maaskii keessan nageenyaan akkamitti akka uffattan · minnesota department of health |...

Post on 31-Dec-2020

1 Views

Category:

Documents

0 Downloads

Preview:

Click to see full reader

TRANSCRIPT

Maaskii Keessan Nageenyaan Akkamitti akka Uffattan

Tarkaanfii 1: Haarka keessan dhiqadhaa ykn saanitaazaraan qulqulleessaa.

Tarkaanfii 2: Fiixeen maaskii funyaan keessan gubbaatti akkasumas gajjalaan isaa areeda keessan jala ta’usaa mirkaneessaa.

Tarkaanfii 3: Saaqqiiwwan gurraa fayyadamuu ykn mataa keessan duuba hidhuun duratti maaskii funyaan fi afaan keessan gubbaatti kaa’aa.

Tarkaanfii 4: Maaskiichi funyaan, afaanii fi areeda keessan gutuumaatti akka haguuguuf naanneessuun sochosaa.

Tarkaanfii 5: Fiixee maaskiiwwan tokko tokkoo gobbachuu danda’u. Sirriin naannoo funyaan keessaniitti akka taa’u godhuuf, fiixee maaskii irra quba keessan gadi qabaa.

Tarkaanfii 6: Yeroo maaskii uffattan hin tuqinaa. Sirriitti akka taa’u gochuuf yoo barbaaddan, saaqqiiwwan ykn hidhaa gurraa maaskiichaa fayyadamaa.

Tarkaanfii7: Maaskii baafachuuf saaqqiiwwan ykn hidhaa gurraa fayyadamaa. Fuldhurasaa hin tuqinaa.

Tarkaanfii 8: Yoo maaskiichi kan gatamuu ta’e gataa.

Tarkaanfii 9: Maaskii keessan irra deebiitanii itti fayyadamuun dura maashiniin ykn harkaan miccaa.

Tarkaanfii 10: Ammas haarka keessan dhiqadhaa ykn saanitaayizaraan qulqulleessaa.

Minnesota Department of Health | health.mn.gov | 651-201-5000 |Danaa filmaataa gaafachuuf health.communications@state.mn.us qunnamaa. | 07/15/2020 | Oromo

top related