuu Yesuusiin homaa hin yaadne tokko taanaan, namni akkan laphee keessaa cubbuu qabaachuu qaba/di sababiinisaa amantii isaa/ishee kanaan fayyuu hin dandeessu waan ta’ef.

Namoonni baayyeen walakkaa qajeelummaa

Page 324: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

324 Gaaffii fi Deebii

isaa qofa beeku. Ergamaan Yohannis wangeelicha ergaa isaa isa tokkoffaa irratti ibseera: Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesuus Kiristoos; inni bishaan duwwaa dhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa ni baa’a; hafurrichis dhugaa dha (1 Yohannis 5:6). Cuuphamuun isaa fayyina keenya guutuu gochuuf hojii qajeelaa barbaachisu akka ta’e macaafni qulqulluun iddoo baay’eetti ni ibsa. Kanaafuu, kirstaanonni hundi isaanii gara wangeela bishaanii fi hafuuraatti deebi’uu barbaachisa.

Gaaffii 6: Ergamoonni cuuphamuu Yesuus

irratti akka xiyyeeffannoo kennan macaafota isa kamtu ibsa?

Deebii: Hunduma irra kan caalu, cuuphaa

keenyaa fi cuuphaa Yesuusiin gargar baasanii beekuu dha. Salphaa dhumatti cuuphaa bishaaniitiin

lammaffaa dhalachuu hin dandeenyu. Yesuusitti amanuu qofaan lammaffa dhalachuu dandeenya. Sirni cuuphaa bishaanii ykn dhaqna qabaan fayyisuu Waaqayyoo waan mul’isu hin qabu. Cuuphaa bishaanii fayyinaaf dirqama akka ta’e Waaqayyo hin dubbanne. Ijaa isaa cuuphamuu Yesuus irratti ni xiyyeeffata.

Macaafni qulqulluun cuuphamuun Yesuus fayyina keenyaaf barbaachisaa akka ta’e iddoo baayyeetti ni ibsa. Hunda dura, jalqaba wangeelota afuran keessatti cuuphamuun Yesuus hojii qajeelummaaf akka ta’e sirriitti ni kaa’a. Fakkenyaaf Maarqoos cuuphamuu Yesuusiin jalqaba, tartiiba wangeelaas, guyyaa Yesuus cuuphamee eegalee jechoota, “guyyaa itti fufu” (1:29) fi “guyyaa sadaffaa” (2:1) jedhee ni kaa’a.

Yohannis cuuphaan sagalee Waaqayyoo yeroo dubbatu, borumtaa Yesuus itti cuuphametti, “Ilaa! Hoolicha Waaqayyo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (John 1:29). Dubbiin kun yeroo inni Yohannisiin cuuphamee eegalee cubbuun biyya lafaa

Page 325: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

325 Gaaffii fi Deebii

gara isaatti akka darbe ibisa. Cubbuu keenyaaf araara buusuuf jedhee immoo fannoo irratti nuuf du’ee, “Fiixaan ba’eera!” (Yohannis 19:30) jedhee, guyyaa sadaffaattis warra du’an keessaa kaafameera.

Ergamaan Phaawulos akkana jedha,“Caaffatni qulqullaa’oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera” (1 Qorontos 15:3) hiikkaan isaa gara Kakuu Moofaa ilaallata. Caaffattoonni kun kakuu moofaa ilallatu. Cubbamaan tokko bara Kakuu Moofaa keessa attamittiin aarsaa dhiifama cubbuu dhiheeffata? Horii aarsaaf dhi’aate sana utuu hin qalin dura harka irraa kaa’uun dirqama ture. Harki irra kaa’uun yoo dagatame seera qabeessa miti waan ta’eef qaluu duwwaan araara cubbuu hin buusu.

Ergamichi akkana jedhe, “Nuyi warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamne, du’aa ka’uu isaattis dabalamuudhaaf akka cuuphamne hin wallaaltanii ree?” (Roomaa 6:3) Attamitti Yesuusii wajjin cuuphamuu dandeenya ree? Yesuusii wajjin cuuphamuu jechaan, akka inni Yordaanositti cuuphame amanuu dha, isa nuyi bishaaniin

cuuphamnu miti. Yohannis cuuphaan akka Yesuusiin cuuphuu isaatiin cubbuu keenya hunda gara isaatti akka dabarse yoo amante, isa wajjin cuuphamteetta jechuudha.

“Warri Kiristoositti dabalamuuf cuuphamtan Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu” (Galaatiyaa 3:27). Warri amantiidhaan karaa cuuphamuu isaatti cubbuu isaanii itti dabarsatan ijoollee Waaqayyoo warra cubbuu hin qabne ta’u.

“Isinis immoo isumaan dhaqna qabamtaniittu; dhaqna qabaan keessaa garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta’in isa Kiristoos dhaqna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha” (Qolosaayis 2:11). Karaan cubbuu irraa boqotan dhaqna qabaa harkaan osoo hin taane dhaqna qabaa hafuuraatiini; (Roomaa 2:29 akkana jedha, “Dhaqna qabaan yaada garaa namaas dhaqna qabaa isa dhugaa dha.”), kunis, cuuphamuu Yesuus isa cubbuu nama irraa kutu irraa amantii qabaachuu dha jedha, ergamaan Phaawulos.

“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin ammaa ittii

Page 326: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

326 Gaaffii fi Deebii

ooltaniiti, cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dhaa malee waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti” (1 Pheexiros 3:21). Cuuphaan fakkeenya fayyina keenyaa ti. Akkuma beeknu bishaan badiisaatti waan hin amanneef bara Nohi keessa namoonni hedduun ni badan, bara ammaa kanattis, namoonni akka Yesuus karaa cuuphaa isaatii cubbuu isaanii irraa fuudhee waan hin amanneef, utuu dhuman amantii qabanii badiisni itti dhufaa jira.

Ergamaan Yohannis ergaa isaa isa jalqabaa keessatti waan hundumaa ibseera, “Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe, isa kana, innis Yesuus Kiristoos” (1 Yohannis 5:6). Yesuus cuuphaa fi fannoo isaa tiin nu fayyisuudhaaf dhufeera. Akkasumas Yohannis,“Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha; sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u” (1 Yohannis 5:8) jedhe. Akkana jechuun cuuphamuu, fannoo fi Hafuuraan hojii fayyinaa tokko nuuf hojjete jechuu dha.

Yesuus Niqoodemosiin akkana jedhe, “Kanaaf Yesuus dhuguma dhuguman sitti hima eenyullee bishaanii fi hafuura Qulqulluuttii yoo dhalachuudhaa baate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” (John 3:5). Bishaanii fi hafuuratti lammaffaa dhalanneerra. Amantiin cuuphaa bishaanii isaa, fannoo fayyuu isaa fi akkasumas kennaa hafuura qulqulluu fudhachuudhaaf nu barbaachiisa. Wanti macaafni qulqulluu “waa’ee lammaffaa dhalachuu” barsiisu isa kana.

Kanaafuu, ergamaan Pheexiros akkana jedha, “Pheexiros immoo yaada garaa keessanii geeddaradhaa cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf tokkon-tokkoon keessan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphamaa; kenna hafuura qulqulluus ni fudhattu” (H. Ergamootaa 2:38). Dhiifama cubbuu fi kennaa Hafuura Qulqulluu argachuudhaaf, kennama cuuphamuu Yesuusitti garaa keenyaan amanuu qabna. Maal jenna laata? Kutaaleen macaafaa hedduu cuuphamuun isaa fayyina keenyaaf akka barbaachisan waan deggaraniif dhugicha irraa

Page 327: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

327 Gaaffii fi Deebii

kaachuu hin qabnu. Ittuma fufnee gara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti deebi’uu qabna.

“Kanaafis kottaa dubbii waa’ee Kiristoos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifnee gara barsiisa isa warra ga’aniif kennamuutti ni darbina. Nuyi waa’ee hojii gara du’atti geessu irraa yaada garaa geeddarachuu, waa’ee Waaqayyotti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa’uufmiti; Barsiisa waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu, waa’ee ka’uu warra du’anii, waa’ee firdii barabaraa keessa hin deebinu” (Ibroota 6:1-2). Iddoo kanatti, ka’umsa wangeela jalqabaa fi waldaa jalqabaa ni ilaalla, isaan, waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu, waa’ee ka’uu warra du’anii, waa’ee firdii baraabaraa warra amananiif barsiisa akka kennaa turan argina. Sammuu keenya hojjechiifnee, akka Yesuus cubbuu keenya karaa cuuphaa isaa nu irraa kaasee, akka seeraattis iddoo keenya firdii du’aa fudhatee seera Waaqayyo bakkaan nuuf ga’eera.

Gaaffii 7: Barsiisi kee kun yookaan wanta ani itti amanee fudhe yookaan immoo cuuphamuu Yesuus isa callisametti xiyyeeffannoo kennaa jirta. Egaa garaagarummaan wangeela bishaanii fi Hafuuraa maalii?

Deebii: “Fayyuu” jechuun dhiifama cubbuu

argachuu jechuu dha. Akkasumas lammaffaa dhalachuu jechuu dha. Cubbamaan tokko wangeela isa jireenya kennutti amanee yeroo qajeelaa ta’u, “inni/isheen karaa fayyisuu Yesuusiin bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalatteetti” jenna. Yeroo kanaa eegalee hafuurri qulqulluun laphee warra fayyanii fi warra lammaffaa dhalatanii keessatti akka isaani ijoollee Waaqayyoo ta’an dhugaa ba’af. Kanaafuu, dhiifama cubbuu fudhachuun, Hafuura Qulqulluu fudhachuun, Fayyuun, lammaffaa dhalachuu, ijoollee Waaqayyoo ta’uu fi qajeelaa ta’uun altakkaa kan kennamuu dha.

Gooftaan akkana jedhe, “Ani karaa dha, dhugaa dha, Jireenyas. Anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu

Page 328: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

328 Gaaffii fi Deebii

gara abbaa hin dhaqu” (Yohannis 14:6), kun karaa tokkicha ilma Waaqayyoo malee gara abbaa dhaquun akka hin dandaa’amne nu hubachiisa. Egaa Yesuus attamitti akka cubbuu keenya nu irraa dhiqee saba isaa, warra mootummaa isaatti galan kan nu taasifate, beekuun barbaachisaa dha.

Haa ta’uu malee, kristaanoonni baayyeen, maqaa isaa waamuu qofaan akka fayyuu dandaa’aniitti ni yaadu. Wangeelaa wajjin wal hin beekan waan ta’eef akkuma inni itti cubbuu keenyattii nu fayisee iyyuu hin hubatan. Waaqayyo hafuura fi Qulqulluu dhas, isa bira gar-gar baasuun ykn jijjiiramuun hin jiru, nuyi garuu cubbamoota. Mootummaa Waaqayyootti galuun Yesuusiin ala hin dandaa’amu, ‘seerri nafuuraa inni karaa kiristoos yesuus nama yesuusitti jiraa chusu,’ (Roomaa 8:1-2) isatti amanuu ni dandeenya.

Namoonni baayyeen akka itti gooftaan nama fayyise iyyuu hin beekani, akkasumatti jaamummaadhaan itti amananii, yaa gooftaa! yaa gooftaa! ittiin jedhu Akka waan fayyaniittis of yaadu,

garuu laphee isaanii keessaa amma iyyuu cubbuu qabu. Yesuus irraa akka fedhe iyyuu amantii qabaatte, laphee kee keessaa cubbuu qabda yoo ta’e, egaa maalittii fayyite ree? Namni tokko, “Yesuus attamittiin nu fayyise?” jedhee yoo gaafate Namoonni baayyeen, “Fannoo irratti” jedhanii ni deebisu Nama kan biraan immoo, “Cubbuu laphee kee keessaa qabdaa?” jedhanii yoo gaafatan, inni immoo, “Eeyyee maarree” jedheenii ni deebisa ta’a. Egaa namni guutummaan guutuutti lafa kana irra utuu jiruu cubbuu isaattii qullaa’uu nama attamiiti?

Maqaan Yesuus jechuu, “Inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan ni fayyisa” (Maatewos 1:21). Cubbuuttii fayyuudhaaf Yesuusitti ni amanna.

Haa ta’u iyyuu malee, Yesuus irraa amantii kan qabnu nutti fakkaatee hanga ammaatti garaa keenya keessaa cubbuu qabna yoo ta’e, nuyi namoota cubbuu jalatti gurguramnnee firdii eeggachaatti jirruu dha. Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Egaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru” (Roomaa 8:1). Namni

Page 329: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

329 Gaaffii fi Deebii

cubbuu garaa isaa keessaa qabu Kiristoositti akka inni hin jirre beekamaa dha. Utuu Yesuusiin amannee jirra jedhannii attamitti cubbuun isaanitti hafee fayyina dhabuu? Isaan sababa amantiin isaanii guutuu ta’uu didee dhiiga isaa qofaatti amananii, cuuphamuu isaa isa cubbuu isaanii irraa fuudhetti sababa hin amanneefi. Sababii kanaaf cubbuun laphee isaanii keessaatti hafee jira, sababiin isaa Yesuus cubbuu isaanii malee waan du’eef.

Kiristaanota warra cuuphamuu Yesuusitti amananii fi warra itti hin amanne gidduu garaagarummaa guddaatu jira; warri cuuphamuu isaa irraa amantii qaban, kan fayyani warri kaan immoo amantiidhaan qajeelummaa yommuu argatan, warri cuuphamuu isaa amantiin hin fudhatan immoo, cubbuu isaaniitiin hafu. Hafuurri Qulqulluun warra cubbamoota bira hin dhufu. Inni warra qajeelota ta’an, warra bishaanii fi hafuura qulqulluutti lammaffaa dhalatan bira dhufa.

“Yookiis nuyi warri Kiristoos Yesuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne du’a isaattis isatti

dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?” (Roomaas 6:3) Namoonni baayyeen Yesuus cubbuu keenya fannoo irratti nu irraa fuudhe jedhu, haa ta’u iyyuu malee cuuphammuu Yesuusitti utuu hin amanin lapheen namaa cubbuu irraa bilisa ta’uu hin danda’u. Yoo akkana ta’eef dubbii sobaa, yaada garaa keenyaa garas Waaqayyotti himaa jirra jechaa dha.

Karaa cuuphamuu isaa cubbuun keenya gara Yesuusitti hin dabarre taanaan cubbuun dhuguma laphee keenya keessatti hafe jira. Warri cuuphamuu fi fannifamuu Yesuusitti hin amanne, isaan seeraa fi jireenya du’aa keessatti hafanii jiru. Kanaafuu, waan fedhe iyyuu haa godhan, tul’luu gubbaatti kadhannaa gad fagoos haa godhatan, dhimmaniis dhiifama cubbuus haa kadhatani, cubbuuttii bilisa ta’uu hin danda’ani.

Yesuus akkana jedhe, “jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee namni yaa gooftaa yaa gooftaa naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti. Guyyaa isa

Page 330: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

330 Gaaffii fi Deebii

dhumaa sanatti namoonni baayyeen yaa gooftaa yaa gooftaa nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra; hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjenneerra mitii anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti matumaa ani isin hin beeku yaa warra seera malee hojjettanii ija koo duraa badaa jedheen mul’inatti isaanitti hima jedhe!” (Maatewos 7:21-23)

“Yaa warra seera malee hojjettanii” kan jedhu eenyuun ilaallataa? Warra amantii hir’uu warra du’a isaa malee akka inni cubbuu isaanii irraa fuudhe hin amannee dha. Amantii akkanaa kun yaada giddu galeessaati malee yaada Waaqayyoo miti. Yesuus karaa cuuphaa fi fannoo isaa akka inni nu fayyise yoo hin amanne taane nuyi warra seera malee hojjennutti lakkaa’amna. Cuuphaa fi fannoo isaatti hin amanne taanaan amantiin keenya hir’uu ta’a.

Namni lammaffaa dhalachuu barbaadu bishaanii fi hafuuraan qofa malee akka ta’uu hin dandeenye Yesuus dubbateera. Bara Nohi keessa namoonni bishaan badiisaa keessaa ooluu barbaadan markabatti

galuun akka isaan irra ture, har’as namni dhiifama cubbuu argachuu barbaadu hundi wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu qaba. Wangeela bishaanii fi hafuuraatiin ala dhiifama cubbuus ta’e ijoollee Waaqayyoo ta’uus hin dandeenyu.

Gaaffii 8: Ani akka an fayye sirriitti nan

beeka. Kanas, nagaan jireenya koo keessaa na amansiisa. Amma ergaan kee na wallalchiseera. Fayyuudhaaf cuuphamuu Yesuusii fi Fannoo isaatti amanuun qaba?

Deebii: Cuuphamuu isaatti hin amanne taanaan,

akka cubbuu qabdu beekamaadha. Ergamaan Yohannis akkana jedha, “Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna, dhugaanis nu keessa hin jiru” (1 Yohannis 1:8). Cubbuu hin qabu yoo jette, yoo dhuma akka cubbuu gootu barte iyyuu, sababa cuuphamuu Yesuusitti hin amanneef, kun gowwoomsuu keetiif raagaa fi dhugaan akka si

Page 331: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

331 Gaaffii fi Deebii

keessa hin jirre agarsiisa. Akkuma cuuphamuu fi fannoo isaatti amanneen dhiifama cubbuu fi Hafuura Qulqulluu argannee akka fayyine laphee keenya keesstti dhuga ba’umsa afuuraa arganna.

Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “...wangeelli biraa illee hin jiru…” (Galatians 1:7). Wangeela bishanii fi hafuuraa, isa ergamoonni Yesuus biraa fudhatanii lallaban malee, cubbuuttii kan nu fayyisu kan biraan hin jiru; wangeela bishanii fi hafuuraa isa ergamoonni lallabanitti hin amannee taanaan, amma iyyuu cubbuudhaan jirra jechuu dha.

Utuu cubbuu qabnuu attamitti akka fayyine mirkaneeffanna? Kiristaanoonni lammaaffaa hin dhalanne, yeroo Waaqayyoon duratti waan gaarii godhan, gammadanii akka fayyanis mirkaneeffatu; yeroo cubbuu ulfaataa tokko godhan immoo sodaatanii fayyuu isaaniif deebi’anii shakku. Fayyina dhugaa hin ta’in (Pseudo-salvation) irratti yaadnii fi miirri isaanii ijaaramee jira, malee Waaqayyo irratti miti. Fayyina isaanii isa raafamaa kana eeggachuudhaaf immoo kadhannaa fi qalbii

diddiirrannaatti ni jabaatu. Yaada fayyina fakkaatu kanatti warri amanan,

yeroo guutuu taanu fayyina jedhanii ni yaadu, yoo jireenya qulqullinaa jiraatan, guyyaa hundumaa qalbii diddiirrannaa Waaqayyoon kadhatanii seera eeganii waan fayyan itti fakkaata. Haa ta’u iyyuu malee, hanga wangeela dhugaatti hin amananitti cubbamaa ta’anii hafu. Fayyina Waaqayyo nuuf kenne, isa Yesuus cubbuu biyya lafaa cuuphaa isaatiin nu irraa fuudhe ibsu, fayyina guutuu dha.

Kanaafuu, ergamaan yohannis akkana jedha, “Cubbuu keenya yoo isatti himanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattis nu qulleessa” (1 Yohannis 1:9). Wangeela bishaanii fi hafuuraan cubbuu keenyattii hin fayyine taanaan, hanga ammaatti cubbuu akka qabnu barree, sababa amantiin keenya hir’uu ta’eef sii’oliin akka dhaqaa jirru isa duratti himachuu qabna. Kun egaa qalbii diddiirrannaa isa dhugaa ti. Cubbuu sa’phaa tokko yoo qabaanne iyyuu, wangeela bishaanii fi

Page 332: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

332 Gaaffii fi Deebii

hafuuraantiin ala cubbuu keenyattii fayyuu hin dandeenyu. Yoo akkaataa kanatti cubbuu keenya himannee cubbuu keenya irraa dhiqamnee qajeelaa ta’uu dandeenya.

Yeroon fudhatamaa egaa amma (2 Qorontos 6:2). Namni wangeela cuuphaa bishaanii fi fannootti amanu eenyu iyyuu ni fayye/te, qajeelummaa amantiin yoomi iyyuu taanaan mootummaa Waaqayyotti galuuf qophaa’oo ta’u. Amantii fi barsiisi amantii beektota eenyuun kenname iyyuu, wangeela dhugaan ala cubbuuttii nu fayyisuu hin danda’u. Barsiisi kan biraa hundi gowwoomsaa diinaa ti. Kanaaf gara wangeela bishaanii fi hafuuraatti deebinee, fayyina dhiifama cubbuu dhugaatti argachuun barbachisaa dha. Kun Yesuusii fi hojii isaa jaallachuu dha.

Gaaffii 9: Hubannoon wangeela “bishaanii fi Hafuuraa” kee sirrii yoo ta’e, saamtuun gooftaa wajjin fannifame sun hin fayyu ture. Saamtuu sanaaf ilaalcha addaatu jira yoo ta’e, Waaqayyo dubbii mootummaa isaa waan cabseef qajeelaa miti jechuu dha. Kanaaf fayyina saamtuu fannoo irraa sana attamitti ibsita?

Deebii: Yeroo sanatti, Yihudoonni hundinuu

dhufaatii Masihii eegaa turan. Kanaafuu, isaan waa’ee “seeraa fi sirna aarsaa ” Musee dhaan kenname hunda ni beeku turan. Masihiin akka sirna aarsaa araara Waaqayyootti dhufee cubbuu isaaniittii akka bilisa isaan baasu ni beeku turan.

Haa ta’u iyyuu malee, Yohannisiin cuuphamuun Yesuus cubbuu namaa irraa fuuchuuf Waaqayyo biraa akka ta’e hin amanne (Maarqos 11:27-33), faallaa isaa akka nama karaa irraa isaan kaachisuuf dhufeetti lakkaa’anii isa fannisan.

Sababa warri Roomaa akka seera isaaniitti abaarsa ykn fannoo irraa eegamaniif (H.Ergamootaa

Page 333: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

333 Gaaffii fi Deebii

22:25-29, 23:27), saamtuwwan fannoo irraa kan warra Roomaa osoo hin taane kan Yihudootaa ti. Saamtuun sun Yihudoota warra Waaqayyoon sodaatan keessaa akka ta’e dubbii isaa irraa ni hubanna, “Yaa Yesuus mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu” (Luqaas 23:42). Saamtichi seeraa fi sirna aarsaa Waaqayyoo Museetti kenne ni beeka. Kanaafuu, Masihiin akka sirna aarsaa araara Waaqayyotti akka dhufee ni beektu.

Namni gara Waaqayyoo dhufu hundinuu cubbamoota sii’oliif qophaa’an akka ta’an hubachuu qabu. Saamtuun sun waa’ee cubbuu isaa akkana jedhee dhugaa ba’e, “Nuyi qajeeltootti nutti faradamee hojii keenya nyaanne inni kun garuu homaa hin yakkine jedheeni” (Luqaas 23:41). Saamtuun sun akka Waaqayyoon sodaatuu fi akka inni mootummaa Waaqayyootti galu dubbii inni dubbate irraa ni hubanna, “Yesuusiin immoo, Yaa Yesuus mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu” (Luqaas 23:42).

“Nuyi qajeeltottii nutti faradamee hojii keenya

nyaanne inni kun garuu homaa hin yakkine jedheen” (Luqaas 23:41). Wanta Yesuus hojjete saamtuun sun maal beeka? Akka Yesuus hafuura Qulqulluun ulfeeffame, Maariyaam durba irraa akka dhalate, Yohannis cuuphaa, bakka bu’aa ilmaan namaatiin akka cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda akka irraa fuudhe, akka fannifame ni amana ture. Inni wantaYesuus biyya lafaatiif kan isaas dabalate hojjeteef sababii kanaafis akka fannifame hunda ni amana ture.

Warri karaa cuuphaa Yohannisiin cubbuu isaanii himatan akkuma cubbuun isaanii gara Yesuusitti akka darbe dhaga’an qajeelummaa Waaqayyoo hubatan. Haa ta’u iyyuu malee, warri cuuphaa qalbii diddiirrannaa Yohannis cuuphu hin fudhanne, fedha Waaqayyoos jibbaniiru, sababiin isaa isaan cuuphamuu Yesuusiinis hin fudhanne waan ta’ef (Luqaas 7:28-30).

Faallaa isaatiin, Yihudoota utuu hin ta’in, saamtuun sun wanti Yesuus hojjete hundi sirrii fi qajeelaa akka ta’e dhugaa ba’eera. Wanta inni

Page 334: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

334 Gaaffii fi Deebii

Yihudoota gidduutti godhe saamtuun sunis warra dhaga’aan keessaa namuma tokko ture (Luqaas 1:1). Dhuma irratti, Yesuus qajeelaa fi Masihii isa eeggatamaa jiru akka ta’ee fi cuuphamuu isaatiin gatii cubbuu isa fudhate sanna fannoo irratti akka kaffale hubateera. Inni haala kanaan fayyeera. Inni wangeela bishaanii fi hafuuraattis amaneera. Waaqayyo qajeelaa waan ta’eef, warra akka seera isa jireenya kennuutti cuuphamuu fi fannifamuu isaatti amananiif qajeelummaa ni kenna.

Gaaffii 10: Waaqayyo arjaa fi gara laafessa

waan ta’eef, yoo cubbuu qabaanne iyyuu Yesuusitti yoo amanne ilaalcha nuuf godhee nu hin fayyisuu?

Deebii: Waaqayyo jaalalaa fi qajeelaa dha.

Warra qajeelota hin taane irratti firdii ni kenna. “Beenyaan cubbuu du’a” (Roomaa 6:23). Kana jechaan cubbamaan tokko erga du’ee booda gara

sii’oliin dhaqa jechaa dha. Inni qajeelotaa fi jalloota gargar ni baasa, akkuma dukkanaa fi ifa gargar baase. Waaqayyo warra Yesuusitti amananii cubbuun isaanii irraa fuudhame qajeelota jedhee waama.

Haa ta’uu iyyuu malee, warri hanga ammaatti cubbuudhaan jiran, sababa cuuphamuu Yesuusitti hin amanneef fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota. Karaa biraan isaan akkuma namoota bara Nohi warra bishaanicha, cuuphamuu Yesuusitti hin amannee dha jechuu dha. Waaqayyo warra cubbamoota, warra cubbuu qaban kana qajeelota warra cubbuu hin qabnetti yoo lakkaa’e, inni sobduu ta’uu qaba, kanaaf immoo uumama harka isaatii irratti mo’uu hin danda’u jechuu dha.

Inni, “Ani nama jal’aa akka nama qajeelaatti hin lakkaa’u” (Ba’uu 23:7). Nama jal’aa jechuun nama warra wangeela bishaanii fi hafuuraa caalaa aadaa fi barmaatilee namootaa irratti hundaa’uu jechuu dha. Yesuus akkas jedhe,, “Isaan waan anatii hin amanneef cubbuu isaanii in argisiisa” (Yohannis 16:9). Cubbuun lafa kana irratti hafe cubbuu tokkicha, innis

Page 335: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

335 Gaaffii fi Deebii

akka Yesuus cuuphamuu fi fannifamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fayyisaa ta’uu isaa amanuu dhiisuu dha. Cubbuun Hafuura Qulqulluu ar’absuu dhiisuun cubbuu namaaf hin dhiifamnee dha. Warra Hafuura Qulqulluu ar’absaniif karaan fayyina biraa isaaniif hin jiru, sababiin isaa cubbuun akkana akka Yesuuus cubbuu isaanii irraa fuudhe amanuu dhiisuu waan ta’eef.

Ergamaan yohannis akkana jedhe, “cubbbuu kan hojjetu hundinuu seera malee in jiraata, cubbuunis seera malee jiraachuu dha. Kiristoos cubbuu balleessuudhaaf akka mullate, in beektu, inni garuu cubbuu hin qabu. Egaa namni isatti qabamee jiraatu hundinuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu hundinuu garuu isa hin argine, isa hin beeknes” (1 Yohannis 3:4-6). Yesuus cuuphamuu fi fannifamuu isaatiin akka inni cubbuu biyya lafaa irraa kaase amanuu dhiisuun cubbuu seeraan ala jiraachuu dha. Warra cubbuu seera malee jiraachuu hojjetan Waaqayyo guyyaa booddee itti farada.

Warri isatti jiraatan cubbuu hin qaban waan

ta’eef cuuphamuudhaan isatti dabalamaniiru. Warri amantii cuuphamuu isaatiin cubuu isaanii hundumaa isa irra kaa’atan hundi cubbuu hin qabani, yoo dadhabbii foon isaanitiif cubbuu godhan iyyuu.

Waaqayyo warri cubbuu isaanii hundumaa Yesuus irra ka’atan hunda seera isa jireenya kennuun, qulqulleessee qajeelota isaan godheera. Inni Hafuura Qulqulluu kennaa godhee kennuufii ni danda’a. Hafuurri qulqulluun gara warra cubbuu of keessaa qabanii hin dhufu. Daawwiti faarfannaa kana jedhe, “Ati yaa Waaqayyo isa jallinni itti tolu miti’oo; hamaanis si bira hin buufatu” (Faarfannaa 5:4). Hafuurri qulqulluun warra cubbuu qaban keessa hin taa’u. Cubbamaan Hafuura Qulqulluu of keessaa hin qabne tokko cal’uma jedhee akka barsiisa amantii isaatiitti ani fayyeera jedheef ni fayye/te jechuu hin dandeenyu. Namni tokko akka amantii isaatti qajeelaa waan ta’eef cubbuu hin qabu jechuu hin dandeenyu.

Kanaafuu, namni akkanaa ija warra kaanii biratti inni/isheen cubbamaa/tu yoon ta’e iyyuu, fuula Waaqayyoo duratti akka waan qajeelaatti of ni

Page 336: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

336 Gaaffii fi Deebii

yaada/ddi. Garuu Waaqayyo qajeelaa dha ittiin hin jenne. Cubbamaan akka firdii qabu baree gara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti deebi’ee fayyuu qaba.

Gaaffii 11: Yesuus cubbuu keenya isa darbe,

isa ammaa fi isa gara fuula duraa akka yaada keetiitti kaaseera yoo jenne, namni sun cubbuun koo inni gara fuula duraas cuuphamuu fi fannoo isaatti amanuu kootiin ana irraa ka’eera jedhee cubbuu caalchisee hin hojjetuu? Namichi sun nama kan biraa yoo ajjeesse iyyuu, akka Yesuus fannoo irratti araara kenneef ni beeka. Kanaafuu, cubbuu koo isa booddee iyyuu Yesuus ana irraa fuudheera jedhee shakkii tokko malee ittuma fufee ni yakka. Mee adaraa waa’ee kanaa naaf ibsi.

Deebii: Hunda dura, gaaffii waa’ee wangeela

bishaanii fi hafuuraa kaasuu keetiif baayyeen si galateeffadha. Gaaffii ati gaafatte kana kiristaanonni

baayyeen lammaffaa hin dhalatin ana gaafachaa turani. Garuu ati illee amma, kiristaanonni guutummaa wangeelaatiin lammaffaa dhalatan akka isaan itti fufanii cubbuu hin hojjenneef qoqqobachiisuu kee akka ta’e hubadheera. Haa ta’u iyyuu malee, namoonni bishaanii fi hafuurattii dhalatan, jireenya gad dhiisii akkanaa ati yaaddoofte kana hin hojjetan, qooda kanaa isaan qajeelummaatti ni jiraatu.

Ati waa’ee cubbuu dursitee yaaduu qabda. Hafuurri qulqulluun dhuguma si keessa yoo jiraate, yoo gochuu dadhabde iyyuu firii qulqullaa’aa agrsiisuu ni barbaadda. Karaa biraatiin hafuurri qulqulluun si keessa hin jiru yoo ta’e, akka fedhe iyyuu yoo yaalii goote ija hojii hafuuraa godhachuu hin dandeessu. Namni Kiristoositti nan amana jedhe, hafuura qulqulluu laphee isaa keessaa hin qabu yoo ta’e, attamitti ija hojii Hafuura Qulqulluu qabaachuu danda’aa? Kun hin danda’amu. Gooftaan mukti hamaan ija gaarii godhachuu hin danda’u jedhe (Maatewos 7:17-18).

Page 337: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

337 Gaaffii fi Deebii

Amma gaaffii kana si gaafadheen deebii isaas siif kenna. Yesuusitti ni amantaa, cubbuu biyya lafaa mo’achaa, jireenya kee geggeeffachaa jirtaa? Akka hojjetaa Waaqayyoo isa amanamaatti cubbuu biyya lafaa ni mo’attaa; warra kaaniif caalaa hojjechaa wangeela bishaanii fi hafuuratti amananii akka isaan fayyan gochaa jirtaa? Erga Yesuusitti amantee fayyitee booda, nama qajeelaa dhugaa isa cubbuu xinnoo tokko iyyuu hin qabaannee dha? Gaaffilee kanaaf amantii fi wangeelli deebii ta’u kennuu danda’uu, wangeela bishaanii fi hafuuraa isa dhuga ba’umsa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa qabuu dha.

Utuu Yesuus irraa amantii qabnuu iyyuu hanga lafa kana irra jirruutti cubbuu ni hojjenna. Haa ta’u iyyuu malee gooftaan keenya Yohannis cuuphaan cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhatee fannoo irratti du’uudhaan nu fayyiseera. Kanaafuu, gooftaan waan qajeelaa nuuf hojjeteera, nuyis cubbuu keenyattii qajeelummaa Waaqayyoo, cuuphaa fi dhiigaa isaattiin qulloofneerra.

Ammas gaaffilee yaraa isaa si gaafachuu nan

jaalladha. Cubbuu yaada garaa keettii qulluufteettaa? Erguma amantee booddee iyyuu akkuma isa yeroo hin amaniin turteetti cubbuu qabda miti? Yoo akkana ta’e, egaa ati wangeela bishaanii fi hafuuraatti hin amanne ta’a. Kanaafuu, ati rakkoo ulfaataa fi hidhaa foonitti kufteetta, sababiinsaa ati Hafuura of keessaa waan hin qabaanneef. Akka fedhe iyyuu amanamaa ta’i, yaada foonii ajeesuun kan danda’amu laphee kee duwwaa gootee wangeela bishaanii fi hafuuraa yoo fudhate qofaa dha. Wangeela bishaanii fi hafuuraa sirriitti hunachuudhaaf, yaada foonii kee gattee, gara sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jiruutti deebi’uu qabda.

Biyya lafaa kana keessaa kan seera fayyinaa jijjiiranii seera fayyina fedha isaanii dhaabbatanii afaan isaaniin immoo kan dhugaa ba’an namootni hedduun jiru. Isaan kana keessaa atis tokko yoo taate, guyyyaa booddeetti gooftaan si gata. Kun akka nama tokko iyyuu hin mudanneef hawwii fi kadhannaa kooti. Dhangala’uu dhiiga fannoo duwwaan fayyeera akka ati hin jenneef cimsee nan kadhadha; ati gaaffii

Page 338: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

338 Gaaffii fi Deebii

fedha garaa keetii bara jireenya kee isa hafe cubbuu malee jiraachuu gaafatte.

Haa ta’u iyyuu; “Yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu, isaaf abboomamuus hin danda’u” (Roomaa 8:7). “Warri akka fedha fooniitti jiraatan Waaqayyoon garaa ciibsuu hin dandaa’ani” (Roomaa 8:8). Amantii isa Waaqayyoon gammachiisu yoo qabaachuu barbaadde, hojii dinqisiisaa gooftaa Mariyaam durba irraa foon uffatee gara biyya lafaa akka dhufe, laga Yordaanositti Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti akka fudhate, achitti qajeelummaa hundumaa akka raawwate amanuu dha.

Hojii Waaqayyoo kan hojjetu nama qajeelaa moo nama cubbamaa dha jettee yaaddaa? Cubbamaan cubbuu isaatiin jiraata sababiin isaa Waaqayyoon biraa dhiifama cubbuu waan hin fudhanneef. Kanaafuu, nama akkanaa sababa cubbuu isaatiif firdii qofaatu isa eeggata. Waaqayyo cubbamoota mootummaa isaatti akka isaan galan hin

hayyamu; “Ati yaa Waaqayyo isa jallinni itti tolu miti’oo; hamaanis si bira hin buufatu” (Faarfannaa 5:4). Waaqayo kadhannaa cubbamootaa akka hin dhageenye dubbateera, “Kunoo harki Waaqayyo gabaabbatee, isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dadhabne,” (Isaayaas 59:1-2). Cubbamoonni sababa gatii cubbuu isaaniitiif, sii’olitti ni kufu.

Namoota qajeelota, warra qulqullaa’anii cubbuun laphee isaanii irraa haqan qofaatu hojii qajeelaa hojjechuu danda’u. Itti dabalees, Hafuurri Qulqulluunis laphee nama qajeelaa, isa amantii bishaanii fi fannoo Yesuusiin cubbuun laphee isaanii irraa fuudhame bira ni buufata. Guyya gaafa Pheenxeqoosxeetti ergamaan Pheexiros akkana jedhe, “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf tokkon-tokkoon keessan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphamaa kenna hafuura qulqulluus in fudhattu” (H. Ergamootaa 2:38).

Wanti ergaan kun jedhu yoo amantii dhugaa

Page 339: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

339 Gaaffii fi Deebii

qabattee, dhiifama cubbuu fudhachuu barbaadde, egaa cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuu akka qabduu dha. Amantiin akkanaa kun gara, “Maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphamuu,” akkana jechuun hojii qajeelummaa isaatti amantee dhiifama cubbuu argachuu dandeessa jechuutti si geessa. Ergamoonni warra lammaffaa dhalatanii amantii bishaanii fi hafuuraa qabaataniif sirna cuuphaa godhaniiru. Yesuus tokkoon-tokkoon namaa maqaa Abbaa kan Ilmaa fi kan Hafuura Qulqulluutti akka cuuphamu abboomeera (Maatewos 28:19).

Itti dabalees, Ergamaan Phaawulos akkana jedhe, “Namni hafuura Kiristoos of keessaa hin qabne kan Kiristoos miti” (Roomaa 8:9). Waaqayyo qajeelotaaf Hafuura Qulqulluu kennee akka isaan ijoollee isaa ta’aaniif mallattoo itti godha. Hafuurri Qulqulluun yakkamoota keessa buufachuu hin danda’u. Hafuurri Qulqulluun cubbuu hin jaallatu; inni iddoo qulqulluu Waaqayyoof adda ba’e filata. Hafuurri Qulqulluun qajeelota karaa qajeelaa irra geggeessee, akka isaan fedha abbaa beekan godha. Egaa fedhi abbaa kun

maalii? Fedhi isaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa biyya lafaatti labsuu fi akka ergamaa isaa isa guddaatti nama hundumaa cuuphuu dha.

Foonni qajeelotaas ta’e kan cubbamootaa hanga gaafa obbafataniitti cubbuu ni hojjeta. Haa ta’u malee gooftaan cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu isaan foonii fi yaada isaaniin hojjetan hunda irraa ni fuudha. Kun hojii qajeelummaa Waaqayyo raawwatee dha. Kanaafuu, Macaafa Qulqulluu keessatti, “Qajeelummaa Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabbata, gara amantiittis nama in geessa, kunis wangeela keessatti in mul’ata; akkuma caafamee jiru immoo, namni amantii dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee jireenya dhugaa in jiraata” (Roomaa 1:17). Namoonni hojii qajeelummaa Waaqayyootti amanuudhaan, dhiifama cubbuu ni argatu, ‘seera cubbuu fi du’aa’ mo’atanii ijaa isaa qajeelummaa Waaqayyoo duukaa bu’u. Kun egaa Hafuura Qulqulluu isa warra wangeela bishaanii fi hafuuratti amanan bira dhufee buufatuun ta’a.

Cubbuun inni kanaan duraa, inni ammaa fi inni

Page 340: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

340 Gaaffii fi Deebii

gara fuula duraa hundi yeroo Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphame gara isaatti darbeera. Foonni qajeelotaas Yesuusii wajjin du’eera. Namni yeroo kana amanu, du’a Yesuusii wajjin tokko ta’ee isa fakkaata. Kun egaa cubbuu isaatu firdii fudhate jechaa dha (Rooma boqonnaa 6).

Kanaafuu, foonni nama cubbamaa bara isaa guutuu cubbuu yoo hojjete iyyuu, hafuurri qulqulluun laphee nama sanaa keessa buufatee nama sana ni geggeessa. Namni qajeelaan Hafuura Qulqulluu fi hojii Waaqayyoo duukaa bu’a sababiin isaa Hafuura Qulqulluun nama sana keessa waan buufatuuf.

Bara ergamootaatti iyyuu, namoonni baayyeen gar malee warra lammaffaa dhalatanii Hafuura Qulqulluun geggeeffaman ni ceepha’u turani, rakkina isaaniittis ni gammadu. Haa ta’u iyyuu malee, jarreen akkanaa waa’ee wangeela bishaanii fi hafuuraa isa ergamoonni labsaa turan gar malee fooniin hubataniiru. Namoota kanaan ergamaan Phaawulos jarreen kanaan akkana jedha, “Egaa maal jenna ree? Ayyaanni Waaqayyoo akka baayyatuuf cubbuutti

jiraachuu itti fufna jennaaree? Kun matumaa hin ta’u. Nuyi warri cubbuu jalaa duune si’achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?” (Roomaa 6:1-2). “Karaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos Waaqayyooof galanni haa ta’u! Akka kanatti ani ofii kootii yaada garaa kootiin seera Waaqayyoof nan hojjedha, namummaa koo isa fooniitiin garuu seera cubbuuf nan hojjedha” (Roomaa 7:25).

Xumura irratti, foonni warra qajeelotaa iyyuu ga’aa waan hin taaneef cubbuu gochuu irraa filannoo biraa hin qabu, garuu isaan yoomi iyyuu Hafuura Qulqulluutiin ni geggeeffamu, biyya lafaattis wangeela ni lallabu. Qajeelonni Hafuura Qulqulluutiin ni deddeebi’u, sababiinsaa lapheen isaanii Hafuura jala waan jiruuf. “Egaa maal haa goonuu? Seera jalatti qabamnee kan jiraannu utuu hin ta’in ayyaana Waaaqayyoo jala waan jiraannuuf cubbuu hojjennu ree? Kun matumaa hin ta’u. Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii, harka isaa jala yoo of galchitan isin waan sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abbomamtan

Page 341: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ Qabiyyee ► Kitaabolee tolaa gaafachuuf www.nlmission.com dho’adha

341 Gaaffii fi Deebii

du’aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu” (Roomaa 6:15-16).

Abaaboo inni dhugaan isa namni hojjetu irraa akkuma garaagarummaa qabu, lapheen nama qajeelaa fi cubbamaa garaagarummaa qaba. Gooftaan laphee nama qajeelaa Hafuura Qulqulluu waan ta’eef Hafuura isa Waaqayyoon garaa ciibsuun deddeebi’uu ni danda’a. Garaan nama cubbamootaa immoo filannoo biraa hin qabu waan laphee isaa keessa jiru cubbuu deddeebi’uu irraan kan hafe. Cubbamaan tokkoo Hafuuran deddeebi’uu hin danda’u, sababii garaan isaa jal’aa ta’eef.

Amantoonni bishaanii fi hafuuraa Hafuuraan deddeebi’uu hin dandaa’an yaadni jedhu kufaa fi yaada nama foonii irraa maddee dha. Waaqayyo akkana jedhee akeekachiisa ni kennaaf, “Isaan kun garuu, waanuma beekuu dadhaban in arr’absu, akka bineensota waa yaadanii gargar hin baafnee tti,dhageettii uumamaatiin hubatanii immoo in badu” (Yihudaa 1:10). Rakkoon jiru garuu bara ammaa kana keessa namoonni baayyeen jireenyi

qajeelummaa maal akka ta’e hin hubatani, yoo dhuma wangeela bishaanii fi hafuuraa fudhatan iyyuu, sababa garaa isaanii guutuun guutuummaa barsiisicha hin fudhanneef.

Hojiin qajeelota warra lammaffaa dhalatani maali jettee yaadda? Isaan qabeenyaa fi jireenya isaanii hunda wangeela biyya lafaa tiin ga’uuf aarsaa godhanii jiru. Egaa sababa hiikkaa wangeelichaaf, attamitti amantoonni wangeela bishaanii fi hafuuraa cubbuu godhu jettee yaaduu dandeessaa ree?

Qajeelonni ifaa fi dhugaa qajeelummaa Waaqayyoo tiin, amantii dhaan hojii gaarii hojjetu. Warri hojii qajeelaa hojjetan Waaqayyottii dhalataniiru. Cubbamoonni hundinuu, gara wangeela bishaanii fi fannoo isa cubbuu isaanii hunda irraa kaaseetti ni deebi’uu jennee ni abdanna.

Eeyyee, fedhiin keenya inni guddaan guutummaa garaa keessaniin wangeela bishaanii fi hafuuraa fudhattanii dhiifama cubbuu argattanii, hanga gaafa gooftaan lammaffaa deebi’ee dhufuutti qulqulluu taatanii cubbuu malee akka jiraattanii dha.

Page 342: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

e-Bookse-Books

?

USER GUIDE

How to Read

Easier Way to Read

Cover Page

TheNewLifeMission

Page 343: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ User Guide ►

HOW TO READ

PAGING THROUGH THE BOOK

Page by Page

Skiping to a Page

User Guide

Page 344: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ User Guide ►

PAGE BY PAGE

• KeyBoard

1) Page Up / Page Down Key

Page Up = Previous Page, Page Down = Next Page

2) Arrow Key

← or ↑ = Previous Page, → or ↓ = Next Page • Acrobat Reader Menu Button ◄ = Previous Page, ► = Next Page • Link ◄ = Previous Page, ► = Next Page Contents = Go to Table of Contents

User Guide

Page 345: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ User Guide ►

SKIPING TO A PAGE

1) Key Board

Ctrl + N Key : The number of page you want to go to.

2) Acrobat Reader Scroll Bar

Click and drag in the scroll bar until the page number in the number field matches the page you want to go to.

User Guide

Page 346: DHUGUMA BISHAANII FI HAFUURATTII LAMMAFFAA DHALATTEETTAA?

◄ User Guide

EASIER WAY TO READ

Using Bookmarks

You can move easily where you want by using bookmarks

- Show bookmarks : Press F5 Key on your keyboard

- Hide bookmarks : Press F5 Key again

User Guide