abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa...
Post on 31-Oct-2019
51 Views
Preview:
TRANSCRIPT
Mojula Leenjii Leenjiistootaa Hubannoo WIBJ
Yaa’i Miseensoota Waligalaa tiif (Afan Oromo)
(Doc No. OR/1310.1/9/2016)
&
Piroojiktii Deggersa Jallisii Xiqaa fi Xixiqqaa Oromiyaa Oromia Small Scale & Micro Irrigation Support project
(OSMIS)
Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa
(ATMJO) Oromia Irrigation Development Authority (OIDA)
i
Baafata
Baafata ..................................................................................................................................................... i
1. Seensa ............................................................................................................................................. 1
Kaayyoo: .................................................................................................................................................. 1
2. Bu’uura seera amma jiru ..................................................................................................................... 2
Qajeeltoowwaan WIBJ (Guiding Principles of IWUA) ......................................................................... 2
Naannoo Tajaajila (Hojii) Waldaa WIBJ ............................................................................................... 2
3. Miseensota Walda Ittifayyadamitoota Bishaan Jallisii ........................................................................ 2
Mirga Miseensota WIBJ ...................................................................................................................... 3
DirqamaMiseensota fi Mit miseensota WIBJ ...................................................................................... 3
4. Caaseffama Walda Itti Fayyadamitoota Bishaan Jallisii ...................................................................... 4
Yaa’ii Waligalaa ................................................................................................................................... 4
Walda Ittifayyadama Bishaan Jallisii ................................................................................................... 5
Aangoo fi Gahee Hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu ................................................................................ 5
5. Aangoo Fi Hojii Caaseefama Koree Hojii Raawwachiiftu .................................................................... 6
Walitti Qaba/Dura taa’aa .................................................................................................................... 6
Itti Aanaa Walitti Qaba/Itti Aanaa Dura Ta’a ...................................................................................... 7
Barreessa ............................................................................................................................................. 7
Mahallaqa Qabaa ................................................................................................................................ 8
6.Aangoo Fi Hojii Koree To’annaa WIBJ .................................................................................................. 8
Hojii fi aangoo koree to’anna WIBJ ..................................................................................................... 8
7. Hojii fi Dirqama Hojjatoota (EXECUTIVE STAFF) Walda Ittifayyadamitoota Bishaan Jallisii ............... 9
Garee Tajaajila fi Suphaa (O&M staff) ................................................................................................ 9
Opreeshinii skimii jallisii ................................................................................................................ 10
Opreeshinii fi suphaa .................................................................................................................... 10
Supha bu’uraalee misooma waggaa ............................................................................................. 10
Ogeessa Herrega ............................................................................................................................... 10
Wabii (References) ................................................................................................................................ 12
1
1. Seensa
Moojulli kun kan xiyyeefatu leenjii hubannoo qonnaan bultoota daanga tajaajila bu’ura misooma jallisii
xixiqa keessatti argamanidha. Kunis kan agarsiisu qaamni gurmeessuu fi to’atu leenjii hubannoo walda Itti
fayyadama bishan jallisii ilaalchise qonnaan bulaaf kennu akka qabu kan agarsiisudha. Moojuliin kun
qabxiwwan arman gadii kan qabatu ta’a:
Bu’uura seeraa waldaa itti fayyadama bishaan jallisii (Legal framework for IWUA)
Barbachiisummaa, Angoo, Gahee hojii fi Itti gafatamuummaa waldaa itti fayyadama
bishaan jallisii.
Mirgaa fi dirqama misensootaa fi mit-miseensota waldaa itti fayyadamtoota bishaan
jallisii.
Angoo gahee hojii fi Itti gafatammuummaa Ya’ii waliigalaa fi koree hojii Raawwachiiftuu.
Angoo, gahee hojii fi Itti gafatammuummaa filatamitoota biiroo (Dura ta’a, Barressaa fi
Qarshii qabaa).
Gahee fi hojii koree to’annoo
Kaayyoo: Bu’uura seera fi caasefama waldaa itti fayyadama bishaanii jallisii ilaalchiise Miseensotni
Yaa’ii waliigalaa hobannoo barbachiisaa ta’ee akka argatan gochudha
Hirmattootaa Leenjichaa: miseensota Yaa’ii waliigalaa
Iddoo fi yeroo Leenjii: Leenjichii kan kennamu naannoo Wiirtuun Leenjii Qonnaan bula (FTC) argamutti
yeroo Qonnaan bulaaf haalli mija’aan uumameetti
Meeshaleeleenjiif barbaachiisan: Waraqaa leenjii dhaabbii (Overhead sheets), barreefama gaggabaaboo
(handouts), dhimma hojii WIBJ fi hojjtoota biiroo ilaalchiisee gaafiwwan shakallii
2
2. Bu’uura seera amma jiru
Amma bu’uurri seera akka qaama seera qabeessatti Waldaalee itti fayyadamtoota Bishaan jallisii
(WIBJ) gurmeessuu fi galmeesuuf dandeesiisu kan arman gaditti tarreefamanidha.
Lasii waldaa itti fayyadama Bishaan jallisii federalaa, labsii Lakk. 841/2006 bu’erefachuun Labsii
waldaa itti fayyadama bishaan jallisii Naannoo Oromiyaa irratti hunda’a.
Qajeeltoowwaan WIBJ (Guiding Principles of IWUA) Gurma’insa fi bulchiinsa WIBJ qajeeltoowwan arman gaditiin gaggeefama:
kenna murtee fi dhiyeessi (rabsa) bishaan jallisii ilaalchiisee haqaa qabeesaa fi walqixaa
ta’u
Qisaasama fi falama bishaanii ittisuu, (preventing wastage, dhiqamaa fi ashabuummaa
biyyoo ittisuun, bulchiinsa misooma jallisii fi bu’uuralee misooma jallisii dangaa tajaajilaa
keessatti arggamuu, Egumsaa biyyoo fi bishaani naannoo suluula iskimichacimsuu).
Miseensoota jidduutti Itti fayyadamaa bishaanii ilaalchiisee sabummaan, salaan,
amaantaan osoo wal hin qoodiin tajaajila wal-qixaa fi haaqa qabeessa ta’e keenuu.
Hirmachiisuummaa fi Iftoominaa adeemsaa Murtii kennuu kessatti mirkaneessu
Akkata labsii irratti ibsame fi Qonnaan bulaa waliin irratti waligalameen Debisa basii
raawwachuu fi bishan jallisiiitti karaa bu’aa qabeessa ta’een fayyadamu.
Naannoo Tajaajila (Hojii) Waldaa WIBJ Naannoon tajaajila tokkoon tokko WIBJ kan qabatu lafa jallisin misoomui murta’e fi sirna bu’uura
misooma jallisii lafa danga’een (murta’een) bishaan misooma jallisii argachuu danda’uu fi sirni
dhiyeesii bishanicha kallatti dhiyeesii tokkoon ykn lamaan kan argatu ta’u ta’a.
3. Miseensota Walda Ittifayyadamitoota Bishaan Jallisii
Hirmaatoota leenjii “eenyutu miseensa WIBJ ta’u danda’a?” gaafii jedhu gaafadhu.(Marii garee) Deebii isaanii “flipchart or white board” irratti barreessi
Namni kamu, kan lafa qabu fi lafa daanga tajaajila keessa karaa seera qabeessaan qabatee
fayyadamu
Namni kamu, kan mirga fayyadamumma dhaalaan ykn karaa seera qabeessa ta’een lafa
misooma jallisii daanga tajaajila WIBJ keessa qabu
3
Namni kamu, kan daanga tajaajila WIBJ kessaa bu’ura seera kontirataan lafa misooma
jallisii wagga sadi (3) isaa oliif fayyadame
Namni kamu, kan lafa isaa daanga tajaajila WIBJ keessa konitirataan wagga sadi (3) fi isaa
gadiif kenne miseensummaa isaan itti fufuu ni danda’a
Mirga Miseensota WIBJ
Marii garee-Hirmatoota leenjii gaaffi gaafadhu
Mirga fi Dirqama miseensota WIBJ ibsi. Deebii kenname ‘flip chart ykn white board’irratti barreessi.
Mirgootai gurguddoon miseensota WIBJ:
Mirga bishaan jallisii WIBJ irraa karaa haqa qabeessan argachuu
Mirga tajaajiloota bira WIBJn dhiyaatan irraa fayyadamu
Koreewwan WIBJ adda addaa keessatti Mirga filachuu fi filatamu
Mirga qabxii marii yaa’ii waligala irratti dhiyeessu
Mirga filannoo koree WIBJ adda addaaf kadhimamitoota dhiyeessuu
Mirga beenya argachuu badii omisha ykn lafa isaa irra sababii hojjatootni waldichaa ta’e
jedhani ykn dagatanii geessisaniin
DirqamaMiseensota fi Mit miseensota WIBJ
Marii garee-Hirmatoota leenjii gaaffi gaafadhu
Dirqamni miseensota WIBJ maali? Deebii kenname ‘flip chart ykn white board’irratti barreessi.
Miseensotni WIBJ dirqama ykn ittigaafatamumma armaan gadii qabu:
Danbii qajeeltoowwan fi murtewwan WIBJ kabajuu qaba
Kanfaltiwwan ykn buusii WIBJ raawwachu qaba
Bishaan jallisii haala danbi fi sagantaa rabsaa waldichan qofa fayyadamu
Dirqama meeshalee fi bu’uuralee misooma jallisii sababii bulchiisni WIBJ ta’e jedhanii ykn
dagannaan barbaada’e suphuu ykn baasii suphaaf bahee bakka buusuu
Lafa, omishaa fii fayyadama bishaanii ilaalchiisee Odeefannoo barbaachiisu fi barbaadamu
waldaa isaaf kennu qaba
Hojjatootni ykn tajaajila kennitootni waldicha lafa/ maasa isaa seene bu’uura misooma
jallisii akka sochoosu suphuu fi to’atu eeyyamu qaba
4
Hojiwwan bo’oo qulqullesuu fi suphuu bu’uuraalee misooma jallisii haala fi sagantaa
waldichaan raawwachuu qaba.
Haala qajeelfama tajaajila fi bu’uuraalee misooma jallisii sochoosuu fi suphuuf baheen
gaggeefamuu ykn kabajuu qaba
Murtee WIBJ walitti bu’insa miseensota ilaalchiise murteessu kabajuu fi hojii irraa olchuu
qaba
4. Caaseffama Walda Itti Fayyadamitoota Bishaan Jallisii Akkata Labsii Lakk.842/2014, WIBJ dameewwan armaan gadii qabaachu qaba.
Yaa’ii waligalaa
Koree hojii raawwachiiftu
Koree to’anna
Koree walitti bu’insa hiiku
Akkata labsii Lakk.842/2014 keewwata 19 tiin WIBJ mirga koree fi koreewwan xixiqa adda addaa haala
danbii WIBJ irratti ta’een hojiif barbaachiisan dhaabuun ni danda’ama.
Yaa’ii Waligalaa Yaa’iin waligalaa qaama olaanaa WIBJ ti. Mirgi fi dirqamni ykn itti gaafatamummaan isaas akka armaan
gaditti ibsama
Karoora hojii fi baajata waldaa kan waggaa mirkaneessuu
Miseensota Koree hojii raawwachiiftu, Koree to’anna, Koree walitti bu’insa hiiktu fi
koreewwan xixiqa kan biroo filachuu fi iddoo irraa kaasu
Danbii fi qajeeltoowwan keessoo waldicha mirkaneessuu fi sirreessuu
Buusii fi kanfaltiwwan miseensota walda adda addaa ni murteessa
Herrega galii fi baasii waggaa akkasumas madaalli herregaa fi gabaasa waggaa qaamoolee
bulchiinsa waldaa adda addaa ni mirkaneessa
Irra deebi’anii caaseefama waldaa sirreesuu fi waldicha diigu ilaalchiise murtee ni kenna
Dhimmoota gurgurtaa, bitta fi qabeenya waldicha daangeessuu fi murteessu ni danda’a
Waligaltee kontirata hanga ta’e ol raawwatamu ni mirkaneessa
Dhimmoota koree hojiraawwachiiftu fi koreewwan adda addaan dhiyaatan irratti murtee
barbaachiisu ni kenna
Miseensotni WIBJ hundu miseensa yaa’ii waligalaa waggatti yoo xiqqate si’a tokko waltajjii marii waligalaa
qabaatu ta’u qaba. Qabxiin marii yaa’ii waligalaa irratti dhiyaachu qabu ykn yaa’iin waligala mariif itti
waamamu danbii hundeefama waldichaa irratti ibsamu qaba.
5
Walda Ittifayyadama Bishaan Jallisii
Aangoo fi Gahee Hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu
Aangoo fi Gahee Hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu WIBJ akka armaan gaditti ibsama:
Murtee yaa’ii waligalaan kenname hojii irra olcha
Sagantaa hojii fi baajata waggaa qopheesuun haaluma yaa’ii waligalaan mirkana’een hojii irra
olcha
Ajandaa marii yaa’ii waligalaa waldichaa ni qopheessa
Akkata danbii waldichaan yaa’ii waligalaa waldichaa ni waama
Hojiwwan hojjatamani fi baajata waldicha ilaalchiise gabaasa yaa’ii waligalaaf ni dhiyeessa
Ragaalee fi galmee herrega waldicha ni qabata ni bulcha
Kafaltii Tajaajila dhiyeesii bishaan jallisiif WIBJn murteesu fi yaa’ii waligalaan akka
mirkana’u ni qopheessa, buusiin kun gabaate yeroo ta’een akka walitti qabamu ni taasiisa
6
Murtewwanii fi qoqqobiwwan WIBJn murta’ee Yaa’ii waligalaa mirkana’u qopheessu fi
murteessu akkasumas hojii irra olmaa Murtewwanii fi qoqqobiwwan kana mirkaneessuudha
Qacarrii fi hojii irraa gaggeessuu hojjatoota dhaabbii yeroo fi waqitawaa ta’anii kan yaa’ii
waligalaan mirkana’u qopheessuu fi hojii fi raawwii isaani hordofuu deggaruu fi to’achuu
Komii karaa seera qabeessa ta’een miseensota irraa dhimma tajaajila Opireeshinii fi suohaa
ilaalchise dhiyaatu qulqulleessuu
Walitti bu’insa miseensota WIBJ jidutti dhimma tajaajila Opireeshinii fi suohaa misooma
jallisii ilaalchise dhiyaatu hiikuu
Miseensota danbii, qajeeltowwan fi waligaltee keessa tajaajila misooma jallisii WIBJ
cabsuun omisha jallisii irraan miidha geesiisan irratti qoqqobbi kaa’uu/adabuu
Dhaabilee mootumma dhimmi ilaaluu fi bulchiinsa naannoo (mana marii ganda kkf) wajjiin
walitti dhufeenya hojiiitti fufiinsa qabu uumuu
5. Aangoo Fi Hojii Caaseefama Koree Hojii Raawwachiiftu
Shakallii
Ibsa Aangoo fi hojii filatamitoota biiroo WIBJ dura,
Hirmatootni leenjii aangoo fi hojiiwwan gurguddoo filatamitoota biiroo irratti ibsa
gabaaba kaardiidhan waa’ee walitti qaba WIBJ ykn Barreessa WIBJ ykn mahallaqa qaba
WIBJ gabatee adii irratti qopheessuu.
Yeroo kaardiin qopha’ee dhimma filatamitoota sadan (3n) jalatti dhiyaatu yaadni dhiyaate
hirmatoota leenjiin siritti sakata’amuu fi irratti mari’atamu qaba.
Aangoo fi hojiwwan gurguddoo filatamitoota WIBJ akka armaan gaditti tarra’ee jira:
Walitti Qaba/Dura taa’aa Walgahii koree hojii raawwachiiftu ni waama ni gaggeessa, yaa’ii waligala ni gaggeessa
Waa’ee WIBJ isaani qaama alaa / sadaffa fi mana murtitti ibsa barbaachiisu ni kenna,
Karoora tajaajila fi suphaa, fi baajata waggaa, gabaasa waggaa, herrega waggaa, herrega
galii fi baasii waggaa, qopha’uu isaa ni hordoffa, ni mirkaneessa
Murtewwan koree hojii raawwachiiftu fi yaa’ii waligalaan murta’an hojii irraa ni olcha, hojii
irra ooluu isaani ni nihordofa ni mirkaneessa.
Karoora hojii tajaajila fi suphaa wagga yaa’ii waligalaan mirkana’e hojii irra ooluu isaa ni
hordofa hojii irra ni olcha
Qaamoolee dhimmi ilaalu wajjin ta’uun Kontirata waligaltee akkasumas cheekii mahallaqa
herrega baankii WIBJ kessa baasuuf ni mallatteessa
7
Ergawwan WIBJ hunda ni mallatteessa
Hojjatoota bulchiinsa tajaajila fi supha erga yaa’ii waligalaan mirkana’ee booda ni qacaara
ni gaggeessa akkasumas raawwi hojii isaani ni hordofa ni madaala
Miseensa seera danbi fi qajeeltowwan WIBJ cabsan irratti adabbi fi qoqqobbi seeran ta’e
hojii irra ni olcha, yaada fooya’insa dhimma bulchiinsa WIBJ, tajaajila fi supha sirna misooma
jallisii irratti miseensota irra ni fudhata
Itti Aanaa Walitti Qaba/Itti Aanaa Dura Ta’a hojii irratti walitti qaba ykn dura taa’aa ni gargaara
bakka walitti qabaan hin jirretti ykn hojjachuu hin dandeenyetti walitti qabaa bakka bu’ee
aangoo fi hojii WIBJ dara taa’aa f kenname raawwachuu ni danda’a.
Hojiwwan biroo kan qajeeltowwan jallisii fi danbii WIBJ irratti hin ibsamne garuu kan
fulduratti koreen hojii raawwachiiftuu isaaf mirkaneessuu/kennu danda’u ni raawwata
Barreessa Walgahii koree hojii raawwachiiftuu fi yaa’ii waligalaa ni qopheessa, xalayaa waamicha fi
ajanda/qabxii marii walgahii ni qopheessa, miseensotaaf ni rabsa
Qaboo yaa’ii koree hojii raawachiiftuu fi yaa’ii waligalaa ni qopheessa, galmeesuu ni kaa’a
Gabaasa hojii WIBJ bara baajata darbee hojjatamani hundaa ni qopheessa
Ragaalee maqaa abbummaa lafa misooma jallisii fi maqaa miseensota WIBJ yeroo yeroon
hordofee galmeessuun ni kaa’a
Iyyata komii miseensota WIBJ irra dhiyaatu simatee galmeessuun walitti qaba waldichaaf
ni dhiyeessa
Ragaalee WIBJ dhimma mahallaqaa hin ilaallanne hunda seeran galmeesse ni qabata
Qaamoolee dhimmi ilaalu wajjin ta’uun herrega baankii WIBJ keessa mahallaqa baasuuf
cheekii ni mallateessa
Xalayyaa waldichaaf dhufanii fi waldicha irraa ergaman hunda ni hordofa deebii
barbaachiisu ni kenna
Murtewwan koree hojii raawwachiiftuu fi yaa’ii waligalan murta’ani fi karoorri hojii, baajatni
gabaasni fi herrregni waggaa mirkana’ee waajira WIBJ keessatti argamu isaa ni mirkaneessa
seeran galma’ee akka ta’u ni godha.
Ragaalee fi lakkoofsi herrega barbaachiisu hundi yeroon qaamoolee to’atuuf akka qaqqabuu
ni godha, qaqqabuu isaani ni mirkaneefata
8
Mahallaqa Qabaa Hijiwwan dhimma mahallaqa fi sochii mahallaqa WIBJ hunda, qophii baajata waggaa,
madaalli herrega fi raga galii fi baasii dabalate ni raawwata
Galmewwan herrega WIBJ hunda bulchuu fi itti fufiinsan hordofu to’achuu fi galmeessuu
Nagahiiwwan kanfaltii tajaajila jallisiif qopheessuu fi kennu
walitti qabiinsa kanfaltii tajaajila jallisii mijeessu, qindeessu fi, walitti qabu, nagahee kennuu,
kanfaltiwwan miseensotaan WIBJ kanfalaman, kanfaltii tajaajila jallisii fi kan bioo, hunda ni
galmeessa
Ajaaja galiwwan adda addaa dabarsuu fi adabbi kanfaltiwwan turanii hojii irra olchuu
akkasumas yeroo kanfaltiwwan duraan kanafalaman itti hojjatu murtessu
Maqaa qaamoolee ykn miseensotakanfaltii buusii tajaajila jallisii fi buusiwwan kan biro
wajjin walqabatan qopheessuu fi maxansiisuu
Caal baasii meeshaalee tajaajila fi suphaa misooma jallisii fi bu’uralee misooma jallisii
daanga tajaajila keessatti argamu qopheessuu
Kanfalti WIBJ ilaalchiise dhiyaatu danbii waldicha irratti hunda’uun raawwachuu
Herrega baankii WIBJ bulchuu hordofuu (mahallaqa seeran itti kuusuu fi baasuun)
Qabeenya mahallaqa ilaalchiisee gabaasa sagantaan qopheessuu fi koree
hojiraawwachiiftuun waltajjiii idileen akka irratti mari’atamu gochuu
Haala/odeefannoo qabeenya mahallaqa waldicha ilaalchisee Koreen to’anno waldichaa
gabaasa yeroo gaafatetti gabaasa barbaachiisu kennu
6.Aangoo Fi Hojii Koree To’annaa WIBJ
Gaaffii hirmatoota leenjii gaafadhu
Kaayyoon aangoo fi hojiin koree to’annaa WIBJ maalii? Marii garee godhii. Deebii garee ‘flipchart’ykn r gabatee adii irratti barreessi
Hojii fi aangoo koree to’anna WIBJ Koreen hojii raawwachiiftu WIBJ seeran hojii isaa gaggeessu isaa hordofu
Ragaalee fi galme herrega WIBJ hunda qaamni dhimmi ilaalu koree hojii raawwachiiftu fi
hojjatootoota qacaramaniin seeran qabamu fi hordofamu isaa sagantaan to’achuu
Lakkoofsa qabeenya WIBJ sagantaan irra deebi’ani ilaalu fi to’anna waggaa qabeenyaa WIBJ
hunda sagantaan gaggeessuu
9
OOdiitii hojii bulchiinsa hundaa, galmee herrega mahallaqa, galmewwanii fi dookumantii
koree hojii raawwachiiftuun qopha’an gaggeesuu
Galmee herrega fi gabaasa waggaa akka koree hojii raawwachiiftuun qopha’eetti ossoo
yaa’ii waligalaaf dhiyaatee ilaallame hinmirkana’in oodiiti gochuu
Yaa’ii waligalaa tiif gabaasa waggaa to’anna dhiyeessuu
Komii miseensota WIBJ ilaaluxinxaluu fi yaada furmaata komii dhiyaatee yaa’ii waligalaaf
dhiyeessuu
7. Hojii fi Dirqama Hojjatoota (EXECUTIVE STAFF) Walda
Ittifayyadamitoota Bishaan Jallisii Akka qajeeltootti, bulchiisni fi gaggeesummaan mahallaqa WIBJ akkasumas hojiin kenna tajaajila sirna
misooma jallisii guyyaa guyyaa kan raawwatamu koree hojii raawwachiiftu WIBJ koree xixiqa tokko ykn
lamaan degaramuun ta’a. Haata’u malee miseensotni koree hojii raawwachiiftu hojiiwwan kana seeran
raawwachuuf yeroo fi beekumsa gaha hinqaban. Kanaafu, qaxarriin ogeessota beekumsaa fi gahumsa
qabanii dhabbidhan ykn yeroof raawwachuun ykn gaggeesuun WIBJn itti yaadamu qaba.
Gaaffii Hirmatoota leenjii gaafatamu, Hojjatoota WIBJn qaxaramu. Marii garee ta’ee
deebii isaanii Gabatee adii ykn ‘flipchart’ irratti haa barreefamu.
Akka waligalatti, WIBJ hojjatoota arman gadii qacaru ni danda’a
Teekinishaanoota jallisii tokko ykn sani ol hojii tajaajila fi suphaa (O and M) bu’uraalee
misooma jallisii hojjatan
Opiireetara chuftuwwan bishanii (Gate operator)
Ogeessa herregaa fi barreessa (Accountant-cum-secretary) hojii bulchiinsa fi bulchiinsa
mahallaqaa tiif oolan
Gaafii hirmatoota Leenjii gaafatamu
Gahee fi dirqama teekinishaanoota jallisii maalii? Gareedhan mari’adhaa. Deebii isaanii gabatee adii ykn flipchart irratti barreessi
Garee Tajaajila fi Suphaa (O&M staff)
Hojiwwan gurguddoon garee Garee Tajaajila fi Suphaa WIBJn qacaramanii akka arman gaditti
tarreefame jira.
10
Opreeshinii skimii jallisii:
Gargaarsa qophii karoora tajaajila fi rabsaa bishaanii jallisii wagga naannoo daanga
tajaajilatti kennamu, hojii bishaan jallisii gaha fi walqixa garee jallisii hundaaaf dhiyeesu
dandeesiisu raawwachuuf
Gaggeesitoota garee fayyadamitoota bishaan jallisiitti fi miseensotatti waa’ee karoora
qooda fi rabsaa bishaan jallisii irratti waligalame beeksiisu
Rabsa bishaan jallisii akkata tajaajila waggaa mirkana’een / rabsaa bishaan jallisii sadarkaa
boo’oo guddattihojii tajaajila bu’uraalee to’anna guyyaa guyyaa dabalate, hojii bishaan
jallisii gaha fi walqixa garee jallisii hundaaaf dhiyeesu dandeesiisu raawwachuuf
Yaa’insa bishaan jallisii boo’oo guddaa fi lammaffaa keessa guyya guyyaan yaa’usafaruu fi
galmeessuu
Opreeshinii fi suphaa
hojii to’annaa (inspections) bu’uraalee misooma jallisii yeroo hojii jallisii gaggeessuu
Rakkoolee tajaajila fi supha wajjin walqabatan hundakoreewwan xixiqa fi dura taa’aa WIBJ
gabaasa dhiyeessuu
Gabaasa to’anna (inspections) haala misooma jallisii fi bu’uraalee misooma daanga tajaajila
misooma jallisii dhiyeessu
Yeroo misoomni jallisii raawwatamu boo’oo qulqulleessuun yaa’insa bishaan bo’oo guddaa
keessaa saffisiisuuf, fi opreeshinif supha gaggeesuu
Supha bu’uraalee misooma waggaa
to’anna supha waggaa keessatti hirmaachu
Qophii karoora supha fi baajata waggaa keessatti deggarsa barbaachiisu gochu
Hojiilee suphaa hunda fi hojii supha xixiqa yeroo hojii misoomni jallisii raawwatamuun dura
akkatuma karoora supha waggaaf karoorfameen qopheessuu, qindeessuu fi hordofuu
Hojiilee sosochii human nama qonnan bulaa, miseensota fi hojjatoota guyya qacaramanii fi
ogeessota ogumma gudda qabanii hojii boo’oo qulqulleessuu fi supha adda addaa irratti
hirmatan gargaaruu
Ogeessa Herrega Ragaalee hojii dhimma mahallaqa hin taanee hunda kaa’uu
Walgahii yaa’ii waligala fi koree hojiiraawwachiiftuuf haala mijeessuu fi barruu qabuu
Galmee herrega fi ragaalee herrega WIBJ raga to’anna /lakkoofsa qabeenya waldicha
dabalatee qindeessu fi seeran akka ta’u gochuu
11
Kanfalti tajaajila jallisiif nagahee (invoices) qopheessuu fi kanfalti Kanfalti tajaajila jallisii
kanfalame, nagahee ajajamee fi maqaa kanfaltoota galmeessuu
Baajata waggaa, ragaalee herrega heerrega wagga qopheessu,
.
Xumura leenjii irratti barreefamni ibsa guutuu dhimma WIBJ irratti qabu afaan
oromoon qopha’ee hirmatoota leenjiif kennamu qaba.
12
Wabii (References)
1. Proclamation No.841/2014, a Proclamation on Irrigation Water Users’ Associations
SWHISA, 2011. Training Modules for Capacity Building of Irrigation Cooperatives in Administrative management.
top related